Barumsa Fayyaa

Barumsa Fayyaa

Gorsaa fi barumsaa fayyaa afaan oromoottin

17/05/2024

DEEBI'EE CIISUU DIDUU QAAMA SAALAA DHIIRAA/Dubaaraa (PRIAPISM) Maaltu fida?

Deebi'ee CIISUU diduu qaama saalaa dhiiraa(PRIAPISM) jechuun Si'aayina walqunnamtii saalaa ykn fedha saal qunnamtii malee qaamni saala dhiiraa ka'uudhaan otoo Deebi'ee hin ciisin yoo xiqqaate sa'aa 4 fi sanaa ol yoo turu jechuudha. Ta'iin kun yeroo baay'ee halkan afoo barii qaamni isaanii dhaabbatee otoo Deebi'ee hin ciisin akkuma dhaabatetti oola. Dhukkubni kun dubaras ni muudata. Garuu dhiirota irratti irra heddummaata. Dhukkubni kun dhiirota irratti baay'ee hamaa ta'uu isaa irraan kan ka'e wal'aansa malee yoo turame Qaama saalaa San hanga dhabuutti nama geessuu danda'a.

Dhukkuba kanaaf maaltu nu saaxila?
1.Idiopathic (sababi isaa kan hin beekamne)
2.Dhukkuboota dhiigaa(dhukkuba dhiiga diimaa, Kaansarii dhiigaa,
3.Balaan qaama saalaa fi naannoo qaama saalaarra yoo gahe
4.Qorichoota tokko tokko(Qorichoota Dhiphinaaf fudhataman, Dhiibbaa dhiigaaf, ka'uumsa qaama saalaa dhiiraaf,)
5.Dhukkuba Busaa
6.Dhukkuba Sukkaaraa
7.Olka'iinsa Kollesteroolii

Hubachiisa :-Dhukkubni kun faffaca'iinsi isaa baay'ee xiqqaadha. Nama 100,000 keessaa nama 2(2 /100,000) irratti muldhata. Garuu ammoo dhiironni tasa waan akkanaa of irratti arginaan manatti wanti of gargaartan waan hin jirreef, battaluma San gara Hoospitaala deemuu qabdu.
Dr Birboo Caalaa

Barumsa Fayyaa

17/05/2024

HIR'INA DHIIGAA (ANEMIA)
Hir'ina dhiigaa jechuun yoo seeliin dhiiga diimaa qaama keenya keessatti argamu haga barbaachisuu irraa gadi bu'e jechuudha.

MALLATTOO
1. Dadhabbii, afuurri cituu
2. Mataa dhukkubbii
3. Lafti namaan maruu,
4. Waa yaadachuu dadhabuu.
5. Dha'annaan onnee oduma taa'anii akka
nama fiiguu namatti dhaga'amuu.
6. Gurra keessaa namatti iyyuu
7. Dhamdhamni nyaata namatti jijjiiramuu fi kkf.

KA'UMSA
1. Dhiiguu (kanneen akka da'umsaa, balaa tasaa, marsaa laguu yeroo dheeraa, kintaarootii fi kkf)
2. Hir'ina viitamin B.
3. Hir'ina elementii ayirenii (Iron)
4. Raammoo garaa (hook worm)
5. Dhukkuba busaa (malaria)
6. Dhukkuba kalee yoo namarra ture
7. Dhukkuboota lafee (bakka itti dhiigni
oomishamu) miidhan.
8. Dhukkubootni biroo kan yeroo dheeraaf
namarra turan illee hir'ina dhiigaa ni fidu.

NYAATA KAMTU HIR'INA DHIIGAA ITTISA?
1. Tiruu beeyladootaa
2. Hundee diimaa.
3. Timaatimaa fi loomii.
4. Kuduraalee fi muduraalee.
5. Damma fi Aannan
6. Nyaata armaan olii kana yoo nyaannu
bunaa fi shayii waliin dhuguu hin qabnu.
Kunis xuuxamuu iron waan hir'isuuf.

