Nibraas jamaal

Nibraas jamaal

May people is Good popile

27/01/2023

Nabiyyii
Qabeenyi Ardii kanaa lubbuu ilma namaa tahuu nu barsiise irratti
Salawaata buusaa

27/01/2023

Yaa RABBI ummata Wolloof birmadhu.
Si malee homaa hin qabanii humna nuuf tahiif.

27/01/2023

Xiqqaatus Ummata Wolloo du'aa'iin bira dhaabbadhaa !
Du'aa'iin humna guddaa dha.

27/01/2023

" Gubbaa dachee jiraatuu nu dhoorkanis,jala isii jiraachuu hin dadhabnu " jedhan Goototni Wolloo..
Yaa ALLAAH

27/01/2023

Ramadaanni dhiyaate..
Yaa RABBI wal jala nun dabarsin !!

Photos from Nibraas jamaal's post 27/01/2023

Warri osoo balaa kanaaf furmaata godhuu dandeessan afaan qabattanii teessan hunduu: Gaafii RABBII fi dhalootaa jalaa hin baatan.

Biyyi teenya yoomii as kasaaraa sadarkaa kana gahe cal'isee walirratti laaluu eegale ?!

Ummata osoo kuun achii dhiigu,kuun asii sirbu wajjiinis RABBIIN nu uumee jira!

Hayyuun dur ummataaf fala ta'ee ummataaf iyyus,dhimma dhuunfaa isaatiif cal'isuu filatee jira !!

Osoo Gootota wolloo ta'uu baatee...

19/01/2023
15/01/2023

Yoo Gammachuu argachuu feete✍️

1. Nama hin miidhin !

2. Nama hundaa gammachiisuuf immoo hin dhama'in!

3. Namootarraa waan guddaa hin eegiin!

4. Jijjiirama/jijjiiramuu hin sodaatin!

5. Waan darbe yaadattee itti hin miidhamin, Garuu irraa baradhu malee!

6. "Ani namaa gadi" jettee hin yaadiin
Namaa olittis of hin ilaalin!

7. Waa'ee jiruu jireenyaa yaadi malee humnaa ol hin dhiphatiin (hin yaadda'iin)
Rabbii guddaatu ofharkaa qaba waan ta'eef!

8. Dhiifama namaa gochuu amaleeffadhu!

yeroo Gaarii qabaadhaa🙏

03/01/2023

Hojiin koo Ji’oota 11 kessati namoota Millonan daawatamun daran na jajabesse!
Namooni Hojii koo daawatanis tehee namooni hojiin koo akka ummata bira gahuuf na waliin ifaajan hundi kessanu Galatoomaa

Imali keenya itti fufa..🙏

03/01/2023

Abbaan ilmaan 670 Musa Hasahya dhalchuu dhaabe.

Qonnaan bulaan lammii Ugaandaa ilmaan hedduu qabaachuun addunyaarratti beekkamu Musa Hasahya sababa qaala'insa jireenyaatiif dhalchuu akka dhaabe hime.

"Dhawaata barri deemuun galiin argadhu akka malee xiqqaataa dhufte, maatiin kiyya ammoo guddachaa dhufan" ja'e.

Musan ilmaan ifii dhalche 102, ilmaan Akaakoo tahuuf ammoo 568 qaba. Garuu amma jaartiileen isaa akka qoricha dhala dhoorku fudhataniif ajajee jira.

Musan jaarsa amata 67ti. Jireenya isaa keessatti jaartii 12 fuudhe. Yeroo ammaa tana biyya Ugaandaa baadiyyaa Lusaka ja’amtu jiraata. Warraafi ilmaanis hamma tokko walitti qabee qa'ee takka keessa waliin jiraataa jiran.

Dailymail waabeeffanne

03/01/2023

Lukkuu Arrabsuu

Zeydi Bin Maalik irraa (Rabbiin isarraa haa jaalatu), Ergamaa RABBII ﷺ akkana jedhan:
" Lukkuu/hindaaqqoo hin arrabsinaa. Waan salaatatti nama dammaqsuuf "
حديث حسن
Lukkuu kormaaf RABBIIN dandeettii yeroowwan salaataa adda baasee sirnaan beekuu isaaf kennee jira. Keessattuu salaata halkanii irratti raajii qaba. Yeroo halkan dheeratuu fi gabaabatus sa'aatii salaataa gonkumaa hin dogoggoru.

