Qeerroo Bilisummaa Oromoo fr

Informations de contact, plan et itinéraire, formulaire de contact, heures d'ouverture, services, évaluations, photos, vidéos et annonces de Qeerroo Bilisummaa Oromoo fr, Finance, Paris.

✓Ati of daangesitee teessa taanan eenyutu
daangaa si ceesisa?
✓Osoo nama hin ta'iin, namaaf ta'uun hin
jiru.
✓Of beekuuf murtoo hin qabdu taanaan yoo
of beektes murtoo hin murteessitu.

17/09/2024

Raajiiidha kan jarattii kanaa

06/08/2024

🇺🇸 🥇 After ' photo-finish in Sunday's men's 100m sprint final, the finds itself at the top of the table in the , equalling in terms of medals and taking the absolute lead in total number of medals won.

Hosts remain in third position, as of 9 am Monday, having won four more gold medals over the weekend, thanks in part to 's stellar performance in both individual and mixed team events, winning a in both categories.

For the latest coverage, head on over to our !

06/08/2024

Afuuftuu waan ittiin haraqee dhugdu dhabdee qabsoo oromootti makatte ABO qeequu feeti hattuun Sanyii Nagaasaa jedhan kun
Qeerroo Bilisummaa Oromoo fr

29/06/2024

Uummannoo oromoo biyya France fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo fr
Sirriitti dhaggeeffadhaa

12/06/2024
12/06/2024

Bonjour tout le monde ! 🌟 Vous pouvez me soutenir en m’envoyant des Étoiles - elles m’aident à gagner de l’argent, ce qui me permet de créer du contenu que vous appréciez.

Chaque fois que vous voyez l’icône Étoiles, vous pouvez m’envoyer des Étoiles !

12/06/2024

Obbo Jamaal Baatii 1dura" Wal-hiikuun nawuriidha; nuun jeehan amma immoo wal-hiikuun daruuriidha 'jedhan .
Isa kamiin fudhannagaa ?😁

09/06/2024

Raajiidha

09/06/2024

Bakka Qeerroo Bilisummaa Oromoo fr maaf hin baqnne ?

06/06/2024

Bonjour tout le monde ! 🌟 Vous pouvez me soutenir en m’envoyant des Étoiles - elles m’aident à gagner de l’argent, ce qui me permet de créer du contenu que vous appréciez.

Chaque fois que vous voyez l’icône Étoiles, vous pouvez m’envoyer des Étoiles !
afuuftuu

01/03/2024

Kottaa bareedaa ☎️0938785757

01/03/2024

Nama dhiba

24/06/2023

Hundeeffama ABO1973 Bu'uurri Waldaa MaccaaTuulamaa ta'uun maaf waca kaase ?Miseensonni WMT Wallaggaa fi shawaa qofa seetaniituu ?

24/06/2023

"Hayyu dureen Addi Bilisummaa Oromoo Daawud Ibsaa addichi uummata Oromoof gumaacha olaanaa taasisuu himan.
================================================

Obbo Daawud Ibsaan, hundeeffama waggaa 50ffaa ABO ilaalchisuun sabaa himaaleef ibsa kennaniiru.

Kabaja hundeeffama ABO waggaa 50ffaa ilaalchisee, Ibsa miidiyaaleef kanname kana keessatti, Hayyu Dureen ABO Daawud Ibsaa hundeeffamuu ABO'f bu'uurri guddaan, Waldaa Maccaafi Tuulamaa ture jechuun, qabsaa'ota duraanii galateeffataniiru.

ABO'n erga hundeeffamee waggootni 50 darbanis, seenaawwan gaggaariifi bu'aawwan danuun sababa ABOtiin argamaniiru jedhan.

Yeroowwan ulfaatoofi danqaawwan qabsoo hedduu darbee ABO'n waggaa shantama guutuu kaayyoo dhaabbateef jiraateera jedhan Hayyu Dureen ABO Daawud Ibsaa.

