Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa/ Oromia Public Prosecutors Association

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa/ Oromia Public Prosecutors Association, Community Organization, Addis Ababa.

18/11/2023

WAAO,Sadaasa 8/2016,finfinnee ;Butamuun Abbaa Alangaa har'as itti fufee jira.
========================//===================================
Godina Booranaatti Abbaa Alangaa Aanaa Yaaballoo kan ta'anii fi dhiyeenya kana Aanaa Taltallee irraa gara Yaaballootti jijjiiramanii maatii isaanii ilaaluuf boqonnaa fudhatanii Konkolaataa Uummataatiin Magaala Yaaballoo irraa gara Finfinnee osoo imalaa jiranuu guyyaa dheengaddaa (06/03/2016 )qaama hidhatee bosona keessa socho'uun Godinaa Shawaa Bahaa Naannoo Qooqaatti qabamuun hanga har'aatti too'annoo Jala jiru.
Obbo Diinaaol Yaadasaa Leenjii ILQSO marsaa 10ffaa xumuranii bara 2009 Abbaa Alangaa tahuun sirna haqaa kanatti erga makamanii fayyaalummaa, qulqullummaa, naamusa ol'aanaa fi kabaja ol'aanaan hawaasa isaanii tajaajilaa kan turanii fi hojii idilee isaanii seeraa fi seera qofarratti hundaa'uun hojjachaa kan turan ta'uu hubachuun qaamni Obbo Diinaaolin too'ate hatattamaan akka gadi nuuf lakkisu waamicha dhiyeessina.

Photos from Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa/ Oromia Public Prosecutors Association's post 09/11/2023

WAAO,ONKOLOOLESSA 2016
Akka Waldaa Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaatti rakkoon kaffaltii buusii miseesnummaa ji'a ji'aan raawwachuu akka jiru marii yeroo adda addaa taasifamaa tureen adda baheera. Ka'uumsi rakkoo kanaa immoo Baankii Daldaala Itoophiyaatti lakkoofsi herreegaa waldichaa banamuu dhabuudha. Rakkoo kana furuuf akka Koree Hojii Raawwachiiftuutti irratti hojjetamaa kan ture yommuu ta'u, Baankiin Daldaala Itoophiyaa TIN maqaa waldaan yoo baaftan malee lakkoofsa herreegaa maqaa waldichaatiin banuu akka hin dandeenye waan nutti himeef Biiroo Galiiwwan Oromiyaa irraa TIN maqaa waldichaatiin erga baafneen booda lakkoofsa herreegaa Baankii Daldaalaatti bannee jirra. Kanaan, booda Abbootiin Alangaa miseensa waldichaa ta'an haala salphaadhaan bakka jiranii buusii ji'aa isaan irraa barbaadamu kaffaluu kan dandeessan waan taa'eef lakkoofsa Herreegaa 1000579380873 fayyadamuu kan dandeessan ta'uu isaa isin beeksifna. Akkasumas, maqaa Waldaa Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaatiin lakkoofsi bilbilaa 0960990915 baafamee kan jiru waan ta'eef dhimmoota waldicha ilaallatan bilbila kanaan bilbiluun odeeffannoo argachuu ni dandeessu. Kanaafuu, Abbootiin Alangaa miseensa Waldichaa taatan buusii miseesnummaa isin irraa barbaadamu akka ofirraa kanfaltanii fi Abbootiin Alangaa hanga yoonaa miseensa hin taane immoo miseensa akka taatan isin beeksifna.

Photos from Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa/ Oromia Public Prosecutors Association's post 02/11/2023

WAAO, Guyyaa 22/2/2016;Butamuun Abbootii Alangaa itti fufuun Qaamolee haqaa mara yaaddoo keessa galchee jira.
Godina Shawaa Kaabaatti Abbootii Alangaa Aanaa kan ta'an:- 1ffaa Obbo. Taaddasaa Tasammaa Abbaa Alangaa Aanaa D/Libaanositti kan jijjiiraman(Itti Gaafatamaa WAA A/Yaayyaa Gullallee duraanii kan turan), 2ffaa. Obbo. Fayyisaa Daggafaa Abbaa Alangaa Aanaa Waacaaleetti kan jijjiiraman( Abbaa Adeemsaa Aanaa Yaayyaa Gullallee duraanii kan turan) guyyaa har'aa 22/02/2016 tilmaamaan guyyaa keessaa sa'aatii 6:30 yeroo ta'utti iddoo duraan tajaajilaa turan WAA Aanaa Yaayyaa Gullalleetti sirni gaggeessaa taasifameefii yeroo gara Aanaa amma itti ramadamaniitti deeman qaamni hidhatee bosona keessa socho'u konkolaataa uummataa keessaa daandii irratti dhaabsisuun ugguree jira.
Qaamni Abbootii Alangaa bute kun hara'as irra deebinee kan dubbannu Abbaan Alangaa Ogummaa seeraa gonfatee jiruun siyaasa kam irraayyuu bilisa ta'uudhaan Olaantummaa seeraa mirkaneessuun alatti ergama kan biraa akka inni hin qabne hubachuudhaan yeroo gabaabaa keessatti akka gadi nuuf lakkistan isin gaafanna.

