Fayyaa sammuu

Fayyaa sammuu

Counseling and advising on mental health issues and general description on psychiatric disorders

Mental health tips on TikTok 19/12/2023

Mental health tips on TikTok 110 Followers, 1 Following, 194 Likes - Watch awesome short videos created by Mental health tips

19/12/2022

Namoonni sababa lolaatiin mana isaanii buqqa’anii buufata keessa jiraataan miidhaa akkamiitu isaan dhaqqabaa?

Akka dhaabbanni fayyaa addunyaa jedhutti fayyaa jechuun dhukkuba dhabuu qofa osoo hin taane; guutummaatti qaamaan, sammuun, Hafuuraan fayyaa ta’uu fi hawaasa waliin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu jechuudha.
QAAMAAN
1.Bishaanifi nyaata qulqullina qabu, bakka jireenyaaf hin mijanneefi baay’inaan walitti tutaan yeroo jiraatu dhukkuboota daddarboofi hin daddarbiin kamiifiyyuu saaxilamaadha.
2.Waraana keessatti qaama miidhamaa ta’uu ni danda’u.

SAMMUUDHAAN
1.Dararriifi dhiphinni hamma kana osoo irra gahuu sammuudhaan fayyaa ta’a jedhaanii yaaduun rakkisaadha.
2.Miidhamni har’a sammuu irra gahu boru dhukkuba ta’a

HAAFUURAAN
1.Namni sammuun isaa boqonnaa kan argatu uumaa isaa kadhatuufi galateeffatudha.
2.Namni uuma isaa irraa adda bahee sammuu dhiphateen yaaduu abdii boru jiraachuu hin qabu.

HAWWAASUMMAA

1. Maatiin kan du’ee kan faffaca’ee kan lubbuun jiru walitti deebi’ee isa du’eef boohee imimmaan miira isaa hin obbaafatu.
2.Aadaan waliin jireenya uummata sana bakkuma jirutti irraanfatama. Walitti dhufeenyi hawwaasummaa jeeqamaa wal shakkuufi kabaja wal owwachuutu uummata keessatti baay’ata.

Walumaa galatti uummanni sababa lolaan buqqa’an yoo gargaarsa namoomaa argatanii bakka jalqabaatti hin deebine carraan isaan qaban dhukkubaan dararamuu, xiinsammuu, hawwaasummaafi sammuudhaan waxalamuudha.
Kun immoo dinaagdee biyyaa kuffisuu irra darbee dhaloota haaraa horachuun kan hin yaadamne ta’a.
Keessattuu dargaggoonni hojii hannaa, gudeeddaa, sammichaa, gocha aadaafi duudhaa hawwaasummaa diiguu irratti yoo gurmaa’aan dhaloonni guutummatti boru manca’uu danda’a.
Waliin taanee balaa dhufu jalaa -haa-bararaarru.

24/03/2022

Send your CV with interesting application letter
Specially Psychiatrists

12/03/2022

Akkam jirtu Maatii fayyaa sammuu bakka jirtanitti nagaan keenya isiif haa baay'atu jechaa
Yeroo isin seentan yeroo hunda argannee gaaffii keessan deebisuun rakkisaa waan ta'eef dhimma fayyàa sammuun wal qabatu gaafachuu yoo barbaaddan
Maqaaa, teessoo, mallattoo haaraa mul'atan, turtii isaa, gargarsa akkamii akka barbaadan qofa yoo ballistanii nuuf barreessitan waan dandeenyuun sin deeggaruuf duubatti hin jennu.

Sammuun gaggeessaa qaama maraati. Dursa sammuu keenyaaf.

Fayyaa hin dhabiinaa!
Share gochuu hin dagatiinaa!

