Shaggar Times

Shaggar Times

Kaayyoon keenya odeeffannoo wayitaawaa fi waktaa dhimmoota Oromiyaa fi Itoophiyaa isiniif qooduudha.

08/08/2024

Obbo Fiqaaduu Tulluu Hoggantoota Aantummaa Ummataa qaban muraasa keessaa tokko.



Hoggansa Aantummaa Ummataa qabu jechuun hoggansa Hojii itti laatame quuqamaa fi xiiqiin hojjatu, dantaa dhuunfaatiif osoo hin taane ummata isaa jijjiiree hiyyummaa keessaa baasuuf ifaaju, kan hin hanne, kan hin hachisiisne jechuudha. Obbo Fiqaaduu Tulluu nama namummaadhan jabaa, hubataa, beekaa, gaggeessaa cimaa yaada namaa hubatu, hooggansa aantummaa uummata isaa qabuudha. Bulchaa kutaa Magaalaa Koyyee Faccee kan ta’e Obbo Fiqaadun kutaa magaalichaatti hojiilee fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessanii fi fakkeenyummaa qaban gurguddaa hojjachaa jira.
Hoggansa ummata isaaf waan gaarii hojjate jajjabeessuun hoggantoota akkasii hedduu horachuuf barbaachisaa waan ta’eef Jabaa keenya jabeessuu qabna!!

Photos from Shaggar Times's post 05/05/2024

Sagantaan Maaddii Qoddannaa Kutaa magaalaa Kooyyee Facceetti gaggefame.

Baga Guyyaa Ayyaana Yaadannoo Du'a Ka'a Gooftaa Iyyesuus Kiristoositiin Isin Gahe, Baga Geettan, Baga Geennee!!!

Akka Aadaa, Duudhaa fi Safuu Oromootti Kan Beelaye Nyaachisuun, Kan Dheebote Obaasuun, Kan Daaree Daaraa Baasuun Wolbira Dhaabachuun Gocha Eebbifaama Waaqi, Lafaa fi Namni Jaallatuu Ta'u Dhalannee Itti Guddannee.Kanaaf Nuutis Ayyaana Sababeeffachuun Guyyaa Har'aa Namoota Harka Qalleeyyii Waliin Ayyaana Dabarsuu Filachuun keessan Baay'ee nama boonsa. Namummaa Fi Obbolummaan Jechaa Fi Gocha Qabatamaatin.
Hunda Hundaaf Hundumaan Hojjannaa.

14/04/2024

Shaggar lafa "Shaggaa" Giddugala dinagadee fi Misoomaa.Magaalaa Seena qabeettii.

Bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa caba siyaasaa, dinagdee, eenyumaa fi Afaanii naannoo kanatti Uummata keenya irra ga'e deebisuuf magaalaa bareedduu, simbo qabeetti magaalaa Shaggar hundeesse.

Magaalaan Shaggar hundeeffama ishee irraa jalqabee hojiilee dinqii gama siyaasaan, dingadee fi hawaasummaan hojjattee jirti.

Har'a hojiilee gama Caarraa hojii uumuu fi Oromoo dinagdeen cimsuutiin kutaalee magaalaa hundaatti hojjatamaa jiran fakkeenyummaa olaanaa qabu.

Keessaattuu hojiileen Inisheetivii qonnaa fi jallasii bonee sadarkaa biyyaatti fakkeenyummaa qaban SHAGGAR keessaatti umurii waggaa tokkootti hojjatamaniiru.

Paartiin badhaadhinaas ta'ee mootummaan ijjannoo guutuudhan badhaadhina biyyaa fi Ummataa milkeessuuf halkanii guyyaa hojjachaa jira.

Daandiin keenya Ida'aamuu Galmi keenya Badhaadhina!

13/04/2024

Gaachanni Sirnaa Waabii Nageenyati!!

Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhitti eebbi gaachana sirnaa bifa hoo'aa ta'een kabajamee jira.Humna waloo akka Naannoo Oromiyaatti qabnu keessaa fi inisheetivii mootummaa naannoo oromiyaa kan ta'e fi aadaa sina gadaa keessaa madde Gaachanni sirnaa isa tokkoodha.Haluma kanaan leenjifamtoonni miseensa gaachana sirnaa guyyoota 15 leenjii siyaasaa fi loltummaa fudhachaa turan guyyaa har'aa bakka keessummoonni kabajaa magaalaa Shaggar irraa argamanitti eebbifamanii jiru.Sagantaa eebba kanaa irratti kan argaman Itti gaafatamaan Siyaasa Paartii Badhaadhinaa damee magaalaa Shaggar Obbo Gammachis Tamasgeen haasawa taasisaniin, humni leenji'e kun humna Magaalli Shaggar itti abdatuu fi itti amanuudha.Leenjii fudhattan kanaan nageenya naannoo keessanii akka waarissitaan dhaamsa dabarsaa, dhuma irrattis teessoon mootummaa Federaalawaa Finfinneen kan farfaamtee argamtu isiniin waan ta'eef diinni isiin keessa akka hin qubannee fi hin darbine cichitanii akka eegdan isiniif dhaama jechuun ergaa isaanii dabarsanii jiru.Bulchaan Magaalichaa Obbo Caalaa Adaree qaama leenjii kana keessatti gahee taphate hunda galateeffachuun, ergaa dabarsaniin; Eebba kana adda kan taasisu yeroo finxaleeyyiin fi fakkaattonni isaanii abdii itti kutanii fi dadhaban ta'uu isaa eebba kana adda taasisa.Kana keessatis gaheen isin taphaachaa turtan guddaa fi olaanaadha waan ta'eef amma immoo humna leenjii dabalatee fi gahumsa argattan waan taataniif abdi guddaa dachaan isinirraa qabna. Jechuun ergaa isaanii dabarsanii jiru.

08/04/2024

Oomisha Kuduraa Manduubee Teeknolojii Drip irrigation Jedhamuun Hojjettamme.

Inisheetivii Mootummaan diriirse keessa Oomish kudura fi muduraa teknoolojii fayyadummuun omishtummaa dabaluudha.
Bu'uuruma kanaan Inisheetivii akka mootummaatti xiyyeefatame kana galmaan ga'uuf Bulchaan Magaalicha Obbo Caalaa Adaree hojii agarsiistuuf ta'u mooraa bulchiinsa kutaa magaalaa keessatti jalqabsiisuun, yeroo amma kana bu'aan argamee jira.Hojii agarsiftuu kana irrattis dubartoonni harka qalleeyyii ta'aan akka gurma'aanii hojjataan taasiisun yeroo ammaa kan kuduraa organic composti qofaan biqile gurgutaaf olaa jira.Milka'ina hojii kanafis waajjirri qonna magaalichaa hordooffii fi geeggarsa gochuun shoraa isaa taphatee jira.

Photos from Etv Afaan Oromoo's post 06/04/2024
28/03/2024

Bulchiinsi Magaalaa Shaggar Hojii Boonsaatti jira!!

Guyyaa har'aa Magaala Shaggar Kutaa magaala Galaanitti manneen jireenyaa hirmaannaa ummataan ijaaraaman qaamolee nageenya mirkanessuu keessaatti aarsaa kaffalan kanneen akka poolisii fi miseensa Humna Raayyaa biyyaa dabalatee namoota harka qaleyyii tahaniif dabarfamee laatameera.

Hojiin gaggaarii akkasii itti fufuu qaba jenna!

26/03/2024

''Maddi walitti bu'iinsa biyya keenyaa aadaa siyaasaa duubatti hafaa waan ta'eef paartiin keenya ilaalama kana sirreessuuf hojjata''.

Obbo Alamaayyoo Tulluu I/G W/Paartii Badhaadhinaa Damee Bul.Ma. Shaggar

26/03/2024

Diinagdeen dhufu lafa gurguraniif otoo hin taane lafarratti waan oomishametu diinagdee uuma.
Kanaaf immoo Sirna Cimaa diriirsaa jirra.Shaggar alseerummaa lafarratti hojjetamu kamiifuu obsa hin qabu. Gaaffii yerootiif yoo ta'e malee qaamota hannarratti bobba'an kamiyyuu kunnee ganna.

Dr. Tashoomaa Addunyaa
Sad. itti aanaa MNOtti Kantiibaa Magaalaa Shaagar

22/03/2024

"SHAGGAR MAGAALAA DHALOOTA HAARAA, ABDII DHALOOTA EGEREE!!

