Edosa Kebede

Of eeggannaa cimsuun ofiifi maatii keessan baraaraa.

24/11/2022

(1 Pheexros 3 )
------------
5 Bara duriitti dubartoonni Waaqayyoof qulqullaa'anii isa abdatan, akkasitti abboota manaa isaaniitiif abboomamuudhaan of kuulaa turan...
7 Akkasuma isinis dhiirota nana, dubartoota keessaniif beekaatii wajjin jiraadhaa! Walii wajjin jireenya isa tola isiniif kennamutti galuuf waan jirtaniif, kadhanni keessan gufuu argatee akka hin ittifamnetti, dubartii keessan akka gar tokkoo dhagna keessanii isa dadhabaatti ulfina kennaaf!
Baga geessan.

06/10/2022

001 / 2015

Kutaan darbe Waa'ee mootoraa erga hanga ta'e ilaallee har'a immoo mootoraa kaasuun dura maal akka go dhamu Akkasumas furmaata isaa waan xiqqoo ilaalla.

# # Sakattaa'aa gahumsa teekniika konkolaataa
Konkolaachistooni imala osoo hin jalqabiin dura gahumsa teeknikaa kutaalee konkolaataa konkolaachisan ilaalamuu qaban xiyyeeffannoo kennuun hojii guyya guyyaan taasisuun sakatta'uu, kan humna konkolachisaatiin suuphamuu danda'an suphuu fi kan humnaa ol ta'e imala osoo hin jalqabin ogeessatti beeksisuun imala irratti fi imala booda nageenya konkolaataa mirkaneessuun barbaachisaadha. Konkolaachiistootni haala teekniika konkolaataa isaanii yeroo hunda hordofuun bu'aalee armaan gadii akka argatan isaan gargaara.
#1 Sababa miidhama konkolaatatiin imalli akka hin gufanne
# # Baasii mallaqa, yeroo fi humna barbachisoo hin tane akka hin baane qusachuuf
# # Sababa miidhama teeknikaatiin balaa gahuu danda'u ittisuuf
# Nageenya meeshaa fi mija'ina imaltoota eeguuf
# Sababa midhama konkolaataan iddoo fi haala rakkisoo ta'anitti akka hin dhaabbane dhorkuuf.

Sakata'iinsa ilaaluun rawwachuu
(visual inspection)
Konkolaatan tokko kutaawwan adda addaa socho'an fi kan hin sochoone irraa kan hojjattame yoo ta'uu konkolaachistootni qaamoole konkolaataa salphaatti balaa geessiisuu danda'an irratti yeroo hunda sakkata'uun gocha ittisa miidhama konkolaataa rawwachuu barbaachisaa dha. Qaamni konkolaataa suphaa yeroo isaa eege kan hin tasifamneef yoo ta'an miidhama hamaaf saaxilamuun qisaasama yeroo, mallaqa fi humnaa fiduu ni danda'a.
kanaafuu
konkolaachistooni imala osoo hin jalqabiin dura qaama konkolaataa adda addaa sakatta'insa gochuun miidhama ittisuun barabachisaa waan ta'eef qaamni midhaman yoo argame yeroon akka suphamu ni gargaara.

Photos from Edosa Kebede's post 06/09/2022

Kutaa 5 ffaa
Kutaa kana dubbisuuf kutaa darbe dubbisuun dirqama..

1.Testaataa (cylnider head)
Kutaan mootoraa kun qaama silinder bilookkii irra hidhamuun
haalli gubiinsa qilleensaa fi boba`aa akka jiraatuu kan taasiisuu
dha. Kutaan kun qaamolee armaan gadii of keessatti qabata.

a) Valvoota :
valvii qilleensa galchituu (Intake valve) fi valvii qilleensa
gubataa baastu (Exhaust valve): qilleensaa fi boba`aan karaa
itti silinderii keesaa ittiin seenuu fi qilleensi gubataan (aarri)
silinderii keessaa gara alaatti bahuu dha.

b) Kaandellaa (Spark pluk): mootora beenzinaa keessatti
qaanqee uumuuf tajaajila.

c) Kaandelleettii (Glow plug): konkolaataa naafxaan hojjetu
irratti kan argamu yoo tahu yeroo motorri qorre ka`uu akka hin
didneef qilleensa gara silindarii seenu ho`isuuf gargaara.
d) Nooziloota(Injector nozzles): Mootora naafxaan hojjetu
keessatti boboa`aa humna guddaan silinderii keessaatti biifuuf
gargaara.

e) Gaasketii (Cylinder head gasket): qaama silinder bilookki fi
testaataa gidduutti argamu tahee qilleensii fi dhangala`aan
(bishaan) akka alatti hin baaneef walitti qabuuf tajaajila....itti fufa.

