Haqaafan Oromia

Haqaafan Oromia

You may also like

Odaa
Odaa

This page is my

23/11/2023

Faayidaa wanta tokkoo yeroo barreessinu, Fknf bishaan ganama ganama garaa duwwaatti dhuguun dhukkuba garaachaaf, Kintaarotiitiif, Kaleetiif, akkasumas fayyummaa rifeensa mataa keenyaaf gaariidha yoo jedhamu har'aa fi boru dhuganii iftaan jijjiirama arguu barbaadda yoo ta'e yeroo dhiyootti jijjiirama baay'ee hin argattu waan ta'eef dhiisi hin fayyadamin. Yeroo fudhata, obsa gaafata, obsas nama barsiisa.
Galatoomaa!!!

23/11/2023
23/11/2023

BAARILEE
======
Googaan nama fangasiin hubamuu yeroo dheeraaf tureedha.
Sababoota nu saaxilaan
-Umrii dargaggeessa fi ga'eessa
-Dafqaa ykn fuuruu namoota ittii baay'atu
-Hanqinnaa nyaata
-Humna ittisaa dhukkubaa gadiaana qabaachuu
-Hoormonii dhiphinaa/yaaddoo-stress baay'achu
-Rakkoo jeenetiksii
-Naannoo qilleensa ho'aa fi yabbaa
Mallatoole dhukkubicha
Jijjiiramni googaa irraatti muldhatuu bifaa irraatti hunda'aa
-Adii-Diimessu
-Gurraacha -daalachatti
Naannawaa qaama gogaa miidhamu (cululuqaa olaana qaban)
-Mormaa
-Laphee
-Dugda
-Fuula
-Miiraa hooqsisaa
-Jajjabachuu gogaa
Yaalaa
>-Dawaa fangasichaa ajjeesuu bifaa
-Dibataa
-Liqimsamuu

21/11/2023

Akka Addunyaatti Daqiiqaa Tokko Keessatti Dubartoota Afur (4) Kaanserii Harmaa Akka Qaban Itti Himama (WHO)! Mallattoo isaa yoo beekne dafnee yeroodhaan yaalamuuf hedduu fayyada!
________________________________
Mallattoolee Kaansarii Harmaa
1. Waanti jajjabaataan akka dhiitaa fakkaatu harma keessatti uumamuu. Kana qaqqabuudhaan ilalauun ni danda'ama.
2. Fiixee harmaa keessaa dhangal'aan keessumaa dhiiga makate gadi dhangala'uu.
3. Fiixeen harmaa kan duraan fuulduratti ba'ee jiru, deebi'ee gara keessaatti galuu ykn dhooquu (retraction).
4. Dhukkubbii harmaa fi fiixee harmaa
5. Jijjiirama gogaa harmaa irratti mullachuu. Kunis diimachuu, gogaan harmaa waan akka dirmammuu (qola burtukaanaa fakkaachuu) fa'i.
6. Xannachoonni bobaa jalaa guguddachuu, kunis keessaumaa jalqaba irratti bobaa gama harma hubame sanaan jiru irratti kan mul'atudha.
7. Dhiita'uu ykn hagaan dabaluu harmaa. Kanas keessumaa harma lamaan waliin madaaluun ilaaluun ni danda'ama.
Hub: Mallattoowwan armaan olii, kaanserii armaan alatti dhukkuba sasalphaa ta'an biroon illee dhufuu mala, kanaaf deemanii qoratamuudha malee mallattoo kana arguudhaan "kaanserii harmaati" jedhanii na'uu ykn sodaachuu miti!
Fayyaan Faaya
Dr. Gurmeessaa H

21/11/2023

DADHABUU ONNEE IJOOLLE FI DAA'IMMAN
**********************************************
Onneen dhiigaa raabsuuf tajaajila.
*Dhiiga hin qulqulla'in(CO2 ) sombaa geessuun dhiiga qulqulla'e immoo (oksijiinin badhaadhe) deebisee fudhachuun qaamotaaf raabsa.
lamatti qoodamu
-Raabsuu
-Deebisuu

