Jibril Abduljebar

I'm conservationist Oromoo of Oromia

25/04/2024

اَلسَلامُ عَلَيْكُم وَرَحْمَةُ اَللهِ وَبَرَكاتُهُ‎
Muftii Sheik Imadudin Sheik Kaliil
Leenca Nahwii;Sarfii Fi Manxiqaa
------/Umrii Nuuf Waara
Namni Bira Jirtan Seena Isaani Irraa Barreesa Dhalootaf Dabarsaa

25/04/2024

اَلسَلامُ عَلَيْكُم وَرَحْمَةُ اَللهِ وَبَرَكاتُهُ‎
Afwan Yoo Isin Mufachiise

10/04/2024

اَلسَلامُ عَلَيْكُم وَرَحْمَةُ اَللهِ وَبَرَكاتُهُ‎
EID-MUBARAK
Baga Rabbiin Eidal Fitrii Bara 1445/Hijraa Geettan

Photos from Gali Ababor page's post 06/04/2024
06/04/2024

#💖💖

✅Fiidaka Abbii waa Ummii wa nafsii
yaa RASSULALLAH
Alleyhii wa Allihi wassallam

↘Yaa Rassulallah
Yaa Ergaama Allama
Yaa Habiballah
➡Nabii muhammad Irra jaalatama
Irra khabajama
Irra caalaa
Irra gaarii
Irra bareeda
Irra garaa laafa
Irra obsa qabata
want duniyaa irra jiruti
Alleyhii wa Allihi wassallam 💖

👉 Anii heddun sii jaaladha❤

Photos from Xaahir Galatoo's post 06/04/2024
03/04/2024

Oh, Allah make it easy for us to pass the bridge of Sirat on the day of Judgement and stop us falling in the fire of hell 💔🤲😭

02/03/2024
Photos from Dr. Mohammed Kedir's post 17/02/2024
27/11/2023

MAASHAA ALLAH ALHAMDULILLAH NI QABA NAMA JEDHU NU GODHI

SEERA MAALLAQAA

Hariiroon maallaqaa wajji qabaachuu qabnu ta namaa wajji qabaachuu qabnurraa hedduu adda miti.

1. Maallaqa hin jibbin. Namaas hin jibbin.
Wanni jibban takka namarraa fagaatti. Nama tokko yoo jibbite sirraa fagaata. Maallaqniniis akkasuma. Warri maallaqaan jechoota badaa je'u kadhatti booda aana.

2. Hin qabu hin je'in. Namni keenya aadaa itti tahee yoo namni liqii ykn sadaqaa kadhate, deebiin isaa automatically "hin qabu"u dha. Gaafa osoo qabduu hin qabu jette, waa lamaatu sitti katabama. 1. Osoo qabduu irraa hoongoytee horii kee namni biraa nyaata.

3. Yookaammoo horiin kee si harkaa faffaca'ee harka duwwaa hafta. Yoo qabaachuu baattellee nin qabaa malee hin qabu hin je'in. Maalif jennaan nin qabaan kee san ni katabama. Guyyaa nin qaba jetterraa eegaltee qabeenya horachuu eegalta. Yoo 100 qofa qabaattee namni tokko 100 si gaafate, hunda kenniif jechuu kiyyaa miti. 10 kenniifii itti barbaaddadhu je'iin. Yoo 100 san itti haajamtemmoo kennuufin dirqii miti. Garuu, hin qabu hin je'in. Namni gariin "haraam" je'ee kakata. Kun mataan isaa haraami. Akkasumatti sitti katabama. An nama saayinsii ti. Garuu, wanti jirtu numa jirti. Kana waaniin muuxannoo mataa kiyyaarraa irra gehe waan taheef nin beeka.

4. Maallaqa abuse hin godhin. Maallaqni akkuma namaa ti. Yoo abuse goote sirraa fagaata.

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا كُلُوا مِن طَيِّبَاتِ مَا رَزَقْنَاكُمْ وَاشْكُرُوا لِلَّهِ إِن
كُنتُمْ إِيَّاهُ تَعْبُدُونَ.

Waan qaama keenyaaf tolu, ka fayyaa teenyaaf nu barbaachisuu alatti maallaqa keenya baasuun qisaasa. Hanga nuuf gehuu ol nyaachuu fii dhuguunis qisaasa. Waan nuu gehuu ol binnee ykn bilcheeysinee hambaa facaasuun qisaasa.

Dubbii tiyyarratti guyyaa tokko faxara nyaachuuf bakka takka deemne. Bakki Markaatoo dha. Faxara qaata nyaanne osoon je'uu nyaannu malee je'ee gurbaan tokko nu geeyse. Hoggaa teenye booda, tole, hanga keeysan qofa ajajadhaa, anaatu kafalaan je'een. Lakkii kun anarraa...atis nyaachuu qabda naan je'e. Osoon diduu nyaata fidan. Nyaattu malee. Hin nyaadhu jechuun hin nyaadhu jechuu dha. Hiikaa biraa hin qabu. Okay, ani kiyya fudheetin hoggaan beelawe nyaadhaa miikkaa naa barbaadin je'een. Hay! Aboo san qaanii mii naan je'e. Ati miikkuma naa fidiin je'een. Gurbaan kaaniis nyaatee jiraa beekaa. Nyaata gurbaan bite tuttuqee dhiise. Nyaata san namni nyaatu waan hin jirreef jecha ni darbama. Yoo maallaqa kee guddaafatti darbuu baatte, hambaa dha jettee nyaata hin darbin. Durumaan hanga sii gehu beeki. Hoggaa fixxe saanaa fii harka kee arraabi. Abbaan fedhe haa faaraa siin je'uu. Kun seera maallaqaa ti.

