Dr. Tesfaye Aga
Provide health related educations and informations
๐ฅ๐ฅ๐ฅ๐ฅ๐ฅ
Gargaarsawwan hattatamaa balaa gubaaf (burn) godhamuu qaban:
๐โโ๐โโ1. Bakka balaa irraa miidhamaa fageessuu.
๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฃ 2. Bishaan qulqulluudhaan qaama miidhame sana irratti hanga daqiiqaa 5 tti dhangalaasuudhaan qabaneessuu. ๐
Hub. Bishaan nuti fayyadamnu baay'ee qorraa ta'uu hin qabu.
๐๐ช๐ฅพ๐งค๐ 3. Uffata, akkasumas wantoota qaama irratti godhataman kanneen akka amartii, qubeelaa baasuu
๐งป๐งป 4. Qaama miidhame uffata qulqulluudhaan golguu
๐๐ 5. Qoricha dhukkubbii (pain killer) yoo jiraate fudhachuu
๐๐ฉ 5. Hattatamaan gara mana yaalaa geessuu
๐ Wantoota godhamuu hin qabne.
1. Wantoonni kanneen akka dadhaa, zayitaa, daaraa, dibannoo, looshinii, saamunaa ilkaanii fi kkf gonkumaa dibamuu hin qaban.
Wantoonni armaan olii kun annisaan ho'aa (heat) gara alaatti akka hin baane gochuun balaa inumaayyuu itti caalchisuu danda'u. Dabalataanis infekshiniin akka uumamuuf haala mijeessu.
Hunda kan caalu garuu dursanii of eeggannoo gochuudha. Keessummattuu daa'imman waggaa shanii gadii jiran ibidda irraa fageessuun, bakka bishaan itti danfisnu, bakka ittoo itti hojjannu irraa faggeessuun barbaachisaadha.
Tesfaye Aga2024
https://youtu.be/ifELQVcoBrs?si=PU3l755BBsPnE_wA
แดแถแฝแ แแ แแ แฅแ แแต แฅแจแณแจแ แซแแ แจแกแต แซแแฐแญEtv | Ethiopia | News แ แขแตแฎแตแซ แจแกแต แซแแฐแญ แดแถแฝแแ แฅแแถแฝแ แแ แแ แฅแ แแต แ แแณแจแ แจแคแ แฅแญแแฑแ แฅแจแแฐแ แตแแแแ แ แแญแ แซแ แจแ แญแแ แฃแแแซแแฝ แแแแแแข ...
October: Breast cancer awareness month:
Ji'a Onkoloolessaa: Ji'a hubannoo uumuu Kaansarii harmaa ti.
Nutis akkas Jenneerra:
1. Dubartiin umriin waggaa 20 guutte kamiyyuu, marsaan laguu dhufee erga badee torbee tokkoo booda, ji'a ji'aan harma ishee lamaanuu of sakkata'uu fi yoo waan haaraa argite gara ogeessaa deemtee qoratamuu qabdi. Waggaa sadi sadiin ammoo qorannoo ogeessaan godhamu taasisuu qabdi.
2. Gaafa umriin waggaa afurtama irra gahu ammoo, qorannoo ogeessaan godhamu, akkasumas qorannoo raajii harmaa (Mammography) taasisuu qabdi.
"KAANSARIIN HARMAA YEROON ARGAME YAALAMUU DANDA'A."
Namoota odeeffannoon kun ni fayyadaan jettan hunda bira dhaqabsiisaa.
.Tesfaye Aga2023
๐
๏ธ๐
๏ธ๐
๏ธ๐
๏ธ ๐
๏ธ๐
๏ธ๐
๏ธ๐
๏ธ๐
ฃ๏ธ๐
ค๏ธ๐
ค๏ธ ๐
๏ธ๐
๏ธ๐
๏ธ๐
ฃ๏ธ๐
๏ธ?
๐๐๐๐๐๐ก๐๐๐๐๐๐ ๐๐ข๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐ก๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐ ๐ก๐๐๐ฆ๐๐๐๐๐ฆ๐๐๐๐ (๐โ๐ฆ๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐) ๐ก๐โ๐ข๐ข ๐๐๐๐๐'๐ข.
