Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gooroo Muxii

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gooroo Muxii

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gooroo Muxii, Government Organization, .

12/08/2023

✍️Gaa’elli bu’uura hawaasa waan ta’eef seerri eegumsa guddaa godheefi jira Gaa’elli seera duratti ragga’e tokko ulaagaa guuttachuu qabu seerri maatii tarreessee kaa’ee jira.

✍️Ulaagaan seerri maatii kaa’e kuni yoo hin guutamin gaa’ela raawwateef seerri eegumsa hin godhu.

✍️Ulaagaa guutamuu qabu osoo hin guutin sobaan yookaan gowwoomsuun gaa’elli raawwatee booda yoo barame yookaan irra ga’ame bu’uura
seera yakkaa keewwata 646tiin yakkaan nama gaafachiisa.

✍️Keewwata 646. Fuudhaa fi Heeruma Dabaan Yookiin Gowwomsuun Raawwachuu
Namni kamiyyuu fuudhaafi heeruma yommuu raawwatu yookiin raawwachuuf jecha fuudhaafi heerumicha diiguuf yookiin akka hin raggaane taasisuuf kan dandeessisan ijoo dubbii sababoota seeraan tumaman keessaa tokko kan guutu
itti yaadee kan fuudhaafi heeruma waliin raawwatu kan dhokse yoo ta’e hidhaa salphaa waggaa lama hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma shan hin caalleen ni adabama.

✍️Namni kamiyyuu itti yaadee eenyummaa isaa ilaalchisee nama biroo dhoksuun dogoggorsuun waliin dhahuun yookiin gowwomsuun fuudhaafi heeruma kan raawwate yoo ta’e iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhihaatu hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii 1000 hin caalleen ni adabama.


✍️Akka waliigalaatti namni gaa’ela seeraan
dhoorkaman kanneen armaan olitti caqasaman kanneen raawwate raawwachiise akka maanguddummaatti ykn akka abbaa amantiitti hirmaate bu’uura seera yakkaa keewwata 647
tiin hanga waggaa 3 tti adabamuu danda’a

✍️Keewwata 647 Fuudhaafi Heeruma Seeraan Dhorkame Raawwachiisuu Yookiin Raawwachuu

✍️Namni kamiyyuu fuudhaafi heeruma seeraan dhorkame itti yaadee kan raawwachiise yoo ta’e
hidhaa salphaa waggaa sadii hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma shan hin caalleen
ni adabama.

✍️Fuudhaafi heeruma seeraan dhorkame itti yaadee wal fuutota keessaa kan raawwate namni hayyame yookiin namni fuudhaafi heeruma akaakuu akkanaatiif ragaa ta’e adabbii keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti ibsameen ni adabama.

✍️ Gochi keewwata kana keewwata xiqqaa (1) fi (2)
jalatti ibsame kan raawwatame dagannoon yoo ta’e hidhaa salphaa ji’a sadii hin caalleen yookiin adabbii maallaqaatiin ni adabsiisa.

✍️ 'ela_Umrii_Malee
Umriin namni tokko gaa’ila bultii itti ijaarrachuu danda’u kan seeraan kaayame waggaa 18 Namni kamiyyuu dhiiras ta’ee dhalaan umrii waggaa 18 ol osoo hin taane fuudhuu ykn heerumuu hin danda’u

✍️Namni osoo waggaa 18 hin guutin gaa’ila raawwate bu’uura seera yakkaa keewwata 648 tiin yakka waan ta’eef nama adabsiisa.

✍️Keewwata 648. Fuudhaafi Heeruma Umurii Gaa`elaaf Hin Geenyee
namni kamiyyuu seera maatii rogummaa qabuun
kan hayyamameen ala itti yaadee ijoollee gaa`ela hin geenye kan fuudhe yoo ta’e umuriin miidhamtittii waggaa kudha sadii yookiin isaa ol yommuu ta’u hidhaa cimaa waggaa sadii hin caalleen yookiin umuriin miidhamtittii waggaa kudha sadii gadi yommuu ta’u hidhaa cimaa waggaa torba hin
caalleen ni adabsiisa.

