Miila Bakhar

Ani ana qofaa miti. Ana keeysa namaan ani hin beeyneetu jira. Koottu mee haa walbarruu!

18/10/2022

Jechoota dinqisiisoo Robert Mugabe. Jechoon maangudoo kan hundi akka daabbootti natti tolu ja'e gurbaan tokko. Mee isiniis dubbisaa.

*Aadamii fi Haawwaan osoo Chaayinaa tahanii silaa yoona jannatuma keessa jirra sababn isaas mukicha hin nyaatina jedhaman dhiisaanii boficha nyaatu ture.

*Osoo haadha manaa qabduu barattoota kee faana jiraachuun sitti tola yoo tahe ,haadha manaa keetif yuuniformii barataa bitiif.

*Ati miidhagduu miti taanan, anii miidhagduu miti jedhi. Miidhaginni keessa kan jettu dhiisi. Nuti X-raydhaan ilaalaa hin deemnu.

Waaqayyoo qorata cimaadha. Cinaacha dhiiraa mirga keessaa lafee tokko fudhee sagalee guddistu (loud speaker)hojjate.

Galatoomaa

Photos from Miila Bakhar's post 18/10/2022

Milka'ina nama birootif gammadi yeroon keetis ni dhufa....

🚨Ifoomeet jiraa: Kariim Beenzemaa Baaloon D'Or bara 2022 injifateera.

▶ Tapha shampiyoonsliigi Awrooppa marsaa 16ffaa irratti PSG irrattii Haatrikii !!
▶Tapha marsaa jalqabaa Shaampiyoonsligii Awurooppaa Cheelsii irratti haatrikii !!
▶ Tapha marsaa lammaffaa deebii Cheelsii irratti goolii murteessituu lakkoofsise
▶ Tapha walakkaa xumuraa Shaampiyoonsligii Awurooppaa Maanchistar Siitii waliin taphatan irratti galchii lamaa lakkoofsise
▶ Tapha marsaa lammaffaa Maanchistar Siitii irratti goolii murteessitu taphichaa lakkoofsise
▶ Waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa marroo 5ffaaf injifate
▶ Taphataan cimaan Shampiyoonsliigi Awrooppa bara dorgommii bara kanaa injifatee
▶ Injifataa Laaliigaa ispeen
▶ Super Cup Ispeen irratti goolii galche
▶ Injifataa Waancaa Suuper cup Ispeen.
▶ Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa irratti bara tokkichan qofa Gooliiwwan 15n lakkoofsise
▶ Laaliiga ispeen irratti Goolii 27 galchee
▶ Roonaaldootti aanee Riyaal Maadriid goolii olaanaa galmeessisuun sadarkaa lammaffaa irra jira

▶ Mo'ataa Baaloondii Musxafaa kaarim Beenzemaa

Bara taphatumma kubbaa miilaa isaa keessatti isaaf barri gaarii kana ! 😍

Dhugo A Majid

Photos from Miila Bakhar's post 09/10/2022

Kennaa kennaa caaltu!!

Guyyaa arraa mana barumsa sadarkaa tokkooffaa araddaa iIlaalam, Aanaa Gursum dheeynee gumachaa kitaabilee, dabtaraa fii gorsaa goone.

1. Ani kitaaba koo Ija Banaa firii 10 fi kitaaba Dr Lencho Kawo , kan Abdii Boruu jedhu firii 5, Dr Leencoo bakka bu'ee dhalootaaf akka kennaatti gumaacheen jira.

2. Dr Mahdii Mohammed Badhaasoo kitaaba firii 20 akka OEGtti gumaachee jira.

3. Dr Irfan Ibrahim kitaaba firii 10 bituuf waadaa gale.

Hawaasni keeysattuu barattootaa fi maatiin sagantaa kana irraa ergaa guddoo fudhatan je'een amana.

Sagantaa miidhagina fi ergaa jabduu qabdu tana qopheeysitanii nu afeeruu keeysaniin hedduu isiniin boonne. Galatoomaa.

