Markazul Rawdatul Jannah
👉 Barnoonni fincila diddaa wallaalummaati.
🔊 Garee Barnootaa Markazul Rawdatul Jannah
QABXIILEE JIREENYA HAWAASA MUSLIMAA KEESSATTI BARBAACHISAN…
Kutaa Saddeetaffaa....
11) Faayidaan Maqootaa fi Sifaatoota Rabbii beekuun qabu maali?
• Wanti Rabbiin jalqaba uumama isaa irratti dirqama godhe isa beekuudha. Ilmi namaas yoo isa beeke, ibaadaa haqaa kan isaaf malu isa gabbara.
• Rabbiin (عَزَّ وجَلّ) akkana jedha:
فَٱعْلَمْ أَنَّهُۥ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا ٱللَّهُ وَٱسْتَغْفِرْ لِذَنۢبِكَ
Beeki,Rabbiin malee dhugaan (haqaan) gabbaramaan biraa akka hin jirre; dilii keetiifis araarama Rabbi kadhu.
Muhammad -19
• Rabbiin abbaa rahmata bal’aa ta’uu ibsuun Isaa akka isa kajeellu, abbaa qabaa cimaa ta’uu ibsuun isaa ammoo akka isa sodaannu nu taasisa. Kan ni’imaan nama qananiisu isa qofa akka ta’e ibsuun isaa ammoo akka isa galateeffannu nu taasisa.
✓ Maqaa fi sifaata isaatiin Rabbi gabbaruu jechuun:-
• Beekumsa isaanii qabaachuu, hiika isaanii beekuu fi itti dalaguudha. Maqootaa fi sifatoota Rabbii keessaa kan gabrichi tokko tokko ittiin kabajamutu jiru. Isaanis akka beekumsaa fi rahmataa qabaachuu, haqaa
dalaguu fi kkf. Isaan keessaa waan gabrichi yoo ittiin moggaafame arrabsamutu jira. Isaanis akka gooftummaa, caccabsummaa, boonaa fi kkf. Gabrichaaf sifatoota irratti galateeffatamuu fi itti ajajamutu jira. Isaanis akka gabrummaa, hiyyummaa, fedha qabaachuu, xiqqeenya,kadhaa fi kkf. Gooytaan garuu isaan kanaan ibsamuun
dhorgamaadha. Uumamni Rabbi biratti irra jaalatamu isa waan inni jaalatuun ibsame yoo ta’u, inni Rabbi biratti irra jibbamu ammoo isa waan inni jibbuun ibsame.
12) Maqaalee Rabbii gaggaariin maalfaadhaa?
• Rabbiin (عَزَّ وجَلّ) akkana ja'a:- (Rabbiif maqoota babbareedaa ta’antu jiraa, maqaa isaatiin isa kadhaa).
=> Ergamaan Rabbii (ﷺ) akkana jechuun isaanii mirkanaayeera:- “Rabbiin maqoota sagaltamii sagal, dhibba jechuu tokko hirdhuu (hir'uu)qaba. Namni isaan lakkaa’e (qomaan je'e) jannata galeera.”
(Bukhaari fi Muslim)
• Isaan lakkaa’uu (Ihsaa’a) kan ja'amu:
✓(1) lafziin isaan qara’uu fi lakkaa’uu;
✓(2) hiikkaa isaanitii fi ergaa isaanii hubatanii itti amanuudha.
∆Fkn.
“Alhakiim” yoo ja'u. Dhimma isaa hunda Rabbitti kennuu qaba; hundi isaa murtii fi beekumsa isaa jala kan jiru waan ta’eef jechuudha.
“Alqudduus” yeroo ja'u. Rabbiin hirdhina hunda irraa qulqulluu akka ta’e hubachuu qabna.
✓ (3) Isaaniin Rabbi kadhachuudha kunis bifa lama qaba:
• a) du’aa’ii galataa fi ibaadaa fi
• b) du’aa’ii fedhaa fi kadhaa ti.
• Namni keewwatoota qur’aanaatii fi sunnaa (Hadiisoota) qulqulluu ta’an hordofe,
hunda isaanii walitti qabachuu danda’a.
Kutaan itti aansuu itti fufnaa insha'allaah.....
Markazul Rawdatul Jannah
Kheeyrii guyyaan Jum'aa arraa qabu hunda Rabbi isin haa milkeeysuu.
Yaa Rabbi Aammiin!🤲
• QABXIILEE JIREENYA HAWAASA MUSLIMAA KEESSATTI BARBAACHISAN…
Kutaa Torbaffaa....
9) Rabbi (Subhaanahuu Wata’aalaa) Nu Waliin jiraa?
• Eeyye, Rabbiin beekumsa isaatiin, dhageettii isaatiin, argaa isaatiin, eegumsaisaatiin, hunda marsuu isaatiin, dandeettii isaatiin, fedhii isaatiin nu waliin jira.
• Qaamaan garuu qaamolee uumamaatti hin makamu.
•Uumama irraa wanti beekumsa isaa qabus hin jiru.