29/08/2022

Kutaa 3ffaa...
HUNDEEFFAMA KONKOLAATAA FI AKKAATAA ARGAMA ISAA...,,,.
#
Konkolaataan Tokko qamoolee gurguddaa Shan(5) irraa
hundeeffame. Isaanis:

1. Mootora (Engine)

2. Kutaalee humna dabarsan (power train)

3. Kutaalee Elektiriikaa (Electrical system )

4. shansii (chassis )

5. Qamaa konkolaataa ( Body)
Jedhamuun qoodamu.

29/08/2022

# Kutaa 4 ffaa
Kutaa Darbe keessaa tokko kan ta'e
Mootora ( Engine) waliin ilaalla.

Mootorri bakka qilleensii fi boba`aan keessatti ukkaamfamee,
gubatee : annisa(humna) ho`aa gara annisa(humna)
makaanikaalaatti(sochiitti) jijjiiruudha. Annisi ho`aa kun kan
qillensaa fi boba`aa walitti makamee erga siliindarii keessatti
erga gubatee booda annisa (humna) uummamu dha. Humni
( Annisi) ho`aa kun ammo piistanii yeroo gadi darbatu ( dhiibu)
gara annisa makaanikaalaatti (sochiitti) jijjiirama.
# Qaamolee mootoraa bakka gurguddoo sadiitti qoodnee
ilaalla.
Isaanis
1.Testaataa (cylnider head)
2.Silinder bilookkii (cylinder block)
3.Sotokoppaa (crankcase)....itti fufa.

Photos from Maartaa Sabboontuu Oromoo's post 25/08/2022

Qabaa hidhaa mucaa kana.

Photos from 𝗙𝗮𝗿 𝗘𝗹𝗶𝘆𝗮𝘀 𝗔𝗹𝗲𝗺𝗮𝘆𝗲𝘄's post 25/08/2022

Jarattii kana calliseeman jaalladha beqqaa.

Yadeni Merga Official - YouTube 15/08/2022

Obboleettii keenya jaallatamtuu Yaadanii Margaa. Wel come

Yadeni Merga Official - YouTube Yadeni Merga Official

14/08/2022

🦾

#📯 📯Suuraan Kun Baroota "80" moota keessadha
Namni Kun yoona hojjetaa waajjira kamii ta'aa laataa?.

