muaz3116

muaz3116

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from muaz3116, College & University, Adama.

11/05/2022
29/04/2022

📌 Muslimoota gondar irratti shoroorkessitoota kiristaanaatin miidhaa gahe mormii balaaleeffatu masjiida Aa’isha mormiin godhameera

📌 በጎንደር ሙስሊሞች ላይ በፅንፈኛ አክራሪ ክርስቲያኖች የደረሰውን ጥቃት የሚያወግዝ ተቃውሞ Aisha masjid ተቃውሞ ተካሂዷል።

Alhu akbar

01/04/2022

አብዛኞቻችን አፍጥር አካባቢ ጆሯችን😄😄😄

13/01/2022

Ba

Garu Hira Media 27/06/2021

Ilmaan Nabii kenyaa ﷺ nii bektaa
Yoo hin beknee nii bartaa walif godha

1- Al-Qaasim

Ilma Hangafaati. Isaan Abuu Al-Qaasim jedhanii isa kabajan. Jollummatti du'e. Amata 7 ykn 11 tahu hin olu jedhama.

2- Zeeynab

Isiin dubartoota irraa guddoodha. Abuu Al-Aas bin Ar-Rabi'i isii fuudhe.
Umaama fii Aliyyi dhalteef. Osoo Nabiin ﷺ jiru duute.

3- Ruqiyyaa

Usmaan bin Affaan Isii fuudhe. Abdullaahi malee ilmaan biraa hin dhale, inni jollummatti du'e. Osoo Nabiin ﷺ lubbuun jiru duute.

4- Ummu Kulsuum

Usmaan bin Affaan eega obboleeytiin isii Ruqiyyaan duute isii fuudhe. Ilmoo hin arganne. Osoon Nabiin ﷺ jiru duute.

5- Faaximaa

Isii Aliyyi bin Abii Xaalib fuudhe. Hassan, Husseen, Muhassin, Ummu Kulsuum Zeeynab wajjiin argatan.
Isiin irra xiqqoo dubartoota irraa.

6- Abdullaahi

Inni Xaahir fii Xayyib jechuun moggaafama. Sababaan akkas moggaafameef Eega Nabiyyummaati dhalate. Jollummatti du'e.

7- Ibraahim

Jollummatti du'e, baatii 16. Haati Isaa Maariyaadha. Isiin gabrittii Mootichi Misraa Nabiif ﷺ erge.

Ilmaan Rasuulaa ﷺ hundi Khadijjaa irraahi, Ibraahim malee. Inni Maariyaa irraahi.
Hundi Odoo Inni jiru du'an Faaximaa malee. Faaximaan isa booda duute.

Garu Hira Media Hira'a Midia Hirmaannaa Ummataa Beekumsa Gama Hundaa, Jechoota Hayyootaa, Seenaa Ajaa'ibsiisoo, Odeeffannoo Waytaawaa Dhugaa kkf (( Hiriyyootaa fi Obbolaa Keessan Add Gochuu Hindagatinaa )) 'a(GHM) https://t.me/GaruhiraMrdia

08/06/2021

French President Emmanuel Macron has been slapped by a man during a trip to southeast France.

12/05/2021

Subhan allah

09/05/2021

«በሀገራችን ሁለተኛ ዜጋ ሆኖ መኖርን አንመርጥም።»
★ T.me/ahmedin99
Biyya keeny keessatti lammi lammaffaa taanee jiraachu hinfilannu. ✴✴✴✴✴✴✴✴✴✴✴✴✴✴✴

