Burka Gudo 2ndry School

Akka Abdii Hin Kutanne,Abdii Kutadhu!! Hanga jirtu haqaaf jiraadhu

Photos from Burka Gudo 2ndry School's post 03/01/2024

Godina Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bultum Bul/ Magaalaa Burqaattii

hundaa (Mass Sport) mata duree "Sa'aa tokkotti miiliyoonootaa fi waloominaf" jedhuun gaggeeffamee jira ‼️

09/12/2023

Yaa ilma Namaa …..
••••••••••••••••••••

Yaa ilma namaa gaafa garaa Haadha teetii keessaa gad baate nama gad si baase hin beeytu !

Gaafa duutuus nama qabrii keessa si gad kaayu hin beeytu !

Gaafa dhalattu qaama sirraa dhiqanii si bareechan!

Gaafa Duutuus si dhiqani si bareechan!

Gaafa dhalattu dhalachuu keetiif Eenyuu siif gammadee hin beeytu!

Gaafa duutuus Eenyu Du'a keetiif rifatee sirra booyaa hin beeytu !

Garaa Haadha teetii keessatti bakka Dukkanaa, Rakkoo (Dhiphoo) keessa turte!

Gaafa duutuus bakka Rakkoo (Dhiphoo) fii dukkana keessa taata!

Ati arra Addunyaa gubbaa jiraachu jirta, Gaafa duutuuf hoo maal qopheesite?

Yaa Rabbi Rahmata nuuf godhi, Dilii teenya nuuf Araarami, Dachii gubbatti Rahmata nuuf godhi, Dachii jala gaafa buunes Rahmata nuuf godhi, Gaafa dachii jalaa kaafamnus Rahmata nuuf godhi !!

SHARE WALIIF GODHAA .... JZK

https://t.me/IbsaaDhugaa

09/12/2023

Jechi sagalee irrabutaa qabu kam?
A.Qilxuu
B. Birbirsa
C. Ejersa
D. Hunda
E. Deebiin hin jiru

30/11/2023

⭐Ergamaan Rabbii (ﷺ), Akkana Jedhan, irra caalaan akkaata araarama rabbiin itti kadhaan Zikrii kanaani jedhan.

↪️Allahumma anta rabbii laa ilaaha illaa anta, Khalaqtani wa ana Abduka, wa ana ala ahdika wa wa'dika mastata'tu, A`uzu bika min Sharri ma sana`tu, abu'u Laka bini`matika `alaiya, wa abu'u bizanbi faghfirlii fa innahu la yaghfiru azzunuba illa anta."

Ammas Nabiin (ﷺ) Akkana ja'e,
Namni dhugumaan ganama du'aa'ii tana je'e
guyyaa san keessa duuti itti dhuftee du'e inni warra jannataa irraa ta'a, ammallee namni
dhugumaan Halkan du'aayii tana jedhe osoo hin bariine halkaan san keessa duuti itti dhufte du'e warra jannataa irraa ta'a jedhan.

{Sahiiha Bukhaarii}

Yaa Rabbii jecha laaftuu tana jenne warra jannataa ta'uu nuuf laafisi yaa Allah.

Yaa Ahbaabii Keeyriin xiqqoo hin qabdu ofiifis irraa fayyadama obboleewwan keessaniin share godha baarakallahu fiikuum✔️

Photos from Burka Gudo 2ndry School's post 26/11/2023

Hojiin Barnootaa Caasaalee Mootummaa Hunda keessatti Hojii 1ffaa Ta'ee Akka Irratti Xiyyeeffatamee Hojjatamu Murtaa'eera.
--------------------
BBO-Sadaasa 16/2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaa kufaatii qulqullina barnootaa akka biyyaafi naannoo keenyatti qunname keessaa bahuuf waltajjii Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Ambaasaaddara Barnoota Oromiyaa kabajamoo obbo Shimallis Abdiisaa, hogganaan Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa kabajamoo obbo Fiqaaduu Tasammaa, hoggantootni olaanon, abbootiin qabeenya, hayyootni Yunivarsiitiiwwanii, hayyootni dhaabbilee mootummaafi miti mootummaa irraa walitti babahan, hoggantootni barnootaa sadarkaan jiran, seektarootni adda addaafi aangawoon dhaabbilee Mootummaa Federaalawaa irraa afeeraman kan irratti argaman qopheessuun marii taasisee irratti murteen qabxii saddeet qabu murtaa'eera.

