Midega Tola Primary Hospital

Midega Tola Primary Hospital

Wantoota hospitaalicha keessatti hojjataminii fi tan hospitaalichi hawaasa keessatti hojjatu bifa qindaa'een kan isiniif dhiheessuudha.

15/06/2024

🎉Ergaa Baga geessani hoji gaggeessaa olaanaa hospitaala miidhagaa tolaa Obbo_Abdulaziz_Abraahim_irraa🎉
Ayyaana Arafaa Sababeeffachuun Ergaa Baga Geessannii Dabarsaniiru.
💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐
baga Ayyaana Arafaa bara hijraa 1445ffaa nagaan geenye jechaa ayyaanni kun hordoftoota amantaa Islaamaa biratti kabajaafi jaalala ol’aanaadhaan ayyaaneffatamu, guyyaa araarrii fi dhiifamni Rabbii guddaa itti mul’ate ta’uudhaanis ulfina guddaadhaan yaadatama jedhaniiru.

Ajaja Rabbii qixaan fudhachuu, isaafis abboomamuun gochaan kan itti mul’ate Iid Al Adahaan guyyaa Nabi Ibraahim tokkicha ilma isaa akka qaroo ijaatti mararfatuufi umrii isaa wagga 95 booda argate Ismaa’eliin ajaja rabbi biraa itti dhufe guutuuf jecha aarsaaf itti qopheessedha.

Ismaa'elis ajajni Rabbiin biraa dhufe akka raawwatamuuf abbaa isaa Nabi Ibraahimiif abboomamee mamii tooko malee aarsaa ta'uuf dabarsee of kenne. Murtee kutannoo guutameenis Ibraahim gaara Arafaa irratti ilmasaa aarsaa gochuuf wayita qophaa’u, Rabbi guddaan murtoo Ismaa'el aarsaa akka ta'uuf dabarfame Hoolaa qalmaatiin bakka buusee Ismaa'eliin du'arraa baraaruun rahmatummaaf dhiifama isaa gochaan agarsiise.

Taateen kun ajaja Rabbiitiif abboomamuun kabaja ta'uu kan agarsiiseefi rahmatummaan Rabbin dhala namaaf qabus bal'aa ta'uu kan mirkaneesseedha.

Guyyaa dinqisiisaan ayyaana Iid Al Adahaa (Arafaa) sirna ho'aan kabajamaa dhalootaa dhalootatti darbaa as ga’e kun bu'uura cimaa kan qabuu fi hordoftoota Amantaa Islaamaa biratti qajeeltoo Amantichaa karaa eegeen wagga waggaan kan kabajamudha.

Aadaafi duudhaa gaarii akka biyyaatti qabnu dagaagsuun qormaataawwan nu mudatan hundayyuu ni injifanna jedhaniiru.

Ayyaanichi kan nagaa, jaalalaa fi kan badhaadhinaa isiniif haa ta'u jedhanii Ergaa Dabarsaniiru.

Photos from Midega Tola Primary Hospital's post 11/06/2024

Guyyaa 4/10/2016

BIIROO FAYYAA OROMIYAATTI HOSPITAALA JALQABA MIIDHAGAA TOLAATTI HOJJETTONNI DHIIGA ARJOOMAN!

Akkuma olitti ibsamuuf yaalametti Guyyaa 04/10/2016 dhaadannoo "Haati Takka Sababa Dhiiga Dhabuutin Du'uu Hin qabdu"Jedhuun Kutannoo fi murannoo Hoggansa Olaanaa Hospitaala Obbo Abdulaziz Abrahim dursa dhiiga arjoomun kakka'uumsa guddaa hojettoota Hospitaala keessatti Uumunii jiru. Namoonni dhiiga arjoomu irratti hirmaatan hundi bifa gammachuu akkasumas ergama Haadha tiyyaaf Nan jira ejjannoo jedhu qabachuun dhiiga arjooma oolanii jiru. Hojjettoonni Hospitaala keenya baay'inni isaanii 40 ta'an dhiiga arjoomaniiru. Namoota dhiiga Kennan hundaan waan lubbuu haadholee teessaniif jettanii aarsaa kaffaltaniif galatoomaa isiniin jechuun barbaada, isin gootota lubbuu baraaruf dhalattan waan ta'eef. Addatti ammoo Hogganaa keenya Obbo Abdulaziz Abrahim bakka teessan nama biroo buusun imaltuu deemu qabdan irraa haftanii dursa mana hojii keessaniif kennuun sagantaa dhiiga arjoomu kanarratti waan hirmaatanii fi Hojjettootni hundi akka irratti hirmaataniif jajjabina akkasumas kakka'uumsa guddaa waan uumtanii hiikka hoggantummaa nutti agarsiiftaniif guddaa galatoomaa🙏

Qabsoon akkasii itti fufa.
Haati...
"Haati Tokkolleen Sababa Dhiiga Dhabuutin, Du'uu hin qabdu"
"Haati Takka Lubbuu Kennuuf Lubbuu Dhabuu Hin Qabdu"

