Arbiyye pages
Oromummaan Dhiiga Kooti.💚🙏
Halkan leylatulqadiin keessatti argamu keessaa irra caala kan shakkamu halkan 27ti.
Rabbiin halkan kana nama milkaahe,kan duhaayiin isatii fi Toltuun inni dalagatee qabu ol fuudhamtu nuuf haa godhu insha Allaah 🤲🤲Amiiiin Amiiiiin🤲yaa Allaah ☝️
As.wr wb akkam jirtan ummata Muslimaa kan adduunyaa guuturratti argamtan baga baatii ramadaana geessan🙏❤በአላም ለይ ለምትገኙት ህዝባሙስልሞች በሙሉ እንኳን ታላቁ ረማዳን ወር በሰላም አደራሳችው 🙏❤🙏
ረማዳን ሙባራክ
Oromoo nama jabaa kana nuuf jabeessa🙏
Maalif nawaraantaa
Onneekoo walakkaa
Jaalalti hamtuudha
Argeen beeku takkaa,❤
Akkuma tasati suuta
Booji'ame qabameraa
Akka suusii bunaa
Naraasa nanwareeraa,
Qabameen beeku ani
Amala ibidda jaalalaa
Naan baaraga abjuunii
Na yaachisa galgalaa,
Nyaatas nan nyaachisu
Onneekooti dhiibataa
Naan ta'a nanciibsisuu
Dhihee barihudhaf
halkan ni dheerata🤔
Amma naaf galeera
Kan naqabe jaalalaa
Abjuun sii argeeraa
Damma naaf xaliilaa💝
wal'aansa barbaaduf
bakka meeqan dhaqee
Onnee too keessatti
bar situ argamee🌷
🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰
✍️..by
Guddaa galatoomaa!
WALALOO~GOOTOTAA
Magan jollee walloo
goota haati deesse
ful-duratti malee
takkaa yoom duuba dheesse
jollee shanan jillee
yaa sadeen makkannaa
kan diinni sodaa kee
gadi deebihee hin rafne
nafxanyaa minilik
dhahee barbadeesse
kaan fixee kaan jiraa
harkaan qabee geessee (2x)
qoriifi harxummaa leenca qabne
kan diinnii sodaa saa
takkaa galee rafnee
yaa rabbii Araaramiif
warra wareegamef
kanneen madaahanis
ati nuuf fayyisii☝️
walloon hundatu goota
kam himee kam dhiisuu
kan fannoon maqaadhan
dhageettii sodaattuu (2x)
dawwee fi kamisee
ammas jollee baatee
amaarri waa'ee kee
dhageenyan albaate
ka'aa wal kakaasaa
kan rafes dammaqsa
yoo tokkomne moonaa
tokkummaa jabeessaa (2x)
Set By..✍️ Arbiyye walloo 🙏
Galatoomaa 🙏ulfaadha 💝
Injifannoon kan ummata wallooti.
insha Allaah ☝️☝️
● Nama Jabaa cinqii keessatti beekta!
👉 Nama Lubbuu isaa Wareeguutu jira lubbuu tee nagaya baasuuf jecha!
👉 Ammallee nama Callisee gama kee Laaluutu jira Kuufinsa kee ka eeggatu!
❤ Jaalawwan kiyya! Isiin ho nama akkamiti? Dubbiin arra dura akka waliin jennee sani 'Addunyaan tun nama Laafaaf bikka hin qabdu' Nama Jabaa Tahi eegasii filadhu! 🙏🙏🙏
Dhaamsa Oromummaa🙏
*Artistoota oromoo,Hayyoota Oromoo,midiyaalee Oromoo fi Artilee Oromoo hundaaf akkasumas ummata Oromoo maraaf Artist kabajamaa fi jaalatamaa Art SA'AD AWWAL Kaaba Itoopiyaa godina Walloo mana hidhaa kamiseetti ergaa hidhamee waggaa lama xumuree sadeeffaa keessa jira.waan nama ajaa'ibu badii tokkolee qabaate miti,yoo badii tahe Oromoo tahuu isaa qofa.Kanaafuu bakka jirtanii akka gadi nuuf lakkifamuu sagalee haa taanuufi namuu hamma dandeenyuun dhiibbaa haa uumnu dhaamsa kiyyaa! galatooma🙏
Yoomi laata????
Yoomin gaha galma koo
Iddoo garaan koo yaadee
Abjuu ijoollummaa
Lafa qalbiin koo araadee
Adeemuuf manaa baanaan
Gufuun natti baay'atee
Mul'atni koo innin argee
Abjuu natti fakkaatee
Yoomuma arga ijji koo
moo hin argin hafaa laataa
Yaaddoo dhaan bifa badee
Garaan koo na hammaataa
Hirribaaf yoon gad ciisee
Hirribaa na dammaqsaa
Boqonnaaf yoon gad-taa'ee
Achitti na gaggabsaa
Garuu garuu garuu...
Yoomi laata guyyaan isaa
Guyyaan galma koo gahuu
Guyyaan milkii koo argee
Abjuun koo dhugaa ta'uu.