23/02/2022

Sammuukee maal sooraa jirtaa?
Akkuma qaamni keenya guyyaa guyyaatti soorrata barbaadu, sammuun keenyas guyyaa guyyaatti yaadota gaggaarii barbaada.
Nyaata badaa yoo nyaanne qaamni keenya ni dhukkubsata. Yaada badaa yoo yaadnes immoo sammuun keenya ni dhukkubsata. Daandii milkaa’inaa irra turuudhaaf, yeroo mara sammuu keenya yaadota gaggaarii sooruu qabna.
Barreessaan SHIKVEERA kitaaba isaa’ you can win’ jedhu keessatti, waa’ee soorrannaa sammuu yeroo ibsu; “Namootni waan gaarii yaadan, akka atileetii qaama isaa jabeeffachuuf shaakaluuti” jedha. Atileetiin tokko qaama isaa jabeessuuf walitti fufinsaan sochii qaamaa gochuu ykn shaakaluu qaba. Haaluma wal fakkaatuun namoonni waan gaarii yaadanis, yeroo mara sammuu isaanii yaadota gaggaariifi nama onnachiisan sooruu
Guyyaa guyyaatti yaadota gaggaarii fi nama onnachiisaaniin sammuu keenya sooruunis wayita yaadonni badoon gara keenya dhufan ofirraa ittisuuf gargaaru.
Yoo guyyaa guyyaatti yaadoota gaggaariin sammuu keenya hin soorru taanee garuu, yaadonni badoon akka salphaatti qalbii keenya dhuunfachuu danda’u.
Namoonni waan gaarii yaadaan dadhabina isaanii beekuu garuu cimina isaanii qofaa irratti xiyyeeffatu.”
Saayikatiristiifi barreessaan beekaman Kaarliin Miniingeer akkas jedhee dubbatee ture: “Namoonni waan gaarii yaadaan baay’een isaanii dhukkuba sammuu hin qabani”. akkasumas hayyuun saayikoloojiifi barreessaan kitaaba ‘The success journey’ jedhu barreesse Joon maakisweel “waan gaarii yaaduu gulantaa jireenyakee olkaasa, dhiphina irraas si eega” jedha. Barreessaan Dell Nile kitaaba isaa ‘The power of positive thinking’ jedhu keessatti yaadota poozetiiva walitti fufinsaan ofitti haasahuun akka sammuu gabbisu jabeessee dubbata.

Yaadota gaggaarii sammuu keenyatti himuun anniisaa jireenya keenyaaf baay’ee barbaachisaa tahe akka horannuuf nu gargaara.
Nyaata madaalamaa nyaachuudhaan, akkasumas sochii qaamaa gochuudhaan, qaamnikee akka fayyaa qabaatuuf gammachuu keessa kootii akka uumamu gochuu dandeessa.
Wayita jechoota gaggaarii ofitti dubbannu, qaama keenya ni fayyisna.
Hanga yaadichi amala dhaabbataa siif tahuufi ofitti amanamummaa horatutti irra deddeebi’ii dubbadhu. Ati akkas goonaan yaad qalbii duubeen humna guddaa ittiin yaadakee kana qabatamaan dhugoomsu ni qaba. Amala waan gaarii yaaduu gabbifannaan keessikee nagaafi gammachuu argata. Keessikee nagaaf gammachuu argachuun immoo sammuukee tasgabeessa. Sammuunkee tasgabaa’uun immoo waan haaraa akka uumtuuf si gargaara. Waan gaarii yaaduudhaan nama gaarii ta’I.

22/01/2022

ANI MAALIIFAN UUMAMEE?
Hundi keenya kennaa garaagaraa dhuunfaa dhuunfatti nuuf kenname qabna. Addunyaa kana irraa namoonni kennaan isaanii %100 walfakkaataa ta’an hin jirani. Kanaaf ofiikee dhiistee namoota biraa fakkaachuuf yaaluun dogoggora guddaadha. Waa’ee dandeettii keetii, carraawwan jireenyakee keessatti qabduufi eenyummaa dhuunfaakee yaadi malee nama biraa fakkaachuuf hin yaaliin. namni kamiyyuu jireenya isaa keessatti ergama mataa isaa ni qaba. uumaan tokko tokko keenyatti dirqama adda addaa kenneera. dirqama siif kenname namni biraan hojjechuu hin danda'u. kanaaf waanti nurraa eegamu kaayyoo uumamneef adda baafnee beekuufi of taanee jiraachuudha.
Akkaataa ati ofiikee itti ilaaltu akkaata ati itti tarkaanfaattu murteessa.kanaaf dandeettiikootti nan amanaa? jedhii of gaafadhu. Humna si keessa jirutti hin amantu taanaan milkaa’ina gonfachuu hin dandeessu. Bakkuma jirtutti waanuma of harkaa qabdu fayyadamiitii waan dandeessu hojjedhu. Kaayyookee irratti xiyyeeffattee waan hojjechuu dandeessu hojjennaan kanbiraa maaltu sirraa eegamaree?

Yoom akka hojjettu, maal akka hojjettu, akkamitti akka hojjettu qajeelfama nama biraa hin eeggatiin. Waan dandeessuu hojjechuudhaaf har’a siif guyyaa addaati. Kanaaf ganamaan ka’ii deemsakee eegali. Amma yoo imala eegalte karaa dhiyeeffattee bulta waan ta’eef.
Namoonni baay’een kaayyoo ofiisaanii ni beekuu, hojjechuuf garuu tarkaanfii hin fudhatan. Haala mijataa ykn nama si gargaaruu teessee eeguu irra kaayyoo uumaamteef jiraachuuf battala barreefama kana dubbisteen of qopheessi. Akka nama bidiruudhaan galaana irra naanna’uudhaan bashannanuu bakkuma tokko marsaa hin ooliin. Kaayyoo uumaamteef bakka gahuu qabdu gahuudhaaf ofiikee irratti murtoo fudhadhu. Milkaa’inni waan barbaadan argachuu osoo hin taanee imala jireenyaa eegaluudha. Milkaa’inni walitti fufinsaan daandii milkaa’inaa irra imaluudha malee bakka yaadaan gahuu qofaa miti.