1. ๐ทโ๐๐๐ก๐๐ ๐๐ข๐ข๐๐๐ข๐๐ ๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐ก๐ก๐ ๐๐โ๐ข
2.๐น๐ข๐๐๐๐โ๐ข๐ข ๐ ๐๐๐๐๐๐/ ๐๐ข๐๐๐โ๐ข๐ข ๐ ๐๐๐๐๐๐
3. ๐ทโ๐ข๐๐๐ข๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐
4. ๐บ๐ข'๐๐ ๐๐๐๐ ๐ฆ๐๐๐๐ ๐โ๐๐ฆ๐๐๐ก๐๐ ๐๐ ๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐๐ ๐๐ข๐๐๐๐ก๐
5. ๐ป๐๐๐๐๐๐ข๐ข ๐๐๐๐๐๐โ๐ข๐ข
6. ๐๐ฆ๐๐๐ก๐ ๐๐๐๐๐๐ ๐ข๐ข ๐๐๐๐๐๐โ๐ข๐ข
ษดแดแดษดษช แดแดสสแดแดแดแดสแดแด แดแดษดษดษชษชษด แดสษขแด sแดาาษชsแดแดษด ษขแดสแด แดษขแดแดssแดแด แด
แดแดแดแดแด วซแดสแดแดแดแดแดแด วซแดสแด
Mallatoolee kaansarii harmaa ( Breast cancer)
โก๏ธ Dhiitoo harmaa dhukkubii hin qabne ( painless lump)
โก๏ธ Dhangala'aa fiixee harmaan dhangala'uu : yeroo baay'ee dhiigaan wal-makaa ( abnormal ni**le discharge
โก๏ธ Gogaan harmaa keessaati galuu (skin dimpling)
โก๏ธ Fiixeen harmaa keessatti galuu (ni**le retarction)
โก๏ธ Dhiitoo bobaa jalaa ( armpit swelling)
โก๏ธ Madaa'uu harmaa (ulceration)
โก๏ธ Gogaan harmaa qola burtukaanaa fakkachuu (peaud'orange appearance)
โก๏ธ Madaa'uu fi ququnca'uu
โก๏ธ Diimachuu gogaa harmaa fi kkf
โถ๏ธโถ๏ธโถ๏ธ Hubadhaa Kaansariin harmaa yeroodhaan barame ni fayya โถ๏ธโถ๏ธโถ๏ธ
Tesfaye Aga:
โค๏ธโค๏ธโค๏ธ
GU'OO Kutaa 3ffaa
HYPERTHYROIDISM : QAAMA KEESSATTI BAAY'ACHUU HOORMOONII TAAYIROOYIDII
โก๏ธ Rakkinni kun kan uumamu yeroo xannachi taayirooyidii hoormoonii hanga qaama keenyaaf barbaachisuun olitti oomishu dha.
โถ๏ธ Dhukkubni kun yeroo baay'ee gu'oo wajjiin walqabatee dhufa; haa ta'u malee utuu gu'oon hin jiraatiin illee uumamuu danda'a.
โถ๏ธ Mallattooleen dhukkubichaa maal fa'adha?
1. Qaama gubuu: ho'ina qaamaa haala qilleensaa wajjiin hin deemne. namoonni rakkina kana qaban yeroo qilleensa qorraa illee itti buluqa, uffata haphii uffatu.
2. Fedhiin nyaataa humnaa ol dabaluu
3. Huuqqachuu qaamaa: Ulfaatinni qaamaa gadi bu'uu. Namoonni kun utuu nyaatanii huqqatu.
3. Jijjiirama amalaa fiduu: Yeroo baay'ee dafanii aaruu, namootaan waliitti bu'uu, obsa dhabuu, dhiphachuu, sodaachuu fi kkf.
4. Kirkiruu harkaa (tremor): harki isaanii ni ollata.
5. Dafqa baay' achuu: barruun harka isaanii ni dafqa, gogaan isaanii baay'ee jijjidhaa fi lallaafaa ta'a.
6. Annisaa dhabuu: Dadhabbiin yeroo hunda itti dhaga'ama: hojjetanis; hojjachuu baatanis, taa'anis; deemanis.
7. Rukkuttaan onnee isaanii ni saffisa, itti dhaga'amas. "Onneen koo utaaltee bahuuf jetti" jedhu.
8. Hirriba dhabuu
9. Rifeensi bubbuqa'uu
10. Marsaan laguu ( menstrual cycle) jeeqamuu, walirraa fagaachuu, irra darbees baduu danda'a.
11. Bobbaan (sagaraan) ni qall'ata, dafee dafee dhufas.
โก๏ธ Namoonni mallattoolee kanneen qaban, keessumatti immoo gu'oo kan qaban yoo ta'e gara ogeessaa deemanii qorannoo taasisuu fi yaalamuu qabu.