Caasaan mootummaa aanaa Gursumiifii araddaa Ilaalam hedduu galatooma. Ummata irraa dhalataniif gumachaa godhuu heyyemmuu qoftiin hojii galataa bakka tehetti, akkasitti ummataaf dhaabbachuun gootummaadha. Baga dhufnee isin barre. Hundaa ol, ummata arraddaa Ilaalam jaalala nu soortanii, caayaa khabajaa fii ulfinaa jala nu oolchitaniif galanni keenya dacha dachaadha. Alla magan tahaa!

Photos from Miila Bakhar's post 08/10/2022

2019 Doctor's Day at CHMS with Dr Beka Asfaw & Dr Ol'ana Gezahgn.

08/10/2022

HIRRIBA GA'AA RAFUUN:
**************************
1. Dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaamaa (immunity) dabala.
2. Dandeettii waa yaadachuu (memory) keenyaa dabala.
3. Dandeettii waan haaraa kalaquu (creativity) dabala.
4. Sammuun akka waan tokko irraatti sirriitti xiyyeeffatu (concentration) fi murtoo gaarii akka merteessu gahee guddaa qaba.
5. Garmalee qallachuufi garmalee furdachuu qaamaa irraa nama eega.
6. Jireenya jaalalaa keessatti saalqunnamtii gaarii tahe geggeessuuf (keessumatti dhiirotaaf) ga'ee guddaa qaba.
************************
Dr Gurmeessaa
Fayyaan Faaya.

Timeline photos 08/10/2022

Dubartiin beekamtuun Keeniyaa yaaliin teessuma gabbifatte, gaabbuun yaalii biraan bakkatti deebifte
*******
Dubartiin Keeniyaa marsaalee hawaasaa gubbaatti akkaan beekamtu, wal'aansa teessuma gabbifachuuf amma dura taasifte, irra deebiin yaalii biraan bakka duraaniitti deebisteetti. Suuraan Instagram gubbaatti maxxansites kanuma mul'isa.

Teessuma guddaa qabaachuun kan beekamtu Vera Sidika, yaalii gabbiffachuu taasisteen booda rakkoon fayyaa akka ishee mudate himte.
''Lubbuun jiraachuu kootti carra-qabeettiidha,'' jette Veeraan ergaa maxxansiteen.

Ergaashee kana hordofee marsaalee hawaasaarratti falmiin akkaan kan gaggeeffamaa jiru ennaa tahu, kaan oggaa itti qoosan, kaan ammoo waan uumamaa akkuma jirutti dhiisuu wayya jedhan.
''Seera uumamaa geeddaruuf yaaluun maal akka sitti fiduu danda'u, Veeraa Siddikaan fakkeenya dansaati.''

Kaan ammoo deeggarsa isaanii guutuu agarsiisaafi jiru. Akka gabaasa marsariitii oduu Mpasho jedhamutti dubartiin beekamtuun biroon Betty Kyallo: ''Dubartoota goota tahan nan jaaladha. Veraa Sidikaa of tahuun siif mala,'' jechuushee gabaase.

Aadde Siddikaan maxxansasheen, namoota wal'aansa baqaqsanii yaaluu walfakkaataa taasisuuf yaadaniif ergaa dhaamteetti. ''Kanneen teessuma isaanii furdifachuuf yaadaniif yookaan qaamasaanii irratti waa jijjiiruu barbaadaniif, kun yaada keessan jijjiirsisuu mala,'' jette.

Yaaliin baqaqsanii hodhuu teessuma furdifachuuf taasifamu, gara caalu Brazilian Butt Lift yookaan BBL jedhamuun kan beekamu ennaa tahu, mala wal'aansa bareedinaa akkaan beekamu tahaa dhufeera.
Haatahu malee ''miidhaga yaadanii miidhama hin yaadatan'' akkuma jedhamu, wal'aansi kun miidhaa fayyaa hedduu qaba - hanga lubbuu dabarsuutti.