Maxxansa kana yoo jaalatte share gochuu qofaan hiriyootakee onnachiisi.

10/01/2022

Fedhiin namaa hedduu
Qabeenyaan duroomuu
Konkolaataa bitee
Yoo fedhe ittiin deemuu
Durummaan akkanaa
Eessaa hin gahu yoomuu
Siif haa kennu rabbii
Sammuudhaan duroomuu
👌👌👌👌👌👌👌👌
Qaama namaa muree
Kan iddootti deebisuu
Gamoo ol ijaaree
Kan faayee bareessuu
Miidiyaa Addunyaan
Kan walqunnamsiisuu
Kun bu'aa sammuutii
Kam kaaseen Kam dhiisuu ....................
Utubduu qaama namaa
Sammuudha jedhamaa
Hojiin biyya lafaa
Isaan hojjetamaa
Foormulaan jireenyaa
Sammuun katabamaa
Waan xiqqoo hin see'iin
Sammuunkee waan hunda
Warqee eebbifamaa
******""**"""""****
Haa eeggannu sammuu
Waan isa miidhuurraa
Yoo inni jiraate
Adunyaan Wal barraa
Yoo hin taane garuu
Ofiin of dararraa
Tikfadhu sammuukee
Araada hundumaarraa
Sammuukee daawwitii
Keessatti of ilaalaa
Sammuun hunda caala.

© Monenus Teshome Hordofa Monenus Teshome Hordofaa yaala sammuu(Msc)

Photos from Oromia News Network /ONN/ - Finfinnee's post 18/12/2021

Gorsa fayyaa sammuu irratti ogeessota yaala sammuu waliin
ONN Itti hirmaadhaa!

17/12/2021

2.Araada fiilmii sal-qunnamtii
Biyya xaaliyaanii keessatti yuunibarsiitii Paadu’aa keessatti qorannoo gaggeefame tokko akka ibsutti dargagoonni 70% filmii walqunnamtii saalaa kakasuu inteernetii irratti utuu wal irraa hin kutiin ilaalan akka jiran warri qo’annaa wal’aansoo narvii bira ga’aniiru. Qorannoo amalaa inni kan biraan akka ibsutti, fedhii salqunnamtii dhabuun kan argamu warra fiilmii fedhii saal qunnamtii kakaasu ilaaluudhaan sammuu isaanii bashannansiisu barbaaduudhaan yeroo dheeraa fudhatan ta’uu isaaniiti. Fedhiin wal qunnamtii uumama namaa kana qorichaan kakaasuun waggoota namatti fudhata. Kun immoo waan fedhaan alaati, araada nama qabsiisas. Si’a tokko gammachuun namaa filmii saal qunnamtii waliin walitti hidhate jennaan fedhiin saalaa inni sirriin deebii hin kennu. Kun namoota baay’ee keessatti fedhii dhabamsiiseera. Wiliyam struthers koollejjii wiyaton macaafa isaa wired for intimacy: how po*******hy hijaks the male brain, jedhu keessatti, fiilmiin wal qunnamtii saalaa kakaasuu sammuu dargagootaatti araada ta’a kan jedhu irratti dubbate. Kun hundumtuu waa’ee walitti siiqenyaati. Namoonni miira isaanii isa gad fagoo guuttachudhaaf waan hundumaa fiilmii fedhii wal qunnamtii kakaasu kana irraa eeggatu. Isaan hariiroo saalaa isaaniitiif gara sanatti gugatu jedhee dubbate.
Akka istruuzers jedhetti fiilmii wal qunnamtii saalaa kakaasuu ilaaluun sammuu keessatti akkina haaraa( new pattern) uuma. Amaleeffachuun isaa immoo humna itti godha. Sadarkaa kana irra kan ga’u akkuma araada qoricha isa liqimsanii dhiisuun hin dandaa’amu. “Qaamni keenya suura sana daawwachuu yeroo itti baraa adeemu waanti nuyi kana booddee daawwannu miidhaa salphaa waan qabu fakkaata. Qoricha tokko dhaqnikoo yeroo dheeraatiif walitti fufinsaan fudhatee yoo itti bare, fayidaa argachaa ture argachuuf amma baay’ina isaa dabaluun qaba.” kanaaf araadni walqunnamtii akka qoricha baay’inaan fudhatameetti miira namaa kakaasee gammachiisuudhaan qunnamtii saalaatiif humna kenna.
Araada saal- qunnamtii akkamitti adda baafnaa?
Amaloota armaan gadii, sadii yookiin irra caalaa ofiikee keessatti haadha manaakee keessatti, yookiin michuukee keessatti yoo argite kun araada saal-qunnamtii ta’uu isaa hubachuu dandeessa. Nama akkasiitti suuta jettee utuu hin hammeessiin bifa gargaarsaan itti dubbachuu qabda.