10/06/2024

Guyya 4/10/16 Sagantaa arjooma dhiiga aana midhaaga hoospitaala midhagaatii dhaadannoo ...
Dhiiga kiyya haadha toof nan arjooma !
Dhiigni bakka ni bu'a lubbuun garuu bakka bu'uu hin dandeessu.
Dhiiga namni tokko si'a tokko arjoomu namoota sadii du'aa irraa baraaruu danda'a.
Namoota umurii giddu galeessa keessatti dhiiga liitira 5'ttu qaama isaanii keessatti argama. Kunis ulfaatinna qaama isaaniirratti hundaa'a. Dhiigni arjoomamuu giddu galeessan ml 500n.
Namoonni umurii giddu galeessa fayyaa qaban eega dhiiga arjoomanii booda sa'aatii 24-48 keessatti dhangala'aa dhaban san deebi'anii ni argattu.
Dhiigni keessan hin dhumatu
Sababiin isaa, seeliin dhiigaa diimaa umuriin inni qabu guyyoota 90 hanga 120 qofa waan ta'eef kan birootin bakka bu'a. Kanaafuu dhiiga baatii sadii sadiin arjoomuun faayidaa malee, miidhaa hin qabu.
Akka qorannoon agarsiisutti
faayidaa dhiiga arjoomuu
- Boqonnaa sammuu kenna
- Balaan tasaa yoo nama muudate kan dafee dandamatu namoota yeroo baay'ee dhiiga arjoomaniidha.
-Haala fayyummaa isaanii kanfaltii tokko malee beekuu danda'u.
Eenyutu dhiiga barbaada ?
Dhiigni namni tokko arjoomu garaagarummaa tokko malee namoota dhiiga barbaadaniif oola. Haaluma kanaan:-
-Dhiigni arjoomamu harki caalu haadholii sababa da'uumsatiin dhiigni isaanii dangala'uuf,
--Daa'imman kichuuf
-Namoota balaan tasaa irra gaheef,
- Namoota baqaqsanii yaaluun taasifameef,
- Namoota dhibee kaansarii yaalamanii fi kkf. kan ooludha.
Namoonni fayyaa yoo qabaatan dhiiga arjoomuu ni danda'u jedha Dhabbanni Fayyaa Addunyaa.
Kana tahus namoonii miidhaa fi dhibbee qaama isaani irra dhiiga arjoomu hin dandeenyes jiruu
Namoota dhiiga arjoomuu hin dandeenyee:
Yoo si dhukkubbe, ulfa, daa'ima ykn maanguddoo taatee arjoomuu hin dandeettuu
Namoonni vaayirasiin HIV/AIDS qaama isaanii keessatti argamu, dhukkubsataan dhibee tiruu, fanxoo, daranyoo sombaafi dhukkusatoonni dhibee daddarboo qaban arjoomuu hin danda'an.Namoonii tumaa qaama , sirreefama ilkaani hojjeechifatan yeroo muraasaf male dhiiga arjoomuu ni danda'uu
Dhabbanni Fayyaa Addunyaa namni tumaa erga hojjichiifatee ji'a jahaa, kutaa qaama erga waraannatee sa'aatii 12fi yaala ilkaanii erga godhatee sa'aatii 24 booda kan dhiiga arjoomuu danda'u jedha.
Qoricha farra baakteeriyaa fudhachaa turtan yoo ta'e immoo qoricha fudhatanii xumurtanii torbee tokko guutuu qabdu.
Dhiiga arjoomuuf dhibee kamurraa erga fayyitanii yoo xiqqaate torbee lama turuu qabdu

Barteelee soba dhiigaa arjoomuun wal qabatee:
Namoonni foonii hin sooranne dhiiga hin arjooman
Tumaan qaamaa akka hin arjoomne dhorka
Namooni qaaman qallaa tahan dhiiga gahaa hin qaban

Ragaan Dhabbanni Fayyaa Addunyaa mullisee barteeleen akkana kuni soba akka tahee fi ragaa irratii kan hin hundoofne ta'uu isaatii.

Walumaa galatti, yoo...
Fayyaa qabdan
Ulfaatinni keessan yoo xiqqaate kg 50fi kg 160 gad taatan
Umurii 18-66 taatan (biyyaa biyyatti garaagarummaa qabaatus)
Haadha ulfaa yookiin hoosiifittu hin taane
Vaayirasiin HIV/AIDS yoo hin qabaanne
Bartiilee 'rakkoo fidhan' ji'oota 12 darban keessatti hin hirmaanne ta'e..dhiiga arjoomuu ni dandeettu