Dr. Gurmeessaa

Barumsa Fayyaa follow, like and share godha

10/05/2024

Faayidaa vitaamin A

1.Fayyaa ijaa keenyaaf
2. Finniisa wala'aannuf
3. Fayyaa qaamaa walhormaataaf
4.Fayyaa lafee keenyaaf
5. Akka dafnee hin dulloomneef nuu faayyada.
6. kaansarii nuura ittisa
7. Guddina rifeensa mataa
8. Fayyuma gogaa keenyaaf
9. Madinumaa qamaa keenyaaf

Mallattoolee hanqina vitaamin A

1. Rakkoo ijaa
2.Rakkoo gogaa qaamaa
3. Dhala dhabuu ykn masenummaf Nama saxilaa.
4.guddinaa irratti dhibaa ummuu
5.infekshinii ujummoo sirna hargansuu
6.ija goguu
7.afaan fi qoonqoo gogogguu
8.Infectionif Saxilamuu.

Follow and share godha.
Barumsa Fayyaa

10/05/2024

Hirqinfuun salphaas cimaas ta’uu danda’a
Maaliif hirqinfannaa?
1. Ariitiidhaan nyaata nyaachuu fi nyaata sana waliin qilleensa liqimsuu
2. Nyaata /dhugaatii baay’inaan nyaachuu/dhuguu(keessumaa nyaata cooma ykn urgooftuu baay’ee of keessaa qabu; dhugaatii alkoolii ykn lallaafaa qilleensa of keessaa qabu)
3. Dhukkuboota keessoo adda addaa: dhibee tiruu, michii sombaa ykn dhibee sombaa kam iyyuu, kufaatii kalee
4. Baqaqsanii yaaluu garaa keessaa
5. Istirookii ykn kaanserii sammuu kutaa sammuu ‘brain stem’ kan tuqu.
6. Foolii gaarii hin taane jabaa
7. Ho’inni tasa yoo jijjiirame
8. Sodaa ykn gammachuu garmalee
9. Qorichoota tokko tokko : qoricha asiidii garaachaaf kennamu, Levodopa,nicotine,Ondansetrone, .

Yaalii hirqinfuuf godhamu:
1. Afuura qabatanii/osoo hin harganiin/ ala sadii liqimsuu
2. Korojoo waraqaa irraa hojjetame keessatti harganuu/ afuura baafachuu
3. Ariitiidhaan bishaan dhuguu
4. Shukkara fal’aana tokko liqimsuu
5. Arraba ofii qabanii gad harkisuu
6. Bishaan qoonqoo keesstti qabatanii lulluuquu(gargle with water)
7. Loomii ciniinuu
8. Ashaboo foolii qabu fuunfachuu

Yoom mana yaalaa deemuu qabnaa? Hirqinfuun sa’aatii 3 oliif yoo namarra ture.
Yaalii mana keessatti ta'uun yoo dide, qorichootni hirqinfuuf kennaman jiru:
✓Chlorpromazine,
✓Metochlorpromide,
✓Haloperidol fi kkf.

Barumsa Fayyaa follow, share and like godha.

10/05/2024

Gaaffii
1 yeroo dheeraadhaaf karoora maatii bifa lilmoon kennamuu fudhachuun koo maseenummaa naa fiduu ni dandayaa?

Deebisaa
(diipoon) karoora maatiif jecha garagarummaa ji'aa sadii sadihitti kan diratamuu yoo ta’uu lilmeen tunis maseenummaaf nama hin saxiltuu. Haa ta’u malee garuu akka ragaaleen adda addaa ibsutti erga lilmee dhuma diraattanii (waraanaatanii) booda yoo xiqatee ulfaa’uuf( gara hormaata deebi’uuf) haadholiin gara parsantii 68% tahan ji'aa 14 yookaan giddugalleessan gara waggaa tokkoo itti fudhachuu ni danda’a.

Page Barumsa Fayyaa kana follow godha waa’ee fayyaa irraa baradhaa hiriyoota keessanifis share godha. Galatoma dubbisa gaarii.

10/05/2024

Hirqinfuu

Maaliif hirqinfannaa?
1. Ariitiidhaan nyaata nyaachuu fi nyaata sana waliin qilleensa liqimsuu
2. Nyaata /dhugaatii baay’inaan nyaachuu/dhuguu(keessumaa nyaata cooma ykn urgooftuu baay’ee of keessaa qabu; dhugaatii alkoolii ykn lallaafaa qilleensa of keessaa qabu)
3. Dhukkuboota keessoo adda addaa: dhibee tiruu, michii sombaa ykn dhibee sombaa kam iyyuu, kufaatii kalee
4. Baqaqsanii yaaluu garaa keessaa
5. Istirookii ykn kaanserii sammuu kutaa sammuu ‘brain stem’ kan tuqu.
6. Foolii gaarii hin taane jabaa
7. Ho’inni tasa yoo jijjiirame
8. Sodaa ykn gammachuu garmalee
9. Qorichoota tokko tokko : qoricha asiidii garaachaaf kennamu, Levodopa,nicotine,Ondansetrone, .