Abbootiin Alangaa fi Qaamoleen haqaa kanneen biroon, akkasumas hawwaasni keenya marti Abbootii Alangaa kana miidhaan qaamaa fi lubbuu isaanii irra osoo hin qaqqabin akka gadi lakkifaman sagalee akka taataniif gamanuma imaanaa isiniin jedha waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa.

31/10/2023

* ODUU SIMBIRTUU *

WAAO ;Onkoloolessa 20/2016; Abbaa Alangaa Aanaa saddeen Sooddoo fi Abbootiin seeraa kaleessa butaman keessaa lama/2/ nagaadhaan hara'a maatii isaaniitti makamanii jiru.
I/Gaafatamaa W/ra A/Alangaa A/Sadeen Sooddoo,Pr.M/Murtii Aanichaa fi A/Seeraa 1 qaamni guyyaa kaleessaa isaan uggure har'a Waaree Booddee kana gadi lakkisee jira.Abbootii seeraa 2 ragaa irratti qabnaA jechuun ofuma biratti hambisuu isaanii odeeffannee jirra.Hara'as akkuma kaleessaa Kanneen haqaaf dhaabbatanii fi siyaasa irra bilisa ta'an akka nu jalaa hin tuqnee dhaamaa Abbootii seeraa hafanis akka gadi nuuf lakkistan jedha waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa.
Abbootiin Alangaa keenyaa wa'ee Abbooti Alangaa Keenya butamanii ilaalchisee itti fufiinsaan sagalee ta'uudhaan bu'aa argamsiisaa jirtaniif galatoomaa jechaa Qabsoon keessan uummata keessan haqaa isaa dhugoomsuu fi Olaantummaa seeraa kabachiisuu ta'uu hubachuudhaan hojii keessan ciminaan akka hojjettanii Ogummaa seeraa kara naamusaawaa ta'e akka dagaagsitan irra deebiin isin yaadachiisna!!!

31/10/2023

WAAO Onkoloolessa 20/2016; waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa Torbee kana keessa irra deddeebiin Qaama hidhatee Bosona jiruun butamuun Abbaa Alangaa nayaaddessee jiraa jedhe.
==============================//==================================
Gargaaraa A/Alangaa Naanaatii Dhaabaa jedhamtu Godina shawaa lixaa Aanaa Cobiitti ramadamtee hojjetaa osoo jirtuu gara Aanaa Jaldutti jijjirramtee Meeshaa ishee fe'attee gara Aanaa Jalduu osoo deemaa jirtuu guyyaa har'aa ganama qaama bosona keessa hidhatee socho'aa jiruun butamtee fudhatamtee jirti. Hanga yoonaa eessa akka jirtu waanti beekame hin jiru. Qaamoleen ajandaa siyaasa gara garaa qabattanii Oromiyaa keessa bakka adda addaa jirtanu wanti akka nuuf hubattan barbaannu Abbaa Alangaa Qaama siyaasaa kamiiyyuu hin deggeruu, qaama siyaasaa kamiiyyuu hin mormuu waan ta'eef hojii Haqaa qofa qabachuun dhala OROMOO tajaajiluuf kan asiif achi jooru ta'uu nuuf hubattanii Abbaa Alangaa saalaan dubartii taate kana maatiin ishee yeroo ammaa sodaa fi yaaddoo cimaa keessa seenanii waan jiraniif osoo lubbuu fi Qaama ishee irra miidhaan hin ga'in akka gadi nuuf lakkistan hara'as akkuma kaleessaa isin gaafanna. Abbootiin Alangaa keenya Kan Godina sanaas ta'ee guutuu Oromiyaa keessa jiratan dararaa yeroo ammaa Abbootii Alangaa Keenya irra qaqqabaa jiru akka dhaabbatuuf sagalee akka taatan cimsinee isin hubachiisna.

Abbaan Alangaa deggeraa paartii siyaasaa osoo hin taane mirkaneessaa haqaati!!!

Photos from Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa/ Oromia Public Prosecutors Association's post 30/10/2023

Oduu yaaddessaa

Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa Qaama hidhatee Bosona jiruun akka tasaa butamuu Abbaa Alangaa Tazarraa Naagaash wayita dhaga'u yaaddoo hamaa keessa seenuu ibse jira.
==============================//================================
Guyyaa har'a ganama keessaa Naannoo sa'aatii 3:00 irratti Itti Gaafatamaa Waajjira Abbaa Alangaa Sadan Soddoo kan ta'e Obbo Tazarraa Nagaash Abbootii Seeraa 4 wajjin osoo konkolaataan Imala gara Aanaa Sadeen Sooddoo deemuuf Aanaa Bachoo,bakka addaa Liiban Sooddoo bakka jedhamitti osoo adeemaa jiranii qaama hidhatee socho'uun butamanii fudhatamuun hanga yoonaa eessa Akka jiran kan hin beekamne ta'uu odeeffannoon nuqaqqabe ni mul'isa.
Abbaan Alangaa qaama siyaasaa kamirraayyuu bilisa ta'ee hojii Seeraa kan hojjetuu ta'uun osoo beekamee jiru hojii haqaa dhaqqabamaa taasisuuf bakka hawwaasni jirutti dhiyaatee kan hojjetu malee Abbaan Alangaa paartii kamiyyuu hin deggeruu, paartii kamuus hin mormuu waan ta'eef Qaamni Abbaa Alangaa Tazarraa Nagaashi fi Abbootii seeraa kanneen biroo buttanii jirtan yeroo gabaabaa keessatti gadi nuuf lakkisuudhaan maatii isaanii yaaddoo irraa walaba akka taasistan isin gaafachaa Abbootiin seeraa fi Abbootiin Aalangaa sadarkaan jirtanu Namoota butaman kanaaf sagalee akka taatan waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa cimsee isin hubachiisa.
Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa

