Fayyaa Sammuu/Mental Wellness

Fayyaa Sammuu/Mental Wellness

No healthy without mental health

30/09/2023

HAALAWWAN DHUKKUBA SAMMUU FIDUUF CIMSUU DANDA'AN.
1. Araada garaagaraa( Alcohol, chat, cigarette, cannabis, Co***ne, ma*****na and etc)
2. Hiddaan / sanyiin (genetic)
3. Dhabinsa(Actual/ potential loss)
4. Waldhabinsa fira dhihoo fkn abbaan warraaf haadha warraa (divorce and others relatives conflict)
5. Miidhama qaamaa ykn yaadaa (physical and mental abuse)
6. Buruquu sammuu( brain injury)
7. Haala rakkisaa keessa jiraachuu( stressful life events)
8. Hawaasa keessa jiraatan irraa deeggarsa eeggamu dhabuu( loss of expected support from community)
Dhibeen sammuu akkuma dhibee biroo yaalamee ni fayya
Tajaajila kenninsa fayyaa sammuu yoo feetan karaa website keenyaa nu dubbisuu dandeessu.

Fayyaa sammuu malee fayyummaan hin jiru.
Fayyaa sammuu qabaadhaa.

psychiatry professional.

28/09/2023

FAYYAAN SAMMUU FAAYA

06/08/2023

Dhibee sodaa hawaasummaa
(Social phobia)
=============

Yeroo jaalallee ykn hiriyaa haaraa arguuf beellamaniit, haasaa ummataaf gochuu fikkf deemanit sodaa / dhiphuu haga ta'e qabaachuun waanuma jiruudha.
Baay'een namaa kanuma to'achuun waanta isaanirraa eegamu raawwatu, garuu namootni lakkoofsi isaanii xiqqoo hin taane sababa sodaa hawaasummaa kanaatiin, guyyaadhaa gara guyyaatti dhiphachuu irra darbee hojiin idilee isaanii raawwachuun rakkoo itti ta'aa jira.

MALLATTOOLEE DHIBEE KANAA
1).Bakka itti namootni 'na madaalu', wantin godhu hojjedhu na madaalchisa jedhan yaadanitti dhiphuu keessa galuu. Fkn bakka namootni baayyeen keessatti argamaniitti soorachuu sodaachuu,kan akka hoteelaa,kaaffee...bakka kanatti 'kan kolfaan of godha 'jedhanii yaadan sodaatu
2. Namootan gaddisiisa ykn mufachiisa jedhanii sodaachuu keessa ba'anii hiriyaa dhabuu lafa hawaasummaa baqachuu baay'isu
3. Keessummaa ykn namoota haaraa wajjin quunnamtii gochuu sodaachuun bal'inaan irraa mul'ata
4 .'Akkan sodaadhe namni narratti bara, qaamnikoo gaafa hollatu,dafqi gaafa natti dhufu' jedhanii dhiphachuu.kun keessumattu kanneen sodaa waltajjii qaban irratti bal'inaan mul'ata.
5. Utuu bakka hojii irraa eegamu hin dhaqin manuma taa'anii waa'ee isaa yaaduun sodaachuu .Akkas jechuun waa'ee hojii hawaasummaa yaaduun illee dhiphuu ykn yaaddoo isaanitti naqa jechuudha.
6. Sababa kanaan haasaa ummata gidduutti, mana nyaataa dhaqanii nyaachuu,bakka gaa'elaa,waldaa,keessummaa,walitti dhufeenya jaalalaa baqachuun amala isaaniiti
7. Erga akkumasaatti gochaa armaan oliittti hirmaatan waantoota dogoggora hojjetan yaaduun taa'anii of ceepha'u.kanan irranfadhe, sanan hin goone,kanan hin goone....
8. Bakka hawaasummaa kanatti dabalataan rukuttaan onnee dabaluu, hoqqisiisaa fi garaakaasaa, hargansuu dadhabuun illee irraa ni mul'ata.