Photos from Midega Tola Primary Hospital's post 31/05/2024

ODUU GAMMACHIISA JIRAATTOTA AANAA MIIDHAGAA FI NAANNAWWA ISHEE HUNDAAF!!!
Aagaa dhagga'aa!!
Caamsaa 23/09/2016 E.C Hoospitaala Miidhagaa Tolaattii tajaajjilli baqaqsanii yaaluu addattii jalqabuun maamila jalqabaatif milkaa'inaan hoojatee xummuree jiraa. Waggootan darbanif sababoota hanqina oggeessaa fi meeshaale tajaajila dhabuutin tajaajili baqaasani yaaluu dhabuun hawaasanii fi haadhoolin ulfaa garaa hoospitaala biraa ergaamuun fageenyaa karaa fi baasii adda addatin bayyee rakkachaa turuun beekamaadha.
Tajaajila kana jalqaabsisuuf jiootan muraasa darbanif hoggeessii olaanan hospitaala Obbo Abdulaziz Abrahim dadhabe fi hifaadhee osoo hin jedhin halkanif guyyaa ciminaan hoojechuun qooda leenca taphachaa turuu isaanif bayyee ulfaadhaa umrii nuuf dheeradhaa jenaan. Biroon fayyaa Oroomiyaa yeroo adda addaa dub deebii hoordoofii deegarsaa nuuf keenuu fi gaafii hawaasaa dhagahuun oggeessoota barbachisuu erguun tajaajili kun akka jalqabuu nuf gochuu keessaanif maqaa hoospitaala fi hawaasaatin bayyee galatooma.
Guyyaa arraa hadhaa ulfaa cimimfachuu jirtuuf bakka oggeessii olaanan Obstetrician and gynecologist Dr Munawar Usmaan, oggeessii IESO Obbo Tegenu Hayiluu oggeessota hoospitaala kan muxxannoo qabanin C/S n hojjeetamuun nagayaan xumuramee jiraa . Haatii ilmoon isheetiis haala gaarii irrati argamuu. Kan nama Ajaibuu hooggeensi hoospitaala kutaa OR ( baqaqsanii yaaluu) fulduraa dhaabachuun jalqaba hanga xummuratii egga turuu isanitii. Hoggeenaa abdii fi onnee namati horuu kan si cina dhaabatee jaabadhuu sin jedhuu qabaachuu calaa wan nama gammachisuu hin jiruu. Umrii fi fayyaa dheertuun nu keessa jiraadhuu jenan.
Baga gammaddan baga gammannee!

31/05/2024

Guyyaa harraa gammachuu heedduutu jiraa nu hordofaa!!

Photos from Midega Tola Primary Hospital's post 31/05/2024

Oduu gammachiisaa!

Hawaasa Aanaa miidhagaa, Aanaa fadis, Aanaa mayyuu fi naannoo soomaalee Aanaalee kana daangeessan hundaaf, Hospitaalli keessan hospitaalli miidhagaa guyyaa harraa 23/9/2016 tajaajila baqaqsuun yaaluu ifaan ifatti jalqabeera! Haadhooliin ulfaa fi hawaasni tajaajila kana dhabuun kanaan dura dararaa baayyee keessa darbuun gara harar deemaa turan harra laffaatii manaajimanti hospitaalaa fi ogeessaan furameera!

Ogeessa olaanaa Gynacologist Dr. Munawar usman fi IESO Taganu Haaylu duurfamuun C/S operation kun milkaa'inaan xumurameera! Hoji gaggeessaan hospitaalaa obbo Abdulaziz Abraahim darara fi dadhabbii baayyee keessa darbuun hojiin kun harra akka bakka kana gahu godheera! Wanni hin danda'amne hin jiru! Baga gammadne!

Hawaasni keenya baga gammadan, baga walumaanuu gammanne!

Photos from Midega Tola Primary Hospital's post 23/05/2024

Caamsaa 15/09/2016 Hospitaala Miidhagaa Tolaatti Duula qulqullina marsaa Lammaffaa Kutaa Baqaqsanii Yaaluu eegalchisuu irratti hojjettooni Hospitaala keenya nuffii tokko malee haala namatti toluun irratti hirmaachun gahee gootaa bahatanii jiru.

Hojjettoonni duula kana irratti hirmaattan hundi keessan hagam akka hojiif kakka'umsa qabdan waan hojiin agarsiiftaniif galatoomaa.
Kutaan OR sababoota danqaalee garaagaraatin osoo hin eegalin hanga ammaa turuun isaa beekamadha. Haa ta'u malee bara kana kuttaannoo fi murannoo hoggantoota Hospitaala Miidhagaa sadarkaan jiranii fi Hojjettoota isaatin rakkoolee Sana irraa obbaafachuun hojii eegaluuf guyyaa lakkawwachuu eegaleera.

"Good health and good sense are two of life's greatest blessings."

"TOKKUMMAA"🙏

Photos from Midega Tola Primary Hospital's post 22/05/2024

Guyyaa 14/9/2016(HJM) Hawwii yeroo dheeraa kan ture Tajaajilli baqaqsuun yaaluu kan kutaa (OR) keessatti hojjatamu jalqabsiisuuf hojii addaa hojjattoonni hospitaalaa hojjachaa oolan!

Duraan sababoota gurguddaa (infrastructure) adda addaaf lafarra kan harkifate tajaajilli kun harra jalqabuuf guyyaa takka lama sadii eegechaa kan jiruudha! Hojjatoonni hospitaalaa guutumaa guututti haala ho'aa ta'een duula qulqullina qopheessa kilaasi irratti hojjachaa oolan! Miira tokkummaa fi kutannoon hojii boonsaa hojjatan! Kutaa tajaajila baqaqsuun yaaluu kana tajaajila hawaasaaf banaa godhuuf hospitaalichi hojii erga eegale bubulullee, amma dhuma irraan gaheera!

Hojiin ofiif dubbatti!!

