Makii Oro

Jirtuu ummata qashtii debinee jira gama fb
niis. Like fi follow gochuu hin dagatinaa

29/04/2024

Turtii teenya tan walloo erga goolabne nagayaan gallee jirra

Qawween nuti taphaaf suuraa itti khaanu tuni wallotti jireenya isaaniiti

Warri masgiida bilaal galatoomaa minisoottaarraa warra walloo biraa galata qabdan

15/02/2024

"♥️😍

"

Photos from Makii Oro's post 01/02/2024

Yaadannoo Fincila ijoollee Baalee Kiibaxata Kaleessaa Amajjii 30 bara 2024 biyya Masrii Magaalaa Kaayirootti qophaa'ee irratti qaamolee garagaraatiif beekkamtiin kennamee jira.

Namoota biyya keessatti deeggarsa namoomaa irratti bobba'an kanneen akka Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa, Injinar Daani'el Gammadaa, Master Abinnat Kabbadaa, Masarat Dhaabaa Kennee, Arafaat Abubakar, Ahmad Mohaammad kan Ahmad WBO bosona Baaleetiin beekkamuuf beekkamtiin kennamee jira.

Gama biraatiin arti. Umar Suleeyman kan qabsoo ummanni Oromoo taasisaa ture Wallee fi Geerrarsa Warraaqsaatiin utubaa tureef beekkamtiin kennamee jira.

Akkamus Aman Nyaafaroo kan Walaloon seenaa qabsaa'otaa dhaloota barsiisaa turee fi qabsoo ummataa utubaa tureef beekamtiin kennamee jira.

Gama biraatiin namoota biyya baqaa keessatti hawaasa gargaaruun beekkamaniif beekkamtiin garagaraa kennamee jira.

Haaluma walfakkaatuun sagantaa kana irratti agarsiifni nyaataa aadaa Baalee qophaa'ee jira.

Pirizidaantiin Waldaa Madda Walaabuu Biyya Masrii obbo Seeyfuu Hasan hawaasa guyyaa yaadannoo kana qopheesse galateefachuun qophiin kun waggaa waggaan kan itti fufu ta'uu himanii jiru.

26/01/2024
26/01/2024
22/01/2024

follow

Photos from Makii Oro's post 31/12/2023

Hojii milishaa ilalii

29/12/2023

Itoophiyaan tarree biyyoota liqii kaffaluu dadhabanitti ramadamte

Kana dura seenaa akkanaa kan qaban Gaanaafi Zaambiyaadha. Maali wanti kuni?
↪️ https://bbc.in/48cFKSz

29/12/2023

20/12/2023
18/12/2023

🐝🐝 Dargaggeessa Asoosaa kanniisa madaqsee itti hasaasuun walbaraa 🤔

Fuulasaa guutuus hoomaa kanniisaan uwwisee tasgabbaa’ee viidiyoo yoo waraabamu mul'ata. Wayita inni kanniisota waliin walitti dhufuu eegalutti maatiifii ollaan yaadda’anii turan.

“Baay’ee sodaatanii ture. Dhiisi si ajjeesu naan jedhan. Kanniisonni nama ajjeesuu danda’u. Ani garuu kennaakoo yeroo sanan bare” jedha.
Guututtu asii dubbisaa: https://bbc.in/3NuRiIM

14/12/2023

Rachu Entertainment Hundeeffame‼

Garmaamu Tola‼

Miidiyaalee hawaasaa keessumaammoo TikTok irratti hordoftoota hedduu kan horate Wandimmaageny Yaaddessaa Rache Tesfaye tiridantiin Oromoo hundeessuu isaa ifoomsee jira! Fiixan bahumsa Raachuu irraa dargaggoonni keenya waa hedduu baratu jedheen abdadha‼

Garmaamu Tola!
Congratulations !!

14/12/2023

Seenaa Siyaasaa Itoophiyaa keessatti qondaalli ija diimafatee ministira mummeetiin “Cubbamaa dhiiga namaatiin taphate” jedheen Taayyee qofaa jedhu rogeeyyiin miidiyaa hawaasaa.

Biyya akka Itoophiyaa mootummaa qeequun gatii lubbuu nama kafalchiisu keessatti tarkaanfiin Taayyee Danda’aa cichoominnaan fudhate kanneen mooraa mootummaa Biltsiginnaa keessa jiraniif fakkeenya gaarii ta'a jedhu.

Namoonni gariin ammoo tarkaanfiin Taayyee Danda’aa fudhate kan barfatee fi kan yeroon isaa irra kuteedha jedhu.

Obbo Taayyee Danda'aa gufachuu marii araaraa Daar Es Salaam booda mootummaan maricha akka gufachiise ibsuun qeeqa bal'aa mootummaa irratti dhiyeessaa ture.

Mariin akka gufatuuf mootummaan qooda olaanaa taphataa turuu kan addeesse Taayyeen, gidiraan haadholii fi daa'imman Oromiyaa irraa dhaabbachuu qaba jechuun waamicha nageenyaa taasisaa ture.