11/10/2023

Fulbaana 30/2016
WAAO
Finfinnee
Oduu Gammachiisaa
================

Akkuma Beekamu Qaama hidhatee Bosona jiruun Butamuu Abbaa Alangaa saamu'eel Abarraa dhageenyee akka gadi lakkifamuuf miidiyaa hawwaasaa irraatti maxxansuun keenya ni yaadatama.Bu'uruma kanaan Abbaan Alangaa kun yeroo ammaa gadilakkifamuu isaa odeeffannee waan jirruuf Gammachuu nutti dhaga'ame isiniif ibsuu barbaanne.

Butamuu Abbaa Alangaa kanaa dhageessanii kallattii gara garaatiin Abbootii Alangaa keenyaa fi Qaamoleen gara garaa akka gadi lakkifamuuf sagalee ta'uudhaan tumsa gootan hundi keessanuu ulfaadhaa galatoomaa jedha waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa.

11/10/2023

Fulbaana 30/2016
WAAO
Finfinnee
Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa tasa Qaama hidhatee Bosona jiruun butamuu Abbaa Alangaa saamu'eel Abarraa yeroo dhaga'auu rifaasuu guddaa keessaa seenee jira.
Gargaara Abbaa Alangaa Kan ta'an Obbo Saamu'eel Abarra Gaafa Guyyaa 26/01/2016 Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Habaaboo Guduruu Magaala Daduu keessaa Qaama hidhatee bosona keessa socho'un mana kireeffate jiraatu keessa Butame, hanga Har'a 30/01/2016 Sa'aa kanaatti achi buuteen isaa dhabame,
Kana waan ta'eef hara'as akkuma kaleessaa Abbaan Alangaa nama haqa hawwaasa keenyaa mirkaneessuuf dhaabbate malee miseensa paartii siyaasaa kamiiyyuu akka hin taanee fi Galmee Qoranna yakkaa fi kanneen biroon waan harka isaa jiruuf waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa atattamaan Abbaa Alangaa kana gara maaatii isaatti akka nuuf deebistan ni gaafanna.
Qaamni Abbaa Alangaa kana buttan Abbaan Alangaa paartii siyaasaa kamiiyyuu kan hin deggeerreef kan hin mormine ta'uu hubattanii, maatiin isaas essa buuteen nama kanaa hanga yoonaa wallaalamuun yaaddoo hamaa keessa isaan buusee waan jiruuf akka gadi nuuf lakkistanu irra deebiin isin gaafanna!

Photos from Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa/ Oromia Public Prosecutors Association's post 07/10/2023

Fulbaana 26/2016
BAAWO
Finfinnee
=======
Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa uummata Oromoo hunda, Abbootii Alangaa fi miseensota waldichaa sadarkaa Naannoo irraa hanga Aanaatti argamtaniin baga nagaadhaan kabaja Ayyaana Irreechaa Hora finfinnee fi Hora har-sadee kan bara 2016 tiin isin gahee jedha.
Ayyaana Gaarii!!!

Photos from Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa/ Oromia Public Prosecutors Association's post 28/09/2023

Guyyaa 17/01/2016
Waldaa Abbootii AlangaaOromiyaa
Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa Abbootii Alangaa fi uummata biyya keenyaa Amantaa kiristaanaa hordofan hundaan baga Ayyaana Masqalaa nagaan geessan jechaa:
Ayyaanichi:
Kan Gammachuu
Kan Jaalalaa
Kan Tokkummaa
Kan Milkii
Kan Fayyaa fi Nagaa
akka isiniif ta’u hawwina.
Ayyaana Gaarii!!

27/09/2023

Guyyaa 16/01/2016
Waldaa Abbootii AlangaaOromiyaa
Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa Abbootii Alangaa fi uummata biyya keenyaa Amantaa Islaamaa hordofan hundaan baga Ayyaana Mawuliidaa nagaan geessan jechaa:
Ayyaanichi:
Kan Gammachuu
Kan Jaalalaa
Kan Tokkummaa
Kan Milkii
Kan Fayyaa fi Nagaa
akka isiniif ta’u hawwina.
Ayyaana Gaarii!!

Photos from Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa/ Oromia Public Prosecutors Association's post 11/09/2023

Guyyaa 1/01/2016
Waldaa Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa
Ergaa Baga geessanii prezidaantii waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa irraa
=========================///==========================
Kab. Ob. Taddasee Nigusee prezidaantii waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa Miseensota Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa fi uummata biyya keenyaa hundaan baga bacaqii gannaa nagaan baatanii booqaa biratti nagaan ceetan jechaa:

Barri haaraan 2016 kun:
Kan Gammachuu
Kan Jaalalaa
Kan Tokkummaa
Kan Fayyaa, Nagaa
Kan Badhaadhinaa
Kan waanti karoorfattanii fi yaaddan hundi galma isiniif gahu akka isiniif ta’u hawwaniiru!!

