Wabii Qeerroo posts

Wabii  Qeerroo posts

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Wabii Qeerroo posts, Baby & children's clothing store, Page keenya like fi sher gochuun nuu hordofaa, Riyadh.

11/06/2022

FAAYIDAA AANNANII
1. Madda anniisati
2. Dhukkuba laphee fi dhiibbaa dhiigaa ni hir'isa
3. Dhukkuba onneen tasaa hojii isii dhabuu ( sudden cardiac arrest ) kana ittisuuf gargaara.
4. Dhippina sammuu ni hir'isa
5. Guddina maashawwanii fi ijaarsa qaamaaf ni gargaara.
6. Jabeenya lafee fi ilkaaniif ni fayyada
7. Albuudota akka pootasiyeemii , vaaytaaminoota, pirootiinii ,faati adda addaan ka badhaadhe dha .
8. Ulfaatina qaamaa hir'isuuf ni fayyada
9. Dandeetti dhukkuba ofirraa deebisuu nuuf dabala

Galatoomaa
Dr Mohammed Ibrahim

12/05/2022

GARAA GOGSUU - Constipation
*********************************
Garaa gogsuun (Chronic constipation) yeroo dheeraaf (torbaaanotaafii sanaa oliif) bobbaan turaa dhufuufi ykn yeroo bobbaa taa'an sagaraan bahuuf rakkisuudha.

Wolumaa galatti Garaa gogsuun (Constipation) torbaan tokko keessatti yeroo sadihii gadiif bobbaaf ta'uu ykn torbaanitti yeroo sadihii oliif bobbaan nama dhufuu dhabuudha.

Yeroo tokko tokko yeroo gabaabduuf Garaa gogsuun nama mudachuu danda'a; namoota tokko tokko ammoo yeroo dheeraaf irra turun hojii guyyaa-guyyaa isaanii irratti dhiibbaa gochuu danda'a. Akkasumas bobbaaf yoo taa'an sagaraa baasuuf jecha haalaa ol isaan ittansiisuu danda'a.
---

---
Mallattoolee muldhatan:
¶ Torbaanitti yeroo sadihii gadii sagaraan bahu
¶ Sagaraan sun jabaatuu fi goguu
¶ Sagaraa baasuuf deddebi'anii ittanuu
¶ Akka waan mar'umaaan gara gadiitti wonti sagaraan akka hin baane dhoowwu jiruu wohiitti namatti dhagahamuu
¶ Erga bobbaaf ta'anii xumuran booda akka waan sagaraan garaa keessatti hafee jiruu namatti dhagahamuu
¶ Sagaraan bahuu didee isa baasuuf qubaan gadi harkisuu/ irraa gadi laaquu ykn garaa gara gadii gadi dhiibuun akka bahu xaaruu
* Namni tokko Garaa Gogsuu Yeroo-Dheeraa (Chronic Constipation) qaba jechuuf mallattoolee asii olitti ibsaman keessaa lamaafi sanii ol turtii yeroo ji'a sadihiitiifi sani oliif qabaachuu qaba.
---

---
Garaa gogsuu maal fa'atu fiduu danda'a:

* Garaa-gogsuun yerooo hafteen bullayiinsa nyaataa ykn sagaraan mardhumaan keessa suuta deemu ykn mar'umaan guddaa gara-gadii keessaa halaan gara raasaa ykn alaa baafamuu dhabuun sagaraan sun jabaatee goguudha.

Wontonni Garaa gogsuu fiduu danda'an:

¤ Mardhumaan guddaan sababa garagaraatiif hudhamuu ykn dhiphachuu ykn cufamuu ykn guduunfamuu ykn micciiramuu.
Inni kun tasa sababa guduunfamuu mardhumaanii ta'uu mala (yeroo kana dhukkubbii garaafi mallatooleen biroos woliin ni jiraatu). Sababa Kaansarii mardhumaaniinis keessi mardhumaanii dhiphachuu mala. iitaa garaa keessatti uumamu ykn bahu kan mardhumaan irratti ulfaatu ykn fe'amee jiru irraas ta'uu mala.