09/12/2020

| «Kutaa 4ffaa»
Kabajamtoota dubbistoota kiyya barruu Fiilmii Drillis Ertugrul irratti
xiyyeeffate isin biraan gahaa jira, kanneen kutaa 1ffaa irraa jalqabdanii
hanga kutaa 4ffaa kanatti na faana jirtan galatoomaa jechaa, kaleessa
barruu kutaa 3ffaa keenyaan bu'aa Fiilmiin Drillis Ertugrul addunya
Islaamaa keessatti buuse qabxii ijoo A- Obbolummaa Islaamummaa jedhe
kaasnee ilaallee jirra, har'as kutaa 4ffaa keenyaan bu'aa Fiilmiin kun
addunyaa Islaamaa keessatti buuse qabxii B- Obbolummaa Turkii kan jedhu
gabaabsinee waliin ilaalla, hanga xumura barruu kiyyaatti na faana turaa.
Share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa.
B- Obbolummaa Turkii!
Eeyyeen Fiilmiin Drillis Ertugrul Obbolummaa Turkootaa sirriitti jabeessee
jira, waan nama ajaayibu garuu Turkoonni eenyummaan isaanii
Islaamummaa tahuu dha! Turkoonni jaarraa hedduuf Islaamummaa
isaaniitiin guddummaa badhaafamanii jiru, akkasumas Islaamummaa
isaaniif cabanii, dhiiganii jiru! Kanaaf Turkoonni Turkummaa isaaniifi
Islaamummaa isaanii adda foo'anii hin ilaalan! Isaan eenyummaan isaanii
Islaamummaa dha!!
Maalirraa kaatee akkana jechuu dandeesse jechuu nii dandeessu
Awuroppaanonni biyya isaaniitti dur Muslima jechuu yoo barbaadan Turkii
jedhanii waamu maaliif beektuu? Amantaa Islaamaa kabajamaa kana gara
Awurooppaatti kan tamsaase Turkoota turan, Hindii hanga Paakistaan,
Baangilaadesh hanga Kawukas Islaamummaa kan fudhachiisan Turkoota
dha.
Impaayiroota bebbeekamoo Islaamaa kan akka Suljuq, Otomaan, Mamluuk,
Gaaznaavid, Mugaalii fi k.k.f Impaayiroota Islaamaa gurguddoo dha
jedhaman kan ijaaree bu'uuresse Turkoota dha! Kun kanaan osoo jiruu
garuu Turkoonni waggoota dheeraa darbaniif tokkummaan isaanii diigamee
faffaca'anii jiraatanii jiru, kunimmoo miidhaa hangana hin jedhamneef
isaan saaxilee jira, Turkoonni diigamanii humma dhabuuni isaanii miidhaa fi
dadhabbii Muslimoota guutuu tahee mul'atee jira! Turkoonni hedduun
isaanii gamtaa Sooviyeet jalatti yeroo haammataman Turkoonni Uyguru
immoo to'annaa Chaayinaa jala seenanii jiru.
Yeroo ammaa biyyoonni akka Kaazaakistaan, Azarbaajaan, Turkimenistaan,
Azbeekistaan, Kirgistaan fi k.k.f hortee Turkii dha! Turkiin immoo yeroo
ammaa kana eenyummaa waloo Turkootaa kan ta'e Islaamummaa leellisuun
gamtaa uumuuf sochii eegaltee jirti! Kanaaf jalqabbiin immoo Fiilmii
Drillis Ertugrul dha! Mootii biyya Kaazaakistaan Nuur-Sulxaan Fiilmii
Drillis Ertugrul kana haalaan kan dinqisiifate yoo ta'u "Obbolummaa
Turkootaa kan jabeessu, gamtaa Turkootaa kan calaqqisiisu dha!" jechuun
ibsee jira.
Turkoonni yeroo ammaa kana dachii bal'aa Galaana Meeditiraniyaa hanga
kaaba Chaayinaa keessatti argamu bulchiinsa giddu-galeessa Eeshiyaa
dhuunfatanii jiraachaa jiru! Xiinxala gaazexaan beekamaa 'Asia Times'
dhiheenya kana qabatee bahe akka agarsiisutti "biyyi Turkii hortee ishee
Turkoota kana qindeessitee gamtaa tokko kan uummattu yoo taate biyyi
Chaayinaa kiyyoo balaafamaa keessa seenuu isheeti" jechuun tilmaamee
jira.
Turkoonni yeroo ammaa baayyina Miiliyoona 200 ol kan qaban yoo tahu!
Turkoonni Uyguru Chaayinaa keessa jiraatan cunqursaa guddaa keessatti
argamu, biyyi Turkiinis hortee ishee Chaayinaa keessatti argaman kanaaf
sagalee ta'uun cunqursaa isaan irra gahaa jiru mormaa jirti, kanaaf biyyi
Turkii hortee ishee Turkoota giddu-galeessa Eeshiyaa jiran kana
qindeessitee gamtaa kan ijaartu yoo ta'e Chaayinaa irratti dhiibbaa
olaanaa uumuu nii danda'u! Yeroo kanatti immoo Chaayinaan osoo hin
jaallanne dirqamtee mirga Muslimoota Uyguruu nii kabajji.
Tokkummaan Turkootaa kun kan jabaatu yoo tahe Chaayinaa qofa irratti
osoo hin taane addunyaa irrattis humna sodaachisaa nii qabaatu! Kana
waan hubatteef ture kan biyyi Turkii hooggansa isheetiin Kaawunsilii
Turkootaa kan biyyoota akka Kaazaakistaan, Azarbaajaan, Kirgistaan,
Uzbeekistaanii fi Turkiminstaan of keessatti haammate hundeessuu kan
jalqabde.
Egaan kabajamtoota dubbistoota kiyya qabxii ijoo B- Obbolummaa Turkii
kan jedhu gabaabseen asuma irratti isinirraa goolaba, kutaa 5ffaa
keenyaan Haaromsa (Renaissance) Fiilmiin Drillis Ertugrul addunyaa
Islaamaa keessatti fide bal'inaan kan
waliin ilaallu ta'a, hanga xumuraatti
na faana waan turtaniif galatoomaa.

06/12/2020

| «Kutaa 3ffaa»

