Oromia Bakke Media
News and Media website
What a shameful report made by Reuter's ! I have never seen this kind of scripture , either Milkesa Midhega fooled you (Giulia) or you made this mistake purposely . We never accept this kind of scriptures .
Saturday February 24,2024:
Koreen dhoksaa Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee, Obbo Shimallis Abdiisaatiin hogganamu Oromiyaa keessatti ajjeechaa jumlaa, hidhaa murtee seeraa malee fi yakkoota garagaraa ajajaa turuu qorannoon Rooytarsi mirkaneesse.
Naannoo guddicha biyyatti Oromiyaa keessatti koreen dhoksaa kun, Waraana Bilisummaa Oromoo dabalatee mormitoota isaa ittiin himachuuf ajjeechaa suukaneessaa fi hidhaan murtee seeraa malee akka raawwatamu ajaja kennaa ture jedha qorannoon Rooytarsi.
Koreen dhoksaa kun “Koree Nageenyaa” jedhamee kan waamamu yoo ta'u, ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuu dabalatee hidhaawwan murtee seeraa malee raawwataman kan ajaje ta'u ibsa gabaasni Rooytarsi.
Hojitti hiikkamuu dhabuu waliigaltee Asmaraa hordofee jalqaba bara 2019 waldhabdee fi garaagarummaan waraana Bilisummaa Oromoo fi mootummaa Itoophiyaa jiddutti hammataa dhufe.
Waldhabii fi garaagarummaa mootummaa fi WBO jiddutti uumame kana hordofee Koree Nageenyaa jedhamee qondaalolata Olaanaa mootummaa irraa qaamni ajaja ajjeechaa murtee seeraa malee fi hidhaa ajaja mana martii malee raawwatamu ajaju hundaa'ee jedha qorannoo Rooyatarsi Gurraandhala 23 bara 2024 baase.
Rooytarsi qorannoo kanaaf qondaalota mootummaa federaalaa fi naannoo 30 ol, ogeessota seera, fi miidhamtoota dubbisee jiraachuu ibse.
Rooytarsi qondaalota duranii fi ammaa shan dubbisuun akka gabaasetti, Waraana Bilisummaa Oromoo kan waggoota dheeraa ummata Oromootiif mirga hirre murteefannaa, mirgoota Aadaa fi Afaanii barbaadu dhaabsisuuf koreen kun Abiy Ahmad hundaa'e jedha.
Koree Giddugaleessaa Paartii Biltsiginnaa kan turan dokatar Milkeessaa Miidhagaa fi namoota biroo dhimma Koree Nageenyaa Oromiyaa keessatti hundaa'ee ajjeechaa raawwatuu kan itti dhiheenyaan beekan wabeefachuun qorannoo isaa keessatti akka eeretti, Koreen Nageenyaa kun ajjeechaa jumlaa dabalatee hidhaa jumlaa murtee seeraa malee akka raawwatamu ajajaa turee jira.
Ajaja Koreen kun laateen ajjeechaawwan raawwataman keessaa ajjeechaa Muddee 1 bara 2021 Abbootii Gadaa Karrayyuu irratti raawwatame isa tokkoo jedha.
Haleellaa Waraanni Bilisummaa Oromoo Sadaasa 30 bara 2021 Aanaa Faantaallee keessatti raawwate hordofee Itti Aanaa Pirizidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii, yeroo san Komishiinar Komishiinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa gara Fantaallee imaluun, Bulchaa Godina Shawaa Bahaa obbo Abaabbuu Waaqoo wajjiin mari'atuu isaanii eeramee jira.
Ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu dura Bulchaan Godina Shawaa Bahaa obbo Abaabbuu Waaqoo ajajoota waraanaa irraa itti bilbilamaa turuu fi booda irraa murtee ajjeechaa gahuun abbootii Gadaa Karrayyuu akka ajjeefaman taasifame jechuun maddeen irraa mirkaneefachuu Rooytarsi gabaasa isaa keessatti eeree jira.
Gareen kun ajjeechaan abbootiin Gadaa kun akka raawwatamu erga ajajee booda, Waraana Bilisummaa Oromootti quba qabuu isaas eere.
