OLF-4ever

Dhugaa

27/01/2024

Duratti🙏

31/12/2023

Amajjii tokko guyyaa WBO kan bara 2024 baga geessan!

31/12/2023

"To be wealthy and honored in an unjust society is a disgrace." — Confucius

09/09/2023

WBOn duratti

29/08/2023

Gooticha qaalii keenya yeroo hunda ati yaadatamaadha.
Hagayya 30 guyyaa si nurraa nyaatte💔

29/08/2023

Aanaa Darraa Bakka Ansaarroo jedhamu tti kaleesa qabamte dha
Kan du'e bakki sun haa laka'uu
Ganama kana moo reefka adaraa nuu kennaa jettee jaarsummaa ergite.

25/08/2023

Bulloo paarkii Diinshoo😼

19/05/2023

Yaadachiisa!

Mootummaan namoota caasaa fi miseensa W*3*Oti jedhee yaadu hunda magaalota jiran keessaa qabee hidhuu fi waan fedha isaa irratti raawwachuuf marsaa kana akka gaariitti irratti qophaa'ee jira. Tika sivilii hedduu leenjisee kumootaan magaalota Oromiyaa hedduutti bobbaaseera. Namoonni kun meeshaalee xixiqqoo hanga waraabduu sagaleetti harkatti qabatanii manneen nyaataf bunaa irra socho'aa jiru, meeshaan kun fageenya irratti hasaasa xiqqaa waraabuun odeessa namootaarra fudhatti. Bufatalee konkolaataa keessattis hiriira konkolaataa keessa dhaabbachuun hojii isaanii hojjetu, taaksii keessatti teessoo dugda duubaa irra taa'uun eenyu akka taaksicha seenuufi bahu guutummaatti to'atu. Gonfoo(keeppii) mallayyoo mataatti godhachuun ijatti gadi butatanii, haguuggii afaanii(Mask) afaanitti haguuggachuun akka kalliinsa damma irra marsituu godhatu. Dhiirriif dubarri immoo akka hiriyaa waliif ta'anitti bakka namoonni baay'atanii bashannanitti, konkolaataa keessatti, mana nyaataa keessatti fi iddoo hedduutti wal hammatanii oduu wal harkaa fuudhuun miira jaalalan nama dagachiisanii odeessa guurrataa oolu. Keessuma namoonni keenya bakka argatan teessanii miidiyaa hawwaasa fayyadamuu irra of tiksaa.

12/03/2023
29/12/2022

jaallan qaalii❤

15/11/2022

Lafa nagaa oolaa❗

09/11/2022

Muuxannoo akka nuuf ta'uuf !

Bara 1970ta keessa yeroo lolli Dargii fi Shabiyaa baayyee ol kahe ture.Shaabiyaan uummata addunyaa fi diploomaatota addunyaa kanaatti lakkisaa gargaarsa jettanii abbaa irree kanatti hinkenniina ittiin deebisee nalolaa jiraa jettee yoo iyyatte iyyuu biyyis ta'e namni ishii dhaga'u hinargamne.

Booda EPLF/Shaabiyaan fala tokko raawwachuuf dirqamti. Gaaf tokko konkoolaataan UNHCR warra dhedheeraan sun 25 waan gargaarsaa Asabi irraa fe'uun gara giddu galaatti imala jalqabu. Shaabaan koo kararratti qabuun konkolaachistootaa fi gargaarota isaanii irraa buusuun konkolaaticha 25n bakka tokkotti qaandilleessuun namoota fudhattee Naaqifaa ishiitti culluxi jette.

Achii maaltu ta'e hinjettani? Addunyaaf laphee ishii dhiibdee namoota keessan eessatti isiniif fidu jetteka. Dargiin/Mangeen nimaraatan. Shaabaan nikofalte. Qb erteraa keessatti boqonnaa haaraatu dhufe !

