Ramadan Kerim

Gorsa Amantaa Qofa irratti Xiyyeeffata #like ,share godhun hiriyoota keessan mara biraan gahuu qabna.

25/04/2024

“Muslimni warra Rabbitti hin amanin hin dhaalu, warri hin amaniniis Muslima (hin dhaalu)."
Nabi Muhammadﷺ
[Bukhaarii 6764
Muslim 1614]

- Firummaan jabduun ta Muslimaati. Nama Islaamummaan adda nu baafte hin dhaallu, jaalaas hin godhannu.

*لَا يَرِثُ المُسْلِمُ الكَافِرَ وَلَا الكَافِرُ المُسْلِمَ.*
الراوي : أسامة بن زيد.

25/04/2024

Halkan kun halkan JUMMAATTI Salawaata 🕋 nabiyyii Muhammad 🕌, irrati buussi صلوات الله علیهم صلوات 🌴 لصلث صلوات الله علیهم 🕌 صلوات الله علیهم صلوات Sallallaahu Alleeyhi 🕋🌹 sallallaahuu.🕌🕌🕌🕌🕌🕌🕌🕌🕌🕌🕋

19/04/2024
08/04/2024

Namni Akka Ati Salaatu, Akka Ati Rabbii Sodaatuu, Akka Ati Rabbii Kadhatu Sii Gorsu, Nama Dhugaan Sii Jaalatuu Beeki!

Yaa Rabbii! Warra Toltuu Irraattii Wal Gargaaru Hamtuu Irraa Wal Dhoorkuu Nu Taasisi Abu Huzeyiifa

08/04/2024

YAADACHIISA: Halkan Ramadaanaa mara keessatti Rabbiin keenya gabroottan isaa keessaa hanga tokko badii isaanii araarameefii ibidda Jahannam irraa bilisoomsa. Nuti halkanoota dabran keessatti moo kan hafan keessatti arjoomni kun nu dhaqqaba? Waan beynu hin qabnu. Halkan edanuu kun halkan 29ti. Qarii, halkan Leylatul-Qadriin keessatti kajeelamtu jechuudha. Kanaaf tokkicha hafe kana qalbii qulqulluun itti haa dhaammannu. Halkanoota dabran keessatti milkaahuu baannuus halkan edanuu kanatti nurraa guutee nu haa milkeessu. Nuufi ummata Muslimaa mara ibidda Jahannam irraa nu haa baraaru. Warra Jannataa Rabbi nu haa godhu.

Photos from Ramadan Kerim's post 08/04/2024

PICTURES: The streets of Madinah during the Completion of Quran Dua tonight

Photos from Ramadan Kerim's post 08/04/2024

👉 𝐙𝐚𝐤𝐚𝐚 𝐅𝐢𝐱𝐫𝐢𝐢 𝐒𝐚𝐥𝐚𝐚𝐭𝐚 𝐈𝐢𝐝𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐝𝐮𝐫𝐚 𝐁𝐚𝐚𝐬𝐚𝐚
👍 Hin dagatinaa
® Namni salaata Iidaa booda kenne
sadaqaa qofa taate hafti.
® Inni zakaatul fixriin hin baafne.
® Zakaan fixriidhaa muslima hundarratti dirqama.
® Isiin midhaan suguda(Kooboo)tokko Muddii 4 Xaasaa Maartii 4(k.g 2: 40) yoo kiiloo lamaaf cinaa godhan haalaan gaariidha nama tokkorraa baasuu barbaachisa.
® Hadiisatti Abdallaa ibnu umar (r.a.) akki jedhe ” Nabiin(s.a.w.) tokko tokkoo
muslimtootaa irratti zakkaa fixrii tan ramadaanaa dirqama godhe, hunduma
muslimaarratti bilisa tahuu gabra tahuu,
dhiira tahuu dubartii tahuu, guddaa tahuu
xiqqaa tahuu, suguda(kooboo) takka timirarraa yookaan garburraa nama
tokkorraa kafalama jedhe. ” Jecha bukhaarii
keessatti nabiin s.a.w. zakaa fixrii dirqama
godhe …jedhee hadiisa oofee achi keessatti..
osoo namni gara salaata iidaa hinbaane duratti akka kennamtu ajaje”jedhe.
® Hikmaan (faaydaan) isiin dirqama godhamteefis.