๐น Yaalawwan kennaman:
A. Yaala qorichaan godhamu:Anti thyroid drugs
B. Yaala cararaa Aayoodinii dhaan godhamu: Radioactive Iodine therapy
C. Yaala baqaqsanii wal'aanuu: Surgery
โก๏ธ Dhibeen kun yoo yaalamuu baate rakkoo maalii fiduu danda'a?
โถ๏ธ Dhukkuba onnee fi rakkinoota isa wajjiin wal qabatanii dhufan kanneen akka kantaruu dhiigaa, dabaluu dhiibbaa dhiigaa, sammuu keessatti dhangala'uu dhiigaa(stroke), dadhabuu onnee (heart failure) fi kkf.
โถ๏ธ Dhibee ijaa hanga jaamuutti geessisu.
โถ๏ธ Maseenummaa
โถ๏ธ Haphachuu fi dadhabuu lafee (Osteoporosis)
โถ๏ธ Dubartii ulfaa irratti rakkinoota ammana hin jedhamne fida.
........Itti fufa..........
๐ DUBBISAA, BEEKUMSA ISINIIF TAA'AA.
๐จ NAMOOTAAF QOODAA, MAALTU BEEKA NAMOOTA UTUU HIN BEEKIIN DHUKKUBA KANAAN RAKKACHAA JIRAN BIRA GAHUU DANDA'A.
โค๏ธโค๏ธโค๏ธ
GU'OO Kutaa 2ffaa
โถ๏ธ Gu'oon sababoota adda addaatiin uumamuu danda'a.
Isaan keessaa muraasni Kan armaan gadiiti:
โก๏ธ HANQINA AYOODINII
๐นKun ummata keenya keessatti bal'inaan mul'ata.
โก๏ธ ULFA FI DARGAGUMMAA
๐น Yeroo ulfaa fi dargagummaa qaamni namaa jijjiirama saffisaa keessa waan jiruuf, hormoonii taayirooyidii baayinaan barbaada. Kun ammoo gu'oon akka uumamu taasisa. Gu'oon sababoota kanneeniin dhufu yeroodhaa booda Kan bakkatti deebudha. Sababa kanaaf gu'oon yeroo ulfaa fi dargagummaa dhufu akka dhukkubaatti hin lakkaa'amu (Physiological).
โก๏ธ KAANSARII
๐น Akkuma qaama namaa kamiiyyuu xannachi taayirooyidii kaansariidhaan ni hubama. Isaanis gosoota gara garaatu jiru.
โก๏ธ DHUKKUBA GIREEVSI (Grave's disease)
๐นYommuu qaamni keenya pirootinii hoormoonii TSH (Thyoid simulating hormone) dadamaqsu oomishu kan uumamudha.
๐นHoormooniin TSH immoo xannachi akka guddatu gochuu irraan alatti akka hoormooniin taayiroodii humnaa ol gad-lakkifamu godha.
โก๏ธ GUBAA (inflammation)
๐นGubaan rakkinoota madinummaa qaamaa fi infekshinii gosa gara garaatiin dhufuu danda'a.
Itti fufa...........
โค๏ธโค๏ธโค๏ธ
โฅโฅโฅ
GU'OO...... Kutaa 1ffaa
๐
๏ธ๐
ค๏ธ'๐
๏ธ๐
๏ธ๐
๏ธ ๐
๏ธ๐
๏ธ๐
๏ธ๐
๏ธ๐
๏ธ ?
โถ๏ธ Gu'oon isa afaan 'latin' dhaan 'goiter' jedhamee waamamudha.
๐๐'๐ผ๐ผ ๐ซ๐ฆ๐ค๐ฉ๐ถ๐ถ๐ฏ"๐
๐ฎ๐ป๐ป๐ฎ๐ฐ๐ต๐ฎ ๐๐ฎ๐ฎ๐๐ถ๐ฟ๐ผ๐ผ๐๐ถ๐ฑ๐ถ๐ถ ๐๐ฒ๐ฒ๐ฟ๐ฎ๐ฎ๐ป ๐ฎ๐น๐ฎ ๐ด๐๐ฑ๐ฑ๐ฎ๐๐ฒ" ๐ซ๐ฆ๐ค๐ฉ๐ถ๐ถ๐ฅ๐ฉ๐ข.