The Life and Philosophy of Martin Heidegger 29/10/2022

The Life and Philosophy of Martin Heidegger Existentialism is a “movement” which like all such movements has a flabby periphery and a hard center. That center is the thought of Heidegger. To that thought alone existentialism owes its importance or intellectual respectability.  — Leo Strauss, “Philosophy as Rigorous

Photos from Raayyaa Abbaamacca's post 28/09/2022
Photos from Solooloo Times's post 28/09/2022
28/09/2022

👉Waliif qoodan dirqama keessan bahadhaa

1️⃣, Suuraa WBO qilleensa irraatti facaasanii saaxiluun dura haala suuraf viidiyoo Sanaa akkasuma bu'aaf miidhaasaa ilaalu
2️⃣, Lola keessatti yoo diina boojite, suuraa facaasuun dura mirga booji'amaan qabu eeguufii kee yaadadhu
3️⃣ , Waan yeroo ilaalan ija addunyaatti hin tolle qabeenya abiddaan barbadeessaa viidiyoon waraabanii postuu dhiisuu
4️⃣ , Daa'imman umuriin isaa waggaa 18 hin guutin meeshaa itti hidhanii qilleensa irra oolchuun seera dhabeessa nama taasisa waan ta'eef hin feesisu
5️⃣ , Reeffa diinaa irra ejjatanii suuraa ka'uu, meeshaa itti qabanii suuraa ka'uun nama madaalchisa waan ta'eef dhiisuu
6️⃣ , OLA'n ulaaga loltummaaf naamusaan, loltuu biyya kamiitii gadi akka hin taane yeeron itti firaaf alagaaf mirkaneessinu ammaa ,
7️⃣Waan loltuu bilisummaa ykn warraaqaa dhugaa irraa hin eegamne rawwachuurraa of qosachuu feesisa
Wantooti armaan olitti barreefaman kun siyaasaaf dipiloomaasii irratti miidhaa waan qabuuf W*On fi Saboontonni Utubaan qabsichaa waan sirrachuu qabu sirreessuu qabu.

26/09/2022

Jirra✊

26/09/2022

Godina Lixa Harargee aanaa Xuullloo keessatti waraanni fi dabballoonni murna bilxiginnaa dararaa fi saamicha hammeessan.

ONM-ABO Fulbaana 26,2022 Ilmaan Oromoo Oromummaa Qofaan yakkuun saamichaa fi hidhaa hammeessuun miidhaalee garaagaraa kan raawwatu murni bilxiginnaa gocha isaa badii irraa osoo dhaabbatin itti fufee jira.

Haalu kanaan godina Lixa Harargee ona Xuulloo magaalaa Hirnaa keessatti torbee darbe murni bilxiginnaa qabeenya hawaasa Oromoo saamuunii fi hidhaa hammeessuun uummata onichaa dararaa jiru.

Itti dabaluunis Fulbaana 21,2022 ona Xuulloo araddaa Kufaakaas jedhamutti nama maqaan isaa Qaasim Bakar jedhamu obbolessa keetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira jechuun qabeenyaa isaa mana qorqorroo tilmaamaan 200 ta'uu jalaa barbadeessuun Sangaa isaa jalaa qalatanii nyaatan.

Waraanni bilxiginnaa kun obbo Qaasim Bakariin erga manaa dhabanii daa'ima isaa uleen reebanii miila cabsuu maddeen ona Xuulloo Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Magaalaa Hirnaa keessatti dheengadda Fulbaana 24,2022 uummata magaalaa tumaa fi humnaan maallaqa namoota irraa saamaa akka turan dabaluun addeessaniiru.