1-Nama soomane dogoggoraa fii badii irraa qulqulleessiti,ir’ina isaati guutti,bakka jallate diriirsiti.
2-Gargaarsa namoota hiyyeeyyiiti taati, guyyaa iidaa kabajamaa kana keessatti kadhaadhaaf hula namaarra deemurraa
isaan duroomsiti.
akkuma ummanni kuun gammachuun iida
godhanitti hiyyeessinis quufee beela bahee
ummataan wajji gammachuu akka
hirmaatu gargaarti.
® Yeroo zakaa .Yeroon isiin baafamtu akkuma hadiisa abdallaa ibnu umar kan dabre keessatti ibsametti “nabiin s.a.w. osoo ummanni salaata hinbaane akka kennamtu ajaje.” Jedhe.
Kanaaf irra caalaan yeroo isii kana. Garuu
ammas guyyaa iidaa duratti guyyaa tokko
yookaa lama dursanii yoo kennan numa taha.
Kanas abdallaa ibnu umar sahaabonni
guyyaa lama yookaa tokko dursanii
kennan jedhe.
Akkasuma zakaa fixrii salaata boodatti
dabarsuun hintahu.
Kanarrattis ibnu abbaas r.a. akki jedhe Nabii
s.a.w. zakkaa fixrii kafaluu dirqama godhe
akka nama soomane qulqulleessituuf, akka
hiyyeessaaf gargaarsa taatuuf,

08/04/2024

Umraa qeebalamtuu isiniif haa godhu jaallan khoo 🙏❣MMuaz MohamedMMuaz Mohamed

06/04/2024
06/04/2024

Allaahumma innika afuwwun tuhibbul afwa fa’afu annaa

اللَّهُمَّ إِنَّكَ عَفُوٌّ تُحِبُّ الْعَفْوَ فَاعْفُ عَنِّا

05/04/2024

Gali Ijaarsa Minaaraa Masjida Taqu'aa Magaalaa Tayfe

01/04/2024

Anaa fi atis warra halkan leylatul-qadri qunnamee irraahis qeebalerraa rabbi nu haa godhu!

01/04/2024

Yaadachiisa gabaaba obboleyyan kiyyaaf...

Raachi bishaan danfaa keessatti yoo darban; utaalee keysaa baha ja'an, garuu ammoo yoo bishaan qabbanaawaa keysa kaayanii ibiddarra kaayan; oso ifin beyne oowwifachaa keessatti du'a ja'an, dubbiin nashiidaa muuziqaa tunis akkanuma, oso gaafa duraa san as geysii kanarra hammaattii beekee; namni baasus ka dhageyfatus ni dheysa ture, garuu suutuma suutaan; maal qaba hangi khun jechaa oowwifachaa haga nu hudhu takka as gahe, yoo irraa hin deebine kanaa olis ni deema.
Garuu dirqama hogguu gubannee nu miidhuun qabu, ulamaa'ii beekkumsa wahyiirra dhaabbatanii hammeenyaa fi gaaroommina waa hundaa adda nuuf baasan qabna, dhaamsa isaanii fudhannee haa gorfamnuu.
Obboleyyan nashiidaa akkanaa baasaniif gaafii tokko qofa akka if gaafatanin dhaamaaf " wanni kun kha baasuu fi kha dhageyfatus; gama rabbii dhiheysaa jira moo irraa fageysaa jira?" Yoo ofuma sobuu taate malee garamitti nama oofaa jiraan dirree teysi, warra badii isaanii sheyxaanni itti bareechee hoongawerraa akkan taane, ammaan if haa dhaqqabnuu gama rabbii kheenyaa haa deebinu! Obboleessa kheenya ibsaa abdii irraa fakkeenya haa fudhannuun ja'a.
Warra haqa dhagahee jala deemu rabbi nu haa godhu!

