Arbiyye pages

Arbiyye pages

Oromummaan Dhiiga Kooti.💚🙏

05/04/2024

Halkan leylatulqadiin keessatti argamu keessaa irra caala kan shakkamu halkan 27ti.
Rabbiin halkan kana nama milkaahe,kan duhaayiin isatii fi Toltuun inni dalagatee qabu ol fuudhamtu nuuf haa godhu insha Allaah 🤲🤲Amiiiin Amiiiiin🤲yaa Allaah ☝️

11/03/2024

As.wr wb akkam jirtan ummata Muslimaa kan adduunyaa guuturratti argamtan baga baatii ramadaana geessan🙏❤በአላም ለይ ለምትገኙት ህዝባሙስልሞች በሙሉ እንኳን ታላቁ ረማዳን ወር በሰላም አደራሳችው 🙏❤🙏

ረማዳን ሙባራክ

Photos from Kullee harar's post 03/03/2024

Oromoo nama jabaa kana nuuf jabeessa🙏

18/01/2024

Maalif nawaraantaa
Onneekoo walakkaa
Jaalalti hamtuudha
Argeen beeku takkaa,❤

Akkuma tasati suuta
Booji'ame qabameraa
Akka suusii bunaa
Naraasa nanwareeraa,

Qabameen beeku ani
Amala ibidda jaalalaa
Naan baaraga abjuunii
Na yaachisa galgalaa,

Nyaatas nan nyaachisu
Onneekooti dhiibataa
Naan ta'a nanciibsisuu
Dhihee barihudhaf
halkan ni dheerata🤔

Amma naaf galeera
Kan naqabe jaalalaa
Abjuun sii argeeraa
Damma naaf xaliilaa💝

wal'aansa barbaaduf
bakka meeqan dhaqee
Onnee too keessatti
bar situ argamee🌷
🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰

✍️..by
Guddaa galatoomaa!

05/01/2024

WALALOO~GOOTOTAA

Magan jollee walloo
goota haati deesse
ful-duratti malee
takkaa yoom duuba dheesse

jollee shanan jillee
yaa sadeen makkannaa
kan diinni sodaa kee
gadi deebihee hin rafne

nafxanyaa minilik
dhahee barbadeesse
kaan fixee kaan jiraa
harkaan qabee geessee (2x)

qoriifi harxummaa leenca qabne
kan diinnii sodaa saa
takkaa galee rafnee

yaa rabbii Araaramiif
warra wareegamef
kanneen madaahanis
ati nuuf fayyisii☝️

walloon hundatu goota
kam himee kam dhiisuu
kan fannoon maqaadhan
dhageettii sodaattuu (2x)

dawwee fi kamisee
ammas jollee baatee
amaarri waa'ee kee
dhageenyan albaate

ka'aa wal kakaasaa
kan rafes dammaqsa
yoo tokkomne moonaa
tokkummaa jabeessaa (2x)

Set By..✍️ Arbiyye walloo 🙏
Galatoomaa 🙏ulfaadha 💝
Injifannoon kan ummata wallooti.
insha Allaah ☝️☝️

05/01/2024
28/11/2023

● Nama Jabaa cinqii keessatti beekta!
👉 Nama Lubbuu isaa Wareeguutu jira lubbuu tee nagaya baasuuf jecha!
👉 Ammallee nama Callisee gama kee Laaluutu jira Kuufinsa kee ka eeggatu!

❤ Jaalawwan kiyya! Isiin ho nama akkamiti? Dubbiin arra dura akka waliin jennee sani 'Addunyaan tun nama Laafaaf bikka hin qabdu' Nama Jabaa Tahi eegasii filadhu! 🙏🙏🙏

07/10/2023

Dhaamsa Oromummaa🙏
*Artistoota oromoo,Hayyoota Oromoo,midiyaalee Oromoo fi Artilee Oromoo hundaaf akkasumas ummata Oromoo maraaf Artist kabajamaa fi jaalatamaa Art SA'AD AWWAL Kaaba Itoopiyaa godina Walloo mana hidhaa kamiseetti ergaa hidhamee waggaa lama xumuree sadeeffaa keessa jira.waan nama ajaa'ibu badii tokkolee qabaate miti,yoo badii tahe Oromoo tahuu isaa qofa.Kanaafuu bakka jirtanii akka gadi nuuf lakkifamuu sagalee haa taanuufi namuu hamma dandeenyuun dhiibbaa haa uumnu dhaamsa kiyyaa! galatooma🙏

30/09/2023

Yoomi laata????

Yoomin gaha galma koo
Iddoo garaan koo yaadee
Abjuu ijoollummaa
Lafa qalbiin koo araadee

Adeemuuf manaa baanaan
Gufuun natti baay'atee
Mul'atni koo innin argee
Abjuu natti fakkaatee

Yoomuma arga ijji koo
moo hin argin hafaa laataa
Yaaddoo dhaan bifa badee
Garaan koo na hammaataa

Hirribaaf yoon gad ciisee
Hirribaa na dammaqsaa
Boqonnaaf yoon gad-taa'ee
Achitti na gaggabsaa

Garuu garuu garuu...
Yoomi laata guyyaan isaa
Guyyaan galma koo gahuu
Guyyaan milkii koo argee
Abjuun koo dhugaa ta'uu.