10) Rabbiin (عَزَّ وجَلّ) ijaan arguu ni dandeenyaa?
• Rabbiin duniyaarratti akka hin mul’anne muslimoonni walii galanii jiru.
• Aakhiraatti garuu mu’uminoonni ardii “mahishar” irrattii fi jannata keessatti Rabbi ni arkan.
• Rabbiin (عَزَّ وجَلّ) akkana ja'a:-
وُجُوهٌ يَوْمَئِذٍ نَّاضِرَةٌ
Fuulli gariin Guyyaa san iftuudha
إِلَىٰ رَبِّهَا نَاظِرَةٌ
Gara Gooftaa ishees ilaaltuudha
Al-Qiyamah 22-23
Kutaa Saddeettaffaa tti fufnaa insha'allaah......
Markazul Rawdatul Jannah
QABXIILEE JIREENYA HAWAASA MUSLIMAA KEESSATTI BARBAACHISAN.
Kutaa Jahaffaa...
Jechi Laa ilaaha illallaah ulaagaalee armaan gadii guutuu qabdi:
1- Beekumsa (Ilmii) faallaa wallaalaa.
2- Mirkaneessuu faallaa shakkii.
3- Qulqulleessuu faallaa shirkii.
4- Dhogoomsuu faallaa kijibsiisuu.
5- Jaalala faallaa jibbaa.
6- Masakamuu faallaa dhiisuu.
7- Fudhachuu faallaa diduu yookin dhiisuu.
8- waan Rabbii achitti gabbaramutti Kufaruu.
✓ Ibsa Ulaagaalee “Laa ilaaha illallaah” bal’inaan.
1. Beekumsa (Al-ilm) faallaa wallaalaa:-
• Jechi hundi hiikkaa qaba. Hiikkaan “Laa Ilaaha Illallaah” beekumsa wallaala dhabamsiisu beekuudha. Jechi tun ibaadaa waan biraa irraa dhabamsiisun Rabbiif qofaaf mirkaneessiti. Hiikni isiis “Rabbiin malee haqaan kan gabbaramu hin jiru Allaahiin malee” jechuu dha.
• Rabbiin ol tahe akkana jedha:
فَٱعْلَمْ أَنَّهُۥ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا ٱللَّهُ
• “Beeki; Rabbi malee haqaan gabbaramaan biraahin jiru”
Suuraa Muhammad - 19
2. Mirkaneessuu (Al-yaqiin) faallaa shakkii:
• Innis ergaa isii jala muranii mirkaneessuudha, waan isiin shakkii, mamii, quuqaaonnee, kkf hin qeeballeef.
• Yaqiina jala murame irra dhaabbachuu qabdi. Rabbiin Ol tahe yeroo haalamu’uminoota ibsu akkana ja'a:
إِنَّمَا ٱلْمُؤْمِنُونَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ ثُمَّ لَمْ يَرْتَابُوا۟ وَجَٰهَدُوا۟ بِأَمْوَٰلِهِمْ وَأَنفُسِهِمْ فِى سَبِيلِ ٱللَّهِۚ أُو۟لَٰٓئِكَ هُمُ ٱلصَّٰدِقُونَ
• (Mu’uminoonni isaan Rabbii fi Ergamaa Isaatti amanan, ergasii Kan hin shakkin, Kan qabeenyaa fi lubbuu isaanitiinkaraa Rabbii irratti qabsaa’ani, isaan sun dhugaa dubbattoota).
Suuratul-Hujraat -15
3. Fudhachuu: (Al-qabuul) faallaa diduu yookin dhiisuu:
• Erga beekte fi mirkaneessitee booda, beekumsi mirkanaa'an kun bu’aa mul’atu
qabaachuu qaba. Kunis ergaa jechi kun dabarsitu onnee fi arrabaan fudhachuun
mul’ata. Namni waamicha tawhiidaa fudhachuu didee deebise, kaafira ta’a. Sababaan diddaa isaa boona, ykn uf-tuulummaa, ykn waanyoo ta’uu danda’a. Kuffaarota boonaf didan ilaalchisee Rabbiiin ol tahe akkana ja'a:
إِنَّهُمْ كَانُوٓا۟ إِذَا قِيلَ لَهُمْ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا ٱللَّهُ يَسْتَكْبِرُونَ
وَيَقُولُونَ أَئِنَّا لَتَارِكُوٓا۟ ءَالِهَتِنَا لِشَاعِرٍ مَّجْنُونٍۭ
• Isaan yeroo “Laa Ilaaha Illallaah” isaanin jedhamu kan boonan turan ‘sila nuti wallisaa maraataa (kanaaf)gabbaramtoota keenya dhiifnaa? Ja'u)”
Suuraa As-Saaffaat 35-36
4. Ajajamuu yookin Masakamuu (Al-Inqiyaadu) faallaa dhiisuu:
• Tawhiidaaf ajajama guutuu ajajamuudha. Kun madaala dhugaa fi raawwii mul’ataa Iimaana ti. Kun waan Rabbiin (عَزَّ وجَلّ) ajaje hojjachuuni fi waan inni irraadhorge dhiisun dhugooma. Rabbi ol tahe akkana ja'a:
وَمَن يُسْلِمْ وَجْهَهُۥٓ إِلَى ٱللَّهِ وَهُوَ مُحْسِنٌ فَقَدِ ٱسْتَمْسَكَ بِٱلْعُرْوَةِ ٱلْوُثْقَىٰۗ وَإِلَى ٱللَّهِ عَٰقِبَةُ ٱلْأُمُورِ
• (Namni ofii tolee fuula isaa gara Rabbiitti kennu,inni dhugumaan haada cimaa qabate, itti-galli waa hundaa gara Rabbiiti).