✍️
Dhiirri tokkoo dubartiin takka waliin bultii ijaarratanii akka abbaa manaa fi haadha manaatti gaa’ilaan nikaadhaan osoo waliin jiran bultii kana irratti kan lammaffaa ijaaruun seeraan dhoorkamaadha

✍️Dhiiras ta’ee dubartiin fuudha irratti fuudha raawwatte seeraan ni gaafatama.

✍️Jaarsaa fi jaartiin gaa’ela yookaan bultii keessatti yoo walii galuu didan addaan ba’uun mirga lamaan isaaniti.

✍️Gaa ’elli nikaan gaafa raawwatu haala sadiin
ta’uu danda’a Kunis:qaama aangoo seeraa qabu duratti haala aadaatiin fi amantaadhaani

✍️Kana jechuun bultiin karaa sadiin ijaarrama jechuudha Bultii karaa sadiin ijaarramu kuni gaafa diiggamu garuu karaa tokkoon qofa Kunis mana murtiin qofa.

✍️Manni murtii kan sheriyaa yookaan kan idilee ta’uu
danda’a Gaa’elli tokko diigame kan jedhamu mana murtiin yoo diigame qofa Gaa’elli nikaan maanguddoodhaan diigamuu hin danda’u.

✍️Ragaan diiggaa gaa’elaa nikaa maanguddoo irraa dhufus fudhatama hin qabu.

✍️Namni maanguddoodhaan nikaa hiikkadhe jedhee bultii biraa ijaares yakka fuudha fuudharraa raawwate jechuudha sababaan isaas maanguddoon bultii eeguu jajjabeessuu ijaaruu malee diiguu waan hin dandeenyeefi.

✍️Namni bultii keessatti waayila bultii isaan walii galuu hin dandeenyee fi hiikkaa barbaade gara mana murtii sheri’aa yookan mana murtii idileetti deemuun hiikkaa gaafachuu qaba malee ganda keessatti qaama bultii diiguuf aangoo hin qabneen nikaa hiikkatee bultii biraa yoo ijaare bultiin duraa
qaama aangoo qabuun waan hin hiikkamneef akka hin hiikkamneetti fudhatamee bu’uura seera yakkaa keewwata 650tiin yakka fuudha irratti fuudha raawwachuutiin gaafatama.

✍️Keewwata 650. Fuudhaafi Heeruma Irratti Fuudhaafi
Heeruma Raawwachuu Namni kamiyyuu fuudhaafi heeruma seeraan ragga’ee duraan jiru osoo qabuu fuudhaafi heerumni kun digamuu yookiin haqamuu isaatiin dura fuudhaafi heeruma biroo kan raawate
yoo ta’e hidhaa salphaan yookiin dubbichi ulfaataa yoommuu ta’u keessumattuu balleessichi haala dhugaa ofiisaa dhoksuun nama fuudhaafi heeruma lammaffaa isa waliin raawwate beekaa kan dogoggorse yoo ta’e hidhaa cimaa waggaa shan
hin caalleen ni adabama.

✍️Namni fuudhaafi heeruma hin raawwanne kamiyyuu namni biroon fuudhaafi heeruma ragga’e qabaachuu isaa osoo beekuu nama kana waliin fuudhaafi heeruma kan raawwate yoo ta’e hidhaa salphaan ni adabama.

✍️Fuudhaafi heeruma lamaan keessaa tokko hanga diigamutti yookiin haqamutti lakkaa’amuun darbiinsa yeroo himannaa yakkichaa dhorkamee ni tura.

✍️
Namni bultii qabu tokko fuudhaafi heeruma bu’uura seera hariiroo hawaasaan ragga’e osoo qabuu nama biroo waliin saalqunnamtii kan raawwate yoo ta’e

✍️iyyannoo dhuunfaa walfuutota keessaa inni miidhame dhiyeeffatuun, hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaatiin ni adabama.

✍️Nama osoo beekuu nama fuudhaafi heeruma seera qabeessa ta’e qabu waliin sagaagalummaa raawwate irrattis adabbiin kun raawwatamaa ni ta’a.