Yaalii hirqinfuuf godhamu:
1. Afuura qabatanii/osoo hin harganiin/ ala sadii liqimsuu
2. Korojoo waraqaa irraa hojjetame keessatti harganuu/ afuura baafachuu
3. Ariitiidhaan bishaan dhuguu
4. Shukkara fal’aana tokko liqimsuu
5. Arraba ofii qabanii gad harkisuu
6. Bishaan qoonqoo keesstti qabatanii lulluuquu(gargle with water)
7. Loomii ciniinuu
8. Ashaboo foolii qabu fuunfachuu

Yoom mana yaalaa deemuu qabnaa? Hirqinfuun sa’aatii 3 oliif yoo namarra ture.
Yaalii mana keessatti ta'uun yoo dide, qorichootni hirqinfuuf kennaman jiru:
✓Chlorpromazine,
✓Metochlorpromide,
✓Haloperidol fi kkf.

Follow Barumsa Fayyaa
Share

Photos from Barumsa Fayyaa's post 07/05/2024

Kiniinii ulfa ittisuu afaaniin fudhatamu (COC)
.************************************
Taableetii guyyaa guyyaan ulfa ittisuuf gargaaru

Mala karoora maatii yeroo gabaabaa
Kiniiniin ulfa ittisuu afaaniin fudhatamu walitti makame (COC) kiniinii hormoonota lama piroojeestoojiinii fi istiroojinii of keessaa qabu yoo ta'u, ulfa ittisuuf guyyaa guyyaan fudhatama.

Hormooniin kiniinii keessa jiru ji'a ji'aan ovaariin hanqaaquu tokko akka hin gadhiifne gochuudhaan hojjetu (ovulation). Akkasumas, dafqa gadameessaa furdisee akka isparmiin gadameessa keessa gahuun itti ulfaatu taasisa.

Bu’a qabeessummaa
92% ta'a. Dubartoonni dhibba tokko waggaa tokkoof kiniinii kana yoo fayyadaman, dubartoota sana keessaa 92 yeroo sanatti hin ulfaa'an turan.

Dubartoonni tokko tokko guyyaa guyyaan kiniinii kana fudhachuu dagatu, kunis carraa ulfa karoora malee qabaachuu dabaluu danda'a.

Odeeffannoo dabalataaf Barumsa Fayyaa

03/05/2024

Rakkina "waa Irraanfachuu ykn dagachuu (forgetfulness) maaltu fiduu malaa?

1. Umuriin gara dullumaatti dhiyaachaa deemuu .
2. Alkoolii baayinaan dhuguu.
3. Dhipina ykn stress.
4: Dhibee sukkaaraa.
5: Hirriba gahaa rafuu dhabuu.
6. Hanqina hormoonii taayiroodii.
7. Qorichootni nuti fayyadamnu tokko tokkos rakkoo kanaaf nu saaxilu.
8.Boqqoona gahaa dhabuu.
9.Karooran allatti hojaachuu.

Maaltu fala ta'aa?
1. Nyaatawwan madaalamaa nyaachuu.
2. Bishaan baayinaan dhuguu.
3. Hirriba gahaa rafuu.: namni tokko yoo xiqqaate guyyaatti sahaa 6 haga 8 rafuu qaba.
4.Boqqoona Gahaa fudhaachuu
5. Nyaata coomaaf zayita baayinaan iff keessaa qaban hir'isuu.
6. Alkoolii baayinaan dhuguu dhiisuu.
7. Dhugaatiwwan mi'aawaaa saamsamoo tahan baayinaan fayyadamuu dhiisuu.
8. Tamboo aarsuu dhiisuu.
9.Karooran hojaachuu.Yeroo tokkotti waan tokko qofa xiyyeefannoon hojaachuu.

