Kuusaa Walaloo fi Gammachuu Oromummaa

Kuusaa Walaloo fi Gammachuu Oromummaa

Page kanarratti walaloo fi gorsa garagaraa ni argattu

Photos from Kuusaa Walaloo fi Gammachuu Oromummaa's post 15/04/2021

Jarana maal taatanii?
Goototaaf hin boo'inaa
Borootti achi yaatanii.
Duutiif awwaalchi gootaa
Jireenyatti qoodamaa
Warra seenaa hojjeteef
Akkamittiin boo'ama

Warra dirree qabsootti
Dhiigaan barreesse maqaa
Warra lammiif of laate
Wareegamtoota haqaa

Warra morma isaaniitti
Gonfoo eenyummaa diratee
Gabrummaan jiraachuurra
Warra du'a filate...

Isaaniif hin boo'inaa
Iyyitanii ijibbaata
Gootni foonsaatiin miti
Hojii isaatiin jiraata

Guyyaa goota oromoo
Goota qomoo keessanii
Ebla 15baganagaan geessanii

14/04/2021
25/12/2020

Waan hedduu agarra
Guyyumaan guyyatti
Bal'ina moo rakkoof
Deemna fuulduratti???
Akkana mudannaa
Gonkumaa hin eegne
Sammuu bilisaatiin
Waan jiraannu seene
Silaa imalli keenya
Gara duubaa deemna
Barachuun nuuf tolee
Yoomuma jiraanna???

25/12/2020

Namni namaani namaa
Tokkee tahuun miidhama
Yaada taaytaan gamtoomaa
Nafaa surriin tokkoomaa
Jiruun wal dhabni hamaa
Walii yaadaa wal yaama
Walii dhaama

24/09/2020

Abbaan goota haacaaluu
Dhugaa jirtu dubbatee
Qaamnummaan biyya bulchu
Galaafachuu himatee

Asuma Aambo keessaa
Nama qarshiin bitanii
Oromoo tahuu qofaaf
Ilma koo ajjeesanii

Nuun hiine nuun jechaa
Daabboo qallabaa jiruu
Booda bilisa jechuufi
Oromoon koo haa baruu

17/09/2020

BARNOONNI FURTUU HIYYUUMMAA SAMMUUTI

Timeline photos 16/09/2020

Dhugaan silaan dhokatu
Kan fedhes haa jallisuu
Harr'a dhugaaf gammada
Warri qabsoo tinnisuu

Sabni oromoo bal'aan
Takkaa cal jedheen teenyee
Dirqama qabnu bahaa
Harr'a kanarra geenyee

Galata irraa dhabnus
Dhugaan nu dura fiigee
Waan hedduu yoo hojjetes
Dhiigni kaleessa jigee

Eeyyeen dhugaaf dubbanna
Sobaan wal hin faarsinuu
Warra biyya diiguuf
Yoomuu harkan kenninuu

Goota biyya jaaru
Nama heddus ni dhabne
Kana tikfachuuf ammoo
Dirqama sabaa qabnaa
Tahuu baannaan
Seenaan ni gaafatamnaa

Wanta jiru milkaa'ee sabni oromoo bal'aan Mee gamtaadhaan haa buluu
Nutummaan wal taanaan humna bal'aa qabnaa Abbaan fedhe nun caaluu

Akkamiin akka dhufne
Irraanfachuun salphina
Dhugaa qabadhaa du'aa
Sobaaf bakkan kenninaa

Eeyyeen dhugaa faarsina
Isa hundumaaf tahuu
Daandii sobaa qabatee
Namtokko galman gahuu

Yoo feenes ni jaallanna
Feenus haa jibbinuu
Dhugaaf haraka olqabna
Sobaan wal hin faarsinuu

Haqaaf wal jabeessina
Karaa diinarraa gorree
Haqa fuuldura laallaa
Cubbuu bira dabarree

Dhugaa qabuu falmatee
Warri qabsoof gad bahee
Gaaf tokko ni gammada
Bakka barbaadu gahee

Imalli qabsoo keenyaa
Galma isarraan hafuu
Ulee shiraa qabatee
Abbaan fedhes haa dhufuu

Qabsaa'ota dhugaa qabnu
Nus waliin jirra yoomuu
Inni fedhe jaallatee
Abbaan fedhes haa mormuu

Galma keenyan hanqannuu
Dhugaa qabnuuf dubbannaa
Nu ilmaan abbaa gadaa
Dhiigas tokkuma qabnaa

Biiftuu haqaa baqatee
Inni dhugaa faalllessuu
Hulaa jallinaa banu
Of duuba nun deebisuu

Biyya kana keessatti
Bu'aan isaa tuqamee
Dhugaa ummataa dhiisee
Warri sobaan hatamee

Qabsoo dhugaarra jirra
Waan fedhan haa godhanii
Shira fedhan xaxanis
Bakka takkan dhaqanii

Warri dhabee hinaafe
Waan qabu gad yaafatee
Daandii dalga qabatee
Kan jallinaaf birmatee

qabsoo oromoo kalee
gamataadhaan finiinsinee
kan saba keenyaaf tahu
erga ijaan mil'annee

osoo qabneen mul'isin
of duubattin deebinuu
garee jibba ijaaruuf
yoomuu gurran kenninuu

Diina diinatti beeynee
roorroo jiru qolannaa
warri oromoo taatan
Dhugaa hin dagatinaa
nutis dhaloonni qubee
akkas taanaan gammannaa

Abbaan didee nu diigu
dhaamsa keenya dhagahi
ta'uu baannaan nu dhiisi
gara moggatti bahii

warri gammadu jira
diinni immo kana laalee
harka wal qabuu dhiisnee
gaafa nuti wal lollee

qabsoo keenya sakaala
dhugaa hin jallisinaa
lafeen qabsaa'otaa
irbuunsaa nu waraanaa

maalillee yoo hojjennee
qabsoo jalaan dhokannuu
galma keenya ijaaruuf
wal malee bakkan qabnuu

by Abdella Sofiyan

16/09/2020

Garuma dandeenyuun
Waan dandeenyu himna
Dirqama dhalootaan
Nurra jiru qabna

Kanumaaf jenneeti
Page kana banne
Xiqqo keessa turree
Erga itti yaanne

Want your establishment to be the top-listed Arts & Entertainment in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Art

Website