Dhimma kana irratti OMN battala sanitti maatii wareegamtootaa fi maddeen isaa Aanaa Faantaallee irraa dubbisuun ajjeechaan sun waraana mootummaatiin akka raawwatamee gabaasaa turee jira.
Miseensa Caffee Oromiyaa fi deetaa ministira nagaa kan turan obbo Taayyee Danda’aa fi miseensa Paarlaamaa Itoophiyaa kan ta'an obbo Hangaasaa Ibraahim dhimma kanaan wal qabatee yaada karaa marsaalee hawaasummaatiin kennaniin ajjeechaan Abbootii Gadaa Karrayyuu irratti raawwatame ajaja qondaalota olaanootiin raawwatamu himuun isaanii ni yaadatama.
Rooytarsii gabaasa isaa kanaan, gaafatamaa Komishiinii mirga namoomaa Itoophiyaa Komishiinar Daani'el Baqqalaa yoo dubbisu, komishiinaricha Koreen Nageenyaa jiraachuu mirkaneessuun jalqaba irratti rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessatti hammaate furuuf kan ijaarame ta'uu eerani booda koreen kun dhiittaa mirga namoomaa daangaa darbe raawwatuu isaa akeekani jiru.
Komishiini mirga namoomaa Itoophiyaa Oromiyaa keessatti ajjeechaa Jumlaa, hidhaa murtee seeraa malee, saamichaa fi cabiinsa mirga namoomaa raawwatamaa ture galmeessaa turuu Komishiinar Daani'el Baqqaalaa ibsanii jiru.
Ministirri mummee Itoophiyaa Abiy Ahmad yaa'ii Paarlaamaa Itoophiyaa Gurraandhala 6 bara 2024 adeemsifame irratti, “ceehumsa diimookraasii keessatti cabiinsi mirga namoomaa ni raawwataa” jedhe.
Waraana Bilisummaa Oromoo fi mootummaa Itoophiyaa jiddutti bara 2019 irraa jalqabee mariin araaraa ta'amuu jalqabus haalli Oromiyaa keessa itti fufee jiraachuu Rooytarsi gabaasa isaa keessatti eeree jira.
Miseensonni koree kanaa Ministira Mummee Itoophiyaa Abiy Ahmad, Pirizidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, Gaafatamaa Waajjira Biltsiginnaa Oromiyaa Fiqaaduu Tasammaa, Gaafatamaa Bulchiinsaa fi Nageenya Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa, dabalatee hooggantoonni biroo kan keessatti argaman ta'u qorannoon kun ifoomsee jira.
Ajajaan olaanaan ABO-WBO Marroo Dirribaa yaada Rooyatarsiif kenneen maqaa Koree nageenyaatiin qondaalonni olaannoon ijaaramuun naannoo Oromiyaa keessatti ajjeechaa jumlaa, hidhaa, reebichaa fi saamicha raawwataa jiraachuu mirkaneesse.
Abbaa Murtii mana Murtii olaanaa Oromiyaa kan turan tokko irraa odeefachuun kan ibsu gabaasni kun, “Koreen Nageenyaa kun taa'ee mari'atuun namni tokko akka hidhamu yoo murteessee ajaja mana murtii malee akka hidhamu taasifamaa” jechuun hime.
Doktar Milkeessaa Miidhagaa Koreen kun hundaa'uu bitooteessa bara 2019 dhaghuu himuun, Shimallis Abdiisaa akkuma Pirizidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa ta'uun muudameen qajeelfama seelii diinaa balleessuu jedhu kenne jedhan.
Qorannoo Rooytarsi mirkaneessee kana OMN waggoota shanan darban gabaasaa turuun isaa ni yaadatama.
Via:OMN
Tens of thousands of Americans lost cell phone service due to AT&T’s network outages on Thursday morning, causing concern about users' access to emergency helplines. Many customers have been faced with cell phones stuck in SOS modes.
“Some of our customers are experiencing wireless service interruptions this morning. Our network teams took immediate action and so far about three-quarters of our network has been restored,” Cricket Wireless said in a statement to OBM
Abbaa kalaqaa dhalatee 'balfa keessatti gatamee' miliyeenera addunyaa tahe - BBC News Afaan Oromoo ''Haalotni kee akka eenyummaakee murteessan hin eeyyamiin,'' Gorsa gabaabduu dargaggoo ganna 31 hojii uumuun beekamu Fireedii Fiigers namootaaf dhaame.