ABO'n waggoota muraasa dura erga gara Oromiyaatti deebi'ee, rakkoo hedduuf saaxilameera kan jedhan obbo Daawud, gootota kaayyoo dhaabichaatti amananii aarsaa lubbuu baasan yaadachuun dirqama dhalootaati jedhaniiru.

ABO'n hundeeffama isaa irraa eegalee hanga ammaatti Dhaaba Siyaasaa irratti osoo hin taane, sirna cunqursaa irratti xiyyeeffateet qabsa'aa jedhan.

Baroota rakkisoo keessatti ABO'n dungoo Qabsoo ta'ee uummatasaaf ifaa ture, ammas ifaa jira kan jedhan hayyu Dureen ABO Daawid Ibsaa, waggaa 50ffaa ABO yeroo yaadannutti bu'aa ABO kan ta'e, jijjiiramoota siyaasaafi dammaqiinsa eenyummaa uumame dinqisiifachaati jedhan.

Qabsaa'otniifi miseensonni ABO aarsaa lubbuu kaffalan yeroo hundumaayyuu gootota biliisummaa saba isaaniif wareegaman waan ta'aniif, qalbii sabboontotaa keessatti ni yaadatamu jedhan.

Wareegama biliisummaa Oromoo lakkoofsaan ibsuun ni ulfaataa jechuun, qabsaa'ota biyya keessaafi biyya alaatti hojii uummata isaanii utuu hojjetanii lubbuun darban hunduu maqaan isaanii galmee seenaa gubbaa jira jedhan.

ABO'n har'as imala biliisummaa eegale itti fufeeraa jechuun, kan caalu argamsiisuuf ABO'n har'as aarsaa kaffalaa, hanga milkaa'ina kaayyoo qabsoo Oromootti qabsoosaa itti fufas jedhaniiru."

29/05/2022

Ethoipia Dullattii Beekaa Oromoo fi Daa,immaan kichuu Karaattii Hambistee NYaachuun Beekamtuu Baraa 1991 Keessa Meeshaa Waraanaa Lafaa Keenyee Bilisoomna Jedhanii Obbo Leenco Lataa faa Yaalanii Oromo Irraa Meeshaa hiiksisanii hammaa Har‘aattii Oromo Garbummaa Jalattii Kuffisanii Du,ii fi Hidhaan Irraa Hin Dhaabbanne .Yeroo Lammaffaaf Ammaas Kaadireen Abiyyii Ahmadi Kan Maqaa Abbaa GADAA Golgaa Godhattee Abiyyi Ahmadiif Dalagduu fi Paartiin KFO karaa Nagaa Jedhanii Eegduu Uummata Oromo Kan tahee Irraa Meeshaa Hiiksisan.Oromoon Qaanii Bara Baraa Keessaa Kan Hin Baane,Dargaggeessa Mul,ataa Fuuldurattii Argu JAAL MARROO DIRRIBAA Meeshaa koo Hin Hiikkadhu Leencaaf Weenniin Bilisaa Baasa Jedhee UMMATAA OROMO Kanaa Salphinaa Oolche.

Nutii Kan Deggerruu Kaayyoodha Malee Namaa Mitii.Uummatii Oromo Bal‘aan MARROO Kan Deggeruuf Kaayyoo Isaaf Uummata Oromo Kan Bilisoomsuu QAWWEE Malee Kan Bilisoomsu Hin Jiruu Jedhee Waan Amanuufi.Nutiis Uummataa Oromo Ethiopia Dullattii jalaa Bilisaa Kan Baatu Afaan Qawwee Qofaan Jennee Waan Amannuuf.