Namni akkasii yeroo namni mana hin jirre yookiin yeroo namni rafu kompiitera jala ykn televiziyoona jala riciccee taa’a.
Namni akkasii kutaa maatiin yookiin namni bakka sana hin jirretti kutaa cufatee taa’a.
Namni akkasii saalaan faallaa kan ta’an yeroo isa bira darban gad fageessee itti yaada.
Liqii sababni isaa ibsamuu hin dandeenye isaaniif baasa.
Namni akkasii geejibaafi dirqama ogummaa sababeeffatee hanga barbaachisuu ol sa’aati hojii dabarsa yookiin hojii irraa oola.
Namni akkasii utuu inni interneetii irra jiru yoo namni kan biraan dhufe dafee iskriinii isaa jijjiira.
Namni akkasii hidhata gaa’ila isaa wajjiin hariiroo saal qunnamtii hin qabu yookiin karaa hin taane irra bittineessa.
Namni akkasii hidhata gaa’ila isaa irraa miiraan fagoodha.
Namni akkasii yeroo saal qunnamtii raawwatamutti hin argamu yookiin qalbiin isaa hin jiru.
Namni akkasii amala dorsiisaafi jijjiirama tasaatu irraa mul’ata.

Mala araada salqunnamtii irraa adda bahan... itti fufa

Telegram: Contact @sammuukoof 02/12/2021

FAYYAA SAMMUU GADHIIFAMEERA.
https://t.me/sammuukoof

Ni argattu. Waliif dabarsaa

Telegram: Contact @sammuukoof

30/11/2021

Kitaabni 'fayyaa sammuu' gadhiifamuuf guyyaa 2qofatu hafa.

Page kana like gochuun hordofaa.

29/11/2021

Maaltu yaadakee keessa jiraa?

Maal ta'uu feetaa? Jedhee sin gaafadhu. Waan ta'uu barbaaddu garuu irra deddeebitee akka yaaddu si dirqisiisuun barbaada.
👉Bakka Itti yaadakee fiixaan baaftu
👉Akkamitti yaadakee hojiitti hiikuuf kaayyeffate.
👉Daandii galmakee Itti seenuuf murteessite.
👉Ogummaa ittiin abjuukee hojiitti hiiktu gabbifachaa orbiitii kee irra akka naannoftu sin hubachiisa.

Mul'atakee dhugoomsuuf tarii ji'oota yookiin waggoota sitti fudhachuu danda'a. Egeree jireenyakee, isa arguudhaaf sammuukee keessatti bocame sana bira gahuuf raawwattee duubatti hin jedhiin. Balbala galmakee irra oolii buli. Ijakee waan yaadde irraa hin kaasiin. Yeroon ofiisaati maallaqa, haala mijataa, bakka mijataafi daandii saaqamaa carraa akka biiftuu calaqqisu baatee dhufuu danda'a.
👉Furtu galmakeetti seentu hanga siif kennamutti daandiikee hin gadhiisiin. Kayyookeef du'i. Yoo duuteyyuu dhalootni siduubaan dhufu maqaakeen hurufa cee'ee abjuukee siif dhugoomsa ta'a.
Yaadakee hojiitti jijjiiruuf irra deddeebi'ii yaadi. Irra deddeebitee yaaduun yaadakee gabbisa. Yaada gabbatetu egereekeef milkaa'ina si gonfachiisa.
Yaaduukee of hin tuffatiin. Yaadatu hojii dhala. Hojiitu bu'aa dhala. Bu'aatu milkaa'ina dhala. Dabalii yaadi. Daddabalii yaadi. Yaadotatu gurmaa'ee bifa addunyaa jijjiire.

© Tolasa Burka BTolasa Burka Burka

22/11/2021

Dhibee sammuun qabamuu jechuun
👉Filannoo miti.
👉Xiyyeeffannoo barbaaduuf miti.
👉Sababamee miti.
👉Dadhabbina nama dhibamee sanaa miti.
👉Bu'aa waan tokkoon dhufe miti.
👉Yakka ykn abaarsa miti.
👉Waanta dhokachuu qabu miti.
👉Wallaalaa ta' uu miti.
👉Soba ykn sammuudhan kan uumame miti.
👉Baacoo kan nama kofalchiisu miti.
👉Ammayyummaas miti
👉Namni hundi kan keessa darbu bu'aa jireenya miti.
👉Sababa adda bahuu miti.
👉Hundi keenyiyyuu saaxilamuu in dandeenya.
👉Dhibeen nama hundaa gosa tokko miti.
👉Miidhaa inni fidu kan qaama gad miti.