Sirna walharkaa fuudhinsa baallii Gadaa Gujii adeemaa jiru suuraaleen - BBC News Afaan Oromoo Walharkaa fuudhiinsa baallii Gadaa Gujiin, Gadaa Harmuufaa irraa gara Gadaa Roobaleetti qaxxaamuruuf namuu Gumii Bokkootti walitti qabameera. Sirni aadaa kunis guyyootaan dura Godina Gujii Ardaa Jilaa Mee’ee Bookkootti kan raawwataa jiru ogguu tahu, sirnoonni akka lallabaa fi kaanis gaggeeffamaa j...
Manni marii bakka bu'oota ummataa yaa'ii idilee 14ffaa bara hojii 3ffaa bakka ministirri mummee Itoophiyaa Abiy Ahmad argamanitti adeemsisee jira.
Yaa'ii paarlaamaa biyyatti kana irratti miseensonni mana marichaa gaafiilee dhimmoota nageenyaa, misoomaa, marii araaraa, diimookraasii, hoongee, diinagdee, seenessa biyyaaleessaa, dhimma ulaa galaanaa fi kanneen biroo irratti xiyyeefatuun kaasani jiru.
Ministirri mummee biyyatti Abiy Ahmad gaafiilee miseensota irraa ka'eef ibsa bal'aa laatani jiru.
Yaa'ii idilee mana maree bakka bu'oota ummataa har'a gurraandhala 6 bara 2024 adeemsifame irratti gaafileen garagaraa miseensota mana marichaatiin ka'anii jiru.
Gaafiilee dhiyaatan keessaa inni ijoon “mariin araraa mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo jiddutti adeemsifamaa ture milkii maalif dhabe?” kan jedhudha.
Ministirri mummee gaafii kanaaf deebii laataniin, “nageenyi meeshaa murteessaa fi barbaachisaadha” jechuun “boora’uun nageenya biyyatti daandii ittiin fedhii siyaasaa milkeessuuf fayyadaman ta’uun cabiinsaa hamaadha” jedhan.
Fedhii siyaasaa barbaadamu afaan qawweetiin argachuuf socha'uun Itoophiyaa keessatti baratamaa ta'uu kan yaadachisan Ministirri mummee Itoophiyaa Abiy Ahmad, Marii nageenyaatiin walqabatee kutaalee biyyattii garagaraatti dhimmoonni salphatti furamuu danda’an rakkoo walitti bu’iisaa ta’uu fi buqqaatii kan hordofsiisu ta’uu himani jiru.
Marii fi waamichi nageenyaa Waraana Bilisummaa Oromootiif taasifame waamicha nageenyaa morkattootaa siyaasaa biroof taasifameen addatti kan ilaalamu miti jechuun, mariin Taanzaaniyaatti ABO-WBO waliin taasifame waliigaltee bu’uuraa irra gahamuu waan hin dandenyeef ummataaf ifatti ibsuun akka hin danda’amne ibsani jiiru.
Waqtii waan qabatamaa fi bu’uuraa qabu irraa gahamu kan ibsamu ta’uu eerani jiru.
Marii araaraa marsaa 2ffaa qaamota lamaan jiddutti Taanzaaniyaa magaalaa Daar Es-Salaam keessatti adeemsifamaa ture WBOn marichi sababa ejjannoo mootummaatiin gafachuu fi mootummaanis sababa ejjannoo WBOtiin gufate jechuun ibsa baasuun isaanii yaadamata.
Marii kanaan ummanni abdii hin qabatamne eeggataa jiraachuu kan eeran MM Abiy Ahmad, diimookraasii, marii fi filannoo yoo tarkaanfanne malee qawweedhaan aangoo qabachuun hin danda'amu jedhan.
Gaafii dhimma seenessa biyyaaleessatiin walqabatee ka'eef deebii kan laatan mummichi ministira, “hunduu rakkoolee muudataniif beekkamtii kennuun furmaata isaatiif waloon hojjachuu barbaachisaa” jedhan.