25/03/2024

𝐁𝐢𝐬𝐦𝐢𝐥𝐥𝐚𝐚𝐡𝐢 𝐀𝐫𝐫𝐚𝐡𝐦𝐚𝐚𝐧𝐢 𝐀𝐫𝐫𝐚𝐡𝐢𝐢𝐦
Alhamdulillaahi Rabbil Aalamiin Wassalaatu Wasaalaamu Alaa Rasuulillaahi Sallallaahu Aleeyhi Wasallam

↪Yaa Rabbii Keenya Dilii teenya hunda nuuf araarami
↪Yaa Rabbi dalagaa gaggaarii hunda nurraa qeebali
↪Yaa rabbi addunyatti jiruu gaarii Nu jiraachisi
↪Aakhiratti jannatul Firdoowsiin nu qananiisi
↪Yaa Rabbi waan nu jalaa fagaate hunda nuuf dhiheeysi

↪Yaa Rabbi Nama karaa Keetirratti du’u nu taasisi.
↪Yaa Rabbi Rizqii nutti ballisi
↪Kheeyriin dalaguu nuuf laaffisi

↪Yaa Rabbi shabaaba Keenya jaartii gaarii kenniif
↪Shamarran keenyaaf jaarsa gaarii kenni
↪Dhukkubsataa Keenya hunda nuuf fayyisi
↪Kan nurraa Aakhirame hundaaf Rahaamata Nuuf godhi

↪Haadhaa abbaa keenyatti nuuf toli
Ibaadaa tee hunda Nuuf Laaffisi.

↪Yaa Rabbii keenya si kadhannee nuuf qeebali
↪Tan nurraa irratte atummaan itti nuuf guuti.

.

Photos from Ramadan Kerim's post 20/03/2024

Walloof Lakkoofsa Herreegaa Haaraa Baname kanaan Haa Gargaarru.

Hawaasni keenya walloo eenyummaa ofii tikfatee yeroo dheeraaf diina bitaaf mirgaan itti duuluuf osoon hin jilbeeffatiin har'a gaheera, borus ni jiraata. Waraanni Walloo irratti gaggeeffamu yeroo hunda jiraatus inni yeroo ramadaanaa waggaa waggaan irratti raawwatu ta'e jedhamee waan soomanuuf duula qindaa'aa irratti gaggeessu.
Walloon har'a mitii kaleessayyuu hin jilbeeffanne borus hin jilbeeffatu. Yeroo ammaa kana rakkoo hamaa keessa jiru.Qabeenya baay'een jalaa gubatee jira.Daa'imman irraa maatiin du'eera. Namootni baay'een madaa'anii hospitaala Adaamaa jiru.Kanaaf Oromoon marti kan Oromummaan itti dhagahamu walloof tumsuun amma.
Lakkoofsa akkaawuntii/Herreegaa maqaa namoota sadiin baname kanaan waan isaan barbaachisu haa goonuuf.

1000093278376 A/feta haji mohammed
A/letif Taha mohammed
Mustefa Bahiru Mohammed Baankii Hojii gamtaa Oromiyaa (COOP)

ergaa kana waliif dabarsa

20/03/2024

Obsa Abdisa qarshii 12,000 arjoomeera. Galatoomi! Bakka kana baaftetti dachaa dachaa siif haa dabalu!

19/03/2024

📜🖌. Ji'a Ramadaanaa keessa Carraa 1350 ol kan Diliilee Dabarte irraa Araarama Namaaf argamsiisuutu jira.

