Bedaso Sani G

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Bedaso Sani G, College & University, Adama, Adama.

14/11/2022

Eegan gara meediyaa hawaasaa Facebook jedhaniin kana dhufee waggoota hedduudha.
Ani hangan of beekutti nama waan gaarii nama biraan gahuu hawwuufi waan gaarii deeggaruun gammachiistuudha. Haa tahuu yeroo bayyee bakkee akka komantii faa jalatti nin qoosa. Namni immoo qoosaa koo kana dhugatti fudhatu hedduutu jira. Qoosaan koos hanga guyyaa arraa arrabaafi jibba tokkoollee of keessaa hin qabu. Qaabaachuufis hin taahu, ani naman as gubbatti argu kana waanuman lafatti arge natti fakkaata!

yeroo baayyee namoonni nama yeroo hunduma yaada isaanii deeggaran malee nama yoo inni dogongore sirreessuuf tokkoollee of jalatti hin dhiisu block gochuufi
Unfolllow gochuun of jalaa baasa. Eegan gara social media kanaa dhufee namoota beekkamtii asgubbaa qaban baayyeen block dhugeen jira. Kunis badii qabaadhee osoo hin taane waan isaan gad dhiisan hundi naaf tahuu dhabuu isaa qofaafi. Kanas tahuu sana namni block yoo si godhe yaadota siif hin taanes sirraa fuudheet deema waan taheef dilas hunda nama hin dhippisu.

Feetu na jaaladhu yoo feetes na jibbi yaadni kee guutuun naaf tahuu hin danadahu. Akkasumas kiyyas hundi siif hin tahu akka siif tahus hin hawwu. Namni beekaa si qoruuf yoo si faalleesses block goota taanaan qormaaticha zeero fidde jachuudha!
Ani obboleessa hunda keessaniiti isinis nin kabaja, rabbiif jachan isin jaaladha. Namnin isin mufachiise dhiifama naaf godhaa!

Bedaso Sani G

09/11/2022

Magaalaa Dis-abbaatti. Arran ja'inii🙄

Hattuun kophee laalteet nama hatti jachuu dhageenyaanin kophee xaragachuuf deemuu ture gaafa san😂😂 warroonni magaalaa tanatti hatamtan hatamuu keessan keessaa xuriin kophee teessannii harka keessaa qabdi🙄😂😂😂

28/09/2022

Yaa rabbi ummata keenyaaf dirmadhu: beela, hoongee, waraana, godaansa..... Furmaata kenniif yaa uumaa keenya...😭

04/09/2022

Wantan arkatin akka argattuuf kan argattef 'Alhamdulillah' jedhi.

03/09/2022

Rizqiin bahaa seensaan sitti haa yaatu
Wanti ati qabatte haa barakattu
Dhibee siifi maatii tee naannessitu ammumatti rabbiin isinirraa haa kaasu. Ka karoorri wal si harkaa dhahe rabbiin karoorsaadhaa, siif haa karoorsu.
https://www.facebook.com/profile.php?id=100083702882238

03/09/2022

jireenya kesssatti nama gorsuun salphaadha! Of gorsuun ni jabaatti!

Photos from Bedaso  Sani G's post 02/09/2022

Yeroo hedduu kophii daa'immanii tokko Nin hordofa. Kophii sanirratti gaafilee Garagaraa daa'imman gaafatu, daa'immanis haala nama kofalchiisuufi bashannansiisun deebii deebisu. Kan hedduu na ajaa'ibe garuu maatiin daa'imman sana jaalala biyyaat ijoollee barsiisna jedhaniit kijiba dabalatee ijoollee ofii barsiisu Fakkeenyaaf:

Gaafataa: ati eessaa dhufte
Daa'ima: ameerikaan dhufe, ati takkaa ameerikaa deemtee?
Gaafataa: deemee hin beeku. Ameerikaan toopiyarra guddoodhaa?
Daa'ima: itoopiyaa hin geessu, Itoopiyaatu caala
Gaafataa: achi jireenyi akkami biyyattiin hoo akkami?
Daa'ima: ameerikaa fooleen hin jiru qushaashni(koosiin) hin jiru jattee deebisteef.