Kanaaf Ammaas Yeroo Sadaffaaf,Ammaas Kaadireen KFO Karaa Nagaa Jettee Afaan Faajjiif Kaachaa Waan Jirtuuf,Miseensii Keenya Yoo Danda’aamee Irrattii Argamnee Kaayyoo isaanii Karaa Nagaa Jedhanii Awuroophaa irraa jooranii Uummataa Keenya Afaan Faajjiif Deeman Irrattii Yaada Isaanii Hubannee Irrattii Qabsahuutu Nurraa Jira.
Maaliif Bilisaa Kan Baasu Qawwee Qofaa Jennee Waan Amannuuf.

Nutii Kan Deggerruu KAAYYOODHA Malee Namaa Dhuunfaa Gonkumaa Hin Deggerruu,Kanaaf 04.06.22 Abiyyii Ahmad Warroota KFO Awuroophaa kanaattii Karaa Nagaa Qabsoofna Jedhanii Akkaa Isaa Labsaniif Gadii Lakkisee Waan Jiruuf Kanaaf Miseensonnii Keenyaa Irrattii Argamnee Karaa Tokkichii Uumataa Oromo Gabrummaa Jalaa Baasu,Karaa Waraana Bilisummaa Oromo Qofaa Akkaa Tahee Ittii Himuutu Nurraa jiraa jedhaa

Galatoomaa,Ganamaa Nagaan Isiniif Hawwa.

//Oromo Press///

Photos from Qeerroo Bilisummaa Oromoo fr's post 19/05/2022

🌍Burjaajiin Maqaa Qeerroo Bilisummaa Oromootiin adeemsifamu kamuu fudhatama hin qabu; darbees Farra Qabsoo Uummata Oromooti.

(Ibsa QBO Caamsaa 18, 2022)
Qabsoon Bilisummaa Oromoo manii isaa ga’uuf yeroo sa’aatileen muraasni hafan kanatti murnoonni garaagaraa maqaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo maxxanfachuun burjaajii uumuu yaadan hedduudha. Kaleessa Qeerroon Bilisummaa Oromoo jijjiirama argamee booddessitootaan butame fiduu keessatti qooda ifaa kan qabu yoo ta’u; ammas qabatamaatti caasaa sirnaa diriirfatee, Hooggansa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO jalatti dirqama qabsoon irraa eegdu kamiyyuu bahataa jira. Kanas kora Hoogganootaa fi Qondaalota Olaanoo Mooraa Qabsoo Oromoo Taliigaa jiran faana taasiseen Qeerroon Bilisummaa Oromoo Burjaajii tokko malee itti waamamni isaa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO akka ta’u ifatti Sadaasa 08, 2021 irraa egalee murteeffatee haga guyyaa har’aattis kallattii sanaan taliigamee deemaa kan jiruudha.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo Oromiyaa keessatti dirqamaa fi gaafatama dhaabni isaa itti kenne sirnaan bahachaa kan jiru yoo ta’u; quba qabeenya hooggansa Olaanaatiin alatti Ibsas ta’e hojiin hojjetamu kamuu Qeerroo Bilisummaa Oromoo kan bakka hin buune, akkasumas burjaajii uumuun Qabsoo Qeerroon geggeessaa jiru gufachiisuuf akka ta’e hubachiisna.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ibsi inni baasu Karaa Qophii Sagalee Qeerroo Kamisaa fi Dilbata galgala akka Impaayera Itiyoophiyaatti sa’a 1:00 haga 1:30 tti darbu akkasumas Karaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, Marsariitii Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromootiin Uummata Oromoo mara dhaqqaba.
Qaamonni akka Qeerroon Bilisummaa Oromoo ibsa baasetti fakkeessanii burjaajii mul’ataa fi dhokataa karaa Miidiyaalee Idilee fi al-idileen taasisanis gocha isaanii farrummaa kanarraa akka of qusatan dhaamaa, yeroo kanatti dirqamaa fi kallattii Waraanni Bilisummaa Oromoo kennu hunda hojiirra oolchuun diina Oromiyaa weeraruuf nu ajjeesaa, dararaa fi buqqaatiif Uummata keenya saaxilaa jiru dura haadhaabbannu jenna.
Qaamota fira qabsoo fakkaat

19/05/2022

Dabaa Murni Biltsiginnaa Ummattoota Obbolaa Sidaamaa fi Oromoo jiddutti uumeen Lubbuun namaa Galaafatameera.

