KFO Damee Finfinnee - OFC Finfinne Branch

KFO Damee Finfinnee - OFC Finfinne Branch

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from KFO Damee Finfinnee - OFC Finfinne Branch, Political organisation, Addis Ababa.

29/07/2024

Hello friends of OFC,
The OFC delegation has arrived in the US. Tomorrow we will pass to Mennisota to attend OFC's meeting at the.Oromo Community in Mennisota (July 30 afternoon). We cordially invite all members of Oromo Community in 'little Oromia' to come and discuss with us regarding the future of Oromo.people's struggle..

Merera (Prof. Merera & Sultan Genna).

Photos from KFO Damee Finfinnee - OFC Finfinne Branch's post 15/07/2024

Ibsa Ejjennoo Koree Gidduu Galaa Koongireesii Feederaalawaa Oromoo (KFO) Irraa Kenname
******-
1.Seensa
=====
Koongireesii Feederaalawaa Oromoo (KFO)n dhaaba siyaasaa qabsoo karaa nagaa qabsaahuun mirgoota ummata Oromoos ta’ee kan sabaa fi sab-lammoota biyyaa kanaa kabachiisuuf sarara siyaasaa Diimookiraasii Hawaasaa (Social Democracy) qabatee qabsaahaa jirudha.

Bu’uuruma kanaan Koreen Giddu Galaa Koongireesii Feederaalawaa Oromoo (KFO) walga’ii idilee isaa kan marsaa 3ffaa gaafa 06/11/2016 hanga gaafa 07/11/2016 tti gaggeeffatee jira. Walga’iichis gabaasa raawwii hojii Koree Hojii Raawwachiiftuu KFO, gabaasa haala sochii godinaalee Oromiyaa fi Oromiyaa alaa jiranii, haala karooraan hojjechuu fi ilaalchaa fi immaammata KFO irratti kan bu’uureffateedha.

Haaluma kanaan koreen kuni haala siyaasaa biyyitti keessa jiru ilaaluun jijjiirama siyaasaa biyya kanaa qabsoo qeerroo, qarree fi kanneen birootiin dhufe karaa hintaaneen maqamee ture yeroo ammaa kana guutuu biyyattii keessatti qabsoo karaa nagaa gaggeessuuf ulfaataa dhufuun hubatamee jira. Kunis Paartiin Badhaadhinaa faayidaa garee muraasaaa kabachiisuuf ijaarame dogoggora sirnoota duraan darban irraa barachuun goodaa siyaasaa bal’isuun biyyattii gara sirna diimookiraasiitti ceesisuurra; Heera Mootummaa FDRI cinnatti dhiisuun mirgoota namoomaa fi diimokiraasii uummataa ukkaamsuun waraanni wal waliinii akka uumau gochuun yeroo ammaa biyya kana keessatti waraanni, ajjeechaan julmaa, gubaatiin manneenii akka ganddaatti jiru, qaala’insi jireenyaa, malaanmaltummaa sirnaawaa, dhibee daddarboo, beelaa fi hojii dhabdummaan bifa safartuu hinqabneen dagaagee jiraachuu xinxalaa isaatiin hubatee jira.

2.Qabxiiwwan Ijoo walga’icha Irratti Mari’ataman.
======
2.1.Gabaasa Hojii Koree Hojii Raawwachiiftuu KFO Ilaalchisee
---------
Hojiin bu’uuraa Koree Hojii Raawwachiiftuu Koongireesii Feederaalawaa Oromoo inni guddaan miseensota fi uummata isaa ijaaruun gara qabsoo karaa nagaatti galchuu yoo ta’u, mootummaan dirree siyaasaa cufuu irra darbee waajiraalee keenya 200 ol nu duraa cufaman deebisnee saaqqachuuf akka hindandeenye ibsamee jira. Godina Shawaa Lixaa fi Arsii Bahaa malee waajirri KFO godinaa hanga aanaaleetti mootummaadhaan cufamee jira;iddoo tokko tokkotti immoo qabeenyi isaa dabballoota mootummaatiin saamamee jiraachuun hubatamee jira. Hooggantoonnii fi miseensonni KFO miseensota ABO-WBO ti isin shakkine jechuun qaamolee mootummaan dararamaa akka jiran ibsameera.

Kana bira darbees yeroo ammaa kana guutummaa biyyaa kanaa keessatti maaltu akka dhufuu danda’u akka hin beekamne hubatamee jira. Innis, waraanni, jeequmsa siyaasaa, reebbichi, hidhaan, buqqaatiin, ajjeechaan,saamichi, ukkaamsaan beellii fi dhibeen uummata keenya dararaa jiru safartuu hin qabu. Kanaafis furmaata ta’uu kan danda’u marii biyyoolessaa hunda haammate gaggeessuun balaa biyya kanatti dhufuu danda’u akka hafuuf mootummaa biyya bulchu yeroo yeroon gaafannullee baacoo bira darbee yaada furmaataaf gurra kennuu hin dandeenye.

Koreen Hojii Raawwachiiftuu KFO dhimma kana callisee osoo hin ilaaliin haala deemsaa KFO fi rakkoo biyya kanaa wajjin madaaluuf gamaggama guddaa erga gaggeessee booda ciminaa fi dadhabbina KFO ciniinee baasuun yaada furmaataa ta’u lafa kaawwatee jira. Cimina jiru keessa abbaa irrummaa mootummaa fi rakkoo amma biyya kana mudate dandamachuunn qabsoo uummata isaa gaggeessaa jiraachuu isaa yoo ta’u dadhabbinni cimaa immoo sababa mootummaan goodaa siyaasaa cufeen karooraan hojii raawwachuu dhabuu akka ta’e hubatamee jira.

2.2.Gabaasawwan haala godinaalee ilaalchisee.
-------------
Walga’ichi gabaasa haala godinaalee 22 dhaggeeffatee jira. Gabaasa kana keessa godinaalee 22nu keessatti walwaraansi mootummaa fi WBO gidduu akka jiru, qaama mootummaatiin hidhaan, reebbichi, buqqaatiin,manneen ummataa jumlaan gubachuun, loon ummataatti dhukaasanii duguuguun,namoota ibiddaan gubuun, ajjeechaan humnaa olii akka gaggeeffamaa jiru sirriitti hubatameera. Keessumaa godinaalee kan akka Shawaa fi Wallagga hunda irrattii fi Godina Buunnoo Baddallee irratti mootummaan meeshaa waraanaa diroonii fayyadamuun ummata nagaa irraatti ajjeechaa akka raawwachaa jiru hubatameera. Akkasumas godinaalee Arsii fi Godina Shawaa Bahaa keessatti ganda guutuu ibiddaan barbadeessuun baldhinaan gaggeefamaa jira. Keessumaa immoo barattootaa fi barsiisota baruu fi barsiisuu irra jiranirratti boombii diroonii irraa roobsuun ajjeechaa jumlaa gaggeessuun baay’ee garaa nama nyaata jedhamee jira. Beellii, dhibeen fi qaala’insi jireenyaa godinaalee hunda keessatti bifa wal fakkaatuun rakkoo ol’aanaa ta’ee jiraachuun hubatamee jira.