MAALTU DHIBEE KANA FIDAA
¶.Dhibeen kun maatii keessa jiraachuu
¶.Maatii baay'ee to'annaa bay'isanii fi haasaa ijoollee dhowwan keessatti guddachuu fi kkf
Source

21/07/2023

syndrome
Dhibeen maali ? Yaala hoo ni qabaa?
Dhibeen koroo gosa dhukkuba sammuutidha, Amaloonni isaas. Qaamni saalaa gara keessootti liqimfame jedhanii shakkuudha. Saba kanaanis dhiphina hin malle keessa buhaanii hirriiba dhabuufii hojiiratti dhiibban uumamuu dandaha

Akkuma dhukkuboota sammuu biroo Qoricha waan qabuuf yaalamee fayyuun ni dandahama.

11/07/2023

Suicide/self-murder/of ajjeesuu

Namni maalif of ajjeesa ? ( why do people commit su***de?)

1. Dhukkuba sammuu yoo qabaatan fi kkf ( due to mental disorders especially if they do have depression)
2. Adda ba'insa cimaa( breakup or loss of significant others)
3. Daa'ima ykn hiriyaa dhi'oo dhabuu(loss of a child or close friend)
4. Qabeenyatti miidhamuu(financial distress)
5. Kufaatiwwan walitti fufinsaan dhufan qaanessoo(persistent feeling of failure or shame)
6. Dhukkuboota ciccimoo ykn ajjeesoo ta'an( serious medical condition or terminal illness)
7. Rakkoo seeraa (legal trouble)
8. Waldiddaa ykn sanyummaa buqqaatii ykn godaansa fidu ( discrimination, racism or other challenges related to being immigrant or minority)

Facing more than one type of distress can sometimes increase su***de risk.

Namoota of ajjeesuf jedhan irratti mallattoo akkamiitu argama( warning signs of su***de) torbee dhufu isiniif maxxansina

03/01/2023

Gargaarsa Jalqabaa Xiin-sammuu
================================
Gargaarsi jalqabaa xiinsammuu namoota dhiphina cimaaf saaxilamaniif gargaarsa namummaa, deggersaa fi qabatamaa ta’e kennuudha.

Gargaarsi jalqabaa saayikoloojii akkamitti kennama?

👉🏻 Kunuunsaa fi deeggarsa kan nama hin jeeqne, qabatamaa ta'e kennuu.
👉🏻 Fedhii fi yaaddoo naama saana madaaluu.
👉🏻Dhaggeeffachuu, garuu namoota akka dubbataniif dhiibbaa gochuu hin qabnu.
👉🏻 Namoota jajjabeessuu fi tasgabbiin akka itti dhagahamu gargaaruu.
👉🏻Namoonni odeeffannoo, tajaajilaa fi deeggarsa hawaasummaa waliin akka wal qunnaman gargaaruu.
👉🏻 Namoota miidhaa dabalataa irraa eeguu.

Gargaarsi jalqabaa saayikoloojii maali?

☑️ Waan ogeessota qofti hojjechuu danda'an miti.
☑️ Gorsa ogummaa qofa miti.
☑️ Namaa saana waan ta'e

የሳይኮሎጂካል የመጀመሪያ እርዳታ l Gargaarsa Jalqabaa Xiin-sammuu
====================================================
አማርኛ | Afaan Oromo.

ሳይኮሎጂካል የመጀመሪያ እርዳታ ማለት፣ በቅርብ ጊዜ ለከባድ ጭንቀት ተጋላጭ ለሆኑ ሰዎች ሰብአዊ፣ ደጋፊ እና ተግባራዊ እርዳታ መስጠት ነው።

ሳይኮሎጂካል የመጀመሪያ እርዳታ እንዴት ይሰጣል?