Suuratu Luqmaan - 22
وَأَنِيبُوٓا۟ إِلَىٰ رَبِّكُمْ وَأَسْلِمُوا۟ لَهُۥ
• “Gara Rabbii keessanii deebi’aa, Isaafis ajajamaa”
Suratu Az-Zumar - 54
5. Dhugaan jechuu (As-sidq) faallaa kijibsiisuu:
• Hiikni isaa jecha keessaan kijibsiisuu hin qabne jechuudha. Kanaaf namni arraba isaa qofaan isii jedhee onnee isaatiin isii kijibsiise, inni munaafiqa.
• Ragaan isaas jecha Rabbii S.W;
الٓمٓ
أَحَسِبَ ٱلنَّاسُ أَن يُتْرَكُوٓا۟ أَن يَقُولُوٓا۟ ءَامَنَّا وَهُمْ لَا يُفْتَنُونَ
وَلَقَدْ فَتَنَّا ٱلَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْۖ فَلَيَعْلَمَنَّ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ صَدَقُوا۟ وَلَيَعْلَمَنَّ ٱلْكَٰذِبِينَ
• “Alif; Laam; Miim (1)Sila namoonni ‘amanne’ jechuudhaan odoo hin mokkoramin dhiifamuu yaaduu? (2)Dhugumatti,nuti warra isaaniin duraas mokkorree jirra. Dhugumatti, Rabbiin isaan dhugaan (amanne) jedhan beekuuf jira, sobdootas beekuuf jira.(3)”
Suuraa Al-Ankabuut 1-3
6. Jaalala (Al-mahabbah) faallaa jibbuu:
• Mu’uminni jechattii tana ni jaalata. Ergaa isiin dabarsituttis hojjechuu ni jaallata. Warra isiitti hojjatus ni jaallata. Mallattoon gabrichi Rabbiin jaallachuu; yoo fedha isaatiin waldhabeyyuu waan Rabbi jaallatu dursuudha, nama Rabbii fi ergamaa Isaa jaalallee godhate jaalallee godhachuudha, nama isaanitti diina ta’e diina itti ta’uudha, Ergamaa isaa (ﷺ) hordofuudha, qajeelfama isaanii fudhatanii hojiirra oolchuudha.
وَمِنَ ٱلنَّاسِ مَن يَتَّخِذُ مِن دُونِ ٱللَّهِ أَندَادًا يُحِبُّونَهُمْ كَحُبِّ ٱللَّهِۖ
• Namoota irraas Nama Rabbiin ala gabbaramtoota (biraa) kanakka Rabbii jaalatanitti isaan jaalatan, godhatantu jiru, isaan amanan ammoo irra Rabbiin jaalatu”
Suuratu Al-Baqaraa - 165
7. Qulqullummaa (Al-Ikhilaas) faallaa Shirkii:
• Fuula Rabbii Subhaanahuu wata’aalaa qofa kajeeluu dhaan dalagaa Isaaf qulqulleessuu dha.
• Rabbiin ol-tahe akkana ja'a:
وَمَآ أُمِرُوٓا۟ إِلَّا لِيَعْبُدُوا۟ ٱللَّهَ مُخْلِصِينَ لَهُ ٱلدِّينَ
(Amantii Isaaf qulqulleessuun shirkii dhiisanii Rabbiin akka gabbaraniif malee isaan hin ajajamne).
Suuraa Al-Bayyinaa - 5
8. Waan Rabbii achitti gabbaramutti Kufaruu:
• Hiikkaan isaa gabbartii Allaahin maletti gabbaramu irraa qulqullaayuudha, akkasuma dogongora tayuu yaaduu dha.
• Ragaan jecha Allaahaa ol-taheeti:
فَمَن يَكْفُرْ بِٱلطَّٰغُوتِ وَيُؤْمِنۢ بِٱللَّهِ فَقَدِ ٱسْتَمْسَكَ بِٱلْعُرْوَةِ ٱلْوُثْقَىٰ لَا ٱنفِصَامَ لَهَاۗ
• “Namni xaaguutatti kafaree, Rabbitti amane, dhugumatti haada cimaa hin cinne qabateera”
Al- Baqaraa - 256
Kutaa Torbaffaa itti fufnaa insha'allaah......
Markazul Rawdatul Jannah
QABXIILEE JIREENYA HAWAASA MUSLIMAA KEESSATTI BARBAACHISAN.