Ayyaana Gaarii!!

Alangee: Kenna Tajaajila Haqaa Teekinoolojiin Deeggaruu 15/08/2023

Alangee: Kenna Tajaajila Haqaa Teekinoolojiin Deeggaruu Alangee: Kenna Tajaajila Haqaa Teekinoolojiin Deeggaruu

Photos from Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa/ Oromia Public Prosecutors Association's post 14/08/2023

Hagayya 8/2015
WAAO
Finfinnee
"Miseensoota Poolisii gochaa alseerummaa Abbaa Alangaa irratti raawwatan ilaalchisee tarkaanfiin ol'aantummaa seera qaamolee dhimmi ilaallatuun jalqabame cimee akka itti fufu Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa cimsee gaafata"

Photos from Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa/ Oromia Public Prosecutors Association's post 12/08/2023

Hagayya 6/2015
WAAO
Finfinnee
“Qaama ol’aantummaa seeraan kabachiisa jedhuun seerri akka feeteen cabuun waan fafaati. Qaamolee akkanaa irrattis tarkaanfiin seeraa barsiisaa ta’e fudhatamuu qaba” jedha waldaan Abbaa Alangaa Oromiyaa.

Guyyaa gaafa 05/12/2015 Godina Booranaatti gargaaraa Abbaa Alangaa Aanaa Taltallee kan ta’an Obbo Booruu Liibaan Guyyoo jedhamu irratti poolisii Aanichaa baay’ina qabaniin rebichiifi hiraarsuu cimaa irratti raawwatee ilaalchisee Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa Cimsee ni balaleeffata. Abbaan Alangaa Maqaan isaanii Ibsame kun waajjira poolisiitti argamuun nama seeran ala to’atame karaa naamusa abbaa alangummaa eeggateeni fi hojimaata biirichaafi qaamolee waliin hojjetanii eeggateen akka to’annoo jalaa gadi lakkiifamuuf Abbaan Alangaa kun yeroo gaafatutti reebichaa fi hiraarsuu cimaan poolisoota aanichaan irratti raawwatamee jira. Reebicha fi gidirsuu cimaan abbaa alangaa kana irratti erga raawwatameen booda Poolisidhuma aanichaan to’atamee jira.

Gochi raawwatame kanaanis Abbaan Alangaa gochi irratti raawwatamee fi Abbootii Alangaa biroo irratti miidhaa haamilee fi hojiifi itti gafatamummaa itti kenname sirnaan akka hin baane kan taasise ta’uu waldaan Abbaa Alangaa Oromiyaa hubatee jira. `

Seerota idila addunyaa fi Biyyooleessa keessatti, labsii lakk.214/2011 dabalatee akka tumamee jirutti Abbaan Alangaa tokko jidduu lixummaa qaama kamirrayyuu bilisa ta’uun akkaataa seeraatiin hojii isaa akka raawwatu ni tuma. Dabalataanis Abbaan Alangaa kamiyyuu yakka hidhaa cimaan adabsiisu harkaaf harkatti raawwatee yoo argame malee beekkamtii Abbaa Alangaa Waliigalaatiin ala to’atamuu yookiin hidhamuu akka hin qabne labsiin lakk.214/2011 ifatti tumee jira. Kana ta’ee osoo jiru Abbaan Alangaa mirga namaa kabachisuuf dirqama itti kenname fi dirqama kana raawwachisuuf kakuu raawwatee jiru osoo bahachaa jiruu mirgi namoomaa isaa haala hin malleen sarbamu isaa Waldaan Abbootii Alangaa gaddi guddaan kan itti dhagahame ta’u ni ibsa.

Kanaaf Kaayyoo Waldichaa keessaa hundeeffamee keessaa kanneen ijoon Mirgaa f dantaa miseensota Waldichaa kabachiisuu, Bilisummaan ogummaa fi itti gaafatamummaa Abbaa Alangummaa akka mirkanaa’uf hojjechuu, Mirgoonni namoomaa akkaataa Heeraa f Waadaalee idil-adunyaatiin akka kabajamuu fi ol’aantummaan seeraa akka mirkanaa’u gahee ofi bahuu fi fooyya’iinsa fi dagaagina sirna haqaa fi ijaarsa sirna dimokiraasii mirkaneessuu keessatti tumsaa fi deeggarsa isa irraa barbaachisu bahachuu akka ta’e Dambii hundeeffama waldichaa kew.5 jalatti ifatti tumamee jira.

Kanaaf Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa gochaa gara jabinaa alseerummaa leeyyoo hin qabneen qaama ol’aantummaa seeran kabachiisa jedhuun raawwatame kana cimsee kan balaleeffatu ta’uufi qaamolee dhimmichi ilallatan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa, Komishinii Poolisii Oromiyaa fi Biiroo Bulchiinsa fi Nageenya Oromiyaa Waliin dubbachuun poolisoota gochaa gara jabinaa akkanaa raawwatan seeratti dhiyaatanii akka itti gafatamaniif kan hojjetu ta’uu kabajaan ibsina.