Ummanni oomishaa fi loon isaanii gara gabaati yeroo geessan seensaa fi galma gabaa irratti loon tokko yookiin oomisha tokko irratti humnaa oli qaraxa itti kaffalchiifamaa jiraachuun hubatameera. Gama biraatiin immoo kaffaltt adda addaa idileen alaa, kan nagaheen tokko irratti hin muramne, maqaa deeggarsa milishaa, deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi kan kana fakkaataniin irra deddebiin sassabuun ummani hiraarfamaa jiraachuu fi gatiin xaa’oo fi kaffaltiin gibraa humna uummatichaan kan wqal hin madaalle ta’uun waliga’iin kun hubatee jira.

2.3. Leenjii Hooggantummaa Ilaalchisee
---------
Ilaalchaa fi immaata KFO; karooraan hojjechuu fi qabxiilee utubaa ijjanoo dhaabaa hubatamuu qabu jedhaman irratti leenjiin hubannoo baldhaan kennamee jira. Kanneen keessatti ilaalchi fi kallatiin siyaasaa KFO kan biyya ceesisuu danda’u akka ta’e sirriitti irratti walii galamee jira. Akkasumas, hooggantoonnii fi miseensotni KFO qabxiiwwan utubaalee KFO ta’an waraqaa barruu (flyer)n qophaahee jiru irratti mariin baldhaan gaggeeffameera.

Dhuma irratti Koreen Giddu Galeessaa KFO walga’ii isaa guyyootii lamaaf gaggeessaa turuun qabxiiwwan murteessoo ta’an armaan olii irratti marii bal’aa erga gaggeesse booda ejjennoo isaa akka armaan gadiitti baasee jira.

1/Koongireesiin Feederaalawaa Oromoo(KFO)n yeroo kamiyyuu caalaa rakkoo hamaa keessatti qabsoo gaggeessaa akka jiru hubachuun ummata Oromoos ta’ee sabaa fi sab-lammiiwwan biyya kanaa qindeessuun ijaaree kaayyoo isaa akka galmaan gahu ni hubachiifna.

2/Mootummaan Paartii Badhaadhinaa biyya bulchaa jiru rakkoo biyya kanaa inni uumees ta’ee kan duraanii kophaa isaa furuu akka hin dandeenyi walga’iin kun hubatee jira. Kanaafuu ummanni Oromoos ta’ee sabaa fi sab-lammoon biyya kanaa rakkoon kun akka furamuuf garaagarummaa keenya cinatti dhiifnee tokko ta’uun harka walqabannee mootummaan kun doorsisa, reebbicha, hidhaa, ajjeechaa fi buqqa’insa ummataa akka dhaabuuf dhiibbaa akka taasifnu KFO waamicha isinii taasiiseera.

3/Dhaabbileen siyaasaa karaa nagaa qabsaahuuf dhaabbattan hundi kisaaraa fi bu’aa mootummaan biyya bulchaa jiru argitanii jirtu. Rakkoo amma uumamaa jirummoo dhaabni kamiyyuu kophaa isaa furuu akka hindandeenye dhugaan lafa jiru ni ibsa. Kanaafuu, garaagartummaa qabnu dhiphisuun yaada walii nu galchu irratti tokko ta’uun rakkoo biyya kanaa akka waliin furuu yaallu KFOn waamicha isinii taasiseera.

4/Yeroo wal waraansi babal’achaa adeemu keessatti osoo waraanni hin dhaabbatiin marii biyyoolessaa gaggeessuun gonkumaa akka hin danda’amne qajeeltoon addunyaas ta’ee haalli qabatamaa lafa jiru ni mirkaneessa. Haata’u malee mootummaan Badhaadhinaa seera kophaa isaa tumeen, komishinii marii biyyolessaa kophaa ijaareen fi waraana bakka hundaa jiru keessatti marii biyyoolessaa gaggeessaan jira jechuun tuffii qaama hundaa irraa qabu agarsiisa. Kunimmoo gara biyyi diigamuutti nu geessuu waan danda’a. Kanaaf afaaniin qofa nagaeenya lallabuu dhiisuun rakkoo biyya kanaa furuuf kutannoo siyaasaa agarsiisuun humnoota hidhatanii walwaraanan waliin mari’achuun wal waraansi biyya keenya keessa jiru kamiyyuu akka dhaabatu ta’ee marii biyyoolessaa qaama na ilaallata jedhu hunda kan haammatu akka ijaaramuuf KFOn cimsee irra deebiin gaafata.

5/Dhaabbileen siyaasaa Oromoo karaa nagaa qabsaahaa jirtan rakkoon uummata keenyaarras ta’e biyya kanarratti dhufaa jiru bu’aan isaa hunda keenya miidhuun kan hin hafne ta’uu beektanii garaagartummaa keenya cinnatti dhiisuun waan irratti waliigallu qabannee rakkoo kana akka waliin furruu dandeenyuuf KFOn waamicha cimaa isinii godheera.

6/Ummanni Oromoo eessayyuu jirtan dhimma Oromoo fi Oromiyaa irratti akkuma kana duraa tokko ta’uun doorsifamuu, reebicha, hidhaa, ajjeechaa, buqqa’uu, ibiddaan gubachuu fi reebbitii diroonii irraa uummata keenya baasuufi wal bukkaa dhaabbannee qabsoo keenya akka finiinsinuuf KFO waamicha seena qabeessa onnee irraa madde isinii dhiyeesseera.

7/Raayyaan Itti Biyyaa, Poolisiin Feederaalaa fi naannoowwanii, dabbaloonni paartii Badhaadhinaa, miseensonni paarlaamaa maqaa ummataatiin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa biyya kanaa keessa jirtan, rakkoo akka biyyaatti asi adeemaa jiru kana Paartii Badhaadhinaa qofatu hiikuu danda’a jechuun dogoggora seenaa keessa galuu irraa of-qusachuun rakkoo biyya kanaa qaamoleen ana ilaallata jedhan gadi taa’anii furmaata waaraan akka itti kennamuuf shoora keessan akka baatan KFO waamicha seena qabeessa isiniif godhee jira.

Koree Giddu Galeessaa KFO
Adooleessa 07/11/2016
Finfinnee

14/05/2024

Update:

OFC leader, Professor Merera Gudina, held productive discussion today with Ambassador Mike Hammer—US special envoy to the Horn of Africa.

The Professor underscored in the discussion that “there is no magical formula to stabilize Ethiopia without some sort of arrangement on political power share”.

