Tajir yusuf 100

Tajir yusuf 100

Tajir

10/31/2022
09/24/2022

Jira kunoo ❤️🍀❤️

11/10/2020

Dhiita Gadameessaa (uterine myoma) "ixii"
************************
Dhiitoon gadameessa irratti mul'atu shamarran umurii wal-hormaataa (waggaa 15 haga 49) keessatti argaman irraatti hanga dhibbeentaa 20% - 40% tti mul'ata.
Kunis naannoo gadameessa inni irratti mullattu irratti hundaa'uun gosa adda addaatti qoodama.
************************
Dhibee kana kan fidu kan hin beekamne yoo ta'eyyu; kanneen akka umurii wal-hormaataa, ijoollumaan laguun dafee dhufuu ,lammii gurraacha, furdina ykn cooma akka malee, foon cooma soorachuu, dhugaatii alkoolii fi kkf dhibee kanaan carraa qabamuu olkaasuu danda'u.
************************
Mallattoo:
Yeroo hedduu dhibeen kun mallattoo hin argisiisuu. Yoo mallattoo agarsiisu ammoo mallattoo akka: laguun shamarranitti baayyachuu, dhukkubbii gadameessaa, dhita'uu garaa fi kkf mul'isa.
************************
Miidhaa maalii geessisaa?
● Dhala dhabuu.
● Ulfa baasuu.
● Yeroo ulfaa ammoo: bishaan gubbeen yeroo malee dhangala'uu fi ciniinsuun yeroo malee (osoo guyyaan hin ga'iin) dhufuu, taa'umsi mucaa gadameessa keessa akka sirrii hin taaneen ta'uu, ciniinsuun irra turu, dhiiguu yeroo ulfaa fi da'umsa boodaa fiduu mala.
************************
Dhibeen kun kaanseri miti! Carraan inni gara kaansaritti jijjiramuus baay'ee baay'ee xiqqaa waan ta'ef YAADDA'UUN barbaachisaa miti.
Dabalataanis dhibeen kun du'aaf kan nama hin saaxileefi umurii waliin walqabate wayita laguun dhaabbatu ofumaafu baduu ni danda'a.
************************
Walumaagalatti mallattoo dhibee kana waaliin kan walqabate shamarran yoo ofirratti argan gara mana yaalaa deemuun barbaachisaadha.
************************
Fayyaan Faaya

11/10/2020
11/07/2020

Wayyo soba Abiiyi

11/06/2020

Kan naaf jedhee "JIREENYAAF, UMURII ISAA KENNE" mitii, kan anaaf jedhee "HALKAN TAKKA AGABUU BULE" hin dagadhu!!!
*********************
Jabaa fagootti argee, yaada nuuf calalu.
Yaadasaa tokkichaan sabni walii galu.
Oolmaa biyyaaf oolte, gantuunuu sin haalu!
Sanyii Baaroo Tumsaa ilma abbaa caalu!
*********************
Galatoomaa!!!!

11/03/2020

Sammu rakkina humten.
Rakkina furuu hin dandeessu.