Walumaa galatti kutaa qaamaa bakka yaadaafi miiraa to'atu, kan kutaalee qaamakee biroo hoogganutu dhukkubsate jechuudha.

Bifa barruudhaan dhiyootti sin qaqqaba. Nu eegaa!

24/10/2021

.

Gammada ta’uufi jireenya gammachuun guute jiraachuun, waa’ee fuula duraas abdii qabaachuun karoora hawwisiisaadha. Kun kan bira ga’amu kaka’umsa mataa ofiin ta’uu qaba.
Jireenya abdii jiraachuun fayyummaa sammuu keenyaa eeguufi karoora keenya bira ga’uuf filannoo baay’ee gaariidha.
Namoonni qananiifi gammachuun carraadha jedhanii amanan ni jiru
Isaan kun jireenyi isaanii haalafi carraan dangeffama. Haa ta’u malee irra caala gammachuun filannoo abbichaati.
Jireenya gammachuu sababaan deeggarame jiraachuu jechuun gammachuu dhugaa qabaachuu miti. Gammachuu ofii bu'aa qabeessa taasisuuf fayyaa qabachuufi nama ta'ani uumamuuniyu badhaasa guddaadha. Kanaaf dhiibbaa waantootan namoonni miirakee akka jeeqan hin godhiin.
Ganamaan ka'ii akkana jedhi

“Ani gammadaa ta’uudhaaf murteeffadheera. Har’a nan gammada. Abdii kutannaan akka jireenyakoo qabatu hin eeyyamu. Har’a akka waantota calaqisanii ifaan oola. Yoo to’ataan koo guyyaakoo dukkaneessuuf yaale, akkan gaddu hin eeyyamuf”. Ofiin jedhi.

Gocha shaakalan deeggarameen guyyaakeef gammachuu uumuu in dandeessa.
Gammachuu filadhu.

Fayyaa hin dhabiina.

11/10/2021

Ogummaa bicuu qabuu tokkoon namoota gargaaruun natti tola.
Sababii keetiin lubbuun gadditee abdii kutatte gara namummaa haaratti deebi'uun gammachuu guddaadha. Biyya keenyatti baramaa ta'uu baatus Qoricha fudhachuun dura itti dhiyeenyaan gorsaafi gargaarsa barbaadamu nama sanaaf gochuun hojii bu'uuraati. Namni sammuu isaa dhabe(Maraate) kamiyyuu tajaajila gaariifi gargaarsa maatii gaarii qabannan sirriti bayyanata. Maatii gaariin kennaa waaqayyooti. namni hunduu utuu waliif garamummaa agarsiisee dacheen kun jannata hundumaa mijattu taati turte.
Har'a daawwaa ani siiniif katabaa jiru kun namni tokko miiraa mukaa'uu ykn dawweessa irraa fayyuuf hojii guyyaa guyyaa keessatti maal gochuu akka qabuufi maatiin akkamiin akka gargaaruu qabu hubachiisa.

Karoora hojii guyyaa guyyaa baafachuun tarsiimoo baay’ee beekamaa ogeeyyiin xinsammuu itti fayyadamanidha. Ogeessi xiinsammuu gargaarsa maatii waliin sagantaa karoorsa. Yommuu karoorichi hojii irra ooluu jalqabu namni dhukkubsatu sun yeroo gaarii argata. Rakkoon duraa sun akka itti hin deebineef amala haaraa horata.
Karoorri gaariin hojiif ba’e seerota armaan gadi kan hammate ta’uu qaba.
👉1. Hojii baay’ee gammachiisu filadhu. Addumaan gara jalqabaa irratti warra baay’ee ulfaatoo ta’an maqsi.

👉2. Hojii hawwaasummaa qabu barbaadi. Kophaa filmii daawwachuu mannaa, hiriyyootaafi michoota faanaa yeroo gaarii qabaachuu wayya.

👉3. Yoo dandaa’ame hojii idilee addaan hin kutiin. yoo dheerinaa fi hamma hojichaa xiqqeessuun barbaachisaa ta'e illee, hojiikee yookiin qo’annaakee itti fufi.

👉4. Dhukkubsatoota hedduun hojii humnaa kan akka hojii mukaa, huccuu hodhuu, yookaan manneen duubatti biqiltoota kunuunsuu akka hojjetan ni gorfama.

👉5. Bakka fayyummaan dhukkubsataa sanaa eeyyamamutti, sochii qaamaa shaakalchiisuu itti hammaachisi. Wal qitinsi keemikaalaafi madaalliin hormoonii, ispoortii fi hojii humnaan argamuu danda’a.

Nagaa hin dhabiinaa!

Tolasaa

10/10/2021

BAGA GUYYAA FAYYAA SAMMUU ADDUNYAAN ISIN GAHE.

Fayyaan sammuu hunda dursa sammuu keessaniif eeggannaa godhaa!