And, the Professor is also said to have stated that “if the international communities got serious interests to help solve Ethiopia’s chronic and complex political problems, they should push the ruling party for a genuinely fair political game”.

Commission 'forced to quit' Meki investigation into Bate's assassination after gathering witness testimonies implicating security forces - Addis Standard 07/05/2024

The Ethiopian Human Rights Commission's withholding of its investigation into Batte's killing is causing concern, prompting urgent calls for disclosure. Transparency and accountability are vital, necessitating the prompt release of findings to address community apprehensions and ensure justice prevails.
_

Commission 'forced to quit' Meki investigation into Bate's assassination after gathering witness testimonies implicating security forces - Addis Standard Commission 'forced to quit' Meki investigation into Bate's assassination after gathering witness testimonies implicating security forces Addis Standard -

Photos from Oromo Federalist Congress - OFC's post 26/04/2024
Photos from KFO Damee Finfinnee - OFC Finfinne Branch's post 10/04/2024

KFOn Ajeechaa Qondaala ABO Jaal Battee Urgeessaa irratti raawwatame cimsee balaaleffata.Gada guddaa itti dhagahames ni ibsa. Attattamaanis qaama bilisaan qulqullaawee ummataaf akka ibsamu gaafata.Jaal Battee Urgeessaa lubbuu isaa Waaqayyo haa jaannatu. Maatiifi firoottan akkasumas Ummata Oromoo hundaaf jajjabina hawwina.

29/09/2023
Photos from KFO Damee Finfinnee - OFC Finfinne Branch's post 19/09/2023

Yakki Lammilee Aanaa Giddaa Ayyaanaa Irratti Raawwatame Seeraanis-Seenaanis Nigaafachiisa
*****
Ibsa Ejjennoo Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) irraa Kenname
========
Ajjeechaan lammilee Oromoo akka walii galaatti Naannoo Oromiyaa keessatti geggeeffamaa ture, gidduu kanammoo lammilee aanaa Giddaa Ayyaanaa (Wallagga Bahaa) keessa jiranu irratti humna hidhataa Faannoo jedhee of-waamufi Mootummaa Federaalaa wajjin quba wal qaban fakkaatuun raawwatamuusaa hubatameera. Midiyaaleen adda addaa fi Komishiniin Mirga Namoomaa Idil-Addunyaallee kanuma dhugoomsuun gabaasaniiru. Humnoonii kun kanaan duras lammilee Oromoo aanaa Giddaa Kiiramuu fi aanaalee adda addaa godina Horroo Guduruu Wallagga keessatti argaman irratti ajjeecha suukkanneessaa wal fakkaatu fudhatani akka turan niyaadatama. Lammileen aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti ajjeefaman kun konkoolaata tokko yaabbatanii du’a gahii kan deemaa turan ta’uun ala, hidhataa kamiyyuu wajjin hidhata tokko akka hinqabne, ibsa Fulbaana 15, 2023 itti gaafataman dhimmi nageenyaa aanaa sanaa BBC Afaan Oromootiif kenne irraa hubatameera.

Humni irra deddeebi’iin yakka wal fakkaataa raawwataa ture kun hooggantoota Mootummaa Federaalaa ol’aanaafi paartilee siyaasaa tokko tokkoon akka wabii biyyaatti kan leellifamaa tureefi beekamtii Mootummaa Federaalaatiin kan hidhateefi inumaayyuu saboota Oromiyaa keessa jiran biroorraa addatti bahanii akka hidhatan waamicha godhamaa tureen, akkasumas lammilee Itoophiyaa ‘hayyoota Amaaraa’ ofiin jedhanifi biyyoota ambaa keessa jiraatan, “Oromummaan cabuu qaba; sirni federaalaa sab-daaneessaa diigamuu qaba” jedhani labsii taasisaanii, maallaqa walitti qabaniin meeshaalee waraanaa qaama seeraan ala socho’u kana hidhachiisuun, dhumaatii lammilee kanaaf sababa ta’eera. Kana malees yeroo waraanni kaaba Itoophiyaa keessatti geggeeffamaa ture carraa “Meeshaa waraanaa diina ajjeesanii argatan akka dhuunfatan” jedhee mootummaan labse sanatti fayyadamuun humni kun hanga funyaanitti hidhatee, maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) balleesina” jedhuun, beekamtii mootummaatiin Naannoo Oromiyaa keessatti bobba’ee badii daangaa hinqabne kana raawwataa jiraachusaa ifaan ifatti beekamadha. “Hoolaan gooftaashee abdatte duba diida keessee ciifti” akkuma jedhamu, lapheen isaani dhagaa ta’eera.

Lammilee irratti ajjeechaa suukkanneessa akkanaa raawwachaa tokkummaafi badhaadhina biyyaa hawwuun tasuma wal hinsimatu. Lammilee aanaa Giddaa Ayyanaas ta’ee kan biroo ajjeesanii, hagam nagaan waliin jiraachuun akka yaadame namni nan beeka jedhu yoo jiraate namni sun mataansaa cubbamaadha. Ajjeechaan suukkanneessaa akkanaa wayita fudhatamu dhimma waliin jiraachuu ilaalchiisee egeeree Itoophiyaatiif yaaddoo cimaa uumunsaa kan hafu miti. Akka jaarroota darbanii Oromoo ajjeesanii qee’ee isaa dhuunfachuun waan abjootamu miti yoo jenne, tasuma nuyi hindogoggorre. Qaama mootummaas ta’ee gareen kamiyyuu lammilee Oromoo ajjeesuu, hidhuu, biyyaa baasuu, gidirsuufi kkf dhaabuu akka qaban jala murree yaadachiifna. Lammileen Oromoo qaama hunda keessa jirtan hundumtuu ejjennoo keessan sirreessuun wal bira akka dhaabbattan waamicha isiniif goona.

Xumura irratti, yakki ajjeechaa gara-jabinaan lammilee Oromoo aanaa Giddaa Ayyaanaa irrattis ta’ee kan biroo irratti raawwatame, qaama mootummaa dabalatee hundumayyuu seeraaniis-seenaaniis nigaafachiisa. Irra-jireessatti ammoo mootummaan humnoota kana raawwatan irratti tarkaanfii sirreessa akka fudhatu niakeekkachifna. Lammilee wareegamaniif nigaddina; maatiifi firoottan isaaniitiif jajjabina hawwina.

Waajjira Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO)
Finfinnee: Fulbaana 8, 2016

12/09/2023

Piroofeessar Maraaraa Guddinnaa Sabni Oromoo akka sabaatti sirna dhufaa darbaan miidhamaa kan turee fi amma hundaa ol miidhamaa kan jiruudha jedhan.

Dura taa'aan Kongiransii Federaalawa Oromoo Piroofeessar Maraaraa Guddinnaa turtii OMN wajjiin taasisaniin biyyi Itoophiyaa jedhamtu rakkoo wal xaxaa keessa seentee jirti jedhan.