Fayyaan Faaya.
Follow Fi share walif godha
Barumsa Fayyaa

01/05/2024

Black

- The richest person in the history of earth was Mansa Musa from mali( Black )
- The Greatest Pop Musician was Michael Jackson (black)
-The greatest jazz singer" The famous Aretha Franklin. (Black)
- The greatest footballer was Pele (black)
- The Greatest boxer was Muhammed Ali (black)
- The largest and richest golfer is Tiger Woods (black)
- The greatest basketball player was Michael Jordan (black)
- The world's tallest runner and only record is Usain Bolt (Black)
-The greatest female tennis player is Serena Williams (black)
- Greatest Hip Hop Artist Was 2PAC (Black)
-The greatest philosophers were Malcolm X and Martin Luther King Jr (black)
- The Greatest Reggae Artist Was Bob Marley (Black)
-The most educated president was Robert Mugabe (black)
- The greatest president of the world was Nelson Mandela (black)
- the man who successfully built the American space shuttle to the moon was called " Arineitwe " a Ugandan ( Black )
- The most famous general was Colin Luther Powell (black)
The greatest surgeon in the world is Ben Carson (black)
- The greatest medical invention.. The revolutionary robot used in brain surgery of the French Beninese Bertin Nahum (Black).

*The next big person is You!
*Stop thinking that whites are superior to Us. *we are all equal In the sight of God
*Start discovering the superiority in You. *
*Let us wake up dear African brothers. !
*Start discovering the superiority in You. *
*Let us wake up dear African brothers.
BLACK IS BEAUTIFUL 💕💕💕💕

26/04/2024

FAAYIDAA ANANAASII (PINEAPPLE)
Akkuma fuduraa fi kuduraawwan biroo aananaasiinis ilma namaaf faayidaa hedduu qaba. Faayidalee kanneen kan nuuf kennu of keessaa qabiyyee heddu kan akka Vaayitaminoota garagaraa, keessattuu Vit.C fi A, fi kkf, albuudota akka pootaasiyeemi, magniziyeemii fi kkf, akkasumas faayiberiidhan kan badhaadhedhaa. Faayidalee isaa keessaa muraasni:-
1.Nama yaalli baqaqsanii hodhuu godhameef dabalatee madaan qaamaa dafee akka fayyuuf
2.Dandeettii dhibee dandamachuu (madinuumma) qaama keenyaa dabaluun dhukkuboota infeekshiinii garagaraan dhufan nurraa ittisaa
3.Fayyummaa irgaa, keessattu nama irgi isaa dhiiguuf heddu gargaaraa
4.Fayyummaa ilkaan, gogaa(kanaaf akka bareennu ykn ifnu) fi lafee(jabinna qaama) keenyaaf
5.Fayyummaa kalee keenyaaf
6.Dhukkuboota onnee fi sirna dhiigaa waliin walqabataan kanneen akka dhibee onnee, olka'uu dhiibbaa dhiigaa fi kkf nurraa ittisa
7.Fayyummaa ija keenyaaf
8.Gogiinsa garaa fi dhibee kintaarootii nurraa qolataa
9.Hamma sukkaara qaama keenya keessaa to'achuuf
10.Dhibee kaanserii garagaraaf fknf kaanserii mar'ummani, gogaa fi kkf nurraa ittisa
11.Bullaayinna nyaata si'eessuun fedhii nyaataa ni dabalaa
12.Dhukkubbii maashaalee fi buusaawwanii ni hir'isaa
Kanaaf yoo kan argattan ta'e aananaasii tokko guyyaa 3, 3n nyaadhaan dhaamsa kootii!!
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

24/04/2024

HIR'INA DHIIGAA (ANEMIA)
Hir'ina dhiigaa jechuun yoo seeliin dhiiga diimaa qaama keenya keessatti argamu haga barbaachisuu irraa gadi bu'e jechuudha.

MALLATTOO
1. Dadhabbii, afuurri cituu
2. Mataa dhukkubbii
3. Lafti namaan maruu,
4. Waa yaadachuu dadhabuu.
5. Dha'annaan onnee oduma taa'anii akka
nama fiiguu namatti dhaga'amuu.
6. Gurra keessaa namatti iyyuu
7. Dhamdhamni nyaata namatti jijjiiramuu fi kkf.