-Mirgaa- deebisun sombaaf geessu
-Bitaa -sombaa deebisun raabsuu
Dadhabuu onnee daa'immaan/ijoollee
* Mudaa onnee
fullahuu goloota
- Raabsanii(VSD)
-Deebisaani(ASD).....
*Miidhama- Infeekshini
-Balbaala goolota (MV.TV)
-Maashaa
-Keessoo goolota
-Dhahanna/Rukkutta
*Dhibbaa dhiigaa
*Hir'innaa dhiiga
*Rakkoo hormoonata
Mallatoolee dadhabuu onnee
*Daa'immani(Infants)
-Daddaafiin Hafuura baafachu
-Harmaa hodhu dadhabuu
-Dafquu
-Huqqachu
-Qufaa
-Bifaa gurraachessu
*Ijoollummatti
-Sochii dadhabuu
-Aariitin harganu
-Itaa
-Rukkutta onneen jeeqamu
-Boraatii hedduu fayyadamu
-Ukkamamuu yeroo halkan ....
Qorannoo barbaachisu
-Raajii
-ECG
-Echo
Wol'aansa woliigalaa
-Oksijini,
-Boqannaa
-Soqiddaa hin qabnee
**Dawaa fincaansisuu
**Yaala baqaqsaa
Ittisaa
-Infeekshini huuba qoonqo dawan yaalu
-Qulqullina keessoo afaani eeggachu
-Hordoffii cimaa gochuu
""
""
Galatoomaa
Fayyaa Taa
Dr. ABDURASHID KADIR

Photos from Dr Oliyad Shegene's post 21/11/2023
19/11/2023

HIR'INA VITAMIN B12
************
MALLATTOO
1. Qaama ofii keessumaa harkaaf miilaa miira nama waraanuu, gubuu fi kkf namatti dhaga'amuu.
2. Sammuun daddafee waa hirraanfachuu, waan yaaduu sababaan yaaduu dadhabuu.
3. Salphaatti aaruu, dheekkamuu, of jibbuu gadda garmalee (depression)
4. Dadhabbii garmalee fi waa hojjachuuf yaalan ykn socho'an afuurri nama cituu.
5. Onneen daddafee fi humnaan dha'achuu.
6. Nyaata nama jibbisiisuu, ulfaatina hir'isuu, teessisuu fi balaqqamsiisuu
7. Dhukkubbii afaanii (afaan keessa madaa'uu) yokaan afaan nama gubuu.
8. Rakkoo deemsa dadhabuu ykn balance eeganii deemuu dadhabuu.

AKKAMIIN NAMA QABAA?
1. Dhikkuboota garaachaa kan xuuxamuu vitamin B12 kana ittisan akka : Atrophic gastritis, crohn's disease fi kkf
2. Rakkoo dhukkuba hir'ina dhiigaa fidu pernicious anemia jedhamu yoo qabaatan.
3. Qorichoota dhukkuba garaachaaf kennaman kan farra asidii garaachaa ta'an yeroo dheeraaf fudhachuu.
4. Sababa dhukkuba garaacha huban kan biraaf jecha baqaqsanii yaaluun garaacha namootaaf yoo godhamu.
5. Umuriin baay'ee namoonni dullooman, yeroo baay'ee bu'aalee biqilootaa qofa nyaatan hir'ina vitamin B12 kanaaf saaxilamoodha.

VITAMIN B12 EESSAA ARGANNAA?
Vitaamin B 12 kan argamu yeroo hedduu bu'aa beeyladaa kan ta'an akka: -Hanqaaquu
🔴Foon diimaa
🟢Qurxummii
🟡Foon lukkuu fi kk irraa sirriitti arganna.
Hagi vitamin B12 aama keessaa yoo hedduu gadi bu'e garuu mana yaalaa deemuun vit B12 bifa qorichaan qophaa'e fidhachuun dirqama.
"Fayyaan Faaya"
Dr. Gurmeessaa

19/11/2023

Dhukkubbii Garaa Daa'imman
===========//============

*Daa'imman sabaabiin mana yaala fayyaa geeffaminiif dhibbeenta 20 kan ta'an ciniinnaa garaa akka ta'ee ragaan ni muldhisa.