Siyaasaa Itoophiyaa keessatti umriin kan raagan fi paartii mormituu kan hoogganan Pirofeessar Maraaraa Gudinnaa haala siyaasaa Itoophiyaa irratti xiyyeefachuun OMN wajiin turtii taasisani jiru.

Waggoota shanan darban kana keessa paartiin isaanii hacuucamee jiraatullee waan humna isaanii godhaa turuu Pro. Maraaraa Gudinnaa, dhiibbaa sirni biyyatti isaan irratti taasiseen waajjiroota 200 ol qaban keessaa hundi isaani cufatee yeroo ammaa kana waajjirota sadi qofa akka qaban himani jiru.

Biyyattiin rakkoo siyaasaa fi diinagdeetiin danqaa hamaa keessa buute akka jirtuu fi haalli jireenyaa akka malee qaala'uun ummanni waan nyaatu dhabee mootummaa akka hin nyaanne sodaa qabaachuu ibsan.

Oromiyaa keessatti lola bal'aa mootummaan biltsiginnaatiin deemaa jiruun mancaatiin qabeenyaa fi buqqaatiin hawaasa irra gahaa turee fi gahaa jiru biyyattii kufaatii dinagdeetiifillee saaxilee akka jiru himan.

Hamma nurraa eeggamu hojjachaa hin jirru kan jedhan dura taa'aan Kongiransii Federaalawa Oromoo Pro. Maraaraa Gudinnaa, sababiin isaa mootummaan kun ittuu dabalee ummata nurraa miidhee abdii akka nurraa hin kutachiifne qabsoo taasisaa jirra jedha.

Akka Pro, Maraaraa Guddinnaa jedhanitti mootummaan Biltsiginnaa kan amma biyya bulchaa jiru mootummaa afaan ittiin dubbatu malee gurra ittiin dhagahu hin qabneedha.

“Nama tumtanii bosonatti hin galchinaa, hidhaa fi ajjeechaa dhiisaa biyya tana gara diimokraasiitti haa ceesifnuu, waraanaan hin caccabsinaa yoo jedhan mootummaa nama dhagahuu miti” jedha hayyuun siyaasaa fi dura taa'aan paartii KFO Pro. Maraaraa Gudinnaa.

Qabsoon hanga laga cee'utti akka itti fufu paartiin keenyaa adda isaa qofa osoo hin taane paartilee naannoo biroo kudha jaha(16) waliin mari'achaa sochii godhaa akka jiran himani jiru.

Qabsoo kana keessatti mirga Oromoo qofa osoo hin taane mirga sabaafi sab-lammootaallee akka eeggamu gochuuf dhamaatiin keenya salphaa miti jedhaniiru.

Kana keessatti miseensi isaanii hidhamaa, ajjeeffamaa fi qabeenyi waajjiraalee paartii isaanii saamamaa ture jechuun, paartilee biyyatti keessa jiran 60 keessa biyya keessa taa’e sarbama mirga namoomaa saba isaanii irratti raawwatamaa jiru kan mormaa jiru KFO fi ABO qofa jechuun dubbatani jiru.

Waraanaa Addunyaa 2ffaa booda dhumaatiin hammaan kan Ruwaandaatti raawwaate osoo hin hin taanee dhumaatii hamaa Itoophiyaatti lammiilee Miliyoona tokko irratti raawwatee kanaadha jechuun dhumaatii Itoophiyatti waraana waliiniitiin dhaqqabe himani jiru.

Walumaagalatti rakkoo biyya sanaa Pro. Maraaraan yoo himan, “biyyi gara diimokraasii cee,aa hin jirtu, nagaan bu'aa hin jiru, qabeenyi manca'aa jira, lubbuun namoota nagaa guyyarra guyyaatti bahaa oolti, dargaggeessi du'a irraa hafe gara bosonaa fi biyya alaatti baqataa jira, qaala’insii jireenyaatis akka malee dabalee jira” jedhaniiru.

Rakkoo kana furuuf qaamonni hundi hirmaatuun gadi teenne mari’annaa yoo jennu gurra nu dhagahu argachuu hin dandeenye jedhan.

Madda:

11/09/2023

(PhD) haala siyaasa Itoophiyaa yeroo ammaafi sochii Jaarmiyaalee Oromoo irratti maal jedhu? Akka Yeroo Afrikaa Bahaatti, Galgala sa'aatii11:30 (Oromiyaa) irratti hordofaa!

09/09/2023

Marii Dhimmaa Haalaa Yeroo Oromoofi Oromiyaa Ilaalchisuun uummata Oromoo waliin Marii'achuuf Mararaa Guddinaa Ameerikaa Seenanii Jiru.
Dhimmoota Haala Yeroo Irraatti ni marii'atama jedhamee eegamaa jiru keessa:
1. Oromiyaan humnoota badii Faannoofi garee adda addaa Faannoo waliin jiraniin Weerarama jirti. tu Uummata Oromoo irraatti gaggeeffamaa jira. Dhimmi kun Uummata Oromoo cufa ilaallaata, waliin dhaabbatanii roorroo ofirraa qoluun dirqama.
2. Ajjechaa Sukkaaneessaatu Uummaata Oromoo keessaattuu ummaata nagaa (Oromo civilian) irratti gaggeeffaama jira. Dhimma kana Oromoon dammaqinsaan wal cina dhaabbatee ajjeechaa daangaa darbaa genocide Oromiyaa keessatti gaggeeffama jirutti daangaa gochuu qaba.
3. Haala Qabsoo Bilisummaafi Dhimmoota Tokkummaa Uummata Oromoo jabeessaniifi qabxiileewwan hafan hedduu irratti Uummata Waliin akka marii'atanitu eegamaa jira.

30/08/2023

Paartiin Keenya, KFO'n , Xalayaa hojii Paartii keenyaa gadi dhiisuu obboo Baqqalaa Garbaa gaafataniif beekamtii kenne. Akkuma beekamu, Obbo Baqqalaa Garbaa waggoota dheeraaf qabsoo karaa nagaa adeemsisaa kan turaniifi umurii isaanis manneen hidhaa Itiyoophiyaa keessatti dabarsaa turanii jiru.

Erga 'yeroo jijjiirramaa' jedhamee asittis qondaaltoota KFO olaanoo wajjin manneen hidhaa keessatti waggaa tokkoofi walakkaa olii mana hidhaa keessatti dararaa argaa turanii jiru. Haala siyaasa biyyattii irraa abdii kutachuun biyya hambaa jiraachuu kan filatan obboo Baqqalaa Garbaa, xalayaa hojii siyaasaafi hooggansa dhaabaa gadhiisuu dhiyeeffataniin dhaabni iyyannoo isaanii fudhachuun xalayaa armaan gadiitiin beekamtii kenneefii jira.Haala jiruuf jireenya isaanii egereetiifis milkaa'ina akka hawwu KFOn beeksiseera.

