Mezgebuatucho
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Mezgebuatucho, Social service, 99 Creston Place NW, Edmonton, AB.
Discriptive and prescriptive (Ibsaa ala tokko qofa gargaaru fi ajaja bara hundaaf ta'uu)
Kutaa macaafa qulqulluu keessaa akkamitti jiraachuu akka qabnnu qajeelfama kan nuuf laatu baayyeetu jiraa. Fakkeenyaaf “Diinota keessan jaalladhaa, warra isin ari’ataniifis kadhadhaa” Mat. 5:44 jedhaa. Ajaji Yesuus kenne kun aadaa, yeroo fi bara hundumaa kan hojjetuu dha malee kan bara sana qofa miti. Afaan ingiliffaatiin (prescriptive) jedhama. Irra deddebi'uu dhaan kan yeroo fi barri utuu hindaageesin hojii irra ooluu dha. Kutaa yaraan kitaaba qulqulluu keessa nama murtaa’eef yeroo, aadaa fi bakka murtaa’eetti kennamee yeroma sana xumuraman jiruu. Fakkeenyaaf:
1. Ximootewos waan garaachi isaa yeroo baay’ee dhukkubsatuuf ergamaan Phaawuloos wayinii xiqqoo fayyadami jedhee gorsaa 1Xim. 5:23. Wayinii yeros akka qorichaatti gargaaramu turani. Har'aa garuu qorichatu jira waan ta'eef wayinii ykn dhugaati biraa nun barbaachisuu.
2. Hojii Ergamootaa Boqonna 2 hamma boqonnaa 5tti amantoonni bara sanaa horii, nyaata, manaa fi waan qaban hundumaa walitti fidani walii wajjin iddoo tokko turani. Wanti kun isa booda itti hinfufnee. Nyaata utuu hintaane amma garaan nama utuu tokko ta'ee hunda caala.
3. Hojii Ergamoota keessa gaadidduun Pexroos nama fayyiseera. Wayyaa Phaawuloos qabatani fayyaniiru. Kun aluma tokko ta'ee malee keessa hindeebinee. Pexroos gadidduu koo jala galaa hinfayituu jedhaa hindeemnnee. Phaawuloosis wayya koo qabadhaa isin fayyisaa jedhaa hindeemnne. Aluma tokko ta'ee hinraawate. Waan akkasi Kana afaan ingiliffaatiin (descriptive) jedhani waamuu. Ala tokko ta'ee kan darbuu jechuu dha. Lamattaa kan keessa hindeebinee akkasumsas akka barumsa (Doctrine) goone kan hinfudhannee jechuu dha.
Fakkeenyaaf: raajii ykn namnni kennaa fayyisuun kadhatu tokko bishaan facaase yoo namooti hafuura qulqulluu guutaman ykn dhukubarraa fayyan boris bishaan facaasa deema yoo jedhee sirrii miti. Karameellaa (candy) nyaadha hinfayyitu jedhee yoo amma hojeteef boris kana godha yoo jedhee hin hojjetuuf. Shakalota ala tokko qofa hojjetani raawatani keessa deeddbinee goona yoo jenne hojii xinqolaa ta'aa. Sababi isaa Waaqa isa hafuura ta'ee irraa namooti ijaa isaani kaasani waan ijaan argamuurra akka isaan kaawatan goona waan ta'eef. Kan beeku qabnnuu seexanni dinqii namoota Waaqayyo caalatti godha jiraa. Nuuf dinqiin keessi keenya geedarame mootumma isaa dhaaludha.sababi isaa dhukubsataan har'a fayyee bor immoo kan biraa dhukubsata biyya lafaa keessa waan jiruuf. Yohannis 11 irratti Alaazar du'aa ka'ee garuu immoo deebi'ee du'ee.
Kutaawwan kamtu ajaja akka ta’ee fi kamtu ibsa yeroo tokko qofa akka ta’e akkamitti murteessina?
Fakkeenya gara olitti 1 Ximotewos 5 irraatti ilaallee turee Phaawulos Ximotewosiin sirriitti waan beekuuf, fayyaa isaa akkamitti akka kunuunsu qajeelfama dhuunfaa isaaf kennee. Hayyoonni aadaa durii beekani namooti bara sanaa wayiniin yeroo baay’ee qorichaaf itti fayyadaman jedhuu. Bishaanni yeroo baay’ee dhukuba garagaraan kan faalamee (contaminated) ta’uu isaa himuu. Kanaaf qajeelfamni Phaawulos walitti dhufeenya inni Ximotewoos wajjin qabu fi gorsa ala tokko fayyaa isaa gaarii godhee akkamitti akka inni eegatu itti himeedha. Har'aa namooti wayinii qorichummaafi utuu hintaane machi dhaaf dhuguu. Dhukuba garaaf bara kana qorichi jira waan ta'eef dhugati biraa hinbarbaachisu.