โซโซxแดษดษดแดแดสแด แดแดแดสษชสแดแดสษชแด
ษชษชโซโซ
โโ ๐๐ข๐ฏ๐ฏ๐ข๐ค๐ฉ๐ช ๐ต๐ข๐ข๐บ๐ช๐ณ๐ฐ๐ฐ๐บ๐ช๐ฅ๐ช๐ช ๐ธ๐ข๐ข๐ฏ ๐ญ๐ข๐ญ๐ญ๐ข๐ข๐ง๐ข๐ข ๐ข๐ฌ๐ฌ๐ข ๐ง๐ฐ๐ฐ๐ฏ๐ช๐ช ๐ต๐ข'๐ฆ๐ฆ, ๐ง๐ถ๐ถ๐ญ๐ฅ๐ถ๐ณ๐ข ๐ฎ๐ฐ๐ณ๐ฎ๐ข ๐ฌ๐ฆ๐ฆ๐ฏ๐บ๐ข๐ข๐ต๐ต๐ช ๐ข๐ณ๐จ๐ข๐ฎ๐ถ๐ถ ๐ง๐ช ๐ถ๐ซ๐ถ๐ฎ๐ฎ๐ฐ๐ฐ ๐ฒ๐ช๐ญ๐ญ๐ฆ๐ฆ๐ฏ๐ด๐ข๐ข ๐ช๐ด๐ข ๐จ๐ถ๐ฅ๐ฅ๐ข๐ข (๐ต๐ณ๐ข๐ค๐ฉ๐ฆ๐ข) ๐ฉ๐ข๐ฎ๐ฎ๐ข๐ต๐ฆ๐ฆ ๐ซ๐ช๐ณ๐ถ๐ฅ๐ฉ๐ข.
โโ ๐๐ข๐ฏ๐ฏ๐ข๐ค๐ฉ๐ช ๐ฌ๐ถ๐ฏ ๐จ๐ช๐ฅ๐ฅ๐ถ ๐จ๐ข๐ญ๐ฆ๐ฆ๐ด๐ด๐ข๐ข๐ฏ ๐ฉ๐ข๐ฏ๐จ๐ข ๐จ๐ช๐ณ๐ข๐ข๐ฎ๐ข 20-25 ๐ถ๐ญ๐ง๐ข๐ข๐ต๐ข.
โโ ๐๐ข๐ข๐บ๐ช๐ณ๐ฐ๐ฐ๐บ๐ช๐ฅ๐ช๐ช๐ฏ ๐ง๐ข๐บ๐บ๐ข๐ข๐ฏ ( hin guddatiin) ๐ช๐ซ๐ข๐ข๐ฏ ๐ฉ๐ช๐ฏ ๐ฎ๐ถ๐ญ'๐ข๐ต๐ถ, qubaanis tuqamee hin baramu.
โซโซ าแดแดสษชแด
แดแด xแดษดษดแดแดสแด แดแดแดสษชสแดแดสษชแด
ษชษช โซโซ
โโ ๐๐ข๐ข๐บ๐ช๐ฅ๐ข๐ข๐ฏ ๐๐ข๐ข๐บ๐ช๐ณ๐ฐ๐ฐ๐บ๐ช๐ฅ๐ช๐ช ๐ฉ๐ฐ๐ฐ๐ณ๐ฎ๐ฐ๐ฐ๐ฏ๐ช๐ช ๐ต๐ข๐ข๐บ๐ช๐ณ๐ช๐ญ๐ฐ๐ฐ๐บ๐ช๐ฅ๐ช๐ช (thyroid hormone) ๐ฎ๐ข๐ฅ๐ฅ๐ช๐ด๐ช๐ช๐ด๐ถ๐ถ ๐ฅ๐ฉ๐ข.