KA'UMSA
1. Dhiiguu (kanneen akka da'umsaa, balaa tasaa, marsaa laguu yeroo dheeraa, kintaarootii fi kkf)
2. Hir'ina viitamin B.
3. Hir'ina elementii ayirenii (Iron)
4. Raammoo garaa (hook worm)
5. Dhukkuba busaa (malaria)
6. Dhukkuba kalee yoo namarra ture
7. Dhukkuboota lafee (bakka itti dhiigni
oomishamu) miidhan.
8. Dhukkubootni biroo kan yeroo dheeraaf
namarra turan illee hir'ina dhiigaa ni fidu.

NYAATA KAMTU HIR'INA DHIIGAA ITTISA?
1. Tiruu beeyladootaa
2. Hundee diimaa.
3. Timaatimaa fi loomii.
4. Kuduraalee fi muduraalee.
5. Damma fi Aannan
6. Nyaata armaan olii kana yoo nyaannu
bunaa fi shayii waliin dhuguu hin qabnu.
Kunis xuuxamuu iron waan hir'isuuf.

Fayyaan Faaya
Dr. Gurmeessaa
(Ispeeshaalistii Dhibee Keessoo)

23/04/2024

BALAQQAMA KONKOLAATAA KEESSAA
(MOTION SICKNESS)
^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^
Qabxiilee 6 nu gargaaran!

1. Deemsa eegaluun dura nyaata baay'isanii soorachuu dhiisuu.

2. Nyaata zayita hedduu qabu, nyaata foolii cimaa qabu, alkoolii fi wantoota caffeine of keessaa qaban akka bunaa irraa of qusachuu.

3. Namooti rakkoo kana qaban wal bira kaa'uu dhiisuu fi waa'ee waan kanaa haasa'uun haasa'uu dhiisuu.

4. Konkolaataa keessa yoo kan danda'amu ta'e, bakka sochiin itti xiqqaatu (kara fuulduraa) taa'uu.

5. Zinjibila (ginger) shayiidhaan danfisanii dhuguun, Akkasumas loomii xuuxaa deemuu.

6. Qoricha dhibee kanaaf oolu mana qorichaa ykn pharmacy irraa bitachuun fayyadamuu dha.
Dr. Kedir Mohamed
Fayyaa ta'aa. Horaa bulaa.

23/04/2024

Haala daa'imman ulfaatina gaarii dabaluu isaanii agarsiisu!

1. Daa'imman dhalatanii guyyoota muraasa keessatti ulfaatinni isaanii hanga 10 % hir'achuu mala. Parsantii 10 % dabaluun mallattoo gaarii miti.

2. Umurii isaanii baatii 4-6tti ulfaatinni isaanii dachaa ulfaatina yeroo dhalootaa (2 times) ni dabalu.

3. Umurii isaanii waggaa tokkotti ulfaatinni isaanii harka sadii (3 times) ni dabalu.

Hubachiisa:- Daa'imman yeroo dhukkubsatan qofa osoo hin taane yeroo fayyaa qabanittis hordoffiin haala guddina qaamaa fi bilchina qaamaa ni barbaachisa!

Fayyaan Daa'immaniif!

Dr. Sabona

Sababoonni banana tahee uumamuu hidhii fi laagaa daa’immanii maalii? - Nurturing young lives 22/04/2024

Sababoonni banana tahee uumamuu hidhii fi laagaa daa’immanii maalii? - Nurturing young lives Banaa tahee uumamuu hidhii fi laagaa daa’immanii Hidhii fi laagaan mudaa dhalootaa yeroo guddina gadameessa keessatti kutaaleen fuula daa'imaa tokko tokko sirnaan hin cufamiin hafudha. Banamuun hidhii hangi isaa garaagarummaa qabaachuu kan danda’u yoo ta’u, hidhiin gama tokkoon ykn lamaan ykn ...

22/04/2024

Mala uumamaa (marsaa laguu) fayyadamuudhaan ulfa hambisuu dandeenyaa?