11/02/2020

DAA’IMMAN WAA QOONQOOTTI RAKKATE YKN HUDHAMAN AKKAMIIN GARGAARUU QABNA? ( FOREIGN BODY ASPIRATION)
*************************
● Wantootni akka tasaa qonqootti rakkatan kan akka saantimaa, nyaataa, firii mukaa adda addaa fi k.k.f daa’imman umuriin isaanii waggaa lamaa gadii keessatti ni heddummatu.
● Wantootni kunis battalumatti ujummoo qilleensaa cufuudhaan daa’imman kana ukkaamsanii du’aaf saaxiluu danda’u.
● Daa’imman kana umurii isaanii irratti hundaa’uudhaan akka armaan gadiitii gargaaruu dandeenya.
*************************
1. DAA’IMMAN UMURII WAGGAA TOKKOO GADIIF:
● Daa’ima kana gadi gargalchii harkakee bitaarra garaadhaan ciibsi.
● Kana booda barruu harkakee mirgaatiin dugda daa’ima kanaarra yeroo 5 dhahi (back slaps): fakkii armaan gadii ilaali.
● Waan daa’ima kana hudhe yoo gara afaaniitti dhufeera ta’eef afaan keessa ilaaluun keessaa fuudhi.
● Yoo ammallee waan daa’ima kana hudhe hin baane ta’e, daa’ima kana ol gargalchii harkakee bitaarra dugdaan ciibsi.
● Kana booda quba harka mirgaakee lamaaniin handhuura daa’imaa olitti yeroo 5 dhiibi (chest thrust): fakkii armaan gadii ilaali.
● Hamma waan daa’ima kana hudhe bahutti adeemsa kana irra deddeebi’uun barbaachisaadha.
*************************
2. DAA’IMMAN UMURII WAGGAA TOKKOO OLIIF:
● Ofiikee teessuma irra taa’uudhaan daa’ima sana gadi gargalchii garaadhaan jilbakeerra ciibsi (fakkii armaan gadii ilaali).
● Kana booda yeroo 5 barruu harka mirgaatiin dugda daa’imaa yeroo 5 dhahi.
● Ammalle waan daa’ima kana hudhe yoo hin baane, duduuba daa’imaa dhaabattee dugda isaa ofitti gargalchuun harkakeen garaa daa’imaa hammadhu, sana booda buunyaa harkakeetiin garaa daa’imaa ol dhiibi: fakkii armaan gadii ilaalin barbaachisaadha
*************************
Fayyaan Faaya
Dr. Hiikaa.

10/31/2020

Weellisaa Michuu Seenaa Godina Harargee Bahaa Aanaa Guraawwaatti geeffamuudhaan mana hidhaa galfamuu hiriyaan isaa OMN-tti hime.

Weellisaa Michuu Seenaa qabsa'aafi misseensa Hawwisoo Waraana Biliisummaa duraanii yeroo ta'u, bara 2018 yeroo hooggansi dhaaba ABO gara biyyaatti deebi'e qabsaa'ota Oromiyaatti deebi'an keessaa nama tokko ture.

Weellisaa Michuu Seenaa walleewwan warraaksaa fi Aadaa hojjetuun kan beekamu, erga gara biyyaatti deebi'ee waggaa lamaaf magaalaa Finfinnee keessa jiraachuusaa hiriyaansaa kun ni hima.

"Torban kana bakka buuteesaa dhabnee barbaadaa turre" kan jedhu hiriyaansaa "Guyyaa har'aa Harargee Bahaa Aanaa Guraawwaatti hidhamee jiraachuusaa dhageenye" jechuun dhimma Michuu waan quba qabu nuuf himee jira.

Hiriyoonni Michuu Seenaa, Guraawwaatti hidhamuusaa dhaga'nii gaafachuuf bakka sana deeman namoonni lama Michuutti dabalamanii hidhamanii jiru jechuun OMN-tti himeera.

'Weellisaa Michuu Seenaa erga Dhaabni ABO Eertiraarraa gara Biyyaatti deebi'uun sochii qabsoo kara nagaa eegalee as, hirmaannaa siyaasaa kam keessattuu mullachaa hin jiru' jechuun hiriyaansaa kun OMN-tti yoo himu "diina qabsoo Oromootti hin gammadnetu, hirmaannaa Michuu kanasn duraatiif qiimii qabatee isa miidhaa jira jedheen shakkas" jechuun himee jira.

10/30/2020

Bilisummaa arguf full durrii kiiyya A.B.O FI W.B.O Wajiin ifaa

In-depth: How Ethiopia's transition to democracy derailed: Reflections by Jawar Mohammed - Addis Standard 10/30/2020

In-depth: How Ethiopia's transition to democracy derailed: Reflections by Jawar Mohammed - Addis Standard By Jawar Mohammed Introduction Addis Abeba, October 28/2020 – For the last half century or more, there has been a continuous struggle to establish a democratic system in Ethiopia. Starting with the Neway brothers’ aborted coup to the latest Qeerroo victory over the Ethiopian Peop...

10/25/2020

OMN: Kabajamtoota dawwattoota keenyaa Ajjeechaa jumlaa Naqamtee fi guutuu Oromiyaatti deemaa jiru irratti gama Facebook fi Satellite dhufaa jirra nu hordofaa.