Kutaa shanaffaa....
• 8- Hiikni “Laa Ilaaha Illallaah” maali?
• Ibaadaa waan Rabbiin ala ta’eef gochuu dhiisanii Rabbii tokkichaaf ta’uu akka qabu mirkaneessuudha.
• Hundeelee yookiin utubaalee lama qaba:
Nafyii (dhabamsiisuu) fi Isbaata (Raggaasisuu) dha.
✓ ‘Nafyii’ jechuun Waan Rabbiin hin tahin hundaa Gabbartirraa dhabamsiisuu jechuu dha.
✓ ‘Isbaata’ jechuun Gabbartii ibaadaa hunda Rabbiif Raggaasisuu (Sabachiisuu) jechuudha.
وَإِذْ قَالَ إِبْرَاهِيمُ لِأَبِيهِ وَقَوْمِهِ إِنَّنِي بَرَاءٌ مِمَّا تَعْبُدُونَ ٢٦
إِلَّا الَّذِي فَطَرَنِي فَإِنَّهُ سَيَهْدِينِ ٢٧
• “Yeroo Ibraahiim abbaa isaatii fi ummata isaatiin je'es (yaadadhu): ‘Dhugumatti ani waan isin gabbartan irraa qulqulluu dha’ (26) Isa na uume malee. Inni na qajeelcha”
(Suuraa Az-Zukhruf 26-27)
• Jechi ‘Laa ilaaha illallaah’ yoom nama fayyadi?
Yoo Hiikkoo isaa qajeellotti beynee hubanne
Waan isiin itti nu ajajje daleeynee yoo waan isiin irraa nu dhoorkite hundarraa yoo dhoorkamne. Walumaa galatti haqa isii yoo guunne.
• Ibaadaan Rabbiif qofaaf tayuu qaba. Rabbiin (عَزَّ وجَلّ) akkana ja'a:
أَلَا لِلَّهِ الدِّينُ الْخَالِصُ ۚ وَالَّذِينَ اتَّخَذُوا مِن دُونِهِ أَوْلِيَاءَ مَا نَعْبُدُهُمْ إِلَّا لِيُقَرِّبُونَا إِلَى اللَّهِ زُلْفَىٰ إِنَّ اللَّهَ يَحْكُمُ بَيْنَهُمْ فِي مَا هُمْ فِيهِ يَخْتَلِفُونَ ۗ إِنَّ اللَّهَ لَا يَهْدِي مَنْ هُوَ كَاذِبٌ كَفَّارٌ
• “Dhaga’aa! Amantiin qulqulluun kan Allaah qofa. Warri isa malee gargaartoota godhatan “gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiheessaniif malee isaan hin gabbarru” (ja'u). Dhugumatti, Rabbiin waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan gidduu isaaniitti ni murteessa. Dhugumatti, Rabbiin nama kijibaa, akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu.”
قُلْ مَن رَّبُّ السَّمَاوَاتِ السَّبْعِ وَرَبُّ الْعَرْشِ الْعَظِيمِ
“Gooftaan samii torbanii fi Gooftaan Arshii guddaa eenyu?” ja'iin.
سَيَقُولُونَ لِلَّهِ ۚ قُلْ أَفَلَا تَتَّقُونَ
“Kan Rabbiiti” jechuuf jiru “Sila isin Allaah hin sodaattanii?” ja'iin.
قُلْ مَن بِيَدِهِ مَلَكُوتُ كُلِّ شَيْءٍ وَهُوَ يُجِيرُ وَلَا يُجَارُ عَلَيْهِ إِن كُنتُمْ تَعْلَمُونَ
“Inni mootummaan waan hundaa harka isaa jiru innis kan tiksu; isa irratti kan hin tikfamne, yoo kan bektan taatan eenyu?” ja'iin.
سَيَقُولُونَ لِلَّهِ ۚ قُلْ فَأَنَّىٰ تُسْحَرُونَ
“Kan Allaahiti” ja'u “Akkam (dhugaa) irraa garagalfamtu ree?” ja'iin.
• Bukhaariin akka gabaasetti Salafoota irraa namni maqaan isaa Wahb Ibnu Munabbih ja'amu akkana jechuun gaafatame;
Sila ‘Laa ilaaha illallaah’ iin Furtuu Jannataatii mitii?
• “Eeyyeen Furtuun Jannataa ‘Laa ilaaha illallaah’ii dha garuu furtuun kamuu kan ilkaan hin qabne hin jiru waan tayeef yoo furtuu ilkaan qabduun dhuftesiif banama yoo akkana hin tayin siif hin banamu” ja'anii deebisaniif.
• Ergamaan Rabbii (ﷺ) akkana ja'aniiru; “Namni haala onnee isaatirraa qulqulleesseen Laa ilaaha illallaah je'e jannata seene.”
Kutaa Jahaffaa tti fufnaa insha'allaah......
Markazul Rawdatul Jannah
QABXIILEE JIREENYA HAWAASA MUSLIMAA KEESSATTI BARBAACHISAN.