Odeessaalee kaaniif https://bbc.in/3VndtD9 mil'adhaa

Photos from Miila Bakhar's post 07/10/2022

IJI KEENYA NU SOBUU NI DANDA'AA?
===============================
"Ija kee malee gurra kee hin amaniin" yeroo jedhamu dhageessanii beektun se'a. Wantoota iji argu hunda sammuutu hiika itti kenna. Hiika sammuun wanta ijaan argine tokkotti kennu garuu waan ijaan mul'atu sana irratti hunda'a. Dandeettiin waa arguu ijaa bifa uumamaa fi dalagaa (anatomy and physiology) isaa irratti hundaa'a. (Waan kana bor jecha salphaa ta'ee fi bal'inaan isiniif ibsuun yaala).

Haala uumama isaa irratti hundaa'uun iji keenya soba gosa lamaaf saaxilama. Inni tokkoffaan, wanta jiru tokko akka waan hin jirreetti lakkaa'uu (fakkeenyaaf, jarmoota). Inni lammaffaan immoo wanta argu tokko bifa jijjiiruudhaan (illusion) dhaamsa sammuuf erguu danda'a. Sammuunis dhaamsa dogoggoraa kanaan sobamuu danda'a. Sammuun sobame jechuun nutu sobame jechuu dha.

Haa ta'u malee, iji keenya wanta hin jirre tokko akka waan jiruutti uumuu hin danda'u. Wanta hin jirre tokko akka waan jiruutti (hallucination) kan ofumaan uumee ofumaan of-sobuu danda'u sammuu qofa. Kunis kan mudachuu danda'u yeroo sammuun dhibamu qofa dha.

Mee wantoota armaan gadi jiran ilaalaa.
Suuraan inni jalqabaa wanta socho'u (video) fakkaata malee suuraa hin fakkaatu. Suuraa isa lammaffaa irratti immoo xuqaan gurraattiin waan olii fi gad fiigdu fakkaatti; garuu miti. Akki itti suuraawwan kunneen nutti mul'atan haala uumama ija keenyaa irraa madda. Nama iji isaa nagaa ta'e kamitti iyyuu suuraawwan kunneen wanta socho'an itti fakkaatu.

Bal'inaaf yeroo biraa walitti deebina.

GALATOOMAA!

DR. SANYII JALQABAA TIIN

07/10/2022

● Qilleensa malee daqiiqaa sadii
● Bishaan malee guyyaa sadii
● nyaata malee torban sadii lubbuun jiraachuun hin dandayamu.
----- Akkasumas----
● Ifa aduu malee
● Hirriiba gayaa malee
● TEEMPIREECHERA to'atamaa malee, jireenya fayyaan guutame jiraachuun hin dandayamu!
Rabbiin wantoota kana nuuf kenne takkaa kafaltii nun gaafanne. Bilisaan nuuf laate.

Photos from Miila Bakhar's post 06/10/2022

Unforgettable graduation ceremony with special friends. I have never seen such moments.

06/10/2022

Qashtii baha Oromiyaa
Bareedduu warra Fugug!!

04/10/2022

"Barnoonni dhugaa jiru barachuu osoo hin taane, sammuun sirritti akka yaaduu dandeeysu leenjisudha." -Albert Einstein

Photos from Miila Bakhar's post 04/10/2022

CHMS Students' Union recognizing the senior Executive graduating class.

Photos from Miila Bakhar's post 03/10/2022

Obboleeysi keenya dhiyeenya kana obboleeysi keenya Haajiin duula barattoota gama barnootaan cimsuu fi dhaloota beekkumsaan utubuuf dhaadannoo "mana barnootaa koof kitaaba tokko "jedhuun akkasumaas barataa tokkoof dabtara tokko jedhuun duula kitaaba fi dabtara walitti qabuu hogganaa ture. Gamtaa barattoota Aanaa dooguu hogganuun namoota iddoo adda addaa jiran duula kana irratti hirmaachisee deeggarsa barattoota keenyaaf walitti qabee jira. Duulli kuniis xumuramee kitaaba 👉191 walitti qabuun mana kitaabaa mana barnoota dooguu keessa jirutti galchanii jiran. Dabalataaniis dabtara darzaana 👉95 ol walitti qabuun barattoota harka qalleeyyii kutaa 1_12 jiran kan lakkoofsaan nama👉177 tahan biraan gayanii jiran.