Akkuma kana dura jenne Shaggar magaalaa miidhagduu, hawwattuu, ammayyooftuu, teknooloojii ammayyaan dagaagde, jireenya hawaasaaf mijattuu, carraa hojii garaa garaa lammiileef uumtu, magaaalaa taate ijaaruuf kan hundoofteedha. Magaalaan qulqullinni ishee hin eegamnemmoo Magaalaa ammayyooftuu jechuunii hin dandeenyu. Kanaaf, walii galteen har’a mallattaa’e kuni “dhagaa tokkoon sinbira lama” akkuma jedhamu san gama tokkoon balfaa Magaalaa dhabamsiisaa, gama biroon ammoo anniisaa elektirikii maddisiisuun fedhii anniisaa elektirikii hawaasni keenya qabu deebisuu irratti hamma tokko gahee isaa ni taphata.

Egereen keenya tarkaanfii har’a fudhannurratti hundaa’a!"

Dr Teshome Adugna

12/03/2024

"Wanti nuti ida'amnuuf boru waliin ijaaruuf, keessummoota keenya jaalalaan simachuu fi keessummeessuuf, dadhaboo gargaaruu, waan qabnu qooddachuu, cimnee hojjechuuf, warra nu balleessaniif dhiifama gochuuf, waan hunda jaalalaan mo'achuuf, egeree keenya wal nyaachuurra gargaaruudhaaf, wal Dhiibuu mannaa wal hammachuu akka nuuf ta'uufi."

Obbo Alamaayyoo Tulluu
I/G W/ Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Shaggar

10/03/2024

Finxaalessummaan kan eenyufiyyuu hin mijanne daandii warra mo’amaniiti.

Jaarraa kanatti kan nubaasu daandii warra mo’amanii kan ta'e karaa finxaalessummaa fi ''Ana malee jechuu'' osoo hintaane miira obbolummaatiin gara fuulduraatti tarkaanfachuudha.

Rakkooleen keenya irra caalaan isaa kan walooti. Rakkoon walootiif ammoo furmaata waloo barbaaduu qabna.
Rakkooleen belbeltuun harkaa nuqabdu duubatti hafummaa, hiyyummaa, hanqina dhaabbilee walabaa, finxaalesummaa, hannaa fi gufuulee biroo yoota'an rakkinaalee kanneen irra aanuun galma badhaadhinaa milkeessuu kan dandeenyu madda rakkoolee waloo kanneen irratti walii galuun furmaata waloo yoo keenyee irratti dalagne qofa.

Obbo Alamaayyoo Tulluu
Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhina damee Magaalaa Shaggar

10/03/2024

Sosochiin qulqullina Magaalaa eeguu cimee itti fufuu qaba!

''Sosochiin duulaa qulqullina magaalaa qulqullina naannoo ofii eeguun fayyaa ofii gama mirkaneessuutiin hubannoo hawaasaa uumuuf shoora guddaa waan qabuuf jajjabeeffamuu qaba.''

Kantiibaa Magaalaa Shaggar Dr.Tashoomaa Addunyaa

01/03/2024

Hoggansi Magaalaa Shaggar hojii qabatamaatti fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessu hojjachuutti jira!

***********
Shaggar Guyyaa kaleessaa dhaadannoo ''Mana Tokko Haadha Tokkoof!'' Jedhuun Kutaa magaalaa Kuraa Jiddaatti Manneen Sadarkaa Isaanii Eegamuun Hojjetaman Namoota Harka Qalleeyyiif Bakka Sadarkaa Itti Aanaa Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Kantiibaa Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa argamanitti dabarfamuun kennamaniiru.

28/02/2024

''Ispoortiin lammii fayyaaleessa, dammaqaa fi omishaa uumuun galma badhaadhinaa mirkaneessuu keessatti shoora guddaa qaba''

Obbo Alamaayyoo Tulluu
I/G Paartii Badhaadhina Magaalaa Shaggar

🏆🏆🏆🏆🏆🏆🏆

'Biyyi keenya Itoophiyaan gama ispoortiitiin dandeettii guddaa kan qabduu fi Biyya ispoorteessitoonni ajaa'ibaa itti dhalatanidha' kan jedhan obbo Alamaayyoon akka Mootummaa fi paartiitti lammiileen ispoortii irratti bal’inaan hirmaachuu akka danda'aniif haala mijataa uumuun lammii fayyaaleessaa fi dammaqaa uumuun akka danda’amuuf hojjatamaa jira.