10/10/2021

Mental health advice
Issues on mental disorders management

09/10/2021

TOMORROW IS WORLD MENTAL HEALTH DAY

No more silence on mental stigma.
No health without mental health

08/10/2021

"Maqaankoo Mikaa'eel jedhama. Ergamaa isa samiirraa ergame. Ani hangafa ergamootaati. Waaqayyo sa'aatii tokko keessatti si'a afur na waliin dubbata. Har'a kan ta'u, boruus kan dhufu nan beeka. Utuu dubbannuu namoota keessa maaliif akkan filame beektuu? Ani fuula waaqayyoo argeera garuu namni fuula waaqayyoo arge hin jiraatuu yoo ana hin taane" jechaa mooraa hospitaala sammuu Amaanu'eel keessa naanna'ee " Motummaan waaqayyoo dhiyaateera, qalbii jijjiiradhaa" jechaa sagalee akkeekkachiisaa dabarsa.
Anis ganamummaan hojii seeneen gara ward 1ffaa irraa gara ward 9ffaa utuun deemuu karatti walitti dhufne. Dhubbustatoota irra harka isaa kaa'ee "Fayyiteetta! Jedha. Waa'ee cubbuu namootaafis boohee Wqyon kadhata. Utuma farfaatuu imimmaan dhangalasee boohuutti ka'a. "Namni qalbii diddiirachuu dide" jedhee boohe imimman isa dhangalaasa. Lafarra gangalata. Uffata isaa tarsaasee of nyaata. Of jibba. Namoonni hunduu garaa isaa akka ilaalaniif ofitti hawwachuu fedha( attention seeking). Bakka amma dhaabatutti daqiiqa tokkon kutaa ciisichaa tokko ka'ee hunda isaanirra naanna'ee iddotti deebi'a. Afaan isaa dubbatee hin dadhabu. Boqochuus ta'e rafuu hin fedhu. In farfaata. Ni lallaba. Wardiyoonni mooraadha akka hin baaneef yeroo isa ittisan ni lolaan, "Isin cubbamoota nanaa hojii keessan in argattu, abiddi barabaraa sin eeggata" jedhee Itti kolfa. Utuma kolfuus giddutti "Wayyoo! Wayyoo jedhee booha. In iyyas namni garuu isa hin dhaggeeffatu. Yeroo ani isa bira darbuuf jedhu nagaa na gaafate. Anis galanni waaqayyoof haa ta'u, ati akkam jedheen deebiseef. "Maaloo dokter mee mana waaqayyoo akkan ijaaruuf qarshii 50 fidimee" nan jedhe. Hin jiru jedhe bira darbee deemuuf yeroon jedhu gahoonii kiyya duubaan narratti qabee " qarshii 5 iyyuu taatu fidi bunan dhuga" nan jedhe.
Maaliifuu Kun rakkoo sammuuti. Yaalamees fayyuu in danda'a.
Akkamitti kan jedhuuf kana hordofaa odeeffannoo biroos qooddadhaa!

©Tolasaa Burqaa Qumbii

08/10/2021

__________Kolfa

#"Duroomaniif kolfa hin argatani, hiyyoomaniif kolfa hin dhabani."
Kolfi jaffaltii tokkollee nama hin gaafatu. Garuu bu'aa guddaa qaba. Kolfi fayidaa malee miidhaa hin qabu. Kolfi:_
👉 Miira jeeqame tasgabeessa
👉miira badaa qajeelcha, 👉miiraa gaddaa mancaasa.
👉Yaaddoo fageessa; 👉Gammachuu maddisiisa.
👉Boqonnaa namaaf kenna
👉Kaka'umsa hojii dabala.
👉Hiriyummaa jabeessa.
👉❤️Maatii keessa gammachuun akka jiraatuu godha.
👉Kolfi warra dadhabaniif jabina.
👉Warra abdii kutataniif ifa.
👉Warra gaddaniif carallaa biiftuuti.
👉Kolfi muddama miiraatiif daawwaa uumamaati
👉Kolfi waangaarii yaaduu irraa madda.(usually?)
👉Kolfi keenya miira namoota biroo jijjiiruuf humna guddaa qaba. Fuulli ifaan afata gaarii caala.🙏🙏🙏🙀🙀🙀
Kolfi yeroo muraasaaf kolfama. Garuu sammuu namaa keessa yeroo dheeraaf tura. Qaamni keenya wayita kolfinu caalaa wayita nyaara guurru anniisaa baay'ee fayyadama.
🤞Kolfa kadhannee, bitannee, liqeeffannee yookiin hannee argachuu hin dandeenyu. kolfa hin argatan, kolfa hin dhabani. Kanaafuu garaakee irraa kolfi. Kolfi bu'aa qabeessa kan ta'u yoo keenya irraa kolfinedha.
❤️❤️Kolfi daawwaa bilisaati.❤️❤️❤️ Kolfaa!😁😁😁baay'isaa kolfaa!

