Afan Africa Association - 3A

Languages Tech based and Research center in Ethiopia, Africa and Global wide

03/06/2024

17/04/2024

Beeksisa

Afan Africa Association - 3A barreessaa/tuu mindeessuu barbaada.

Ulaagaa:

Digrii jalqabaa ykn dipploomaa gasa barnootaa: business administration, Secretarial Science and Office Administration, fi gosa barnootaa walitti dhiyaataan kan qabu/du.

Muuxannoo: BA waggaa 3 fi dipploomaa waggaa 5 kan qabu/du.

Dandeettii: barreessuu, qindeessuu, yeroon xumuruufi qaama jedhameef dhiyeessuu kan danda'u/ttu.

CV keessan erguun galmaayuu dandeessu

3A 16/04/2024

Afan Africa Association - 3A is looking for senior Executive Secretary
• Minimum Qualification: BA/Diploma with 3/5 Years relevant Work Experience
• Female applicants are highly encouraged to apply!
• 3A Member fulfilling the listed criteria will prioritized.
• Salary: Negotiable

Please get detailed information from below link, and apply online now!

Contacts:
Tel: +251903439943 / 0918905062
Email: [email protected]
Telegram: https://t.me/afan_africa
Website: https://afanafrica.org

3A Afan Africa Association (3A), Legally registered & a charitable organization committed to the digitization and promotion of five widely spoken languages;[Afaan Oromoo, Afar, Amharic, Somali and Tigrigna], Cultures, and feeding resources on various online platforms, including Google's Crowdsource

Photos from Afan Africa Association - 3A's post 23/02/2024

Waldaan Afaan Afrikaa garee hawaasa Oromoo biyya Keeniyaa irraa dhufe waliin mari'ate!

Waldaan Afaan Afrikaa garee hawaasa Oromoo biyya keeniyaa kutaalee adda addaa irraa dhufe waliin dhimma Afaanii fi Aadaa Oromoo dijitaalessuu irratti marii baldhaa taasiseera.Marii guyyaa har'aa jechuun Gurraandhala 23/2024 magaalaa Finfinnee mana Nyaata Aadaa Oromoo Kakuu Maammeetti gaggeeffameen,garee hawaasa Oromoo biyya keeniyaa bakka bu'ee dhufeef,kaayyoo fi karoorri Waldaa Afaan Afrikaa inni guddaan Afaanii fi aadaa Oromoo dijitaalessuu,guddisuu fi sadarkaa Addunyaatti dorgomaa taasisuu akka ta'e ibseeraaf.

Waldaan Afaan Afrikaa hanga ammaatti Afaan Oromoo dijitaalessuuf hayyoota qindeessee hojii hojjate,hojjachaa jiruu fi fuuldura hojjachuuf deemu garee kanaaf baldhinaan ibsee,waldichi hawaasa Oromoo biyya keeniyaa jiru waliinis wal argee mari'achuu fi hayyootaOromoo biyya keeniyaa hirmaachisuuf karoora qaba jedheera.

Hawaasa Oromoo biyya keeniyaa kutaalee akka Isi'ooloo,Marsabiit,Turkana river,Moyale fi Naayiroobii irra kan dhufe gareen Kabajamoo Obbo Diimaa Ormaatiin durfamu,hojii 3A'n hayyoota qindeessee Afaan Oromoo Afaan dijitaalaa fi afaan hojii dhaabbilee teekinooloojii gochuuf hanga ammaatti hojjatee fi hojjachaa jiru dinqisiifateera.

Keessattuu Afaan Oromoo tajaajila hiikkaa (Google translate)eegaluu isaatti hedduu akka gammadan kaasanii,afaanichi sadarkaa kana gahuun isaa faayidaa baay'ee qaba jedhan."Nuti akka hawaasa Oromoo biyya keeniyaa jiraatuutti Afaan Oromoo Google irratti tajaajila hiikkaa eegaluu isaatiin faayidaan arganne kan salphatti ilaalamuu miti"kan jedhe gareen kun,"Afaan Oromoo erga tajaajila hiikkaa Google kennuu eegalee booda xiyyeeffannoo guddaa kenninee hordofaa jirra.Ilmaan Oromoo biyya keeniyaa keessatti carraa manneen barnootaatti Afaan Oromoo barachuu dhabaniif akka baratan godheera.Kanaafuu nutis kana booda dirqama nurraa eeggamu akka bahannuu fi hojii seena qabeessa saba bal'aa kana keessatti akka hirmaannuuf haalduree Waldaan Afaan Afrikaa nuuf mijeessetti fayyadamnuuf qophiidha" jedhan.