Hawaasa jijjiiruuf nama akkanaa nu barbaachisa. Nama waan dandayuun jijjiirama hawaasaatiif tattaafatu, namoota kaaniis dammeeysu qabaachuun nu boonsa.

Photos from Miila Bakhar's post 28/09/2022

Congratulations!

I congratulate all of you, the Class of 2022 Medical Graduates of Haramaya University College of Health and Medical Sciences. It is great moment that we have been waiting for. This is the time you realized your dream after 19 years. I am proud of you as your junior class.

28/09/2022

Namticha waggaa 17 namatti dubbachuufi waggaa 22'f konkolaata oofuu dhiisuu murteesseen wal baraa.

Joon Firaansis lammii Ameerikaa bara 1946tti dhalate yoo ta'u, murtoo jireenya isaa irratti jijjiirama fiduufi namootaaf bitaa ta'e tokko raawwate.

Murte kanas kan taasise umurii dargaggumaa irra yeroo jirutti ture. Innis namootatti dubbachuu dhaabuuf murteesse.

Kanaanis waggaa 17'f (bara 1973- 1990tti) osoo takkaa hin dubbatin erga tureen booda, deebiise haasa'uu eegale.

Akkasumas waggoota 22'f (bara 1972- a1994)tti mmoo konkolaataa osoo hin oofiin malaan adeemaa ture. Murtee kanas raawwachuuf kan kaka'e waan hubate tokkoo irraa ka'uun ture.

Bara 1971'tti guyyaa tokkoo qarqara galaanaa Saan Firaansiiskootti taankariiwwan bobba'aa fe'an lama walitti bu'uun, boba’aan gaaloonii hedduu lakkaa’amu bishaniitti lola’e.

“Oduu tana miidiyarratti dhaga’e, dhugaa jirtu hubachuuf gara sana deeme. Achiitti namoota qarqara galaanaarratti walitti qabamuun qulqulleessa turan arge.

“Namoonni kunneen bishaan keessa seenuun, allaattiiwwanii fi qurxummiiwwan dabalatee bineeldoota galaana boba’aadhaan tortorse qabatanii bahan.”

Kana arguun Firaansis baay’ee rifate. Dhimma kanarratti hojjachuun jijirama fiduuf barbaachisaa jedhees murteesse.

“Kana booda gonkumaa ani deebi’ee konkolaataa akkan hin oofne murteesse.” Barrisaa yeroo namoonni bara 1970 yeroo itti Kaalifoorniyaa keessatti namni hunduu konkolaata oofu ture. Kanaaf murteensaa kun tarkaanfii ija jabinaa ture.

Haata'u maleeJoon qofaatu miilaan adeemaa ture. “Sababa boba’aan bishaniitti dhanga'aleen wal qabatees namoota hedduu miidhe. Kanaafuu, konkolaata oofuu haa dhiifnu jedhanii turan. Akka yaadakootti namoonni hunduu miilaan deema silaa, jedhee ture.

Maddi : BBC News Afaan Oromoo

28/09/2022

Imalli jireenyaa xaxamaan Dr Abdii Yahyaa kutaa 2ffaan akka dhiyaatuuf namoota gaafachaa jirtaaniif;

Xiqqo waan takka takkaaf olii-gad fifiigaa waan jirruuf, bifa namni keeysattuu barattoonni hedduu irraa barachuu dandayaniin qopheeysinee yeroo gabaabduudhaa booda dhiheeysina. Hangasuu nu iyyaafadhaa, nuu obsaa.

Photos from Miila Bakhar's post 28/09/2022

It seems impossible until it's almost done. Congrats Dr Bulti Likisa. You did.

Photos from Miila Bakhar's post 27/09/2022

Success usually comes to those who are too busy to be looking for it. Dr Magarsaa Aadam is among the few exceptionally talented individuals I have ever met. He is young visionary, extraordinary, brilliant and hardworking. I am proud of you! Congratulations.

26/09/2022

Medical life is great adventure for students. You already accomplished all the necessary things for next adventure. And the adventure ahead of you is a journey to fulfill your own purpose and potential. Congrats Dr Abdi.