¤ Rakkoo narviilee naannoo mar'uumaan guddaafi mar'umaan guddaa gara gadii jiran irraa. Rakkoon Inni kun maashaaleen mardhumaanii akka haalaan kontooffatanii sagaraa gadi hin dhiibne gochuu danda'.a. Akkasumas sababa dhukkuboota sirna narvii kan hojii qaamaa miidhan garagaraa irraas ta'uu danda'a

¤ Rakkoolee maashalee gara hidhaa (pelvic muscles) jiranii irraa. Maashaaleen kun yeroo namni bobbaaf taa'u laaffachuun, haalli dalagaa isaanii wolsimachuu dhabuu irraas ta'uu mala.

¤ Rakkoolee hormoonii irra. Hormoononni garagaraa madaala bishaan (dhangala'aa) qaamaa eeguu irraatti gahee qaban. Rakkoo kana irraas sagaraan goguu danda'a.
Dhukkubni akka Sukkaraa, Dhukkuba xannacha Taayirooyidii hormooniin Taayirooyidi xiqqaatee akka oomishamu godhu. Akkasumas yeroo kaan caalaa yeroo ulfaa irra muldhachuu danda'a.

¤ Yeroo tokko tokko qorannoon gahaan erga godhame boodallee sababa adda hin baaneen ykn sababa tokko malee Garaa-gogsuun muldhachuu danda'a.
---

---
Wontoota carraa Garaa-gogsuu dabalan:
~ Maanguddumma (Umrii gara jaarsummaa)
~ Dhiira caalaa yeroo hedduu dubartii irratti muldhata
~ Nyaata 'Fiber' xiqqaa of keessaa qaban fayyadamuu. Fuduraaf kuduraa fayyadamuu dhabuu.
~ Sosochii qaamaa (ykn ispoortii) gochuu dhabuu
~Qorichoonni dhukkuba sammuutiif kennamaniifi qorichoonni dhukkuba dhiibbaa dhiigaatiif kennaman tokko tokko Garaa-gogsuuf nama saaxiluu danda'u.
~ Dhukkubaa Muukuu (Depression) fi rakkoolee haala soorataa tokko tokko qabaachuun wontoota carraa Garaa-gogsuu dabalaniidha.
---

---
Xaxawwan Garaa-gogsuu irraa dhufan:
- Kintaarotiif saaxilamuu
- Gogaan haphiin qaccee iddoo bobbaan bahu jiru tarsa'uu ykn biinxamuu
- Sagaraan garmalee gogee jabaatee mardhumaan guddaa keessa ol guutuun dhukkubbini hamaan akka namatti dhagahamu gochuu (F***l impaction)
- Yeroo dheeraaf ittanuun kun mardhumaan guddaan gara gadii jiru (re**um) iddoo bobban bahuun akka gara raasaa/ alaa gadi-bahuu ta'uun xaxaawwan Garaa-gogsuu yeroo dheraaf nama irra ture irraa dhufuu danda'aniidha.
---

---
Garaa-gogsuu ofirraa hanbisuuf ykn hirdhisuuf maal haa goonu?
¥ Nyaata 'fiber' guddaa qabu fayyadamuu. Jechuun fuduraaf kuduraa nyaachuu. Nyaata akka foonii, killee, coomaa fi bu'aalee isaanii soorata keenya keessaa daran xiqqeessuu ykn yeroo hedduu fayyadamuu dhabuu.
¥ Bishaan baay'isanii dhuguu (guyyaan litirii lamaafi sanaa ol)
¥ Sosochii qaamaa gochu. Ispoortii hojjachuu.
¥ Yeroma bobban nama dhufetti taa'uu. Dabarsuu dhabuu.
¥ Cinqaafii muukuu haguma danda'ameen of irraa hirdhisuu.
* Yoo tooftaalee kanaan jijjirama hin qabaanne ta'e mana yaalaa deemuun qorannoo barbaachisu godhachuun qoricha fudhachuun barbaachisaadha.
---