02/04/2024

Namooni dhibee sukkaran qabamanii jiran soomu ni danda'uu? Yoon kan sooman tahee ho maal gochuu qabuu? Dhaabani federationii dhibbee sukkaraa idil adunyaa ulama'oota fi schoolaaroota amanti walin tahuun yeroo Ramadana( soomana) namoota dhibee sukkaraa qabanif qajeelfam fayyaa gaafilee kaneen deebisu kaa'ani jiruu.
Namooni dhibee sukkaraan qabamani jiran yeroo soomana carraa:
✅ Hammi sukkaraa dhigaa isaani gadi bu'uu fi gar male olka'uu (hypoglycemia and hyperglycemia (DKA or HHS))
✅ Dhangala'oon qaama keessa xiqqaachuu (dehydration)
✅ Tohannoon dhibee sukkara rakkisa tahaa dhufuu fi
✅Ulfaatini qaama dabaluu ykn garmalee hirachuu fi kan biras
waan qabatuuf of eegannoo gochun barbachisua.
✍Carraallen kunniin haloota akka
1⃣ Gosaa ,turttii fi miidhaa qaama dhibee sukkaraa (type , duration and complication of Diabetes )
2⃣ Gosoota qoriichaa fayyadamuu (medication )
3⃣ Haala too'annoo sukkaraa( level of glycemic control status)
4⃣ Dhibbeele dabalata(comorbidity) kan akka dhiiba dhiiga,dhukkuba onnee,kalee fi sammuu fa qabachu.
5⃣ Umrii ,xinsammuu hubbannoo fi dandeeti sukkara dhigaa ofii safaruu fa irratti hundaa'aa. Carraa midhaale k***n irratti hundaa'un garee sadiiti ramadaman.Garee carraa miidha guddaa ,carraa gidduu galaa fi gad aana ( xiqqaa) qaban jedhamun.
✍Dhibaamtota carraa midhaamu guddaa qaban: isaanis namoota
▶️ Dhibee sukkara gosa (type1)
Dhibee sukkaraa yeroo dhèera turee fi midhaa qaama dhaqabsise
▶️ Qoriicha insulin fi k***n carraa sukkara gadi buusu (hypoglycemia) qaban fayyaadaman
▶️ Haalli too'annoo sukkaraa yeroo bayyee gadi bu'uun ykn ol ka'uun rakkisa jiruu fi qoraanoon dhigaa HgA1c 9 fi isa ol tahee (poor glycemic control)
▶️ Jiootan sadeen( 3) darbee keessati yeroo takka fi isa olif sukkara bayyee ol ka'een ykn gad bu'een mana yaala ciisani kan turan
▶️ Haadha ulfaa fi manguddoo waggaa 70 fi isa oli
▶️ Namoota dhibbee xinsammuu kan akka off irraanfachuu ,mallattoolle gadi bu'uu sukkaraan dhufaan offirati beeku dhabuu ykn walaaluu( hypoglycemic unawereness) qaban
▶️ Namoota hamma sukkaraa dhigaa isani safaruu hubbanno fi dandeeti hin qabnee
✍ Gareen kuni akka oggeessota fayyaati soomanun dhorkaa dha...itti fuufa
Ramadaana gaarii qabadh

Photos from Midega Tola Primary Hospital's post 30/03/2024

Waa tolaa!
Guyyaa arraa 21/7/2016 Hospitaala jalqabaa midhagaa Tolaati sirni hafxirsiisa dhukkubsatoota , firootan dhukkubsataa fi hojjeetoota haala bareedaan xummuuramee jiraa.
Milkaa'ina sagaanta kanaatif haala kan mijeesan hoggeensi hospitaala Obbo Abdulaziz Abrahim bayyee ha galatoomani umrii dheeradhuu jeenan.
Ramadaana gaarii qabaadha.

18/03/2024

Barteele miidhaaf hawaasa saaxilaa jiran

Iddoo tokko tokkotti barteeleen hawaasaa fayyaa namaa miidhaa irra buusan maqaa yaalii aadaattiin baayyinaan kan rawaatama jiraanii dha .

Kanneen keessaa miidhaa hamaa fi bayyinaan kan mulataan :
👉 gubaaa qaamaa
👉huuba muruu
👉handhuura daa'imman amma dhalatan irratti dawaa aadaa fayyadamu
👉shiftteen(measeles) qabaman dhangala'aa ykn dhugaati akka hin fudhannee dhorkuu..kkf

1.Gubaa qaamaa(traditional therapeutic burn)
✍Gubaan yaalii aadaa bayyinaan naannoo gammoojjiti mulatu dha.
✍Akka bartee hawaasaati Namooni yaaliin kuni kennamuuf kaneen
👉dhukkubaa tiruu,
👉dhibee qaama nama dhiteesan
👉qufaa ykn uttaalloo nama irra turee
👉garaa dhukkubbii.
👉Da'immaan hanqina nyaata irra qaamni dhitaawee ykn qancaraan
👉Dhukkuba sukkaraaf
👉Ija nama (evil eye) kkf yeroo qabamaniidha.

2.miidhaa gubaa qaamaa
Midhaa gubaan qaama irratti qaqabsisuu danda'uu baayyee dha isaanis amaloota qaamaa fi madaa waliin wal qabatuu fknf
👉 dandeeti qaamni dandamachuu ykn madiinummaa isaa
👉haala fi meeshaalee ittiin gubamani fi
👉iddoo fi hamma ykn haala madaa uumamuu waliti hidhata qabu

✍Midhaaleen kunis
A.Karaa seensa garmii qaama keenya irrati argamanif saqa ykn uumaa kuni akka garmii( bacteria) qamaa keenya seene hubbuu taasisa

B.Meeshaan ittin gubaaman (mismaara ,sibila ) qulqulina dhabuu irra dhibee teetanus fi gaangiriinii nuti fidu danda'a