✍️Iyyataan gochichi sagaagalummaa akka raawwatamu kan kakaase yookiin kan irratti waliigale yookiin dhiifama kan taasiseef yookiin gochuma kana irraa faayidaa kan argate yoo ta’e namni balleesse yakkaan gaafatamaa hin ta’u.
👇👇👇👇👇👇👇👇
👉Join my Telegram https://t.me/NuraddinFHS

12/08/2023

Kan gaditti dhoobamee jiru Xalayaa deeggarsa baajataa, waajjira Abbaa Alangaa Aanaaleetiif gama waajjira bulchinsa Aanaalee fi magaalotaa Godina Harargee Bahaa jalatti argamaniif karaa kabajamoo bulchaa bulchinsa Godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Mahammadiin barraa'ee dha. Kuniis rakkoo qabatamaa gama baajataa fi loojistikiitiin waajjira Abbaa Alangaa Aanaalee hojiilee ol'aantummaa seeraa mirkaneessuun walqabatee danqaa turan giddugaleessa godhachuuniidha. Isaaniiniis Galatoomaa jechaa hogganaan Waajjiraa Abbaa Alangaa Godina Harargee Bahaa kabajamoo obbo Asladdiin Ahmadnuur rakkoolee kana qaama dhimmi ilaaluuf hubachiisuun shoora ol'aanaa bahaniif haa galatooman.
Qaamoleen dhimmi kun ilaallatuus xiyyeeffannaan akka hojiirra oolchan shakkii tokkollee hin qabnu.
Waliin taanee ol'aantummaa seeraaf haa tumsinuun dhaamsa keenya!
Komunikeeshinii WAAGHB

01/08/2023
Photos from Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gooroo Muxii's post 01/08/2023

W.Abbaa Alangaa Aanaa Gooroo Muxii Gaafa 25/11/2015 Qaamolee Hawaasaa gara garaatiif Seerota Taaksii fi Gibiraa irratti Hubannoo seeraa kennee jira.Telegram keenyaas join godhaa https://t.me/mhaagm

Photos from Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gooroo Muxii's post 24/07/2023

Manni Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Gooroo Muxii gaafa 17/11/2015 Labsii Hojjattoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Labsii Lakk 215/2015 irratti hojjattoota Mootummaa Aanaa Gooroo Muxiitiif hubannoo seeraa ballaa kennee jira. Telegram keenyaas join godhaa https://t.me/mhaagm

Photos from Waajjira  Abbaa Alangaa Godina Harargee Bahaa's post 18/07/2023
Photos from Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gooroo Muxii's post 17/07/2023
Photos from Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gooroo Muxii's post 14/07/2023

Adooleeysa 7/2015
Gooroo Muxii
--------------------
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Gooroo muxii gaafa 7/11/2015 gammaaggama Raawwii Karooraa kurmaana 4ffaa fi Marii kenna Tajaajilaa Abbootii Alangaa fi hojjattoota bulchiinsaa hunda hirmaachisuun gaggeeysee jira.
Gamaaggama kanarratti Gabaasni kurmaana 4ffaa Gara Itti Gaafatamaa Waajjiraa Obbo Seeneessaa Kumalaatiin dhiyaatee Mariin ballaan irratti gaggeeffamee Ciminaa fi hanqina jiru adda baasuun hanqina ture hambisuu fi cimina ture itti fufsiisuu akka qabnu waliigaluun
Dhumarratti kallattiin fuula duraa kaayamuun xumuramee jira

12/07/2023

Himatamaan dhagaan ilkee namarraa caphse adabame
--------------------------------------------
Himatamaan maqaan isaa Anas Abdulkariim jedhamu gaafa 23/3/2015 Go/Har/bahaa Aanaa Gooroo Muxii Araddaa Utubaa Muxii keessatti halkan sa'aa 4:00 tti sababa duraan lola qabaniif miidhamaa dhuunfaa Ahmad Abdallaa jedhamu dhagaa darbatee Afaan keessa rukutuun ilkee fuula duraa kan gubbaa fi jalaa walumatti ilkaan 5 irraa caphsee jira jechuun eruun dhiyaate Abbaa Alangaa fi qorataan poolisii qorannaa barbaachisu erga taasisanii booda Abbaan Alangaa himata hundeessee mana murtii Aanaa Gooroo Muxiitti dhiheessuun himatamaan immoo yakka raawwate hambifannaa tokko malee waan amaneef balleessaadha jedhamee dhaddacaha gaafa 5/11/2015 ooleen adabbii hidhaa cimaa waggaa 3 fi ji'a 7 adabamee jira.