Ifatti bahuunis ummanni Oromoo kan barbaaduu paarkii fi masaraa mootummaa ijaaruu osoo hin taane nageenya barbaada jechuun yoo gaafatu, ministirri mummee aangoo irraa kaasuun mana hidhaa buuse.

Obbo Taayyee Danda'aa paartii Biltsiginnaa keessatti riiqicha ummata Oromoo fi paarticha giddu jiru ta'ee tajaajilaa akka ture barsiisaa saayinsii siyaasaa kan ta'an Milkeessaa Miidhagaa (PHD) turtii OMN wajjiin taasisaniin ibsanii jiru.

Taayyeen siyaasaa mootummaa Biltsiginnaa afaan Oromootiin ummata Oromootti gurguraa turuu fi yeroo dheeraaf mootummaa Biltsiginnaa gargaaraa turuu kan yaadachiisan fayyadamtoonni miidiyaa hawaasa waggoota shan booda, dammaquun isaatu waan tokko jedhu.

Obbo Taayyee Danda’aa waggoota darban keessa mootummaa Biltsiginnaa qulqulluu godhuun qabsoo ummata Oromoo xureessaa ture jechuun kanneen komatanis ni jiru.

Hidhamuu hooggantoota siyaasaa Oromootiin walqabatee yaadonni barreessaa turee fi qeeqa inni Waraana Bilisummaa Oromoo irratti dhiyeessaa ture namoonni akka haaraatti maxxansuun fuula miidiyaa hawaasaa irratti qooda jiru.

Keessattu erga muddee 12 bara 2023 kibxata kaleessaa obbo Taayyeen hidhamee bo

13/12/2023

Guyyaa boruu Eebba kitaaba "Daandii Isaanii "nurraa hin hafinaa waaree booda
Adaamaa galma sinimaa olyaad.
Irratti Hirmaachuu dandeysu like share godhaa

Photos from Raayyaa Abbaamacca's post 09/12/2023
04/12/2023

🏃‍♀️🏃‍♂️
Atileetonni Itoophiyaa maraatoonii Vaalenshiyaa irratti dhiiraanis durbaanis tokkoffaan xumuran
==========
Atileetiin Itoophiyaa Sisaay Lammaa 2:01:48n sa'aatii saffisaa addunyaarra afraffaa tahe galmeessuun kan mo’ate yoo ta’u, atileetiin Keeniyaa Aleksaandar Mutiisoo lammaffaan xumure.

Atileetiin Itoophiyaa Daawwit Woldee ammoo sadaffaan xumure.

Atileetiin umrii waggaa 41 Qananiisaa Baqqalaa ammoo sadarkaa afraffaan xumure.

Atileetiin Yugaandaa fiigicha meetira 5,000 fi 10,000n rikardii addunyaa harkaa qabu sadarkaa 37ffaan xumure.

Atileet Sisaay Lammaa injifannoo argate kanaan addunyaarratti atileetii saffisaa yeroo maraa ta’uun sadarkaa afraffaa qabateera.

Dubartootaan ammoo Worqinash Daggafaa, Almaaz Ayyaanaa fi Hiwot Gabrakidaan tokkoffaa hanga sadaffaan xumuraniiru.

Suuraan: Getty Images irraa Sisaay Lammaa 2021tti Maaraatonni Landan injifatee

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Cairo?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Videos (show all)

Welcome
#welcomehome
Artist Kadir martuu

Category

Website

Address


Egybt
Cairo
3030
Other Public Figures in Cairo (show all)
RehabFM RehabFM
Cairo
Cairo, 31111

Mohamed Abdel-aal Mado Mohamed Abdel-aal Mado
Cairo

الصفحة البديلة لمادو

Wael Elbaz Wael Elbaz
Cairo

KHaled Hamzzawy KHaled Hamzzawy
♥ ♥ IN OUR HEARTS WE LOVE U♥ ♥
Cairo

♥♥ KING OF HEARTS ♥♥ BEN7EBAK YA AGMAD WE A7SAN MOZEE3 BEL 3ALAM...♥♥ WE MISS YOU♥?

دكتور مصطفى آمين حسام الدين دكتور مصطفى آمين حسام الدين
Cairo

مصطفى حسام الدين استاذ المكتبات بجامعة القاهرة والأب ا

Hesham Sa3ed Hesham Sa3ed
Masoudy Street , Manshyt El Bakry
Cairo

فنان مصري

Dr. Hani Fikry Ragai Dr. Hani Fikry Ragai
1 EL-Sarayat Street
Cairo

Mogtam3na Mogtam3na
Cairo

Abdel Halim Hafez Abdel Halim Hafez
Cairo

Abdel Halim Ismail Shabana (Arabic: عبدالحليم إسماعيل شبانة) commonly known as Abdel Halim Hafez (Arabic: عبد الحليم حافظ) (June 21, 1929 – March 30, 1977)

Malak Saad Attia Malak Saad Attia
*******(`', . ¸ (`', . ¸*¤* ¸. , '´) ¸. , '´)*******
Cairo

My Father Fans