Wal'aansa

Wal'aansa

Fuulli kuni dhimma fayyaafi wantoota fayyaa wajjin walqabatan irratti xiyyeeffata.

24/09/2022

AMALEEFFANNAA BADAA JIJJIIRUUF

Dhalli nama uumama hawaasummaati. Jireenya waliinii fi wal irratti hundaa'e jiraata. Kana keessatti wanti murteessaan amaleeffannaadha. Amaleeffannaa badaa jijjiiruuf yookaan amala gaarii duraan hin qabne shaakaluuf wantoota nama haamileessan sadan armaan gadii irratti xiyyeeffadhu.

1. Social incentives

Kuni dhiibbaa amaloonni hawaasa naannoo keenyaa nurratti qaban ibsa. Nuyi uumamaan waan gaarii namoonni godhan caalchisnee yookaan bareechinee gochuu barbaanna. Amala qabaachuu feetu sana namoonni meeqa akka qaban beekuun gaariidha jechuudha. Fakkeenyaaf tamboo dhaabuu feeta taanaan baay'ina namoota kana gochuun milkaa'anii beekuun madda haamilee isa duraati.

2. Immediate reward

Namoonni gammachuu gara fuulduraatti dhufu caalaa kan ammaaf ammatti argamu filatu. Amala haaraa qabaachuu barbaaddu sana gaafa gootu badhaasa ykn gammachuu siif argamsiise irratti xiyyeeffachuu qabda jechuudha. Haala kanaan deemsa keessa amalli sun akkaataa jireenyaakee (Lifestyle) ta'aa deema jechuudha.

3. Progress monitoring

Adeemsa amaleeffannaa gaarii qabaachuu keessatti waan irratti milkaa'uu dhabde dhiistee waantota galmaan geesse irratti fuulleffachuu jechuudha. Fakkeenyaaf nama tamboo dhiisuurra jiru tokkoon erga tamboo aarsuu dhaabdee ispoortii irratti gaarii taate yaada jedhu osoo itti himan caalaatti haamilee amalaa badaa sana addaan kutuu argata jechuudha. Kanaaf bu'aa gaarii galmeessite of yaadachiisaa deemuun murteessaadha.

Wabii:
Tali Sharot
Behavioural Neuroscientist

Like | Comment | Share
Wal'aansa
2022

05/12/2020

Wal'aansa fayyaa eenyutu jalqabe?

Wal'aansi fayyaa(Medicine) seenaa addunyaa kanaa keessatti kan qaroomina ilma namaa wajjin guddachaa dhufedha. Sadarkaa ammaa kana osoo hin qaqqabiin bu'aa ba'ii hedduu keessa akka darbe ragaaleen seenaa ni mirkaneessu. Kun kanumaan osoo jiruu gaaffii wal'aansa eenyutu dura jalqabe jedhuuf deebiin quubsaan hin jiru. Sababni isaa dhalli namaa kutaa addunyaa garagaraa keessa jiraataa ture baay'eensaa dhukkubootaaf mala yaalaa adda addaa fayyadamaa ture. Garuu seenaa wal'aansa jabanaa(Modern medicine) keessatti namni angafaa maqaan isaa ka'u hayyuu Giriik durii Hippookraatisidha. Namni kun abbaa wal'aansa jabanaa jedhamee beekama. Kitaabota isaa 70 ol ta'an keessatti waa'ee dhukkubootaafi yaala isaanii gadi fageenyaan katabeera. Kakuu yeroo ogeessonni fayyaa eebbifaman raawwatan (Hippocratic oath) kan gumaachellee nama kana ture.

Wabii
πŸ‘‰Wikipedia

Odeeffannoo
- Fayyaa wayitaawaa
- Muummee wal'aansaa(Medicine)
- Mudannoo fi muuxannoo mana yaalaa yeroo dhiyootti asirraa argattu.

πŸ‘‰Like | comment | share
Wal'aansa

17/10/2020

Hordoftoonni fuula kanaa marti akkam jirtu?
Akkuma maqaan isaa ibsuu yaalutti fuulli kun dhimma fayyaafi wantoota fayyaan walqabatan irratti xiyyeeffata. Akkuma beekamu 'facebook' irratti dhimma fayyaarratti kan kataban ogeessonni hedduun jiru. Dhimma itti hin bu'amne jennee amannuufi kanneen irratti baay'inaan dubbatamanis caalaatti gadi fageenyaan hubannaa uumuun barbaachisaa ta'ee waan nutti mul'ateef fuula kana banuuf dirqamne.

Qabiyyeewwan fuula kana adda taasisan keessaa:
πŸ‘‰ Qabiyyeewwan xiinsammuu namaa irratti dhiibbaa gaarii (Positive influence ) fidan
πŸ‘‰ Muummee fayyaa(Medicine) irratti barattoota ol adeemaa jiraniif hubannaa kennuu.
πŸ‘‰ Bu'aa bayii fi mudannoowwan ogummaa fayyaa keessa jiran mul'isuu
πŸ‘‰ Hariiroo dhukkubsataa fi ogeessaa
πŸ‘‰ Hospitaalaa fi wantoota achi keessatti guyyuu nama mudatan
πŸ‘‰ Muuxannoo waljijjiirraa ogeessaaf ogeessa gidduutti
πŸ‘‰ Kenninsa tajaajila fayyaa biyya keenyaa irratti komii,yaada,gaaffii,marii akkasumas yaada furmaataa
πŸ‘‰ Dhibeewwan hawaasa keessatti bal'inaan mul'atan irratti ibsa bal'aa fi
πŸ‘‰ Wantoota ajaa'ibsiisoo uumama namaan walqabatanii jiran yaada wabiin deeggarame dhiyeessuuf qophaa'uu keenya!

Fuula kana 'like' fi 'share' gochuun dhangaa isiniif qopheessine irraa akka hirmaattanii fi hirmaachistan kabajaan isin affeerra.

@ Wal'aansa
2020

Want your practice to be the top-listed Clinic in Nek'emte?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address

Nek'emte