Guyyaa marsaan laguu itti dhufe (GUYYAA ISA JALQABAA IRRAA KAASNEE ) guyyoota 14 lakkoofna, guyyaan kun guyyaa itti hanqaaquun oovaarii irraa gadi dhiifamtu (ovulation) dha. Guyyaa kana fuuldura guyyaa sadiif, guyyaa kana booda guyyaa lamaaf walumaa galatti guyyaa shaniif qunnamtii irraa of qusachuu qabna. Haa ta'u malee carraan baay'ee xiqqoo guyyootuma kanaa alas ulfa ta'uu danda'a. Kanaafuu guyyaa sana fuuldura guyyaa shan sana boodas guyyaa shan of qusachuun caalaatti fiixaan ba'umsa kenna.

Fakkeenya 1. Marsaan laguu gaafa Fulbaana 1 yoo dhufe, hamma ta'e of eeggachuudhaaf yoo ta'e fulbaana 11 haga 16; sirriitti of eeggachuudhaaf yoo ta'e fulbaana 9 haga 19 walqunnaamtii saalaa irraa of qusachuu qabna.

Fakkeenya 2. marsaan laguu gaafa Caamsaa 22 yoo dhufe, hamma ta'e of eeggachuudhaaf yoo ta'e Waxabajji 3 haga 8; sirriitti of eeggachuudhaaf yoo ta'e Waxabajji 1 haga 11 of qusachuu qabna.

HUB:
1. Mala kana fayyadamuuf marsaan laguu yeroo inni ji'a ji'aan dhufu walfakkaataa ta'uu qaba.
2. Malli ittisa dahumsaa kun walumaa galatti dandeettiin ittisuu isaa haga warra kanneenii ( qorichoota) hin gahu.
Galatoomaa.

Dr.kedir Mohamed

22/04/2024

Qarafaa (Cinnamon).
*******************************************
Gaaffiin namoota hedduu qarafaan maalii kan jedhu yommuu ta'u, gaaffii kanaaf gabaabumatti deebii nan kenna. akkasumas faayidaa isaa isiniif nan qooda.

Qarafaa'n yeroo hedduu mi'eessitu shaayeedhaaf kan itti fayyadamnu yommuu ta'u, afaan ingiliffaadhaan Cinnamon jedhama. Qarafaan qola mukaa waan akka fakkaatuu ta'ee, daakamuunis, daakuun isaa faayidaa hedduudhaaf oola. Akkasuma urgeessituu nyaatati.

Faayidaa Qarafaa Muraasa:
1. iita qaama namaa irratti argamu dhoksuuf,
2. Dhukkuba hadhooftuuf,
3. Dhukkuba xiichaaf,
4. Dhukkuba cophxoof,
5. Dhukkubbii yeerii xurii laguu dubartootaaf,
6. Dhukkubbii afuuffee fincaaniif,
7. Dhukkuba ijaatiif/ittiin kuulatu.
8. Dhukkuba busaaf,
9. Dhukkuba sukkaaraa too'achuuf
10. Dhukkuba garaachaaf
11. Quuqaa cinaachaaf
12. iita harmaatiif
13. Qufaaf, dhukkuba sombaaf
14. Qarafaa suunfachuu qofaan dandeettii waa yaadachuu keenyaa nii dabala.
15. Farra fangasiiti.
16. Furdina ni hir'isa.
17. Dhibee mataa bowwuutiif,
18. Hamma koolisteroolii qaama keenya keessaa xiqqeessa.
19. Fayyummaa fi qulqullina ilkaaniitiif,
20. Goginsa garaatii fi wantotaa hedduudhaaf ni oola.
Soorata soorattan, Dammaa Fi Shaayee wajjiin soorachuu dandeessu.

Hub: Guyyaatti Fallaana shayee 1 hamma 2 ol akka hin fayyadamne. Sanan ol yoo ta'e dhiibbaa geessisu qaba. Sanan ol fayyadamuus hin dandeessan.

Fayyaan Faaya!
Dr Kedir

22/04/2024

BUNA fi Faayda Isaa

Bunni faaydaa akkamii qabu?
1.Dhukkuba sukkaara ittisuuf. Qorannoon heddu kan mul'isu bunni dursee dhukkuba sukkaara (type-2 diabetes mellitus) nurra ittisuu akka danda'uudha kan ifoome. Dhukkuba sukkaara yeroo amma akka addunyaati nama miiliyoonni 350 oltu ittin rakkataa jira. Namni buna dhugu carraa dhukkuba kanaan qabamuu parsantii 25haga50tiin (100%25-50)gadi buusa.