Bu'aa Fiilmichi Addunyaa Islaamaa keessatti buuse...!!
Kabajamtoota dubbistoota kiyya! Kutaa 2ffaa keenya kaleessa
dubbistaniin fiilmichi akkamitti akka inni Biiliyoonotatti Islaamummaa
lallabe, namoota hedduu jibbaa Islaamummaa keessaa baasuu akka inni itti
danda'e hanga tokko ilaaluu dandeenyee jirra, Har'a immoo bu'aa Fiilmiin
seena-qabeessi kun addunyaa Islaamaa keessatti buuse bakka 3tti
qoodnee ilaalla A- Obbolummaa Islaamummaa B- Obbolummaa Turkii C-
Haaromsa Muslimotaa (Renaissance).
Guyyaa har'aa qabxii jalqabaa (Obbolummaa Islaamummaa) jedhu
qabadheen jira, hanga xumura barruu kiyyaatti na faana turaa jechaa
Share gochuun qooduu hin dagatinaa.
A- Obbolummaa Islaamummaa!
Biyyoota Islaamaa keessaa biyyi Fiilmiin kun keessatti hin daawwatamne
tokkollee hin jiru, Fiilmichi mana Muslimotaa hedduu seenee jira! Eeyyeen
namni fiilmii kana daawwate yaadaan gara jaarraa 13ffaa nii imala,
jabana kufaatii Muslimotaa sana kallattiin yaadatee nii xiinxala.
Jabana sana Muslimoonni maaliif kufan? Diinota isaanii ofirraa qolachuu
maaliif dadhaban? Olaantummaa isaanii maaliif dhuunfatamanii
gadaantummaan jiraatan? gaaffileen kunneenii fi k.k.f yeroo yaadaan
jaarraa 13ffaa imallu sammuu keenya keessatti nii uumamu, Namooti
yaadaan jabana sana xiinxalan deebii wal fakkaataa "Tokkummaan
Islaamummaa dhabamuu dha" jechuun deebisu! Eeyyeen yeroo ammaas
rakkoo wal-fakkaataa nu mudatee jiruuf maddi tokkummaa dhabuu dha.
Yeroo amma kana biyyoonni maqaa Islaamummaa himatan 60 ol ta'anis
gamtaa jabaa tokko kan isaan qindeessu kan isaan tokkoomsu hin qaban!
Sanyummaa, ilaalcha fi daangaan walirraa fagaatanii walii isaanii walitti
deebi'anii diina walitti tahuun tokko isaa kaan dadhabsiisaa, diigaa,
mancaasaa haala inni itti jiru irra jiraachuun keenya dhugaa hin haalamne
dha. Inumaayyuu yeroo ammaa biyyoonni Islaamaa gariin ergamtoota
diinaa ta'anii ergama diinota Allah galmaan gahuuf biyyoota muslimaa
kanneen mancaasaa barbadeessaa jiran biyyoota Muslimaa tahuun isaanii
dhugaa namatti hadhaa'u dha.
Fiilmiin seena-qabeessi Ertugrul dhugummaa dhimma kanaa Muslimoota
idil-addunyaatti haala barumsa namaaf kennuun agarsiisee jira!
Sulxaanota Suljuqiin kan dadhabsiisanii fi kan diigan kanneen akka Amiir
Sa'aduddiin, Koobik turan boodarra immoo warri akka Beeybolet, Amiir
Bahduddiin Sulxaana Suljuuq guutummaan guutuutti dabarsanii
mongolotaaf kennan! Koordu Ogilu, Tikin Oraalii fi k.k.f Khaa'inoota/
gantoota gocha gantummaa saba isaanii irratti geggeessan dha! Akkuma
yeroo ammaa biyyoonni Arabaa Filisxeenotaa fi kanneen biroo irratti gocha
gantummaa hojjechaa jiran kanaan wal-fakkaata.
Kanuma hordofuun dhiheenya kana Muslimoonni Jala-bultii warraaqsaa
irra waan jiran namatti fakkaata! Hoogganaa warraaqsichaa tahuun
Turkiin toora Miidiyaan ibidda warraaqsichaa qabsiisuu yeroo eegaltu
biyyoonni akka Maaleziyaa, Paakistaanii fi Qatar si bira jedhanii Turkii
waliin hiriiranii jiru, Biyyoonni kaanis faana isaanii dhahaa jiru.
Waggaa darbe yeroo fi Mootiin Paakistaan Imran Khan qaamaan
wal-arganii mari'atan dhaabbanni Tv Turkii TRT World dhaabbata Tv
Paakistaan PTV 'f Fiilmii Drillis Ertugrul kana bilisaan akka kennuuf
waadaa seene, Imran Khan 's uummanni Paakistaan akk Fiilmicha
daawwatan affeere! garuu Fiilmii Drillis Ertugrul kun Paakistaan
keessatti sodaa guddaa uumee ture.
Biyyi Paakistaani fi uummanni ishee Fiilmii kanaan dhuunfatamte,
dambaliin Fiilmii kanaa biyyattii raase, Miidiyaalee biyya Paakistaan
dabalatee ajandaan namoota siyaasaa, Aartistootaa, Walumaa galatti
hawaasa biyyattii Fiilmii Drillis Ertugrul tahe! Uummanni michuu fiilmii
Bollywood fi Hollywood ture cufa isaa dhiisuun Fiilmii Drillis Ertugrul
kanaaf harka kennate, Turtii ji'a 1 qofatte Fiilmiin kun Paakistaan keessaa
daawwattoota Miiliyoona 300 ol argachuun riikardii addunyaa caccabse.
Yeroo ammaa Lammiileen Paakistaan biyya Turkii akka biyya isaanii 2ffaa
'tti lakkaa'u! Mootii Turkii Baba Erdogan 's akka Mootii Muslimotaatti
ilaalu.
Fiilmiin Drillis Ertugrul namoota siyaasaa biyya Hindii dabalatee qe'ee
namoota hedduu rifachiisee jira , kanuma hordofuun dhaadhessitoonni
sanyummaa Hindii fi miidiyaaleen isaanii dhiibbaa Fiilmii Ertugrul kana
dhaabsisuuf Industirii Fiilmii ittiin dhaadatan Bollywood irratti Fiilmii
biyya Israayil hiikuun tamsaasuu eegalan.
Fiilmiin Drillis Ertugrul muslimoota Kashmiiriif immoo haaromsa addaa
qabatee dhufe kashmiironnis jaalala Fiilmichaa ifatti dubbatanii jiru,
hooggantoonni sochii bilisummaa Kashmiir Fiilmicha akka Galaa guddaatti
fudhatanii qabsa'aa jiru! Hoogganaan qabsoo Muslimoota Kashmiir tokko
yaada isaa TRT World 'f akkana jechuun kennee jira "Gosoonni Kaayi
baayyinni isaanii 2000 qofa tahan obsaa fi cichoominaan qabsaa'uun mataa
isaanii bilisa baasuu qofa osoo hin taane darbanii Impaayira guddicha
waggaa 600 bulche hundeessuun isaanii haala kamiinuu harka kennachuun
furmaata akka hin taane nu barsiisee jira, Ijannoon keenya jabaa yoo tahe
bilisummaa keenyaaf hanga xumuraatti cichoominaan yoo qabsoofne
seenaa ajaayibaa hojjechuu akka dandeenyu nu barsiisee jira, Fiilmichi nu
Kashmiirotaaf Galaa guddaa dha" jechuun yaada ajaayibaa kennee jira.
Waan nama dinqisiisu immoo biyya Indooneziyaa keessa garee "Brothers of
Erdogan" jedhamutu jira gareen kun Fiilmii Drillis Ertugrul dabalatee
Fiilmilee Sulxaan Abdulhaamid biyyattii keessatti beeksisa nii tamsaasa!
Maaleziyaattis haaluma walfakkaataa kanatu mul'ataa jira,
walumaa galatti Muslimoonni irra hedduun isaanii biyya Turkii Moodelaa fi
Baba Erdogan hoogganaa muslimootaa godhatanii ilaalaa jiru.
Sulxaanonni Suljuuq gaachana fi waardiyyaa Islaamaa tahanii Filisxeenii
hanga kaaba Chaayinaatti bulchiinsa bal'aa toa'atanii waggoota 200f
gaaddisa Muslimotaa tahuun bulchanii jiru, Kilaafaan Otomaanis caayaa fi
Abukaatoo Muslimootaa tahuun waggoota 600f Kilaafaa Islaamaa qofa
osoo hin taane akka idil addunyaatti Impaayira guddicha tahuun bulchanii
jiru! Isa kana deebisuuf immoo obbolummaa Islaamummaa jabeessuun
keessattuu biyyoonni akka Turkii, Maaleziyaa fi Paakistaan Piroojektii
guddaa hundeessuun socho'aa jiru...!!!
Inshaa Allah.
Egaan kabajamtoota dubbistoota kiyya Barruu kiyya asuma irrattin
goolaba, kutaa itti aanuun qabxii 2ffaa kaasnee kan ilaallu taha.