Dhimmoota kaleessa biyyatti muudatan irratti osoo falmamuu egeree biyyatti akka hin diigne kan jedhan Ministirri mummee, “egeree cimaa ijaaruuf dhimmoota kaleessa muudatan beekkumsaan darbuu, hunduu rakkoolee muudataniif beekkamtii kennee furmaata isaatiif waloon dhaabbachuu feesisa” jechuun ibsanii jiru.
Rakkoolee hoongeen walqabatanii kutaalee biyyatti muudataniif deeggarsi gama mootummaatiin taasifamaa jiru maal fakkaata gaafii jedhuuf deebii laataniin, “hoongee biyyatti muudate akka meeshaa siyaasaatti ilaaluun sirrii miti” jedhan.
Hoongee muudate qolachuu fi lubbuun lammiilee sababa beelaatiin akka hin dabarreef gahumsaan oomishuuf hojjatamaa jiraachuu eeran.
Nannoolee Oromiyaa, Tigraay, Amaaraa fi Itoophiyaa bahaatti hoongee muudateef mootummaa birrii biliyoona 16 ramadee qolachuuf hojjataa turus eeranii jiru.
Ragaa qabuun beelaan namni du'e hin jiru jechuun Ministirri mummee paarlaamaa biyyatti irratti dubbatanis sababa beelaatiin Boorana keessatti namni du'uu gabaafamaa ture.
Seerdhabdummaa biyyatti keessatti babal'ateenis, biyyi shaakala diimookraasii irra waan jirtuuf seerdhabdummaan babal'atee jedhan.
Liqii Itoophiyaan ofiirraa qabdu hir’isuuf hojiiwwan gama mootummaan hojjatamaa jiraniifi qaala’insi yeroo gara yerootti dabaluun yaaddoo lammiilee ta’aa dhuferratti hojii maaltu hojatamaa jira gaafii jedhuuf deebii yoo laatan, “qaala’insi yaaddoo Itoophiyaa qofa osoo hin taane kan adduunyaati, haa ta'u malee Itoophiyaan qormaataawwan garagaraa dandamachuun biyya guddinna saffisaa galmeessaa” jedhan.
Qaala’insa gatii tasgabbeessuuf hojiiwwan garagaraa hojjatamuu kan eeran Dr Abiyyi, kanneen keessaa oomisha dabaluun isa jalqabaa ta’uu himan.
Itoophiyaan oomish biyya keessaa irratti xiyyeefachuun qamadii biyya alaatii dolaara miliyoona 700 hanga 800tiin alaa galuu hambisaa jirti jedhan.
Kanaanis Itoophiyatti qaala'iinsi jireenyaa harka 35 irraa gara 28tti gadi bu'ee jiraa jedhan.
Dhimma ulaa galaanaa diimaa wajjiin walqabatee ibsa kennaniin, “Itoophiyaa carraaqqii olaanaa taasisaa turuu eeruun, kana booda biyyoonni ollaas dhimmicha irratti xiyyeefachuun carraaqqii taasisuu qabu jedhan.
Galaanni diimaan dhimma itti fufiinsa Itoophiyaati kan jedhan mummichi ministiraa, biyyoota biroo waliin ta'uun haala nageenyii fi misoomni naannawa galaana diimaatti mirkanaa'uu danda'u mala dhahuun barbaachisaadha jedhan.
Mummichi ministiraa dhimmoota akka daddabarsa mallaqa seeraan alaa, raabsa xaa'oo fi hanna, dhimma liqaa kafaluu dadhabuu Itoophiyaa, qaamolee mootummaa keessa taa'anii gareewwan hidhatan gargaaranii fi kanneen biroo irratti ibsa bal'aa laatanii jiru. Maddi OMN
Why we need his info at this time
Dirree Dhawaa hanga Ameerikaa, achiis hanga pireezidantii Tekwaandoo Afrikaatti- Maastar Hasan Abdulqaadir - BBC News Afaan Oromoo Dirree Dhawaatii ka'uun hanga Ameerikaatti, achiis hanga gaggeessaa Tekwaandoo Afrikaa tahanitti gahaniiru. Adunyaa irratti Teakwaandoon kan beekaman namoota Kooriyaa Kibbaa fi Ameerikaattis leenjii isaanii xumuruun badhaasota gurguddaaf gahaniiru.