24/09/2022

"The 1st indication of stupidity is a complete lack of shame."~ Sigmund Frued

22/09/2022

Barattoonni kutaa 12 qoraman bilbila qabatanii gara Yunivarsitii akka hin dhufne ja'amtan.

22/09/2022

Kaleeysa Warri Maayikii jalqaba lafaa fuudhe nuti. Barana haasawuu wallaalleeti moo maalìif nu harkaa fuudhan?

11/09/2022

Brighter than sun!

10/09/2022

Nuti warri Araboomees, warri faranjoomees Oromoodha. Isin warri if tahees Oromoodha. Kan isin Oromoo miti jettu koottu ragaan sitti agarsiisaa.
😂

Photos from Miila Bakhar's post 09/09/2022

Dr Abdulfetah Ibrahim
Dhiira hawaasaaf dhaabbate.

Dr Abdulfetah Ibrahim namoota miidiyaa hawaasummaa, keeysattuu feesbuuka gubbaa yeroo gabaabduu keessatti beekkamtii guddaa argachaa dhufan keeysaa isa tokko. Kanaas laayyootti hin helle. Dhimma hawaasaa irratti ciminaan hojjateeti.

Dr Abdulfetah cimina fi qaroomina rabbirraa kenname qaba. Kanaaf joollummaa irraa jalqabee dandeeytii addaa akka qabu hawaasni inni keeysatti dhalatee guddatee fi hiriyyoonni isaatiis ragaa bahan. Gaafa barataa kutaa 1 hamma 12 turetti barataa seenaa hojjatee dhalootaaf fakkeenya tahu ture.

Miidiyaa hawaasummaa kan akka feesbuukaa fi Telegiraamaa gubbaatti gorsa fayyaa kennuun beekkama. Kana malees dhaloonni beekkumsaan cimee akka bakka guddaa gayuuf barattootaaf gorsaa fi deeggarsi meeshaa akka taasifamuuf qindeeysuu fi hogganuun beekkama.

Walumaagalattuu namni kun nama eenyummaa isaatiin boonuu fi eenyummaa nama kaanii kabajuun beekkama.

Dhiheenya kana immoo injifannoo gubnaan injifannoo galmeeysisaa jira. Yeroo eeybifamuuf torbeen 3 hafteef kanatti hojii boonsaa hojjatee barnoota isaa milkiin goolabuuf deema. Kanaaf TTP group keeysaa "The Best Fundraiser" ja'amee badhaafamuu qaba warri ja'an hedduudha. Gamanumaanuu nama jabaa kanaan baga as geeyse. Fuuldura waan baay'ee sirraa eeyna. Jabaadhu jabaa Oromoo.

08/09/2022

Hoodho Oduu baasaa.

Dubartiin Biraazil yeroo takkatti abbaa gara garaa irraa lakkuu dhalte.

Dubartiin ganna 19 tun ilmoon lakkuun yeroo takkatti dhalte abbaan isaanii gara gara tahuu mirkaneeyfatte.

Dubbiin akkana.

Dubartiin tun akkuma lakkuu deeyseen abbaa ilmoo isii eenyu akka tahe waan shakkiteef nama Shakkitee waliin qorannoo biological ykn DNA taasifti. Namtichi shakkame ilmaan lakkuu keeysaa abbaa isa tokkoo qofa akka tahe haakimoonni mirkaneeysaniif.

Wanti uumame raajii kan itti tahe dubartiin tun ji'a 9 of duuba deebitee guyyaa san dhiira biraatiin waliin rafuu yaadatte.

Guyyaa tokkotti dhiira 2 jechuudha.
Gurbaa isa 2ffaa tiif qorannoon yoo taasifamtu lakkuun 2ffaa kan isaa tahuun mirkanaawe.

Akka barruun BIomedica ibsutti wanti kun afaan Saayinsiitiin "heteropaternal superfecundation" ja'ama. Carraan mudachuu isaa baay'ee xiqqaadha. buphaan gama tokkoo dhiira tokkoon olfaawetti battaluma sanitti gadeemeeysi gama kaaniitiis buphaa yoo qopheeysee fi dubartiin sun hoggusuma dhiira biraa yoo waliin qunnamtii raawwatte abbaan ilmaan lachuu adda taha ja'an Saayintistoonni.