05/12/2020

| «Kutaa 2ffaa»

Bu'aa Fiilmii Drillis Ertugrul...!!!
Kabajamtoota dubbistoota kiyya yeroo darbe kutaa 1ffaa keenyaan
Qabiiyyee fi Ergama Fiilmii seena-qabeessa Drillis Ertugrul gabaabsinee
hanga tokko waliin ilaallee turre, har'a immoo kutaa 2ffaa keenyaan Bu'aa
Fiilmichi Namoota Muslima hin taane (non-muslim) irratti buuse qabxii ijoo
kaasuun kan waliin ilaallu ta'a hanga xumuraatti na faana turaan
affeerraa kiyya dha.
Share gochuun qooduu hin dagatinaa.
Fiilmiin Drillis Ertugrul biiliyoonatti Islaamummaa kan lallabe Fiilmii
seena-qabeessa dha!
Hordofaa amantaa Kaatolikii kan ta'e Pirezidaantiin biyya Veenzuweelaa
Nikolos Mador barreessaa Fiilmii kana kan tahe Muhammad Bosdag 'f
dhaamsa erganiin "Fiilmii kana daawwadhee amantaa Islaamaa
fudhachuuf qo'achaan jira!" jedhanii jiru. Amantanis amanuu baattanis
Fiilmiin Drillis Ertugrul kun qalbii namoota danuu Islaamummaaf banee
jira, keessattuu namoota biiliyonotaan lakkaa'aman jibbiinsa Islaamaa
keessaa baasuu kan danda'e Fiilmii addaa dha.
Akkuma beekamu Fiilmiin Drillis Ertugrul addunyaa guutuu kana keessaa
ardii inni keessatti hin daawwatamne hin jiru! Waan nama ajaayibu Fiilmii
kanaan namoonni haalaan haawwatamanii akkaan jaalala Fiilmichaan
hataman Muslimoota irra warra Muslima hin taane dha, kanuma waliin
immoo Fiilmichi daawwattoota Biiliyoona 4 ol argachuun abbaa riikardii
dha! Mee yaadaa Muhaadaraa ykn Da'awaa kamtu namoota Biiliyoona 4n
daawwatama? Abadan!!!
Yeroo ammaa warri dhihaa wanti isaan ittiin addunyaa kana to'atanii jiran
diinagdee fi humna waraanaa qofaan osoo hin taane meeshaa diinagdee fi
humna waraanaa caalaa addunyaa kana to'achuu danda'u Miidiyaa ykn
Industirii Fiilmii fayyadamaniiti.
Warri dhihaa waan gaarii tokko balfanii karaa miidiyaan yeroo as baasan
addunyaan guutuu waan gaarii sana balfa! Bifuma wal fakkaatuun waan
balfa tokko gaarii godhanii karaa miidiyaa yeroo addunyaa guutuuf
dhiheessan addunyaan waan balfa sana akka gaariitti fudhata! Warri
dhihaa Fiilmii fi Miidiyaa isaaniitti fayyadamanii akka balfaatti kan isaan
dhiheessan keessaa sadarkaa jalqabaa irratti kan argamu Amantaa
Islaamaa dha! Kun shakkii hin qabu.
Miidiyaan warra dhihaa Islaamummaan biiliyonotaan akka jibbamuu fi
amantaa gara-jabummaa ta'ee akka fudhatamu taasisan, yeroo kanatti
hawaasni Muslimaa boo'ichaan "Islaamummaan koo na jalaa jibbame"
jedhee gadduu malee tarkaanfii yeroo waliin wal-simutti fayyadamee
sochii tokkollee godhuu hin dandeenye! Sochii kana geggeessuu mitii yaada
kana burqisiisuu hin dandeenye ture.
Qaroomina, beekumsaa fi bulchiinsa gaarii Islaamummaa haguuguun sochii
miidiyaan warra dhihaa taasiseen ilaalchonni akka Mootummaa abbaa-
irree, Shororkeessummaa, Sarbamiinsa mirga dubartootaa, Tarkaanfii
gara-jabummaa, Uummata hin qaroomne, Alagaa waliin nagaan jiraachuu
hin dandeenye, beekumsa uumama qofa irratti hirkatee fi kanneen
ilaalcha booddetti hafoo dha jedhaman marti akka mallattoo Muslimotaatti
hanga ilaalaman tokkotti miidiyaan isaanii duula walirraa hin-cinne
amantaa Islaamaa irratti bane.
Egaa! Duulli miidiyaa hangana hin jedhamne kun Islaamummaa irratti
yeroo banamu kana uummanni Muslimaa hirriba du'a waliin wal fakkaatu
keessa badee osoo jiruu biyyi mallattoo qaroomina Islaamaa taate tokko
erga Islaamummaa waliin dugda walitti gattee waggaa 80 booda hirriba
kana keessaa dammaquun dhukkee ofirraa urguftee sochii kana
daangessuuf kan as baate biyya Turkii dha!! Eeyyeen Turkoonni immoo
Turkoota dha...!
Seenaan akka agarsiisutti Turkoonni aadaa isaanii keessatti roga kamiinuu
kaayyoo lafaa ka'aniif tokko osoo addunyaan guutuu waraana itti bantee
galmaan osoo hin gahiin duubatti deebi'uu hin beekan mul'ata kaayyoo
isaaniif aarsaa barbaachisaa mara kaffalanii galmaan gahuu malee of-
duuba deebi'uun isaan bira hin jiru.
Eeyyeen biyyi Turkii gooticha Erdoganiin hoogganamtee rakkoo fi
miidhama Muslimotaa xiinxaltee hubattee jirti! Milkaa'ina
Awurooppaanotaas, akkamitti yaadi isaanii akka bakka argate sirriitti
beektee jirti! Islaamummaan maaliif sodaatama maaliif jiibbama gaaffii
jedhuuf Turkiin eqaan ykn jibbiinsaan hin deebisneef