Akka odeessi maddeen irraa bahaaru addeessutti, Lola Guyyaa kaleessaa Caamsaa 18, 2022 Daangaa Naannoo Oromiyaa fi Sidaamaa irratti Humnoonni Finxaaaleyyii Sidaamaa Ummata Oromoo irratti bananiin Lubbuun nama tokkoo darbeera. Manneen ummataa hedduunis ibiddaan daareffameera.

Guyyaa kaleessaa jechuun Caamsaa 18,2022 irraa eegalee Kibba baha Oromiyaa Godina Arsii lixaa Onoota Nansaboo fi Kokkossaa keessatti bakkeewwan daangaa Naannoo sidaamaatiin waldaangessanitti wal dhabdee mul'ateen Onaa Kokkossaa Ganda iddoo jedhamuun beekamutti Humnoonni Sidaamaa nama tokko, Obbo Waabee Arusaa jedhamu ajjeessuu maddeen dabaluun ifoomsaniiru.

Waldhabdeen kun yeroo hunda shira murni maqaa mootummaan socho'u ummata obbolaa lameen jiddutti uumuun irra deddeebiin Uumamaa kan tuee yoo ta'u, ammas ummanni Namni irraa Ajjeefame Miira keessa galee Waldhabdeen gara gandoota Ollaattis babal'achuun isaa waan hafuu miti jedhu maddeen yaaddoo isaanii jbsatan.

Kaadireen Suuta jettee Durgoo hojjatattee Yeroo dhuftutti Lubbuun namaa fi Qabeenya Ummataa irra Miidhaan gaheera.

Mootummaan dhimma Ummataa quba qabu hin jiru; kan jiru Shiftaa maafiyaa maqaa mootummaan daldalaa jiruu dha.

Waraana daangaa hundaan Oromoonirratti baname Qaamni biyya Bulchu siyaasaaf itti fayyadamaa jira.Ummanni immoo kana fashaleessuu kan danda'u shira murni Biltsiginnaa gidduu isaanitti xaxe hubatee wal irratti xiyyeeffachuu dhiisuun yoo Murna shiraa kana qofa irratti xiyyeeffatee dha.

Ummattoota jireenya Guutuu waliin jiraataa ture jiddutti shira kaadiree fi Kaabineen Uumtee walitti buusartu kana Ummanni hunachuun Mariidhaan furuu qaba.

Daangaa kana irratti ji'a tokko duras Waraana Ummata Nagayaa irratti banameen namni 4 Ajjeefamuun isaa ni yaadatama.

Photos from Qeerroo Bilisummaa Oromoo fr's post 17/05/2022
Photos from Qeerroo Bilisummaa Oromoo fr's post 16/05/2022

Fincila Xumura Gabrummaa Hanga Hiree Murteeffannaatti
(Caamsaa 16/2022 Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