Photos from Mo'aa's post 14/08/2022
11/08/2022

••••••••••••
JIREENYA KEE JIJJIIRUU NIDANDEESSA!
■■■■■■■■✿✿✿✿✿■■■■■■■■■
❖Seensa!
************
Ani amantiin koo kana, kan koo sana, kun na hin ilaallatu
hin jedhin; ani saba koo gargaaruun barbaada, afaan kana
dubbisuu danda’uun kee qofti ga’aadha. Of jijjiiri, maatii keetiif
saba kee jijjiiri. Kuni bu’aadha, yoo itti amantee si gargaare
waa’ee lubbuu kee atuu murteeffatta!
Wanti an har’a si dubbisiisu barumsa miti, akeekkachiisa jiruuf
jireenyaati! Dubbiin arraba kee irraa gad lakkifamu jireenya kee
irratti humnaafi dhiibbaa guddaa qaba. Kana callisee otuu hin
taane ragaalee qabatamoo irra dhaabachuuni.
°°°°°°°°°°°°°°°
Ati sooreessadhaa? Hiyyeessa homaa hin qabnee?
Nagaatti moo jeeqamaa jiraatta? Waan garaatti yaaddu
argachaa moo sii guutuu didee kinaa’aa jiraatta? Ormi jireenya
kee hawwa moo situ hiriyoota kee ija guutuu dadhabee dhaaba
hiriyaa baqata laata? Wanti ati keessa jirtu kun hundumtuu
bu’aa dubbiin arraba kee irraa ba’u sitti fidee dha!
“Duunii fi jireenyi aboo arrabaa jala jiru” Fak. 18:21.
Dubartiin ‘Cindy Trimm’ jedhamtu tokko aboo dubbii arraba
irraa ba’u kanaan jireenya dhuunfaa fi maatii ishee kallattii
tokko irraa gara kallattii biraatti (radical change) jijjiiruun nama
fakkeenyummaa guddaa qabdudha. Isheef maatiin ishee warra
waan nyaatanii bulan hin qabne turan. Isheen akka jettutti “
Jireenyi koo geeddaramuu kan jalqabe erga Waaqayyo waa’ee
amantiidhaan dubbachuu na barsiisee booda" jetti.
Akka kitaaba ishee isa “Commanding your Morning” jedhu
irratti dubbattutti “Ani dubbicha laphee koo irraan amana,
namoonni baay’een rakkoo isaaniitiif furmaanni dubbii afaan
isaanii keessaa ba’u akka ta’e hin beekani. Garuu gara
fuulduraatti waa’ee ofii keenyaa wanta gaarii labsuu yeroo
jalqabnu, jireenyi keenya geeddaramuu eegala” jetti.
Namni kun ganama ganama yeroo irribaa kaatu akkas
jettee of irratti labsiti. “Gombisaa koo nan eebbisa! Isa irraa,
isa jalaa nan eebbisa. Fayyaa koo irratti, sammuu koo irratti,
quunnamtii an namoota wajjin qabaadhu irratti ani
eebbifamtuudha.Xiin-sammuudhaan, ilaalchaan guyyaan koo
eebbifamaadha. Eenyummaa koo irratti, guyyaa koo irratti
milkaa’ummaa nan labsa, hojii kootti nan milkaa’a malee hin
kasaaru! Manni koo nagaa waaqa irraatiin haa guutu,
Laphee koo irratti
jajjabinan labsa, karaa koo irratti wanta na mudatu hunda irra
aaneen darba jedheen dubbadha. Mataa malee eegee hin ta’u.
Ani Waaqayyoon filatameera, jaallatameera ...Jetti turte.Atis Wanti hunduu
isaan naaf ta’a jedhii ofirratti dubbadhu.
Itti fufa

05/08/2022

#
# # #
# # # # # #
Kutaa 2ffaa
...Ibsaa Tiraafikaa

Ibsaa Magariisaa
Ibsaan dabarsa tiraafikaa konkolaataa magariisni yommuu ifu: konkolaattotni dursanii gara
filatanitti darbuu ni danda`u.
Ibsaa Keelloo
Ibsaa dabarsa konkolaataa keelloon qofaa isaa yommuu ifu: ibsaan kun ibsaa magariisatti
aane yoo ife:
A. Konkolaattotni gara daandii qaxxaamuraatti dhufaa jiran sarara lafoo-deemtotaa osoo hin
darbin dhaabbachuu qabu.
B.Konkolaattotni daandii qaxxaamuratti seenan keessa dursanii kan seenaa jiraniif hatattamaan
daandii lakkisanii bahuu qabu.
Ibsaan dabarsa tiraafikaa konkolaataa keelloon irra deddeebiee ifee yoo dhaame: Konkolaataan gara daandii qaxxaamuraa gahaa jiru saffisa isaa hir’isuun bitaa fi mirga isaa ilaalee kan dursaniif dursa kennee haala balaa hin geessifneen of-eeggannoon darbuu qaba.
Itti fufa...

03/08/2022
24/07/2022

Kaayyoof abjuu guddaa qabaachuun gaariidha garuu hamma ati hin sochoonetti homtuu hin uumamu

Waa ta'uu sodachuunkee homaa akka at hin taane si godha.

Wanta ati barbaaddu wanta at hin feene keessa si dabarsuu danda'a.

23/07/2022

Nagaan qormaati dhibuu osoo hin taane dandeetti qormaata sana to'achuuti.

Namoonni jaboon haala gaarii keessa of tursuu osoo hin taane wanta gaarii uumuu irratti xiyyeeffatu.
Guyyaa Gaarii.