Kufaatii Barnootaaf sababafi mala furmaataa irratti waraqaan qorannoo hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisootiin kan waltajjiif dhihaate yoo ta'u, waraqaa qorannoo dhihaate irratti hirmaattota kan mariisisan kabajamoo obbo Shimallis Abdiisaa, kabajamoo obbo Fiqaaduu Tasammaafi kabajamoo Dr. Tolaa Bariisoo yoo ta'an, hirmaattota irraa yaadniifi gaaffii adda addaa ka'anii erga irratti mari'atanii booda, qulqullina barnoota keenya rakkoo jalaa baraaruuf guyyaa har'aa irraa jalqabee hojiiwwan akka mootummaafi qaama hawaasa hundaatiin hojjatamuu qaban qabxiin saddeet murtaa'aniiru.
Hojiiwwan hojjatamuuf murtaa'an kunniin dhaloota eger horannuuf murteessaafi Seena Qabeessummaan isaa daran olaanaa ta'uu mul'iseera.
kutannoo Mootummaafi Hawaasa keenyaa kan Mirkaneessan:
Tiraansifoormeeshinii Barnootaa Oromiyaa Hundeeffameera.
Barnootaa hundaaf hogganaan Siyaasaa tokko abbummaan ramadamee akka hordofuufi deeggaru, Qaamni siyaasaa kun haala walii galaa MB, nyaata barattootaa, rakkoo barsiisaa, barattootaa, maatii barattootaa, hawaasa naannawa MB, caasaalee mootummaafi walitti dhufeeny

16/11/2023

KUTANNOO | Humna Kutannoo

✪ "Kutannoo yoo qabaatte xaxaa namoonni ittiin si xaxan ofirraa kukkuttee milkaa'uu dandeessa."
❍ "Ati hin dandeessu!"
❍ "Ati gahaa miti!"
❍ "Abaluuniyyuu ni dadhabe!"
❍ "Qarshii hin qabdu!"
❍ "Hin dandeessu!"
❍ "Fira hin qabdu!"
❍ "Haala kamiin sadarkaa kanarra geessa?" jedhanii dhagaa meeqa sitti darbatu!

❏ Milkaa'ina keetiif wanti akka kutannoo qabaachuu bakka bu'uu danda'u tokkoyyuu hin jiru. Dandeettii ol'aanaa caalaa kutannootu barbaachisaadha.

02/11/2023
Photos from Burka Gudo 2ndry School's post 31/10/2023

Today,s Best photo
❤❤❤❤❤❤

Photos from Burka Gudo 2ndry School's post 31/10/2023

Aanaa Odaa Bultuum
*********"***************************
Onko.18/2016

Godinaa Harargee Lixa Aanaa Odaa Bultumitti daawwiin hojiilee garaagaraa gaggeeffameera...

Jiilli Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Odaa Bultum Obbo Haamid Ebrahim durfamu Hojiiwwan Misooma Aanichaa keessatti hojjaatama jiran buufata biqiltuu kaarraa fi akkasuma hojjiilee adda adda daawwataniru.

Photos from Waajjira Barnootaa Aanaa Odaa Bultum's post 31/10/2023
Photos from Burka Gudo 2ndry School's post 31/10/2023
31/10/2023

Oda Bultum Today best photo
👌👌👌👌👌👌

31/10/2023

Tarii.....

Konkolaataa bitannu
Miilaan deemuu dhiifna
Tarii miila dhabneeti
Karaa irraa kadhanna ~~~~

Barannu hayyuudha
Biyya teenya jaarraa
Ta'uu baattu garuu
Gargaarsaaf hiriirra ~~~~

Jabaannee hojjannu
Gamoo gudda jaarraa
Yoo tuffanne garuu
Huccuu dhabnee daarra ~~~~

Fooniif killee malee
Ni laganna shiroo
Tarii Raafuu dhabnee
Yaanna foolii shiroo ~~~~

Dhunfaanis haa ta'u
Qaaxaramiis hojjadhu
Hamma danda'amutti
Hojjachuu jaaladhu ~~~~~

Hin boonin namakoo
Namummaan hojiinii
Biyyaaf dhiisaa ofiif
Bu'aan qaban taa'anii ~~~~

Barumsaa fi qarshiin
Biyya feete deemtaa
Gaafa hojii dhiiftee
Sigaaraan gubatta ~~~~

Nan qaballee dhiisi!
Dhabdun ta'in biizii
Rabbi abdadhuutii
Hojiidhaan ta'i biizii ~~~~

Waan boruun beeytuu
Maal ta'akee tarii?
Hanga lubbuun jirtu
Ati hojjadhu gaarii! ~~~~

Namoota jaaladhu
Jabeeysaa hojiitee
Namni hojiin talaa
Dubbii Ciro dhumte ~~~~

Barreeysaan ✍️👉Mame Carcar

Photos from Burka Gudo 2ndry School's post 31/10/2023

*********"***************************
Onko.18/2016

odaa bultumitti daawwiin hojiilee garaagaraa gaggeeffameera...

bulchaa bulchiinsa aanaa odaa bultum durfamu hojiiwwan misooma aanichaa daawwachiisuu buufata biqiltuu kaarraa irraa eegalaniiru...

