Dr Alamuu Badhaadhoo

Dr Alamuu Badhaadhoo

Fayyaan faaya.

Photos from Dr.Chala Dida's post 20/06/2020
18/04/2020

COVID-19 :Ethiopia
#105 confirmed case!

07/04/2020

^^^^KUUNNOTIIN KUNOO TAATE ^^^....^^^Koronaa Kanaaf jedhe^^^ .....
Karoora kee kan qabatte
Hin ta'u jedhee kan micciire
Ajandaa Addunyattii
Yeroo tokkoon kan jijjiire
Kunoo dhufee rukutaara
Jalaan banin balbala kee
Mana turi baateen fiigin
Sirreeffadhu amala kee
Rabbiinillee itti yaamaa
Maal dandeenya nuti qoftii
Lubbuun gatan baran baatuu
'Abbatu of mara' jedhe boftii
Beeki nuti humnan qabnuu
Akka Ameerikaa fi Chaayinaa
Rabbii jedhaa adda siqaa
Wal geettanii hin taa'inaa
Wal jaalattu dhugaadha
Baay'ee garaa wal nyaattanii
Wal jaalannaan adda siqaa
Maaliif dhibeef wal laattanii
Meetira lamaa adda siqaa
Warri jennaan nu diddanii
Meetira lamaa gad siif qonnaan
Mee naaf himaa maal fiddanii?
Harka wal fuudhaa nagaa jechuu
Yookiin immo wal hammachaa
Daa'immaniif fira dhiigaa
Chiikattiillee dhudhuungachaa
Yoo duunellee waliin duunaaf
Kan wal laaqxan gororaanii
Jaarsummaallee nan yaaminaa
Yoo wal qabdan koronaanii.
Du'aan dura waliif dhaamna
Yoo duune immo ni dabarraa
Addunyattii tanaa deemnee
Tan biraarratti wal agarraa
Kan qufa'uuf haxxifatu
Yoo hoo'iseef hargansiise
Qufaa gogaa itti buusee
Yoo garmalee dadhabsiise
Hin rifatin hin jibbinis
Adda baasi isas gorsii
Fageenyattii tee eeggadhu
Tasgabbaa'i atis obsii
Harka keessan saamunaadhaan
Rigaa dhiqaa qulqulleessaa
Harka keetiin hin tuqini
Afaanii fi ija keessaa
Funyaan keellee hin qotini
Waan funyaaniis yoo elmituu
Osoo laaltu harka keetiin
Jarmii ofitti kan ergituu
Fuula keellee harka keetiin
Hin tuttuqin dhiisi lakkii
Namni hunduu si haa shakkuu
Nama kamuu atis shakkii.
Dhageesseetta obbolaa koo
Dhageesseetta obboleettii
Dureessonnuu hin dandeenyee
Teenya dafqaan daabboo nyaattii
An dhaameera abboota koo
An himeera yaa haawwolii
Gaafa du'an boo'uu irra
Dursineetin dhaamna walii
Nan waakkattu yaa Qeerroo koo
Atis dhagahi yaa qarree
Firaaf ollaan waliif dhaamaa
Yoma dhugaan wal mararree
Sittis hime hangafa koo
Atis beeki yaa quxisuu
An gahee koo har'a boo'ee
Boru ofis hin dhiphisuu .
ABGT dha. Waliif dhaa

03/04/2020

Number of confirmed case of COVID-19 top up to 35.

31/03/2020

# COVID-19
Ani ogeessa Fayyaadha!
Mul'ata Baayyeen qaba, Dhaloota baayyeef Ashaaraakoo kaa'ee darbuun barbaada.
Ogummaakootin biyyakoof Lammiikoo tajaajiluuf yaada Baayyeen qabadhee jira!.
Kanan baayyee jaalladhuuf abdiin isaanii kan anarra jiru haatikoof abbaankoo jiru akkasumas jaalala addaatin umurii baayyee kananwaliin jiraachuu barbaadu obboleessaaf obboleettin qaba. Ana waliin yeroo baayyee dabarsuu kan barbaadan maatin qaba.
Kun hundumtuu kan milkaa'u yoo ani jiraadhedha!. Ati dhibee kanaaf of eeggannoo gochuu dhiisuunkee jireenyakoo aarsaa na gochuu danda'a!
Ati yoo dhukkubsatte siin si gargaaruuf ykn yaaluuf akkuman si jalaa hin didne atis dursite e of eeggannoo gochuu akka na jalaa hin didne!
Ati of eeggannoo gochuu dhiisuukeef dhibeen kun bal'inaan yogguu faca'u siin si gargaaruuf namootaaf maatiin jaalladhurraa adda ba'uuf utuu dirqamni natti hin dhufin anis atis of haa eegnu!
# mul 'atan qaba
# of eeggachuun na gargaari
Share naaf godhaa hunda biraan naaf ga'aa! Galatoomaa!!!