! Islaamummaa
jibbanii waan namoota biroo jibbisiisaniif Turkiin immoo Kiristaanummaa
ykn aadaa Isaanii biroo jibbitee hin jibbisiifne! Haa ta'u malee wal-tajjii
isaan jibbiinsa Islaamummaa lallaban irratti Turkiin immoo jaalala
Islaamummaan ilma namaaf qabu qabattee as baate!! Eeyyeen kaayyoo
ishee kanaan Turkiin milkooftee jirti.
Gaazexaan guddichi Ameerikaa New York Times Fiilmii Drillis Ertugrul
kanaan "Soft Bomb" jedhee raajeffatee jira! Washington hanga Foriegn
Policy, Miidiyaa Jarman Dotsche Welle hanga Aljazeera, BBC hanga
Miidiyaa warra Chaayinaa XINUA, Euro News hanga AFP qofa osoo hin
taane Miidiyaan waa'ee Fiilmii Drillis Ertugrul irratti hin barreessine, kan
ibsa itti hin kennine hin jiru.
Biiliyontaan kan lakkaa'aman jiraattonni ardii mara keessa jiran Fiilmii
Drillis Ertugrul kana keessaan gaarummaa, guddummaa, qulqullummaa
Islaamummaa argan! Hedduun isaanii Fiilmii kana qofaan Islaamummaa
fudhatan! Biiliyonotaan kan lakkaa'aman daawwattoonni Fiilmichaa gaaffii
wal-fakkaataa "Edaa! Islaamummaan kana dha?" jedhu gaafatan,
eeyyeen farreen Islaamaa gaarummaa Islaamaa gara gadhummaatti
jijjiiruun wal-tajjii isaan lallaban irratti Muslimni dhugummaa Islaamaa
isaaniif lallabu hin argamne ture! Kanaaf Islaamummaa jibbuun isaanii
waan nama ajaayibu miti.
Intalli warra dhihaa jibbiinsa Islaamaa dhaga'aa guddattee fi daawwattuu
Fiilmii Drillis Ertugrul kan taate Wiinii Vandarb raajeffannaa ishee TRT
World 'tti akkana jechuun ibsite:
"Ani hordoftuu amantaa Kiristaanaa dha, garuu jireenya kiyya keessatti
Fiilmii walitti-fufaa adda ta'e kan akka Fiilmii Drillis Ertugrul kana argee
hin beeku, seerota amantaa Islaamaa fi barsiisa isaa sirriitti irraa
baradheen jira! Keessattuu amantaa jabaa Muslimoonni Rabbii isaanii irraa
qabanii fi haala isaan Rabbii isaaniif abboomaman osoo hin dinqisiifatiin
bira hin darbu! Utuu har'a addunyaan keenya mootii akka Ertugrul
qabaattee silaa uummanni amantaa fi sanyiin osoo wal hin qoodiin sirna
siyaasaa tokko keessa jaalalaan kan isaan jiraatantu natti mul'ata!! Ani
nama Waaqa irraa abdii kutatee fi amantaa koo dhaben ture, haa ta'u
malee Fiilmiin seena-qabeessi kun gara Rabbii kiyyaatti na deebisee jira!
Hedduun si galatoomfa dha Ertugrul" jechuun galata ishee dhaammattee
jirti.
Eeyyeen Fiilmii kana dha kan Pirezidaantiin biyyaa osoo hin hafiin namoota
baayyee gara Islaamummaatti waame, waan nama ajaayibu Fiilmiin seena-
qabeessi kun biyyoota Islaamaa irra biyyoota Islaama hin ta'iniin
daawwatame! Kanneen sa'atii 24 Fiilmii safuu cabsu daawwachuun
keessatti hin dhorkamne Biyyoonni akka Sawud Arabiyaa, Imaareetii
Arabaa, Misir fi Bahareyniin biyya Isaanii keessatti "akka hin
daawwatamne" jechuun Fiilmii seena-qabeessa kana kan dhorkan yoo ta'u,
biyyoota akka Biraazil, Arjentiinaa, Veenzuweelaa, Ispeen, Ameerikaa,
Meeksikoo fi k.k.f keessatti garuu si'aa'inaan haala ajaa'iba taheen
daawwatamaa jira.
Fiilmiin seena-qabeessi Drillis Ertugrul kun akka idil addunyaatti
Afaanota 40 olitti kan hiikame yoo ta'u biyyoota 146 ol keessatti immoo
hawwii guddaan daawwatamaa jira! Islaamummaan kan lallabamu Masjiida
qofa keessatti osoo hin taane Da'awaan Islaamaa roga-maraan akka
danda'amu Fiilmiin Drillis Ertugrul kun agarsiistuu guddaa dha.
Ilma ilma qabsa'aa Afriikaa Niilsen Maandellaa fi miseensa Paarlaamaa
Afriikaa kibbaa kan ta'e Zwelivelile dabalatee Pirezidaantii Nikolas
Maduro, Muummicha Ministeera Paakistaan Imran Khan, Mootii
Kaazaakistaan Nuur-Sulxaan, Maatii mootii Maaleziyaa, namoota Siyaasaa
gurguddoo dabalatee hedduun namaa jaalala Fiilmii kanaaf harka kennanii
jiru.
Islaamummaan: jaalala malee jibbaa akka hin taane, gara-laafummaa
malee gara-jabummaa akka hin taane, ifa malee dukkana akka hin taane,
daandii fayyinaa malee daandii badii akka hin taane, qaroomina malee
boodatti hafummaa akka hin taane, dirree haqaa malee dirree miidhaa
akka hin taane, waliif aarsaa kaffaluu malee wal galaafachuu akka hin
taane! Biiliyoononni Fiilmii kana irraa baratanii jiru.
Inumaayyuu daawwattoonni Fiilmii Drillis Ertugrul kanneen Muslima hin
taane hedduun isaani. i "Maal qaba osoo jabanni Islaamummaa

