JIRAA OROMO

JIRAA OROMO

You may also like

Abbaa sumee
Abbaa sumee

Addunyaa kana irraa wanti baay'ee nama gaddisiisu, utuu ija qabanii mul'ata dhabuudha!

08/10/2021

Jaarraan amma keessa jirru jaarraa qalama malee seenaa dhiigaan itti barreessanidha.Sababnisaas seenaan dhiigaan barreeffame ija waan godhatuufi.Arrabni qoraattiifi sammuu joonja'aan jaarraa 21ffaa keessatti bakka hin qaban. Sababnisaas dubbii hadhaayaa afaanii waan nama baasaniif.

22/09/2021

Y

Barreessan kitaaba tokkoo seena maliif jallisa ? dhaloota keessatti seena dogogoraa maalif uuma ?

Obboo tayyeen sheek bakrii saphaloo fi sheek Mohammad Rashaad abbdullee seena qubee afaan oromoo keessaa mal akka qaban hin dhageenye mo akkami mee ?

๐Ÿ‘‰Oromoo tiyya sheek bakrii saphaloo fi sheek Mohammad Rashaad abbdullee qubee afaan oromoo akka bocan hin dhageenye isin ?

KITAABA taayyee kessatti seenaan qubee afaan oromo haylee fidaa qofa dubbata dhugaadha Hayleen yeroo jiru san keessatti sochii warraaqsa qabsoo lammiille gabrummaa jala baasu irra ture hardha immoo tayyeen kitaaba seer luugaa jadhu keessatti seena sheek bakrii saphaloo fi sheek Mohammad Rashaad abbdullee luugama itti godhe ukkaamse Hayleedhaatu qubee bocee jadhe nuuf barreesese ani kanin jadhu Hayleen ogummaan isaa qorataa afaaniti moo ogummaan isaa maali ?

Seenaan biyyaa keenya kana keesstti waa sadihin jallisani barreessan

๐Ÿ‘‰1 selection ( toftaa filatanii beeksisuu)
๐Ÿ‘‰2 omission ( ukkaamsani hambisuu)
๐Ÿ‘‰3 demonization ( seena xureessu ykn hambisu)

1 Waan sadeen kana keessaa isa 2 omission ukkaamssu kan jadhu kanaan seenaan sheekooti qubee isaan bocan haala kanan hambisan

2 muslima tahu isaanitin seena isaan biyya keessatti godhan hambisani jiru

Hawaasni Muslima biyyaa fi biyyee jaaru fi qabsoo oromoo akka abbaa itti taee buureesse seenan wan dagatu miti hardha garu yeroo qaban irratti seena dogogora dhaloota biratti abbaan osoo jiru quxxussuu abbaa godhani dhaloota dogoggora akka qabatan gochuun rakkoo islaama irra qabaachu muldhisa haqa muslima kan biyyaa kessatti islaamni gochaan godha ture shiraan jallisuu akka tahe shaakkii hin qabu

17/09/2021

- ู„ุง ุชูƒุณูุฑ ู‚ูˆุณูƒ ู„ุฃุฌู„ ุณู‡ู…ูŒ ุฎุงุทุฆ.

- ๐™ณ๐™พ๐™ฝ'๐šƒ ๐™ฑ๐š๐™ด๐™ฐ๐™บ ๐šˆ๐™พ๐™บ๐š ๐™ฑ๐™พ๐š† ๐™ต๐™พ๐š ๐šƒ๐™ท๐™ด ๐š†๐š๐™พ๐™ฝ๐™ถ ๐™ฐ๐š๐š๐™พ๐š†

13/09/2021

3OBSA

"Bulloon garmaamu tola" fi "Farda Qofaa Kaatu"..

Hojii ajaa'ibaa Afaan nama qabsiisu kana yeroon argetti miira xiiqii makateenin keessummeesse. Hidhiikoo ciniinaa ergan dhaggeeffadhee xumuree boodan dhumarratti 'Hacaaluun hin duune' yaada jedhuun amilee of tuqaachuuf yaale.

Muuziqaa Oromoo keessatti dandeettiin akka kanaa Hacuu qofarratti beekama ture. Ifa dubbachuu caalmaa cigoon haasa'uu; akka dhaban himachuu caalmaa, akka itti argachuun danda'amu barsiisuun hojii Hacaaluu ta'uun beekama. Amma garuu kunoo Yosan Getahun ulee Hacuurraa waan fuudhe fakkaata.

