E Samuel sifan
Nearby public figures
Toronto
Downtown, Toronto
Toronto
Toronto
Lahore
Toronto
Toronto
Toronto
Toronto
Voi
Head Office, Toronto
Toronto
Bathwurst Street, Toronto
Toronto
Toronto
i will advocate more for my peoples freedom!
Baga ayyaana irreechaatin isin ga'e
Oromoo Baga jala bultii ayyaana irreechaatin isin ga'e
Vi Ahmed Kasim
Ayyaana irreechaa irratti duulli godhamaa jiru kan dhimma amantaan wal qabatee amma eegale osoo hin taane, tooftaa jaarraa dheeraadhaaf eenyummaa Oromoo fi saba Oromoo ittiin cabsaa turaniidha. Ayyaanni irreechaa dhabamsiifne jedhan dhabamuu didee dhalootan latee babaldhatee handhuura biyyattii Finfinnee keessatti bifa haarawaan deebi'ee kabajamuu eegaluun qaamoleen jibba guddaa saba Oromoo fi aadaa Oromoo irraa qaban yeroo sana irraa eegaluun tooftaa ayyaanicha uummanni akka jibbuuf bifa haarawaan akka qindeessaa turan qorannoo godhameen bira gahameera. Akka ragaan qorannoo shira ayyaana irreechaa irratti xaxamu adda baasudhaaf godhame agarsiisutti,ayyaanni irreechaa magaalaa Finfinnee keessatti kabajamuu eegaluun hawwatummaa irreechaa dabaluun waggaa waggaan uummanni irratti hirmaatu baay'achaa waan deemuf kana hanqisuuf tooftaalen garaa garaa baajanni guddaan itti ramadamuun bocamanii hojiitti galamuu agarsiisa.
Tooftaalen irreecha ittiin jibbisiisudhaaf kaa'aman kunneen
1. Ayyaana irreechaa irratti jeequmsi akka uumamu gochuun akka uummanni nageenya isaaf jedhee irreecha hirmaatu hirdhachaa deemu. Ayyaanni dirree jeequmsaa akka tahetti sabaa fi sablammoota biyyattii fi hawaasa addunyaa hubachiisun irreecha addunyaan jibbitee akka UNESCOtti hin galmeessine gochuuf
2. Ayyaana irreechaa kan amantaa tokkoo akka tahee gochuun hordoftoonni amantaa biroo ayyaanicha irratti akka hin hirmaanne karaa dhaabbilee amantaatin duula irreecha irratti gaggeessun Ayyaana irreechaa jibbisiisudhaan akka uummanni baldhaan irratti hin hirmaanne gochuudha.
Gareen jibba Oromummaa qabu kun duraan sirna mootummaa fayyadamuun waan Oromoo dhabamsiisaa kan turan yommuu tahu amma tooftaa shiraatti dhimma bahuuf yaadan. Uummanni Oromoo shira alagaa kana hubachuun calaqqee eenyummaa isaa tiikfatee dhalootaa dhalootatti akka dabarsu dhaamameera."
HUBACHIISA!
=====
Deemsa araaraa Oromoo kana gufachiisuuf olola kaabarraa dhufaa jiru tokkotu jira. Akka irraa of eegnuuf jecha dursee saaxiluun barbaada. Akkuma beekamu warri ristee PP irratti lola karaa hundaa bananii jiru. Jarri kun akka waan araarri WBO fi mootummaa gidduutti deemaa ture guutuutti fashaleetti dhiheessuu barbaadu. Sana keessaan bu'aa argachuuf herregatan qabu. Kana qofas miti. ''WBOn mootummaan kun diigamee mootummaan cehumsaa paartiilee siyaasaa HUNDA hammate akka ijaaramu gaafannaan PPn dide'' olola jedhu oofuuf dhama'aa jiru. Paartiilee HUNDA yoo jedhan paartii jaraas akka hammatu barbaadu. Olola kana keessatti ammoo WBOdhaaf quuqama addaa akka qaban tokkotti of dhiheessuuf karaa cirachaa jiru.
Ololli kun sobarratti kan hundaawee dha. Akkuma kaleessa ibsuuf yaale ABO-WBOn gaaffii bifa akkasiis hin dhiheessine, sana hin dhiheessus. WBOs tahee ummanni Oromoo kan barbaadu Oromoota aangoorra jiran waliin nagaa buufnee, biyya keenyarratti mirga abbummaa guutuu mirkaneeffannee waan harkaan gahanne jabeeffannee kan nu hafeef waloon qabsaayuu dha jedheen yaada. Kan tahuu qabus sanuma malee bakka geenyerraa zeerootti deebi'uu miti. Zeerootti deebi'uudhaan nu caalaa kan buufatu warra wal ijaaree kaaba irraa didichaa jiru kana. Iddoo kana gahuuf lubbuu obboleeyyan kumaatamaa wareegne waan taheef wanni duubatti deebi'u hin jiraatu. Fuulduratti deemuu keessatti ammoo gidduu keenyatti qaawwa bannee bineensa nu nyaachuuf didichaa jiruuf carraa hin uumnu.