Afaan Oromoo tarree afaanota gurguddoo addunyaa cinaa hiriiree afaan hojii ta'uun,keessumaa dhaabbata guddicha pilaaneetii tanaa Google keessatti dijitaaloomee tajaajila ummata baldhaa kanaaf akka laatu gochuuf shoora 3A'n barachaa jiru jabaatee itti fufuu qaba jedhaniiru

3A'n hawaasa Oromoo biyya keeniyaa kutaalee adda addaa jiranii fi hayyoota sabichaa biyya keeniyaa jiran gahee isaanii akka bahan waamicha taasiseera.

Afan Africa Association - 3A
Google Crowdsource - Ethiopia

07/02/2024

Gaaffii miseensummaa Afan Africa Association - 3A!

Namoonni hedduun miseensa Waldaa Afaan Afrikaa (Afan Africa Association-3A)ta'uuf gaafachaa jirtu.

Waldaa Afaan Afrikaa keessatti namni kamuu hirmaachuuf mirga guutuu qaba.Nutis akka hirmaatu barbaadna.Hirmaannaa kana keessatti gahee irraa eegamu gumaachuuf namni miseensa 3A ta'uu barbaade,ulaagaalee asii gadii kanneen guutuun dirqama.

1)Qaamaan waajjira 3A giddugaleessatti (Kiiloo 4,Gamoo Galaan irra)ykn damee waldichaa biyyoota adda addaa jiranitti argamuun galmaa'uu,

2.Karaa Marsariitii waldichaa(www.afanafrica.org) irratti Unkaa miseensummaa guutuu,

3.Unkicha guuttamu irratti fedhiisaatiin gosa miseensummaa barbaadu(Membership-type) filachuu qaba

Kunis:

A.Miseensummaa Guutuu(Ful Membership)
●Kanneen mirga guutuu(hanga filuu fi filatamuu qaban)
●Buusii Miseensummaa kan waggaa 1250,kaffaltii galmee 100 (walumaagalatti 1350) ykn 25 USD

B.Miseensummaa Giddugaleessa(Associate Members)

●Buusii Miseensummaa kan waggaa 600,kaffaltii galmee 50 (walumaagalatti 650) ykn 15 USD

C.Miseensummaa Barattootaa (Student Members)

●Buusii Miseensummaa kan waggaa 300,kaffaltii galmee 25(walumaagalatti 325)

D.Miseensummaa Dhaabbilee/Michoomaa (Institutional/Partnership)
■Diamond level
■Golden level
■Silver level

E.Miseensummaa Kabajaa(Honorary Members)
■Boordii 3A'tiin kennama.

3) Namni/qaamni tokko qaamaan ykn karaa toora-interneetaa Unkaa miseensummaatti aansee,buusii Miseensummaa kan waggaa (Yearly Membership Fee) kafaluudhaan dirqama isa jalqabaa bahachuu qaba,sana booda turtii baatii 1 hin caalle keessatti,waraqaa eenyummaa(ID) miseensummaa ni fudhata.

Hub: Namni tokko 3A keessatti Miseensa tahee lakkaawamuuf ulaagaan jalqabaa,kaffaltii galmee fi buusii miseensummaa kan waggaa (Registration fee & Yearly Membership Fee) kaffaluu qaba.Suuraan ID miseensummaaf ta'us ni barbaachisa.

Namootni karaa marsariitii keenyaan galmooftan,nagahee kaffaltii ittiin raawwattan osoo hin galchine siistemni isin hin fudhatu waan taheef,lakkoofsa Baankii Waldaa Afaan Afrikaa(3A) asii gadii irratti hamma kaffaltii gosa miseensummaa irratti galmooftanii akka kafaltan kabajaan isin yaadachiifna.

Akasumas,namootni osoo galmaayuu fedhii qabdan hin galmaayin jirtan karaa marsariitii keenyaa akka galmooftan affeeramtaniittu.

Lakkoofsa Baankiiwwan,Afan Africa Association

Baankii Awaash;-013081000720100
Baankii Daldalaa Itoophiyaa;-1000586374234
Baankii Oromiyaa;-1524399900001
Baankii hojii Gamtaa Oromiyaa;-1042100060106
Baankii Gadaa;-1000001461463
Baankii Siinqee;-1057747001210

GALATOOMAA!
Waldaa Afaan Afrikaa
Afan Africa Association(3A)

Photos from Afan Africa Association - 3A's post 05/02/2024

Ibsa Waldaa Afaan Afrikaa ( 3A)