Photos from KFO Damee Finfinnee - OFC Finfinne Branch's post 13/08/2023

“Ummata Jumlaan Diinomfatuufii Gochaa Ajjeechaatiin Nagaan Waaraan Argamu Hin Jiraatu!”
*********
Haala Yeroo Oromiyaa Irratti Ibsa Ijjannoo Koongirasii Federaalawaa Oromoo(KFO) Irraa Kenname.
=========
KFOn haala yeroo Oromiyaa baldhinaan erga gamaaggame booda ibsa ijjanoo armaan gadii kana baasee jira. Humnoota Mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) jiduutti walwaraansa gaggeeffamaa jiruun walqabatee yeroo adda addaatti Oromiyaa keessatti ajjeechaan suukaneessaa ta’e namoota nagaa irratti irra deddeebiin raawwatamuun isaa ni yaadatama. KFOnis walwaraansi kuni dhaabbatee rakkoon siyaasaa mariidhaan furmaata siyaasaa akka argatu irra deddeebiin yaamicha gochaa turee jira. Haata’u malee yaamichi nagaa keena gurra dhabee mootummaan waraana waan itti fufeef dhumaatiin saba keenyaa hammaatee itti fufee jira. Yeroo ammaa kanattis humnoonni mootummaa ‘duula sakatta’a WBO’ jedhuun sochii Haagayya 1, 2015 irraa kaasee hanga Haagayya 4, 2015 ALItti Godina Shawaa Lixaa Aanota Amboo, Cobii, Daannoo, Gindabarat, Ilfataa, Iluu Galaan, Liiban Jaawwii fi Midaa Qanyii tti taasisaniin qonnaan bultoota nagaa homaa quba hinqabne irratti ajeechaa,rasaasan madeessuu, saamicha qabeenyaa fi hidhaan jumlaa humnoota mootumaan bobbaaseen raawwatamee jira.

Keessumattuu duula haaloo ummata nagaa irraa bahuu fakkaatuun Haagayya guyyaa 4, 2015 ALI Aanaa Cobii ganda Bakkee Hoofuu jedhamutti gaggeefameen, namoonni 11 haala suukaneessaa ta’een humnoota mootummaatiin ajjefamanii jiru. Kanneen keessaa: Obbo Karrayyuu Araarsaa fi Aaddee Aaraarsee (Abbaa warraa fi Haadha warraa kan ta’an); Obbo Gurmuu Jifaaraa, Obbo Tasfaayee Jifaaraa fi Dargaggoo Abarraa Jifaaraa (Obbolaa miseensa maatii tokkoo kan ta’an); Obbo Fiixaa Milkeessa, Obbo Mogoraa Milkeessa ( Miseesa Maatii tokkoo kan ta’an); Maanguddoo Dhugaasaa fi Aaddee Xuruu Yaadasaa (Abbaa fi Haadha warraa kan ta’an) mana jireenyaa isaanitti irra deemuun rasaasan kan ajjeefaman yoota’u; Dargaggoo Tolasaa dirribsaa fi Obboo Girmaa Bakaraa eddoo hojiitti karaa irra otuu deeman rasaasan rukutamanii kan ajjeefamaniidha. Kanaan alattis amoonni 5 rasaasan madeeffamanii karaa irratti kan gataman yoo ta’u, 30 ol kan ta’an hidhamuu fi qabeenyi isaanitis saamamuu isaa miseensotaa keenya fi jiraattota naannichaa irraa mirkaneeffannee jirra.Ajeechaan aanaa Cobiitti gaggeefame kan umrii fi saalaan adda hin baafannee yoo ta’u namoota nagaa ajjeefaman kana keessas dargaggoota, maanguddoota umrii 70 olii, haadholii harma hoosisanii fi daa’imman umriin isaanii waggaa 11 ta’an keessatti argamu. Aanaa Dabalataan Aaanaa Liiban Jaawwitti maanguddoo umrii 70 kan ta’an Obbo Guddisaa Nagawoo guyyaa Haagayya 2, 2015 ALI namoota 40 olwaliin erga ukkamsanii fuudhan booda, reebicha irratti gaggefameen lubbuun isaanii dabree jira. Maatiin isaanii guutuunis akkuma ukkaamfamanii hidhamanitti jiraachuun hubatamee jira. Aanaa Ilfaattis ukkamsaan, reebichaa fi saamichi baldhinaan gaggeefamaa jira.

Haaluma walfakkaatuun Haagayya guyya 1, 2015 ALI Godina Arsii Aaanaa Martii Magaalaa Abboomsaa Gana 02 tti humnoonni mootummaa nama nagaa Obbo Ziyaad Haajii jedhamu hojii irraa gara manaa galu irratti miseensonni raayyaa ittisaa dhukaasuun kan ajjeesan yoo ta’u dubartii fi daa’ima waliin jiranis rasaasan madeessanii Hoospitaala Adaamatti yaalamaa jiru. Kana malees ji’a Adooleessa bara 2015 ALI Godina Jimmaa Anaa Geeraa Ganda Borchoo Deekkaa akkasumas Aanaa Saxxamaa keessatti qonnaan bultoota dhimma xaa’oo gaafii gaafatan irratti gochaa kabajaa namummaa mulquun ummata duratti baasanii jilbeefachiisuun qaceen tumuun gaggeefame suursagaleen isaa marsaalee hawaasa irratti muldhatu namoota eddoo san jiran irraa qaaman nubira dhufuun mirkaneessanii jiru. Manneen hidhaa Itophiyaa keessatti tumichi baldhinaan garuu dhoksaan akka gaggeefamu kan beekkamu yoo ta’u; ummata duratti baasanii kabajaa namummaa haala mulquun jilbeefachiisanii qaceen tumuun; tuffii ummataafi fi seera dhabdummaan sirnichaa sadarkaa dhokfachuu hin barbaanne irra gahuu isaa kan mirkaneessu.