Aa'ishaan (Radiyallaahu Anhaa) akkana jetti:" Ergamaan RABBIIﷺ yeroo halkan rafan:sagalee lukkuu dhageenyaan ni ka'u "

Akka seenaatti: Gariin Sahaabota Ergamaa RABBII ﷺ Yeroo imalaaf karaa bahan lukkuu fudhatanii karaa bahum Akka yeroon salaataa isaan jalaa wal hin rukunneef.
ذكره الدميري في حياة الحيوان

Gabaasa qulqulluu keessatti: Ergamaan RABBII ﷺ akkana jedhan:" Yeroo sagalee lukkuu dhageessan: Rahmata RABBII kadhaa. Lukkuun yeroo san waan malaa'ikaa argituuf ..."
حديث صحيح

Walii galatti lukkuun uumaa ajabaati. Hirriba guddachuu isii wajjiin yeroo salaataa sirnaan qabdee nama dammaqsuun waan raajii dha.
Hadiisotni armaan alatti dabarsine: lukkuu abaaruufi arrabsuun haraama akka tahe nu barsiisa.

Kan sababa lukkuun salaataaf nama dammaqsuuf arrabsuun haraama ta'e: nama Ulamoota ilmii gurguddaa ummata barsiisanii fi daa'iiwwan karaa jannataatti nama yaaman arrabsuun maal jenna?!

Rabbiin adaba nutti haa bitu!

08/10/2022

Guyyaa akka har'aati. Hijraa 11 ffaa irratti,Baatii Rabii'ul Awwal,guyyaa 12 ffaa ture.
Guyyaa ifaan addunyarraa godaane,guyyaa gaddi fuula dachee haguuge. Guyyaa madaa fi qaawwi seenaa ilma namaa keessatti qaawwe.

Guyyaa ilmi Abdallaah Nabi Muhammad mana biyyee keessa,siree firaasha hin qabne ciisee,kan wanti nyaatan mana hin jirre,qoma Haadha Teenya, Kabajamtuu Zalaalam, mucayyoo xiqqoo umrii 18 tan taate Aa'ishaa mataa isaaniitiin qoma isii irra ciisanii addunyarraa godaanan kan ta'ee dha. !!

Guyyaan kun guyyaa ayyaaneffannaa osoo hin taane guyyaa gaddaati. Garuu nuti guyyaa dhalootaa fi guyyaa du'aatiifis ayyaana hin qabnu malee!

Jarri haqarraa maqanii guyyaa dhalootaa fi guyyaan du'aa harkaa wal dhaheef RABBIIN ifaa qajeelumaa haa kennuuf jenna.

اللهم صل وسلم وبارك عليه

08/10/2022

+30 Allahu Akbar
Maqootii Torbaan Azaba
Mee Yaa obbooleewwan ko qalbii guutuudhan na hordofa rabbiin
najaa nuhaa baasu.
Waa'ee balbala Azaaba/Jahaannam torbanii wal ha yaadachiifnu.

Nullee rabbiin najaa irraa nu haa baasu 7ffaa # HAAWIYAA
jedhama.
Namni balbala kana seenee abadan keessaa hin baafamu.
Laa ilaaha illallah
# Haawiyaan
laga ibiddaa Hababaa jedhamtu of keessa qabdi.
Balballi Azaabaa jahen hafaniyyuu rabbiin laga kana irra akka
isaan baraaruuf rabbii isaanii kadhatu.
Kutaa azaabaa kana keessa tulluu
sa'udaa jedhamtutu jira.
Ishee keessatti diinnaan rabbii harkaa fi miila isaanii fuula isaanii
wajjin walitti hidhamee tulluu kana irraa gara gaditti darbamu.
Waardiyoonni azaaba kana eegan
guyyaa tokko fuulli isaanii ifee hin beeku
Namni hulaa kana seene haala ol aanaa ta'een waan hojii ofii
argatu
6ffaa ASIIR jedhama.
_____________
As keessa gamoo ibiddaa 300 ta'antu jira.
Tokko tokkoon gamoo kanneen keessa manneen 300tu jira.
Tokko tokkoon manneen kana keessa immoo adabbii bifa 300
qabutu jira.
Jawwee fi bofti keessatti argamu.
Balballi adabbii Jubal Hazani jedhamu kan namoonni azaaba
hunda keessatti gadda guddaa keessumeessantu jira.
Yemmuu balballi kun banamtu namoonni azaaba keessa gadda
keessatti kufu.
5ffaa Jahiim jedhamti.
_______________
As keessa qaanqe ibiddaa gurguddootu jira.
Guddinni qaanqe tokkitti addunyaa ammaa kana gaha.
4ffaa Huxamaa jedhama.
________________
Balballi kun lafee
lafeedhan walitti maxxansuudhan beekamti.
Adabbii as keessa jiru onnee namaa keessa kan urtee seentudha.
Namoonni balbala kana seenan
osoo iyyaanii fi kadhatanii imimmaan dhiiga booyu.
Eergasii immoo imimmaan malaa madaa fakkaatu dhangalaasu.
Hanga fedhan iyyanis
kadhatanis guyyaa sana eenyunuu isaanif hin birmatu.
3ffaa Saqar jedhama.
_____________
Saqar waan argatte hunda nyaatti .
Tokkollee hin hambiftu .
Gogaa namaa kasaleessiti.
2ffaa Lazzaa jedhamti.
_________________
Harkaa fi miila nyaachuudhan beekamti .
N

07/10/2022

Faayidaa guyyoota 28'f jennee Heeraaf Seerri Sheriaa ISLAAMAA akka sharafamu hin eeyyamnu jedhan Amiirri. Qaxar 🇶🇦 Sheikh Tamaam Bin Hamaad.