✍🏻. Ramadaanni Ji'a Kheeyriilee ji'a barakaaleeti. Yeroo itti isa keessatti duaaiin namaaf qeebalamtu kan ji'oota biraa hunda irra caaltuudha. Sababni ittiin ajriin dacha dachaa namaaf godhamtu ji'oota biraatirra kan ji'a ramadaanaa ni caalti. Barakaa jiini kun qabu irraa Carraa diliileen dabarte namaaf dhiifamuu kan isa keessa jiru yeroo 1350 caala. Wallaahi kuni tola guddaadha. Mu'umintootaa fii qalbiin isaanii kanaan akka malee gammaddi.

📜🖌. Carraallee kanneen Dubbachuun Dura Ragaalee shari'aa isaan irratti nama qajeelchitu dubbachuun dirqama.

1. " Namni ji'a ramadaanaa haala amanaa fii rabbirratti hisaabbataa ta'een soommane Dilii isaatirraa wanti dabarte isaaf araarame, Namni ji'a ramadaanaa haala amanaa fii rabbirratti hisaabbataa ta'ee Dhaabbate Dilii isaatirraa wanti darbe isaaf araarame, Namni halkan leeylatul qadrii haala amanaa fii rabbirratti hisaabbataa ta'een Dhaabbate ,Dilii isaatirraa wanti dabarte isaaf araaramni godhame" Bukhaarii fii Muslimtu Gabaase.

2. " yeroo imaamni Aamiin jedhe isiniis Aamiin jedhaa; Namni aamiiniin isaa aammiinii malaa'ikaatii wajjiin walsimate ; Ma'siyaa isaatirraa kan dabarte Araaramni isaaf godhame". Bukhaarii fii Muslim.

3. " Yeroo imaamni " Sami'allaahu liman hamidahu" jedhe " Allaahumma Rabbanaa walakal hamdu" jedhaa, Namni jechi isaa jecha Malaa'ikaatiin wal simate; Dilii isaatirraa wanta dabre araaramni isaaf godhame". Bukhaarii fii Muslim.

📜🖌. Hadiisoota kanarratti hundooynee Carraalee Ramadaana keessa lakkaawuuf yeroo kaanu inumaa carraa 1350 ol taati. Suniis akka armaan gadiiti.

📓. Soomanuun, Halkan hunda dhaabbachuu fii Halkan leeylatul qadrii dhaabbachuun walitti carraa=3.

📓. Salaanni Shanan isii keessaa:-.

🪷Guyyatti Raka'aa olfuudhanii qara'an 6 tu jira. Akkana Jechuun Namni tokko imaamatti hidhachuun yeroo 6 aamiin jedha jechuudha. 6*30=180.

🪷Guyyatti Raka'aa 17 kan Namni tokko eega imaamni " Sami'allaahu limanhamidah" jedhe inni immoo " allaahumma Rabbanaa walakal hamdu" keessatti jedhuutu jira. Kana jechuun 17*30=510.

📓. Salaata taraawiihaa keessa :-.
Osoo Namni tokko imaamaa wajjiin Raka'aa 11 salaata jennee fudhannee; Isii keessatti yeroo 11 aamiin jedha, yeroo 11 " Allaahumma rabbanaa walakal hamdu" jedha. Walitti kan halkan tokko 22 jechuudha. Kana jechuun carraan Diliin isaa dabarte isaaf araaramuu salaata taraawiihaa keessati hedduu deddebiti jechuudha. Kuniis 22*30=660 ta'a.

📜. Waliigalli Carraa kanaa = 3+180+510+660=1353 ta'a jechuudha.

📜🖌. Carraan guddaan kun Tahajjuda kurnan boodaa maleedha. Inumaa Sababoonni biraa kan Namni Muslimaa dalaguu qabu kan Ji'a kana keessa Diliilee isarraa argamtee dabarte akka isaaf araaramni godhamu taasistu hedduudha.

Tolli rabbiin akkaan bal'aadha. Kennaan isaa ji'a kana keessa hedduu guddoodha.

👌Kheeyrii Guddoo akkanaa tana akka hubatanii Booji'ataniif jecha share forward gochuun Obboleewwan Keetiin ga'i.