Wallee haaraa mata duree 3Obsa jedhu kana waan sadiitu adda godha. Tokko yeedaloo aadaafi ammayyaa, lama Afwalaloo hawaasaafi dhuunfaa, sadii yeroo inni keessatti hojjetamedha. Gamanumaan waan tokko raajeffachuun barbaada. Yosan Getahun weellisaa jabaa uummatasaa kabaju ta'usaati. Amalli kun waa lama. Tokko miira uummata ofii hordofuusaa yoo ta'u lan lammataa ammoo yeroo barbaachisaatti mullachuusaati.

Wallee haaraa kana keessatti dandeettiinsaa ol ka'ee mullateera. Keessumaa ammoo ogeessa /professional/ ta'usaa wantoonni mullisan danatanii wallicha keessatti haasa'aniiru. Keessumaa Afwalaloofi yeedaloon inni fayyadame, Yoosan ogeessa Fookiloorii ta'uusaa ragaa ba'u. (Utuu dubbannuu Yoosan Geetahuun Yuunvarsiitii Jimmaarraa Fookiloorii Oromootiin digirii jalqabaa qaxii guddaatiin xumure)

Gara mata duree kiyyaattin isin deebisa. Walleen kun Wallee Aadaa ammayyeeffamedha. Haajaa Oromoo dubbata. Siyaasaafi dhugaa uummata Oromoo hima. Wallee kana keessatti dhimmoonni gurguddoon kun akkaataa garaagaraan ibsaman. Isaan keessaas kan duraa dubbii hiika kallattiiti (direct meaning) yoo ta'u, kan lammataa ammoo Cigoodha. Dubbiiwwan hiikaa as keessa jiran namni kamuu akka barbaadetti hubachuu ni danda'a. Ani garuu akkan itti hubadhen isiniif qooda. Na waliin turaa!
..
Dho'aa dho'ee dho'e
Dhawwisa dha'ee dhoo'e
Dhawwisa jawwee saafaa
Naachi rifatee qabate
Naachatu riphee qabate
..

Wallee weelluu (song lyric) kana keessatti akka fakkoommii /symbol)tti wanti irra deddeebiin ibsame FARDA. Fardi Oromoof mallattoo gootummaati; Mallattoo warroommiitis. Keessumaa ammoo Fardi collee maqaa addaa Bulloo, Diimaa, Shaanqoo jedhamuun moggaafama. Yoosanis maqaa Bulloo jedhuun addatti anmoo Farda Bulloo hidhame tokko heeruun Mallattoo gootummaa yookaan jabaan akka Bulloo kan fiigee qaqqabu, kan hari'ee ba'u, kan geessee lolu tokko hidhamee jira jechuun ibsa. Kunis ammoo dhimma hidhamtoota Siyaasa Oromoo addatti ammoo dhimma JAWAR MOHAAMMAD fakkaata.

'Bulloon garmaamu tola
Maa mana hidhaa oolaa?' jechuun tuqata. Bulloon hidhaa jiru kun kan garmaamee nu garmaamsaa ture, kan hari'ee nuuf qabaafi nu baasaa ture, har'a mana hidhaa jiru eenyu akka ta'e eenyu jalaayyuu dhokataa miti. Jalqaba mataa bo'oo wallee keessattis jechi masoo 'Jawwee' jedhu sun isa waan ibsun se'a. Jawwee naachi qabate jechuunsaas, warra isa hidhe Naachaan fakkeessee ibsuusaa natti fakkaata.

Itti fufees ammoo waa'ee farda isa uummata ganeefi isa uummataaf hidhamee ibsa...

Ohoo ohoo ehee ehee
Dide aayyoo waayyuu dide

Fardi qofaa hin kaatu
Maaf qofaa kaate?
Dide garbuu nyaachu
Luugama nyaate

Bulloon garmaamu tola
Maaf mana hidhaa oolaร—2

Roobe bubbise buuse bakakkaa
Qaxxisa lole seenee walakkaa

Bulloo bulloo
Bulloo kiyya bulloo
Bulloo farda bullo ร—2..
Bakki ijoofi aangiin ammas kunootti. Iddoo kanatti Yoosan isa nu gane qeeqa. "Farda waayyuu dide" jedha. Waayyuu jechuun beekaa beekaan olii, ogeessaa ogeessaan olii /intellect/ jechuudha. Sirna gadaafi amantaa waaqeffannaa keessatti moggaasa beekamaadha. Yoosanis Farda Waayyuu dide jechuun nama beektota dhaga'u didetti fakkeessuun mootummaa qeeqa. (Dabalataanis 'waayyuu' jechuun homaayyuu jechuus ta'uu mala) Itti fufee, Farda Farda isa caalu hidhee qofaa kaatu jedhee dheekkama. Fardi inni qofaa fiigu ammoo waan quufeef Garbuu dhiisee luugama nyaate jedha. Kun kallattumaan Mootummaa Bilxiginnaa waa ilaallatun se'a.