Kutaa Afuraffaa...
• 7- Iimaanni maali?
Utubaaleen isaa hoo hangami?
=> Iimaanni yaada qalbiiti, jecha arrabaati, dalagaa qaamaati, ajaja Rabbii raawwachuudhaan ni dabala, cubbuu hojjechuudhaan immoo nihirdhata.
Rabbiin (عَزَّ وجَلّ) akkana ja'a:- (Akka iimaana isaaniirratti iimaanadabalataniif…)
Ergamaan Rabbiis (ﷺ) akkana ja'an:-“Iimaanni damee torbaatamii wahitti qoodama, irra caalaan isaa jecha ‘Laa ilaaha illallaah’ jedhu yoo ta’u irra xiqqaanisaammoo waan nama rakkisu kharaarraa khaasuudha.Saalfiinis damee iimaanaarraa isa tokko.”
(Muslimtu gabaase)
• Rabbiin (عَزَّ وجَلّ) akkana ja'a:- (hojii gaggaariin hojii gaggadhee nidhabamsiisa).
✓ Utubaawwan Iimaanaa jaha.
• Nabiyyiin (ﷺ) hadiisa isaanii keessatti akkana jechuun ibsaniiru:-“Rabbitti amanuu, maleeykoota isaatti amanu, kitaaboota isaatti amanuu, ergamtoota isaatti amanuu, guyyaa mayiittis (guyyaa aakhiratti) amanuu, waan namarra gahu hundaas (qadaras) - toltuus ta’e hamtuu – itti amanuu keeti.”
(Bukhaariitu gabaase)
Kutaa Shanaffaan itti fufaa insha'allaah.....
Markazul Rawdatul Jannah
QABXIILEE JIREENYA HAWAASA MUSLIMAA KEESSATTI BARBAACHISAN.
Kutaa sadaffaa..
• 6-Islaamummaan maali?
Utubaaleen isaa hoo hangami?
=> Islaamummaan Rabbi tokkichatti harka kennachuu, ajaja isaa raawwachuu keessatti qajeelfama isaa hordofuu, akkasumas shirkii fi warra shirkii hojjeturraa qulqullaa’uu dha.
• Utubaaleen isaa shani:-
=> Nabiin Rabbi (ﷺ) hadiisa isaanii kana keessatti akkana ja'an: “Amantiin Islaamaa waa shanirratti ijaarame (waa shanirratti gadi dhaabattee): Rabbi malee gooytaan haqaan gabbaramuu qabu kan biraa akka hin jirree fi Nabi Muhammad ergamaa isaa ta’uu isaanii ragaa bahuu, Sagadaan dhaabbachuu (salaata dhaabuu), Zakaa kennuu, Hajjii gochuu (godhuu) fi Ramadaana soomuudha.”
(Bukhaarii fi Muslimtu gabaase)
• Jechi ‘laa ilaaha illallaah’ ulaagaalee armaan gadii guutuu qabdi:
1- Beekumsa (Ilmii) faallaan wallaalaa.
2- Mirkaneessuu faallaan shakkii.
3- Qulqulleessuu faallaan shirkii.
4- Dhugoomsuu faallaan kijibsiisuu.
5- Jaalala faallaan jibbaa.
6- Masakamuu faallaan dhiisuu.
7- Fudhachuu faallaan diduu yookhaan dhiisuu.
8- Waan Rabbii achitti gabbaramutti Kufaruu.
• Nabi Muhammad (ﷺ) Ergamaa Rabbii tahuu ragaa bahuu.
Ulaagaalee isii:
1. Nabi Muhammad (ﷺ) waan haasaye keessatti isa dhogoomsuu.
2. Waan inni ajejetti tole jechuu fi Waan inni irraa dhoorke hundairraa fagaachuu.
3. Waan inni karaa taasiseen malee Rabbi gabbaruu dhabuudha.
Kutaa Afuraffaa itti fufnaa inshaa'allaah....
Markazul Rawdatul Jannah
QABXIILEE JIREENYA HAWAASA MUSLIMAA KEESSATTI BARBAACHISAN.
Kutaa lammaffaa....
•4- Ulaagaaleen fudhatama argachuu hojii gaarii maal fa’a?
Ulaagaaleen kunniin :
• (1) Rabbii fi tawhiida (tokkichummaa)isaatti amanuu: mushrika (nama gabbartii Rabbitti
yagutoomsu) irraa hojiin hin qeebalamu.
• (2) Ikhilaasa (dalagaa ibaadaa Rabbiif qofa qulqulleessuu): hojichaan fuula Rabbii qofa barbaaduu.
• (3) Nabiyyii (ﷺ) hordofuu: akkaataa isaanirraa dhufeen hojjechuu fi karaa inni ajajeen ala Rabbi gabbaruu dhabuudha. Waan dubbatame lamaan keessaa tokko yoo dhabame hojichifudhatama hin qabaatu. Rabbiin (عَزَّ وجَلّ) akkana jedha:- (Gara waan isaan (kufriin) dalaganiidhaquudhaan ergasii dikhee bittinnaaye isa taasifna).