---
Fayyaa ta'aa, fayya dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
©Dr. Nuredin Luke

16/01/2022

KINTAAROTII- Hemorrhoid/Pile
********************************
Kintaarootiin iitaa qaama taa'umsaa irratti mul'atu yoo ta'u innis hiddi dhiiga-deebistu kan naannoo ta'uumsatti gurmuun argamu yoo iita'u kan dhufu dha. iitaa kanaaf wontootni hedduun sababa ta'uu malu. Isaan kessaas:
* Yeroo bobbaaf taa'an baay'isanii ittanuu
* Qufaa yeroo dheeraaf nama irra ture.
* Furdinna gar malee guddaa ta'e qabaachuu.
* Wol qunnamtii saalaa qaama taa'umsaatiin raawwachuu.
* Garaa gogsuu ykn baasaa yeroo dheeraaf nama irra ture
* Yeroo dheeraaf deddebi’anii waan ulfaatu fuudhuu/kaasuu
* Dhukkubni tiruu ykn dhukkubni biraa kan iitaa garaatiif nama saaxiluu jiraachu
* Nyaata akka fuduraaf kuduraa fayyadamuu dhabuun wontoota rakkinna kanaaf nama siixilan keessaa isaan ijoo ta'aniidha.
* Irra jireessaan ga'eeyyiiwan woggaa 20 ol ta'anifi haadholii ulfaa irratti hedduminnaan mul'ata.
* Yeroo kaan caalaa yeroo qilleensi ho’aan jiru irra muldhachuu danda’a. Innis sababa hoo’i hidda dhiigaa keenya akka babaldhatu (vasodilation) jiraatu godhuufi nama hooksisuufi.

----

----
Mallattoofi rakkinna Kintaarotii irraa dhufuu danda'an:
- IItaa qaama taa'umsaa irratti mula'atu ykn iitaa qaama taa'umsaa keessaa gadi bahe mula'tu. Kintaarootiin keessa qaama taa'umsaa kessatti bahus ni jira; inni kun sadarkaalee afur kan qabu yoo ta'u; iitaan isa kanaa fagomaa ijaan mul'achuu dhabuus mala.
- Yeroo bobbaaf taa'an nama dhukkubuu ykn miirri akkasii namatti dhagahamuu.
- Akkasumas dhukkubii malee dhiigni sagaraa irratti ykn woraqaa ittiin haxaayannu irratti argamuu.
- Naannoo ta'umsaa nama hoqsisuu/hossisuu/
- Yeroo tokko tokko sagaraan/bobbaan to'annaa malee ofuma gadi bahuu (keessattuu yoo tuttuqamee jiraate)
-Darbee darbee sirritti dhiiguu waan danda'uuf ykn dhiigni suuta suutaan dhiigu kun hanqinna dhiigaatiif nama saaxiluu danda'a.
- IItaan kunis micciramuun ykn guduumfamuun, akkasumas dhiigni ititee hidda dhiigaa naannoo saanaa cufuun dhukkubbiin hamaan tasa akka nutti dhagahamu gochuu mala. Yeroo dhukkubbiin hamaan akkasi namatti dhagahame hatattamaan mana yaalaa deemuu.
----