Itti fufuun ammas waan jedhu qaba...
Hayyicha sanyii gootaa
Yoo tuqan lolee isa qolachuu beeku
Maa tuttuqanii tola nurraa eegu.ร—2

Naanaa naanaa
Lammacha koo naanaaร—2

Yaa lammachakoo
Yaa lammachakoo

Lammachi fardaa
Yoo kaate tola
Lammachi sangaa
Yoo qote tola
Lammachi harree
Yoo baate tola
Lammachi namaa
Yoo lole tola...

Bo'oo olii kana keessatti Farda college Bulloo isa hidhaa jiru waama. Isa lolee nurraa qolatu jedha. Gad siqee ammoo, Fardaafi harree bakka wal jijjiiruun ibsa. Fardi inni hidhaa jiru bakka isaaf hin malle jira jedha. Kana qofa miti; harreerraa ba'aatu bareeda erga jedhee booda, Sangaarraas qonnatu tola jedha. Bulloorraa ammoo hidhaa osoo hin taane, garmaamsatu tola jechuun ibsa.

Ammas Yoosan itti fufee dubbii jabduu lallabaa jira. Kunootti:..

Reebicha dibbee
Sirba karaa kaabaa
Faana ragaduu kuni madaa nu qaba
Faana kana nurraa dhaabaa

Shishiqirrisee marxifatee kaabbaa
Maaliif na firoomsa wanbadeen kaabaa..

Handhuurri ammoo isa olii kana. Haala siyaasa Oromoo yeroo ammaa keessa jiru ibsa. Firooma siyaasaa Kaabaa nurraa dhaabaa jedha. Yaadama Siyaasa Kaabaa /concept of North Polotics / jedhu bifa qeeqaatiin ibsa. Qaamoleen siyaasaa firooma siyaasa kaabaa akka dhaaban gaafata. Yaadni kun yaada guddaafi yaaxinawaa /theorised/ ta'edha. Qorattoonni baayyeen siyaasa Kaabaa Itiyoophiyaa yeroo ibsan, dhortuu humna Kibbaati jedhu (destructis Southern Power) jechuun ibsu. Yoosanis kanuma dubbata. Paartileen siyaasaa kamuu firooma siyaasaa humna kaabaa akka dhaaban gaafata. Kun haala siyaasni Oromoo ammaa keessa jiru akkaataa gaariin waan hubachiisudha. Kaaba jecha jedhu kana kallattii qofatti hiikuunis gaarii miti. Yaadni Kaabaa jedhu kun ilaalcha /ideology Nafxeeenyaa jedhus ni ibsa. Afaan tokko, eenyummaafi amantaa tokko yaada jedhus ni ibsa. Kunis bara bittaa sirnoota darbanii keessatti olaantummaa warra Kaabaatiin kan mallatteeffame waan ta'eefidha. Firoomni Kaabaa wallee kana keessatti balaaleffatames, yaada nafxeeenyummaa amma boollaa ka'aa jirun se'a.

Ammas hin dhaabbanne. Sagaleen kiiloleefi yeedaloon garaa nama gaggalachu itti fufeera...
Goota dhabanii callifachuun hooda
Dhiiga marartuu sana nuu barbaadaa