23/07/2022

Ibsaa Tiraafikaa.
Ibsaan dabarsa tiraafikaa iddowwan daandii qaxxaamura irratti konkolaattotaa fi lafoo
deemtoota kallattii adda addaa irraa dhufaa jiranii fi sirnaan tartiiba isaanii eeggatanii walbira darbuuf akka danda’amuuf ibsaa haalluu adda addaa qabaniin fayyadamuun ergaa dabarsuuf meeshaalee gargaaranii dha.
Ibsaan dabarsa tiraafikaa kun bakka lamatti qoodamu.
isaanis:
1. Ibsaa dabarsa lafoo deemtotaa
2. Ibsaa dabarsa Konkolaataa dha.
1.Ibsaa dabrsa lafoo deemtotaa
Ibsaan kun kan tajaajilu lafoo deemtotaafi dha.
Ibsaawwan kun fakkii namaa kan qabanidha.
Akkaataa ifa isaaniitiin bakka lamatti qoodamu
Isaanis;-
➢ Ifa diimaa fi
➢ Ifa magariisaa dha.
➢ Ifti diimaan fakkii namaa qabu yommuu ifu lafoo deemtoni daandii akka qaxxaamuran kan dhorku dha.
➢ Ifa magariisaan fakkii namaa qabu yommu ifu lafoo deemtoni mallattoo sararaa isanif
qophaa’e qofa fayyadamuun qaxxamuruu ni danda’u.
2.Ibsaa dabarsa konkolaataa
Ibsaan dabarsa kun kan tajaajilan konkolaataa qofafiidha.
halluu fi akkaataa ifa isaanitiin adda addaadha.
A.haalluu isaanitiin bakka 3 qoodamu.
1.Diimaa,
2.Keelloo fi
3.Magariisa

B.Ifa isaanitiin bakka Afuritti (4) qoodamu.
1.Diimaa,
2.Diimaa fi Keelloo
3.Magariisa
4.Keelloo
Ifa Diimaa
Ibsaa dabarsa tiraafikaa konkolaataa diimaan yoo ife:-konkolaattoni kallattii ifaan kun jiruun
dhufaa jiran sarara dabarsa lafoo deemtotaaf sararame osoo hin darbin dhaabbachuu
qabu.
Ifa Diimaa
Ifaan dabarsa tiraafikaa konkolaataa irraa deddeebi’ee diimaan yommuu ifee dhaamu (liphu):
konkolaataan gahaa jiru kamiyyuu dhaabbatee bitaa fi mirga erga ilaalee mirkaneeffatee booda
balaa osoo hin dhaqqabsiisin darbuu ni danda’a.
Ibsaa Diimaa fi Keelloo
A.Ibsaan dabarsa konkolaata Diimaa fi Keelloon al tokkotti yoo ifan konkolaattotni ibsaa diimaadhaan dhaabbatani turan sochiif qophii taasisu.
B.Konkolaattotni qaxxaamura irra gahaa jiran sarara dabarsa lafoo
deemtotaa osoo hin darbin dhaabbachuuf qophii taasisu qabu.
Ibsaa Magariisaa.....
Itti fufa

Want your business to be the top-listed Media Company in Dembi Dolo?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address

Nekemte Welega Oromia
Dembi Dolo
AUTOMOTIVE
Other Digital creator in Dembi Dolo (show all)
Afizo Temam Afizo Temam
New York
Dembi Dolo, JIMMAA

Nafi Æ Eshetu Nafi Æ Eshetu
Bale
Dembi Dolo, 0000

💕💕💕💕💕💚💚💚💕💕💕💕 �⃤𝑌𝑜𝑢 𝑑𝑜 𝑛𝑜𝑡 𝘩𝑎𝑣𝑒 𝑡𝑜 𝑠𝑡𝑎𝑦, 𝑏𝑢𝑡 � ⚫⚫⚫⚪⚪⚪⚪🔴🔴🔴🔴

Ermias Tolosa Ermias Tolosa
Page
Dembi Dolo

BIBLE

DAMBI DOLLO University Cisco Academy DAMBI DOLLO University Cisco Academy
Magariituu Oromiyaa
Dembi Dolo, 260

ICT for all

Roobeeraa pictures Roobeeraa pictures
From Dembi Dolo Teachers Training College 1km
Dembi Dolo

Suuraalee Oromoof Oromiyaa Kan babbareedoo Keessatti Argattu.