C.Dhibeen yaalii barbachisuu yeroon osoo hin argatiin turuun sadarkaan isaa hanga hamaatu eegsisuu
D. Namooni dhibee sukkaara, dhukkubaa tiruu, daa'imman hanqina nyaata qaban qaamni isaani dandeetii dafee fayyuu (madaa fayyisuu) isa xiqqa waan taheef : madaan dafee fayyuu dhabuu irra babal'acha deemuu malaa ykn eelaa naqachuu ,garaa qaama gadi darbuun miidhaa hamaaf saaxilu danda'aa

E. Dhangala'an Madaa gubaa namoota dhukkuba daddarboo qaban irra bahuu yoo xuqame dhibee sana namati akka darbuuf nama saaxila

Midhaalee k***n xiqqeessuuf xiyyeeffanon hubanoo uumun barbachisa dha

Photos from Midega Tola Primary Hospital's post 12/03/2024

Olmayyaa
Hospitali jalqabaa midhagaa tola baga jiaa ramadaana geessan jedhuun saganta waliti qabamaa hawaasaa(community forum) gaggeessaa oleen hawaasa walin ergaa ,gorsa fayyaaa fi koommii ummataa haala bareedaa taheen wal dabarfachaa olee. Jia soomana kana sababeefachuun Sagantaan gosaa kana kan akka
👉hubbannoo uumuu
👉gorsa fayyaa bilisaan fi hojii tolaa oltumaa kan akka
👉calallii dhibbee sukara,dhiiba dhiiga,kaansari fixee gadameesaa fi dhibee sombaa itti fuufinsaan kennuuf qophii xumuree jira.
kanaf haawasni kenyaa akka qubaa nu qabaatani dhuftanii irraa fayyadamtan gammachun isin afeera. Irraa deebine baga baatii ramadanaa nagayan geessaan..

Photos from Midega Tola Primary Hospital's post 05/03/2024

Oduu gammachisaa 🥰🥰
Hospitaali jalqaaba midhaaga tola kena tajaajila fayyaa babalisun tajaajila qulquluu tahee hawaasaa biran gahuuf cichoominan hojjeecha kan jiruu yoo tahuu ifaajii fi dadhabii yeroo dheeraf hooggensa fi manaajimantii godhamaa tureen tajaajila baqaqsani yaaluu ( surgical service) jalqabsisee hojjiti galchee jira. Tajaajila baqaqsani yaaluu xixiqa ( minor surgical procedure) kan akka:
👉Kalladoo baasuu
👉Qola muruu
👉Kaansarii fixee mana dhalaa (ge***al polyps) muru fi yaaluu
Baliinan kennuu jalqabee waan jiruuf dhuftanii akka irra fayyadamtan gammachuu fi jaalalan isin afeera.
Hospitala Midhaaga Hirkoo fayyaaf filannoo keessan kan jalqabaa.🙏🙏

Photos from Midega Tola Primary Hospital's post 08/12/2023

Guyyaa 28/3/2016 Hospitaala Jalqabaa Miidhagaa Tolaatti Duulli qulqullina mooraa hospitaalaa waliigalaa fi Marii Narsiii standard committee haala gaariin gaggeeffamaa ooleeti jira.

Guyyaa harraa duulli qulqullina mooraa hospitaalaa kan ogeessoota hospitaalaan torbe torbeen gaggeeffamu haala gaariin gaggeeffamaa ooleera. Duulli kun torbetti hojjataa hospitaalaan kan gaggeeffamu yoo ta'uu sagantaa isaa eeggatee kan itti fufeedha.

Kan biraa marii narsiing standard commiteetti inniis sagantaa marii torbee eeggatee haalaa hojii torbee ballinaan laaleeti jira. Rakkinootaa fi ciminoota jiran irratti marii metroniin duurfamuun haala gaariin gaggeeffame! Hospitaalaaf nursii fi midwiferiin lafee dugda hospitaalaa tahuu ibsuun, Ciminaa hojii keenyaa fi haala simannaa maammilaa gaarii nuti qabnuun fayyadamtoonni nuuf dabaleera jedhan. Torbe torbeen haala hojii fi gabaasa dhiheessuun kan itti fufuu qabuudha jedhanii waliigalteen waltajjii goolaban!

Khalaqa, Saffisa, baayyina fi qulqullinaan hojjannaan Fayyaa hawaasa keenyaa sadarkaa barbaadamu irraan ni geenya!

Horaa Bulaa!

Photos from Midega Tola Primary Hospital's post 07/12/2023

Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Hospitaala Jalqabaa Miidhagaa Tolaa Guyyaa har'aa 27/3/2016 A.I marii dhimma

1ffaa:-EBC ilaalchisee yeroo darbe madaalliif BFO irraa dhufanii madaalan irratti feedback isaan akka Hospitaala keenyattii kennanii deeman irratti Itti gaafatamtoota kutaalee hundaa fi miseensota koree qulqullinaa (quality) hirmmaachise bakka Hoji gaggeessan Hospitaala keenyaa jiranitti irra deebin gabaafameera. Erga gabaasni hirmaattotaaf dhiyaaten booda gama CEO tiin dhimmi EBC har'a dalaganii bor kan mana galanii taa'an osoo hin taane dhimma oggayyuu dalagamuu qabu akka ta'eefi milkaayina keenyaf gufuu wantoota ta'uu danda'an Mariin furuun Hospitaala keenya moodeela gochuu akka dandeenyu dhaaman. Akkasumas feedback nuuf kannamte irratti gap qabnu yeroo gabaabaa keessatti akka milkeessinuu fi guttachuu qabnu dubbataniiru.