Qeerroon Bilisummaa Oromoo bara hundeeffama isaa irraa kaasee gaaffii bilisummaa Uummata Oromoo kaasuun qabsoo karaa nagaa gaggeessaa turuun ni beekama. Qabsoo hadhaawaa gaggeessuun sirna EPRDF waggaa 27f Oromoo cunqursaa ture buqqisee ture. Haa tau malee injifannoon dhiiga qeerroo itti dhangalae, lafeen qeerroo kumaatamaa itti caccabee fi lubbuun ilmaan Oromoo hedduu itti wareegame shira xaxameen deebiee abbaa irree harka gale.
Injifannoon kun kan butame yakkamtoota kanneen bara EPRDF ilmaan Oromoo gurguraa, ajjeesaa fi ajjeesisaa turaniin tauun beekamaadha. Yakkamtoonni harki isaanii dhiiga ilmaan Oromootiin laaqamaa ture kunneen gochaalee fi yakka suukkanneessa Ilmaan Oromoo irratti raawwataa turan gara jabina daangaa hin qabnee fi dachaan akka raawwatan taasisee jira. Waggoota afran darban kana keessa yakki waraanaa fi daguuggaa sanyii PPn Oromoo irratti raawwataa jirtu akka addunyaatti gocha fokkisaa kan galmee xuraawaa irratti galmaa'udha.
Waraanni Abiy Ahmadiin ajajaman guyya guyyaan ajjeechaa jumlaa ummata Oromoo meesha maleeyyii irratti gaggeessaa oolu. Ajjeechaan abbootii Gadaa Karrayyuu ajjeechaan jumlaa Salaalee aanaa Warra Jaarsoo, Lixa Shaggar aanaa Ada'aa Bargaa, Gindabarat, kan Matakkal fi Walloo godaannisa yoomuu irraanfatamu miti. Godinaale Oromiyaa mara keessatti ajjeechaan wal fakkaataan waggoota afran dabran keessa yeroo adda addaatti raawwatamaa tureera. Manaa fi qabeenyi ummataa guyyuu gubamaa jira.
Faannoo fi hidhattootni Amaaraa Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuu, Giddaa Ayyaanaa, fi Sibuu Siree, Hoorroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruu, Jaartee Jaardagaa , Lixa Shaggar Aanaa Daannoo fi Baha Shaggar Aanaa Fantaallee fi Boosat, akkasumas Salaalee Aanaa Darraa fi Warra Jaarsoo keessatti waraana PP waliin tahuun ummata qe'ee isaa keessatti jumlaan ajjeesuu, manaa fi qabeenya ummataa gubuudhaan kanneen kuma hedduu tahan qe'ee isaaniirraa buqqisuu fi loonii fi qabeenya saamuudhaan lafa Oromiyaa hedduu weeraraniiru.
Sirni abbaa irree Abbiy Ahmadiin durfamu kun waraana ormaa: loltoota Eritiiriyaa, faannoo fi miliishaa Amaaraa, akkasumas humna addaa naannoo Affaar fi Somaalee Oromiyaatti bobbaasee ajjeechaa gara jabeenyaa ummata Oromoorratti raawwataa jira.
Akkasumas PPn hongee fi qaalaiinsa jireenyaa akka meeshaa waraanaatti fayyadamuuun Oromoo fixaa jirti. Kibbaa fi Kibba Baha Oromiyaa keessatti balaa hongee murni aangoorra jiru fayyadameen horiin miiliyeena 2 (lama) ol dhumuun ummanni keenya hiyyummaa hamaa keessatti kufeera. Waan nyaatuu fi dhugu dhabuudhaanis ummanni keenya beelaan du'aa jira. Kun kanaan osoo jiruu guutummaa Oromiyaa keessatti qaala'iinsa jireenyaa murni maqaa [badhaadhinaa] ofitti moggaafate kun fideen ummanni waan nyaatuu fi ittiin jiraatu bitachuu hin dandeenye. Oomisha ummanni keenya qabu itti yaadanii rakasiisuun waan ummanni keenya gabaa irraa bitatu ammoo akka malee qaalessanii ummata keenya hiyyummaa hamaa keessatti kuffiisan. Kun ammoo tahe jedhanii Oromoo dinagdee keessaa dhiibanii baasuudhaan hiyyummaa keessatti tiksuuf kan raawwatame dha. Faallaa kanaa qabeenyuma Oromoo fi Oromiyaa saamaniin saboota alagaa fi biyyoota ormaaf qooduun ittiin hariiroo dippiloomaasii tolfatu. Darargeessa Oromoo humnaan qabanii, garii ammoo maallaqa xixiqqaatiin gowwomsuun maqaa Raayyaa ittisa biyyaa jedhuun torbanoota muraasa leenjisanii lolatti erguun aangoo isaanii tikfachuuf lubbuu ijoollee ol guddattuu akka baalaatti harcaasisaa oolu. Murni PP akkuma aangoo dhuunfateen Oromoo kutaadhaan qoodee walitti buusuuf dhagaan inni gara hin galchine hin jiru.
Sabboonummaa Oromoo balleessuufis hololaa fi duula waraanaatiin ijibbaataa jira. Amantaalee walitti buusee bu'aa siyaasaa irraa argachuufis waan hedduu hojjeteera.
Murni kun qabsoo karaa nagaa guutummaatti cufuunis hoogganoota, qondaalotaa fi miseensota Dhaabbilee siyaasaa Oromoo guutummaatti hidhaatti guuruun hedduus ajjeeseera. Waajjiraalee Dhaabbilee Siyaasaa Oromoos guutummaa cufuun qabeenya isaanii saamaa ture. Ilmaan Oromoo hirmaannaa siyaasaa hin qabne baadiyyaa fi magaalota Oromiyaa keessaa kumaatamaan lakkaawaman guuree hidhuudhaan mana hidhaa keessatti gocha suukanneessaa irratti raawwataa jira. Hedduu ammoo hidhaa keessaa baasuun ajjeesanii lagatti gatuun reeffa isaanii bineensa nyaachisaa jiran. Garii ammoo murtii dabaa itti murteessuun hidhaa keessatti hiraarsaa jiru. Kanneen osoo mana murtiitti hin dhiyaatiin waggaa tokkoo hanga sadii turanillee baayyeedha. Maqaa wabii maallaqaatiinis ilmaan hiyyeessaa karaa irraa qabanii nama tokkotti hanga Qarshii kuma jaatamaa (60,000) gaafachuun karaa kanaanis murni pp ummatarraa maallaqa saamaa jira. Roorroo fi cunqursaa hangana hin jidhamnetu ummata Oromoorratti raawwatamaa jira.
Kanaaf ajjeechaa fi dararaan kun ummata Oromoo irraa dhaabbatee bilisummaa isaa akka gonfatuuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo Labsii Fincilila Xumura Gabrummaa hanga hiree murteeffannaatti jedhu gaafa guyyaa 16/05/2022 labsee jira.
Waammicha:
• Lammiilee Oromiyaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraattan maraaf
• Barattoota Oromiyaa sadaraa gadii kaasee hanga dhaabbilee barnootaa olaanoo
(Yunvarsiitiitti) jirtaniif.
• Dhaabbilee Siyaasaa Oromoo maraaf.
• Miidiyaalee Oromoo fi kan Addnuyaa maraaf.
• Aktivistoota Oromoo maraaf.
• Hayyoota Oromoo maraaf.
• Hojjettoota Mootummaa fi Miti Mootummaaf maraaf.
• Artistoota fi sabboontoota Oromoo maraaf.
• Dhaabbilee Mirga namoomaa kan biyya keessaa fi alatti sochootan maraaf.
• Dhaabbilee Amantaa maraaf.
• Abbootii qabeenyaa fi dhaabbilee Invastimantii ykn daldalaaf maraaf.
• Deggertoota qabsoo Bilisummaa Oromoo maraaf.
Waammicha QBO Oromoo Fincila Xumura Gabrummaa hanga Hiree Murteefannaatti labse kana ofitti fudhachuun qooda isinirraa eegamu akka bahattan waamicha Oromummaa isiniif dhiyeessina