โโ ๐๐ข๐ข๐บ๐ช๐ณ๐ฐ๐ฐ๐บ๐ช๐ฅ๐ช๐ช๐ฏ ๐ฒ๐ข๐ข๐ฎ๐ข ๐ฌ๐ฆ๐ฆ๐ฏ๐บ๐ข๐ข๐ง ๐
๏ธ๐
๏ธ๐
ก๏ธ๐
๏ธ๐
๏ธ๐
๏ธ๐
๏ธ ๐ฃ๐ข๐ณ๐ฃ๐ข๐ข๐ค๐ฉ๐ช๐ด๐ข.
โโ ๐ฌ๐ข๐ฏ๐ข ๐ซ๐ฆ๐ค๐ฉ๐ถ๐ถ๐ฏ ๐ฉ๐ฐ๐ฐ๐ณ๐ฎ๐ฐ๐ฐ๐ฏ๐ช๐ช ๐ฌ๐ข๐ฏ๐ข ๐ฎ๐ข๐ญ๐ฆ๐ฆ ๐ซ๐ช๐ณ๐ข๐ข๐ค๐ฉ๐ถ๐ถ๐ฏ ๐ฉ๐ช๐ฏ ๐ฅ๐ข๐ฏ๐ฅ๐ข'๐ข๐ฎ๐ถ.
โซโซ Fแดแดสษชแด
แดแดแดกแดกแดษด สแดแดสแดแดแดษดษชษช แดแดแดสษชสแดแดสษชแด
ษชษช แดแดสแดแดsแดโซโซ
โ ๐บ๐ข๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐ ๐๐ ๐ ๐๐๐๐ข๐ข ๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐๐ ๐ข๐ข
โ ๐๐๐๐ก๐๐๐๐๐๐๐๐ง๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐ ๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐๐ ๐ข๐ข
โ ๐ทโ๐โ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐ ๐๐๐๐ ๐๐ ๐โ๐๐๐๐๐, ๐ก๐'๐๐โ๐ข๐ข
โ ๐๐๐๐๐ โ๐๐๐๐๐๐ ๐ข๐ข, ๐ ๐๐๐๐ ๐๐ฆ๐๐๐ก๐๐, ๐ ๐๐๐๐ ๐ค๐๐-โ๐๐๐๐๐๐ก๐๐ ๐๐๐๐๐๐ ๐๐ ๐ข๐ข
โ ๐ป๐'๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐ ๐ก๐'๐๐โ๐ข๐ข
โ ๐ป๐๐๐๐ ๐ ๐ข๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐ ๐ถ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐ ๐ ๐๐ ๐ก๐'๐๐โ๐ข๐ข ๐๐ ๐ ๐๐๐๐๐๐ ๐ ๐ข๐ข
โ๐.๐.๐
โฅโฅโฅ
Walaansa baqaqsanii yaaluu KAANSARII HARMAAF godhamu sadarkaa buufata fayyaa (HEALTH CENTER) tti yeroo jalqabaaf kennuu jalqabneerra. Kun immoo dhukkubsattoota hospitaalota gara garaa keessatti dabaree eeggachuun yeroo dheeraa turanii fi darbee darbee ammoo du'aaf saaxilamaniif furmaata gaariidha. Kanaan hin dhaabbatu, Du'aatii kaansariin harmaan dhufu hir'isuuf Carraaqqiin keenya itti fufa.
แจแกแตแ แจแแ แธแ แซแแฐแญ แแถ แฅแแ แ แญแแ แ แคแ แฃแขแซ แจแกแตแ แจแแ แธแ แซแแฐแญ แแถ แฅแแ แ แญแแ แ แคแ แฃแขแซ
******CIRRACHA HADHOOFTUU*****
Ummata walii galaa keessaa 10% kan taโu ciirracha hadhooftuu qaba. Kanneen keessaa 80% kan taโan mallattoo hin agarsiisan. Kanneen keessaa waggaatti 2-3% kan taโan rakkinoota cirracha waliin wal qabatanii dhufan dhufaniif saaxilamu. Rakkinoonni kunniin ammoo amma lubbuu dabarsuutti kaโanidha. Isaanis infekshinii afuuffee hadhooftuu, infekshinii ujummoo hadhooftuu, dhukkuba rajiijii fi kkf.
Cirrachi yeroo baayโee kan uumamus afuuffee hadhooftuu keessatti.
Mallattooleen cirracha hadhooftuu: dhukkubbii garaa yeroo baayโee nyaata booda namatti hammaatu, haqqisiisaa, fedhii nyaataa hirrisuu fi kkf dha.