•5- Sadarkaawwan amantii islaamaa hangami?
Sadarkaawwan amantii Islaamaa sadihi:-isaanis
• Islaamummaa,
• Iimaanaa fi
• Ihsaana jedhamu.
Kutaa Sadaffaa itti fufnaa insha'allaah......
Markazul Rawdatul Jannah
QABXIILEE JIREENYA HAWAASA MUSLIMAA KEESSATTI BARBAACHISAN.
• 1- Muslimni ‘Aqiidaa’ Amantii isaa eessaa fudhata?
Kitaaba Rabbii (عَزَّ وجَلّ) fi Hadiisoota qulqulluu kan nabiyyii isaa (ﷺ) irraa fudhata. Rasuulli ammoo ofirraa fuudhanii hin haasawan, “wahyii itti buufamu qofa dabarsu malee.” Akki sahaabotaa fi salafoonni dabran gaggaariin itti hubatanis akkuma kana ture.
• 2- Yeroo wal dhabnu akkam goona?
Gara shari’aa (haniif) qajeelaa ta’eetti deebina. Isaan buluu jechuun kitaaba Rabbiitii fi sunnaa nabiyyiitiin buluudha. Rabbiin (عَزَّ وجَلّ) akkana ja'a:- (Dhimma wayii keessatti yoo wal dhabdan gara Rabbii fi Ergamaa isaa deebisaa). Nabiyyiinis (ﷺ) akkana ja'an:- “Waa lama kanyoo ittiin bultan hin jallanne isinii dhiiseetin jiraa; isaaniis kitaaba Rabbiitii fi sunnaa (hadiisa) nabiyyiiti.” (Almuwaxxa’).
• 3- Gareen guyyaa qiyaamaa milkooytu isii tami?
Ergamaan Rabbii (ﷺ) akkana ja'an:- “Ummanni kiyya garee torbaatamii sadiitti qoodamaa, garee tokko malee hundi ibidda seena. Yaa ergamaa Rabbii! isiin sun tami? ja'aniin. ‘Warra karaa anaa fi sahaabonni kiyya irra jiran qabatan’ jechuun deebisan.” (Ahmadii fi tirmiizii).
Karaan haqaa isa nabiyyii (ﷺ) fi sahaabonni isaanii irra turani. Kanaaf, yoo milkaa’u fi hojiin kee akka fudhatamaargatu feete isaan hordofuu fi “bid’aa” ykn waanisaan irraa hin mirkanaa’in hordofuu irraa fagaachuu qabda.
Kutaa Lammaffaa itti fufnaa insha'allaah......
Markazul Rawdatul Jannah
Assalaamu'aleeykum..
Barattootaa fi hordoftoonni fuula peejii Markazul Rawdatul Jannah hundi keessanu akkam nagayaa fayyaadha jannee fayyaaf nagaya isin gaafachaadhaa; yoo Rabbirraa taate barnoota jireenya ilma namaatiif barbaachisoo tahan bifa barruutiin isiniif asirratti kan maxxansee wal barsiisuu fi wal humachiisaa deemnu taha. Kanaaf isiniis akka qaamaaf qalbiin barumsa asirratti isiniif maxxanfamu kana hordoftanii irraa fayyadamuun obboloota keessaniifiis gumaachitan kabajaa fi ulfina jaalalaatiin isin beeysifna.
Barumsi jalqaba asirratti bifa barruutiin isiniif maxxansinuus mata dureen isaa “QABXIILEE JIREENYA HAWAASA MUSLIMAA KEESSATTI
BARBAACHISAN”kan ju'uudha tahaa inshaa'allaah. Kuniis waa'ee barnoota Aqiidaa sirrii kan sheekha keenya sheekha Alii Jimmaatiin nuuf qophaaweedha. Itti dhihaadha qooda irraa fudhaa.
Markazul Rawdatul Jannah irraa....
Barataa fi barsiisaa Ustaaz Ahmed Jemal Aliyi ja'ama. Maqaa namoonni hedduun ittiin isa beekan ammoo Ustaaz Aanaa Jamaal Aliyyiiti. Nama yeroo dheertuuf jireenya biyya baqaa biyya Keeniyaa (Keniya) magaalaa Naayiroobii (Nairobi) keessa jiraachaa turee fi hojiilee gargaraa roga amantiitiin nama qabsoo jabduu godhaa ture keessaa tokko. Ustaaz Aanaan Jamaal barumsa amantii islaamaa hanga xiqqaa barateen bara 2017 fi 18 irraa kaasee nama hanga aduu arratti hawaasa isaa roga danda'ameen tajaajilaa tureedha. Nama osoo hifadhe dadhabe hin ji'in yeroo dargaggummaa tan fedhii fi miirri gargaraa namatti dhagahamu tana keessatti if gad qabuun lafaa fi sab-himaalee miidiyaa hawaasa ( Social Media) kanarratti halkkaniif guyyaa qabsoo godhuun namoota meeqaaf xurree beekkumsaa ta'e. Yoo gabaabsineetuma seenaa ustaaza keenya kana dubbanne malee, waan yeroon barruu nuuf mijjattee seenaa jireenyaa, mudannoo fi muuxannoo isaa irraa dubannee xumurruu miti. Akkuma abaabayyuuf akhaakhayyuun teenya duratti mammaaysan ja'an xiqqaateef dhagaa bubbeen (qilleensi) hin fuunee ja'an sanitti akka xiqqeenya isaa umrii dargaggummaa tana keessatti nama waan hanga hin ja'amne keessa as dabreedha.