Gama biraan kutaa OR eegaluuf wantoota guutachuuf nu barbaachisan guutaa waan jirruuf qabxii gama kanaan dhabaa turreef deebi akka tahus dubbataniiru. Medical daarectarri Hospitaala keenyas akka jedhanitti armaan dura eessaa akka turreef amma eessa akka jirru beektanii kana caalaa cimnee yoo dalagne jijjiiramni guddaan dhufuu akka danda'u dhaamsa dabarsaniiru.QU head hospitaala keenyas gama isaanitiin EBC dhimma nama tokkoo osoo hin taane dhimma hojjettoota hospitaala kanaa hundaa akka ta'e erga dubbataniii booda EBC yeroo hunda cichoominaan osoo adda hin kutin walgargaarun hojjechuu akka qabnus dhaamaniiru. Gama biraan koree EBC fi quality committe ijaarame dhimma EBC milkeessuu keessatti shoorri isin taphattan guddaa waan ta'eef ammallee akka cimtanii bakka jirtan maratti hanqina jiruu fi rakkoo muullatteef furmaata waliin barbaannu akkasumas dhimma EBC hoji-manee keenya yeroo maraa akka godhannu jedhanii ergaa dabarsaniiru.

Baayyina, khalaqa, Ariitii fi qulqullinaan Fayyaan hawaasaa sadarkaa barbaadamu irra ni gaha!!

Horaa Bulaa!!

Photos from Midega Tola Primary Hospital's post 04/12/2023

Guyyaa 24/3/2016 Hospitaala Jalqabaa Miidhagaa Tolaatti Tajaajila baqaqsuun yaaluu(OR) Jalqabuuf Qophiilee adda addaatu godhamaa jira!

Tajaajila baqaqsuun wallaanuu eegaluuf qophiileen adda addaa gaggeeffamaati kan jirtu. Keessattu humni ibsaa itti fufiinsa qabaatu jiraachuun dirqama kanaaf iddoolee tokko tokko irratti sirreeffamni ogeessaan gaggeeffamaa kan jiruudha.

Tajaajilli (OR) kun guyyaa muraasa keessatti hawaasaaf ifa tahee hojiin kan jalqabamu taha!

Baayyina, khalaqa, Ariitii fi qulqullinaan Fayyaan hawaasaa sadarkaa barbaadamu irra ni gaha!!

Horaa Bulaa!!

Photos from Midega Tola Primary Hospital's post 03/12/2023

Oduuu addaa

Guyyaa 23/3/2016 Hospitaala Jalqabaa Miidhagaatti haati maqaan ishee Ambariyaa jedhamtu daa'ima sadii operationin alatti dahuu dandeessee jirti!

Haati tun Araddaa Mudhii Tolaa irraa kan dhufte yoo tahu kanaan dura ijoollee sadii kan lubbuun jiran fi tokko kan irraa du'e wajjiin yeroo afur kan deesseedha. Haati tun amma bakka takkatti durba lamaa fi dhiira tokko bakka takkatti kan argateedha. Aamma bakka takkatti daa'ima jaha kan qabduudha.

Akka dhaamsaatti kennaa Rabbiin haadha tanaa kenne dhaabbileen naannoo keenyatti argamanii fi namootni dhunfaas deeggarsa akka gootaniif jenna.



Galatoomaa!

Photos from Midega Tola Primary Hospital's post 04/11/2023

Onkololeessa 24/2016(HJMT) Biiroo Fayyaa Oromiyaa, Hospitaala jalqabaa Miidhagaaa tolaatti EBC(evidance based care) wajjiin wal qabatee hubannaan protokoolotaa fi qophiin madaalliif godhamaa jiru ilaalame!

Akkuma jalqaba irratti ibsamuuf yaalame bakka hoji gaggeessaan hospitaalaa obbo Abdulaziz Abraahim fi Quality officer hospitaala Dr. Ibsaa Abdoo fi Medikaal daayrektara hospitaalaa Dr. Sisay Dinquu argamanitti EBC(evidance based care ) irratti hubannaan ballaan kenname. Hubannaa(leenjii) kana keessatti protokoola akka( admision and discharge protocol) irratti ballinaan kan kennameedha. Hoji gaggeessaan hospitaalaa akka jedhanitti leenjii kana tajaajila qulqulluu si'ataa fi ammayyaawaa kan tae akka kennitan abdii isin irraa qabna jedhan. Kana duraas hojii keessan aantummaan hojjachaa kan turtan yoo ta'u harra dhimma madaalli hospitaalaatifis hojjataan hundi walqixa hubannaa akka qabaatuuf yaadameeti ja'an itti aansuun hojii gaggeessaan hospitaalaa. Leenjii kana kan kennan Dr. Ibsa Abdoo ballinaan protokola admission and discharge irratti kan xiyyeeffataniidha.

Leenjiin kun adeemsoota adda addaa irratti, protokoloota adda irratti kan itti fufuudha. Hawaasni tajaajila gammachiisa akka argatuuf gargaara.

Saffisa, qulqullina, kalaqan jijjiirama guddaa dhufuuf ta'a!