Magaalli keenya Shaggaris galma badhaadhinaa kana galmaan gahuuf erga hundooftee kichuu taatus gama atileetiksii fi ispoortiiwwan adda addaatiin bu'aa jajjabeessaa galmeessaa jirti. Kanaaf agarsiiftuun atileetota 15 shaampiyoonaa Afrikaaf filachiisuun bu'aa gaarii abdii namatti horu galmeessuu isheeti jedhan.

Atileetonni Kilabii Magaala Shaggar akaakuu garagaraa irratti waldorgommii Qaxxaamura Biyyaalessaa Afrikaa Magaalaa Tuuniziyaatti tibbana geggeeffame irratti, biyya keenya bakka bu'anii hirmaatan keessaa Atileet Xinabab Asras dhuunfaan sadarkaa 3ffaa, gareedhaan 1ffaa fi badhaafamtuu Warqii yeroo taatu, Atileet Addisuu Nagaash gareedhaan 2ffaa fi badhaafamaa Meetii ta'ee jira. Atileet Daadhii Duubee Riillee irratti sadarkaa 2ffaa fi badhaafamtuu Meetii akkasumas Atileet Yaalgaa Sawaagany gareen 2ffaa bahuun badhaafamtuu Meetii taatee jirti.

Walumaa galatti, atileetonni Shaggar biyyaaf medaaliyaa Warqii tokko, Meetii sadii fi Naasii tokko waliigala meedaaliyaa 5 argamsiisanii jiru.

27/02/2024

"Dargagessi keenyaa Gabrummaa Hiyyummaa jala bahuun Injifannoo ADUWA Abbotiin isaa galmeesse irra deebi'uu qaba"

Obboo Gammachis Tamasgeen

W/P/Badhadhina Magaalaa Shagaritti I/G Damee Siyaasaa

********
Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Mariin Dargagootaa Mata duree "Nageenyaa itti fufiinsa Qabuu fi Ijaarsa Biyyaaf"jedhuun Gaggeeffamaa Ture Qophii Marii Addaatiin Goolabamee Jira.

Saganticharratti hoggantooda argaman keessaa itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Shaggar Obbo Gammachiis Tamasgeen dargaggoon humna biyyaa ta'uu eeruun abdii har'aafi egeree ta'uun hubatamee humna kana cimsuun barbaachisaadha jedhan. Kanaaf dargaggoota waliin mari'achuun dhimma ijoo fi xiyyeeffachuun hojjechaa jirra jedhan. Seenaa Adawaa keessatti akkuma seenaa galmeessine ammas biyyaa keenyaaf nageenya waarawaa fiduun dargaggoon gahee isarraa fiduu qaba.

26/02/2024

☎️☎️☎️☎️9980☎️☎️☎️☎️

Sarara bilbila bilisaa yaada Ummataa Magaalaa Shaggar

Baga nagaan gara Sarara Bilbila bilisaa yaada ummataa Magaalaa Shaggar 9980tti nagaan dhuftan!
Bilisaan bilbilaa yaada, komii fi gaafii qabdan yeroo sa'aa mootummaatti fayyadamaa!!

26/02/2024

''Wabii midhaan nyaataa keenya mirkaneessuuf Qonni furtuu murteessaadha!''

Sadarkaa P/I'A MNO'tti Kantiibaa Magaalaa Shaggar Dr.Tashoomaa Addunyaa

Dr.Tashoomaan ergaa karaa toora miidiyaa hawaasaatiin dabarsaniin, Magaalota Oromiyaa hunda keessatti haala qilleensa naannawaa giddu galeessa godhachuun qonna magaalaaf xiyyeeffannoon addaa kennamee akka hojjatamuuf karoora mootummaan Naannoo keenyaa lafa kaa’e hordofuun Aanaalee Bulchiinsa magaalaa Shaggar jala jiranii fi qonna qamadiif mijataa ta’an irratti xiyyeeffannoo addaan hojjechuun wabii nyaata hawaasa magaalaa keenyaa mirkaneessuuf qamadiin Bonaa lafa hektaara 60,000 misoomuufi hojiiwwan qonnaa magaalichaa qorannoorratti hundaa'uun tekinooloojiin deeggarree baayyinaafi qulqullinaan misoomsuun sona itti dabaluun gabaaf dhiheessuuf hojjatamaa akka jiru ibsaniiru.