Waldaan Afaan Afrikaa (Afan Africa Association) guyyaa Sanbata Duraa, Guraandhala 3/2024 yaa'ii waliigalaa adeemsiseen murtoowwan garaagaraa dabarsee jira. Waldaan Afaan Afrikaa (Afan Africa Association) Waldaa Miti-Mootummaa tajaajila tola-ooltummaa irratti hojjachuuf hundaa'e yoo ta'u, qaama seerummaa guuttatee erga hundeeffamee waggaa 1fi walakkaa ol lakkoofsiseera. Waldaan keenya Dambii Ittiin Bulmaataa qopheeffatee caasaalee:
Yaa'ii Waliigalaa, Boordiifi Bulchiinsa Hojii Raawwachiiftuutiin hojii karoorfate hojjachaa jira. Karoora isaa keessaa, Afaan Oromoo dabalatee afaanota Itoophiyaa shan: Afaan Oromoo, Affaar, Af-Somalii, Afaan Amaaraafi Afaan Tigiree) akkasumas, aadaalee uummata kanneenii dijitaalessuuf hojjachaa jira. Waldaan Afaan Afrikaa Yaa'ii Waliigalaa Sanbata Duraa, Guraandhala 3 bara 2024 Magaalaa Finfinnee, Hoteela ‘Grand Palace, jedhamutti adeemsiseen ajandaalee armaan gadii irratti mari'achuudhaan murtoowwan adda addaa dabarseera. Isaanis: gabaasa raawwii hojii bara 2023 dhiyeessuu, karoora hojii bara 2024 irratti mari'achuu mirkaneessuu, danqaalee waldicha mudatan adda baasuun fala kaa'uu, carraawwan uumaman hojiitti hiikuufi kkf fa'aa irratti mari'achuun murtoowwan dabarseera.

Waldichi, miseensota 16 keessaa namoota 12 walga'icha irratti argamaniin qabxiilee marii armaan olitti tarreeffaman irratti gadi-fageenyaan mari'achuudhaan murtoowwan jajjaboo dabarseera. Murtoowwan darban keessaa isaan ijoon:
• Hojiiwwan bara 2023 hojjatamuuf karoorfaman raawwiin isaa hanga yaadamee olitti hojjatamee bu'aawwan gurguddoo waan argamsiiseef ammas daran jabaatee hamiluma kanaan akka itti fufuu qabu murtaa'eera.
• Karoora hojii bara 2024 hojjatamuuf dhiyaate irratti yaadni gabbinaa kennamuun akka hojiirra oolu sagalee guutuun murtaa'eera.
• Danqaawwan bara 2023 keessa waldicha mudataniifi naamusa hojmaata waldichaa keessa-deebiidhaan madaaludhaan murtoowwan tarkaanfii adda addaa murtaa'aniiru.
Gabaasa raawwii hojii bara 2023 dhiyaate ilaalchisee, 3A-n hayyoota dhaabbata barnoota sadarkaa olaanaa qindeessudhaan qindoominni hojii Garee Google Afaanota Afrikaa wajjin hojjatame; akkasumas, hirmaannaan Biiroo Barnootaa Oromiyaafi Kolleejjiiwwan Barsiisotaa Oromiyaa keessa jiranii hundi isaanii waliin ta'uudhaan Afaan Oromoo dijitaalessuu irratti hojiin hojjataa turan haalaan boonsaa ta'uusaa irratti waliif galameera. Kana malees, hirmaattonni walga'ichaa: Dhaabbilee Miti-mootummaa, Abbootii Qabeenyaa, Namoota Dhuunfaafi Hayyoota guddina Afaan Oromootiif gumaacha taasisaa jiran hunda galateeffachuudhaan hojiin hojjatamaa jiru daran cimee akka itti fufuu qabu akeekaniiru.

Danqaawwan hojmaataa bara hojii 2023 keessa waldicha mudataniifi karoora bara dhufuu gadi-fageenyaan irratti mari'achuudhaan danqaawwan turaniif kallattiin furmaataa; karoora qophaa'eef ammoo tooftaafi tarsiimoon raawwii kaa'ameera.

Haaluma kanaan, hojmaanni bara dhufuu kan darbe caalaa hirmaachisaa akka ta’u; hayyoonni adda addaa: ogeeyyiin afaanii, aadaa, seenaafi aartii Oromoo; akkasumas, qaamolee dhimmi ilaallatuufi quuqama qabu hundi biyya keessaayis ta'ee biyya alaatii dammaqinaan itti hirmaachudhaan hojii karoorfame galmaan ga'uu irratti waldichaa akka tumsuu qaban waamichi taasifameera. Raawwii hojii bara 2023 keessatti danqaawwan akka: hanqina baajataa, hanqina humna namaafi hanqinni hirmaannaa ogeeyyii adda addaa akka ture adda baasudhaan waamicha hirmaannaa dabalataan akka taasifamu irratti waliif galameera.

Halaa yeroo ammaa kana dhimma pirojeektii ‘Khuullee’ jedhamu dabalatee, gochaawwan faallaa guddina Afaan Oromoo ta’an irratti hirmaattonni walga'ichaa gadi-fageenyaan mari'achuudhaan balaa dhufu hunda irraa qolachuudhaan guddina Afaan, Aadaafi Seenaa Uummata Oromoo irratti Oromoonni biyya keessaas ta'ee biyya alaa jiran tumsa isaanirraa eegamu hunda taasisuudhaan hojiiwwan 3A-n hojjatu akka milkeessuu qaban hirmaattonni walga'ichaa sagalee guutuun waamicha dabarsaniiru.