-Daa'mni fedhaa isaani karaa ittiin ibsatini ykn akkaa dubbiittii boo'ichaan tajaajilamu.

*Gidduugaleessan daa'imman guyyaatti saa'aati 2f yoo boo'aan fi umriin isaani torbee 6tti caalatti boo'uu.
Yeroo dheeraaf kan boo'an -halkanii fi waarii

Daa'imman umrii isaani ji'a 3 olii yeroo dheeraaf boonnan

-Rakkina amalaa

-Harmaa yeroo muraaf qofaa luugu

-Mukuuf saaxilamu

*Rakkoo fayyaa qaamota

-Agartuu ijaa

-Cabaa lafee

-Iinfeekshini ujjummoo fincaanii fi kale

-Mar'immaan gudunfamu

-Mudaa onnee fi hiddaa dhiigaa

* Miidhaan daa'imaarra gahuu hin jiruu

**Ciniinna garaa seera sadeen

-Dhalatte torbee 3tti eegaluun

-Guyyaa keessa sa'aati 3f

-Torbaanitii guyyaa 3f

-Hanga ji'a 3 tura

*Haadholii mukuuf saaxila

*Dhiigni sammuu daa'immatti jiguu

- Hurguuffii cimaa(shaken baby syndrome)

*Barnoota fi Gorsaa gahaa maatiif keennu!

-Harmaa luugsisuu
-Sossobuu...
-Dawaan/qorichii hin barbaachisu

Galatooma
Fayyaa taa

Dr.Abdureashid

19/11/2023

Michii Sombaa(pneumonia)
****************************

Sombii qaama dhiiga qulqulleessuuf ooluu

Afuuffeen sombaa iddoo oksijinii fi kaarboondayioksayiid ittii woljijjiranidha.

- Infeeksini ijummoole qilleensa garaa gadii michii sombaa jedhama.
->Sirna hargansuu jeeqa
Lubbu ajjeessu sadarkaa duraa qabata
-Biyyoota hiyyeeyyi ta’an keessaatti % 99
-Ameerikati michiin sombaa % 97n xiqqaate jedhuu
-Sababa xiqqaatu michii sombaa
-Dawaa
-Talallii
-Inshuraansii fayya

*Sababoota michii sombaa
-Vayirasii
-Baakteeriya
-Fangas
- Maxxanne
-Lubbu maleeyyii

Sababoota nama Saaxilan

-Ijoollee wogga

15/11/2023

FAAYIDAA NUUGII
1. Haala salphaan hirriba rafuuf ni tola.
2. Fayyaa onnee keenyaaf ni gargaara.
3. Fayyaa gogaa keenyaaf ni tola.
4. Farra keemikaalaati.
5. Goginsa garaa nurraa qolata.
6. Bokokuu(dhisamuu) garaa ni ittisa.
7. Ciniinnaa garaaf ni tola.
8. Dhibee kintaarootii namoota qabani ni fooyyessa.
9. Fayyaa lafee keenyaaf.
10. Jabiina sammuuf nigargaara.
11. Gogaa kenyaaf nitola.
12. Dhiibba dhiigaa ittiisuuf
13. Furdiina garmaleeyyiif.
Galatooma

05/11/2023

Dhangala'aa qaama saalaa dubartii
**********
Dhangala'aan qaama saalaa xaliilaa akka bishaanii fi xannachoota qaama saalaa fi ulaa gadaameessaa keessa jiruun burquun qaama saalaa qulqulleessuu fi dhukkuba nurraa ittisuuf gargaara!
Yeroo baayyee dhangala'aan kun fayyaqabeessa ( normal) ta'ullee yeroo garii fkn yeroo marsaa laguu, harma hoosisan fi kkf hammi isaa ,foolii fi halluun isaa jijjiiramuu mala!

Maaltu dhangala'aan kun akka jijjiiramu godha!
1. Wanta akka saamuunaan qaama saalaa keessa dhiquu
2. Kiniina Mala ittisa ulfaa
2. Baakteeriyaa ykn fangasii
3. Dhibee sukkaraa

Dhangala'aa sirrii (abnormal) hin taanee yoom jenna?
----
Yoo halluun, fooliin , fi hammi isaa kan duraanitirraa jijjiramee kan hooqsisu, miirri gubuu kan nutti dhagahamu ta'e mallattoo dhukkubaa ykn infeekshiinii tahuu danda'a!