Adeemsi siyaasaa jaraa kun mammaaksa Oromoo 'yaa marqa si afuufuun si liqimsuufi' jedhu nama yaadachiisa. Jarri Oromoo caalaa WBOf firoomuu hin danda'an. Diinni isaanii guddaanuu sabboonummaa Oromoo irree WBOtiin ibsamu kan Abiyyiinuu mirga keenya sharafe jedhee yakku sani. Abiyyi Ahmad kan kaleessa akka nabiyyii isaaniitti laalaa turaniinillee'nu ganee gara Oromootti luucca'e, ONEGAWI MENGIST dha' ittiin jedhaniitu buqqisuuf itti gamaa jiru. Dhugaa kana beekuun mooraa qabsoo Oromoof murteessaa dha. Warri aangoorra jirus kana beekee araara kana ariifachiisuufi milkeessuuf garaa guutuu hojjechuu qaba. Gareen lachuu waan ammatti danqaa tahe furuun warra kufaatii keenya hawwaa jiruu fi nu gidduun qaawwa barbaaddatee seenuuf boorataa jiru abdii kutachiisuu qaban. Wal madeessinus, numatu wal fayyisa.
Via yahaya Bashir.
Jaal Magarsaa Bariif jaallansaa imaluuf daandii yoo eegalan Jaal Galaasaa Dilboo jaallan imalaaf qopha'aniif gaaffii tokko dhiheessaniif.
"Akka isin Moqaadishoo geessan maaliin barraa?" Jedhanii jaallan imalaaf daandii qabatan garaa raasnaan Jaal Magarsaa Barii deebii murannoo qabdu tokko akkas jedhanii deebisaniif....
" Raadiyoo Somaalee Sagantaa Afaan Oromoodhaanin wallee Yuunus Abdullaayii 'Bilisummaan Aannanii' jedhun isin affeera" jedhanii imala dadhabsiisaa sana eegalan. Moqaadishoo osoo hin gahin Shinniggaa bakka jedhamutti harka shiftoota sanaa bu'anii wareegaman.
BAGA EEBILA 15, GUYYAA GOOTOTA OROMOO KAN BARA 2023 GEESSAN!
Waaqayyo nama kaayyoo jaallan kufanii galmaan gahu nu haa taasisu!
Gochi akka kana kun nama qaanessa, Orma Gammachiisuuf Oromoo dararuun hanga yoomitti akka itti fufu rabbi haa beeku.
Yoo Waaqa beektu taatan hiikaa!
Mootummaan Itoophiyaa marii qaama 3ffaa hirmaachiseen waraana Oromiyaatti xumura gochuun nagaa fi egeree biyyattiif murteessaa tahuu qaamoleen garaagaraa hubachiisaa jiru.
Itoophiyaatti Ambaasaddara United States kan turanii fi Itti Aanaa Ministira Haajaa alaa tahuun Hariiroo biyyi isaanii Dhimmoota Afriikaa irratti hordoftu itti dhiheenyaan hoogganaa kan turan Tibor Peter Naggy, Dippiloomaatotaa fi namoota siyaasaa barbaachisummaa nagaa Oromiyaa barreessan keessaati.
Tibor Nagy akka jedhanitti, Yeroo adeemsi nagaa kaaba Itoophiyaa toora gaarii qabatee fuulduratti deemaa jiru kanatti naannoo biyyattiif akkaan murteessaa taate Oromiyaatti Nagaa buusuuf fedhiin mul’ataa jiru jajjabeessaadha.
Adeemsi kun fiixa akka bahuuf irratti hojjetamnaan hededumaan biyyattiitti nagaan buhee, gara imala milkiitti deebihuu dandeessi jedhu Dippiloomaatiin Ameerikaa dhimma Itoophiyaa itti dhiheenyaan beekan kun.
Sabboonummaa Oromummaa meeshaa godhachuun dhiibbaa alaa ofirraa ittisuu dura sabboontota sabboonummaa sana biqilchuuf jiruu isaanii guutuu wareegama baasaniif kabajaa qabaachuutu dursa.
OMN: Kabajamtoota daawwattoota keenya Waamicha Qeerroo irratti Turtii Inspector Samuel Ermias waliin taasfine yeroo muraasa booda nu eegaa.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Videos (show all)
Category
Website
Address
West
West
is a director of federal corporation registered by Corporations Canada - Innovation, Science and Economic Development Canada (ISED).
West
Là tư vấn viên di trú hợp pháp của Canada (RCIC) với mã số R530625, Minh Quân RCIC cung cấp dịch vụ tư vấn và làm hồ sơ cho khách hàng có nhu cầu du học, định cư, du lịch, bảo lãnh...
West
Lâm Chấn Ngọc Official Fanpage ! Nơi giao lưu, cũng như tâm sự và thông tin về hoạ
West
Political Scientist, Policy Analyst, Human Rights Activist, Wanderlust & Comedian
West
The Rabid Dabber is here to bring you all the current events, dispensary reviews, flower/extract reviews and everything else that is canibus culture.