✍🏻. الشيخ الدكتور سلطان العميري
أستاذ العقيدة بجامعة أمّ القرى

⚠Yaadachiisa Jecha tokkoonii miti kan Hiikame, Akka hubachuuf Mijatuttiidha malee.

16/03/2024

Ramadaana Gaarii🙏 With Obsa Abdisa and Ustaz ibsa

16/03/2024

Yeroo Suhuurii:
***************
* Bishan gahaa dhugaa. Keessattu namoonni naannoo gammoojjii fi hoo'aa jirtan ifxaarii fi suhur jidduu bishaan sirritti dhugaa. Yoo xiqqaate bishaan hanga litirii lamaa.

* Akkasumas kuduraa fi fuduraa bishaan nuuf kennuu danda'an kan akka habaabaa, salaaxaa fi timaatimii fayyadama.

* Waan akka bunaa, shaayii fi dhugaati akka CocaColla (kookaa) fa'a, kan kaafiinii qaban, dhuguun fincaan namatti heddummeessuun dhangala’aa qaama keessaa xiqqeessuun miira dheebuu namatti jabeessa. kanaaf, dhugaatii kanniin keessatuu yeroo suhuurii otoo dhiistanii filatamaadha.

* Wolumaagalatti nyaanni yeroo suhuurii nyaannu Kuduraa (vegetables), kallee, qurxummi, foon lukkuu, aanaan, akkasumas daabboo garbuu, ajjaa fi biddeena keessaa yoo ta’e filatamaadha.

* Nyaata garmaalee mi’a’an fayyadamuu dhiisaa.

* Nyaata dibatni (zayitin, dhadhaan, coomni) itti baay’ate hirdhishaa.

* Nyaata sooqiddi itti baay'ate nyaachuu dhiisuu. Sooqidda nyaata keessatti garmalee xiqqeessinee fayyadamuu. Iddoo sooqiddaa, mi'eessituu garagaraas fayyadamuu dandeenya.

* Nyaata xiqqeessinee, suuta suutaan nyaachuu. Yeroo tokkoon baay'isnee nyaachuun gubaa laphee fi singiggoon akka nu madatu gochuu danda'a.

* Sorataalee kaarboohaydireetii gaarii hin taanee kan akka paastaa, ruuza adii, mokoroonii, soodaa (lallafaa), keekii, shaayii sukkaraa, kuukisii, fi daabboo qamadii daakuu furnoo irraa hojjataman kan erga nyaatamanii booda yeroo muraasa keessatti gara gulukoositti jijjiramuun hamma sukkaara qaamaa akka dafee olkaa’uu fi san booda dafee bu’u godhuun miira dadhabbii, humna dhabuu fi beelaa namatti cimsan kanniin caalaa nyaatota biroo filadhaa fkn dabboo garbuu, buddeena, misira, baqeela, mixaaxisha, atara, ruuza adii hintaane (brown rice) fa’a irraa waan hojjataman filadhaa.
—-
—-
Ramadaana Milkii!
Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!
—- Nuredin Luke

15/03/2024

Raayyaa Abbaamacca Galgala kana ittin buhaaraa.