Geeraru malee
An akkamiin cooku
Haa ba'u gumaan
Ilma dhugaa beekuu.ร—4

Bulloon garmaamu tola
Maa mana hidhaa oolaa

Obsaan sadii obsa
Obsi tokkicha
Agartu yaadatta isa gaafichaa

Birraa abdatanii
Ganna hin qoosani
Murtee bara kanaa kana hin beekani

Dhugaatu nu qaba
Yaa dhugaa dhabaa
Hacuucamni rabbii obsi waa qaba

Sagaltama garbaa ce'e miillikee
Yoo humna dhabdellee jira waaqnikee

Walee kiyya walee
Yaa walaawwaltuu
Asan jira jettee natti hin birmattuu

Bulloo bulloo bulloo
Bulloo kiyya bulloo
Bulloo farda bulloo..
Bakki kun bakka waraantuudha. Waan guddaa dhabne tokko nu yaadachiisa. Bakki kun waa'ee Hacaaluu Hundeessaati. Gumaansaa nyaatameera jedha. Gumaansaa ba'uu qaba jechuunis gaafata. Hacuudhaan ilma Marartuu jedhee waama. Dhugumattis gumaan marartuu keenyaa hin baane. Kanaafuu maal haa ta'uree? Gumaa abbaatu baafata. Gumaan ammoo walii lama. Inni duraa dhiiga dhiigaan, lubbuu lubbuun, kan lammataa ammoo dhiiga nagaan, lubbuu mariin baafatu. Kun aadaadhuma keenya. Kanaaf Gumaa mararaa keenyaa kan baasu uummata akka jechuuti.

Walumaa galatti walleen kun wallee seena qabeessa. Humna barachuufi beekuus agarsiiseera. Yoo baratan dafanii hubachuu fi baranii baqachuun akka danda'amu mullisa. Anis ammoo haala kana keessatti weellistoota keenya baratan baayyee keessaa Yoosan tokko ta'usaan hubadhe. Haala kanaan uummata qajeelchuufi siyaasa keessa jirru hubatee nu hubachiisuusaaf galateeffachuun barbaada.

Hiikaan olii dogoggora yoo qabaate ana qofa ilaallata. Ulfaadhaa!

Leencoo Fiqiruu and Birra Gemedi Thankyou for this remarkable work.

Geessituu armaan gadii kana cuqaasuun daawwadhaa
https://youtu.be/IK-S9fRn9Co

11/09/2021

Mul'atni kaayyoo malee kaayyoonis mul'ata malee hiika hingaban. Budihaa hayyichi jedhamu kun kanaaf jireenya kee keessatti kaayyookee barbaaddee kaayyookee argachuuf jireenyakee guutuu akkasumas lubbuukee isaaf laachuudha kan jedheef isumaafidha. Kaayyookee barbaadi!. Jireenya akkasumaanii jiraatta yoo ta'eef garaagaruumma siif uumama biroo kanneen akka bineensota, bineeldootaa,biqilootaa.....gidduu jiru baayyee xiqqaa ta'a jechuudha.Mul'ata guddaa, kaayyoo dhaabbataa, karoora ifaa qabaachuun milkoominaaf baayyee karaa wal qixxeessa(nigabaabsa).

Kan dhaabbanni fayyaa addunyaa (WHO) mirkaneesse galmeessee qabu caalaa dhibee cimaa ta'e kan dhaloota keenya joonjessuu fi kara deemaa(jooraa) godhee jiru mul'ata dhabuudha. Fedhii fi mul'atni garaagara; mul'atni fedhiirra caala. Waan nuti hawwinu caalaa nu fayyaduu kan danda'uu illee fedhiin keenya guutumuurra mul'atni keenya nuuf dhugoomudha. Fedhiinke sooromuudha yoo ta'e mul'atni kee sooromuu waliin walqabsiisuun ba'eessa. Dhugaan jiru garuu qabeenya guddaan qarshii argachuu osoo hin taane mul'ata yookaan karaa qarshiin ittiin argamu sana arguudha(beekuudha).

"Qarshiin waraqaa ayyama argateedha." Jecha kana baayyeen jaalladha bu'a hangana hin jedhamne naaf buuseera. Namni mul'ata sooromaa qabu akka jiru nan beeka; kun waan deggeramuufi jajabeefamuu qabuudha.Sooroma(abbaa qabeenyaa) ta'uu jechuun garuu dirqama qarshii wajin wal-qabachuu qaba kan jennu yoo ta'e hiika dogoggoruu keenyaa ta'a. Sooromni waan baayyeetti hiikamuu waan danda'uuf jechuudha.

Namoonni tokko tokko mul'ata gurguddaa qabu.Barreesanii fixuu dadhabuu hanga ga'anitti waa'ee mul'ata isaanii odeessu; garuu hojiitti hinjijjiiran. Namatti mul'atee fiixaan osoo hin baasiin hafuu isaa irra utuu hin argin hafuu wayya. Rakkoon isaa inni ol'aanaan immoo hiika mul'ataa dogoggoruudha. Mul'atni ati qabdu humna ati qabduu ol-miti yoo ta'e inni mul'ata miti. Waan gochuu dandeessu tokko waan akka argitu beektu tokko yookiin immoo waan odeeffannoo ga'aa qabdu tokko

04/09/2021

SUNSUMA SADEEN ILMII NI BEEKTANI?