26/09/2022

"Godina Shaggar Kibba lixaa magaalaa Sabbataa kana baraa!
Magaalli Sabbataa qarqara Finfinneetti dhiyaattee kan argamtu yommuu ta'u, magaalli kun dachee Oromiyaaf maqaa Oromoon haa waammamtus malee magaalaa alagaan irraa fi jala ishee karaa hedduun dhuunfatee Oromoo of jalatti gabroomsee jiraachisudha.
Magaalli kun bulchiinsa godinaa hanga gooxiifi gareetti ilmaan alagaa afaan Oromoo dubbataniin irra guddaa qajeelfamti, saboonni achi maandhefatan bara MM H/Maariyaam Dassaaleny bara wayyaanee keessa impaayerittii gaggeesseef bara Muktaar Kadir mootummaa naannoo Oromiyaa OPDO ta'ee bulchaa ture sabaaf sabilammootaa kibbaarraa fe'amanii dhufanii Sabbataa weeraran eyyama isaaniin, istaatistiksii jiruun saboota 59 tu jira jedhama, lafti Oromoo saboota kanaan liqiin baankii eeytamameefii lafa Oromoo bituuf gurguruurratti bobba'an, qarshii 20,000 - 50,000 hin caalleen bitanii mana viillaa,L- sheeppii fi G+ 1,2,3..., jedhamu ijaaruun miiliyoona hedduutti alagaatti gurguraa har'a ga'an ammas itti fufee jira, hunduy tuujaara, manni ammayya'aan achitti argamu hundi kan alagaatti, daldalli xiqqaa hanga guddaa kan alagaati, sababa kanaan bulchitoota hunda Oromoof qeerroof qarree gab nurraa godhaa jechuun miliishaa gandaa hanga kantiibaaf hoggantoota PP qarshiin bituun mataa Oromoorra ejjetanii jiraatu, Oromoon 99% mana jara kanaa kireeffatee jiraata, lafti gandoota magaalittii mana " caraqaa" jedhamee beekamuun kan Siilxee, Guraageefi saboota adda addaan dhaalamee jirudha, gandoonni magaalattii ilmi Oromoo tokko waraqaa eenyummaa baafachuu yoo deeme dursa bakka dhalootaatu qoratama, isayyuu qarshii 2000 ol qabaachuun dirqama, utuu ilmi Oromoo kadhatuu ganda dhufanii kan keessumsiifaman ilmaanota alagaa achi buufatanii jiran kanadha, ilma Oromootti maqaa shanee jedhamutu maxxanfama, hoteela,baariif restoraantiifi giroosarii manoota nyaataa hunda ilmaan alagaatu achii qaba jarri kun dhugaatii adda addaaf cooma mursiisuun milishaa gandaa hanga kaabinee ol aanaatti yeroo hunda affeeruun Oromoo nurraa callisiisaa jedhu qarshiis itti fe'uun, kanaaf miliishaaf poolisoonni magaalittii ilmaan Oromoo hojii barbaachaaf baratee biyyakooti jedhee kan achi jiraatuuf diina hamtuudha, ganda deemtee waraqaa eenyummaa baafachuuf dursa maqaakee laatta, isa booda erga siif baasanii maqaakee fedhiikeen raayyaa ittisaa ta'uuf galmeessiteetta jechuun utuu namni sun hin beekiin ofii galmeessanii adda waraanaatti humnaan qabanii erganii ilmaan Oromoo hedduu ficcisiisaa turan miulishonniif poolisoonni magaalitti gandoota hundarraa hojjetan, dursa kan Amaarinyaa dubbatutu achiti fudhatama qaba, ilmaan alagaa kun fudhatama qabu.