Gaafiin kiyya as bira biyyi foolii hin qabne biyya foolee qabduu gadii? Lammaffaa, biyyi qushaasha(koosii) qabdu biyya qushaasha hin qabnee olii? Biyyi mootummaan isaanii aangoo qabatee ji'a jahatti hoji dhabdoota milliona 1.5tti hojii goote xoopiyaa gadii?

Bedhaso Sani

02/09/2022

RABBIIN Biyya teenya nagaya nuuf haa godhu. Dargaggeessa hin fuudhin rabbiin haa fuusisu, kan rakkinni maatii itti jirtus rabbiin maatii isaa nagya haa godhuuf, kan hojii dhabdee rakkataa jirtu ammumatti argadhu. kan jireenyi sitti ulfaate rabbiin furmaata isaa siif haa kennu, nullee warra diin sirrii irratti jiraatee irratti du'u nu haa godhu.

Photos from Bedaso  Sani G's post 01/08/2022

Yaa rabbii kiyya yaa allah kiyya, yaa kan ummanni kuni irkoo godhatee....
Bakka silaa namni sababa ilma namaa godhatu ummanni kuni sababa salaata godhatanii yaa uumaa koo ammumatti ummata kanaaf rahmatiif.

Nuti ni amanna rabbiin biraa hin jiru si malee, irkoo biraas hin qabnu si malee
Yaa kan nuti itti irkannu yaa kan nuti isaaf sujuudnu, nuti gabroottan kee arra beela keessatti kufnee... rahmata kee samii nuuf buusi🤲

Ummata keenyaaf bakka jirruu du'aii haa goonuuf hanga dandeenyurraa haa gargaarru. Du'aii keessatti ummata kana hin dagatinaa.

29/07/2022

Yeroo dhaabuu yaaddu, waan eegalteef yaadadhuu itti fufi...

28/07/2022

Murtii gaararraa darbe
Fudhachuu didus oodee
Hambisuun danda'aaree?
Hiree Rabbi naaf qoode

Bal'oon erga jiraatee
Dhiphina hamtuu duuba
Hojii rabbiitti aaree
Maaliifan huuruu dhuuba?

Keyriidhaaf erga ta'ee
Dhabuunkoo waanan fedhu
'Alhamdulillaah' malee
Wanta biraa hin jedhu

Rabbiin mootiin hundarraa
Uumaan uumama maraa
Waan akkas na rakkiseef
Nacaala beeka baraa..

Tarii dhiphina booda
Qananii naaf fiduufii
Finciluuf mirgan qabu
Murtee Rabbii diduufi

Qamadii facaafadhee
Ingirdaada haamuuni
Dungoon dukkanaaf ibse
Barii hanqatee dhaamuuni

Gadadoon natti gamtee
Milkiin na seerachuuni
Galmikoo narraa siqee
Karaansaa dheerachuuni

Jiruukoo fooyyeffachuuf
Garba guddaa ce'uunkoo
Alagaa amanadhee
Majaatti foon fe'uunkoo

Osoon jiraachuuf jooruu
Hiddamuunkoo bofaani
Gidiraan kiyya hunduu
Fedha Rabbii qofaani!
... Eeyyee.....

Uumee na jiraachisee
Inni har'aan na ga'e
Bara jireenya kootti
Ni beeka waanan ta'e

Rakkoof bal'inni keenya
Kan murtaa'u gooftaani
Harka isaa qofa jira
Furtuun jiruuf tooftaani

Ajajasaan midhaankoo
Ormi nyaachuuf calleessa
Inni fedhu milkeessee
Yoo fedhes nu balleessa

Jireenya koo fooyyessuu
Dadhabus dafqa cobsaa
Hunduu fedha Rabbiiti
Isa qofattin obsa...