Yaa’ii Waliigala Waldaa Afaan Afrikaa
Afan Africa Association - 3A

04/02/2024

Obbo Fedhasaa Taaddasaatiif,
Bakka Jirtanitti.

30/01/2024

IBSA WALDAA 3A IRRAA KENNAME!
***********
Waa’ee ‘Qubee Kullee’ jedhamu ilaalchisee Yuunivarsiitii Wallaggaa irratti waraqaa Obboo Fedhasaan dhiyaateen wal-qabatee Waldaan 3A waan beekuu hinqabu; keessaas harka hin qabu.
Waldaan 3An seera qabeessa.
Hojii hojjannus bu'uura seeraatiin hojjanna.
Dhimma kanarratti Marii hatattamaa goonee, yeroo gabaaba kessatti ibsa bal'aa ummataaf ni kennina. Obsaan nu eega.

Waldaa Afaan Afrikaa

Photos from Afan Africa Association - 3A's post 14/01/2024

Yuunivarsiitiin Harraambee Imala Afaan Oromoo dijitaalessuu irratti Hooggansa Olaanoo 3A wajjiin mari'ateera

Biyya keenyatti dhaabbilee Barnoota Olaanoo beekkumsaan dhaloota qaraa jiran akkasuma jaalatamummaa fi beekkamtii guddaa horatan keessaa tokko kan ta'e Yuunivarsiitiin Harraambee,hojii Afaan Oromoo dijitaalessuuf hojjatamaa jiru irratti Ammajjii 14/2024,3A waliin mari'ateera.

Marii kana irratti Abbaa qabeenyaa Yuunivarsiitii Harraambee Obbo Fayyisaa Araarsaa fi Pirezdaantii Yuunivarsiitichaa Dr.Habtaamuu Takkaa dabalatee bulchiinsi yuunivarsiitii Harraambee,hoogganaan Waldaa Afaan Afrikaa Obbo Abdiisaa Bancaa fi Walitti qabaa boordii 3A Prof.Tashoomaa Sooromsaa akkasuma miseensonni boordii 3A hirmaataniiru.

Bu'aa bahii Afaan Oromoo Afaan dijitaalaa gochuuf keessa darbamee fi hojii Waldaan Afaan Afrikaa Afaan Oromoo dijitaalessuuf hayyoota Yuunivarsiitiiwwanii fi Koolleejjiiwan Barnootaa qindeessee hojjataa jiru irratti hoogganaan 3A,Obbo Abdiisaa Bancaa hirmaattotaaf ibsa bal'aa kennaniiru.Walitti qabaan boordii 3A Prof.Tashoomaa Sooromsaa,Afaan Oromoo dijitaalessuun,eenyummaa Oromoo dijitaalessuu waan ta'eef namni hunduu waan qabuu fi danda'uun tumsuu akka qabu dhaaman.

Miseensi boordii 3A Obbo Caalaa Raggaasaa gama isaaniitiin,Afaan bu'aa bahii hedduu keessa darbee sadarkaa kana gahe fuulduratti tarkaanfachiisuuf Abbootiin qabeenyaa Oromoo akkasuma dhaabbileen Oromoo tumsuuf dirqama qabu jedhan.

Yuunivarsiitiin Harraambees wanti hojjatame akka gammachiise himee,hojii 'Afan Africa Association-(3A)'itti jiru deeggaru waadaa galeera.

Biyya tokko keessatti Aadaa fi Afaan Ummataa guddisuuf gaheen dhaabbileen Barnootaa qaban olaanaadha.Keessumaa dhaabbileen barnootaa Olaanoon Aadaa,Afaanii fi Eenyummaa ummata tokkoo guddisuuf qo'annoo fi qorannoo gara garaa gaggeessuu irraa hanga hojiiwwan namootaa fi dhaabbilee birootiin hojjataman deeggaruutti shoorri taphatan hedduudha.

Imala Afaan Oromoo dijitaalessuuf 3A'n hojjataa jiru ni deeggarra"kan jedhan Abbaan qabeenyaa Yuunivarsiitii Harraambee Obbo Fayyisaa Araarsaa, fuuldurattis hojii hojjatamu kamuu akka tumsan dubbatan.Hojii Waldaan Afaan Afrikaa Afaanicha dijitaalessuuf hojjatetti gammadoo ta'uu kan dubbatan Obbo Fayyisaan,Yuunivarsiitiin Harraambees kana booda tumsa barbaachisu kamuu akka godhu waadaa galaniiru.

Xumurarratti 3A'n,simannaa hooggansi Yuunivarsiitii Harraambee godheefiif galateeffachuun,dhaabbilee fi Abbootiin qabeenyaa Oromoo hojii Afaan Oromoo dijitaalessuuf hojjatamaa jiru akka tumsan waamicha taasiseera.