2. Carraa dhukkuba onnee fi dhiiguu sammuu keessatti hir'isa. kara tokkoon dhukkubni onnee fi dhiiguun sammuu keessattii(stroke) walqabataa waan ta'eef;dhukkuba sukkaara yoo ittisu dhukkuba onnee fi dhiiguu sammuu keessattis ittisa. karaa biratiin ammoo waldhahuu rukkutaa onnee(heart rythm disturbance) kan dhukkuba onneetii fi dhiiguu sammuu keessatiif sababa ta'uu maluu nurra dhorka.

3.Dhukkuba narvii nurra ittisuuf. Buna dhuguun dulluma keessa dhukkuboota narvii dhufu malan ittisa kunis :
Madaala qaama eegachuu dadhabuu,maasha
alee qaamaa garmalee kotoonfachuu,qaamaan hoolachuu fi deemsaan qususu..kun waliigalatti" parkinson's disease" jedhama.

Dandeettii waa yaadachuu dhabuu ykn waa hunda irranfachuu.."Dementia/Alzheimer's disease "jedhama.
Dhukkubootni lameen kun keessumatuu namoota umriin isaanii 65 ol ta'e irratti mul'atu. Dhukkuboota yaaluuf rakkisaa ta'aniidha. Namooni buna dhugan carraan dhukkuboota kanaan qabamuu ofirra ittisu.

4.Kaansarii ittisuuf. Qorannoon kan agarsiisu namootni buna dhugan carraan kaansarii tiruutiin qabamuu parsantii 40 gadi yoo busu,carraa kaansarii mari'imaanii parsantii 15 niin gad buusa.
Bunaa fi nagaa hin dhabinaa!!

22/04/2024

Deeppoo pirooveeraa/lilmoo ji’a sadii sadiin waraanamu
***
👉Kan mala ittisa da’umsaa ji’a sadiif gargaaru dha.
👉Lilmoodhan harka Irratti kan keennamu yommuu ta’u, qabiyyeedhan hormonii proojeestiroonii jedhamu of-keessatti qabata.
👉Malli ittisa da’umsaa kun hojii isaa kan hojjetu:
✅Ovuleeshiniin akka hin gaggeeffamne/hanqaaquun akka hin geejibamnee/ godha.
✅Mukasii yookin dhangala’aa afaan gadameessaa irratti argamu furdisuun mi’oon/semen/ akka haala salphaan hin dabarre taasisa.
✅Dhaabni gadameessaa micireedhaaf haala mijataa akka hin uumne taasisa.

👉Faayidaa isaa
✅Torbaan 12f da’uumsa ittisa
✅Yeroo dubartiin harma hoosiftu yoo fudhatame dhiibbaa geessisu hin qabu.

👉Dhiibbaa inni uumu

✅Marsaan laguu yeroo isaa eeggatee dhuufuu dhiisuu danda’a.
✅Dubara tokko tokko irratti ulfina qaamaa dabaluu danda’a.
✅Erga dubartiin mala ittisa da’umsaa kana fudhachuu dhabde booda ulfi yeroo muraasaaf turuu danda’a.
Lemi Medical Center
Dr.Lemi B Tolu

21/04/2024

Baacoo...

Barataa kutaa ja'affaati. Barnoota Hawaasaa keessatti lafti kun aduutti akka naannoftu baratee gale. Waan kana ajaa'ibsiifatee galee abbaa isaatti hime. Abbaan isaa hin baranne. "Soba akkanaa akka ati barattuuf miti mana barumsaatti kanan si ergu!" jechuun hamma inni quufutti reebe—abbaan isaa.
Bor mana barumsaa yeroo deemu barsiisaa Hawaasaa gaafate. "Waan ati kaleessa nu barsiiste abbaa kootti himnaan na reebe. Akkamitti lafti aduutti naanna'a? Akka nuti beeknuttoo aduuti lafatti naanna'aa?" jedhe.
Barsiisaanis dubbichi dhugaa akka ta'ee fi abbaan
mucichaa akka dogoggore irra deebi'ee mirkaneesseef.
Gurbichi ni joonja'e. Kan eenyuu fudhatee kan
eenyuummoo akka gatu wallaale.
Daftara hawaasaa fudhatee yaadannoo mataa isaa qabate: Mana barumsaatti lafatu aduutti naanna'a; mana keenyatti immoo aduutu lafatti naanna'a!