What city is being referred to?
Good morning Finfinnee Ethiopia 🇪🇹
'Kaaraatee kanan baradhe seexana baasuuf jecha miti' - BBC News Afaan Oromoo Iyyuu Cufaa tajaajilaa hordoftoota amantii warraa Wangeelaa ykn Pirotestaantii biratti raajii fi duuka bu'ummaan Itoophiyaa keessatti ka'an jedhame keessaa tokko. Haala tajaajila isaa ilaalchisuun BBC waggoota lamaan dura gaaffiifi deebii waliin taasisee kana ture.
The world's oldest nightmare came from Egypt. What hidden meanings did it hold? Ancient Egyptians viewed all their dreams, whether sweet or scary, as full of messages for the dreamer.
Waaliigaltee Itoophiyaafi Somaliland: Itoophiyaan waliigaltee Somaaliland waliin taasifte ilaalchisuun mariif qophiidha -Aanga’aa - BBC Afaan Oromoo Waraanaa Gaazaatti deemaa jiruun saatii 24 darban keessatti namoonni 178 kan du’an yoo ta’u, erga Israa’el haleellaa bantee kaasee 25,000 ajjeefamuu ministeerri fayyaa Hamaas hogganu himeera.
Hoogganaan Ittisa Godaansa Seeraan alaa fi daldaala namaa damee Jibuutii obbo Ejersoo Walloo godaansaa seeraan alaa keessatti safuu fi safeeffannaan badee sarbama mirgaa olaanaatu nama irra gahaa jedhan.
Dhimma kana irratti mootummaas ta'ee dhaabbileen miti Mootummaa cimsanji hojjachuu akka qaban himan.
Daldaltoonni ilmaan namaa waliigaltee sobaatiin dubartiifi ijoollee biyya irraa baasanii mallaqa humna maatii fi firoottan godaantotaatii ol ta'e itti qabatanii dararaa hamaa irratti raawwatu jedha Ejersoo Walloo turtii bilbilaan OMN waliin taasiseen.
Yoo mallaqni kun humnaa ol ta'ee godaantonni kafaluu dadhaban, daldaltoonni seeraan alaa kun naatoo ilmoo namaatiif waan hin qabneef gar-laafina tokko malee ajjeesu jechuun hime.
Dallaalonni yeroo ofii isaaniitii mallaqa irratti wal dhabanillee namoota daldalan kana irratti aarii walii bahu jechuun hogganaan ittisa godaansaa seeraan alaa fi daldala namaa damee Jibuuti kun hime.
Waldhabdee gidduu dallaalota bakka bakkatti jiruuf namoota dhimma san hinbeekne kan biyya ka'ee jiruu ofii jijjiruuf deemu ukkaamsuu, reebuu, ajjeesuu fi gudeeduun sarbamni irratti gaggeeffama jedhame.
Dhimma kana irratti qaamni kamuu biyya keessaafi alaatii wal ijaaranii waldaa ittisa godaansa seeraan alaa fi daldala namaa kana cinaa dhaabbachuun irratti hojjatamee gochoonni kun dhabamsiifamuu qabu jedhan.
Yoo kana hin goone daldaltoonni kunneen gaaga'ama guddaa geessisuu danda'u jedhan.via OMN
A lesson in how to turn around a cup tie 🔵
After losing 1-0 away in their semi-final first leg, Chelsea win 6-1 against Middlesbrough at Stamford Bridge to book their place in the EFL Cup final!
Dorgommii Waancaa Afrikaa kanarratti taphattoonni cocolleen sadarkaa addunyaatti beekaman hirmaataa jiru.
Mohammad Saalaa fi Saadiyoo Maanee adda durummaan eeramu. Saalaaf hagas mara waan milkaa'e hin fakkaatu. Sanuu miidhameera.