Hanga Sanatti Abbootiin Alangaa Keenya gochaa raawwatame kana irraa kaatanii hamileen keessan osoo hin bu’iin hojii ol’aantummaa seeraa isinitti kennameefi kakattani itti seentan akka raawwattan kabajan ibsina.

12/08/2023

Hagayya 5/2015
WAAO
Finfinnee

*ODUU GAMMACHIISAA*

"Abbaan Alangaa kaleessas, hara'as, boris Haqaaf uummataa qofaaf hojjeta!!

Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa Qaama hidhatee socho'uun fudhatamte kan turte Abbaa Alangaa Aanaa Lataa Sibuu kan taate Ad. Lalisee saamu'eel guyyaa hara'aa miidhaa tokko malee nagaadhaan gadi lakkifamuu ishee mirkaneeffachuun baga maatii fi firoottankeetti waaqayyoo nagaan sigalche jechuun gammachuu itti dhaga'ame Ibsaa, Abbootiin Alangaa, hiriyoottan ishee fi maatiin ishee yaaddoo keessa turtan baga gammaddan ;baga walumaan gammanne jedha.

Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa

Photos from Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa/ Oromia Public Prosecutors Association's post 11/08/2023

Hagayya 5/2015
WAAO
Finfinnee

"Abbaan Alangaa Haqaaf dubbata malee paartii siyaasaa kamiifuu hin dubbatu!!!
=====================//=================================

Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa Qaama hidhatee socho'uun konkolaataa ittiin deemaa turte keessaa buufamtee kan fudhatamte Abbaa Alangaa Aanaa Lataa Sibuu kan taate Ad. Lalisee saamu'eel guyyaa hara'aa leenjiidhaaf Magaala Gimbii dhuftee osoo deebitee manatti galuuf konkolaataan deemaa jirtuu Aanaa Boojjii Dirmajjii fi Aanaa Najjoo gidduutti Qaama hidhatee butamuu dhaga'uun lubbuu isheef sodaadheen jiraa jedha.

Abbaan Alangaa Siyaasa kam irraa bilisa ta'uun hawwaasa isaa seeraa fi seera qofaan kan tajaajilu malee paartii kamuu hin deggeruu, hin balaaleffatus waan ta'eef Qaamni Abbaa Alangaa kana Hojii ykn galmeen haqa barbaadu heddu harkatti qabattee jirtuu fi itti gaafatamummaan maatii irra jiru, akkasumas dubartii ta'uu ishees tilmaama keessa galchuun atattamaan akka gadi nuuf lakkistan isin gaafanna.

Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa

10/07/2023

Adoolessa 3/2015
WAAO
Finfinnee
IBSA GADDAA
Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa Du'aan Addunyaa kana irraa Boqochuu Abbaa Alangaa Aanaa Yaabelloo kan taate Ad. Abbebech Boggaalee wayita dhaga'u gaddi guddaan nutti dhaga'amee jiraa..Aaddee Abbabachi Boggalaa Warquu kan jedhaman bara 2000 Abbaa Alangaa Aanaa ta'uun Godina Booranaatti ramadamanii Aanaa Yaabelloo irratti osoo hojjechaa jiranuu guyyaa gaafa (02/11/2015) leenjiidhaaf gara Magaala Adaamaa tti osoo imalaa jiranu Balaa konkolaataa Naannoo kibbaa Godina Gedi'oo keessatti isaan mudateen du'aan addunyaa kana irraa boqotanii jiru.Ad. Abbabech Boggaalee turtii hojii Abbaa Alangummaa keessatti Nama jabduu haqaaf qabsooftu, hojii isheetti cimtuu fi hojii ishee Amanamummaa fi naamusa gaariin hiriyoottan isaanii waliin waliigaluun nama hojjechaa turan ta'uu odeeffannee jirra.
Ad. Abbebechi Boggaalee miseensa waldaa keenyàa kan taate Nama maatii qabduu fi Haadha Ijoollee dhiiraa 4 Afurii/ ta'uu isaanii kan hubanne yommuu ta'u,sababa Balaan konkolaataa irraa qaqqabeen lubbuun isaanii du'aan Addunyaa kana irraa darbuutti gadda guddaa nutti dhaga'ame ibsaa lubbuun isaanii jannataan haa qananiitu jechaa maatii, firoottan fi hiriyoota isaaniif jajjabina Hawwina!!

28/06/2023

Waxabajjii 21/2015
WAAO
Finfinnee

Ergaa Baga ittiin isin Gahee
===================
Prezidaantiin Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa Ob. Taddesee Nigusee Ayyaana Iidal_Adhaa(Arafaa) bara Hijraa 1444ffaa sababeeffachuudhaan Miseensota waldaa Abbootii Alangaa sadarkaan jirtanii fi hordoftoota amantaa musiliimaa taatan maraan ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ergaa baga geessanii isaaniitiin Ayyaanni kun kan nagaa fi gammachuu,kan milkii fi kan guddinaa akka ta'u hawwuudhaan, hawaasa muslimaa hundaan baga geessan jedhaniiru.
Ayyaana Gaarii!

