Abdii Bultum

Abdii Bultum

Yaadan yaada moo, uu

12/01/2022
28/11/2019

Mootummaan naannoo Tigraayii Ida’amuu paartileen maalif mormite?
***********
Baay’een keenya sababa mootummaan Yaada ida’amuutin akka mormiteef sirriitti waan hubanne natti hin fakkaatu. Ida’amuu kan jedhu kun falaasama amma eegale utuu hin taane bara TPLF Itoophiyaa hoogganaa turte yaada ka’aa turedha. Hojii irra oolchuufis baay’ee dhama’aa turte. Haata’utii garuu yeroo ammaa kana TPLF yaada Ida’amuu jedhu kana hin fudhadhuu jettee mormii guddaa dhageessisaa jirti!
Kun ammo dhuguma yaada ’amuu jedhu kana waan jibbiteef utuu hin taane qajeelfamoota Ida’amuu duuka dhufantu faayidaa keenya miidha jedhanii mormaa jiru. Fakkeenyaaf Taa’umsi kan kennamu akkaata baay’ina uummatattidha jedha qajeelfamni Ida’amuu; Kana jechuun uummatni Tigrayii milliyoonni 5, uummata Oromoo Milliyoona 60 ol ta’uu wajjin ta’umsa wal-qixxee hin argatu. Kun ammo warra Tigraayi baay’ee aarseera.
Prizedantiin naannoo Tigraayi kaleessa yemmuu dubbatu nuti baay’ina uummata osoo hin taane qabsootti amannaa jechuun isaa waayyaannen biyya kana anatu bulchuu qaba jettee yaada akka jirtu nutti mul’isa. Qabsoos yoo ta’e uummata keenya ol kan itti aarsaa ta’e hin jiru.Isaan garuu Itoophiyaaf uummata Tigreetu aarsaa guddaa kaffale, kanaaf isaanumatu hoogganu qabaa jedhanii amanu
Har’a nuti Tigraayi maalif mormitee jennee utuu hin gaafatin baga mormite jennee harka reebaafii oolla. Gaaffii keenya yeroo dheera kan ture akkamitti uummatni Oromoo lakkoofsaan milliyoona 50 ol ta’u uummata Tigiree milliyona 5 hin guutneen bulaa kan jedhu ture. Gaaffiin keenya kun qajeelfama keessatti deebii nuuf argateera.
Waanuma hundaafuu diina keenyaa fi fira keenya adda baafnee beekuun gaarii ta’a. Waan deeggarruu fi waan morminus beekuun barbaachisaadha.
Horaa bula!!!!

21/11/2019

kana seeraan dubbisa mee yaa lammiwwan koo.............................

Afaan hojii Paartii Afaan 5 ta'uun ifa erga ta'ee as namoonni "xiinxala" gochaa jiran baddaafi gammoojjii tokko godhanii dhiyeessu. Danbiin kan jedhu, 'Afaan hojii Afaan hojii naannoleen Heeraan tumatani' jedha. Akka Oromiyaatti Afaan hojii Naannoo Heeraan tumame . Kun asumarratti dhumate. Kanaafuu, afaan dabalataa wanti jedhu hin jiru. Kuni waan boru mul'atu.

Qabxiin "xiinxaltoonni" tokko tokko "qaawwaa keessatti arganne" jedhanii haqanqaalanii dhiyeessuuf dhama'an hima kana: "Naannoleen haala qabatamaa naannoo isaanii ilaalcha keessa galchuun afaan hojii naannoo isaanitti dabalatee afaan hojii keessaa tokko ni dabalatu" isa jedhu. "Haala qabatamaa naannoo isaanii" gaaleen jedhu Oromiyaa hin ibsu. Sababni isaa durumaa gaafa Oromiyaan hundeeffamtu haalla qabatamaa naannichaa afaan hojii Afaan Oromoo akka ta'u dirqisiisa jedhee murtaa'eera. Irra jireessaan saba Oromoo Afaan Oromoo dubbatuufi saboota biroo Afaan Oromoo dubbatantu keessa jiraata yaadama (presumption) jedhu irraa madde. Ammas haalli kun akkuma jirutti jira. Wanti jijjiirame hin jiru. Kanaafuu, "haala qabatamaa naannoo isaanii" kan jedhu Oromiyaa irratti hin hojjetu jechuudha.