Hoojumni tola ooltummaa inni obboloota isaa kan islaamaatiif oole waan laayyotti himamee dhumaati miti. Keessaafu baroota lamaan dabaran kana keessatti Markazul Rawdatul Jannah erga hundeessee barattoota hedduuf xurree beekkumsaa saaqee karaa gaarii tehe. Hundeessaa fi hogganaa markazaa tahuun tajaajila barbaachisu hunda kennaa osoo jiruu nama roga hojii barsiisummaatiiniis seenaa ajaa'ibaa hojjateedha. Arra ammoo akka carraa tehee nuuf milkaawee biyya baqaa tan lammaffaa (Keniya) irraa gara biyya sadaffaatti (Canada 🇨🇦) waan carraa tolee deemeef ammallee mijjaa sihaa tolchuu jannaan. Baga nuuf gammadde obboleessa keenya Ustaaz Aanaa Jamaal (Ahmed Jemal). Maasha Allaah Tabarakallaah! Baga Rabbiin si gammachiise. Nulleen hedduu siif gammannee.
Silaahuu namni keenya gaafuma namni du'ee duniyaa tanarraa ganda namuu irraa hafa hin qabne (Ganda aakhiraa) sanitti godaane qofa seenaa nama sanii gaarummaa fi hamtuus dubbata. Arra osoo jirruu gaarummaa nama sanii dubannee yoo kan badoommina irratti garru taate gorfannee sirreeyfannee guyyaa sanirra kan caalu arra seenaa gaarii waliif hambifana ture. Hundaafu Rabbiin nama toltuu irratti yeroo isaa gaarii xumuratu nuhaa godhu.
Ustaaz Aanaa (Ahmed) nama fuulduratti hojiilee boonsaa fi gaarii fedhii Rabbiitiin irraa eeggannu keessa nama tokko. Rabbiin nama fuulduratti hojii gaariin hawaasa tajaajilu sihaa godhuu inshaa'allaah.
Bakka itti deemtu san iddoo gaarii qubsuma mijjattuu taate siif haa godhuu jabbaar. Iddoo milkkii tan rizqii, tan kheeyrii fi barakhaa siif qabdu tan ati irraa gammaddu Rabbi siif haa godhu sihaa qubsiisuu bi'iznillaah. Ustaaza keenya jaalatamoo fi Kabajamoo abbaa Markazul Rawdatul Jannah. Hedduu si jaalannaa hedduu si kabajnaa, nuu olitti Rabbi sihaa jaalatu.
Baga gammadde, baga gammannee!!😊🤩
Qubsuma gaarii mijjaa toltu siif haa godhuu..!!🥰 Ustaaz Aanaa Jamaal Aliyyii.
Assalaamu aleykum warahmatullahi wabarakaatuh.
Dhagahaa waldhageessisaa
Share godhaa wal biraan gahaa
Nama hawwii barnootaa qabu hundaaf oduu gammachiisaa qabannee dhufnee jirra.
Markazni Rawdatul jannah akkuma amma dura barattoota nama hawwii barnoota qabu hunda haala gaariin barsiise eybisiisaa tureen ammas bifa haarawaan barattoota haarawa simatee barsiisuuf qophii barbaachisu hunda guuttatee galmee isaa jalqabee jira.
Tanaaf Carraan kun isin hin dabrinaan afeerraa teenya.
Galmaahuuf Ulaagaalee Armaan gadii kana guutuun dirqama.
1. Nama hawwii barnoota qabu tahuu
2. Garee biraa irraa bilisa tahuu
3. Seera markaza kabajuu dandahu
Gosoota barnoota Markazni Rawdatul jannah barsiisu akka armaan gadiiti.
1. Huruufa Qaaidatul Nuuraniyyaa
2. Makhaarija Huruufa (Tajwiida)
3. Qur’aana Lafzii (Tilaawaa)
4. Qur’aana Talqiina
5. Kitaaboota Aqiidaa
Barnootaa huruufaa keessaa
1️⃣القاعدة النورانية
2️⃣مخارج الحروف وصفاته
Kitaabban matnoota keessaa
1️⃣).أصول الثلاثة
2️⃣).كتاب التوحيد
3️⃣).أربعين
4️⃣). بلوغ المرام
5️⃣).رياض الصالحين
6️⃣).تجريد الصريح
7️⃣تفسير القرآن الكريم
====================================================
Kitaabban siiraa yk seena Rassuulaatiif tan sahaaba keessaa
1️⃣).خلاصة نور القين الأول
2️⃣).خلاصة نور اليقين الثاني
3️⃣).خلاصة نور القين الثالثة
Ammaaf kitaabban barsiisaa jirruu kunoo kana fakkaata inshaaAllaaha kitaabban Baaayyee Qaraasisuuf Hawwii qabna
Ammaaf Gosti barnoota akka armaan olii kana fakkaata.