15/03/2024

Hiikaafi Ibsa Aayata Soomaa
★★★★★★★★★★★★★
Aayattoota armaan gadii hiikaafi Ibsa isaanii Wajjin dubbisaatii hubachuu yaalaa. Hiika caalaa ibsichatu nama hubachiisa.
{يَاأَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا كُتِبَ عَلَيْكُمُ الصِّيَامُ كَمَا كُتِبَ عَلَى الَّذِينَ مِنْ قَبْلِكُمْ لَعَلَّكُمْ تَتَّقُونَ (183) أَيَّامًا مَعْدُودَاتٍ فَمَنْ كَانَ مِنْكُمْ مَرِيضًا أَوْ عَلَى سَفَرٍ فَعِدَّةٌ مِنْ أَيَّامٍ أُخَرَ وَعَلَى الَّذِينَ يُطِيقُونَهُ فِدْيَةٌ طَعَامُ مِسْكِينٍ فَمَنْ تَطَوَّعَ خَيْرًا فَهُوَ خَيْرٌ لَهُ وَأَنْ تَصُومُوا خَيْرٌ لَكُمْ إِنْ كُنْتُمْ تَعْلَمُونَ (184) شَهْرُ رَمَضَانَ الَّذِي أُنْزِلَ فِيهِ الْقُرْآنُ هُدًى لِلنَّاسِ وَبَيِّنَاتٍ مِنَ الْهُدَى وَالْفُرْقَانِ فَمَنْ شَهِدَ مِنْكُمُ الشَّهْرَ فَلْيَصُمْهُ وَمَنْ كَانَ مَرِيضًا أَوْ عَلَى سَفَرٍ فَعِدَّةٌ مِنْ أَيَّامٍ أُخَرَ يُرِيدُ اللَّهُ بِكُمُ الْيُسْرَ وَلَا يُرِيدُ بِكُمُ الْعُسْرَ وَلِتُكْمِلُوا الْعِدَّةَ وَلِتُكَبِّرُوا اللَّهَ عَلَى مَا هَدَاكُمْ وَلَعَلَّكُمْ تَشْكُرُونَ (185)} [البقرة: 183 - 185]
Hiika Aayattoota Kanaa
183- Yaa warra amantan! Akka isin Rabbiin sodaattaniif jecha Soomni akkuma warra isin duraa irratti barreefametti (dirqama ta’etti) isin irrattis barreeffameera.

184- Guyyoota lakkaa’amtuu [qofatu murteeffame]. Isin irraa namni dhukkubsataa yookiin kara deemaa ta’e, guyyaa biraa irraa lakkaawwachuutu [isa irra jira]. Warra isa [Soomuu] danda’an irratti kaffaltii (fidyaa) hiyyeessa nyaachisuutu jira. Namni fedha isaatiin toltuu dabalatee hojjate, sun isaaf caalaadha. Yoo kan beektan taataniif soomuutu isiniif caala.

185- Jiini Ramadaanaa isa Qur’aanni namootaaf qajeelfamaafi ragaa ifa bahaa qajeelfamichaafi addaan baasaa (haqaafi kijibaa) ta’e keessa buufameedha. Namni isin irraa ji’a kana dhaqqabe isa haa soomu. Namni dhukkubsataa yookiin kara deemaa ta’e, guyyaa biraa irraa lakkaawwachuutu (isa irra jira). Rabbiin isiniif laaffisuu fedha malee isin irratti jabeessuu hin fedhu. Akka lakkoofsa (guyyaa isin irratti barreeffamee) guuttaniifi waan isin qajeelcheef akka Rabbiin guddiftaniif, akkasumas akka [Rabbiin] galateeffattaniif jecha [kana goone].
Ibsa Aayatoota Kanaa

183- Yaa warri Rabbitti amantanii ergamaa isaa hordoftan soomni akkuma ummata isiniin duraatti dirqama godhame Gooftaa keessan irraa dirqama isin irratti godhameera. Kun immoo akka isin jidduu keessaniifi jidduu adabbii Rabbii hojii gaarii kan akka soomaa tiksaa godhattanii isa sodaattanuufi.

184- Soomni isin irratti dirqama godhame waggaa irraa guyyaa murtaahaa soomuudha. Namni isin irraa dhukkuba sooma isatti ulfeessu dhukkubsate yookiin imalaa ta'e faxiruun isaaf eeyyamama. Ergasii guyyoota hanga faxire qadaa baasuutu isarra jira. Warra sooma danda'an irra immoo ogga faxiran fidyaatu jira. Innis guyyaa faxiran cufa irraa miskiina nyaachisuudha. Odoo bu'aa sooma keessa jiru beektanii silaa isin soomuutu faxirtanii fidyaa nyaachisuu irra caala. Hukmiin kun jalqaba waan Rabbiin sooma karaa godheeti. Oggas namni fedhe ni sooma kan fedhe immoo faxiree miskiina nyaachisa. Sana booda Rabbiin soomuu nama danda'u ga'eessa ta'e hundarratti dirqama godhe.