👉🏻የማይረብሽ, ተግባራዊ እንክብካቤ እና ድጋፍ መስጠት.
👉🏻ፍላጎቶችን እና ስጋቶችን መገምገም.
👉🏻ማዳመጥ, ነገር ግን ሰዎች እንዲናገሩ ግፊት ማድረግ የለብንም.
👉🏻ሰዎችን ማጽናናት እና መረጋጋት እንዲሰማቸው መርዳት.
👉🏻ሰዎች ከመረጃ፣ አገልግሎቶች እና ማህበራዊ ድጋፎች ጋር እንዲገናኙ መርዳት.
👉🏻ሰዎችን ከተጨማሪ ጉዳት መጠበቅ.

ሳይኮሎጂካል የመጀመሪያ እርዳታ ምን አይደለም?

☑️ባለሙያዎች ብቻ ሊያደርጉት የሚችሉት ነገር አይደለም.
☑️የባለሙያ ምክር ብቻ አይደለም.
☑️ሰዎች የሆነውን ነገር እንዲመረምሩ ወይም ጊዜንና ክስተቶችን እንዲያስቀምጡ መጠየቅ አይደለም.
☑️ምንም እንኳን ሳይኮሎጂካል የመጀመሪያ እርዳታ የሰዎችን ታሪኮች ለማዳመጥ መገኘትን የሚያካትት ቢሆንም፣ ሰዎች በአንድ ክስተት ላይ ስሜታቸውን ወይም ምላሻቸውን እንዲነግሩዎት ግፊት ማድረግ አይደለም.

የስነ ልቦና የመጀመሪያ እርዳታ ለማን እና መቼ?
ለማን❓
👉🏻ለአዋቂዎችና ለህፃናት ሊሰጥ ይችላል.
👉🏻በቅርቡ ለከባድ አስጨናቂ ክስተት የተጋለጡ በጣም የተጨነቁ ሰው.
መቼ❓
👉🏻በጣም ከተጨነቁ ሰዎች ጋር ለመጀመሪያ ጊዜ ሲገናኙ፣ ብዙውን ጊዜ አንድ ክስተት ከተከሰተ በኋላ ወይም አንዳንድ ጊዜ ከጥቂት ቀናት ወይም ሳምንታት በኋላ.
👉🏻እርዳታን በማይፈልጉት ላይ አያስገድዱ፣ ነገር ግን እራሳችሁን የሚገኙ እና ድጋፍ ለሚፈልጉ በቀላሉ ተደራሽ ያድርጉ.

18/12/2021

✅Mallatoolee dhibee namummaa taatummaa (Symptoms of Histrionic personality disorder)
👉 Wantoota hirmaannaa godhan keessatti xiyyeeffannoo barbaaduu (wanting to be the center of attention in events that one participates )
👉 Yoo xiyyeefannoo hin arganne tahe itti toluu dhiisuu/dhabuu( uncomfortable in situations where one cannot be the center of attention)
👉Miira akka malee ol ka'aa (exaggerated expression of emotions)
👉 Miira jijijjiiramaa(shallow and liable affect)
👉 Ragaa tokko malee akka taatotaatti haasa'uu ykn of ilaaluu ( theatrical speech that lacks specific details)
👉 Haalli uffaanaa ishee ykn isaa akka yaada namaa harkisutti uffachuuf itti dhiphachuu ( over concern with physical attractiveness, in an attempt to draw the attention of others. )
👉 Amala fedhii saal-quunamtii dabalan qabaachuu fkn harma ofii milisaa deemuu ( inappropriate seductiveness in behaviour)
👉 Waan tiqoon tuqamuu ykn qaama alaan haala salphaan socho'uu(easily suggestible and influenced by others. )
👉 walitti dhufeenya nama waliin qaban cimsaanii fudhachuu daangaa olii (may consider relationships to be more intimate than they actually are)
👉Waan tokko osoo itti hin yaadin raawachuu (Not think before acting)
👉Murtoo miidhaa qabu murteessu (Make rash decisions)
👉Of miidhuf yaaduu xiyyeefannoo addaa argachuuf (Threaten or attempt su***de to get attention)

Photos from Fayyaa Sammuu/Mental Wellness's post 12/10/2021

Eka kotobe General hospital
Ogeessa Qor-sammuu kan hospitaala waliigaa ekaa kotobee galuuf apply gootan hundaaf guyyaan qorumsaa #09/02/2014 waan ta'eef namoonni fedha qabdan akka isin hin dabarre
Share waliif godhaa