Maal godhuu qabna?
✍ Qaama saalaa saamunaa foolii urgaawaa qabuun dhiquu dhabuu fi wantoota urgooftuu qaama saalaatti biifuu dhabuu
✍ paantii baayyee nama qabdu uffachuu dhiisuu
✍ yeroo sagaraa baane ykn qaama dhiqanne booda fuuldura gara duubaatti haquu . Kuniis akka Infeekshiiniin qaama saalaa hin seenne godha

Fayyaa hin dhabinaa!!
Dr Abdulfetah Ibrahim

01/11/2023

FAAYIDAA VAASELINE KANA BEEKTU!!
1- Jiidhina qaama guutuuf:
Gogaa lallaafaa bareedaa argachuuf erga dhiqattee booda qaama kee guutuu irratti faayadami⚱
🌷 2- Naannoo ijaa: 👀
Kutaa gogaa naannoo ija keessanii kan miira namaa kakaasu suuta fi saffisaan qulqulleessuuf Vaseline fayyadamuu.
🌷3- nyaara Ija dheeraadhaaf.🤷 ♀️
Halkan Vaasiliiniin xiqqoo rifeensa ija keessan irratti argamu lallaafaa fi fiixeen akka hin gargar baane taasisa.
🌷4- Umrii urgooftuu dheeressuu: 🌷
Urgooftuu jaallattu dibachuu kee dura Vaseline haphii dibadhu, umrii urgooftuu keetii dheeressuuf akkasumas gogaan kee akka hin gogne eeguuf.
🌷 5- hidhii bareechuf/ibsu: 👄
Vaasiliiniin ifa addaa itti kenna.
🌷 6- Miilaaf: 👡👠👞👣
Vaazeliin miila keessaa jilbaa fi bakka goggogaa dibachuuf gargaara.
< Miilli kee sirritti deema👣
🌷 7- Meeshaa miidhaginaa/ make up balleessuuf itti fayyadamuu.👸
🌷 8-Vaseline fayyadamuun harka lallaafachuuf
🌷9- Danfiin fuula namaa dhiqachuu: 💆‍♀️💆
In .. Fuula keessan Vaseline dhaan xuuxaa sana booda fuula keessan madaa irra kaa'aa

01/11/2023

Forforii Rifeensaa, ka'umsa, Mallattoo Fi Mala Ittisa Isaa.
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Mallattoolee Foroforii
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
● Rifeensa mataa keessa wanti akka daakuu harca'auu (keessumaa yoo harkaan haxaa'an ykn filtuu mataan filatan).

● Yoo xiqqoo sanarra jabaate immoo gar malee hooksisuu fi waan akka qolaa harca'uu fa'i.

Ka'umsa Foroforii fi Mala Ittisa isaa......
Guutuu isaa dubbisuuf hidhaa gadii tuquun seenaa Marsariitii dr.heran official jedhu jalaa dubbisaa
https://t.me/heran_official

30/10/2023

Bofaan Ciniinnamu(snakebite)
===========//============
Miidhaan bofaan ciniinnamu namarran gahuu
-Dhukkubsatu
-Lubbuu dhabu
Hedduminan biyyooni hubaman
-Eeshiyaa kibbaa fi kibbaa bahaa
-Gammoojii saharaa gadii,
-Laatiin Ameerika
Gabaasni Dhaabbata Fayyaa Addunya
*Ciniinaman-5000000
*Du'an-81000-138000
Hadhaa/summiin kan qaban fi hin qabnee
●Qaamonni ciniinaman
-Harka,
-Miila,
-Jilba
-Faana
Summiin
●Naannoo ciniinna qofaa hubuu
● Qaamota hedduu miidhu
-Narvoota
-Dhiiga
-Onnee
-Kalee

Odeeffannoon ijoo bofaan ciniinnamu●Eessatti fi yoom
●Gosaa bofa (suuraan)
●Akkaataa fi baayinnaa