Fayyaa hin dhabiinaa!

09/09/2021

The most five effective relieving from depression
( Mala ittisa Dawweessaa shanan)
1. Miira ofii hubatanii of bashannansiisuu
2. Bishaan qorraan qaama dhiqachuu
3. Uumamatti michoomuu
4. Jireenya hawwaasummaa cimsuu.
5. Hojii ofirra hin tuulin, hojii malees hin taa'in.

Ibsa guutuuf
Agarsiiftuu telegram 👍👌 jedhu hordofaa.

Photos from Fayyaa sammuu's post 04/08/2021

Depression and Motivation

04/08/2021

DEPRESSION AND PSYCHOLOGICAL FACTS

Photos from Fayyaa sammuu's post 19/04/2021

Akkaataa yaaddoo ykn sodaa of irraa ittisan
(The ways Preventions of anxiety)
1. Waa'ee yaaddoo(rakkina)keetii dubbadhu. Hiriyaa jaallattu mariisisi
2. Bashananuu shaakali. Karaa sammuukee dhiphina sana keessaa baaftu fayyadami
3. Qilleensa dheeraa baafadhu
Boqonnaa yeroo gabaabduufi hafuura dheeraa(jalaa kaasanii hamma oliitti) baafachuun dhiphinakee irraa si boqochiisa.
4. Sirriitti nyaadhu.
Guyyaa kee ciree gaarii nyaachuun eegali. Biqiltoota fayyadamuun aarii qabbaneessa.
5. Garee gargaarsaa barbaadi.
Muuxannoo namoota kanii irraa barumsa baay'ee argatta. Isaanis rakkinakee si hubatu.
6. To'annoo yaada
Yeroo yaadonni si yaaddessan gara gola sammuukee dhufan "Waawuu" jedhii waan biraa yaaduu ykn dalaguu eegali.
Fknf, kitaaba qulqulluu, xiinsammuu, onnachiisaa, asoosama garaagaraa dubbisi. Yaaddookee achi keessa dhokfatta.
7. Sammuukee hojiidhaan akka qabamu godhi. Hojii malee taa'uun yaaddoo namatti hammeessa.

8. Malaan miira busheessuu
Adeemsi kun tooftaa bashannanaa barachuun isa Burqaa yaaddoo adda baasuufi to'achuuf nama gargaaru of keessatti qabata. Adeemsi isaas saffisaadha. Carraan milkaa'uu is a as olaanaadha. Haa ta'u malee hirmaanna hayyoota xiinsammuu barbaada.

Yaaddoo(Anxiety) Maalii? Mallattooleen isaahoo...

this page

11/04/2021

Madaa kaleessaa har'a dhukkubsachuu!!

Dhiphina balaa nama qunname booda dhufu/ Post Traumatic Stress Disorder (PTSD)
Rakkoon kun jeeqama fi dhiphina guddaa erga balaan suukaneessan nama muudaten booda namatti dhufuudha.

(causes).
Balaa hamaa, ajjeechaa ykn gudeeddaan nama nutti dhiyaannuu ykn maatii keenyaa akkasumas yoo nurra gahee irra deddeebbiin akka balaan sun amma raawwatamaa jiruutti rifachuu ykn sodaachuudhaan dhufa.

Dhukkubichaa
Mallattoleen kun erga balaan isaan muudatee booda naannoo ji'a tokkoo irraa eegalee hanga waggaa hedduu keessatti mul'achuu danda'u. isaanis:
√ Balaa sana yaadachuu osoo hin barbaadiin yaadaa namaa keessa deddeebi'uun rifachiisuu
√ Irra deddeebidhan abjuu jibbisiisaa waa'ee bali'chaa abjoochuu.
√ Balaan isaan muudate sun bifa filmii ykn diraamaa fakkaatuun akkuma ta'iin sun amma ta'aa jiruutti itti mul'achuu.(flashbacks).
✓ Eddoo balaan sun itti isaan muudate sana dheessuu fi wantoota ta'ii sana isaan yaadachisan kamuu irraa baqachuu.
√ Dandeettin Xiyyeeffanna isaani xiqaachu.
√ Hirribni jeeqamu.
√ Mirri gadda fi sodaa itti dhaga'amuu.

👉 Yaalii
Dhukkubichi osoo yaala hin argatinis carraa fayyuu ni qaba. Garuu yoo hedduu hammaata ta'ee fi jireenya guyyaa guyyaa keessatti dhiibbaa guddaa kan dhaqqabsiisu yoo ta'e gara mana yaalaa deemuudhan yaala barbaachisu fudhachuun irraa fayyuun ni dandaa'ama.

Fayyaa hin dhabinaa!!