Muhyadin Abdullahi Oumer irraa fudhanne.

15/08/2022

Account koo yeroof ugguranii jiran 😭

30/06/2022

Koondoomiitu naa wayya
********************
Guyya tokko abbaa manaatu haadha manaa mana yaala fida. Erga dhibee ishee gaafatanii booda qorannoon godhameefi fistuulaa mana fincaanii akka qabdu itti himame. Yaalli baqeeysanii hodhuu taasifameef. Ergasii booda yeroo murtaaweef akka ulfaa'uu hin qabnee fi mala ittisa ulfaa akka fayyadamtu itti himame!
Haakimtichi gosoota mala ittisa ulfaa tokko tokkoon erga itti hime booda kan isinii ta'u isinummaan filadhaa je'ee itti hime. Isaaniis erga xiqqo itti yaadan abbaan manaa Koondoomiitu naa wayya jedhee Koondoomii walitti guurratee gale. Yeroo walqunnamtii saalaa godhu akka firraa baasuu hin qabne itti himame. Achumaan yeroo walqunnamtii saalaa godhu itti kaayee raawwataan. Osoo ofirraa hin baasiin takkituma sanaan itti daddeebi'ee raawwata. Osuma akkanatti dalaguu Koondoomiin uratte sanyii kormaa keeysatti dhangalaasuu eegaltee jaartiiniis jalaa ulfoofte.
Yeroo kana fiiga mana yaalaa dhufe waan ta'e itti hime.
akka itti fayyadamaa ture gaafatame.
Ilaal akkuma isin naan jettan osoon guyyaa tokko ofirraan baasiniin itti godhaa jira je'ee deebise
Duuba akkamitti fincaana turte ree jennaan jalaniin uradhe kaa je'ee deebiseef
Namni keenya kun waan hin beeyne waliin waa rakkatee.

Dr Abdulfetah Ibrahim

31/05/2022

Hoospitaala Caffee!

28/05/2022

Some memories last longer! Bishoftu ❤️❤️

22/05/2022

Haraaraa hiddaan buqqifna ; dadhabnu harawaaca itti guddifna!

Ilyaas Abdallaa Mahammad

21/05/2022

Seequun sunnaadhaami!

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Harar?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Harar
Other Public Figures in Harar (show all)
Mujahid Muhammad Mujahid Muhammad
Harar, HARAR

Peejiin kun Kan diin islaamaa ittiin barsiisuuf baname

Dhimmoota Islaamaa A/G/Bordoddee Dhimmoota Islaamaa A/G/Bordoddee
Gumbii Bordoddee
Harar, WEN

Biyya keetif Ba'aa Osoo hin taane furmaata ta'i

Abdu Suudii Li Abdu Suudii Li
0554
Harar

PayPal.me/nystromm.

Oromo unit Oromo unit
Harar

How oromo is united.I want Oromo united.

Bonsa Show Bonsa Show
Harar

Baga Nagaan Gara page Kenyaa Dhuftan Warri page Kanaaf Harawa taatan Follow Godhaa Galatoomaa.

Wabii Kichuu Oromoo Wabii Kichuu Oromoo
Harar

Peejii kana #Like fi Share gochuun hordoftoota yoo baay'iftan, barnoota adda addaa irraa argattu

Misba Ahmed Official Misba Ahmed Official
Harar, DIREDAWA

Welcome

Đąmīīr Đąmīīr
Weter
Harar, 5756

Feysal kan kedir Feysal kan kedir
Oromia
Harar, 01

Namoonni nama hamatan maqaa namaa balleessuu malee maqaa ofii galmeessuu hin danda'an.

Gamtaa Dargaggoota Badhaadhina Aanaa Gooroo guutuu Gamtaa Dargaggoota Badhaadhina Aanaa Gooroo guutuu
Ida'amuu
Harar, DAANDIINKEENYAIDA'AMUUGALMIIKEENYABAADHADHINA

Daandii keenya ida'amuu

Fuad Ahmed Fuad Ahmed
Fuadahmede28@gmail. Com
Harar, 1620

[email protected]