Bakka ciniiname ilaalu
●Uramaa
●Ragaa summii:dhukubbi,diimessu,iitaa...
Summii hamaan -Severe envenomation
●Gosaa bofaa beekkaman hiddamuu
●Dhiitaa saffisaan guddachaa dhufu
●Saffisaan itaa dhangala'oo guuruu
●Iddoo ciniinnaa dhiignii olbahuu
●Xannachaa mudaamuddii iteessu
Mallattoolee Summii faffaca'a
-Onneen Ariitin rukutuu
-Dhiibbaa dhiigaa gadi bu’uu
-Sammuu jijjiiramuu,
-Fincaan hir’achuu
-Bowwo
-Dadhabbii
-Funuuna
-Gaggabuu
Barmaatile Dhorkaman
-Baqaqsuu fi xuuxuu
-Ciinceessu.
-Kareenti elektirikii
-Gudunfuu Ykn hidhuu(Turniquets)
Hundaa Duraa
-Naannoo irraa fageessuu
-Boqonnaa/tasgabeessu
-Gosa bofaa-suuraa
-Uffataa fi faaya irraa baasu
-Sochii ittisuu
-Bufataa fayyaa hatattamaan geessun
*-Dawaa farraa summii /hadhaa bofaa
*-Madaa saamuna fi bishaanin dhiquu
*-Qarqaarsa qaamota miidhaniif gochuu

Galatomaa
Fayyaa taa

27/10/2023

FOOLII QAAMAA BADAA FI DAFQA BOBAA HAMAA

Namoota tokko tokko irratti dafqi qaamaa, kessattuu kan bobaa Jalaa, ni baay'ata. Dafqi baay'atu kun ammoo qaamni keenya foolii badaa akka qabaatuuf sababa ta'uu mala.

Kun ammoo ofitti amantummaa keenya gadi buusuun hariiroo nuti qaamaan namootatti dhihaannee goonu irratti akka of shakkinu godha.

Mee hardha, wontoota foolii qaamaatiif nama saaxilaniif haala foolii kan Ittiin hirdhisuu ykn balleessuu dandeenyu tokko tokko ilaalla:

Qaamni keenya xannachoota xixiqqoo dafqa maddisiisan (sweat glands) miliyoona sadihii hanga afurii ta'an gogaa keenya irraa qaba. Isaanis akaakuu lama qabu.

Inni tokko(Eccrine glands) gogaa qaama keenya uffisee argamu hunda irratti kan argamuufi hoo'a qaama keenyaa to'achuuf dafqa haphii akka bishaanii kan maddisiisu dha.

Inni lamataa(Apocrine glands) ammoo
googaa naannoo qaccee harmaa, bobaa, qaama saalaa fi naannoo gurraatti kan argamu dha.

Xannachi kun harmaa irratti aanan maddisiisa, gurra keessaatti ammoo guurii gurraa kan maddisiisu yoo ta'u, gogaa akka bobaa jiraniif ammoo dafqa yabbuu ta'e kan pirootiiniif kemikaalota biraa qabu maddisiisa.

Namoota foolii badaa qaamaatiif saaxilaman keessaa:
- Namoota Furdinna garmalee gudda ta'e qaban.
-Namoota yeroo baay'ee nyaata zayitiin itti baay'ate fayyadaman.
- Namoota hedduminnaan foon diimaa nyaachu guddisan
- Namoota dhukkuba Sukkaaraa qaban.

Karaalee foolii qaamaa ittiin hirdhifnu yookin balleesinu:
-Qulqullina dhuunfaa keenya eeguun:
* Qaama keenya bishaan hoo'aa dhaan dhiqachuu.

*Yeroo yeroodhaan rifeensa bobaa keenya haaddachuu.
* Saamunaa mana qorichatti gurguraman Kan baakteeriya hirdhiisuuf fayyadan kan Akka MEDICAM fa'a fayyadamuu.

* Erga bobaa keenya qulqulleesine booda sh*ttoo ykn "deodorant" adda adda fayyadamuu.

* Nyaata zayitiin itti baay'ate yeroo hedduu fayyadamuu dhabuu. Foonii diimaas baay'isuu dhabuu. Kuduraaleef fuduraalee fayyadamuu.
Galatooma..