27/06/2023

Hordoftoonni Amantaa Islaamaa hundi baga guyyaa Iidal-Adaa(Arafaa) akka lakkooysa hijraa bara 1444 tiin isin gahe.
Ayyaan Gaarii !

23/06/2023

Waxabajjii 16/2015
BAAWO
Finfinnee

Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa yaa'ii Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa Marsaa 3ffaa Magaala Adaamaatti guyyaa hara'aa gaggeessa!

Photos from Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa-Oromia Attorney General's post 23/06/2023
Photos from Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gooroo Muxii's post 14/06/2023

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gooroo Muxii gaafa 7/10/2015 Hawaasa Ollaa Waajjiraa, Abbootii Alangaa fi Hojjattoota hunda hirmaachisuun duula biqiltuu dhaabuu fi Moora waajjiraa qulqulleessuu gaggeesseen biqiltuu gosa garaagaraa 100 ol dhaabnee jirra.

10/06/2023

Murtiilee barsiisoo tahan kan ji'a 6n dabranii bifa kanaan qopheeysinee iddoo namoonni itti wal gahan fi arguu danda'an hundatti Araddaa baadiyyaa hanga tokko dabalatee maxxansine .
IRRAA HAA BARANNUUN DHAAMSA KEENYA!

Alangee - Caffeen Oromiyaa Adeemsa Akkamiitiin Seerota Adda Addaa Tumee baasa? 10/06/2023

Alangee - Caffeen Oromiyaa Adeemsa Akkamiitiin Seerota Adda Addaa Tumee baasa? Alangee - Caffeen Oromiyaa Adeemsa Akkamiitiin Seerota Adda Addaa Tumee baasa?

Photos from Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gooroo Muxii's post 07/06/2023

Caamsaa 30/2015
Gooroo Muxii
-------------------------------
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Gooroo Muxii gaafa 30/9/2015 barreessitoota dhimma seeraa Aanaa keenyaa wajjiin dhimmoota Naamusaa fi kenna Tajaajilaa irratti marii bal'aa gaggeessee jira. Maricha irratti dhimmoonni ijoon kaafaman hamma kafaltiI akkaataa seera taa'een kafalchiifamuu akka qabuu, Kafaltiin nagaheen itti muramee akka raawatamu,Tajaajilli kennamuus Naamusaan dabaalamee akka kennamuu fi himannaan yeroo barreeffamu qulqullina isaa eeggatee barraa'uu akka qabu kaafamee Marichuun yaadni goolabbii fi kallattii fuula duraa kaa'uun mariin xumuramee jira.

03/06/2023

Himatamaan Jimaa nama biroo hate hidhaa cimaa waggaa 1 fi ji'a 8 tiin adabame
-----------------------------------------------------------------------------------
Himatamaan Mahammad Abraahim Umar jedhamu gaafa guyyaa 1/7/2015 ganama toora sa'aa 3:00 yommuu tahu Go/Ha/Bahaa Aanaa Gooroo Muxii Araddaa Irree Tokkummaa Ganda Bunnii jedhamutti Jimaa nama biroo Amarkoot(daalacha) kiiloo 9 tahu qarshii 7500 tti shalagamu guurratee gurguratee jira jechuun eruun dhiyaatee Abbaa Alangaa fi Qorataan poolisii qorannaa barbaachisaa erga taasisaniin booda Abbaan Alangaa seera yakkaa keewwata 665(1) jalatti himata hundeeysee mana murtiii Aanaa Gooroo Muxiitti dhiheessuun falmiin bitaa mirgaa gaggeeffamee ragaan Abbaa Alangaa dhagayamee irratti mirkaneessee himatamaan ofirraa ittisi jedhamee ragaa ittisaa dhiheeffatuus irraa ittisuu hin dandeenye waan taheef manni murtii keewwatuma ittiin himatame jalatti balleessaa taasisuun adabbii hidhaa cimaa waggaa 1 fi ji'a 8 adabee jira.