Harambee University
Afan Africa Association - 3A

Photos from Afan Africa Association - 3A's post 02/01/2024

Kolleejjii Barnoota Barsiisota Dambii Doollootti leenjiin Afaan Oromoo dijitaalessuu keenname.

KBBDDtti Leenjiin Afaan Oromoo dijitaalessuu Barsiisotaa fi hojjattoota kolleejjichaatiif kennameera.Afaan Oromoo Afaan dijitaalaa gochuuf akkamitti akka hojjatamuu qabu irratti leenjiin kan kenname yoo ta'u,barsiisonni kollejjichaas ciminaan hojjechuu akka qabaniifi yeroo yeroon ammoo sadarkaa irra gahanis akka muuxannoo waljijjiiraa deemuu qaban kallattii walii kaahaniiru.

02/01/2024

“ toora afaanota guguddoo addunyaatiin gahuuf hojjetaa jirra”
-Pirofeesar Tashoomaa Sooromsaa
***********
Gaazexaa Bariisaa
Pirofeesar Tashoomaa Sooromsaa Yunivarsitii Finfinneetti, Barsiisaafi Qorataa Saayinsii Naannawaa yoo ta’an, hayyuun kun guddina Afaan Oromoo keessattis nama gumaacha olaanaa taasisaa turaniifi jiraniidha. Hayyuun kun yeroo ammaa Wallittiqabaa Boordii Waldaa Afaanota Afrikaa -3A ta’anii dhimma Afaan Oromoo dijitaalessuurratti nama gumaacha olaanaa taasisaniifi taasisaa jiraniidha.

Gaafdeebii Gaazexaan Bariisaa torban darbe keessumaa dhimma Afaan Oromoorratti xiyyeeffachuun hayyuu kana waliin taasise akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.

Bariisaa: Saayinsii Naannawaa barattanii Afaan Oromoo barsiisuufi kitaabota barnoota Afaan Oromoo qopheessuurratti akka hirmaattaniif maaltu isin kakaase?

Pirofeesar Tashoomaa: Afaan Oromoo barsiisuufi kitaabota barnootaa Afaan Oromoo qopheessuurratti akkan hirmaadhuuf ka’umsa kan naa ta’e eenyummaadha. Afaan Oromoo jechuun eenyummaa kooti, eenyummaa keenya. Kufaatii Dargiirraa kaasee qubee facaasuu, Afaan Oromoo barsiisuufi kitaabota barnootaa Afaan Oromoo qopheessuurratti bal’inaan hirmaachaan ture; ammas hirmaachaan jira. Afaan Oromoorratti hojjechuun dhiiga koo keessa waan seeneefi eenyummaa koo waan ta’eef afaanicha barsiisuu, guddisuufi babal’isuuf hojiin jalqabe ittanfufa.

Ani hojii eegumsa naannawaa qofarratti utuu hintaane hojiin Afaan Oromoorrattis bal’inaan hojjechaan jira. Hojii nuti Afaan Oromoorratti hojjechaa tureefi jirruun afaanichi yeroo ammaa dhaloota qubee horatee akkasumas afaanota addunyaa dijitaala’anitti dabalamee lafa qabateera. ALA bara 1990moota keessa yeroo kitaabota barnootaa Afaan Oromoo qopheessaa turre Gaazexaa Bariisaa akka wabiitti itti fayyadamaa turre. Sirboonni Afaan Oromoos hojii kanarratti baay’ee nu gargaaraniiru.

Bariisaa: Erga waa’ee Gaazexaa Bariisaa kaastanii gumaachi gaazexichi guddina Afaan Oromoo keessatti taasise akkamitti ibsama mee?

Pirofeesar Tashoomaa: Ani warra Afaan Oromoo lafaa kaasee kitaaba barnootaa Afaan Oromoo qopheessan keessaa isa tokko. Yeroo kitaabota barnootaa Afaan Oromoo qopheessaa turre Gaazexaa Bariisaafi sirboota Afaan Oromoorraa jechoota hedduu guurrannee ittifayyadamneerra. Gaazexaan Bariisaa guddina Afaan Oromoo gara fuulduraatti tarkaanfachiisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Gaazexichi ammas taanaan guddina afaaniifi aadaa Oromoo fuulduratti tarkaanfachiisuuf gahee guddaa irraa eegamu bahachuuf kana caalaa cimee hojjechuu qaba.

Afaan Oromoo lukaan akka lafa ejjetu kan taasise keessaa tokko Gaazexaan Bariisaati. Wellistoonni Oromoos gama kanaan gumaacha guddaa taasisaniiru.

‘Waldaan Afaanota Afrikaa -3A’ ammoo Afaan Oromoo dijitaalessuun afaanichi afaanota guguddoo addunyaatti akka dabalamu taasiseera. Carraaqqii cimaa waldichi taasiseen Afaan Oromoo bara darberraa kaasee afaanota addunyaa 7,000 ol ta’an keessaa afaanota addunyaa dijitaala’an 133tti dabalameera. Anis walittiqabaa boordii waldichaa ta’een tajaajilaa jira.