Gama birootiin, haalli hundeeffama naannolee saboota heddu hammatanii hundeeffamanii afaan dabalataa barbaada.
Fkn. Oromoonni Naannoo -Gumuz keessa jiraatan lakkoofsaan guddaadha. Oromoonni achi jiran hanga dhiyootti gaaffii afaan ofiitiin fayyadamuu kaasaa turan. Hawaasni kana keessaa gareen paartii keessatti ijaaramee qabsaa'uu fedhu Afaan Amaariffaa fayyadamuuf hin dirqamu jechuudha. Haalli qabatamaa Naannoo BG afaan tokkoo ol hojiirra oolchuu gaafata jechuudha. Oromoon Naannoo Amhaaraa, Godina jiraatu gaafa KGG ADP'tti marii'atu Afaan Amaaraa dubbachuuf dirqamaa ture. Amma haalli qabatamaa Naannoo Amhaaraa Afaan dabalataa barbaachisuu danda'a jechuudha. Naannoo Kibbaattis haaluma wal fakkaataatu jira. Wanti danbiii keessa jirus ta'ee hiikoon isaa kana. "Xiinxala" haqanqaallaa ragaa irratti hundaa'e kan torban tokko dhugaa ta'ee isiniif hin turreen nama burjaajessuu dhiisaatii waan biroo fidaa jechumaafi.

Xiinxalli dhugaa haqanqaaluun xiinxalamu sobduu nama taasisa. Yeroo tokko akkuma Dr Abiyyi aangootti dhufaniin, xiinxala dheeraa tokko kan guduunfaan (conclusion) isaa "OPDOn ammayyuu wayyaanee jaalatti" jedhee Dr Abiyyi yakku tokko dubbiseen ture. Torban booda yeroo Saamoraa, Abbooyi Sibhaat, Geetaachoon, Abbaay fa'aa ennaa arii'aman agarre. Namatu waa hin yaadanneefi malee kun sobduu nama taasisa silaa.

Dhiyoo kanas xiinxala tokko keessatti gaalee " " jedhu argeen ture. Saayinsii siyaasaa ykn hawaasummaa keessattis jechi(gaaleen) jedhamu hin jiru. Unitary/federal malee unitary/federal wanti jedhamu hin jiru. Jecha hin jirre uumuun 'n sirna federaalizimii balleessa olola jedhu lafa qabsiisuuf qofa hojiirra oole. Olola jechuudha. fi ykn immoo wal adda. Yeroo siyaasni xiinxalamu saayinsiif amanamaa ta'uun naamusa olaanaadha. Namni xiinxalaafii olola adda baasee hin beekne summii namni xiinxalaan maqaa xiinxalaatiin akka dawaa/qorichaatti/ liqimsiisu hunda fudhata. Dhumarrattis dhukkuba jedhamuuf saaxilama. Of eeggadhaa jechuudhumaafi.

01/11/2019

Hanqina hoggansa Dr.Abiy yemmuu agarru qeequu fi akka hanqina mudate furanu dubbachuun mirga yoo ta'eyyuu karaa safuu fi duudhaa Oromummaatiin ala taheen Dr.Abiyin arrabsuun admalee dha.Oromoo tahee namni yeroo kanatti Dr.Abiyin arrabsuu fi olola jibbiinsaa irratti gaggeessu yoo diina kufaatii keenya hawwu gammachiise malee saba kanaaf faayidaa tokko illee hin qabu.Akkuma nama kamiiyyuu Dr.Abiyis ilma namaa waan taheef dogiggoruu danda'a.Dogoggora isaa yoo agarru garuu arrabsoodhaan itti duuluu osoo hin taane karaa safuu eeggateen xiinxala gahaa waliin bakka dogoggorasaa itti himuun sirreessuutu fala taha.Arrabsoon duudhaa Oromummaa waan hin taaneef osoo irraa of qusannee gaarii dha.Yeroo murteessaa kanatti akka sanaatti wantoota garaagarummaa nu gidduu jiru dhiphisanii tokkummaa keenya cimsanu qofa irratti xiyyeeffannee osoo wal tumsaa imala dheeraa fuuldura keenya jiru tokkummaan imallee ceenee nuuf wayya.Dammaqaa yaa saba koo