Photos from Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa/ Oromia Public Prosecutors Association's post 23/06/2023
23/06/2023
Photos from Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa/ Oromia Public Prosecutors Association's post 23/06/2023

Waxabajjii 16/2015
WAAO
Finfinnee

Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa yaa'ii isaa 3ffaa magaala Adaamaatti gaggeessaa jira. Yaa'ii kana irratti prezidaantiin waldichaa kab. Ob. Taddasee Nigusee miseensota waldichaatiin baga nagaan dhuftan jechuudhaan haasaa saaqinsaa taasisuudhaan waltajjicha jalqabsiisani jiru.

Sagantaa kana irratti koreen waldichaa raawwii karoora bara 2015 fi ka'umsa karoora bara 2016 dhiyeessuudhaan miseensonni irratti maree gaggeessaa jiru. Raawwii bara 2015 keessatti dhimmi hudhaa cimaa ta'ee ka'e baayyinni Abbaa Alangaa qabnuu fi kaffaltiin miseensummaa harcaatii guddaa kan qabu ta'uun gabaasa kana keessatti irra deddeebiin ka'ee jira.

02/05/2023

Ebila 24/2015
WAAO
Finfinnee

Oduu Gammachiisaa
===============

Abbaan Alangaa Diida Boruu Guyyaa kaleessaa jechuun gaafa guyyaa 23/8/2015 maatii isaanii biraa gara iddoo hojii isaanii gara Aanaa Malkaa Sooddaa deemaa osoo jiruu Ganda haroo kooraa keessatti qaama hidhatee bosona jiruun fudhatame ykn butamee ture yeroo ammaa kana haala nagaadhaan gara maatii isaatti deebi'uu waldaan Abbootii Alangaa gammachuu guddaadhaan isin beeksisaa, kanneen akka obbooleessi keenya gadi lakkifamuuf tumsa taasistan galata qabdu jedha koreen waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa.
Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa ob. Diida Boruu fi maatiin isaa akkasumas miseensonni waldaa Abbootii Alangaa marti baga gammaddan isiniin jedha.
Koree waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa

01/05/2023

Ebila 23/2015
WAAO
Finfinnee
Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa Qaama hidhatee bosona jiruun butamuu Abbaan Alangaa Aanaa Malkaa Sooddaa Ob. Diida Boruu Gufuu Odeeffannoo Godina sana irra argateen gochaan akkasii Abbaa Alangaa Haqaaf dhaabbate irratti raawwatamuu isaa jabeessinee balaaleffannaa jedha.
Abbaan Alangaa Diida Boruu Guyyaa har'aa jechuun gaafa guyyaa 23/8/2015 maatii isaanii biraa gara iddoo hojii isaanii gara Aanaa Malkaa Sooddaa deemaa osoo jiruu Ganda haroo kooraa keessatti qaama hidhatee bosona jiruun fudhatame yeroo ammaa kana haala inni irra jiru hin beekamu.
Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa gochaan akka kanaa Abbaa Alangaa Haqa uummataa baasuuf baddaa fi gammoojji keessa jooree hojjetuu fi miseensa paartii kammiiyyuu kan hin taane irratti gochaan akkasii raawwatamuu waan hin qabneef, Abbaan Alangaa Galmee uummataa of harkaa kan qabuu fi Olaantummaa seeraa mirkaneessuun alatti kaayyoo biraa waan hin qabneef yeroo gabaabaa keessatti gara maatii fi Hojii idilee isaatti akka nuuf deebistan isin gaafanna.
Koree waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa

20/04/2023

Guyyaa 12/08/2105
Waldaa Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa

Waldaan Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa Abbootii Alangaa amantaa Islaamaa miseensa waldichaa ta’anii fi hordoftoota amantaa Islaamaa hundaan baga maatii keessan wajjin Ayyaana Eid Al-Faxir 1444ffaan nagaan geessan jedha.
Ayyaanichi:
Kan Gammachuu
Kan Jaalalaa
Kan Tokkummaa
Kan Fayyaa, Nagaa fi
Kan Badhaadhinaa akka isiniif ta’u hawwina.

Iid Mubaarak

15/04/2023

Ebila 8/2015
WAAO
Finfinnee

Waldaan Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa hordoftoota Amantaa Kiristaanaa maraa fi miseensota waldaa Abbootii Alangaa Naannoo irraa hanga Aanaatti jirtanu maatii keessan waliin Baga Ayyaana Sooma Hiikkaa Bara 2015tiin nagaan isin gahe jechaa Ayyaanichi kan nagaa, kan gammachuu fi kan milkaa'inaa akka isiniif ta'u hawwa!

Waldaa Abbootii Alanga Oromiyaa

Photos from Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa/ Oromia Public Prosecutors Association's post 06/04/2023

Bitootessa 28/2015
WAAO
Finfinnee

Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa seenaa Aja'ibsiisaa hojjete
=====================//========================

28/03/2023

Bitootessa 19/2015
WAAO
Finfinnee
Oduu Gaddaa
===========
Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa Du'aan Addunyaa kana irraa boqochuu ob. Adam Galgaluu wayita dhageenyu gaddi guddaan nutti dhaga'amuu ibsaa, ob. Adam Galgaluu Godina Arsii Lixaatti bara 1994 irraa jalqabanii Abbaa Alangaa Aanaa kan turee bara 1997 irraa jalqabee itti Gaafatamaa Abbaa Alangaa Aanaa ta'uun muudamee ummata isaa tajaajilaa kan turan dhibee tasa isaan mudateen mana yaalaa hospitaalatti yaalamaa osoo jiranii gaafa guyyaa 15/7/2015tti du'aan adunyaa kana irraa boqataniiru. Boolla isaanii daadhiin haa guutu jechaa maatii fi firoottan akkasumas hiriyoottan isaaniitiif jajjabinaa fi obsa akka kennuuf hawwinna!