185- Jiini Ramadaanaa kan isa keessa Qur'aanni Nabiyyii (saw) irratti halkan laylatul qadrii keessa bu'uu eegaleedha. Rabbiin namaaf qajeelfama godhee isa buuse. Isa keessa ragaa qajeelfamaa ifaa ta'e dhugaafi dhara adda baasutu jira. Namni ji'a Ramadaanaa biyya taa'ee fayyaa ta'ee isa qunname soomuun dirqama. Namni isin irraa dhukkuba sooma isatti ulfeessu dhukkubsate yookiin imalaa ta'e faxiruun isaaf eeyyamama. Ogga fure immoo dirqamni isarra jiru guyyootii fure kana qadaa baasuun isarratti dirqama. Rabbiin waan karaa isinii godhe kanaan karaa laafaa isiniif fedha; cimaa isiniif hin fedhu. Akka isin lakkoofsa sooma ji'aa hunda guuttattanuuf, erga jiini Ramadaanaa dhumeefi guyyaa iidii sababa Rabbiin sooma kana isin qunnameefi isa guuttachuu irratti isin deeggareef Isa guddiftanuuf, akkasumas isa Inni gara amantii isiniif jaalateetti isin qajeelche irratti isa galateeffattanuuf guyyaa biraa qadaa baasuu karaa godhe.

Odeeffannoo biraa argachuuf:
Telegram https://t.me/milkiiboruummedia
Facebook https://www.facebook.com/hiikaaquraanaa?mibextid=ZbWKwL

15/03/2024

Juma'aa jalqabaa Baatii kabajamaa Ramadaanaa Baga Geessan!

Juma'aa Gaarii!

የታላቁ የረመዷን ወር ለመጀመሪያዉ ጁመዓ እንኳን አደረሳችሁ።

መልካም ጁመዓ!

14/03/2024

Mee Aammiin jedhaa
•••••••••••••••••••••
~ Rabbiin guddaan balbala sharrii hunda isinirraa haa Cufuu.
~ Balbala Kheeyrii hunda isii rabbi isiniif haa banuu!
~ kheeyrii Addunyaa fi Aakhiraa walitti isiniif haa qabuu!.
~ Waan Isin jalaa fagaatte hunda isiniif haa dhiheessuu.
~Waan isinitti jabaatte hunda isiniif haa laaffisuu!
~ Waan Isin jalaa badde hunda rabbi isiniif haa mullisuu!
~ Hamtuu teessan hunda toltutti isiniif haa jijjiiruu!
~ Waan dhooysitanii balleessitan rabbi isiniif haa araaramu
~ Eeybii teenya hunda rabbi nu haa sattaruu
~ Yaadaa fi Muraada keenya hunda rabbi nuuf haa guutuu!!
~ Addunyatti jiruu gaarii Aakhiratti jannataan nu haa badhaasu
~ Kan hin fuudhin rabbi jaartii gaarii haa kennuuf
~Tan hin heerumin rabbiin jaarsa gaarii isiif haa kennu!
~ Warra ilmoo dhabe ilmaaniin isaan haa gammachiisuu!!
~Warra dhale ilmaan isaanii rabbi haa qaceelchuuf
~ Haadhaaf abbaa Keenya rabbi Umrii isaanii haa dheereessu; kan du'eef rabbi raammata haa godhuufii
~Warra du’e hunda rabbi raammata haa godhuufii
~Jannata isaatiin rabbi isaan haa gammachiisu
~Rabbi waan isa kadhanne hunda nuuf haa qeebaluu!!
~Kan nuti irrisne rabbi itti nuuf haa guutuu
■ Bihaqqi Subahaana Rabbika, Rabbil izzati Ammaa yasifuun,
wasalaamuun Alal mursaliin, wal hamdulillaahi rabbil Aalamiin. Yaa rabbi nurraa qeebali.....