17/09/2021

!
✓Osoo nama hin argine argitee wajji haasofteertaa!?
✓Namni ykn qaamni wayii osoo sibira hin jirre sitti haasayee beekaa!!?
✓Osoo Fooliin hin jirre foolii urgaa ykn ajaayaa fuunfattee beektaa!?
✓Qaama Kee keessa rammotu deemaara jettee garuu kan rammoon qaama Kee keessa hin jirre miirefattee beektaa!?
✓Dhandhamni wanta duri beektuu sitti jijjiiramee beekaa!?
Mallattoon asii olii kun mallattoo dhibee sammuu Isa jedhamuudha.
Jechuun qaamoleen miiraa keenya miira sirrii hin taane ykn kan hin jirre miireffachuudhaan hiika biraa sammuun kan itti kennamuudha.
Hallucination
Gosa Shan qaba.
1. hallucination.
Jechuun Waan hin jirre akka jirutti arguu jechuudha.namni fayya buleessi ammoo arguu hin danda'u.
2. Hallucination.
Kunis gurra keenyatti sagalee hin jirre kan namni biraa dhagahuu hin dandeenye dhagahuudha.
3. Hallucination.
Funyaan keenyaan foolii hin jirre fuunfachuu.
4. Hallucination.
Dhandhama dura beekan dhiisanii dhandhama biraa dhandhamuu.
5. Somatic Hallucination.
Kunis gogaa keenyaan miira hin jirre miirefachuu dha.
Namoonni dhibee sammuu qaban irra hedduun mallattoo armaan olitti eeraman kan qabanii Fi maatiif wanti akkanaa rakkoo abjuu fakkaatu tahee muldhata. Dhibeen sammuu mallattoo amanuufuu mama rakkisu hedduun kan guutameedha. Yoo tarii nama akkas jedhu argitan gargaarsa yaalaa akka argatuu gara Mana yaalaa geessuun dirqama bahaa.
sammuu malee fayyaan sammuu hin jiru.
health with out mental health.
Sammuu.
Waliif dabarsaa.
By Abdurehman Ibrahim (Ogeessa yaala sammuu)

16/08/2021

🌛Mallattoowan dhibee Namummaa shakkii ( Symptoms of pranoid personality disorder)

👉 shakkii yeroo dheeraa / amanuu dhabuu ykn hariiroo hiriyyummaa isa sirrii/dhugaa haala miidhaa qabutti fudhachuuf shakkuu. (pervasive mistrust/suspiciousness-misinterpreting friendly or neutral action of othersas hostile. )
👉Ilaalcha ofittoo/ haala ofii yaadun/ddun nama hubachuu (Self-referential attitude)
👉Sababa guurun jibba baayyisuu ykn dhiifama gochuu dhiisuu ( tendency to bear grudges( cannot forgive or forget))
👉miira falmii hangaa olii dhimma/mirga dhuunfaa qabaachuu ( a combative sense of personal rights)
👉waan seeran alaa baayyisuu (tendency to be litigious)
👉Of tilmaamuu hangaan olii irraa kan ka'e wanta egalame irraa gara duubatti deebihuu (Excessive sensitivity to criticisms and setbacks.)
👉ta'iiwan ta'u hunda akka miidhaf ta'anitti ibsuu (preoccupation with conspiratorial explanations for personal or global events)
👉Hariiroo gaa'ilaa ykn hiriyaa jaalalaa sababa qabatamaa tokko malee shakkuu (Suspicions about fidelity of spouse).