10/22/2020

MATAA DHUKKUBBII (HEADACHE) AKKAMIIN OFIRRA HIR'ISNA?
***********************
1. Koomputerooraa fi moobayilii irraa gidduu gidduutti boqonnaa fudhachuu.
2. Bishaan fi dhangala'aa biroo sirriitti dhuguu.
3. Waan hojjannu irraa boqonnaa fudhachuu
4. Nyaata altakkaatti baay'ee nyaachuu irra xixiqqeessanii itti deddeebi'anii nyaachuu
5. Uffata bishaan qor'aan cuuphanii adda ofiirra kaa'achuu.
6. Gaafa qaama dhiqannu bishaan ho'aadhaan dhiqachuu.
7. Alkoolii dhuguu dhiisuu ykn baay'ee xiqqeessanii dhuguu.
8. Buna dhuguu (Haga humnaa ol hin taanetti).
9. Sochii qaamaa yeroo yerootti hojjachuu.
10. Gaafa konkolaataan deeman fuuldura taa'anii deemuu.
11. Aduu keessa yeroo dheeraaf deemuu ykn taa'uu dhiisuu.
12. Mastiikaa yeroo dheeraaf (yeroo baay'ee) alanfachuu irraa of qusachuu.
****************
Fayyaan Faaya

10/18/2020

jira kuno

Photos from Tajir yusuf 100's post 10/16/2020

Bilisa taanee dhallannee biyyaa keenyarratti bilisummaan jiraachuuf lollee lolchisnee,hidhannee hidhachifine sirna afaan qawween nu garboomse afaan qawween of irraa buqqisina lixa oromiyaa.warra kayyoo haqaatti ciche guddisa jaal marroo fi jaal Eebbisa.

10/16/2020

Iccitii keessoo dhagaheen gulaalaa gaazexaa ‘Fitih’ Tamasgen Dassaaleny kallattiin ajaja dabarsee kan hiiksise Abiy Ahmad. Kaadreen Abiy Tamasgen Dassaaleny kana booda hin bahu jechaa turtan Abiy gaafadhaa!

10/15/2020

Gooticha Artistii oromoodhaa yakka tokko maale hidhame sagalee fi abukaatoo dhabe dagatamu hin qabu Art Jafar Yusuf Mee altokko hundi keeysan jedha!!

Want your establishment to be the top-listed Arts & Entertainment in Jersey City?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address

Jersey City, NJ
Other Arts & Entertainment in Jersey City (show all)
Good Gravy Studio Good Gravy Studio
Jersey City, 07307

Phim hay Phim hay
Jersey City, 07305

Art by Quique Studios Art by Quique Studios
Jersey City, 07624

Art page for Enrique "QUIQUE!" Lopez writer-artist. Commission list always available. Enjoy the show!

Giftcards.ge Giftcards.ge
Jersey City

Welcome to giftcards.ge. Buy popular brand Gift Cards from anywhere in the world, directly off our website. We sell genuine US and UK Gift Cards which are delivered to you digitall...

ARU USA ARU USA
Jersey City

All IN ONE

Juke and the World Family Love Juke and the World Family Love
Jersey City, 07304

Hello Facebook friends and family! I am starting this page to unite those in my sphere of influence in hopes to create a sense of peace and understanding of different cultures and ...

Baskets and Bubbly Baskets and Bubbly
Jersey City

By Sarah Dee Personalized parties & picnics, customized menu, indoor and outdoor experiences. Servic

Nic & Desi Nic & Desi
Jersey City

“This year's BroadwayWorld Winners for BEST DUO SHOW in NYC" Two triple threats walk into a cabaret…and magic happens. There’s no punchline here; just an evening of show-stopping,...

Angela Kalaleo Angela Kalaleo
701 NJ-440
Jersey City, 07740

No debes confundirte con Farándula echa del corazón Bienvenid@s a Kalaleo Redes

Survive Today Club Survive Today Club
Jersey City

The official Survive Today Club page. CEO, Founder & Creative Director @pleasepressplai

Drink N Game Show Drink N Game Show
Jersey Avenue
Jersey City, 07310

The Loft Art Lounge The Loft Art Lounge
683 Communipaw Avenue
Jersey City, 07304

The Loft Art Lounge is a collaboration hub for artists, entrepreneurs and influencers.