Irraa haa barannuun dhaamsa keenya

03/06/2023

Himatamaan Harree nama biroo hate hidhaa cimaan adabame
-------------------------------------------------------
Himatamaan Obsaa Saanii Aammee jedhamu gaafa 17/8/2015 guyyaa toora sa'aa 9:00 yommuu tahu tahu Go/Ha/Bahaa Aanaa Gooroo Muxii Araddaa Magaalaa Gooroo Muxii 01 keessatti wadala Harree qarshii 5700 tilmaamamu kan Miidhamtuu dhuunfaa x jedhamtuu namni biroo miidhaan bitatee ittiin galfachuuf ergifatee ture yeroo miidhaan bitachuuf hidhanii biraa deeman Himatamaan hiikee fudhachuun Jaldhaaba geeysee gurgurachaa osoo jiruu hordoffii taasifameen harkaa fi harkatti qabamee jira jechuun eeruun dhiyaatee Abbaa Alangaa fi Qorataan poolisii qorannaa barbaachisaa erga taasisaniin booda Abbaan Alangaa himata hundeeysee mana murtiii Aanaa Gooroo Muxiitti dhiheessuun falmiin bitaa mirgaa gaggeeffamee ragaan Abbaa Alangaa dhagayamee irratti mirkaneessee himatamaan ofirraa ittisi jedhamuus ragaa ittisaa hin qabu jechuun iyyannaa waan dhiheesseef manni murtii keewwatuma ittiin himatame jalatti balleessaa taasisuun adabbii hidhaa cimaa waggaa 1 fi ji'a 8 adabee jira.

Irraa haa barannuun dhaamsa keenya

02/06/2023

Caamsaa 25/2015
WAAGHB
Harar
======
Oduu Oolmaa Dhaddachaa!
Himatamaan Yakka Malaammaltummaan Himatame Adabbii Hidhaa Cimaa fi Maallaqaan Adabame
=================
Himatamaan Mahammad Mikaa'il Bakar jedhamu gaafa guyyaa 16/02/2013 Godina Harargee Bahaa Aanaa Miidhagaa Tolaa Magaalaa Miidhagaatti kantiibaa bulchinsa magaalattii tahuun yeroo hojjachaa turetti lakkooftuu ifaa (qoxaarii) isinii galchaa maallaqa fidaa jechuun gowwoomsee miidhamtoota adda addaa namoota 10 ta'an irraa 3,300_6,000 mata_mataan irraa guuruun walumaa galatti qar.35,700 faaydaa dhunfaa isaatiif oolfachuun Abbaan Alangaa Godina Harargee Bahaa Labsii yakkoota malaammaltummaa lakk. 881/2007 kew.32(1) jalatti yakka gowwoomsuu raawwateen mana murtii ol'aanaa Godina Harargee Bahaatti himannaa hundeesseera.
Manni murtii ol'aanaa Godina Harargee Bahaatiis falmiin bitaa fi mirgaa erga geggeeffamee booda himatamaan ofirraa ittisuu waan hin dandahiniif keewwatuma himannaa jalatti balleessaa taasisuudhaan dhaddacha gaafa 24/09/2015 ooleen himatamaa adabbii hidhaa cimaa waggaa 15 fi adabbii mallaqaa qr. 5000 akka adabamu itti murteesseera.
Malaammaltummaan farra diinagdee waan ta'eef hawaasni hundi dammaqinaan irratti duuluu qabaan dhaamsa keenya.