30/09/2023

Deeggarsa Dabtaraa Barattoota Harka qalleeyyii Naannichaaf Itti Gaafatamaa BUUSAA GONOFA Aanaa Miidhagaa Tolaatti kenname.
~~~~~~~~~~~~~~~~
Hospitaalli Jalqabaa Miidhagaa Tolaa Barattoota harka qalleeyyii naannotti argamaniif akka ooluuf Dabtara Darzana 20 karaa Metranii Hospitaalaa Raajii Mohammed fi Bakka bu'aa hospitaalaa Ahmed Juneeydiitiin I/G/ BUUSAA GONOFA Aanaa Miidhagaa Tolaatti kenname. Barattoonni maatii harka qalleeyyii sababa Dabtara dhabaaf carraa barnoota barachuu akka hin dhabne jechuun gumaachi dabtaraa kun gaggeeffame. Dhaloota Abdii boruu deeggaruun hegeree biyyaa deeggaruudha.

Nama Gargaaruuf Nama Tahuun Gahaadha!!
Halkan Gaarii!!

Photos from Midega Tola Primary Hospital's post 29/09/2023

Biroo Fayyaa Oromiyaatti Hospitaalli Jalqabaa Miidhagaa Tolaa.
Oolmaa guyyaa arraa .
Arra gaafa guyyaa 18/1/2016

1.Seeminara 'Basic Emergency services' kan Dr. Ibsaa Abdootiin kanname akkuma ballamanneen Ogeessonni Nurse fi Midwifery irraatti arkamuudhaan barnoota nama fayyadu haala gaariidhan irraa fudhachaa oolle. Ogeessonni haaluma kanaan akka itti fufuu qaban dhaammatanii addaan deeman.

2.Duulli qulqullina Mooraa Hoospitaala Miidhagaa bifa hoo'aadhaan gaggeeffamaa olee.

Photos from Midega Tola Primary Hospital's post 27/09/2023

Guyyaa 16/1/2016(Hospitaala Jalqabaa Miidhagaa Tolaatti Gamaaggamni hojii ji'a lamaa kan kurmaana 1ffaa hojii gaggeessaa hospitaalaan bakka dipartmanti heedoonni hundi argamanitti gaggeeffamaa oole.

" Baga Ayyaana mowludaa fi Dammaraan Bara 2016, hojjattoota hospitaala kan as jiru fi hin jirrees isiniifi maatii keessan, ummata biyya teenyaa hunda gahe. Ayyaana milkii, kan tokkummaa fi jaalalaa nuuf haa godhu " jechuun hoji gaggeessan hospitaalaa obbo Abdulaziz Abraahim saganticha banan. Itti aansuun guyyaa harraa guyyaa boqonna (Ayyaana ) keessanittin hojii hojjachaa turtan akka itti gabaafamaa turte laaluuf argamuu keessaniif galatoomaa jedhan. Ogeessi HMIS hospitaalaa obbo Abdi mohammed gabaasa DHIS2 gabaafamaa ture dhiheessuun mariin ballaaan hedoota wajjiin itti fufe.

Tokko tokkoon heedootaa waan gabaasaa ture irratti ballinaan yaada kaasuun gammaggamni hojii ji'a lamaan darbee qaacceeffamaa oole. Oolmaa harraa keessatti haala hojiin hojjatamaa ture itti gabaafamaa ture irratti qorannoo fi hubannoon ballaan kenname. Gabaasni hojii kan DHIS2 gabaafama ture fi kan lafa kan hojjatamaa jiru tokko tokkoon dipartimanti dipartimantiin ballinaan laalamee jira. Kana keessatti hojii hojjatame hunduu gabaafamuu dhabuu fi wal hubannaa ogeessa HMIS fi heedoota gidduu jiru akka cimu, fi rakkinoota gabaasaa wajiin wal qabatee mullatu tokko tokkof kallattiin kaayameera.

Ariitii fi kalaqaan jijjiirama dansaatu dhufuuf ta'a.
Halkan mishaa qabaadhaa!!
Ayyaana Gaarii!!

19/09/2023
Photos from Midega Tola Primary Hospital's post 15/09/2023

Guyyaa 4/1/2016(HJMT) Seminar presentation ballaa waa'ee Vital sign protocol quality officer Dr. Ibsa Abdoo tiin dhiyaatee fi Duulli qulqullinaa guyyaa jimmataa haala gaariin gaggeeffamaa oolee jira.

Guyyaa harraa haala ajaa'ibsisaa ta'een hojjattonni hospitaalaa hojii gurguddoo lama hojjachaati kan oolan. Tokko seminar presentation Quality officer hospitaalaa Dr. Ibsaa Abdootiin ballinaan bakka ogeessi fayyaa argamutti kan dhiyaate yoo ta'u, kan biraa duula qulqullinaa guyya jimaata yeroo hunda hojjatoota hospitaalaan gaggeeffamuudha. Seminarri harra dhiyaate waa'ee vital protocal ballinaan kan xiyyeeffatuudha. Dr. Ibsaa Abdoo akka jedhanitti sagantaan kun yero yeroon Doktoorotaan kan itti fufuudha jedhan.

Duulli qulqullinaa guyyaa harraas haala adda ta'een raawwatamaa kan oole yoo ta'u, dhuma irratti waliin taanee tokkummaan amma akka kaane kanatti jijjiirama guddaa fiduu dandeenya jechuun suuraa tokkummaatin goolabame.

Khalaqa ariitii baayyina qulqullinaan Bara 2016 jijjiirama addaa ni fidna!!

Horaa Bulaa Deebanaa!!

Photos from Midega Tola Primary Hospital's post 10/09/2023