Aana haroomaaya araddaa baallaa kessatti argama
Mudawwara kan uffate kana sheekni

adaraaa sheer yoo goote sittii hin tiqaatu
ulmaan yeroo dubbatan sheek aadam sadeen jedhanii dubbatan

sheek aadam tuula umriin isaa 108 akka tae ni beektani mi ? eyyeen akka jettan abdiin qaba

hiriyyaa sheek aadam tuula kan umriin xiqqo irraa guddaa ni beektani? namni bayyeen hin beeku ayii yaa dubbii miidiya kana โ—

sheek adaam tuula waliin jireenyi ilmii keessatti dabarsan

zaawiyadhan tokko
sheekni isaani tokko
gandii isaan taani baratan tokko
eeybitii ilmii isaanis tokko

akkana jechuun natti hime sheek aadam baallaa ykn sheek aadam ahamad jedhama hiriyyaa sheek aadam tuulaati sheek aadam tuula waliin hiriyya
ijoollummatti barnoota waliin jalqaban
ilmii rabbii barbaadu keessatti addaan bahani hin beekan jiruu fi jireenya ilmii ijoollummaan jalqabani bua baii darassummaan qabdu mi'aa imaana ilmii waliin dhandhaman qabsoo barnoota kan waliiin jalqaban sheekkan isaani bira erga ilmii fi eeyba waliin fudhatani qubsuma ilmii majliisaatin adda bahan quuqama fi qurrama ilmii nabii saw waliin unatani hangaa hardhaa ilmii rabbii barsiisa jiran yaa rabbii sheek aadam sadeen umrii nuuf dheereessi ammallee dhandhaarraa ykn sunsuma sadeen harargee keessaatti biqilchite yaa allaaha jarjartee nurraa hin fudhatin

shk aadam baallaa umriin 115 tilmaama
shk aadam tuulaa umriin 108 tilmaama
shk aadam carcaro umriin 100 tilmaama

barreessaan firafis abdulaziiz
jzk sheer waliif godha

04/09/2021
26/08/2021

ุงู„ุณู„ุงู… ุนู„ูŠูƒู… ูˆุฑุญู…ุฉ ุงู„ู„ู‡ ูˆุจุฑูƒุงุชู‡ ู…ุณุงุก ุงู„ุฎูŠุฑ ูŠุง ุงุฐูƒูŠุงุก

Photos from JIRAA OROMO's post 25/08/2021

Ismart

Want your business to be the top-listed Media Company in Adama?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Address

JIRAA OROMO
Adama
1349
Other Digital creator in Adama (show all)
Kadiir Yilma Kadiir Yilma
Adama, 11
Adama, 04

Alhmdulilah for all

Galma kee Galma kee
Adama

Fuula Facebook kanarratti jechoota sissi'eessoo ta'an qabannee isiniif dhiyaannaa follow godhaa!

KidaJo  Triplex KidaJo Triplex
Adama, 1874

Hello, my friends, my name is Kidus Yosef, I am a professionally ECE engineer, self-made photographer and graphics designer, and also a google certified digital market expert with ...

ร›mรขr ร„lฤซyyรญรญ ร›mรขr ร„lฤซyyรญรญ
Horizontal
Adama, ADD

Digital Creator

Ducha.แˆ€แˆˆแ‰ แ‹ Ducha.แˆ€แˆˆแ‰ แ‹
Halaba
Adama, SALAM

Beraso

Jamal Ammadnuur Jamal Ammadnuur
Jamaal Ammadnuur
Adama, OROMOO

Waa sadi hiin dagatiin ,,,,, Ofiratii waaqa kee โœ”๏ธ Of duubatti seenaa kee โœ”๏ธ Of duratti kaayyoo kee

Quote of inspiration Quote of inspiration
11
Adama

I am waiting everything is come to me at right time patiently. โฒ๏ธ

Jemsi oro Jemsi oro
Adama

jiraa hunda bachaa

Shukkaar Haajii Shukkaar Haajii
Posta
Adama

FM Farhan Media FM Farhan Media
Addis Ababa
Adama

Musician band

Yuunis fsr Yuunis fsr
Adama

Gggg