Kan barbaadetti cufee
Kan fedheef karaa saaqaa
Hundumtuu keyrumaafi
Hin nuffin murtii Waaqaa

Tolasaan biqiltuunuu
Firii baasee bargataa
Kan Rabbitti hirkate~Har'a milkii dhabullee
Borummoo ni argata

Milkiin narraa fagaatee
Rakkoon hagam nadhaalu
Baga fayyaa naaf laatte
Qabeenya hunda caalu

Tola Rabbiin bishaanuu
Nama ta'ee dhalataa
Rakkoos haa ta'u, bal'oo
Uumaa keessan galataa!

kanai✍️

27/07/2022

Guyyaa arraa abbaa qabeenyaa obbo yaadataa juneeydii fi artistoota oromoo buleeyyii kan akka qamar, aadam, farhaan faan carcar magaalaa galamsoo biyya hundee, handhuura qabsoo oolan! Warri carcaris obbo yaadataaf maqaa tokko kennaniif. "arraa kaasee maqaan kee yaadataa juneeydi miti yaadataa sabaati" jedhaniin. eeyyan! Yaadataan dhuguma ilma saba kanaati. Rabbiin qabeenya kee keessa barakaa siif haa kaa'u!

Bedhaso Sani

24/07/2022

Maqaan ykn jechi Birraa ja'u Afaan Oromootiin yoo barreeffame qofa hiikkaa sirrii kenna malee Amaariffaan yoo barreeffamu maqaa Biiraa (ቢራ) ja'u qofa ibsa. Biiraan afaan Oromootiin yarataa jechuudha. Afaan Amaaraatiin ammoo jecha Ingiliffaa 'Beer' ja'amu irraa kan fudhatame dhugaatii alkooliiti. Dr. Alii Birraa malee Alii Biiraa wellisaan Oromoo hin jiru. Afaan Ingilishiiniis jechi Birra ja'amee barreeffamu hin jiru. Nama Afaan Amhaaraatiin Birraa je'ee barreesse badhaasa qaba. Bakki Afaan Oromoofi kan biraa itti wal dhabuufi wal dhahu tokko kana. Maqaa Abbaan hin qabne moggaasuufiin yakka. Kanaaf Paarkichi Afaan Oromoo qofaan yoo barreeffame hiikkaa maqaa sirrii kenna.
Saphaloo Kadiir irraa

24/07/2022

Aamiin ja'aa

19/07/2022

"Waggaa soddoma isin bulchuun barbaada isa jadhuuf, rabbiin keessa ni jiraayi? Karoorri wayyaanee waggaa 50 bulchuudha, garuu hin bulchine"
Jawar

18/07/2022

Gurbaa tokkootu akkas naan jedhe
"Abbaan ofin arguu dhagaan ofin
Darbu' jedhamaa mitii? Eeyyan! Sirriidha ani qaawa namoota argee itti himee, dadhabina namootaa yoon arge itti himeen sirreessaf. ani jireenya koo keessatti akkuma namoota kaanii ofin argu qaawa nama tokkoo kan argu nama biraati waan taheef. Ani qaawa namoota laaleen sirreessaaf ani qaawa kiyya nama naaf sirreessun dhabe" naan jedhe anis waanan jedhuunin dhabe.

Mee obboleessa kiyya kanaaf maal haa dhaamu namni post kun si bira gahe, komantii jalatti barreessaa🙏

18/07/2022

Guyyaa arraa irraa kaasee imaanaa
Guddaan isinitti kennameera. ummata isin bakka buufate hordofaa, hordofaaf. Alhamdulillah baroota dheera booda majlisni fedraalaa abbaa isaan malu argate jannee hawwina. Bara hojii gaarii hoggattoota keenya!

18/07/2022

Pagen kun kiyya, follow godhi faayidaa siif hin dhabuu🙏 Galatoomaa!