05/10/2019

Abdii Bultum

28/09/2019

Jarana,nuti Oromoon jaalannus jibbinus dabaree bohicha fixanneerra.Abbaan barbaade wayita boohu nuti duukaa boohuu hinqabnu.Anaan kan naa yaaddeessu kan warra naannoo Amaaraa kanaati.Jarri qunxumramanii dhumaa jiran.Gondor,uummata Qimaantiin dhuunfatamuuf deema.Walloon Agawuu fi Oromoodhaan dhuunfatamuuf deema.Goojjam Wanbaraa fi Dibaaxee akkasumas ....... dhuunfatamaa jira.Finfinnee fi ....abbaadhaaf deebi’uuf jiru.Kanaaf carraan fulduraa isaanii,isaan yaaddeessee wayita bohan namoonni hedduun duukaa boohuun naa gaddisiisa.Hinkofamu,hinkolfinaa!!

27/09/2019

የቱርክ ፕሬዝደንት ረጀብ ጠይብ ኤርዶጓን በዛሬው የተባበሩት መንግስታት የስብሰባ ንግግራቸው ላይ .. ከ1947 ጀምሮ
# እስራኤል እያደረገች ያለውን የወራሪነት እና የተስፋፊነት ወንጀል የሚያሳይ ካርታ ለመንግስታቱ ድርጅት በማሳየት:-
"የቱ ጋር ነው የእስራኤል ድንበር ?
ይህንን አለም አቀፍ የመሬት ወረራን ማስቆም ያልቻለ
የተባበሩት መንግስታት ድርጅት በምን ሞራሉ ስራ እየሰራሁ ነው ብሎ መናገር ይችላል ?
የጀርመን ናዚዎች ከፈፀሙት ወንጀል በላይ እስራኤል
በንፁሃን #ፍልስጥኤሞች ላይ እያደረሰች ያለውን ድርጊቱን
ማውገዝ እና ማስቆም ያልቻለ የተባበሩት መንግስታት
የይስሙላ ድርጅት ነው ። ...
በቀን ብርሃን የአለም ማህበረሰብ እየሰማ እየተመለከተ
የእስራኤል ፖለቲከኞች ጠ/ሚ #ኔቲኒያሁን ጨምሮ ለምርጫ ቅስቀሳ ከተመረጥኩ ዌስት ባንክን ፣ ቤተልሄምን እወራለሁ ብለው በግልፅ ሲያስተጋቡ አሻንጉሊቱ የተባበሩት መንግስታት ድርጅት በቃል እንኳ ለማውገዝ የማይደፍር ደካማ ድርጅት ነው።"
# Bilal_Zayed
--------
የአለም ሙስሊሞች ጠበቃ የሆነው ረጀብ ጠይብ ኤርዶጋን የካርታ ማስረጃውን ይዞ ለፍልስጤማውያን ሲል ከአለም መንግስታት ፊት ቆሞ ሲሟገት ማየት በአንድ በኩል ብርታቱ እና ድፍረቱ እጅግ ያስደስታል። በሌላ በኩል የሙስሊሙ አለም መሪዎች ተኝተተው እሱ ብቻውን መሆኑ ሱታይ ልብ ይሰብራል። የአላህ ጥበቃ እና እርዳታ አይለየው!!