Photos from Dr Alamuu Badhaadhoo's post 28/03/2020

Dhimma shaayii irratti...
-------------------------------------------
Dhugaadha lubbuun namaa yoo dhiphatte ni sansarantii, waan jedhame hundaatu dhugaa namatti fakkaata. Garuu yeroo kanatti kan barbaachisu odeefannoo sirrii irratti hundaa’uun of eeggannoo keenya cimsuudha.
Oduun daa’imti shaayiin qoricha koronaa vaayreesii ta’u dubbatee jedhamu soba. kanaan dogogoree of dagachuu hin qabnu.
Hundaafuu ammatti wanti beekamuu qabu
1.Dhibee kanaaf wanti dawaa ta’ee argame akka hin jirre.
2.Shaayii dhuguun rakkoo hin qabu, garuu waan biraa itti dabaluun rakkoo fiduu danda’a.
3.Keessattuu wantoota nyaataa hin taane olola qofaan fudhachuu irra of haa eegnu!
4.Qorichi qorichaa olii of irraa ittisuudha, kanaaf mana Taa'aa, fayyaa ta'aa!
"Suuta deeman qoreen suuta nama waraanti" jedhama mitiree.
" Fayyaa fi Nagaya hin dhabinaa "

Photos from Dr Alamuu Badhaadhoo's post 27/03/2020

Ammaaf qorichi kanuma.
Of irra ittisu!

27/03/2020

Of eegannoon cimu qaba
===================
Ummanni keenya oduu qoricha vaayrasii koronaa argachutti dhiyaanne jedhama jiruun of dagachuu hin qabu. Osoo ta'elle adeemsa dheeraa kessa darbuu qaba waan ta'eef yeroo fagoo fudhata,
"Kan kuunnotii hin agarre, kunnooti hin argu" sana ta'uu hinqabnu.
Ammaa mana keenya bira jira waan ta'eef
Sadarkaan of eeggannoo keenya kan duraa irraa cimu qaba. Sochiin keenya hunduu yoo xiqqate meetira 2 fi sana ol ta'u qaba!

Want your practice to be the top-listed Clinic in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Website

Address

Finfinnee, Oromia
Addis Ababa
Other Addis Ababa clinics (show all)
Janmeda Health Center Janmeda Health Center
Addis Ababa

Janmeda primary Health Care Unit

DXN_addis Amanuel DXN_addis Amanuel
Addis Ababa

Holistic Medicine and Supplementary Products Selling Platform.....All Herbal&Organic Products

DR Mitiku Medium Clinic DR Mitiku Medium Clinic
Amfo Square
Addis Ababa

our patients are our family

South Sudanese future pharmacists South Sudanese future pharmacists
Addis
Addis Ababa, 2023

Our major aim is to brightening the future of upcoming generations.

Tesfa  home care nursing Tesfa home care nursing
Bole
Addis Ababa, 1000

Our company provides ultimately medical care with mobility and with senior nursing abilities from minor to severe cases with a reasonable price.

Shalom Medical Consultancy Shalom Medical Consultancy
Swazeeland Street
Addis Ababa, 1271

This page is created to promote helath realted issues and provide medical consultation for pateints

Ethiopian anesthetists voice Ethiopian anesthetists voice
Addis Ababa

Here we are for better Health care

Health info and vaccancy news Health info and vaccancy news
Addis Ababa
Addis Ababa, 0000

HIVN media adresses health related news, vacancies and health educational topics

Noble Cup Ethiopia Noble Cup Ethiopia
Gabon Street
Addis Ababa

Ethio medical Ethio medical
Bole
Addis Ababa, 1056

Duko medicine Duko medicine
Addis Abeba
Addis Ababa