----
Tooftalee armaan gadiitiin fayyadamuun Kintaarootii of irraa hanga isaa xiqqeessuun ykn dhukkubbii namatti dhagahamu San balleessuun ni danda'ama:
* Bishaan hoo'isanii sooqida moonqaa lama/sadihii itti naqanii daqiiqaa digdamaaf qaama teessumaatiin keessa taa'uu. Bishaan xiqqoma ha hoo'uu barbaadama malee nama gubuu hin qabu. Kana gochuun dhukkuboota nannoo ta'uumsatti mul'atan hedduuf faayidaa guddaa qaba.
* Cuunfaa loomii itti dibuu.
* Fuduraleef Kudurallee adda addaa (kan akka shaanaa, kaarotii, dinnichaa, atara, muuzii, abukaadoo fi kkf) nyaachuu.
* Sochii qaamaa ( deemsa ariifanna, daakkaa, daansii, fiigiicha, fi kkf) guyya guyyaan daqiiqaa soddomaafi achi oliif yoo xiqaate torbaanitti guyyoota shaniif hojjachuu.
* Yeroo dheeraaf baay’isanii taa’uu dhabuu
* Nyaata qibaatiin itti baay’ata, foon, killee/buuphaa fi isaan irraa tolfaman hirdhisuu
* Cabbii qabanahaa ta'e iddoo taa'umsaatti qabuun. Guyyatti yeroo hedduu akkas gochuun iitaa san haalaan ni xiqqeessa.
* Bobbaa dabarsuu dhabuu. Yeroma inni namatti dhufe/mudde taa'uu, dabarsuu dhabuun faayidaa hedduu qaba.
* Akkasumas mana yaalaa deemanii rakkina jiru iftoominnaan erga Doktoratti ykn ogeessa yaalatti himan booda qoricha ykn yaala biraa (Opireeshinii sasalphaas ta'uu mala) isaan namaaf ajajan haalaan fudhachu/fayyadamuu
* Mallatooleen armaan olitti eeraman keessaa tokko tokko malattoo dhukkuba kaansarii mar'umaan guddaas ta'uu waan danda'aniif, keessattu umriin keenya woggaa 50 ol yoo ta'e mana yaalaa deemanii qoratamanii adda baafachuun barbaachisaadha.
---
Ulfaadhaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
--
©Dr Nuredin Luke

11/09/2020

Allahamaduliilaa Galaanii Kan Rabbiiti kan nagaan bara 2013 nuu gahee yaa Qeerroo Biyyaa Koo. hayyoota keenya kan hidhaa jiran waqayyoo nuuf haa basuu.

Want your business to be the top-listed Clothing Store in Riyadh?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address

Page Keenya Like Fi Sher Gochuun Nuu Hordofaa
Riyadh
Other Children's Clothing Shops in Riyadh (show all)
Calijaamac Calijaamac
Riyadh

بيبي تري بيبي تري
Riyadh, 12835

بيبي تري: هو متجر مختص بمنتجات الاطفال مثل ملابس الاطفال, احذية الاطفال, منتجات العناية بالاطفال, ماركاتنا عالمية و بجودة عالية

Wz æme jãmāl Wz æme jãmāl
WzAmmē Jæmâl
Riyadh, 12346678

Wz Àmmè jàmal

KAYAN KAYAN
شارع سعد بن ابي وقاص
Riyadh, 14233

بيع ملابس اسبانيه واوروبيه في قمة الروعه والرقي

Love priya Love priya
01406696519
Riyadh

01406696519

Fendi Fendi
Fendi Kids, First Floor, Centria Mall, Olaya Street
Riyadh, 00000

Babyshop Babyshop
Khurais Road
Riyadh, 11564

Ameer ishaq Ameer ishaq
Riyadh

08142148235

Emporio Armani Junior Emporio Armani Junior
Al Olaya Street, Centria Mall First Floor
Riyadh, 12241

Unicorn Boutique Unicorn Boutique
Riyadh
Riyadh

Tribo.sa Tribo.sa
طريق الإمام عبدالله بن سعود بن عبدالعزيز، غرناطة، 6486, الرياض
Riyadh, 13241

متجر ملابس · لعب أطفال · متجر هدايا

It s okay It s okay
Cumilla
Riyadh