Bariisaa: Kaayyoon hundeeffama Waldaan Afaanota Afrikaa-3A, hojiilee waldichi hanga ammaatti raawwateefi gara fuulduraatti raawwachuuf karoorfatee hojjechaa jiru gabaabsitanii utuu nuuf ibsitanii?

Pirofeesar Tashoomaa: Waldichi ALA bara 2022 hudaa’e. Kaayyoon hundeeffama waldichaa inni guddaan Afaan Oromoo dijitaalessuudha. Dhaabbanni Googlii ALA bara Ebla 2006 maashiinii hiika googlii (Google Traansilation) uume. Afaanonni guddatan kanneen akka Afaan Ingilizii, Jarmanii, Ispaanish, Arabaa, Chaayinaafaan baatii lama keessatti afaansaanii dijitaalessan afaan hiikaa Googlii ta’anii akka tajaajilan taasisan.

Ijoolleen Oromoo biyyoota alaa jiraatan Afaan Oromoo dijitaalessuuf yeroo gara garaa yaalaa turanis utuu itti hinmilkaa’in hafaniiru. Isa booda dargaggoonni Oromoo ogeessa ‘ICT’ ta’aniifi biyya keessa jiraatn walgurmeessanii Afaan Oromoo dijitaalessuuf waggoota saddeet darbaniif yaalii cimaa taasisaa turan. Isaan keessaa tokko Dargaggoo Abdiisaa Baancaa kan yeroo ammaa adeemsisaa hojii waldichaa ta’ee hojjechaa jiruudha.

Akkuma waldicha hundeessineen namoota Afaan Oromoo guddisuufi dijitaalessuurratti hamilee qaban gurmeessinee gara hojiitti seenne. Waldichi hundaa’ee utuu hinturin qabiyyee jechoota Afaan Oromoo hiikaa googiliitti galchuudhaan Afaan Oromoo akka dijitaala’u taasiseera. Yeroo ammaa afaanota Itoophiyaa keessaa jiran keessaa afaanonni afur (Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, Afaan Tigreefi Afaan Somaalee) kan dijitaala’an yoo ta’u, Afaan Affaar ammoo dijitaala’uuf daandiirra jira. Waldichis afaanota shanan kunneenirratti hojjechaa jira.

Afaanonni Itoophiyaa dijitaala’anis qabiyyee barbaachisoo waan hinguuttanneef dokmantii tokko qulqullinaan hiikuurratti hanqina qabu. Waldichi rakkoo gama kanaan Afaan Oromoorratti mul’atu furuuf yunvarsitoota 19 irraa hayyoota Afaan Oromoofi Ingiliffa walittiqabuudhaan qabiyyee jechoota afaanichaa hiikaa googliitti akka galchan taasisaa jira. Jechoota fayyaa, seeraafi teknolojiis gara hiikaa googiliitti akka galaniif barsiisonni kolleejjoota 13 Oromiyaa keessa jiran keessa barsiisan hundi (600) ol hojii jechoota Afaan Oromoo gara googiliitti galchuurratti akka hirmaatan taasifneerra.

Biiroon Barnoota Oromiyaas dhimma Afaan Oromoo dijitaalessuu kanarratti waldicha waliin waliigaltee mallatteessee bal’inaan irratti hirmaachaa jira. Waldichi ogeessota naannoo Oromiyaafi Oromiyaadhaan ala jiranis hojicharratti bal’inaan akka hirmaatan taasisaa jirra. Hojiin Afaan Oromoo dijitaalessuu yeroo ammaa lafa qabateera. Hojicha dhiyeenyatti manii yaadame biraan ni geenya.

Bariisaa: Afaan Oromoo dijitaalessuun guddina afaanichaa keessatti faayidaa akkamii qaba?

Pirofeesar Tashoomaa: Afaanota addunyaa 7,000 ol jiran keessaa Afaan Oromoo dabalatee kan dijitaala’an afaanota 133. Kana jechuun Afaan Oromoo afaanota addunyaa dijitaala’an 132tti hiikamuun tajaajila kenna jechuudha. Afaan Oromoo dijitaala’uun afaan, aadaafi eenyummaa sabichaa guddisuufi addunyaatti beeksisuu keessattillee gahee olaanaa qaba. Waa’een Sirna Gadaa, Irreechaa, aadaafi iddoowwan hawwata turistiifi sirboonni Oromoo gara hiikaa googliitti galchuun afaan, aadaafi eenyummaa Oromoo addunyaatti beeksisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Bariisaa: Hojiilee waldichi raawwachaa jiru caalaatti milkeessuuf eenyurraa maaltu eegama?