Photos from Shimelis Abdisa's post 31/10/2023
31/10/2023

SAMMUU KEENYA MAALTU MIIDHA?
👉 shiishaa , tanboo fi sigaaraa xuuxuu.
👉alkoolii dhuguu.
👉boqonnaa ykn haaragalfii dhabuu.
👉dhiphina sammuu cimaa.
👉faalama qilleensaa.
👉ciree/faxara nyaachuu dhabuu.
👉humna ol nyaachuu.
👉 nyaata sukkaara baayyatan baayyinaan nyaachuu.
👉bishaan gahaa dhuguu dhabuu.
👉 hirriba gahaa rafuu dhabuu. Namni fayyaa tokko guyyaatti sa'aa 6-8 rafuu qaba.
👉 yeroo rafnu huccuun fuula keenya haguuggannee rafuu. Kuni sammuun keenya akka kaarboondaayosaayidiin akka miidhamu godha.
👉osoo dhukkubsannuu, waan sammuun yaaduu gaafatu dalaguu.
👉fayyummaa sammuu keenyaa haa eeggannu.

Galatoomaa !!
Waliif share godha.
Vidiyoon argachuuf tiktok kiyya follow godha.

https://vm.tiktok.com/ZMjXDBBo4

https://vm.tiktok.com/ZMjs4nmot

Want your school to be the top-listed School/college in Dubai?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Address


Oromia
Dubai
SECRAT
Other Dubai schools & colleges (show all)
KinderSafe KinderSafe
Dubai, 5527

We offer training programs about abuse, bullying and juvenile problems,BEFORE they happen, to keep o

Murdoch University Dubai Murdoch University Dubai
Level 1, Block 18, Dubai Knowledge Park
Dubai, 500700

We are one of the branch campuses of Murdoch University, Perth, Australia, and are located in Block 18 at Dubai Knowledge Park. +97145749800 [email protected] www.mu...

the Centre for Executive Education the Centre for Executive Education
Dubai

This is the official page of CAPITAL EDUCATION

Premiere art school Premiere art school
Alamal Street Business Bay Dubai
Dubai, 500001

Welcome to Premiere art school, the premiere destination for aspiring graphic designers

Dubai Lynx Dubai Lynx
Madinat Jumeirah Arena
Dubai

Dubai Lynx is for people who are passionate about creativity.

Repton School Dubai Repton School Dubai
Nad Al Sheba 3, Dubai, UAE
Dubai, P.O.BOX300331

Welcome to Repton Dubai. A KHDA 'Outstanding' School & Spear's Top 100 Private School.

Claude Harmon III Performance Golf Academy Claude Harmon III Performance Golf Academy
The Els Club Dubai
Dubai, 111123

Claude Harmon III Performance Golf Academy, Dubai Sports City Dubai, UAE +97144251040 www.ch3perform

Bellini - Dubai Bellini - Dubai
Dubai Mall , 2nd Floor, Shop#76, Near Hamley's Toy Store
Dubai

A One Stop Experience for the Expecting Mother, with Everything Needed to Create the Most Luxurious and Highest Quality Baby Nursery. www.bellini.ae

Safa British School Safa British School
Al Safa 1
Dubai

Safa British School is a British Curriculum School in the heart of Dubai. With over 40 nationalities enrolled we are truly a global community.

Eton Institute Eton Institute
Dubai Knowledge Park
Dubai

Eton Institute is UAE’s largest language and training provider. 📞: 800-ETON Find the latest: https://linktr.ee/learnwitheton

Alliance Française Dubai Alliance Française Dubai
Oud Metha, Street 18
Dubai, 4605

Welcome to the French Cultural Center in Dubai! Affiliated to the French Consulate, we are expert

Jumeirah Music Centre Jumeirah Music Centre
1st Floor Jumaira Plaza, Jumeirah Beach Road
Dubai, 75674

Guiding, inspiring and developing children and adults’ musical skills since 2004.