Kitaaba keessaa

Photos from Barumsa Fayyaa's post 20/04/2024

Medical and surgical instruments

19/04/2024

Write the correct answer under the comment box

19/04/2024

your Answer

19/04/2024

A MUST READ

Two soldiers were very friendly, great friends. One evening one soldier comes back to the trench but finds that his friend has not returned. Many people have been killed on the front. He becomes afraid — is his friend killed?

He enquires, and then somebody says, ‘We are not certain that he is killed, but he was so terribly wounded that it was impossible for him to come to the trench. By now he must be dead.’

It is getting dark now and the enemy is still firing madly but the soldier wants to go and search for his friend.

The officer says, ‘No, this is foolish’, but he doesn’t listen to the officer — he goes.

It is very difficult in the dark and there are thousands of corpses all around.

He looks and looks and in the middle of the night he returns — dragging his friend’s dead body on his back. He himself is now terribly wounded, mortally wounded… he cannot survive.

The moment he reaches the trench he falls on the floor with the body of his dead friend.

The officer comes and he says, ‘I told you not to be foolish! It was not worth it. Now you know what you have done to yourself. The friend is dead and you are dying!’

The dying man opened his eyes and he said, ‘But it was worth it — because when I went there, he looked at me and he said, “Jim, I knew you would come.”‘

For love, life can be sacrificed — it is worth it.

But we have been taught just the contrary: sacrifice everything just to be alive; just to survive, sacrifice everything.

Life is beautiful only when there is love. Love is a higher value than life… a greater value than life. Life can be sacrificed to love, but love cannot be sacrificed to life.

May each and every one of you be blessed with the company of TRUE FRIENDS. A true friend is one who walks in, when the rest of the world walks out.

Thank You So Much For Reading Through 🥰.

HAVE A GREAT DAY AHEAD🙏❤️

Keep following EYA Oliver Uchenna®️

04/01/2023

DHUKKUBNI NIMOONIYAA MAALI?
********

♻️Dhukkubni Nimooniyaa baay'inaan hawaasa keessatti 'michii sombaa' jedhamee kan waamamu dhibee du'aatii daa'imman waggaa Shanii gadiitif gahee dursaa kan qabuudha. Daa'imman caalmaatti kan miidhu ta'us, dhukkubni kun nama kamiyyuu hubuu ni danda'a.

♻️Dhukkubni kun gosa infeekshinii ta'ee baakteriyaa gara garaa, akkasumas, vaayirasoota gosa addaa addaatiiin dhufuu kan danda'uudha.

MALLATTOOLEE DHUKKUBA NIMOONIYAA
********
✅ Gubaa qaamaa(ho'inni qaamaa dabaluu)
✅Qufaasisuu
✅Dafanii harganuu
✅Harganuu dadhabuu fi mallattooleen infeekshinii kan biroos mul'achuu danda'u.

NIMOONIYAA AKKAMITTI ITTISNA?
*********

🚹 Mana keessa jiraannu keessa faalamni qilleensaa akka hin jiraanne gochuu!
🚹Daa'imman talaalchisuu!
🚹Nyaata madaalawaa soorachuu!
🚹Daa'imman aara tambootiif akka hin saaxilamne gochuu!
🚹Mana jireenyaa fi nyaatni itti bilchaatu gar gar baasuu!

♻️Mallattooleen dhukkuba Niimooniyaa gaafa muldhate hatattamaan garaa Mana yaalaa dhiyoo jiruutti deemuun yaala barbaachisu argachuun murteessaadha!

Fayyaan nama hundaaf!

Want your practice to be the top-listed Clinic in Harer?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Videos (show all)

Araada fedhii ofiin ofiirraa baasuu ykn seeggaa akkamitti dhisuu dandeenya?

Category

Telephone

Address

Oromia
Harer
Other Medical & Health in Harer (show all)
Razi Cultural Medical Service Razi Cultural Medical Service
East Hararghe
Harer

Herbology and Phytology

Nurse Abdalayii fuad Nurse Abdalayii fuad
2012
Harer, 1000313793269

Pediatric Nurse Abdalayii fuad

Wandu Abiy Wandu Abiy
Wanduabiy@gmail. Com
Harer