27/10/2023

Laaftutti as hin geenye

Yeroo walqunnamtiin saalaa gaggeeffamu sanyii kormaa miliyoona 200 hanga 300 tu qaama saalaa dubartii keessatti dhangala'a. Hundi isaanii waldorgoommii daakkiitiin hanga killee oovaarii irra gad lakkafifamteen walqunnamanitti tattaaffii ajaa'ibaa godhu. Miliyoona 200 keeysaa irra baayyeen isaanii dadhabee gariiniis du'ee sanyii kormaa 300 hanga 500 qofaatuu killeen wal qunnama.
300n kana keeysaa tokko qofaatu irra jabaate killee sanaa wajjin fartilaayizeeshiinii uuma.

Tokkichi fiigicha maaraatoonii injifate san eenyu ni beeytaa? Si'ii bar!
Akkuma gaafa sanaahu rakkoo meeqaaf harka kennachuu didde ammallee wanni feete yoo dhufte harka hin kennatin!!
Dr.heeraan
https://t.me/heran_official

27/10/2023

Dhangala'aa adii qaama Saal*aa (milky whit*ish ge***al discharge) beektuu?
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
☆Dhangala'aan kun afaan ingiliffaatin "leukorrhea" jedhamee beekama. Shamarran irratti umurii dargaggummaa irraa kaasee hanga marsaan l*guu dhaabbatutti mul'achuu ni danda'a. Yeroo hedduu sababa jijjiira hoormoonii saa*laatin dhufa. Qaamni saa*laa maloota ittiin of qulqulleessu waan ta'eef yeroo baay’ee noormaalidha, garuu yeroon rakkina agarsiisus inuma jira.

Guutuu isaaf Hiidhaa gadiin seenuun marsariitii SIFANORO .COM jedhu jalaa dubbisaa.
👇👇👇👇👇👇👇👇
https://is.gd/J1Uwty
https://is.gd/J1Uwty

27/10/2023

Walqunnamtii Saal*aa Yeroo Laguu.
○•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••○
Dhiirri jaalallee/haadha warraa isaa sirritti jaallatu yeroo isheen laguurra jirtu wal quunnamtii saal*aa wajjin raawwata. Hammam akka ishee jaallatu ragaa ba'aaf. Osoo itti hin boonne haadha manaa isaa waliin yeroo laguu wal quunnamtii saa*laa dhiirri raawwatu dhiira miira isaatiif osoo hin taane jaalallee/haadha warraa isaatiif yaadudha.

■ Faayidaa wal quunnamtii saa*laa yeroo laguu:.........
Guutuu isaaf Hidhaa gadii tuquudhaan marsariitii KAKUPRESS jedhu keessa seenaa dubbisaa.
👇👇👇👇👇
https://is.gd/HdTZIj
https://is.gd/HdTZIj

27/10/2023

Walqunnamtii saa*laa daqiiqaa hammamiif irraa turuu qabna?

Deebii gabaabaa: Atii fi haati mana kee hammam akka dheeratu barbaaddu? Garuu qorannoon saayinsii dhimma kana irratti gaggeeffame daqiiqaa 3 hanga 13 gidduutti akka ta'u agarsiisa.

Akka Armaan gaditti qoodne ilaalluu dandeenya.
1). Daqiiqaa 1–2 “baay’ee gabaabaa” jedhamee kan murtaa’e yoo ta’u,

2). Daqiiqaa 10–30 ammoo “baay’ee dheeraa” jedhamee fudhatame.

3). Gama biraatiin, Daqiiqaa 3–7 “gahaa” jedhamee,

4). Daqiiqaa 7–13 ammoo “kan barbaadamu” jedhamee madaalame.

walqunnamtiin qaama saa*laa giddu galeessaan daqiiqaa 3-7 tura, Kanaaf hin dandeenye jette of hin dararin.
. Mohammed

27/10/2023

Fedhii foonii of irraa baasuu / MA********ON ( ONEENUMMAA )
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
kutaa 1ffaa.......