sun deebi'ee
dhufee... Mootoliin Haqaa Islaamaa kunneen dhufanii nu bulchanii" jechuun
hawwii isaanki ibsachuu danda'anii jiru! Daawwattoonni kunneen
miidiyaalee warra dhihaa kanneen Islaamummaa xureessanii isaan
barsiisan irratti qeeqa isaanii roobsuuf dirqamanii jiru! "Dhugummaan
Islaamaa kana ta'ee osoo jiruu isin garuu Islaamummaa balfitanii
xureessitanii nutti dhiheessitan" jechuun miidiyaalee isaanii irratti komii
dhiheessanii jiru.
Akka idil addunyaatti Fiilmiin akka Ertugrul dubbi ijoo addunyaa tahee fi
miidiyaaleen gurguddoo idil addunyaa wal harkaa fuudhanii balballoomsan
fiilmiin tokkollee hin jiru.
Kanuma hordofuun Turkiin addunyaa Fiilmiin baayyee tarkaanfattee
deemtee jirti, daawwii ol'aanaa argachuun akka idil-addunyaatti fiilmii
biyya Ameerikaatti aanuun sadarkaa 2ffaa irra teessee jirti, Afaan Turkii
's Afaan Faransaay, Ispaanish fi kan warra Chaayinaa caaluun akka
guutuu addunyaatti Afaan bal'inaan Export godhame ta'ee jira.
Egaan kabajamtoota dubbistoota kiyya barruu koo waa'ee Fiilmii Drillis
Ertugrul kutaa 2ffaa asuma irrattin isinirraa goolaba, kutaa 3ffaa irratti
Bu'aa Fiilmichi Muslimootaaf buuse kaasnee waliin kan ilaallu ta'a,
hangasitti Share gochuun qoodaa, waan dubbistaniif galatoomaa.