Jiraattonni magaalaa Sabbataa 99% afaan Amaaraa dubbatti. Oromoon achi jirus ilmaansaa Amaarinyaa qofa akka dubbatu taasisa of dagataadha.
Magaalaa naannoo Amaaraa fakkaatti, tajaajilli dhaabbattoota dhuunfaafi mootummaa Amaarinyaa haasa'u.
Afaan Oromootti ni saalfatu, 100% jechuu kan danda'aamu Oromoo alagaarraa kireeffatee jiraatuuf kireeffatee hojii xixiqqoo hojjetu qofadha isayyuu yoo carraa argate, Sabbataan maqaa liizii fi kkf magaalaa Oromoo buqqistee alagaa dhaalchifte waan taateef ilmi Oromoo achirratti dhalate lafasaa qarshii xiqqoon gurguree fixee, humnaanis irraa fudhatamee mana "caraqaa" jedhamuun kan dhaalame yoo ta'u kun hanga baadiyyaatti diriiree jira. Oromoon buqqa'e kun mana alagaatti waardiyyaa qacaramee, dhoqqee dhiitee bukeessee mana maragaa, Harreen bishaan guuraafii, simintoof ashawaa bukeessaa, dhoqqeef biyyoo haraa itti tufamaa qarshii xiqqoon dafqa cobsaa oola, isayyuu kireeffatee jiraata mana, ilmi Oromoo baratee hojii barbaachaaf achi dhaqe kophee qulqulleessee jiraachuuf carraa hin qabu, bakka hunda ilmaan kibbaan qabamee jira, ilmaan kun Oromoon tokko akka bakka hin qabanneef hanguma humnashee miliishaaf poolisii idilee qarshii xiqqoon walitti buustee bittee ilma Oromoo ariisifti. Shamarran Oromoo hoteelota alagaa kana keessaa bifa keessummeessituutiin qacaramanii sagaagalummaa alagaa qarshii qabu jalatti kufu.
Kun qabatamaan hojii guyyaa hundaati. Ilmi Oromoo qulqulluu ta'eefi afaan Oromoo sirriitti haasa'u akka garaa isaa biyya isaa keessa hojii warshaa alagaallee barbaaddachuuf milishaaf poolisiif socho'uu hin dabda'u. Ilmaan alagaa garuu bilissummaa guutuu qabu. Kun Sabbataa caasaa gubbaa hanga gadiitti diriiree hojii qabatamaa ta'ee jira. Waa'ee Sabbataa dubbatanii fixuun hin dandaa'amu.
Caasaa sirna nafxanyaan wal dhugee Oromoo sochii dhowweetu diriiree jira. Kun itti fufnaan balaa hamtuudha. Ilmi Oromoo gurmaa'ee hojjechuuf dursa kophee miila PP jalatti kufuun dirqama, ijaaramanii erga PP sirna isaa talaalamanii booda lafti magaalaa isiniif kennama ittiin jedhama.
Kan didee mataa jabaateef manni hidhaa Daalattii fi waajjiraaleen poolisii banaadha. Kun amma har'aatti caasaa dagaagfatee guddatee daraaree ija baafatee daangaa dhabee jira. Waan hedduutu hafa waa'ee Sabbataa, kanan arge Sabbataa haa ta'u malee magaalonni naannoo Finfinnee hundi kanuma, garuu kan Sabbataa adda.

Caasaan naf-xanyummaa magaalaa Sabbataatti dagaage kun saboonni kibba irraa yaatee carraa argatteen dhufte afooshaalee hedduu akka qomoo qomoo isheetti wal ijaaruun " iqqubii fi iddirii biiliyoonaan socho'an qabu. Qaamolee dhimmoota nageenyaa qarshiin bituun Oromoo nurraa callisiisaa jechuun bittaa lafaafi manaa magaalaa hanga baadiyyaa diriirfatanii argamu.
Ijoolleen gaachana sirnaa sirna pp jalatti gurmooftes ilmaanota nafxii kaaba irraa bara mootummoota durii achi dhaalaniifi afaan Oromoo akka Oromootti beekanidha.
Isaan kun ijaaramuun gurgurtaa simmintoo, sukkaaraafi zayitaa gaggeessu.
Ilmaan haqaas miliishotaafi poolisoota waliin adamsanii qabsiisu. Ijoolleen kun yeroo filannoo pp humnaan nama filachiisaa warra turanidha. Miliishonni gandichaa irra guddaan ilmaan nafxanyaa achitti dhalattee guddatedha. Jarri kun dhalattoota hojii barbaachaaf shaggar Lixaa, Shaggar Kaabaa fi Wallaggaa akka alqaayidaa, alshabaabii fi bookohaaramitti ilaalu. Ati shaneedha, ergama qabdaaf dhufte jedhu. Waraqaa eenyummaa sobanii dhowwaachuun sakkatta'iinsa gaafa gaggeessan kan magaalaa kanaa hin qabdu jechuun sababa godhanii hidhuun adda waraanaatti erganii ficcisiisaa turan, ammas itti jiru. Poolisoonni idilees kanuma. Waajjiraaleen seektara pp hundi matta'aafi malaammaltummaadhaan kan machaa'anidha. Keessumaa waajjirri ibsaa, bishaanii fi lafaa adda dureedha.