Ma********on jechuun namni tokko matuma isaatiin fedhii foonii isaa ofuma isaatii of baasudha. Ma********on raawwatte jechuun s£x goote jechuudha, dhumate. Dhiirota baay'eedhaaf ma********onin gosa walqunnamtii saa*laa isa filatamaadha. Dhiira kamiyyu durbummaa isaa kan dursee fudhatu dubartii osoo hin taane ma********on dha. Goonkumaa ma********on raawwadhee hin beeku dhiirri jedhu yoo jiraate sobduudha. Ma********on yeroo tokko tokko involuntary action (gocha fedhii malee ) ta'uu waan danda'uuf tokkoon tokkoon gola dhiirotaa sakatta'uu hin oolle.........

Guutuu isaa Marsariitii Kakupress .com jedhamu jalaa dubbisaa, ykn Hidhaa gadiin seenaa dubbisaa.
👉 https://bit.ly/3FYycXK
👉 https://bit.ly/3FYycXK

27/10/2023

Abbaan carraa lootorii birrii miiliyoona 16 barbaadamaa jira

Carraan lootorii jalqabaa miiliyoona 20 qabu Bulchiisa Lootorii Biyyaaleessaa dhuma bara 2015 baase, lakkoofsa carraa 1820259 jedhu qabu abbaan carraa isaa hanga ammaatti kan hin argamne ta'uu bulchiinsi lootorii biyyaaleessaa beeksise.

Lakkoofsa carraa birrii miiliyoona 20 badhaasisu carraa shan qabu keessaa namni carraan tokko baheef waajjirichaatti argamuun birrii miiliyoona 4 kan fudhate ta'uus, abbaan carraa birrii miiliyoona 16 hanga ammaatti kan hin dhufne ta'uu eerameera.

Bulchiinsi Lootorii Biyyaaleessaa abbaan carraa lootorii kanaa hanga Guraandhala 30, 2016 yoo hin dhufu ta'e maallaqichi mootummaaf galii akka ta'u ibseera.

Waggaa sadi dura abbaan carraa birrii miiliyoona 20 yeroon badhaasichaa xumuramuuf guyyaa shan qofa yeroo hafu lootoriiwwan yeroo of harkaa argate sadiin birrii miiliyoona 12 fudhachuun isaa ni yaadatama.

Maddi: Addis standard

27/10/2023

Dhukkubni michii sombaa(pneumonia) infekshinii kiisha qilleensaa somba tokko ykn lamaan keessa jiru inflams godhudha. Kiisiin qilleensaa dhangala’aa ykn dhangala’aa (purulent material) guutamuu danda’a, kunis qufaa akii makate ykn dhangala’aa, ho’a qaamaa, qorra, fi hafuura baafachuun rakkachuu fiduu danda’a. Baakteeriyaa, vaayirasii fi fangasii dabalatee orgaanizimoonni adda addaa dhukkuba michii sombaa(pneumonia) fiduu danda’u.
Pneumonia 'n hamaa salphaa irraa kaasee hanga lubbuu namaa balaa irra buusutti ta’uu danda’a. Daa’immanii fi daa’imman xixiqqoo, namoota umuriin isaanii waggaa 65 ol ta’ee fi namoota rakkoo fayyaa qabaniif ykn sirni ittisa qaamaa isaanii laafaa ta’eef baay’ee hamaadha.