04/12/2020

|
«Kutaa 1ffaa»
Barruu Fiilmii Ertugrul irratti xiyyeeffate kutaa 1ffaa kanaan Qabiiyyee
fi Ergama Fiilmichaa gabaabsinee waliin ilaalla dubbisaa Share gochuun
waliif qoodaa.
Fiilmiin jaallatamaa fi dinqisiifatamaan maqaan isaa Drillis Ertugrul jedhu
kana kallattiin yoo gara Afaan Oromoo 'tti hiiknu Xumura/Goolabbii
Ertugrul jechuu dha, Fiilmichi seenaa dhugaa irratti kan hundaa'e yoo
ta'u qalbii kan nama harkisu Misaayila Industiriin Fiilmii Turkii furguggise
dha.
Qabiiyyeen fiilmii kanaa kan inni irratti xiyyeeffatu Islaamummaan
saffisaan addunyaa keessatti akka baballatuuf shora Turkoonni taphatan,
kana malees walumaa galatti jaarraa 13ffaa irraa eegalee aadaa,
siyaasaa fi hawaasummaan Turkii maal irra akka ture osoo hin dabsiin, osoo
itti hin dabalamiin hanga danda'ame seenaa dhugaa irratti hundaa'uun
kan hojjatame dha.
Fiilmichi hojjatamuu kan eegale akka lakkoofsa warra dhihaatti bara
2016tti yoo ta'u, itti fufuunis seenaa itti aanu moggaasa "Kurulus
Oseman" jedhu seenaan Ilma Ertugrul Algazi hundeessaa Empire Othoman
Turkey fiilmicha keessatti nii argamu.
Fiilmiin seena-qabeessi abbaa riikardii Genues World ta'e kun walumaa
galatti seenaa hundeeffama kilaafaa Islaamaa guddicha Otomaan Turkii
irratti xiyyeeffata, akka seenaa fiilmii idil addunyaatti Fiilmiin Ertugrul
kun daawwattoota biiliyoona 3 ol argachuun Genues World keessatti
riikardii Insaayikilopidiyaa keessatti galmaa'ee jira! Dabalataanis akka idil
addunyaatti Afaanota 40 olitti hiikamuun daawwattoota biiliyoona 4 ol
argachuu danda'ee jira.
Fiilmiin seena-qabeessi kutaa isaa mara keessatti jaalala obbolummaa,
irbuu eeggachuu, aarsaa kaffaluu, Islaamummaa fi kaayyoo ofiif
wareegamuun maal akka tahe kan namatti agarsiisu yoo ta'u, faallaa kanaa
immoo gantummaa, abbaa irrummaa kana malees biyyaa fi saba ofii
ganuun hojii gadi-aantummaa fi hojii salphinaa akka tahe kan namatti
akeeku fiilmii addaa dha.
Fiilmii kana daawwachuun dhaloota amma jirru kanaaf barumsa hedduu
kenna! Keessattuu kiyyoo warra jibbiinsa Islaamaa (Islamophobia) jalaa
aarsaa akkamii kaffallee akka irra aanuu dandeenyu, diinonni Islaamaa
akkamitti Muslimoota akka wal-nyaachisan kan agarsiisuu fi kan hubachiisu
yoo ta'u, dabalataanis hanga humna keenyaa akkamitti Islaamummaa
keenyaaf, saba keenyaaf, biyya keenyaaf gaachana tahuu akka
dandeenyu kan nu akeekuu fi nu oonnachiisu dha.
Egaan kabajamtoota dubbistoota kiyyaa fi daawwattoota Fiilmii Drillis
Ertugrul walumaa galatti fiilmiin Drillis Ertugrul kun fiilmii bohaartii fi
bashannanaa ykn kan yeroo itti dabarfatan kan isinitti fakkaatu yoo ta'e
baayyee gowwamtanii jirtu!!! Fiilmichi dhimma dhaloota Islaamaaf qaruu
fi dhaloota Islaamummaaf haaromsuu dha! Fiilmichi dhimma bulchiinsa
Islaamaa fi qaroomina Muslimotaa badee ture deebisanii bu'uuressuu dha!
Fiilmichi dhimma obbolummaa Islaamummaa adda citee faca'ee jiru
deebisanii walitti hidhuudha! Fiilmichi dhimma ilaalcha Muslimotaa
xuraa'ee jiru yaaluu, guddummaa Islaamaa dhokatee jiru deebisanii
mul'isuu, ifa Islaamummaa dhaamee jiru deebisanii ibsuu dha! Fiilmichi
guddummaa fi ol'aantummaan Islaamaa kan deebi'uu danda'u baayyinaa
fi qabeenyaan osoo hin taane kaayyoo Islaamummaa irratti cichanii Allah
fi Ergamaa isaa lubbuu ofiirra caalchisanii jaallachuu akka ta'e kan nama
hubachiisu! Kana malees Allah fi Ergamaa isaaf lubbuu ofii wareeguu
irratti dhalooti wal dorgomuu akka qabu kan nama barsiisu Fiilmii
oonnachiiftuu dha malee Fiilmii bashannansiistuu ykn kan itti yeroo
dabarfatan miti.
Fiilmichi daa'imaa hanga guddaatti dhiiraa dubara osoo hin jenne beekaa
hanga wallaalaatti abbaa taayitaa hanga nama dhuunfaatti jireenya isaanii
Islaamummaa waliin akka sakatta'an kan taasisu kaayyoo fi mul'ata isaanii
akka sirreessan kan taasisu Fiilmii dhiibbaa ol'aanaa uume dha.
Mootiin Turkii Baba # Erdogan biyya Turkii qofa osoo hin taane dhaloota
Muslimaa guutuu addunyaa keessatti argaman qaraa jira, haaromsaa jira,
oonnachiisaa jira! Dhaloonni qarame, dhaloonni haarome, dhaloonni oonnate
kun immoo guyyaa tokko seenaa hojjechuun isaa waan hin oolle dha, Inshaa
Allah!!!
Egaan kabajam toota dubbistoota kiyya barruu koo waa'ee Fiilmii Drillis
Ertugrul kutaa 1ffaa asuma irrattin isinirraa goolaba, kutaa 2ffaa irratti
Bu'aa Fiilmichaa kaasnee waliin kan ilaallu ta'a, hangasitti Woliif share gochuun qoodaa Kessan baha waan dubbistaniif galatoomaa

25/10/2020

"Humnan dhabe malee Nama mucaa koo Ajjeese nan Beeka" abbaan Hacaaluu obboo Hundeessaa Boonsaa. Dhugaa jette abbaa koo Nama Hacaaluu Ajjeese oromooniis sirriti beekaa!

Photos from muaz3116's post 24/10/2020

Wallagga Bahaa Aanaa kiiramuu magaalaa qoqoffeetti Qeerroon Mootummaa Cehumsaa Oromiyaaf hubannoo kennaa jira.

[SQ-onkoloolessa 24/2020]

Qeerroon Bilisummaa Oromoo wallagga bahaa Aanaa Kiramuu magaalaa Qoqoffeetti haala yeroo mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa ABOn labse irratti ummataaf hubannoo kennaa jiru.

Magaalaa keessatti waraqaa hubannoo facaasuun akka hawaasni naannoo dubbisu gochaa jiru.

24/10/2020

Gootonni Hidhaa jiru!
Oromoon guyyaarraa akka baalaatti rasaasaan akaawamaa jira!
Carraan Oromoo hidhamuu, reebamuu, gudeedamuu, biyyaa baqachuu ta'eera!
Ajandaa kamtu kana nu irraanfachiisa?
Donald Trump Egypt tarii laga Abbaay dhoosuu dandeetti jedhee, kanaafuu maaltu haarawa? Biyya keessatti Mootummama isiitiin kan dhumaa jiranii fi yoo Egypt Hidhicha dhoofte nuuf garaagarummaa maal qaba?
Warri jettan kun maaltu dursuu qaba? ( Priority) beektuu?
Anaaf garaagarummaan hinjiru, Obboloonni koo guyyarraa Mootummaa Abiyyiin dhumaa, hayyoonni koo hundi hidhaatti guuramaa Hamilee Laga Abbaayiif ittiin harka dhawu hinqabu.
teenya saneen sanuma.
Hamilee Abbaay keenya ittiin jennu hinqabu.