5. Sadaqaa kenni. Kitaabban amantaalee hunda keeysatti, kenni dachaa tahee siif deebi'a jechuu jira. Garuu, nama kennituuf beeki. Namni ati kennituuf nama hin qabne tahuu qaba. Malaan nyaataaf hin kennin. Sadaqaa kennuun akka midhaanirraa cinqii buqqisuu ti. Ka biraatis siif seena. Ka hafees siif barakata. Kana malees hoggaa nama tokko gammachiifte qalbiin si gammaddi.

6. Lubbuu hin rakkisin. Namni nama lubbuu rakkisu, nama yeroo hunda cinqii odeeysu, nama alaan'alu bira dhaquu hin fedhu. Yoo nama akkanaa taate, hiriyoota heddommeeyfachuun sitti jabaata. Maallaqaniniis akkanuma. Nama cinqamu hin fedhu.

7. Karoora qabaadhu. Waan sii galu laalii, jiruu akkam (lifestyle) akkam akka jiraattu murteeysi. Akka Caalaattin jiraadhaan Caalaa si hin godhu. Akka taaytaa teetiitti jiraachuu bari. Waan sii galurraa hanga qusachuu dandeeysu murteeysi. Nyaata kee sharshaaroo dhaan osoo hin taane, jimlaan bitadhu. Nyaata bilchaataa osoo hin taane, jiraa bitadhu. Bilcheeysuu baradhu. Yoo konfoleetsa taate, konfoleeysa akka keetii wajji jiraadhu. Nama wajji jiraachuun bu'aa hedduu qaba. Tokkoffaa social life si barsiisa. Lammaffaa maallaqa si qusachiisa. Sadaffaa, kophxummaa si laga. Afraffaa, nama wajji marihattu, ka gargaarsifattu sii kenna. Shanaffaa, si booharsa. Jahaffaa, nama irraa waa barattu ykn barsiiftu sii keenna. Wanni guddaan akka maallaqa kee hin qisaasne si gargaara. Ammoo araadaa taheetin nama biraa irratti irkadhaan hin dalagu. Haqa namaa firraa eegi. Haqa namaa jechuun maallaqa qofaa miti. Yoo nyaata faraqatti bilcheeysitan, guyyaa faraqaa teetii na dhukkubaa fii jinnii jettee hiriyoota kee agabsuun haqa namaa nyaachuu dha. Guutumatti, mala namatti baasuun waan BADAA dha. Kana hin godhin.

8. Wanni ati baaftu waan siif galuu gad tahuu waba. Karoorri kee kana sirritti lafa kaayuu qaba. Maa qarshii 10 illee hin taane, waan arkaturraa waan achi kayyaachuu si barbaachisa. Namni dalagatu ka kana godhuu hin dandeenye nama karoora malee jiraatu qofa. Yoo kana goote, ati wahumaati siif siqa.