Mallattoolee dhukkubaa
Mallattoolee fi mallattoon dhukkuba michii sombaa salphaa irraa gara cimaatti garaagarummaa qaba, kunis wantoota akka gosa jarmii dhukkuba kana fidu, akkasumas umurii fi fayyaa waliigalaa keessanii irratti hundaa’a. Mallattoolee fi mallattoon salphaan yeroo baayyee kan qorra ykn infuleenzaa wajjin wal fakkaata, garuu yeroo dheeraaf turu.
Mallattoolee fi mallattoolee dhukkuba sombaa kanneen akka:
*Dhukkubbiin laphee yeroo hafuura baafattu ykn qufaatu
*Walja’uu ykn jijjiirama hubannoo sammuu (ga’eessota umuriin isaanii waggaa 65 fi isaa ol ta’e) .
*Qufaa, kan dhangala'aa akii makate uumuu danda'u
*Bututaa
*Ho'a qaamaa, dafquu fi qorra raasuu
*Ho'i qaamaa idilee gadi (ga'eessota umuriin isaanii waggaa 65 ol ta'ee fi namoota dandeettiin ittisa qaamaa dadhabaa qaban irratti) .
*Garaa kaasaa, garaa kaasaa ykn garaa kaasaa
*Hafuura kutuu
Daa’imman reefuu dhalataniifi daa’imman mallattoo dhukkuba kanaa agarsiisuu dhiisuu danda’u. Yookiin immoo garaa kaasaa, ho’a qaamaa fi qufaa qabaachuu, boqonnaa dhabanii ykn dadhaboo fi humna dhabanii mul’achuu danda’u, ykn hafuura baafachuu fi nyaachuu irratti rakkachuu danda’u.

Yoom doktora ilaaluu qabna

Yoo hafuura baafachuun rakkatte, dhukkubbiin garaa, ho'a qaamaa itti fufiinsa qabu 102 F (39 C) fi isaa ol ta'e, ykn qufaa itti fufiinsa qabu, keessumaa yoo qufa'aa ta'e, hakiima kee ilaali.
Keessattuu namoonni gareewwan balaa guddaa qaban kana keessa jiran doktora ilaaluun barbaachisaa dha:
*Ga'eessota umuriin isaanii waggaa 65 ol ta'e
*Daa'imman umuriin isaanii waggaa 2 gadi ta'e mallattoo fi mallattoon dhukkuba kanaa
*Namoota haala fayyaa bu'uuraa qaban ykn sirni ittisa qaamaa laafaa ta'e
*People receiving chemotherapy or taking medication that suppresses the immune system
Ga’eessota dullooman tokko tokkoo fi namoota onnee dadhabuu ykn rakkoo sombaa yeroo dheeraa qabaniif, dhukkubni sombaa dafee haala lubbuu namaa balaa irra buusu ta’uu danda’a.

26/10/2023

Saatalaayitoonni Itoophiyaan gara hawaatti ergite hojii dhaaban

Kunneen odeeffannoo dacheerraa walitti qabanii ergaa turani. Maaltu isaan mudate?
↪️ https://bbc.in/3tKQDvR

Photos from Firaa'ol Abbaa Biyyaa's post 26/10/2023
Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Videos (show all)

Category

Telephone

Website

Address

Addis Ababa
Other Health/Beauty in Addis Ababa (show all)
Marti cosmo. Marti cosmo.
Djibouti Street
Addis Ababa

Marta cosmo. we provide original brand products with affordable price from USA and Europe.Contact us: 0911934958/0911409940 telegram:https://t.me/hm_cosmo22

Urjii Kiyya Urjii Kiyya
Addis Ababa

Qàpîir źhàækã Qàpîir źhàækã
Itoobiya
Addis Ababa, AFDHEER

XIGMAAWI BOY�

Ayub Mohammed Ayub Mohammed
Addis Ababa

Belay Belay
Awassa
Addis Ababa, 12902188

Amaw Bshe Amaw Bshe
Addis Abeba
Addis Ababa

contour_by_tg contour_by_tg
Addis Ababa

I'm a certified makeup artist in ims makeup school and studio.bold ,dramatic looks are my speciality. I like to make my clients stand out & WOW at their events. To work wiz me book...

decodut decodut
Kotebe
Addis Ababa

I'm just just a simple dude N i do my things in ma own way without permission from anyone all care about is to say what people don't have guts to say out not that I'm rude but I'm ...

Boriifan Tolaa Boriifan Tolaa
Addis Ababa, JIMMAA

Odeeffannoo garaagaraa qooddachuufi qooduuf.

Umar mahamad Umar mahamad
Addis Ababa, 251911966907

Tookkuumma ilmaan oromoo

Neo hair lotion Ethiopia import Neo hair lotion Ethiopia import
Adiss
Addis Ababa, 10000

Neo importer in eyhioppia

Amlaku Mebrat Ademasu Amlaku Mebrat Ademasu
Addis Ababa

ኢትዮጰያ አሸንፍለች!!