Mallattoolee armaan olii kanaan yeroo baayyee rakkatta taanan gara seektara fayyaa kamuu deemun yaalamuu ni dandassuu ( if you're suffering from one of the above symptom you can get the Treatment from any health facilities)

16/06/2021

☑Dhiibeewwan namummaa maal fa'i ?(What are Personality Disorders?)
👉Namummaa:- jechuun haala namni tokko itti yaadu, hubatuufi amala argisiisun nama isa kan biraa irraa adda itti tahuudha. (Personality is the way of thinking, feeling and behaving that makes a person different from other people).
▶Namummaan nama dhuunfaa tokko haalli jireenyaa, naannon itti jiraatu fi wantoonni dhaallaman miidhuu danda'a. (An individual’s personality is influenced by experiences, environment (surroundings, life situations) and inherited characteristics.)
➡Dhibeen namummaa jechuun haalli ittiin namni tokko yaadu hubatu fi ammalli argisiisu/ttu aadaa haawaasaa irraa adda ta'uun dhiphina akkasumas jireenya guyyaa guyyaa isaa/ishee irratti dhiibbaa yoo uumun turtii dheeraf tureedha . ( A personality disorder is a way of thinking, feeling and behaving that deviates from the expectations of the culture, causes distress or problems functioning, and lasts over time.)

👉 dhibeen namummaa kuni yoo xiqaate kanneen keessa lama ni miidha
1, akkaataa ittiin waa'ee kee ykn kan nama biroo yaaddu
2, deebii ati miira keef kennitu/deebistu.
3, haala ittiin amala kee too'attu .
4, haala ittiin nama biroo ykn of madaaltu
(at least two of these areas:
1, Way of thinking about oneself and others
2, Way of responding emotionally
3, Way of relating to other people
4, Way of controlling one’s behavior)
⏩Dhibeewwan namummaa gosoota kudhantu jira tokkoon tokkoon isaanii torbee dhufu irraa kaasee ni ilaalla hanga sanitti gaaffii keessan simachuuf qophiidha galatoomaa. ( the are ten (10) specific types of personality disorders, next week we will post each types of it till that we are open to receive any suggestions , questions and comments. Thank you

13/05/2021

Eid Mubarak to all Muslim followers

06/03/2021

What is personality disorders?
Next week we will come with brief description of personality disorders till that we'll accept any questions regarding mental illness including our new topic.
.

27/01/2021

🌟 Wantoota gaggabdoo fiduu danda'an (Possible causes of Epilepsy include):
👉 Madaa'uu sammuu (traumatic brain injury)
👉 mataan madaa'un godaanisa godhatee yoo hafe (scarring on the brain after a brain injury (post-traumatic epilepsy))
👉 dhukkuboota jaboo hoo'ina qaamaa olkaasan (serious illness or very high fever)
👉 Hanqina dhiigaa sammuu muudatuu kaneen akka istirookii namoota umuriin 35 ol tahan irratti kan baayatu (stroke, which is a leading cause of epilepsy in people over age 35)
👉 dhukkuuba ujummoo dhiigaa (vascular diseases)
👉 Hanqina oksijinii sammuu muudatu (lack of oxygen to the brain)
👉 Madaa'uu keessa sammuu (brain tumor or cyst)
👉 dhukkuba waa dagachuu (dementia or Alzheimer’s disease
👉 Hanqina oksijinii yeroo daahimni dhalatu muudatuun (lack of oxygen at birth)
👉 dhukkuboota infeekshinii kanneen akka AIDS fi madaa'uu baqaana sammuu ( infectious diseases such as AIDS and meningitis)
👉 dhaloota ykn rakkoo guddinaa (genetic or developmental disorders or neurological diseases)

Fayyaan faaya fayyaa hin dhabinaa.