Akeekkachiisa!
• Diinaaf deeggarsa diinagdee, siyaasaa fi waraanaa kanneen taasiftan
• Qaamoti nageenyaa, ummata keessaa baatanii mootummaa abbaa irree kanaaf ergamuun lammii keessan miidhaa jirtaniif
• Miseensota PP fi hojjettoota mootummaa sirna kanaaf deeggarsa adda addaa gochuun tajaajilaa jirtaniif
Barri Oromoon motummaa abbaa irree mataatti baatee, ilmaan isaa wareegaa, qabeenya isaa saamamaa fi qe'ee isaa irraa buqqaaa jiraatu amma xumuramee jira. Oromoon abbaa irree jalatti miidhamaa gabrummaa dhaloota dhufutti hin dabarsu. Kanaaf tumsa mootummaa shororkeessaa fi yakkamaa kanaaf taasiftan dhaabuun qabsoo ummataatti makamtanii Bilisummaa ummata keessanii akka mirkaneessitaniif QBO waamicha isa dhumaa isiniif taasisna.
Dhaabbilee biyya alaatiif
• Dhaabbilee investimantii fi daladala lammiilee biyya alaa
• Biyyootaa fi dhaabbilee mootummaa abbaa irree kanaaf tumsa taasiftan
• Imbaasiilee fi bakka buoota biyyoota adda addaa.
Mootummaan kuni mootummaa abbaa irree, dhiiga lammiilee biyyaatiin aangoo isaa dheereffataa jirudha. Filannoo sobaa gaggeessuun qofaa isaa dorgomee akka waan moateetti labsate. dhaabbilee fi mootummota biyyoota adda addaas sobuun deeggersa akka kennitaniif isin taasisaa jira.
Kanaafuu, mootummaa abbaa irree kana tumsuu dhaabuudhaan Qabsoo Bilisummaa ummanni keenya gaggeessu waliin akka dhaabbattan waamicha isiniif taasifna.