Tapahataan umrii waggaa 31 sarara fuulduraa Liiverpuul Mohammad Saalaa tapaha lammataa Gaanaa waliin taphatan irratti miidhamee dirreetii kan ba'e yoo ta'u tapha murteessaa itti aanee Keeppi Verdee waliin qaban dabalatee taphoota lama itti aanan irratti hin hirmaatu.
Dorgommii kanarratti ga'umsa ajaayibaa kan agarsiisaa jirtu Keeppi Verdeen tapha jalqabaa irratti 2 fi 1n Gaanaa mo'atte, tapha lammataa ammoo Mozaambik waliin taphachuun 3 fi 0 dhaan mo'atte.
Amma qabxii ja'aan Ramaddii B dursiti, taphi tokko osoo ishee hafuu gulantaa itti aanutti darbuu mirkaneeffatteetti.
Biyyi Mohammad Saalaa Masriin ammoo tapha lamaanuu qixa ba'uun qabxii lama qofa qabatee ramaddii kana keessaa lammaffaarra jira.
Miidhamuun Saalaa garee isaaf qormaata guddaadha.
Maaneen ammoo milkaa'ina guddaa argateera. Waancaa darbe kan harkaa qabdu biyyisaa kan alanaas fudhattee galuuf falmii jabaa keessa jirti.
Taphoota waancaa Afrikaa taphatamaa jiran sadarkaa irratti argaman hubachuuf 👇
https://bbc.in/48Fr7rn
Suuraa- Getty images
Waancaa darbe kan harkaa qabdu Senegaal ammas gulantaa itti aanutti darbuu dursitee mirkaneeffatteetti - BBC News Afaan Oromoo Waancaa isa darbe kan nyaatte biyyi Saadiyoo Maanee, Senegaal, dorgommii alanaas tapha hanga yoonaa jiru mo'achuun qabxii ja'aan gara gulantaa itti aanutti darbuu dursitee mirkaneeffatteetti.
Arsenaal injifachuu hordofee deeggartoonni kilabichaa Waldaa Kiristaanaa keessatti walitti qabamanii galateeffatan
******
Keeniyaatti deeggartoonni Arsenaal erga garichi tapha Sambata tureen Kiristaal Paalaasiin 5-0n injifateen booda,Waldaa Kiristaanaa magaala guddoo Keeniyaa, Naayiroobii keessatti kadhata galataa taasisan.
Akkasumas waqxii itti aanan keessallee Arsenaal milkiidhaan akka ittifufu abdachuun kadhannaa taasisan.
Odeeffannoo kanaaf kan biroo danuu bal'inaan asii argattu.
⬇️⬇️
Gaazaatti erga Israa’el haleellaa jalqabdee namoonni 25,000 ol ajjeefamaniiru- ministeera fayyaa Hamaas hogganu - BBC Afaan Oromoo Waraanaa Gaazaatti deemaa jiruun saatii 24 darban keessatti namoonni 178 kan du’an yoo ta’u, erga Israa’el haleellaa bantee kaasee 25,000 ajjeefamuu ministeerri fayyaa Hamaas hogganu himeera.
7 keys to life
Click here to claim your Sponsored Listing.
Videos (show all)
Category
Address
Opening Hours
Monday | 9am - 5pm |
Tuesday | 9am - 5pm |
Wednesday | 9am - 5pm |
Thursday | 9am - 5pm |
Friday | 9am - 5pm |
Saturday | 9am - 5pm |
Sunday | 9am - 5pm |
BGFG, Use Space, Paddock Street
Manchester
VideoGamer.com has the latest and greatest on PC, PlayStation 5, Xbox Series X|S and Switch.
Manchester
Welcome to Manchester City Fans Global - Love Forever
Manchester
News, sport, events and more from across Greater Manchester. No ads, no clickbait, just instant info.
Manchester
Welcome to The 65th Story. Head over to our website the65thstory.co.uk wehre you can find out about all the latest news and events from across Deansgate in the heart Manchester.
Manchester, M1
Everything you need to know About Greater Manchester and further afield. News, Sport, Lifestyle, Science, Business, Food & drink and more...
11
Manchester, 60600
Welcome to BingCrypto, your go-to source for all things cryptocurrency! Stay informed and up-to-date with the latest news, trends, and insights from the dynamic world of digital cu...