Galatoomaa 🙏🙏
Oromoo waliif birmachuu amala haa godhannuu🙏💝
Yoomuu jirta Rabbii
Anaan na marsitee
Hamaatti nan kenniin
Maaloo dabarsitee
~
Jiruu koo hundumaa
Si qofaattin laadhaa
Abdiin kanko sumaa
Siinan jajjabaadhaa
~
Eegii na geggeessii
Daandiin irra imalee
Nan argatiin duutii
Balaan karaa malee
~
Nama hin amanuu
Kan keessisaa bofaa
Yaa Rabbi yoomiyyuu
Wabiin koo si qofaa👏
~
Galata keen galchaa
irra deddeebihee
Alahamdulillaahi☝️
yaa mooti ol tahee☝️☝️
by✍️ Arbiyye walloo
Hojiin dogoggaraa kee har'aa sirrii fakkaatee yoo sitti mul'ate bor garuu dogoggora ta'uun isaa siif gala.
!
Amalli kee gugeedha
Hin qabdu daddarbaa
Bareenni sirrati maree
Caaltuu mootii durbaa!
Seeqni ilkaan keetiidha
Billiq ja'a akka biiftuu
Obsuuf obsa dadhabee
Jaalalli kee nan dhiiftuu,
Ijji kee kurfoo geengoo
Nyaarri wal tuqa marsee
Kennaa uumaa qabdaa
kanaaf ja'een si faarsee,
Lookhoo mormi dheera
Akka callee dadacha'ee
Gaafan jalqaba si argee
Dhaapheen an fajaaja'ee,
Uumaan gaafa si'uumu
Bareenni hin hafne addaa
Kanaaf naaf kanniif kadhe
Yeroo hunda si barbaadaa!
Faaya sinboo qabeettii
Onnee naseentekaa tiruu
Hunda qaama dhunfattee
Uumaan sinaaf ha hiruu😍
✍️.by Arbiyye walloo
guddaa galatoomaa
Eid mubarak 🙏Saahiboota kiyya qaqqaalii baga ittiin sin gahee 💝🙏እንኳን አደረሳቾው💝
As wr wb💝💚🙏🙏 Hordoftoota Amantii musliimaa hundaa keenyan baga nun gahee 🙏🙏💝 __________EID MUBAARAK🙏🙏
kan milkii
kan fayyaa
kan gammachuu
kan risqii
kan waan kadhattan hunda argattan
kan niyaa teessan hunda itti guutattan isiniif haa tahuu💝🙏
🥰
Baga nagaan dhufte
Yaa simbo qabaataa
Yaa qarfata waggaa
Yaa ji'a rahmataa
Namoota wal dhaban
Kan walitti araarsu
Diina uumaaf uumamaa
Shayxaanaa mankaraarsu
Kan isa keessa balballi
Jannattaa hundinuu banamu
Balballi azaabaas
Martinuu cufamu
Toltuun namni hojjate
Dachaa taasifamu
Ollaan ziyaaramee
Firoomni fufamu
Yaa ji'a
Azmaraa quraanaa
Baga nagaan dhuftee
Yaa ji'a 🤝🤗
Arbiyye walloo ❤️✍
yaa rabbii rooba as roobe kana hawaasa keenya booranaatifis nuuf roobiif🤲🤲 yaa allaah🤲🤲🤲
LENCA KOO
Dhageessisaa jamaa
Fageessisaa hamaa
Hollachiisaa gantuu
Hoqqachiisaa yartuu
Seeqqachiisaa firaa
Akeekkachiisaa shiraa
Leenca fakkii namaa
Beekaa gaariif hamaa
"Cichooma cichoomse
Xiiqooma xiiqoomse"!
M*rroo marii sabaa
M*rroo cabsaa dabaa
Harqoota gabrummaa,
Waanjootu sin cabaa
Ifaatu sin dhufaa
Dhaloonni sin qaba.
Marri sin raasuu
Siitu mara raasaa
Dharri sin hin kaasuu
Siitu dhara kaasaa! ❤💚❤
@.by..Arbiyyee Walloo
ADUWAA
Siitu nuuf bareecha
Injifannoo Adawaa
Gooticha sagaleen
Oromootaaf dawaa
Siitu nuuf goota Hacee
Guyyaa yaadannoo
Diinatti buufte yaaddoo
Siitu nuuf ta'e hidhannoo
Waltajjiin si malee hin
Qabu Gammachuu
Sirbitee gaafa geerartu
Itti beeyta moo'achuu
Warri hin beeynee callisee
Guyyaa gaafa ADAWA
Qabsoo saba Keenyaaf
Hacee sumaatu dawa
Hacee si dhabnee
Yoomuu sin dagannuu
Onnee keessa jiraatta
Hanga nu jiraannuu
@.by..Arbiyye walloo
Click here to claim your Sponsored Listing.
Videos (show all)
Category
Contact the establishment
Telephone
Website
Address
Riyadh
Dammam