Photos from Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa/ Oromia Public Prosecutors Association's post 13/03/2023

BITOOTESSA 4/2015
WAAO
FINFINNEE
==============
Koreen Hoji raawwachiistuu waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa raawwii karoora baatii jahaa magaala Adaamatti gamaggamuudhaan cimina, hanqinaa fi rakkoo jiru erga adda baasanii booda kallattii fuula duraa kara prezidaantii waldichaa ob. Taddasee Niguseetiin keewwamee waltajjichi xumuramee jira.

Photos from Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa/ Oromia Public Prosecutors Association's post 28/02/2023

Guraandhala 21/2015
BAAWO
Finfinnee
Ani nyaadhee bulee wayita lammiin koo sababa Hongeetiin lubbuun isaa ba'u seenaan maal naan jedha???
Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa miidhaa sababa Hongeetiin uummata keenya Booranaa irra qaqqabaa jiru ilaalchisee caasaa isaa sadarkaan jiraan waliin waan qaban qabatanii lubbuu du'a olchuuf akka birmachuufi qaban hooggansa Naannoo hanga Aanaatti jiran waliin gamaggama tibbana gaggeeffame irratti waliigalamee jira.
Bu'uruma kanaan manajimentiin Biiroo Abbaa Alangaa waliigalaa Oromiyaa walga'ii ariifachiisaa dhimma kanaan walqabatu gaafa 21/6/205 gaggeesseen Wajjirri Abbaa Alangaa Aanaa, Godina, Damee dhaabbii fi Naannoon ka'umsa Qarshii hanga inni gumaachuu qabu murta'ee waan jiruuf, hangi maallaqaa sunis Telegraamiidhaan kara keessaa ittii gaafatamtoota Godinaalee waan qaqabsiisnuuf, Itti gaafatamtoonni Aanaalees ergaa kana waliif qooduudhaan hanga maallaqa isiniif ramadamees itti gaafatamtoota keessan Godinaa irraa ergaa guutuu isaa bilbilaan fudhattanii dubbiin dubbii lubbuu waan ta'eef guyyoota lamaaf sadii keessatti Qarshicha walitti qabuun hoogganaa Godinatti kennitanii, hoogganaan Godinaas lak. Herrega Baankii isiniif erginu irratti galii akka nuuf taasistan kabaja Guddaan waamicha isiniif dhiyeessina.

20/02/2023

Guraandhala 13/2015
WAAO
Finfinnee

ODUU GADDAA
Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa du'aan Addunyaa kana irraa boqochuu Abbaa Alangaa ob. Masfiin Baqqalaa wayita dhaga'e gadda guddaan itti dhaga'amuu ibsee jira.
Ob. Masfiin Baqqalaa Abbaa Alangummaan Godina Iluu Abbaa Borii fi Godina Bunnoo Beddeellee Aanaalee gara garaa keessatti ramadamee hojjechaa kan turee yommuu ta'u dhukkuba irraa bubbuleen osoo yaalamaa jiruu du'aan Addunyaa kana irraa boqotee jira.Du'aan Addunyaa kana irraa darbuu Abbaa Alangaa kanaan gaddi nutti dhaga'ame cimaa ta'uu ibsaa Isa du'eef boqonnaa bara baraa hawwaa;maatii, firoottanii fi hiriyoota isaaf jajjabina hawwina.

07/01/2023

Mud. 20/2015
WAAO
Finfinnee

Ergaa baga geessanii kab. Prezidaantii WAAO irraa
Kabajamoo Ob. Taddasee Nigusee prezidaantiin waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa ergaa baga geessanii dabarsan.
==================
Kabajamtoota Abbootii Alangaa fi miseensota waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa sadarkaan jirtan hundi keessan maatii keessan waliin baga guyyaa yaadannoo dhaloota gooftaa keenya yesuus kirstoosiin geessan jechaa ayyaanni kun kan itti abjuu fi mula'anni isin ofiif, biyyaaf, maatii fi firoottan keessaniif qabdan itti dhugoomu isiniif hawwaa carraa kanaan nuti miseensonni waldaa Abbootii Alangaa waldaa keenya guddifachuuf bakkuma jirru jiraannee dirqama miseensummaa keenya bahachaa sirna haqaa biyyatti keessattis waan akka Ogeessatti nurraa barbaadamu itti gumaachinu ta'uu akka qabu hubannee cimnee waliin haa hojjennu jechaa Ayyaani kun kan nagaa fi milkaa'inaa isiniif haa ta'u!!!!
Ayyaana gaarii!!!!
Ob. Taddasee Nigusee
Prezidaantii waldichaa
Oromiyaa
Finfinnee

Photos from Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa/ Oromia Public Prosecutors Association's post 21/12/2022