Tarsiimoo “Qurxummiicha dhabamsiisuuf galaanicha gogsuu” jedhu kan hordofu mootummaa Bilxiginnaatiin ajjeechaan, tumichii, hidhaa fi saamichi namoota nagaa irratti jumlaan bifa sirnaawaa fi duula haaloo bahuu fakkaatuun gaggeefamaa jiru kuni, kaayyon isaa, ummata Oromoo rifaasisuu fi qora qalbii isaa cabsuun jilbeefachiisuuf tarkaanfii abdikutannaan fudhatamaa jiru ta’uu isaa ifa galaa jira. Ummanni Oromoo maqaa isaatiin daldalaamaa jiruu fi saboota birootiin akka bulguutti akka lakkayamu godhamaa jirus, bu’aan sirnicha irraa argate haal seenaa keessatti hin muldhanneen ajjeefamuu, hidhamuu, saamamuu fi namumman isaa irraa mulqamee addababayitti qacceen tumamuu ta’eera. Kana malees, kufaatii diinagdee fi qaalayiinsa jireenyaa sirnichi fideef gaafii ummanni gaafatuuf deebiin kennamu ajjeechaa, hidhaa saamichaa fi tumicha addabaabayii ta’uun isaa; sirnichi ummata Oromoofis ta’e sabootafii sablamoota Itoophiyaatiif tarkaanfii humnaa malee furmaata tokkollee akka hinqabne ifatti kan muldhiseedha. Haaluma kanan tarkaanfiin ajeechaa jumlaa Aanaa Cobii ganda Bakkee Hoofuu jedhamutti qonnaan bultoota irratti gaggeefamaa jiru, calaqqee furmaata burqisiisuu dadhabuu sirnichaatifii illacha diimummaa inni ummataaf horateeti jennee amanna.

KFOn gochaawwan ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi tumicha addabaabayii namoota nagaa irratti gaggeefame kana cimsee balaallefata. Namoota ajjeefamanifis gadda itti dhagahame ibsachaa lubbuu isaaniis jaannataan akka qananiisu kadhata; maatii fi firoottan isaanitiif jajjabina hawwa. Aangawoonni siyaasaa fi hooggantoonni waraanaa gochaa kana ajajan fi hojitti hiikan qaama idil adunyaa bilisa ta’een adda baafamanii akka seeratti dhiyaatan gaafanna. Kana malees waraanni Oromiyaa keessa gaggeeffamaa jiru humna rasaasatnii akka hin furamne hubatamee, humnoonni lamaan waraana keessa jiran ummaticha jiddutti miidhamaa jiruuf dursa kennuun gara marii arraaratti akka deebi’an irra deebiin gaafanna. Jaarmiyaaleen idil adunyaa fi biyyoonni biroo humnoonni walwaraa jiran lamaan gara marii araara nagaa jalqabameetti akka deebi’an dhiibbaa irraa eeggamu akka godhan irra deebiin gaafanna. Mariin nagaa gaggeefamu bu’a qabeessaafii nageenyaa waaraa kan fidu akka ta’u marii siyaasaa hunda hammate ta’u isaa barbaachisaa akka ta’e cimsinee hubachiifna.

Koongirasii Federaalawaa Oromoo
Haagayya 7/ 2015 ALI
Finfinnee, Oromiyaa

Photos from KFO Damee Finfinnee - OFC Finfinne Branch's post 09/07/2023

Gumiin Liigii Dubartoota KFO Milkiin Xumurame
*****
Gumiin Liigii Dubartoota KFO Adoolessa 1 fi 2, 2015 ALI Magaalaa Finfinnee waajjira muummee KFOtti gaggeeffamaa ture Miseensota Koree hojii raawwachiiftuu haaraa filachuun milkiin xumuramee jira.

Gumii kana irratti leenjiwwan hooggantummaa gara garaa ogeeyyiidhaan kan kenname yoo ta'u,haala yeroo biyyaa fi Oromoo, tarsiimoo fi kallattii qabsoo KFO irrattis mariin baldhaan gaggeeffamee jira. Gumiin Dubartootaa Dambii Ittiin Bulmaata Liigii Dubartoota KFO fooyya'es raggaasisee jira.Koreen filatames imaanaa itti kenname gahumsaan akka galmaan gahu abdii guddaa qabna.

Durataa'aa KFO kabajamoo Prof. Mararaa Guddinaa dabalatee Miseensonni Koree Hojiraawwachiiftuu KFO gumii kanaa irratti argamuun ergaa dabarsanii jiru.

Dubartoonni utubaa guddaa qabsoo Oromooti! Qabsoon Oromoo Hirmaannaa Dubartootaan utubame ni milkaaya!
KFOn dhaaba dhaloota haaraa Maatii hundaati!

Photos from KFO Damee Finfinnee - OFC Finfinne Branch's post 18/06/2023

Gumiin Liigii Dargaggoota KFO 2ffaan Milkiin Xumurame
*****
Gumiin Liigii Dargaggoota KFO 2ffaan Waxabajjii 10 fi 11, 2015 ALI Magaalaa Finfinnee waajjira muummee KFOtti gaggeeffamaa ture Miseensota Koree haaraa filachuun milkiin xumuramee jira.

Gumii kana irratti leenjiwwan hooggantummaa gara garaa ogeeyyiidhaan kan kenname yoo ta'u,haala yeroo biyyaa fi Oromoo, tarsiimoo fi kallattii qabsoo KFO irrattis mariin baldhaan gaggeeffamee jira. Gumiin Dargaggoo Dambii Ittiin Bulmaata Liigii Dargaggootaa KFO fooyya'es raggaasisee jira.Koreen filatames imaanaa itti kenname gahumsaan akka galmaan gahu abdii guddaa qabna.

Durataa'aa KFO kabajamoo Prof. Mararaa Guddinaa dabalatee Miseensonni Koree Hojiraawwachiiftuu KFO xumura gumii kanaa irratti argamuun ergaa dabarsanii jiru.

Dargaggoon lafee dugdaa qabsoo Oromooti! Qabsoon Oromoo humna dargaggootiin utubame ni milkaaya!
KFOn dhaaba dhaloota haaraati!

17/06/2023

Dandeettii gaggeessummaa dargaggootaa ga'oomsuuf leenjiin 'Gumii Liigii Dargaggoota KFO Marsaa 2ffaa" Waxabajjii 10-11, 2015 guyyoota lamaaf turu har'a Waajjira Muummee Koongireessii Federaalawaa Oromoo Finfinneetti jalqabee jira.