Komunikeeshinii WAAGHB

29/05/2023

Odeeffannoo dhaddachaa
-----------------------------------
Himatamaan yakka miidhaa qaamaa cimaa raawwate hidhaa cimaan adabame

Himatamaan Hamzaa Abraahim Kamaal jedhamu gaafa 8/10/2014 ganama toora sa'aa 3:00 yommuu tahu Go/Ha/Bahaa Aanaa Gooroo Muxii Araddaa Horroo keessatti miidhamtuu dhuunfaa X jedhamtu sababa lola joollee irraa ka'een dhagaa darbatee harka mirgaa shanachaa ol dhahuun lafeen harkaa akka caphu taasisee jira jechuun eeruun dhiyaatee Abbaa Alangaa fi Qorataan poolisii qorannaa barbaachisaa erga taasisaniin booda Abbaan Alangaa himata hundeeysee mana murtiii Aanaa Gooroo Muxiitti dhiheessuun falmiin bitaa mirgaa gaggeeffamee ragaan Abbaa Alangaa dhagayamee irratti mirkaneessee himatamaan ofirraa ittisi jedhamuus ragaa ittisaa hin qabu jechuun iyyannaa waan dhiheesseef manni murtii keewwatuma ittiin himatame jalatti balleessaa taasisuun adabbii hidhaa cimaa waggaa 2 fi ji'a 9 adabee jira.

Irraa haa barannuun dhaamsa keenya

Photos from Waajjira Komunikeeshinii Harargee Bahaa's post 27/05/2023
26/05/2023

Himatamtoonni yakka ajjeechaa cimaa raawwatan hidhaa cimaan adabaman.
Himatamtoonni maqaan isaanii 1ffaa Jamaal Durrii Alii, 2ffaa Ahmad Durrii Alii,3ffaa Aliheydar Durrii Alii fi 4ffaa Sharaf Durrii Alii jedhaman waliin ta'anii gaafa guyyaa 06/09/2014 halkanirraa toora sa'aa 2:00 G/H/Bahaa Aanaa Gurawaa Araddaa Gafra Qancaraa ganda Gaara Aagoo keessatti sababa waldhabbii lafaa qabaniif hijaa qabachuun du'aa Abdallaa Ahmad qottoo fi mancaan haala hirmaannaa isaanii addaan baasuun hin danda'amneen qaama isaa iddoo adda addaa diddiranii baqaqsuun dhiigni akka malee akka dhangala'u gochuun battalumatti lubbuu isaa waan dabarsaniif Abbaa Alangaa G/H/Bahaa seera yakkaa kew. 32(1)(a), 35 fi 539(1) (a) jalatti himannaa bu'ureessuun mana murtii ol'aanaa G/H/Bahaaf dhiheessa.
Manni murtiis bitaa fi mirga erga falmisiisee booda dhaddacha gaafa 18/09/2015 ooleen keewwatuma himannaa jalatti balleessaa qaban jechuun adabbii himatamtootaa fi hawaasallee barsiisuu danda'a jechuun itti amane himatamaa 1ffaa hidhaa cimaa waggaa 16 fi ji'a 9 tiin yoo adabu himatamaa 2ffaa hanga 4ffaa jiran tokkoon tokko isaanii hidhaa cimaa waggaa 16 fi ji'a 6 akka adabaman murteessee jira.
Yakkoota suukanneessaa akkanaa raawwatanii booda Sheena hin taane keessa galuun dura hawaasni miidhaa yakkaa hubatee yakkarraa akka of qusatuun dhaamsa keenya.
!
Komunikeesshinii WAAGHB
Caamsaa 18 2015