18/10/2023

Beeksisa Jalqabaa
Share Share Waliif Godhuun obboleyyan keenyaaf Sagale Tahuun Dirqama keenya haa bahannuu

Dhimma Waa'ee Obboleeyyan Keenyaa kan falasxiin, ummatta nagayaa kan Gazzah dhumaa jiruuf booru guyyaa kamisaa yeroo soomannu Rabbii haa kadhannuuf! Yaa Rabbi dirmadhuuf!

Kabajamtoota Jaalatamtoota Hayyoota, Aktivistoota, Barsiisoota Sadarkaa Xiqqaarraa haga Sadarkaa Gurguddootti Argamtan Hundaaf

Akkasumas Kabajamtoota Jaalatamtoota Hayyoottan Abbootii Keenya imaamoota masjidaa hadaraa salaata qunuutaa shanan keeysatti Falasxiiniif du'aaii salaataa keeysatti godhuu hin dagatinaa ummatta Gazzaaf!

Kabajamtoota barattootaa fi barsiisotaa

Waamicha Obbolummaa

Waamicha Abboomaa

Waamicha islaamummaa

Jum'aan kuni obboleyyan keenyaaf bakka jirruu Khuxbaa jum'aa fi Salaata Jum'aa booda Rabbiin itti kadhannu nuuf haa tahu! bakka jirtanii Arjummaa teeysaniin daqiiqaa tokkoof of qabaa Rabbii karadhaaf!

Make sure to make lots of dua for our brothers and sisters while fasting tomorrow InshaAllah


Nasir Hamza.

Photos from ‎Hamiltan TV قناة هملتن‎'s post 18/10/2023
Want your place of worship to be the top-listed Place Of Worship in Riyadh?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Videos (show all)

Gali Ijaarsa Minaaraa Masjida Taqu'aa Magaalaa Tayfe
Haadha diinif Shahid taate Video 📹 kana irraa dhaggeeffachuu ni dandeessu.
Haadha manaa ilmaan keetif taatu firraa laali obboleessa
Man Rabbuka
📷 SSheikh Amin IbroASheikh Amin IbroISheikh Amin Ibro As Wr WbJummaa Mubarak ☑️

Website

Address

Riyadh
Other Religious Organizations in Riyadh (show all)
Iqra International Quran Academy Iqra International Quran Academy
Riyadh, 11491

Online Quran Academy

Mishkat  ' Al-Sahafah ' -  Filipino Department Mishkat ' Al-Sahafah ' - Filipino Department
Riyadh
Riyadh

ang PAGE na ito ay para sa ating ikakabuti dito sa mundong ito at sa kabilang buhay

dr.yasser aldosry dr.yasser aldosry
الرياض
Riyadh

امام الحرم المكي

ALOR PATH 01 ALOR PATH 01
Riyadh

I'm Shofiq Muhammad

Today Ummah Today Ummah
Cumilla
Riyadh

The situation of the Ummah of the world will be shown on this page, Inshallah.

𝘿𝙖𝙖𝙣 𝙏𝙪𝙣𝙜𝙤 𝙨𝙖 𝙋𝙖𝙧𝙖𝙞𝙨𝙤.2 𝘿𝙖𝙖𝙣 𝙏𝙪𝙣𝙜𝙤 𝙨𝙖 𝙋𝙖𝙧𝙖𝙞𝙨𝙤.2
Al
Riyadh

Kung meron kayong mga katanungan patungkol sa Reliyong Islam, magpadala lamang ng mensahe at ami

দ্বীন - Deen দ্বীন - Deen
الرياض, السعودية
Riyadh, 12211

Come to Success Come to Success
Riyadh

This channel created for posting Quran recitation/tilwat and islamic videos for educating people and as sadqa

Allah Hu Akbar Allah Hu Akbar
Riyadh, 14517

Only for Allah

Charity Charity
Riyadh

Prayers and cancelling

Biography of Nupur Biography of Nupur
Riyadh, 3600

I Trust Mohammad (SAW)