Galatoomaa 🙏🙏

30/09/2023

Oromoo waliif birmachuu amala haa godhannuu🙏💝

20/09/2023

Yoomuu jirta Rabbii
Anaan na marsitee
Hamaatti nan kenniin
Maaloo dabarsitee
~
Jiruu koo hundumaa
Si qofaattin laadhaa
Abdiin kanko sumaa
Siinan jajjabaadhaa
~
Eegii na geggeessii
Daandiin irra imalee
Nan argatiin duutii
Balaan karaa malee
~
Nama hin amanuu
Kan keessisaa bofaa
Yaa Rabbi yoomiyyuu
Wabiin koo si qofaa👏
~
Galata keen galchaa
irra deddeebihee
Alahamdulillaahi☝️
yaa mooti ol tahee☝️☝️

by✍️ Arbiyye walloo

14/08/2023

Hojiin dogoggaraa kee har'aa sirrii fakkaatee yoo sitti mul'ate bor garuu dogoggora ta'uun isaa siif gala.

27/04/2023

!

Amalli kee gugeedha
Hin qabdu daddarbaa
Bareenni sirrati maree
Caaltuu mootii durbaa!

Seeqni ilkaan keetiidha
Billiq ja'a akka biiftuu
Obsuuf obsa dadhabee
Jaalalli kee nan dhiiftuu,

Ijji kee kurfoo geengoo
Nyaarri wal tuqa marsee
Kennaa uumaa qabdaa
kanaaf ja'een si faarsee,

Lookhoo mormi dheera
Akka callee dadacha'ee
Gaafan jalqaba si argee
Dhaapheen an fajaaja'ee,

Uumaan gaafa si'uumu
Bareenni hin hafne addaa
Kanaaf naaf kanniif kadhe
Yeroo hunda si barbaadaa!

Faaya sinboo qabeettii
Onnee naseentekaa tiruu
Hunda qaama dhunfattee
Uumaan sinaaf ha hiruu😍

✍️.by Arbiyye walloo
guddaa galatoomaa

Photos from Arbiyye pages's post 22/04/2023

Eid mubarak 🙏Saahiboota kiyya qaqqaalii baga ittiin sin gahee 💝🙏እንኳን አደረሳቾው💝

20/04/2023

As wr wb💝💚🙏🙏 Hordoftoota Amantii musliimaa hundaa keenyan baga nun gahee 🙏🙏💝 __________EID MUBAARAK🙏🙏
kan milkii
kan fayyaa
kan gammachuu
kan risqii
kan waan kadhattan hunda argattan
kan niyaa teessan hunda itti guutattan isiniif haa tahuu💝🙏

25/03/2023

🥰

Baga nagaan dhufte
Yaa simbo qabaataa
Yaa qarfata waggaa
Yaa ji'a rahmataa

Namoota wal dhaban
Kan walitti araarsu
Diina uumaaf uumamaa
Shayxaanaa mankaraarsu

Kan isa keessa balballi
Jannattaa hundinuu banamu
Balballi azaabaas
Martinuu cufamu
Toltuun namni hojjate
Dachaa taasifamu
Ollaan ziyaaramee
Firoomni fufamu

Yaa ji'a
Azmaraa quraanaa
Baga nagaan dhuftee
Yaa ji'a 🤝🤗

Arbiyye walloo ❤️✍

13/03/2023

yaa rabbii rooba as roobe kana hawaasa keenya booranaatifis nuuf roobiif🤲🤲 yaa allaah🤲🤲🤲

05/03/2023

LENCA KOO

Dhageessisaa jamaa
Fageessisaa hamaa
Hollachiisaa gantuu
Hoqqachiisaa yartuu

Seeqqachiisaa firaa
Akeekkachiisaa shiraa
Leenca fakkii namaa
Beekaa gaariif hamaa

"Cichooma cichoomse
Xiiqooma xiiqoomse"!
M*rroo marii sabaa
M*rroo cabsaa dabaa
Harqoota gabrummaa,
Waanjootu sin cabaa
Ifaatu sin dhufaa
Dhaloonni sin qaba.

Marri sin raasuu
Siitu mara raasaa
Dharri sin hin kaasuu
Siitu dhara kaasaa! ❤💚❤

@.by..Arbiyyee Walloo

05/03/2023

ADUWAA
Siitu nuuf bareecha
Injifannoo Adawaa
Gooticha sagaleen
Oromootaaf dawaa

Siitu nuuf goota Hacee
Guyyaa yaadannoo
Diinatti buufte yaaddoo
Siitu nuuf ta'e hidhannoo

Waltajjiin si malee hin
Qabu Gammachuu
Sirbitee gaafa geerartu
Itti beeyta moo'achuu

Warri hin beeynee callisee
Guyyaa gaafa ADAWA
Qabsoo saba Keenyaaf
Hacee sumaatu dawa

Hacee si dhabnee
Yoomuu sin dagannuu
Onnee keessa jiraatta
Hanga nu jiraannuu

@.by..Arbiyye walloo

Want your establishment to be the top-listed Arts & Entertainment in Dammam?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Videos (show all)

#followers #subscribe #friends #likeforfollow #Ramadan
jecha goota laali🙏💪🐅🐅#fightcoronavirus #fbreelsfypシ゚viral #friends #fbreels #foryou @followers @topfans ASMA PAGE
Nuf jiraadha jajjabee abdii biyyaa💪💪💝💪🙏Arbiyye Oro Walloo ASMA PAGE 💝🙏💝
Namni biyyaa baherMaal qananii qababiyyaa isaa yaadateYaadan qalbii caba🥰Arbiyye Oro Walloo
WALALOO~GOOTOTAAMagan jollee walloogoota haati deesseful-duratti maleetakkaa yoom duuba dheesse          jollee shanan j...

Category

Art

Telephone

Website

Address


Riyadh
Dammam