Nammoonni baayโee isoo hin beekamiin dhukkuba garaachaa qabduu jedhamanii yeroo dheeraaf yaalamaa turu.
Rakkina kana altiraasaawundii salphaadhaan baramuu dandaโa.
Yaalli isaas yaala baqaqsanii waldhaanuudha. Kunis afuuffeee hadhooftuu oopireeshiniidhaan baasuudhaa.
Mallattoo hin qabu taanaan yaaluun barbaachisaa miti.
*****************************************************
Umriin ishii waggaa soddomii saddeeti dha. Dhukkubbii garaa waggaa tokkoof ishee rakkisaa tureen booda cirracha afuuffee hadhooftuu qabaachuu barameen guyyaa kaleessaa yaala baqaqsuu (opireshinnii) gooneen cirracha lakkoofsaan baayโee tahe kana( suura armaan gadii ilaalaa) baasuu dandeenyee jirra. Oopireeshiniin kun oopireshiniiwwan guyyaa guyyaatti hojataman keessaa baayโinaan hojjatamuun sadarkaa tokkoffaa irra jira.
Gaaffii fi yaada yoo qabaattan naaf barreessaa
Nagaa taโaa!
******************
HUBBANNOO GABAABDUU
Akka addunyaatti kaansarii sombaatti aanee, kaansariin lubbuu dubartoota hedduu galaafachuun sadarkaa 2ffaa irra jiru kaansarii harmaa ta'uu beektuu laata ?
Bara jireenya ishee keessatti, dubartoota saddeet keessaa dubartiin tokko dhukkuba kanaan ni qabamti. Utuu hin babal'atiin yoo yaalame garuu irraa fayyuun ni danda'ama.
Mallattoolee armaan gadii isaan muraasa.
1. Dhiitoo harma keessatti bahu, yeroo baay'ee dhukkubbii kan hin qabaanne.
2.Madaa'uu harmaa
3. Dhiiga ykn dhangala'aa karaa fiixee harmaatiin bahu.
4. Keessatti gadi galuu (gadi harkifamuu) gogaa harmaa
5. Walitti suntuurrachuu gogaa (qola burtukaanaa fakkachuu)
6. Dhiitoo bobaa harkaa jalatti bahu fi kkf.
Maa haa goonu?
1. Yeroo qaama dhiqattan harma keessan qaqqabuu ( sussukuumuu) fi yoo wan adda ta'e jiraate ogeessaan ilaalamuu
2. Mallattoolee armaan olii yoo ofirratti argittan hattatamaan gara ogeessaa deemuu
3. Kanneen umriin keessan waggaa afurtamaa fi isaa ol tahe mallattoo qabaachuu baataniyyuu yoo xiqqaate waggaatti si'a tokko gara ogeessaa deemuun qorannoo taasisuu.
4. Kaanneen maatiin keessan ykn firri keessan dhukkuba kanaan hubamee beeku, umrii waggaa 25 irraa kaastanii qorannoo fi gorsa ogeessaan hordoffii godhachuu.
HUBADHAA!
Akka addunyaatti dhibbeentaa tokkoo (1%) gadi ta'us, biyya keenya keessatti namoota kaansarii harmaan hubaman keessaa 5-7% kan ta'an warra dhiiraati.
*********Itti fufa******
Gaaffii fi hubannoo dabalataa yoo qabaattan naaf barreessaa.
Halkan gaarii!
*** QUUQAA (ABDOMINAL WALL HERNIA)***
QUUQAAN MAALI?
Quuqaan dhiitoo garaa irratti mulโatu dha.
Saala lamaanuu dhukkuba hubuu dandaโu dha.
Daaโimman umrii waggaa 1 gadii fi namoonni umriin deeman caalaatti saaxilamoodha.
Quuqaan kan uumamu, yommuu maashaan garaa keenyaa dadhabina (hirโina) godhatuu fi miโa garaa sirriitti golgee qabuu dadhabu dha.
Kun immoo qaamni keessoo ( keessumattuu marโimaan) gara alaatti dhiibamee baโuudhaan dhiitoon akka uumamu godha.
MAALIIF UUMAMA?
Sababoota gara garaan uumamuu dandaโa.