21/11/2020

Waantoota dinqisiisoo waa'ee sammuu keenyaa.
1. Sammuun namaa %6 cooma irraa uumame.
2. Sammuun namaa waggaa 25tti ijaaramee xumurama.
3. Dandeetiin kuusuu sammuukee daangaa hin qabu.
4. Sammuunkee saffisa 268miles per hour odeeffannoo geejiba.
5. Gidduugaleessan, spinal kordiin kee waggaa 4 keessatti guddina dhaaba.
6. Meeshaan odeeffannoo qaama keefi sammuu kee wal jijjiiruu spinaal koordii jedhama.
7. Namni sammuu isaa %10 qofa fayyadaman, jette jetteedha malee dhugaa miti. Hundasayyu ittuma fayyadamta.
8. Sammuun nama pawuundii sadi ulfaata.
Kan dhiiraa garuu kan dhalaa ni caala.
9. Sammuun ofiisa of qorrisiisuu danda'a.
10. Tishuun sammuu xiqqoon ishee newuuronii 100,000fi sayinaapsii bilihona tokko irraa ijaarama.
11. Sammuun namaa humna ibsaa waattii 23 maddisiisuu danda'a. (Ampuulii tokko ibsuuf gahaadha).

Sammuu nagaa qabaadhaa!

Tolasaa Burqaa 2020
Join👇
t.me/sammuukoof

14/11/2020

Of ajjeesuu(Suicide).
Namni maaliif of ajjeesaa?
Sababoota:
1. Jireenya dhiphistoota (life stressors) kanneen akka rakkoo diinagdee, balaa garaagara, miidhama, gudeeddaa, hariiroon addaan cituu, walitti bu'insa, miira adda of baasuu, abdii kutachuu, dhukkubbiin namarra dheerachuufi dhibeen sammuu sababoota isaan duraati.

Karaalee namoonni of ajjeesan gurguddoon:
1. Of rarraasuu
2. Summii dhuguu
3. Ofitti dhukaasuu
4. Of darbachuun isaan gurguddoodha.

👉Akkamitti ittisnaa?
1. Waantoota ittiin of ajjeesan ofirraa fageessu ykn hir'isuu (e.g. pesticides, fi****ms, certain medications)
2. Hariiroo hawwaasummaa cimsuu
3. Amantiitti cimuu.. kadhachuu
4. Alkoolii hir'isuu
5. Namoota yaalii of ajjeecha godhanii beekaniif qabannaa cimaa gochuufi.
6. Namoota dhibee sammuu, araada (suusii) garaagaraa qaban, namoota yeroo dheeraaf dhukubbii hamaan dararamaniifi miirri isaani jeeqamaa jiru adda baasanii, yaaliifii eegganna cimaa gochuudhaan
Lubbuun tokko ofiin akka ofi hin balleesine haa ittisnu.

Sammuu nagaa qabaadhaa!

Tolasaa Burqaa. 2020

t.me/sammuukoof

05/11/2020

Yeroo dhiyootti
Gorsa bifa xiinsammuu garaagaraafi fayyaa sammuu keenya irratti xiyyeeffatuu ogeessota fayyaan torbanitti si'a lama siniif dabarsuuf jenna. Page kana invite gochuun hiriyoota keessan affeera.
Galatooma

Want your practice to be the top-listed Clinic in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Address

Ethiopian
Addis Ababa
Other Medical & Health in Addis Ababa (show all)
Janmeda Health Center Janmeda Health Center
Addis Ababa

Janmeda primary Health Care Unit

DXN_addis Amanuel DXN_addis Amanuel
Addis Ababa

Holistic Medicine and Supplementary Products Selling Platform.....All Herbal&Organic Products

DR Mitiku Medium Clinic DR Mitiku Medium Clinic
Amfo Square
Addis Ababa

our patients are our family

South Sudanese future pharmacists South Sudanese future pharmacists
Addis
Addis Ababa, 2023

Our major aim is to brightening the future of upcoming generations.

Tesfa  home care nursing Tesfa home care nursing
Bole
Addis Ababa, 1000

Our company provides ultimately medical care with mobility and with senior nursing abilities from minor to severe cases with a reasonable price.

Shalom Medical Consultancy Shalom Medical Consultancy
Swazeeland Street
Addis Ababa, 1271

This page is created to promote helath realted issues and provide medical consultation for pateints

Ethiopian anesthetists voice Ethiopian anesthetists voice
Addis Ababa

Here we are for better Health care

Health info and vaccancy news Health info and vaccancy news
Addis Ababa
Addis Ababa, 0000

HIVN media adresses health related news, vacancies and health educational topics

Xarunta dhireedka Yemen Xarunta dhireedka Yemen
بولي ميكائيل . فندق ومسجد جعفر
Addis Ababa

Ethio medical Ethio medical
Bole
Addis Ababa, 1056

Duko medicine Duko medicine
Addis Abeba
Addis Ababa