👌What is personality disorder ( rakkoo yeroo dheeraf walitti fufinsaan yaada, amalaaf ilaalcha keenya muudachuu dandahu maali)
Torbee dhufu nu eegaa

16/01/2021

🌟 Gaggabdoon maalin dhufuu danda'a(what's the possible cause of Epilepsy)

13/01/2021

➡️ Gaggabdoon dhukkuba konteenfachuu, diriirfachuuf hurguffii irra deddeebin maashaa keenya kanneen akka fuulaa, harkaaf luka muudatuun kufaati tasaaf nu saaxiluudha (Epilepsy is a recurrent seizures that characterized by repeated, jerky muscle movements of the face, neck, and arms. And also a quick twitching of the arms and legs that leads us sudden fall )

🌟 mallattoo gaggabdoo muraasa ( most Symptoms of Epilepsy)
👉 Diriirfatee hafuu qaama keenyaa (stiffening of the body)
👉Hurgufamuu (shaking)
👉Fincaanif bobbaa too'achuu dhadhabuu (loss of bladder or bowel control)
👉Arraba of ciniinuu (biting of the tongue)
👉Of wallaaluf ta'ii yeroo sanaa wallaaluu (loss of consciousness)


🌟 Wantoota muraasa gaggabdoo nutti cimsuu danda'an (A few of the most commonly reported triggers are)
👉Hirriiba dhabuu (lack of sleep)
👉 Dhukkubbii ykn hoo'insa qaamaa olka'aa (illness or fever)
👉 Dhiphina (stress)
👉Ifawwan adda addaa (bright lights, flashing lights, or patterns)
👉 Buna alkoolif qorichoota tokko tokko (caffeine, alcohol, medicines, or drugs)
👉 Soomanuuf daangaa ol nyaachuu (fasting or overeating)

Maaltu gaggabdoo fiduu danda'a ( what is the possible cause of Epilepsy)

Torbee dhufu nu eegaa

faaya.

We live in the community for the community ( hawaasaf hawaasa keessa jiraanna)

25/12/2020

Dhukkubni gaggabdoo maali?( what's Epilepsy?)

Maalin dhufuu danda'a? (what's it's cause)
Torbee dhufu nu eegaa

29/10/2020

Kan sammuu qabutu sammuu dhukkubsata.

Albert Einstein dhukkuba sammuu autism jedhamu qaba ture jedhama
IQ kennaa ta'e qabas jedhama ( he hz gifted IQ )

Kanaafuukaa akkuma qaama biroo kanneen akka kalee, sombaa, onnee , garaachafi kkf yoo nudhukkube mana yaalaa deemnee fayyinu.
Dhukkuba sammuutis mana yaalaa deemanii fayyuun ni danda'ama.

Fayyaan faaya.
Fayyaa ta'aa.

23/10/2020

Amaloonni olka'uun Saal-quunnamumtii irra deddeebin argaman kanneen gammachuu saalquunnamtii dabalan.

fakkeenyaf,
👉qaama ofii tuxuquu(masturbation),
👉 saalquunnamtii qileensaraa raawachuu(cybers*x),
👉viidi'oo ykn suraa saalquunnamtii ilaaluu,
👉foon qarshiin bituu (paying for s*x),
👉 saalquunamtii lamaaf isaa oliin raawwachuu,

Yoo kanneen armaan olii kun yaadota kee gurguddoo ta'e jireenya kee keessatti, of abboomuu yoo dhadhabde, jireenya kee kan jeequ/miidhu fi nama biroo irratti rakkoo qabaate, dhibee saalquunamtii olka'aa qabaachu dandeessa.
Compulsive s*xual behavior may involve a variety of commonly enjoyable s*xual experiences.
Examples
👉masturbation,
👉cybers*x,
👉 multiple s*xual partners,
👉 use of po*******hy or
👉 paying for s*x.

When these s*xual behaviors become a major focus in your life, are difficult to control, and are disruptive or harmful to you or others, they may be considered compulsive s*xual behavior.

Maallattoowwaan saalquunnamtii daraan olka'uu maali?(what is the symptoms of hypers*xual disorder?)

💗 .

17/10/2020

How we can manage hypers*xuality disorders?
Fedhii saalquunnamtii ol ka'e akkamiin too'anna?