Photos from KFO Damee Finfinnee - OFC Finfinne Branch's post 29/05/2023

Fooyya’insa Heera Mootummaa FDRI Irratti Qorannaa Dhaabbatni Qo'annaa Imaammataa Itiyoophiyaa Taasise Jedhe Ilaalchisee Ibsa Ejjannoo Koongireesii Feedaraalawaa Oromoo (KFO) irraa Kenname
*******
"Maqaa Fooyya’iinsa Heera Mootummaatiin
Bu'uurri Sirna Federaalizimii Sab-daneessaa fi Biyyattiin Gara Diigamuutti Deemaa Jirti"
======
Dhaabbatni Qo’ataa Immaammataa Itiyoophiyaa jedhamu keeyyattootaafi yaadota utubaa Heera Mootummaa Feedaraalaa Diimookiraatawaa Reeppapilika Itiyoophiyaa (FDRI) ta’an keessaa ofiif filachuun seensasaafi Asxaa dabalatee “Afaan Hojii MFDRI (Keeyyata 5), Aaangoo Birmaduummaa Sabaaf Sablammootaafi Ummattoota Itopiyaa (Keeyyata 8), Ijaarama (Keeyata 31), Mirga Ofiin of Bulchuu (Keeyyata 39), Hundeeffama Naannolee (Keeyata 46), Magaalaa Finfinnee (Keeyata 49) fi Seerummaa Paartilee siyaasaa sabummaarratti hundeeffamanii ilaalchisee fooyya’uu akka qaban qorannaadhaan irra gaheera.” jedhee ibsee jira. Koongireesiin Feedaraalawaa Oromoo (KFO)nis dhimma kana xiyyeefannoo addaatiin hordofuun rakkoowwan maaludaa (methodology), yeroomaa, aangoo qaama qo’annoo gaggeesseefi balaa bu’aan dogongoraa qo’annoon kuni fiduu danda’u bal’inaan gamaaggamee jira. Dhaabni keenya yaada hayyoonni seeraa, siyaasaa, seenaa fi kkf dhimicharratti qabaniifi miiraa fi faayidaa sabootaa, sab-lammootaa fi uummattoota biyya keenyaa erga madaalee booda qo’annoon kun fudhatama akka hinqabne ejjanoo qabaachuun yaada furmaataa jedhee amanu waliin akka armaan gadiitti kaa’ee jira.

Qabxiilee Qorannichaa fi Bu’aasaa Fudhatama Dhabsiisan Keessaa:

1/KFOn maaludaa (methodology) qorannoo dhaabbatni kun itti fayyadame dogoggora guddaa qabaa jedha. Jalqabarraa uffisniifi bakka bu’ummaan saamuda qorannoon kun itti fudhatame kan hanqina guddaa qabuufi bu’aa qoranicharra argamu shakkii keessa kan galchudha. Kunis, rakkoo namoota miiliyoona 120 hiikuuf saamuda 1,123 qofa fudhachuun isaa namoota 106,857 keessaa deebisaan nama 1(tokko)qofa akka ta’e yoo hubatamu, dhibbeentaan yoo ilaalamu deebsitootni (respondents) 0.0001% ta’uunsaa amanamummaan bu’aa qorannichaa duwwaa ykn zeerootti hiiqee waan argameefi.

2/Gamaaggama gadifageenya sanada qo’annoo kana irratti gaggeesineen, ilaachi keeyyattoota Heera Mootummaa fooyya’uu qaban jedhaman irratti maqaa qo’annootiin calaqqisiifame kuni bu’aawwan qo’annoo bilisaafi saayinsaawaan argaman osoo hintaane, haata’u jedhamee bu’aa ofii barbaadan akkataa burqisiisuu danda’uun kan bocame ta’usaa hubatameera. Keessumattuu, akkaataa dhaabbanni kun keeyyatoota Heera Mootummaa fooyya’uu qaban jedhee dursee filate; akkaataa gaaaffileen qo’annoof dhiyaatan itti bocamaniifi akkaataa saamuda itti funaannate yoo ilaallu; dhaabbatni kun dhaabbata bilisaa qo’ataa imaammataa osoo hin taane dhaaba siyaasaa yaada gar-tokkee ofii hordofu bu’aa qorannootiin mirkaneesuuf tattaafatu fakkaachuusaa hubanneerra. Heera mootummaa keeyyata 106 qabu keessaa keeyyattootni sirna federaalizimii sab-daneessaaf bu’uura ta’an qofa filatamanii maaliif addatti qorataman kan jedhuuf deebii quubsaa hinkennu. Biyya ummanni %86 jiraataa baadiyyaa ta’e keessatti deebistootni qo’annichaa %79 jiraattoota magaalotaarraa ta’uusaanii; magaalonni saamudni irraa funssname kan guutuu biyyaa bakka hinbuune ta’uunsaanii kanuma mirkaneessa. Kanaafuu qo’annaan kun rakkoo hiikuuf osoo hintaane walitti bu’insa babal’isuuf, tarree hawwii garee tokkoo calaqqisiisuuf sanada siyaasaa qophaa’edha waan ta’eef, KFOn qo'annichaa fi bu’aasaa hinfudhatu; yaada furmaataa qo'annoo kanarratti hirkatee Heera Mootummaa fooyyessuuf dhiyaates dogongora waan ta’eef cimsee balaaleffata.

3/KFOn qo’annoon kun yeroo isaa kan hineegganne jedhee amana. Biyyi keenya waggootii kudhanii asi gaaga’ama siyaasaa cimaaa keessa jirti. Keessumattuu waggoota shanii asi walwaraansa hamaa keessa kan turtee fi ammallee kan itti jirtu ta’uun ni beekama. Bu’urri walwaraansaas kallattii siyaasaa dogongoraa mootummaan Bilxiginna qabateefii sirna Federaalizimii Sab-daneessaa laaffisuun mirgoota ofiin ofbulchuu naannolee danquuf tattaaffiiwwan gaggeefamaa jiranrraa kan burqe jennee amanna. Yeroo akkanaa kana keessatti waa’ee fooyya’insa Heera Mootummaa haasa’uun waraanni jiru akka dhaabbatu osoo hintaane akka cimee itti fufuufi babal’atu daandii saaquu akka ta’e KFOn hubatee jira. Muxannoowwan biyyoota birooorraa akka baramutti, osoo walwaraansi hindhaabbatiin; mariin biyyoolessaa hunda galeessaa gaggeeffamee wantoonni Heera Mootummaa fooyyessiisuu danda’an hin murtaa’iin; fedhii garee yookaan paartii tokkootiin gara Heera Mootummaa fooyyessuutti saffisaan deemuuf haala fakaaatuun qo’annichas ta’ee bu’aansaa yeroo ammaa dhiyaachuunsaa dogongora jedhee KFOn amana.

4/Amanummaa bu’aa qorannoo dhaabbata kanaa kanneen kuffisan qabxiiwwan maaludaa armaan olii akkuma jiranitti ta’ee, bu’aan qorannoo kanarraa argames dogongoraafi qabatama lafa irra jiru kan hin ibsinedha jedhee KFOn amana. Keesumaa argannoon deebisitoota Naannoowwan Amaaraa fi Sidaamaa akka waan Federaalizimii Sab-daneessaa hinfudhannee fakkeeffamee dhiyaate kuni haala qabatamaa amma lafarra jiru wajjin kan walfaallessuudha. Kunis:-
4.1/Humnootni Amaaraa yero ammaa kana sabummaan ijaaramanii filannoorratti hirmaachuun paarlamaa keessatti hammatamanii falmachaa otuu jiranii; gariin isaanii immoo “Mirgi sabummaa keenyaa akka kabajamuuf biyya Amaaraa ijaaranna” jedhanii maqaa “Faannoo” jedhuu fi dhiyeenya kanammoo maqaa “Adda Uummata Amaaraa” jedhuun of ijaaranii bosona galuun lola gaggeessaa otuu jiranii, ‘ijaarsa sabummaa hin deeggaran’ jechuun qoosaadha.
4.2/ Ummanni Sidaamaas mirga naanoo ofii jalatti ofiin ofbulchuu kabachiisuuf barootaaf erga qabsaayee booda waggaa lama dura riifarandamiin mirga falmatee kabchiise haala faallessuun “Mirgi sabootaa Heera Mootummaarraa akka haqamu yaada kenne” jechuun kan dhugaarraa fagaateedha. Kanaafis bu’aa qorannoo kanaa ilaalchisee balaaleffachuun ibsa ejjennoo dhaaba mormituu “Paartii Feederaalisitii Sidaamaa” jedhamuun kenname ilaaluun gahaadha jedha.