Qopheessituun geeba addunyaa 2023 Qaxar ulaagawwaan ofeeggannoo hirmattonni fi dawwattoonni guutachuu qaban ifa goote.

Wal_dorgommii kubbaa miilaa idil-Adunyaa biyyi Qaxar qopheessitu baatii sadaasaa keessa akka jalqabamu beekamaadha. Addunyaan guutuunis hawwii olaanaadhaann eeggataa jiru. Qaxaris seeroota ajaa’ibaatin as baatee jirti.
- Taphataas ta’ee leenjisaa Murteessaas ta’ee Namni kamuu yeroo gara Qaxar dhufu Sartafikeeta fuudhaa heeruma ykn Sartafikeeta Nikaa yoo qabaate malee Dubartii waliin Siree qabatee buuluu hin dandahu kana bira dabree yoo dubartii waliin siree takka qabatee argame karchalleettin darbaa jettee jirti
- Mallattoo Uffata Warraa koornayni ykn Saalaa tokkoo walfuudhu heeyyamu garsiisu uffachuun dhoorgaadha; keessafuu warra saalaa tokko qabu yeroo walqunnamtii saalaa raawwatan yoo qabaman Ajeechaadhaan Akka Adabduus dhaadattee jirti
- Dhugaatii Macheessituu Alkoolii qabu dhuguun hin yaadamu keessafuu namni Nyaata Sammuu hadoochu fayyadamee argamee hidhaa waggaa 7 isa eeggata kan jedhuufi seeroota birootis tapha kubbaa idil-Addunyaa kanaan walqabatee seeroota tumachaa jirti Warri FIFA tis seeroota kana mirkaneessee fi jira.

Perezedaantiin Federeeshinii kubbaa Miilaa Qaxar kan tahan Jeneraal Abdulaaziiz Abdallaa akki jedhan Guyyaa 28 f jennee fasaada Heeraaf seera Amantaa Islaamaa sharafu kamuu ni daangessina jedhan.

07/10/2022

Tun Madiinaa dha!
Yaa RABBI Hawwii qofatti nan hambisin.
Na fidii na dhaabi Xeybaa Nabii
صلى الله عليه وسلم

07/10/2022

Mana bareedaa, jireenya gammachuu, Rizqii barakaa, Umrii dheertuu, Jaartii Raaziyaa, ilmaan gaggaarii, Jiruu Ibaadaa, Du'a shahaadaa (khaatimaa bareedduu) Rabbi sihaa badhaasu!

Du'aa'ii tana Aamiin jachuu hin dagatinaa Jzk..

07/10/2022

Galgala arraa Arshii Rahmaan irraa gammachuu haarawa sihaa dhageeysisu!

07/10/2022

❤️ Makkaa .. Ya Rabbi Muslimoota Hunda Mana Kee Daawwachiisi.. Ameen🤲

Photos from Nibraas jamaal's post 06/10/2022

Numatu Waliif Dhiyana
Numatu Waliif kafana !

Deeggarsi ilmaan oromoo Sikkoo-Mandoo biyya Yuukee (UK 🇬🇧 ) jiraatan, karaa dhaabbata Namoomaa irraan ummata Lolaan buqqifamanii rakkina beelaa fi dheebuu cimaaf saaxilaman,Godina Baalee, Aanaa Dalloo Mannaa,Ganda Kallee Golbaa jiraataniif, Maatii 1,280 tahuuuf bifa addaatiin godhamee jira.

Ummatni keenya kan Waldaa Sikkoo-Mandoo Yuukee hojii seena-qabeessa hojjattan kanaan RABBIIN addunyaa fi aakiraa isin haa milkeessu.

Amaanaan teessan: bakka lolli lammii lafa isii irraa duguuge, bakka harmee harmi isii goge,bakka dheebuun kokkee fi afaan gogsite,ummata waan nyaatu dhabee,bakka seenu dhabee rakkate bira gahee jira.

Baga bakka rakkoon kun itti furamu akka furtan carroomtan isiniin jenna!

Osoo halkan tokkos tahee sababa keessan miskiinni tokko quufee buluun,isiniif gammachuu har'aa boruu taati.