Torbee dhufu nu eegaa

01/10/2020

Mallattoowan namoota of ajjeesuf jedhanii( warning signs of su***de)

1. Waa'ee du'aa dubbachuu( talking about death or violence)

2. Osoon du'ee jedhanii hawwuu(wanting to die )

3. Wantoota ajjeesuu danda'an barbaaduu( accessing weapons or things that could be used for su***de)

4. Jijijjiirramuu miiraa (rapid changes in mood)

5. Waa'ee abdii kutannaa aasahuu(talking about feeling of hopelessness)

6. Amaloota balaa fidanirratti gadidhiisii ta'uu, fakkeenyaf araada wan adda adda keessa galuufi dhibaa'umaan konkolaachisuu( Impulsive or risky behaviour including substance misuse and reckless driving)

7. Hirriiba baayyisuu ykn kan duraa gadi rafuu ( sleeping more or less than usual)

8. Erga aaranii booddee garmalee callisuu( a calm or quite mood , especially after agitated or emotional behaviour)

Mallattoo armaan olii kana qaabaanan yoo of ajjeesuu baatan iyyuu rakkoon jiraachuu argisiisa( even if they aren't considering su***de the above signs may still suggesting something serious is going on.)

Mana yaalaa deemun furmaata argachuun ni danda'ama.

28/09/2020

No health without mental health

23/09/2020

Dhukkuba sammuu qaba/qabdi jechuuf maaltu argamuu qaba( to diagnosis ones as mentally ill what do we need)
👉Amalli jijjiirraa xin-sammuu( yaadaa, miiraaf ..kkf) jiraachuu qaba(clinically significant dysfunction of cognition, emotion, and behaviour that reflect psychological, biological and social dysfunction)
👉Hariiroo hawaasummaa eeguu dadhabuu (difficult to maintain social life)
👉Hojii dhaabuu/irraa hafuu( impairment in important areas of functioning)
👉Hariiroo haaraa eegaluu dadhabuu ykn hariiroo hin barbaachisne eegaluu ( difficult in initiating new interpersonal relationship or starting unnassacerry interpersonal relationship)

17/09/2020

(Brain)
💗 Sammuun kutaalee qaama keenya keessaa kutaa qaama bu'uura ta'eedha (brain is a vital organ)
👉 Sammuun kutaalee qaama keenyaa keessa tokko yoo nu dhukkube akka nu dhukkube kan nutti himuudha.

Kanaafikaa namoonni dhukkuba sammuu qaban dhibee tokko illee hin qabnu jedhanii kan morman dhokubsatoonni muraasni

Namni tokko dhukkuba sammuu qaba jechuuf maal tahuu qaba?

.

16/09/2020

mental disorders can be treated

Want your practice to be the top-listed Clinic in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address

Addis Ababa
Other Medical & Health in Addis Ababa (show all)
Janmeda Health Center Janmeda Health Center
Addis Ababa

Janmeda primary Health Care Unit

DXN_addis Amanuel DXN_addis Amanuel
Addis Ababa

Holistic Medicine and Supplementary Products Selling Platform.....All Herbal&Organic Products

DR Mitiku Medium Clinic DR Mitiku Medium Clinic
Amfo Square
Addis Ababa

our patients are our family

South Sudanese future pharmacists South Sudanese future pharmacists
Addis
Addis Ababa, 2023

Our major aim is to brightening the future of upcoming generations.

Tesfa  home care nursing Tesfa home care nursing
Bole
Addis Ababa, 1000

Our company provides ultimately medical care with mobility and with senior nursing abilities from minor to severe cases with a reasonable price.

Shalom Medical Consultancy Shalom Medical Consultancy
Swazeeland Street
Addis Ababa, 1271

This page is created to promote helath realted issues and provide medical consultation for pateints

Ethiopian anesthetists voice Ethiopian anesthetists voice
Addis Ababa

Here we are for better Health care

Health info and vaccancy news Health info and vaccancy news
Addis Ababa
Addis Ababa, 0000

HIVN media adresses health related news, vacancies and health educational topics

Xarunta dhireedka Yemen Xarunta dhireedka Yemen
بولي ميكائيل . فندق ومسجد جعفر
Addis Ababa

Ethio medical Ethio medical
Bole
Addis Ababa, 1056

Duko medicine Duko medicine
Addis Abeba
Addis Ababa