27/09/2019

ፕሬዚደንት ሳህለወርቅ ዘውዴ ትናንት የ UN ንግግራቸውን በአማርኛ አድርገዋል። ፕሬዚደንቷ በሊሴ ገብረማሪያም ትምህርት ቤት የተማሩና በአምባሳደርነት ብዙ ጊዜ ያገለገሉ በመሆናቸው እንግሊዝኛም ሆነ ፍረንች አቀላጥፈው ለመናገር አይቸግራቸውም። ነገር ግን በዛ ትልቅ መድረክ ላይ ቋንቋቸውን መጠቀማቸው ለቋንቋው ያላቸውን ቀናኢነት በሚገባ ያሳያል። በዚህ ውሳኔአቸው ላደንቃቸው እወዳለሁ። አንድ ኦሮሞ ባለስልጣን ፕሬዚደንቷ ያደረጉትን ቢያደርግ ዘረኛ የሚል ታፔላ ይሰጠው ነበር። ብሄርተኝነት ውይም በራስ ማንነት መኩራት ማለት ራስን መሆን ማለት ነው። በራስ ማንነት መኩራት ራስን ማክበር ነው። በራስ ማንነት መኩራት ትልቅ አቅም ነው። ሁሉም ሊማርበት ይገባል።

27/09/2019

Nuti tokko!!Akka Oromootti waan hedduu keessa waliin qaxxamurree,injifannee as geenye!!Borus itti fufna.Fuldurri keenya ifa.Waan hunda walmari’annee,Walmararfachaa yaada injifataan fulduratti tarkaanfachuun murtessaadha.Kana booda Waanti Oromoo miidhu biyyattii kana keessatti abadan deebi’ee hindhufu.Hinshakkinaa!!
’amuu!!!!!!!
!!

23/08/2019

Heerri Wayyaanee waggaa 27f Wolloon Oromiyaa jalaa baasee kiisha Amaaraa keessa kaa'e. Akkasuu tahee eenyummaan Oromummaa Walloo bara Wayyaanee keessa akka amma argaa jirru kanatti tuttuqamee salphifamee hin beeku. Jijjiiramni dhiiga Oromootiin dhufe bu'aan isaa Walloon Oromoo irraa fageessuu kan akeekkate miti. Kan argaa jirru garuu kanuma. Warri injifannoo Oromootiin Wayyaaneen irraa kaanaan barcuma aangoo ho'ifate (ADP) Oromoo fi Walloon dugdaa garaa godhanii akka lallabaniif haalli aanja'eef. Kun yoo tahu namni harkatti qabaa jiru mootummaa sana keessa hin jiru. Wanti amma akka salphaatti laalamaa jiru kun Oromoo irratti lola labsuu irraa adda bahee hin laalamu. Lola kanas kan labsaa jiru qaama biraa osoo hin taane EPRDF mataa isaa akka tahetti hubachaa jirra. Lakkuma filmaanni as dhihaatuun ODPiin hundee siyaasaa isii Oromiyaa keessatti of galaafachaa deemuun kun waan raajii ti.

23/08/2019

ዮሃንስ ቧ ያለው namichi jedhamu kan guyyaa har'aa Lalibalaatti alaabaa lummuxxii duubbee godhatee Oromoo arrabse itti aanaa pirezdaantii N Amaaraa ti. Qaama mootummaa biyya bulchaa jiruu ta'anii Oromummaa Walloo haaluuf jecha የማያሳካላቸው ወፍ ዘራሽ ፋላስፋዎች jedhanii Oromoo arrabsuun danda'ameera jechuu dhaa? Yaa warra ODP, hanga yoomitti nu arrabsiiftu? Oromoo arrabsiisuuf moo Oromoo kabajsiisuuf masaraa jirtu?

21/08/2019

''Waan gara keenyaa eegamu hunda goonee jirra. Murtee Boordii Filannoo eegaa jirra,' Hayyu Duree ABO Obbo Abbaa Nagaa Jaarraa.

''Ulaagaa isaan gaafatan hunda xumuranneerra. Murtee Boordii Filannoo eegaa jirra,'' Hayyu Duree ABO Obbo Daawud Ibsaa.
➡️➡️ https://bbc.in/31JQeGC

21/08/2019

Dhimma Paartilee ABO lameeniifi galmee Boordii Filannoo

''Waan gara keenyaa eegamu hunda goonee jirra. Murtee Boordii Filannoo eegaa jirra,' Hayyu Duree ABO Obbo Abbaa Nagaa Jaarraa.