Liinkii markazicha Argatuuf liinkii waatisaappii Kana tuqadhaa seenaa
👉1️⃣ https://chat.whatsapp.com/IjpITO4Nc7p9vZLZyODZmB
Bakki itti barattan Appi ZOOM irratti, karaan ittiin galmooytan Whatsapp Link armaan gadi kana xuqaa seena galmaawa.
Odeefannoo dabalataaf: +251932254141
+254790650443
:
Allaahu Akbar 👂👇
As wr wb Qaqqaaliwwan ilmaan islaamaa jirtuu ❤️قال النبي صل الله عليه وسلم الدنيا ملعون وما فيها ملعون إلاالعالم ولمتعلم ❤️
Afeerraa Markazu Rawdatul Jannah ✍️
Markazni keenya Mana Barnootaa❤️ Mana Jijjiiramaa❤️Mana Fincila Diddaa wallaalummaa Akka tahe Nibeektu💯
Yeroo dheeraadhaaf Barnoota Adda Addaa kennaa Akka ture Beekkamaadha❤️
قال الرسول صلى الله عليه وسلم خيركم من تعلم القرآن وعلمه
Ammas Bifa Namatti toluun Galmee warra Huruufa Makaarijaa Galmeessuu Jalqabee jira Carraan Kuni isin Darbuu Hin Qabu Abbaan Jijjiirama Barbaaddu Koottu Manni Keenya Banaadha Linkii Kana Seenaa Galmaawaa👇
https://t.me/markazaRawdatuljannaa
Maal Kana Qofa❤️
Qur'aana ijaan Baratamu Akka Ajaa'ibaati Baratamaa jira Abbaan Galmaahuu Barbaadde Manni keenya Banaadha Koottaa Seenaa Nutti Dabalamaa👇
https://chat.whatsapp.com/C4RDMsy2ROK2ozn5cgK9if
Maal Kana Qofa Kitaabban Baratamaa jiruu
Fi Baratamaa Tire❤️
1 Tafsiiraa Qur'aanaa
2 Siiraa Seenaa Rasuulaa❤️
3 Arba'iina
4 Kitaaba Toohidaa
5 Shuruuxaafi Usuula
Kitaabban Jalqabamuuf Deemu inshaa'allaah
1 Buluugul maraam
2 Riyaadu Salihiin
3 Fiqhii
Abbaan Carraa Toluu Barbaadee Koottaa Nutti Dabalamaa Manni Mana keessanii👇https://chat.whatsapp.com/C4RDMsy2ROK2ozn5cgK9if
SIRNAA RASULAA S.A.W DARSI 1FAA BY USTAZ KHADIR MUHAMMAD
TAFSIRAA SURAA TAKASUR 1-8 BY USTAZ KHADIR MUHAMMAD
ARBA'IINAN DARSII 24FFAA BY USTAZ KHADIR MUHAMMAD
ARBA'IINAN DARSII 23FFAA BY USTAZ KHADIR MUHAMMAD
TAFSIIRA DUURATUL HUMAZAH 1-9 BY USTAZ KHADIR MUHAMMAD
TAFSIRAA SURAA AL FIL
ARBAINAA DARSII 20FAA
TAFSIRAA SURAA AL QUREYSH
ARBAINAA DARSII 18FFAA BY USTAZ KHADIR MUHAMMAD
Click here to claim your Sponsored Listing.
Videos (show all)
Category
Address
Nairobi, 00400
Ushairi wa Mwanagenzi ni tovuti inayompa tumaini mshairi chipukizi aliye na ari ya kuwa malenga.
EVERYWHERE IN THE WOLD
Nairobi
Call unto the way of thy Lord with wisdom and fair exhortation, and reason with them in the best way
43844-0100
Nairobi
we are searching for ambitious young writers.be it poet or any other
43844
Nairobi, 00100
The goal of the hub is to build programme and Policy evidence on “What Works “ to advance and scale up Women’s Economic Empowerment in Kenya through research and innovation.
Nairobi
What's needed to make the young adult empowered in sexuality, relationships, health & careerwise.
Shopping Mall Utawala
Nairobi
PEFA UTAWALA CHRISTIAN SCHOOL is a centre For Holistic Excellence located in the heart of Utawala Estate
Nairobi
Nairobi
if you want to speak arabic and write it here is the best place for that
Mtito Andei, Kilimani
Nairobi, 60954-00200
ILU is a Christian university developing leaders of integrity, for Africa and the world, through academic excellence and value anchored education.
Kasarani, Mwiki Road, Maryann Complex Next To Equity Bank
Nairobi
Gladpoint College of Business Studies was established to provide affordable and quality.