RABBII isin jaalatee,isinirraas haa jaalatu.

06/10/2022

Osoo ati hirriibaa hin ka'in duratti Niyyaa tee hunda Rabbi siif haa guutu!
Aduun guyyaa boruu gammachuu kana dura hin arkiniin siif haa baatu!

05/10/2022

Namni ergaamaa rabbii jaalatu hundii Salawaata irraatii haa taasisnu

05/10/2022

Obboleeyyan keenya kanneen karaa haqaa, amantii ganamaa, gara Islaamaa dhuftan baga Rabbiin isin milkeesse. Baga Muslima taatan. Baga kaayyoo Rabbi nu uumeef bartan. Karaan Rabbitti nama dhiheessu, amantiin Rabbi biratti fudhatama qabdu Islaama qofa.

Abbaa keenya Aadam irraa kaasee Nabi Muusaa fi Nabi Iisaanis(Yesuus), ergamtoonni Rabbii hundi Muslima turan. Ergamtoonni hundi ergaa Islaamaa ummata biraan gahaa turan. Kanaaf riqichi milkiitti nama baasu, karaan Jannata nama badhaasu Islaama qofa.

Eega Muslima taatan Qur’aanaafi Sunnaa ergamaa xumuraa Nabi Muhammadﷺ jabeessaa baraa. Amantiin Islaamaa baratuutti nu ajajje. Namni bare daran hubannoo gabbifata. Namni bare dhugaarratti gad dhaabbata. Shari’aa baruun hedduu gaariidha.

Muslima tahuu keessaniin rakkoo isin qunnamtu irratti obsaa. Wareegama kafaltan hunda Rabbiirratti lakkaawwadhaa. Rabbiin keenya galata warra gaarii hojjatee hin balleessu. Rabbiin keenya galata warra obsee lakkoofsaan malee galcha. Rabbiin guddaan Iimaana isiniif haa kannu. Dhuma teessan bareechee Rabbi Jannataan isin haa badhaasu.

05/10/2022

"Dhugatti Mu'minni Mu'minaaf akka dhaaba manaati. (Jidaarri ykn girgiddaan manaa)gariin isaa garii jabeessa."
Nabi Muhammadﷺ
[Bukhaarii 481]

- Qubbeen harka Isaa wal keessa naqee Sahaabaa garsiisaa ergamaan Rabbii kana dubbate. Gosa garagaraa irraa dhalatus, afaan adda addaa dubbatus, biyya-biyya qabatus, bifaan adda tahus namni Rabbitti amane(Muslimni) hundi obboleeyyani.

*إنَّ المُؤْمِنَ لِلْمُؤْمِنِ كَالْبُنْيَانِ يَشُدُّ بَعْضُهُ بَعْضًا. (وشَبَّكَ أصَابِعَهُ.)*
الراوي : أبو موسى الأشعري.

Photos from Nibraas jamaal's post 05/10/2022

Sanyiin Jaarraa Abbaa Gadaa Harargee biyya Jaalalaa irraa ka'ee: Biyya Waaqoo Guutuu Baale jira. Jaalalleen kiyya,Hiriyyaan kaayyoo,Ustaaz Anas Mohammed Idriis

- Baga biyya seenaa irraa gara biyya seenaa dhufte!

-Baga biyya fageenyarraa dheebotaa turte qubatte. Biyya Gooticha Kamaal Heebboo baga dhufte.

- Dachee dhiirri kaleessaa keessaa bookkisaa addunyarraa deemte keessa deemii laali!

Want your school to be the top-listed School/college in Adama?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Videos (show all)

Telephone

Website

Address

Adama
OK
Other Colleges & Universities in Adama (show all)
SeenaaPage SeenaaPage
Adama

Shanyii jarraa Abba gadaa Shanyii jarraa Abba gadaa
Adama

Irbuu jaallan wareegamani galman ni geenya warri kaayyoo bilisummaa Oromiyaa ti amanan qofaa ilaalat

Nimona nasiro page Nimona nasiro page
11
Adama, ADAMA

kan ijaree hin diiguu alaa dhufattuu diigaa ijaruun nuttii ulfattee diiguun nuttii salphatte kanaf k

AdiAfro AdiAfro
Adama

Alfa man Alfa man
Adama

Kemal Beker Kemal Beker
Chancho
Adama, KM

መንእሞ ይኽእሎ መንእሞ ይኽእሎ
Adama

to Get Information

Abban biyaa oromodha Abban biyaa oromodha
Adama

Abban biyaa oromodha

Hararge media Hararge media
East
Adama, MA3401

oromo

Genius-land college Genius-land college
Adama

organization of the study Genius-Land College is established in 2008 E.C by enrolling 128 students a