Pirofeesar Tashoomaa: Hojiilee waldichi raawwachaa jiru caalaatti milkeessuuf deggersa ogummaafi dinagdee taasisuun baay’ee barbaachisaadha. Hojiin waldichi raawwachaa jiru kan saba bal’aati waan ta’eef hundumtuu waldicha deggeruu deggeruun dirqamsaa bahachuu qaba. Kanaafuu hayyoonni ogummaadhaan, abbootiin qabeenyaa, qaamoleen mootummaafi mitmootummaa ammoo waldicha dinagdeen deggeruu qabu. Biiroon Barnoota Oromiyaa waldicha waliin ta’uun hojii Afaan Oromoo dijitaalessuu kanarratti hirmaannaa guddaa taasisaa jiruuf galateeffamuu qaba.

Hojii waldichi hanga ammaatti raawwateen jechoonni Afaan Oromoo miliyoona 1.9 gara hiikaa googliitti galaniiru. Kun gahaa miti. Jechoota Afaan Oromoo miliyoona 4-5 gara hiikaa googliitti yoo galchine afaanichi sadarkaa gaariirran geenya.

Bariisaa: Rakkoo Afaan Oromoo sirnaan qubeessuurratti mul’atu furuuf malli furmaataa maali jettanii yaaddu? Duula ‘Qubeessuu Challenge’ kan Abdiisaa Baancaa karaa fuula ‘Facebook’ isaa adeemsisaa jiru hoo akkamitti ilaaltu?

Pirofeesar Tashoomaa: Duulli ‘Qebeessuu Challenge’ Abdiisaan karaa ‘Facebook’ isaa taasisaa jiru waan gaarii ittifufuu qabuudha. Duulichi namni Afaan Oromoo utuu itti hinyaadin barreessu akka saalfatu taasisaa jira. Afaan Oromoo sirnaan qubeessuu kan hindandeenye seera Afaan Oromoo ittiin qubeeffamu barachuu qaba. Utuu seera afaanichi ittiin barreeffamu hinbeekin barreessuun seera afaanichaa cabsuu waan ta’eef kun sirnaan ittiyaadamuu qabu.

Namni seera Afaan Oromoo eegee barreessuu hindandeenye barachuu qaba. Dhimma kanarratti Biiroon Barnoota Oromiyaas duula qubeessuu jalqabeera. Duulli kun gara fuulduraattis cimee ittifufuu qaba. Anis gama kootiin duula kana jajjabeessaafi irratti hirmaachaan jira.

Bariisaa: Rakkoo waaltina Afaan Oromoon walqabatee mul’atu furuuf ammoo maaltu furmaata ta’a?

Pirofeesar Tashoomaa: Afaan Oromoo waaltessuuf mootummaan Akkaadaamii Afaanii hundeessuu qaba. Akka Heeronni Federaalaafi naannoo Oromiyaa ibsanitti, Afaan Oromoo Qubee Laatiiniitiin barreeffama. Tartiibni qubee Afaan Oromoo A-Zti kan jiruudha. Qubeen Afaan Oromoo qubee dachaa dabalatee lakkoofsaan 33dha. Seera Afaan kanaa cabsuun seera mootummaa cabsuu waan ta’eef yakka seeraan nama gaafachiisuudha.

Hanqina afaanichi qabu ammoo qorannoorratti hundoofnee furaa deemuu qabna. Kun hojii Akkaadaamiin Afaanii hojjetuudha waan ta’eef Akkaadaamiin Afaan Oromoo hundaa’uu qaba. Inistiitiyuutiin Qorannoofi Qo’annoo Oromoos dhimma kanarratti xiyyeeffatee hojjechuu qaba.

Bariisaa: Akka waliigalaatti guddinni Afaan Oromoo sadarkaa akkamiirra jira?

Pirofeesar Tashoomaa: Afaan Oromoo sadarkaa duubatti deebi’uu hindandeenyerra gaheera.Afaan Oromoo boolla keessaa bahee afaan barnootaa, hojiifi saayinsiifi teknolojiitti akka ta’uuf kan sababa ta’e kufaatii Dargiiti. Afaan Oromoo yeroo ammaa dijitaala’ee afaan addunyaa ta’eera. Ammaan booda Afaan Oromoo toora afaanota addunyaa guddataniitti ol harkisuuf hojjenna.

Oolee bulee Afaan Oromoo Afaan Afrikaa ta’uu danda’a. Qubeen Afaan Oromoo Laatiinii ta’uun ammoo hundumtuu afaanicha akka baratan, dubbisaniifi hubataniif gargaara. Namni Ingiliffa beeku kamuu barreeffama Afaan Oromoo dubbisuuf hinrakkatu.

Bariisaa: Dhumarratti yaadni hinkaane yoo jiraate ykn dhaamsa yoo qabaattan?

Pirofeesar Tashoomaa: Dhimmoonni irratti haasofne hundinuu dhimma dhuufaa utuu hintaane ajandaa sabaafi biyyaati. Gaazexaan Bariisaas dhimmoota kunneen ajandaa godhatee irratti hojjechaa jira.