26/05/2023

Odeeyfannoo dhaddachaa
----------------------------
Himatamaan nama gowwoomsee sa'a nama biroo fudhatee gurgurate adabbii hidhaa cimaa fi maallaqaan adabame
----------------------------------------------------
Himatamaan maqaan isaa Abdallaa Mahammad Alii jedhamu Go/Ha/Bahaa Aanaa Gooroo Muxii Araddaa Magaalaa Gooroo Muxii 01 keessatti gaafa 17/7/2015 ganama toora sa:2:30 yommuu tahu sa'aa bifti isaa adii fi burree kan nama biroo kan tahe osoo maatiin mana hin jirre deemuun daa'ima xiqqoo mana jirtuun Abbaa keetu sa'aa jaldhaabaa fidi naan jedhe jechuun sobaan namoota ollaa turaniifi daa'ima gowwoomsee sa'aa fuudhuun gurguratee jira jechuun eeruun dhiyaatee galmeen ijaaramee Abbaa Alangaa fi qorataan poolisii qorannaa barbaachisu erga gaggeessanii Abbaan Alangaa seera yakkaa keewwata 692(1) jalatti himannaa bu'uureeysee Mana Murtii Aanaa Gooroo Muxiitti dhiheessuun falmiin bitaa mirgaa gaggeeffamaa erga turee ragaan ittisaa himatamaa irraa ittisuu hin dandeenye waan taheef Keewwatuma ittiin himatame jalatti balleessaadha jedhamee adabbii hidhaa cimaa waggaa 2 fi ji'a 3 fi adabbii maallaqaa qarshii 500 adabamee jira.

Irraa haa barannuun dhaamsa keenya

25/05/2023

Caamsaa 17, 2015
WAAAD
Himatamaan Motoraan yakka ajjeechaa dagannoo lubbuu namaa raawwatee murtii adabbii hidhaa cimaa Waggaa 5 fi ji'a 6 tiin adabamee Jira.
Himatamaan maqaan isaa Buruuk Saamsoon Katamaa jedhamu lubbuu namaaf of eeggannoo gochuu osoo qabu gaafa guyyaa 19/6/2015 guyyaa irraa toora sa'aa 8:30 tti Godina Harargee Bahaa Bulchiinsaa Magaalaa Dadar araddaa 01 iddoo addaa Baankii Daldala Itoophiyaa Damee Dadar fuula duratti osoo hayyama gahuumsa konkolaachisummaa hin qabaatin ogummaa isaatiin ala Motorsaaykilii (motorcycle)/doqdoqqee gosti isii boksar ta'ee fi lakkoofsa gabatee hin qabne daandii Waajjira Poolisii Bulchiinsaa Magaalaa Dadar irraa gara adda babaayii Magaalaa Dadar deemu irratti osoo haala itti fayyadama daandii tilmaama keessa galchuu qabuu, Naannoo Baankii iddoo namoonni itti baay'atan ta'uu yaada keessa galchuun suutaa daandii isaa qabatee osoo deemuu qabu kana dagachuun miidhamtuu dhuunfaa (duutuu ammaa) daandii bitaa ishee qabattee deemaa jirtu karaa isaa gadi dhiisuun oofaa itti fiduun dugda duuban qajeelchituu gama bitaatiin dhahee lafatti kuffisuun mataa ishee gamaa duubaa fi mataa ishee gama bitaatiin dhawamtee akka lubbuun ishee baatu waan godheef, eeruu Uummataatiin toowwannoo jala erga ooleen booda qorannoon garee qorannoo Qorattoota Bulchiinsaa Magaalaa Dadar fi Abbootii Alangaa Aanaa Dadar waliin taasifameen galmeen qorannoo Abbaa Alangaa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Dadariif darbee, Abbaan Alangaa Aanaa Dadar himata hundeessuun mana Murtii Aanaa Dadariif dhiyyeessuun, manni Murtii adeemsa seeraa deemamuu qabuun erga ilaalaa tureen booda dhuma irratti ragaan ittisaa himatamaa waan irraa ittisuu hin dandeenyeef balleessaa qabaachuun irratti mirkanaa'ee himatamaa (yakkamaa ammaa) kana murtii yakkamaa kanaa fi fakkaattota akka isaa ni barsiisa jedhu adabbii hidhaa cimaa Waggaa 5 fi ji'a 6 tiin Dhaddacha gaafa guyyaa 17/9/2015 adabamee Jira.
Uummanni keenya dhimmoota yakkaa kamiiyyuu raawwatamuu isaa akkuma dhagaheen eeruu kennuu qaba.

Photos from Waajjira Kominikeeshinii  Harargee Bahaa's post 13/05/2023
Photos from Waajjira Bulchinsa Harargee Bahaa/East Hararge Administration Office's post 13/05/2023

Website