Dhumarratti Qeerroon Bilisummaa Oromoo warraaqsa fincila xumura gabrummaa kana yommuu gaggeessu, roga Qabsoo Bilisummaa Oromoo mara walitti hidhuudhaan wareegama barbaachisu baasee gabrummaatti xumura gochuuf dirqama isaa ni ba'ata. Roga maraanuu qabsoo haqaa kan gaggeessan kamuu qooda fudhattootni Qabsoo Bilisummaa Oromoo wal hubannootiin kaayyoo jaallan qaqqaaliin kumaatamaan irratti kitimaman galmaan ga'uuf murannoo fi of kenniinsaan akka warraaqan gad jabeessinee dhaamna.


INJIFANNOON UMMATA OROMOOF!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Caamsaa 16, 2022
Finfinnee, Oromiyaa

05/04/2022

Wanti biyya kanaa hunduu akkasuma. Seenaan odeeffamus, gootummaan lallabamus…gaafa qabatamiitti miidiyaarraa bu’ee lafatti ilaalamu akkuma kanaati! Abbuma caalutu caala!

Gurbaan harka mirgaarraan jiru kun jedhama. Godina Shawaa Bahaa, magaalaa Maqiitti dhalatee guddate. Dheerinni isaa meetira 2.25. Akka biyyatti dheerinaan 1ffaadha jedhamee waraqaa ragaa fudhate.

Isa booda miidiyaan jaraa mormiidhaan abidda buusan. ‘Zarraf’ jedhanii qabaan dadhabe. Nutimmoo goota meetira 2.50 dheeratu qabna jedhan. Namicha dabaree naqatanii suura kaasan, interview godhan, fiilmii itti hojjetan.

Dhumarratti namichi jedhame kun Finfinnee dhufee Nagawoo wajjin wal argan. Kunoo wal bira dhaabataniis suura ka’an. Amma eenyutu akka caalu isaanumti haa himan kaa! Namichi hiixannaanis laphee dhiibnaanis ta’uu dide. Gurbaan dideema caale!