5/Akka KFOtti, Dhaabbatni Qo’annoo Imaammataa qaama hojiraawwachiiftuu ta’e kuni, sabootaa biyya kanaa biraa amantummaa osoo hinargatiin Heera Mootummaa dhiigaafi lafee uummataatiin argame kana akkuma salphaatti kophaasaa akka fooyya’uuf qo’annoo gaggeessuufis ta’ee tuquuf ga’umsaas ta’ee itti gaafatamummaa hinqabu jedhee KFOn amana. Dhimma Heera Mootummaa ilaalchisee osoo qaamni ilaallatu hundi mariyatee irratti walii hingaliin qorannoo dhaabbatni kuni taasise qofaarratti hundaayuun tarkaanfiin Heera Mootummaa fooyyessuu gaggeefamu kamuu fudhatama hin qabu jechuun ni morma.

6/Dhimmoonni fi keeyyattoonni Heerichaa akka fooyya’ann jedhamee qo’annoon irratti gaggeefame kunneen, kanneen utubaaleen Sirna Federaalizimii Sab-daneessaa irratti ijaaramaniidha. Haaluma kanaan bu’aa qorannoo kanaarratti hundaa’uun akka jijjiraman gochuun, fooyya’iinsa heeraa salphaa otoo hin ta’iin Heera Mootummaa bu’uurarraa jijjiruu kan hordofsiisuudha. Kana waan ta’eef maqaa heera fooyyessuutiin jijjiirraa Heera Mootummaa gaggeefamuuf deemu ni mormina.

7/Walumaagalaatii qorannoon kun walitti bu’insa kan babal’isuu fi sabaa fi sab-lammoota biyya kanaa qabsoo yeroo dheeraan booda mirgoota eenyummaa isaanii kabachiisu Chaartera Mootummoota Gamtoomanii, Labsii Mirgoota Namoomaa Waliigalaa, Chaartera Gamtaa Afriikaa fi Heera Mootummaa FDRI keeyyata 13tiin argatan haala cabsuun kan gaggeeffamee fi biyya kana keessatti ol’aantummaa gar-tokkee babal’isuuf mootummaan baajata itti baasee kan hojjete waan ta’eef KFOn gonkumaa hin fudhatu.

Dhuma irratti, KFOn Heerii Mootummaa gonkumaa hin fooyya’u ejjannoo jedhu hinqabu. Garuu fooyya’iinsa Heera Mootummaa dura wantoonni guutamuu qaban hedduuti jira jedhee amana. Biyyi keenya gaaga’ama walxaxaa kana keessa akka baatuufis:
1/Warreen yeroo ammaa walwaraanaa jiran, humni nageenyaa mootummaa FDRI fi Waraanni Bilisummaa Oromoo (ABO-WBO)n wal waraansa hattattamaan akka dhaaban KFOn irra deebiin gaafata.

2/Mariin Biyyoolessaa hunda haammataa ta’e qaama bilisaafi amanamaa ta’een qophaahuun dhimmoonni walitti bu’insaafi wal waraansaaf sababa ta’an addaan bahanii furmaata argachuun nageenyi waaraa ta’e akka uumamu KFOn cimsee gaafata.
3/Heera Mootummaa fooyyesuun yoo barbaachisaa ta’es, Marii Biyyoolessaarratti hundaa’uun dhimmoota Heera mootummaa fooyyessudhaaf sababoota ta’an jedhamaniifi waliigalamanirra dhaabbachuun Koomishinii Heera fooyyessu, kan hundi irratti amanan dhaabuun; yookaan immoo akkaataa Heera Mootummaa FDRI keeyyata 104 fi 105-tiin adeemsi fooyya’insa Heera Mootummaa FDRI akka taasifamuufi fuulli keenya gara nageenya waaraa fi misooma hunda haammateetti akka fuulleffatuuf KFOn cimsee ni gaafata.

Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO)
Caamsaa 21, bara 2015 ALI
Finfinnee, Oromiyaa

Want your organization to be the top-listed Government Service in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Videos (show all)

Ibsa haala yeroo irratti paartiin keenya KFOn miidiyaaleef kenne Kutaa 1በወቅታዊ ጉዳዮች ላይ ፓርቲያችን ኦፌኮ ለሚዲያዎች የሰጠው መግለጫ  ክፍል 1

Address

Addis Ababa
Other Political Organizations in Addis Ababa (show all)
African Union African Union
Addis Abeba
Addis Ababa, 1111

A UNITED & STRONG AFRICA

Qabsoo Bilisummaa Qabsoo Bilisummaa
Finfinne
Addis Ababa, 2560

Injifannoon Kan Abbaa dhugaati

GMN Grand Media Network GMN Grand Media Network
Addis Ababa

Manegment

Bole Wereda 1 Prosperity Party ብልጽግና Bole Wereda 1 Prosperity Party ብልጽግና
Bole Michael
Addis Ababa, G.P.O

ይህ በቦሌ ክ/ከተማ ስር በሚገኘው በወረዳ 1 ብልጽግና ፓርቲ የ?

Anwar Tuti Anwar Tuti
Somaliya
Addis Ababa, HADLIYAAAA

Addis Ketema Woreda 6 Prosperity Party-ብልፅግና Addis Ketema Woreda 6 Prosperity Party-ብልፅግና
Addis Ketema
Addis Ababa

ለሁሉም ዜጋ ብልፅግናን ለማረጋጋጥ እንሰራለን

Free state movement for Addis ababa Free state movement for Addis ababa
Addis Ababa

Political

Imala Haqaa Imala Haqaa
Addis Ababa

Kaayyoon Kenya haqaa dhokate basne baketi mulisudhaa kanafu nu hordofun haqaa cina dhabachun eru nun

Paartii Badhaadhinaa Kutaa Magaalaa Araadaa Paartii Badhaadhinaa Kutaa Magaalaa Araadaa
Belay Zeleke Street, Pissa Road
Addis Ababa, 251,56

providing facts of prosperity party

Abdallaa  Zeenu Abafogi .Follow Abdallaa Zeenu Abafogi .Follow
Jiimmaa
Addis Ababa