Kanneen keessa muraasni
1. Rakkina uumamaan daaโimman irratti mudatuun
2. Dulluma waliin wal qabatee
3. Namoota goga garaa yeroo dheeraa qaban
4. Namoota dhukkuba qufaasisaa yeroo dheeraaf irra ture
5. Namoota rakkoo cuffachuu ujummoo fincaanii qabani
6. Sarjarii (Oopireeshinii) booda.
MALLATTOOWWAN DHUKKUBICHAA
1. Dhiitahuu garaa irratti mulโatu: Yeroo baayโee yommuu ol-kaanee dhaabbannu gad bahee ,yommuu gadi ciisnu deebeee ol-gala. Yeroo baayโee (75%) naannoo mudaamuddii irratti mulโatus, garaa keenya bakka kamittuu mulโachuu dandaโa.
2. Dhiitoon kun dhukkubbii qabaachuu dandaโa. kunis mallattoo hudhamuu marimaanii waan taโeef hattatamaan yaala barbaada.
3. Gadi nama harkisuu
YAALA ISAA?
Quuqaan waldhaasa baqaqsanii yaaluudhaan salphaatti fayyuu kan dandaโu dha.
Qorichi liqimsamee ykn itti dibamee fayyisu hin jiru.
Yeroo dhaan gara ogeessaa deemuun dirqama. Yaalamuu baannaan hudhamuu fi gudumfamuu marโimaanii fiduun marโimaan akka tortoru (duโu) godha. Kun immoo balaa lubbuu dabarsudha.
*** FAYYAA TAโAA**
Gaaffii yoo qabaattanii fi ibsa dabalataa yoo barbaaddanโ comment โ irratti naaf barreessaa.
Dhuunfaa keessaniin gorsa yoo barbaaddan โmessenger โirratti na argattu
Dabalataanis:
Telegram: 0988929972
E-mail: [email protected]
KAANSARIIN MAALI?
kaansariin maqaa walii galaa dhukkubboota amala wal fakkaataa qabaniif kennamedha.
kaansariin qaama kamirraayyuu uumamuu kan danda'u dha. Seeliin qaama keenya keessa jiru hunduu gara kansariitti jiiramuu danda'a.
KAANSARIIN AKKAMITTI UUMAMA?
Qaamni namaa
seelonni qaama keenyaa wal horu, ni guddatu, ni du'us. Yoo seeliin du'e seeliin bakka bu'a. Kun adeemsa uumamaati. Adeemsi kun garuu to'atamaa dha, dhaabadhu jennaan ni dhaabata, itti fufi jennaan ammoo itti fufa, umriin gahee jennan ni du'a. Akkuma fedha ofii ta'uun hin jiru.
Egaa kaansariin kan inni uumamu:
- Yeroo seelonni to'annaa kana jalaa miliqanii akka garaa isaanii wal
horan ,seelonni haaraan yeroo hin barbaadamnetti yoo uumaman fi kan faayidaa hin qabne yeroo du'uu qabanitti yoo du'uu baatani.
KAANSARIIN MIIDHAA MAALII FIDA?
1. Seellonni nagaa akka isaan hojii isaanii sirnaan hin dalagne godhu. Fkn seellonni kaansarii dhiigaa lafee keessatti baay'atanii wal horuun seellonni dhiiga diimaa akka gahaatti hin oomishamne gochuun hanqina dhiigaa( anemia ) fidu.
2. Soorata qaama keenyaaf barbaachisu fixuun nu dadhabsiisu, kanaafuu namoonni kaansarii qaban annisaa dhabu, ni huqqatu
3. Walitti baay'atanii dhiitoo( mass, or tumor) uumuu danda'u
4. Qaama keeya keessa fafacha'uun caalaatti dhiibbaa gessisu.
5. Dhumarattis, yoo yaalamuu baatan, du'aaf nu saaxiluu danda'u
Wantoonni ka'umsa kaansariif sababa ta'an, mallattooleen kaansarii, qorannoowwan godhaman, yaalli keenamu akkasumas ofirraa ittisuuf of eeggannoowwan taasifamuu qaban gosa kaansarii sanaa( qaama inni irraa ka'e) irraatti kan hundaa'anidha. barrreeffamoota koo itti aananitti qabadhee dhiyaadha.
Har'aaf ni gaha! yoo gaaffii qabaattan naaf barreessaa.
Nagaan!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Videos (show all)
Category
Contact the practice
Telephone
Website
Address
Addis Ababa
This page is used to present different Medical and Health related issues with focus on Surgical cases