13/01/2022

Yee

07/01/2022

Baga baatan!
——
Jalqabayyuu hidhaafi gidiraan isiniif hin malu ture. Warra yaada hin qabneefi warra dhugaa sodaatutu yakkaa malee isin hidhe!
Kan dhiifamni gaafatamu qabu isin. Isinirratti yakkaan hojjetame malee isin yakkaa hojjettan hin qabdan!
——
Hidhamtoonni siyaasaa Oromoo warra amma gadhiifaman kana qofa miti. Kumaatamatu hafe. Yakkaa tokko malee sababa Oromummaa isaaniif mana hidhaa addaa addaatti gidirfamaa kan jiran heedduudha. Guddaa hanga xiqqaatti kan manni murtiillee bilisa baafnaan didanii mana hidhaatti ugguranii kaa’an meeqatama!
Hunduu hatattamaan gadhiifamuu qabu! Hidhaafi ajjeechaan Oromoorraa dhaabachuu qaba! Oromoon biyyaafi qe’eesaarratti kabajamuu qaba!
——
Kan baatan baga baatan!

07/01/2022

Hunda dura galanni waaqaf yaa ta'u.

Hayyoonni teenya qaroon ija teenyaa baga nagaan nuuf baatan.

Hedduun keenna erga gaafa isin hidhamtaniitii isin waliin hidhaa turre.

Baga gammanne!!

07/01/2022

Baga Rabbiin nagaadhaan mana hidha keessa isin baase .

Vous voulez que votre entreprise soit Société De Financement la plus cotée à Paris ?
Cliquez ici pour réclamer votre Listage Commercial.

Vidéos (voir toutes)

Raajiiidha kan jarattii kanaa
Afuuftuu waan ittiin haraqee dhugdu dhabdee qabsoo oromootti makatte ABO qeequu feeti hattuun Sanyii Nagaasaa jedhan kun...
Uummannoo oromoo biyya France fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo fr Sirriitti dhaggeeffadhaa
Bonjour tout le monde ! 🌟 Vous pouvez me soutenir en m’envoyant des Étoiles - elles m’aident à gagner de l’argent, ce qu...
Obbo #Mansur Jamaal Baatii 1dura" Wal-hiikuun nawuriidha; nuun jeehan amma immoo wal-hiikuun daruuriidha 'jedhan .Isa ka...
Raajiidha
Bakka Qeerroo Bilisummaa Oromoo fr maaf hin baqnne ?
Bonjour tout le monde ! 🌟 Vous pouvez me soutenir en m’envoyant des Étoiles - elles m’aident à gagner de l’argent, ce qu...
Raajiidha

Type

Site Web

Adresse


Paris
Autres Finance à Paris (voir toutes)
Elliott Management Corporation Elliott Management Corporation
01 BP 0675
Paris, 90210

Respeto a los compromisos Una cálida bienvenida Profesionalismo comprobado Confianza compartida

Bitcoin Conseils & Formation Bitcoin Conseils & Formation
Paris

Bonjour, Cette page a pour but de vous aider dans la découverte du Bitcoin et du marché des crypto

LFG Finanza LFG Finanza
29 Rue Moulin
Paris, 75008

Siamo specializzati nel settore del finanziamento. La nostra priorità è aiutare qualsiasi cittadino italiano bisognoso di finanziamenti per la realizzazione del suo progetto.

Invest corporation finance Invest corporation finance
Paris, 75001

INVEST CORPORATE UNE SOLUTION D'INVESTISSEMENT RAPIDE (24h maximum transfert de vos gains)

Aide familiale Aide familiale
Paris
Paris, 75001

promouvoir un avenir meilleur.

Financiamento e Ajuda Mútua Financiamento e Ajuda Mútua
Paris

Do you need a secured loan to carry out your projects?? Leave us a message for more information.

Crypto Monnaie Crypto Monnaie
Paris
Paris, 75008

Tout sur les crypto monnaies

Prêts Très Fiable Entre Particuliers Sérieux Prêts Très Fiable Entre Particuliers Sérieux
Paris

Ce blog est personnel et est strictement fondé pour des offres de prêt entre les particuliers sérieux