''Ulaagaa isaan gaafatan hunda xumuranneerra. Murtee Boordii Filannoo eegaa jirra,'' Hayyu Duree ABO Obbo Daawud Ibsaa.
➡️➡️ https://bbc.in/31JQeGC

bbc.com Dhaabbileen ABO lama tokko ta'uuf socho'aa akka jiran miidiyaaleef yeroo adda addaa himanis qofa qofaatti adeemsa galmee eegalan. Dhimma kana irratti yaada qaban Hayyu Dureewwan lamaan gaafanneerra.

16/08/2019

Rakkoon Akka Jiru Dursinee Gabaafnee Turre: Angawaa Waajiira Barnootaa

Rakkoon Akka Jiru Dursinee Gabaafnee Turre: Angawaa Waajiira Barnootaa
https://www.voaafaanoromoo.com/a/5043789.html
Qabxiin qormaata biyyolessa waan burjaajeffamee jiruuf sireffamni akka taasifamu Biroon Barnootaa Oromiyaa gaafate. Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr Tolaa Barisoo Raadiyoo Sagalee Amerikaaf akka himanitti Qormaanni burjaajeffame ifoomsamuu isaatiin dura akka adda baafamu ejensii qormaata biyaalessaf gaaffin dhihaatus osoo hin sirreffamin yoona gahe jedhan.

voaafaanoromoo.com English news from the Voice of America. VOA news provides coverage from around the world and learning English lessons from VOA Special English.

15/08/2019

: “Oromoon ammallee tokkummaasaatiin ala waan biraa hin qabu”
=============================
Wallisaa Oromoo beekamaa Nahoo Goobanaa wayita ammaa kanatti birmannaa akka barbadan maatiin beeksiisan.
Haati warraa artisti Nuhoo Goobanaa Aadde Maliikaa Alii, fayyaan Nuhoo Goobanaa ummata Oromoo harka jirti jedhu.
"Yoo gargaartan ni fayya. Kan barbaadnus qabeenya kennuu qofa miti. Dhufanii 'Nuhoo keenya maal keessa jirta' jedhanii yoo gaafatan inni ni fayya," jedhu Aaddee Maliikaan.
Wallisaa Nuhoo ummatasaa waan jaalatuuf sagalee ummataa dhagahuu fedha, jechuun akka abbaa warraasaaniif birmataniif dhaamsa dabarfataniiru haatii warraasaanii Aadde Malikaan.
Nuhoon dhukkuba sukkaaraafi dhiibbaa dhiigaa mudate gara istirookiitti cehee qaamasaa gara mirgaa sochoosuu dadhabsiiseera.
Tibba darbe baayyee dhukkubsachuun kutaa yaala cimaa seenanii kan turan yoo ta'u, yeroo ammaa garuu itti fooyya'ee nyaata fudhachu eegaleera jedhu.
Sirboota qabsoofi jaalalaa akkasumas meeshaalee muuziqaa taphachuun kan beekamu artisti Nuhoo Goobanaa erga dhukkubsatee manattii hafee waggoota jaha ta'eera.
Tibbana ammoo dhukkubnisaa itti cimee Hospitaala waliigalaa Adaamaatti yaala argachaa jira.
Dhukkuba isa mudate kanarraa fayyee hojii aartii jaalatutti deebi'iuuf hawwii guddaa akka qabus BBC'tti himera.
"Ummanni Oromoo eessa jiraa laata? Maaf na irraanfatanii? Namni inuma du'a ammoo osoo jiranii yoo walgargaaran irra bareeda," jedhe Nuhoon.
Waggoota darban kanatti tumsa uummataatiin gargaaramuu kan himu Nuhoon, deeggarsa kanaaf galata qabus jedhe.
"Yaa uummata Oromoo xiqqaafi guddaan sinin galatoofmadha. Kan qabullee kan hin qabnellee cufti nagargaaruu fedha. Warra nagargaaranis Rabbi haa ta'uufin jedha."
Nuhoon yeroo dhukkubsatee sireerra ciise kanattis Oromoon tokkummaan alatti fala kan biraa akka hin qabaanne dhaame.
"Tokkummaa gadi hin dhiisinaa. Har'as tokkummaan nu barbaachisa. Borus tokkummaan nubarbaachisa. Waan biraa hin qabdu Oromoon. Tokkummaa jabeessaa," jechuun dhaame.
Tibba kana hospitaalatti deddeebi'ee gargaaraa kan jiru Artisti Qamar Yusuuf gamasaatiin, Nuhoon yeroo namni Oromummaa isaallee qalbeefatee hin hubannetti nama sabboonummaa nubarsiise jedha.
"Tokkummaa Tokkummaa Yaa ilmaan Oromoo tokkummaa Kiristaana islaamaan nugargar hin baanu Kun hojii waaqaati waaqumaaf haa dhiifnu Oromummaa qofaan waliin haa dhaabbannu," jedhee tokkummaaf ummata dammaksaa ture jedha.
Sirbootaan uummata sochoosuun cinatti qabsoo keessattis wareegama guddaa kanfaluu yaadata.
"Nulleef abbaa ta'ee qabsoo nubarsiise. Akkatti aartiidhaan falmannu. Qabsoo uummata Oromootiifi Nuhoo addaan baasanii ilaaluun hin dandahamu. Jireenyasaa guutuu qabsuma Oromoo tanatti fixe," jedha Qamar.
Jecha Nuhoo 'Ummanni Oromoo gabrummaa jala taa'ee soorummaan ani barbaadu hin jiru' jedhuun akka Nuhoo yaadatus hima.
"Waa'een Oromoo yoo ka'e, waa'een bilisummaa yoo ka'e amma yeroo sireerra ciisu kanattillee imimmaan ijasaarraa hin dhabdu. Hagas takka uummatasaa jaalata.
Artsitiin oromoos jireenyasaa guutuu kanfale kuni dhibeedhaan yoo rakkatu gargaarsi hamma silaa maluuf yoo dhabu arguun 'qabsoon galata hin qabdu' nama jechisiisa jedha Qamar
Oromoon gargaarsa walirraa hin cinneen bira dhaabanne Nuhoo fayyummaasaatti deebisuu qabnas jedha.
Hanqina humnaatiif malee Nuhoo biyya alaa geessuun yaala argatee akka fayyuuf hawwii guddaa qabaachuu haati warraa isaa Aadde Malikaan BBC'tti himtee jirti.