Mud 12/2015
WAAO
Finfinnee

Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa Qaama Bosona jiruun to'atamuu ob. Guutuu waljirraa itti gaafatamaa wajjira Abbaa Alangaa Godina wallagga lixaa odeeffannoo bilbilaan arganneen odeeffannee jirra.
Ob. Guutuu waljirraa nama qulqulluu quuqamaan hawaasa tajaajilaa jiru ta'uun beekamaa waan ta'eef Qaamni Nama kana to'ate akkuma kaleessa jechaa turre Abbaan Alangaa siyaasa kam irraayyuu walaba ykn bilisa ta'ee haqa hawaasa kanaatiif kan hojjetuu ta'uu hubachuudhaan akka gadi nuuf lakkistan isin gaafanna.
Ob. Guutuu waljirraa Abbaa ijoollee fi nama maatii qabu akkasumas hojiin uummataa heddu harka isaa waan jiruuf nama hawaasaaf hojjetu ta'uun isin biratti beekamee atattamaan tajaajila uummataatiif akka gadi nuuf lakkistanu irra deebiin isin gaafanna.
Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa
Finfinnee

Photos from Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa/ Oromia Public Prosecutors Association's post 01/12/2022

Sad. 22/2015
WAAO
Finfinnee
==========
Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa Odeeffannoo argateen Godina wallaggaa Bahaatti Itti gaafatamaa wajjira Abbaa Alangaa Aanaa kiiramuu kan ta'e ob. Dagaagaa Fooliif osoo finxaaleyyii Faannoo jedhamtu Baqatee deemaa jiruu Qaama hidhatee Bosona jiruun qabamuu dhageenyee osoo hordofaa jirruu, amma galgala kana nagaadhaan gadi lakkisamuu isaa odeeffannee jirra.

Obboleessaa keenya Abbaa Alangaa Dagaagaadhaan baga waaqayyoo sigargaaree nagaadhaan mana keetti galte jechaa Paartii siyaasaas hata'uu qaamni hidhatee lolu kamiyyuu waan inni nuuf hubachuu qabu "Abbaan Alangaa siyaasa kam irraayyuu bilisa ta'ee seeraa fi seera qofa bu'ureeffatee hawaasa kan tajaajilu ta'uun nuuf beekamee Qaama siyaasaa kamiifuu waan hin loogneef boriifos kunumti nuuf hubatamee Abbaan Alangaa akkuma siyaasa irraa seeraan bilisa ta'uun isaa tumamee jiru hojii kenniinsa tajaajila haqaas dhiibbaa tokko malee bilisaan akka kennuuf nama kam birattiyyuu kunumti akka beekamu dhaamna!!

30/10/2022

WAAO
Finfinnee

Koreen waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa hojii waldaa haalan cimsuuf yaadee koree adda addaa hundeessee waan jiruuf noonni miseensa ta'uudhaan filatamtanii jirtan bakka jirtanitti xiyyeeffannaa addaatiin hojii waldaa Abbootii Alangaa sadarkaa jirtanitti hojjechuudhaan koree waldaa kanaa waliin mula'ataa fi ergama waldichaa galmaan ga'uuf cimtanii akka hojjettan waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa waamicha isiniif dhiyeessa.

Want your organization to be the top-listed Non Profit Organization in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Videos (show all)

WAAOFinfinnee Koreen waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa kennaa wajjirri Abbaa Alangaa Godina shawaa kaabaa Qarshii kuma sh...

Website

Address

Addis Ababa
Other Community Organizations in Addis Ababa (show all)
U hiili dad kaga U hiili dad kaga
Addis Ababa

Page kan waxad kala socon kartaa midnimada iyo faaiidadeeda, taarikhda soomaliyeed, sheekooyin xiiso

Mohammed nebiyu Mohammed nebiyu
Addis Ababa

Prosperity party

Deeggartootaa fi gorsiitootaa caasaa Gadiisaa Hogaansa Oromoo Deeggartootaa fi gorsiitootaa caasaa Gadiisaa Hogaansa Oromoo
Finfinne
Addis Ababa, [email protected]

Osuumma tokkummawaa jeenne boonyuu kunoo akka taatee dubbiin

Baankii Gadaa Baankii Gadaa
Bole
Addis Ababa

business organ.

Biifaa Barchaa Award .com Biifaa Barchaa Award .com
Boke Tiko
Addis Ababa

Jannata barbaadaa

Boloso sore yellagata Boloso sore yellagata
Wolaita
Addis Ababa

Gift of Homes yebego adragot derejit Gift of Homes yebego adragot derejit
Addis Ababa

Service Description Gift of homes is a supported housing project for people who are currently witho

Chaya Humanitarian Organization Chaya Humanitarian Organization
Nifas Silk Lafto
Addis Ababa

Chaya Humanitarian Organization is an impartial, neutral, independent, and non-profit-making organization that has been registered by Authority for Civil Society Organization beari...

የወራቤ ኮ/ ስ/ ሆስፒታል የሳይካትሪ  መረጃ የወራቤ ኮ/ ስ/ ሆስፒታል የሳይካትሪ መረጃ
Addis Ababa

Worabe Comprehensive Specialized Hospital Psychiatry service

Selma high school memories Selma high school memories
Addis Ababa
Addis Ababa

Friends

Hayaat   Hasan Hayaat Hasan
Adis Ababa
Addis Ababa

Lom Youth Development Association-LYDA Lom Youth Development Association-LYDA
Gambella
Addis Ababa

This association is for young people