Waajjiraaleen kun sadan mandaraan adda baafatu. Mandara dureessaa fi iyyeessaa akkasumas nama beekamaa aangoo pp qabuun hundaa'anii ibsaa, bishaanii fi daandii koobilii hojjetu. Ibsaafi bishaanni haala kanaan mandaroota sanarraa otoo adda hin citiin ittiin jiraaru. Faallaa kanaa mandara harka qalleeyyiin keessatti baay'ataniifi namni aangoo hin qabne keessa hin jirre ibsaan yeroo hunda irra cita, bishaan manatti galfatan ji'a tokkoo oliif irraa cita. Sababni jiraattonni mandarichaa qarshii walitti buusuun kottaa nuuf deebisaa jedhanii akka kadhataniif ta'e jedhamee hojii magaalattii gandoota hunda keessatti raawwatamaa tureefi jirudha.
Itti gaafatamtoota waajjiraalee sanaa hanga hojjetaa xiqqoota sararoota ibsaafi bishaanii deebisuuf qarshii hawaasa irraa barbaadu. Warri daandiis daandii hojjechuuf akkasuma godhu.
Egaa magaalaan Sabbataa maqaan malee kan Oromoo taatee hin jirtu.
Kan sirni naf-xanyaa caasaa gadii hanga olii keessatti dagaagee daangaa dhabedha.

Dabalataan sirna caasaa pp jalatti da'annoofi agoobara sirna naf-xanyummaa kana jalaa cicciramee hin ba'amu ykn Oromoon naannawa san marsee jiru kummanni keenya Shaggar Kibba Lixaa irratti hin dammaqu taanaan saboonni kibba irraa yaatee da'oo pp jalatti lafaafi qe'eesaa irraa bitaa gurguraa irrattis ijaartee miiliyonotaan gurgurataa jirtu kun guutummaa godinichaa yeroo muraasa keessatti hanguma babal'atan kana guutummaa godinichaa irraa fudhatu.
Kun hangaan wal caalus magaalota Finfinnee marsanii jiran keessatti hidda gadi fageeffatee jira.

Waan aanaa Sabbataa Hawaas akkasumas bulchiinsa magaalattii fi caasaalee naf-xanyaa gandoota magaalaafi baadiyya keessatti hanga xiqqoo kana qopheesse kanumaanin xunura.

Kanatti fufee waa'ee dhaabbattoota dhuunfaa, warshaaleef kkf irratti waan jiru saaxilee nan kataba, sabni haa hubatu."

Photos from Oro Horo's post 13/09/2022
Photos from Adugna Kesso AduBoru/430's post 11/09/2022
Want your school to be the top-listed School/college in Adama?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address

Bole, Tullu Diimtuu
Adama
Other Colleges & Universities in Adama (show all)
SeenaaPage SeenaaPage
Adama

Shanyii jarraa Abba gadaa Shanyii jarraa Abba gadaa
Adama

Irbuu jaallan wareegamani galman ni geenya warri kaayyoo bilisummaa Oromiyaa ti amanan qofaa ilaalat

Nimona nasiro page Nimona nasiro page
11
Adama, ADAMA

kan ijaree hin diiguu alaa dhufattuu diigaa ijaruun nuttii ulfattee diiguun nuttii salphatte kanaf k

AdiAfro AdiAfro
Adama

Alfa man Alfa man
Adama

Kemal Beker Kemal Beker
Chancho
Adama, KM

መንእሞ ይኽእሎ መንእሞ ይኽእሎ
Adama

to Get Information

Abban biyaa oromodha Abban biyaa oromodha
Adama

Abban biyaa oromodha

Hararge media Hararge media
East
Adama, MA3401

oromo

Genius-land college Genius-land college
Adama

organization of the study Genius-Land College is established in 2008 E.C by enrolling 128 students as a private institution that shall effectively contribute to the modern educatio...