Roomaa 14:2 irraa “Tokko tokko waanuma fedhe nyaachuutti kan amanu jiraa, warri dadhabaan immoo kuduraalee qofa nyaatu.” Phaawulos lakkoofsa kana keessatti warra ija muuka ykn balaa qofa nyaatani (vegetarian) arrabsaa hin jiru. Bara sanaa foon gabaa irratti gurguraman irra caalaan isaa foon waaqa tolfamaaf dursee irraa kennamuu turee. Amantoonni tokko tokko, waan waaqeffannaa waaqa tolfamaa wajjin wal qabatee nyaatani of xureessuu waan hin barbaanneef, foon kamiyyuu nyaachuu didani. Phaawuloos xiyyeeffannaan isaa amantoota ayyaana Waaqayyoon fayyani amantiitti jabaacha jiran jaallachuu qabnna malee nyaataf jennee gufachisuu hinqabnnu kan jedhuu gorsa kennaa. Foon nyaachuun karaa tokkoon yookaan karaa biraatiin fayyina keessaniif waan dabaluu ykn waan hir'isuu hinqabuu. Namnni amanee hubanna ani irra ga'ee biraa hingeenye tokko amantirraa gufachuu irraa ani foon nyaachu dhisuu naaf wayya jedhee. Akka waaqa tolfaman soba ta'ee beeka garuu seera beekumsaa utuu hintaanee seera jaalalaatu nama ijaaraa, nama geggeesaa. Beekumsi kamiyyuu jaalala ala of nama tulchiisa. Kunimmo hiriyyaa sexanaa nama godha. Amantirra wal haa dhabnnuu. Ija namoota Waaqayyoo irraa kan kaasu shakala zayiti, bishaan, karmaeella, dafqaa, wayya qabachuu kanaaf kan kana fakkaatani waldaa keessatti akka inni baay’ee xiqaatu haa goonu. Yoo hinxiqaatu ta'ee xinqolaa ta'ee ija namoota Waaqayyoo irraa kaasaa. Hafuura kan ta'ee Waaqayyo hafuuraan Waaqqefatama!
Namoota dubbii Waaqayyoo siritti haa barsiifnnuu. Yaaqob 5 irratti dibata zayitii fi harka irra ka'uu qofa utuu hintaanee maqaa Yesuus itti waama jedhaa. Humnni fayissuu maqaa Yesuus keessa malee harkaa, zayiti, bishan ykn waan biraa keesaa hinjiruu. Kanaaf maqaa Yesuus itti waaama! Inni ga'aa dhaa!:Shalom!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
99 Creston Place NW
Edmonton, AB
T5A1X4
300, 10339 124 Street NW
Edmonton, T5N3W1
SACE provides counselling, public education, & a sexual violence Support & Information Line at no fee
Edmonton
Facilitate safe family access between children and non custodial family members in Edmonton & area.
Edmonton
We are a 24-hour staffed reunification home for Indigenous families with child welfare involvement. The program provides families with connection to their Indigenous culture throug...
3132 Parsons Road
Edmonton, T6N1L6
Let’s get to know each other We would love to hear your stories You can help us understand your need
12028/103 Av
Edmonton, T5K2T9
Experience more freedom and confidence as you become your true self. Learn how to take control of your life and achieve your goals more quickly, more easily, and with greater resul...
1207 91st NW
Edmonton
This page is for parents in the Kinnect intensive program to share information and positively suppor
Edmonton, T6T0Z7
Dedicated to All Oil Industry Workers Who sacrificed their Best Years of life to boost Canada Economy and now time to Voice Freely & Strongly the concerns to bring back Thousands ...
12845 101 Street
Edmonton, T5E4E8
this is a 2nd page to the original page We are the runaways, the abandoned, the discarded people. We are usually mentally ill, addicted to drugs and/or alcohol, we are the homele...
Edmonton, T7R5K8
@Somalida-Qurbaha waa bog aad ka heli karto dhammaan xogaha iyo wixii ku saabsan Qurbajoogta ..
Edmonton
LEAP is a FREE employment program for ages 15-30, with a focus on youth facing employment barriers.