Maddii: BBC News Afaan Oromoo

15/08/2019

Lik naa godha kafalti hin qabuu!!!

14/08/2019

Abdii Bultum

Political Organization

14/08/2019

Abdii Bultum's cover photo

Want your organization to be the top-listed Government Service in Riyadh?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Website

Address

Riyadh
Other Political Organizations in Riyadh (show all)
Labor party Labor party
Riyadh

Sara Duterte Middle East Sara Duterte Middle East
King Abdullaziz
Riyadh

VP Duterte Supporters in Arab Country- #WeDemandFreedomOfSpeech

PDP SAUDI Arebia PDP SAUDI Arebia
Saudi Arebia
Riyadh

PTI Pakistan PTI Pakistan
Riyadh, 16244

Atta Ullah PTI

Md Hasan 'Joint Convener' 'NationalistTareque Porishad' Md Hasan 'Joint Convener' 'NationalistTareque Porishad'
Riyadh

বাংলাদেশ যাবে কোন পথে? ফয়সালা হবে রাজপথে। বাংলাদেশের আগামীর রাষ্ট্র নায়ক "তারেক রহমান"।

Pvasi tv Pvasi tv
Riyadh, 39261

https://youtube.com/shorts/ncZRuXN8S4Y?feature=share

OROMO Entertainment OROMO Entertainment
Riyadh, QERROO

oromo peg

ONE Nation ONE Nation
Riyadh

Let us spread only fair and true information for the public to see, let all the defamations and disinformations foster no more. Let us widen our views toward the cancer that is inf...

Imran Khan Fans Imran Khan Fans
Manfouha
Riyadh, 12681

Imran Khan Fans

BNP সমর্থক BNP সমর্থক
Soudi Arab
Riyadh