Qaammee 5/2015(HJMT) Hojii Tajaajila ultrasound haadholii ulfaa fi hubannoo dhibee koleeraan walqabatu kennuun kabajamaa oole.

Hojjattooni hospitaalaa miidhagaa guyyaa harraa buufata fayyaa Magaalaa Miidhagaa deemuun tajaajila ultrasound haadhoolii ulfaa 117 fi hubannoo hordoffii ulfaa mana yaalaa gaggeeffamuu fi hubannoo dhibee koleeraa namoota 203 kennaa kan oolaniidha. Haadhoolii 117 kan tajaajila ultrasound argatan keessaa Namoota 6 irratti rakkinni ulfaa wajjiin walqabatu kan mullatte yoo ta'u, Namni tokko yeruma san gara dhaabbata fayyaatti kan ergameedha.

Hojii harra hojjatame keessaa kan biraa tokko waa'ee dhibee koleeraati. Dhibern kun bakkolee adda addaati kan argamaa jiru yoo ta'u, hojjattooni kana sababa godhachuun ballinaan waa'ee dhibee kanaa akkamitti akka ittisuun danda'amuu fi shakkamaan yoo argame maaltu godhamuu akka qabu irratti barnoonni fayyaa namoota 203f kenname.

Walumaagalatti hojii boonsaatu hojjatame. Ariitii fi kalaqaan jijjiirama dansaatu dhufuuf ta'a.

Halkan Mishaa qabaadhaa!!

Photos from Midega Tola Primary Hospital's post 08/09/2023

Qaammee 3,2015 (HJMT) Guyyaan kun kan maqaa Arjoomaatiin kabajamu akka Sadarkaa hospitaalaa jalqabaa miidhagaa Tolaatii hojiilee adda addaa hojjachuun kabajamaa oole.

Hojjattoonni hospitaalichi hundi isaanii gareelee adda addatti wal qooduun hojii hojjachaa oolan. Gareen tokko duula Calalli daa'imman hanqina nyaataa qaban calaluuf jaaramee manaamanatti deemuun calallii gaggeessan. Gareen lammaffaa Duula qulqullina mooraa hospitaalicha kan guyyaa jimmataa hunda gaggeeffamaa ture, haala duraaniitin addatti hojjatamaa oole. Gareen Sadaffaa manaajimanti Hospitaala guyyaa arjoomaa sababa godhachuun walgahii arjoomaa sadarkaa aanaatti gaggeeffame irratti hirmaataa oolan. Walumaagalatti hojiin guyyaa harraa sadarkaa hospitaalaatti hojjatamaa ture milkiin goolabame.

Garee hundeessuun manaamanatti deemuun daa'imman calalliin daa'imman hanqina nyaataa qaban 268 callallin kan gaggeeffame yoo ta'u kana keessaa 13 akka hanqina nyaataa qaban barame.kana keessaa dhiira 109 fi dhalaa159 dha. Kan hanqinni irratti mullatte dhiira 8 fi dhalaa 5 dha. Isaanan adda bahan gara dhaabbata fayyaatti kan ergaman.Kan lammaffaa deworming namoota 458 f kan gaggeeffame yoo ta'u, dhiira 201 akkasumaas dubartii 257 irratti kan hojjatameedha. Warreen deeworming hojjateef hunduu kan umriin isaanii waggaa 5 gadiiti!

Itti aansuun garee lammaaffaa duula qulqullina mooraa hospitaalichaa kan guyya guyyaan gaggeeffamu, inniis haala nama boonsuun hojiin kun milkiin gaggeeffame.Garee kun qindoommina guddaan hojii addaati kan hojjatan.

Inni sadaffaa guyyaa arjoomaa sababa godhachuun manaajimantiin hospitaalaa sadarkaa aanaatti hirmaanna kan taasisaniidha. Arjooma aadaa oromooti.Guyyaa harraa bakka itti gaafatamaan buusaa gonafaa aanaa argamutti hirmaanna gaarii godhuun raawwatame. Manaajimantiin hospitaalichaas Hirmaanna mataa isaani lammiilee isaaniif kan arjoomaniidha.Hirmaanna Daftara barattoota harka qalleeyyiif akka bitamu gahee leencaa kan bahataniidha.

Photos from Midega Tola Primary Hospital's post 08/09/2023

Qaammee 3/2015 guyyaa arjoomaa jedhamee kan kabajamu, akka Hospitaala Jalqabaa Miidhagaa Tolaatti guyyaa harraa calalli daa'imman hanqina nyaataa qaban adda baasuu (SAM) fi Deworming gaggeeffamaati oole.

Akka Hospitaala keenyaati garee hundeessuun manaamanatti deemuun daa'imman calalliin daa'imman hanqina nyaataa qaban 268 callallin kan gaggeeffame yoo ta'u kana keessaa 13 akka hanqina nyaataa qaban barame.kana keessaa dhiira 109 fi dhalaa159 dha. Kan hanqinni irratti mullatte dhiira 8 fi dhalaa 5 dha. Isaanan adda bahan gara dhaabbata fayyaatti kan ergaman.

Kan lammaffaa deworming namoota 458 f kan gaggeeffame yoo ta'u, dhiira 201 akkasumaas dubartii 257 irratti kan hojjatameedha. Warreen deeworming hojjateef hunduu kan umriin isaanii waggaa 5 gadiiti!

Horaa Bulaa Deebanaa!!

Website

Address

Midega Lola, Hararghe, Ethiopia
Miami, FL