24/02/2024

“Paartiin keenya Itiyoophiyaatti duudhaa obbolummaa guddisuunf daandii ida’amuu hordofa. Yaadama ida’amuu dhawaata dhawaataan hojiitti hiikaa miira obbolummaa bakka riphee turee kan damqsuudha.”

Alamaayyoo Tulluu, I/G paartii Badhaadhinaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar

24/02/2024

Qabeenyaa Bosonaa qabnu haala ammayyaa’aan eeguu fi kunuunsuun uumama waliin walitti araaramuuf hojjechuu qabna.''

Dr.Tashoomaa Addunyaa

Dhaabbanni Bosonaafi bineensota Bosonaa Damee Finfinnee Dhiibbaa daangaa lafaa bosonaafi mancaatii bosonaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar hir'isuuf qooda fudhattoota waliin mariin gaggeesse. Marii kanarratti kam argaman Sad. P/I/A MNO'tti Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dr.Tashoomaa Addunyaa akka dubbatanitti qabeenya Bosonaa qabnu haala ammayyaa’aan eeguu fi kunuunsuun gahee inni guddina biyyaa keessatti qabu dhugoomsuuf hojjechuu qabna jedhaniiru. Kunimmoo gama biraatiin uumamaan walitti araaramuus jedhan. Ummannii fi biyyi uumamaan walitti araarameef ammoo imalli gara badhaadhinaa taasifamu gabaabaadha.

24/02/2024

Hoggansa hawaasa isaa hubatu qabaachuun carrummaadha!

****//*****

Bulchaan kutaa magaalaa laga xaafoo laga daadhii obbo caalaa Adaree hoggansa dargaggeessa yaadaa fi fedhii humna lafaa dhufaa hubatuudha. Hoggansaa fi qaamaa hawaasaa dhiibbaa guddaa uumuu danda’au (dargaggeessa) jidduu wal hubannoon jiraannaan ammoo galmi badhaadhina hawwinuu fagoo miti.
Guyyaa har’aa Shaggar kutaa magaalaa laga xaafoo laga daadhiitti dargaggootaaf mariin dhaadannoo “Adaawa nageenya itti fufinsa qabuu fi ijaarsa biyyaatiif” jedhuun kennamaa jira.

11/10/2021

Guyyaan

▶Marsaa 14ffaaf guyyaa har’a guutuu biyyaatti mata duree "Birmadummaa Guutuun Boqonnaa Haaraatti Olka’iinsa Alaabaa Keenyaaf" jedhuun ni kabajama‼️

04/10/2021

Good Luck!
Carraa Gaarii!

01/10/2021

Duudhaa Nageenyaafi Araaraa.

Ardaan, Horri ykn bakki Irreechi Oromoo itti gaggeeffamu kamiyyuu bakka nageenyaafi araaraati. Bakka garaa qulqulluun, qalbii qulqulluun, haaloo ykn gadoofi hijaa baafannaa tokko malee nageenyaafi araara itti labsanidha. Kan haaloo, jibbaafi wal dhabdee wal irraa qabu osoo hin araaramiin ykn osoo nageenya hin buusiin, kan ajjeesee gumaa osoo hin baasiin, kan harki isaa qulqulluu hin ta’iin Ardaa ykn Malkaa Irreechaa hin dhaqu; akka aadaa ummatichaattis dhorkaadha.

Akka Duudhaa Oromoo ganamaatti, Irreechi osoo hin gahiin dura Abbootiin Gadaa Araddaa ykn Caffee isaaniitti, caaseffama sadarkaa sadarkaan jiruun rakkoo jiru hiiku; kan wal dhabe walitti araarsu; kan wal ajjeese gumaa akka baasu godhu. Nageenyiifi araarri duudhaa Irreechi qabu keessaa isa tokko waan ta’eef, guyyaa Irreechaa nagaatu labsama; nagaatu leellifama. Irreecha irratti nagaatu barsiifama; nagaatu baratama. Nagaan maatii waliin jiraachuu, nagaan ollaa waliin jiraachuu, nagaan ummata bal’aa waliin jiraachuu, nagaan uumaafi uumama waliin jiraachuutu labsama. Bakka Irreechaa bakka araarri itti labsamudha. Bakka araarrii Waaqaafi lafaa, araarri uumaafi uumamaa itti labsamu; itti kadhatamudha. Iddoon Irreechaa iddoo ummatichi waan balleessetti, waan yakketti Waaqayyoon araara itti gaafatudha.