11/07/2022

Ummanni walloo ummata oromoo kana keessaa ummata ollaa bineensaa qubate. namni ollaa bineensaa qubate waan bineensaan ofirraa eegu qopheeffatee jiraata. Isaan warra roorrof harka hin kennineedha, warra diina isaa karaa diinichi beekuun itti cichee ofirraa dhoorkuudha!

Ummanni keenyas kan ala jirus tahee kan biyya keessaa waan kana beekuu qabdu: walloo ollaan ishee sanyii namaa osoo hin taane sanyii bineensaati. Kanaaf yeroo isaan miidhaman anaan walloo koo jannee social median iyyurra gaachanni isaanii qawweefi kilaashi isa hidhannoo guutuu waliin bitaa ergaaf!

Ummanni keenya naannoo biraas jabaachu qabu. Eega tola didanii eega seerri hin jirree, eega shororkeessaan abbaa biyyaa tahee, eega mootummummaan ummata nagayaa fixuu taate.... yaa ummata keenya kanuma jannaa rabbiin injifannoo gabroottan isaaf laata isiniif haa laatu😭

08/07/2022

Baga Eid aladhan isin gahe!

06/07/2022

Aangotti amanuutu gufuu haqaa tahee lubbuu ummataa galaafataa jira. Lubbuun namaa akkas gatii dhabe ah..

02/07/2022

Ay jawwee🤣

Photos from Bedaso  Sani G's post 05/06/2022

Qabriin kuni kan hayyuu keenya, aalima guddaati! Abbaa qubee Dr Sheikh Muhammed Rashaad Abdullee Rabbiin rahmata isaaniif haa godhu. Galatoomaa‼️ abbaa keenya.

30/05/2022

Sharmarkeen nama jabaadha. Utubaa aartii saba oromooti. guyyaa arraa achi buuteen isaa dhabame jedhan. Nama aartii kana deebisaa
Namni aartii kamuu ija ummataati‼️

30/05/2022

Galatoomaa‼️ warri kana hojjattan manneen barnootaa biroos fakkeenya goradhaa.

27/05/2022

Leenconnii sochii jalqaban‼️

Photos from Bedaso  Sani G's post 27/05/2022

Galatoomaa warri waan kana hojjattan. yunivarsitiin oromiyaa keessa jirtu hundi akka
Yunivarsitii haramaayaafi wallaggaa kana
Tahuu qabu. Hoggantoonni yunivarsitii birootis maqaa keessan dhaloota biratti bifa gaariin galmeeffadhaa. Galatoomaa‼️

27/05/2022

Jummaa arraa kana jummaa waan yaanne itti argannu kan diliin teenya hundi nurraa itti haqamtu nuuf haa godhu🤲🤲🤲🤲🤲

Want your university to be the top-listed University in Adama?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address


Adama
Adama
Other Colleges & Universities in Adama (show all)
Kaamil Abdulmanen kedir Kaamil Abdulmanen kedir
Ethiopia In Adama
Adama

Shanyii jarraa Abba gadaa Shanyii jarraa Abba gadaa
Adama

Irbuu jaallan wareegamani galman ni geenya warri kaayyoo bilisummaa Oromiyaa ti amanan qofaa ilaalat

Nimona nasiro page Nimona nasiro page
11
Adama, ADAMA

kan ijaree hin diiguu alaa dhufattuu diigaa ijaruun nuttii ulfattee diiguun nuttii salphatte kanaf k

AdiAfro AdiAfro
Adama

Alfa man Alfa man
Adama

Kemal Beker Kemal Beker
Chancho
Adama, KM

መንእሞ ይኽእሎ መንእሞ ይኽእሎ
Adama

to Get Information

Abban biyaa oromodha Abban biyaa oromodha
Adama

Abban biyaa oromodha

Hararge media Hararge media
East
Adama, MA3401

oromo

Genius-land college Genius-land college
Adama

organization of the study Genius-Land College is established in 2008 E.C by enrolling 128 students as a private institution that shall effectively contribute to the modern educatio...