9. Hiriyoota kee wajji if hin madaalin. Hiriyoota kee wajji wal gargaari. (Don't compete but co-operate).
Biyya guutuu wajji if madaali. Dubbii tiyyarratti, nama tokkoon magaalaan an jiraadhu tanatti godaansise. Magaalaa jiraachuu turetti dalagaa dhabee rakkannaan if biratti na godaansisi naan je'e. Niin godaansise. Akka carraatti guyyuma inn godaane san bakkaan dalagaaf naqadhe takkarraa interviewf na yaaman. Boru dhufuu dandeeysaa? jennaan boru interview lammummaa ( Citizenship interview) takkaan qabaa hin dandehu je'een. Iftaan hoo? jennaan nin dhufaan je'een. Guyyaa san gurbaas fuudheetin dhaqe. Hoggaan interview fixadhe, hiriyaan kiyya kunis amma asitti godaanee dalagaa barbaadaan je'een. Intalti haa seenuu yaami naan jette :) . Mataa kiyya caalaa isaafiin irra gammade. Aboo dalagaan argamtee deem seeniin je'een. Ji'a 3 guutuu hanga qubattuu kiraafis hin rakkatin. Hoggaa qubatte, mana barbaaduu eegalla. Ati cinquma hin haasawiniin je'een. Gurbaan kanuma akka ajaa'ibaa ti. Ji'a 3 fixe. 4 ni fixe. Kiraas hin kafalu. Manaas hin barbaaddatu. San qofaa miti. Bakka dalagaattis ceekuun na dhidhiibuu eegale. Guyyaa tokko leencoo ni haasoynaa taa'in je'en. Tokkoffaa, maallaqa wal qixa arganna moo akkam? Ee. Egaa takkaa kiraa na gargaaruu...takkaammoo mana barbaaddachuu. Niin barbaaddadha je'e. Sin gargaaraan je'een. Lammaffaa, ana wajji compete hin godhin. Nuti wal gargaarra malee wal hin dorgomnu. Yoon si wajji compete hin goone, eenyu wajjin compete godha? naan je'e hahaha. Well, ta duraa tii hin mootu. Waan hin mooneef sii himuu? jennaan ee je'e. An warra biyyaa tii wajjiin compete godhaan je'een. Yoo na wajji compete godhuu barbaade, dura high school fixuu qabdaan je'een. Akkuma dhufeeniin mana baruumsaa ka galgalaa naqe. Xiqqo deemee keeysaa bahe. An high school qabtii yuniversitii na galchituun fixeetin xiqqo dalagee fira gargaara je'eetin yeroof dalagaa eegale. Inni wanni if fooyyeysuu je'aniin kitaaba isaa keeysa hin jirtu. Yoo na wajji compete goote, ni kuftaa dhiisiin je'een. Dura gargaarsa kiyya dhabda. Hiriyummaa kiyyallee ni dhabda. Ni dide. An xiqqo booda dalagaa san dhiisee ta biraa ta sanirra wayyaa argadhe. Achi boodallee niin gorse. Dalagaan tun hin waartuu weekend kee dhugaatitti dabarsuu mannaa koolej deemii koorsii takka fudhadhuun je'een. Biiyti tun nama akka kiyyaa kana yeroo hunda ni barbaaddi naan je'e. Akkasumatti kubbaaniyaan san waan hunda buqqaafattee Mexico galte. Inni harka duwwaa hafe.

Yeroo hunda biyyaa wajji compete godhi malee hiriyoota kee wajji compete hin godhin. Yoo kana goote, hiriyaa dhabda. Sadarkaa biyaatti qabeenyaan, beekkumsaan, fayyaan warra dhibbantaa kurna gubbaa (top 10%) keeysa jirurraa tokko tahuuf yaali. Yoo baruumsarra jiraatte, hiriyoota kee gargaari. Mataa keetif sadarkaa biyyaatti dorgomi. Yoo hojiirra jiraatte, warra wajji dalaydu gargaari. Ammoo kubbaaniyaa san keeysatti warra barbaadamu keeysaa tahuuf yaali. If kabachiisi. If jaalachiisi. Yoo achirraa baate, akka dalagaa biraa argachuun si hin rakkine mirkaneeyfadhu.

Maallaqa kee itti hin dhugin. Itti hin aarsin. Itti hin qamahin. Qumaaraan hin taphatin. Ganda t**h t**h itti hin baasin. Nama biraa caaluuf gunaa hin kennin. Namaan itti hin miidhin. Warra waa laaluuf hin kennin. Warra Rabbiin sii kadha jedhuuf hin kennin. Yoo du'aa'i barbaadde atummaan kadhadhu. Rabbiin magantaa hin barbaadu. Nama dhabeef liqeeysitee dhala irra hin fuudhatin. Namattiin hin boonin. Fira kee hin dagatin. Walumaagalatti, maallaqa kee "abuse" hin godhin jechuu kiyya. Maallaqa kee waan gaariin itti nyaadhu. Hanga sii gehu qofa nyaadhu, sadaqaa irraa baasi. Firaan itti yaadadhu. Uffata bareedaa itti uffadhu. Bakka gaarii itti deemii laali. Hin jibbin. Itti hin goggogin. Hin qabu hin je'in. Kana goonaan maallaqni si jaalata. Sitti yaa'a.

Oh, cinqii odeeysaa hin oolin.

16/11/2023

Want your university to be the top-listed University in Adama?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Videos (show all)

_=====Raayyaa Abba Macaa Afeeramtan____=2022

Telephone

Address

Adama
CONSERVATIONBIOLOGY
Other Colleges & Universities in Adama (show all)
Kaamil Abdulmanen kedir Kaamil Abdulmanen kedir
Ethiopia In Adama
Adama

Shanyii jarraa Abba gadaa Shanyii jarraa Abba gadaa
Adama

Irbuu jaallan wareegamani galman ni geenya warri kaayyoo bilisummaa Oromiyaa ti amanan qofaa ilaalat

Nimona nasiro page Nimona nasiro page
11
Adama, ADAMA

kan ijaree hin diiguu alaa dhufattuu diigaa ijaruun nuttii ulfattee diiguun nuttii salphatte kanaf k

AdiAfro AdiAfro
Adama

Alfa man Alfa man
Adama

Kemal Beker Kemal Beker
Chancho
Adama, KM

መንእሞ ይኽእሎ መንእሞ ይኽእሎ
Adama

to Get Information

Abban biyaa oromodha Abban biyaa oromodha
Adama

Abban biyaa oromodha

Hararge media Hararge media
East
Adama, MA3401

oromo

Genius-land college Genius-land college
Adama

organization of the study Genius-Land College is established in 2008 E.C by enrolling 128 students as a private institution that shall effectively contribute to the modern educatio...