Namoonni osoo hin yaadiin wal dhaban illee yeroo itti araara waliif taasisani. Kanaaf, Irreechi iddoo araaraati; bakka araarri Waaqaa itti bu’udha. Oromoon dubbii isaa keessatti, “Yoo namni walitti araarame, Waaqnis namatti araarama” kan jedhuuf kanumaafi.
Guyyaa Irreechaa eebba abbootii Gadaafi manguddoota Oromoo keessatti nagaafi araaratu labsama.
Ebbi afoolaa armaan gadiis kanuma agarsiisa.

Hayyee! Hayyee! Hayyee!
Waaqa uumaa
Waaqa uumamaa
Waaqa jechuun kan hundaa
Lafa jechuun kan hundaa
Waaqa Saglan Booranaa
Waaqa Sagaltama Gabraa
Waaqa Torban Baarentummaa
Waaqa Ciicoo Gurraattii
Waaqa Bokkuu Gurraachaa
Gurracha garaa garbaa
Gumgumaa garaa cabbii
Leemmoo garaa taliilaa
Tokkicha maqaa dhibbaa
Uumaan si kadhanna nu dhagahi
Waaqni nutti araarami
Lafti nutti araarami
Malkaan nutti araarami
Tulluun nutti araarami
Ardaa Oromoo nagaa godhi
Hora Oromoo nagaa godhi
Malkaa Oromoo nagaa godhi
Tulluu Oromoo nagaa godhi
Qe’ee Oromoo nagaa godhi
Ollaa Oromoo nagaa godhi
Gooroo Oromoo nagaa godhi
Dachee Oromoo nagaa godhi
Oromoo nagaa godhi
Oromiyaa nagaa godhi
Itoophiyaa nagaa godhi
Nageenyi badhaadha,
Gadaan Rooba Nagaa!
Barri Quufaa Gabbina!
Gabbisi Waaq!

Photos from Oromiya-Post's post 21/06/2021

Magaalaa Awwadaayitti Hawaasni Magaalaatti Filaannoo Biyyooleessaa Marsaa 6ffaa karaa Dimookraatawaa taheen Filaachuu akkuma itti fufeeti jira.

Want your business to be the top-listed Advertising & Marketing Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address

Addis Ababa
1000

Opening Hours

Monday 08:30 - 17:30
Tuesday 09:00 - 17:30
Wednesday 08:30 - 17:30
Thursday 08:30 - 17:30
Friday 08:30 - 17:30
Saturday 03:00 - 16:30
Other Social Media Agencies in Addis Ababa (show all)
Kida Digital Solutions Kida Digital Solutions
Addis Ababa, 1874

Kida Digital Solutions is a full-service digital marketing agency.

Dubakko Dubakko
Addis Ababa

welcome to our official page. In this page you will learn more about content marketing and advertisi

እፎይ Advertising Ethiopia እፎይ Advertising Ethiopia
Bole
Addis Ababa

ሽያጭዎን ለማሳደግ ከእኛ ጋር ይስሩ፡፡ ለመሸጥ የፈለጉትን እቃ ወይም አገልግልዎት እኛ ለትክክለኛ ደምበኛ በተመጣጣኝ ዋጋ እናስተዋዉቅልዎታለን ፡፡

WDO Kolfee/Kolfe OUA WDO Kolfee/Kolfe OUA
Ethiopia � Hachalu Street
Addis Ababa

Volunteers

Tesloach Riek Jikany Tesloach Riek Jikany
Addis Ababa, 1000

https://youtube.com/channel/UCwI5ou16JhT7-ew--eaB0Pw

Sololo Intercept Sololo Intercept
Addis Ababa

Social media is the ultimate equalizer. It gives a voice and a platform to anyone willing to engage. Amy Jo Martin Amy Jo Martin

Ethioline Ethioline
Bole Roads
Addis Ababa, 251

ኢትዮላይን

Jossy Man Jossy Man
Addis Ababa

Speak the Truth

Ethio Boost Marketing Ethio Boost Marketing
Addis Ababa
Addis Ababa, 1000

A leading digital marketing agency in Ethiopia, dedicated to helping small businesses and individuals

EwketJobs EwketJobs
Addis Ababa

Pluto Agency Pluto Agency
Addis Ababa

Social Media Marketing Agency -Facebook,IG Ads -Youtube,tiktok ads -Social media automation -web devt