24/10/2020

Naqamteetti maaltu dhalate❓
(Odeeffannoo hanga ammaatti arganne)

Guyyaa kaleessa magaala Naqamtee keessatti dargaggoota 5 humnoota nageenya mootummaatin ajjeefamaniiru. Dargaggoonni kunneen Raagu'eel Haayiluu, Heenok, Falmataa, Seefuu Kadir, Yisaaq Zalaalam (Abbittii) jedhamu. Dhimma kana ilaalchisee kaleessa galgala kaasee namoota taate kana dhiyeenyatti hordofaa turan irraa odeeffanneerra.

- Ijoolleen kaleessa ajjeefaman kun magaala Naqamtee Ganda 05 naannoo kutaa bulchiinsa Qassoo jedhamuun waamamutti mana tokko keessatti waliin jiraatu.

- Yeroo taateen kun raawwatamu (gara sa'aatii 5:30) dargaggoonni afur mana isaani keessatti turan.

- Waraanni Humna Addaa Poolisii magaala Naqamtee konkolaata paatroolii 4n dhufanii mana ijoollee kana seenuun haleellaa gaggeessuun ijoollee lama battalumatti ajjeesan.

- Ijoolleen lama ammoo haala kana ilaalanii mana duubaan miliquuf osoo dheessutti jiran mooraa keessatti humna waraana eegaa tureen ajjeefamaniiru.

- Dargaggeessi tokko ammoo manaa alatti qe'eedhuma kana keessatti ajjeefameera.

- Kana booda sa'aa booda gara naannoo sa'aatii 11:00tti taate kana kan hubatan jiraattonni naannichaa mormii fi dheekkamsa isaani dhageessisuutti eegalan.

- Humni Waraanaa bakka san ture garuu miira ummata tasgabbeessuuf humna fayyadamuun reeffa ijoollee kana akka hin kaane dhorkuun achuma bakka kufanitti akka bulan taasise.

- Odeeffannoo amma arganneen reeffi isaani ajjeefamanii sa'aatii 24 booda amma gara naannoo sa'aatii 06:30tti akka kaafamu godhame gara maatiitti geeffamaa jira.

Poolisiin waa'ee kana maal jedhe❓

Poolisiin Humna Addaa magaala Naqamtee ibsa baaseen namoonni tarkaanfiin irratti fudhatame afur miseensoota Abbaa Torbeetiin kan shakkamaniidha jedheera. Namoonni kunneen ajjeefamuu kan danda’an Magaalaa Naqamtee keessatti yeroo adda addaatti maqaa abbaa torbeetiin lubbuu namaa galaafachaa turuusaaniitiin shakkamanii Onkololeessa 13, bara 2013 guyyaa keessaa sa’atii 5:30tti Kutaa bulchiinsa Qassoo jedhamee waamamu

Photos from muaz3116's post 23/10/2020

!
Maal argina yaa sabaa! Bineensillee akkanatti ajjjeefamee hin gatamuum. Addunyaa mirgi waraabessaallee keessatti kabajame keessatti nuti Oromoon qeee itti dhalanne, qe'ee itti uumamne harma haadha keenyatirra jiraachuu dadhabneeree? Ajjeechan duruu jiraa, harka maaltu nama mana isaa keessa jiru, nama jiruu hiyyummaa tana keessa jiru akkanatti biddeenirratti ajjeesaa? Maali yakki nuti raawwanne kana hunda? Mee yakkuma kamtu akkanatti nama galaafachiisaa yaa Oromoo? Yakki suukaneessaa dhala namaatif miti, bineensafillee hinmalle kuni guyyaa har'aa asuma Oromiyaa magaalaa Naqamteetti guyyaa har'aa raawwate. Dargaggoota abdii maatii fi biyyaa kichuu boruuf eegamtu shantu waraana Abiyyii Ahmedin akkanatti mana ofii keessatti ajjeefame. Yaa Oromoo yoo atillee waliif birmachuu dadhabde, addunyaattillee iyyadhu maaloo yaa sabaa!! Jarana horiidha gad taanem, maa calliftuu, maa callifna maal eegna yaa Oromoo! Ayii!

Want your school to be the top-listed School/college in Adama?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Videos (show all)

French President Emmanuel Macron has been slapped by a man during a trip to southeast France.
Subhan allah
«በሀገራችን ሁለተኛ ዜጋ ሆኖ መኖርን አንመርጥም።»★ T.me/ahmedin99Biyya keeny keessatti lammi lammaffaa taanee jiraachu hinfilannu. ✴✴✴✴✴✴...

Telephone

Website

Address

Adama
Other Colleges & Universities in Adama (show all)
SeenaaPage SeenaaPage
Adama

Shanyii jarraa Abba gadaa Shanyii jarraa Abba gadaa
Adama

Irbuu jaallan wareegamani galman ni geenya warri kaayyoo bilisummaa Oromiyaa ti amanan qofaa ilaalat

Nimona nasiro page Nimona nasiro page
11
Adama, ADAMA

kan ijaree hin diiguu alaa dhufattuu diigaa ijaruun nuttii ulfattee diiguun nuttii salphatte kanaf k

AdiAfro AdiAfro
Adama

Alfa man Alfa man
Adama

Kemal Beker Kemal Beker
Chancho
Adama, KM

መንእሞ ይኽእሎ መንእሞ ይኽእሎ
Adama

to Get Information

Abban biyaa oromodha Abban biyaa oromodha
Adama

Abban biyaa oromodha

Hararge media Hararge media
East
Adama, MA3401

oromo

Genius-land college Genius-land college
Adama

organization of the study Genius-Land College is established in 2008 E.C by enrolling 128 students a