Qaamoleen Waldaan Afaanota Afrikaa-3A deggeraaa jiran keessumaa Biiroon Barnoota Oromiyaaf galata guddaa qabna. Qaamolee biroonis deggersa barbaachisu taasisuun hojii waldichi raawwachaa jiru milkeessuu keesatti gahee irra eegamu bahachuu qabu.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 20 Bara 2016

31/12/2023

Imala Afaan Oromoo dijitaalessuu irratti!

Photos from Afan Africa Association - 3A's post 30/12/2023

Kolleejjii Barnoota Barsiisotaa Fiicheetti Leenjiin Afaan Oromoo dijitaalessuu Kenname!

Kolleejjii Barnoota Barsiisotaa Fiicheetti leenjiin Afaan Oromoo dijitaalessuu marsaan 2ffaan barsiisotaaf kennameera.Hojiin Afaan Oromoo dijitaalessuuf 3A'n, Biiroo Barnootaa Oromiyaa fi hayyoota Yuunivarsiitii waliin ta'uun hojjachaa jiru jabaatee itti fuufeera!

Photos from Afan Africa Association - 3A's post 29/12/2023

Oduu Gammachiisaa!

Afaan Oromoo Afaanota Itoophiyaa Google irratti tajaajila hiikaa (translation) kennaa jiran keessaa dursa qabate!

Afaanonni Itoophiyaa Google irratti tajaajila hiikkaa (Google translation)kennan 4 yoo ta'an,Afaan Affaar immoo afaan shanaffaa ta'ee tajaajila eegaluuf imala irra jira.Afaanota kanneen keessaa Afaan Amaaraa fi Somaalii dursanii tajaajila hiikkaa eegalanii turan.Bara 2022 Afaanota 24 carraa dijitaala'uu argatanii tajaajila hiikka eegalan keessa akka Afrikaatti 10,akka biyya keenyaatti immoo afaanota 2 keessaa Afaan Oromoo isa tokko.Qabiyyeen Afaan Oromoo Google irratti fe'ame hammaan xiqqaa fi sababa ogeeyyii afaaniitiin hin hojjataminiif qulqullina hin qabu ture.

Hanqina qulqullinaa furuu dabalatee,qabiyyeen Afaanichaa guutuun guututti irratti akka fe'amuuf Afan Africa Association - 3A hayyoota gurmeessee hojjachuu erga eegalee gama qulqullinnaatiinis ta'ee,qabiyyee guddaa ol fe'uutiin jijjiiramni jiru kan nama gammachiisuudha.

3A'n hayyoota Yuunivarsiitii 100'tti dhihaatan kutaalee Oromiyaa hundarraa bifa loqoda Oromoo hunda jiddu-galeeffateen qindeessee hojjachaa akka jiru ibsuun keenya ni yaadatama.Dabalataniis ,KBB Oromiyaa (13) hojii Afaan Oromoo dijitaalessuu akka hojjatan,3A waliin ta'uun kallattii kaa'ee koolleejjonni hojiitti galaniiru.

Erga koolleejjonni hirmaachuu jalqabanii daataan irratti galchaa jirru saffisaan dabaleera.Guyyaa kaleessaa irraa eegalee daataan Afaan Oromoo Google irratti gale miiliyoona 2'tti kan dhihaatu yoo ta'u,kana keessaa kuma 323 ol Afaan Ingiliizii irraa gara Afaan Oromootti hiikkameera.Kanaanis Afaan Oromoo Afaanota Itoophiyaa Google irratti tajaajila Hiikkaa kennan hundumaa dursaa jira.

Hayyoonni keenya hojii kanatti cichitanii halkaniif guyyaa hojjachaa jirtan galata guddaa qabdu! Ammas jabaannee Afaan Oromoo guutuun guututti ni dijitaalessina! Ummanni bal'aan immoo waan qabuun deeggaruun dirqama eenyummaati!

Photos from Afan Africa Association - 3A's post 29/12/2023

Kolleejjii Barnoota Barsiisoota Bulee Horaatti leenjiin Afaan Oromoo dijitaalessuu keenname.

KBBBHtti Leenjiin Afaan Oromoo dijitaalessuu barsiisota kolleejjichaatiif guyyaa har'aa kennameera.Afaan Oromoo Afaan dijitaalaa gochuuf akkamitti akka hojjatamuu qabu irratti leenjiin kan kenname yoo ta'u,barsiisonni kollejjichaas ciminaan hojjechuu akka qabaniifi yeroo yeroon ammoo sadarkaa irra gahanis akka muuxannoo waljijjiiraa deemuu qaban kallattii walii kaahaniiru.

Photos from Afan Africa Association - 3A's post 29/12/2023

Kolleejjii Barnoota Barsiisotaa Cirootti Leenjiin Afaan Oromoo dijitaalessuu Kenname!

Kolleejjii Barnoota Barsiisotaa Cirootti guyyaa har'aa leenjiin Afaan Oromoo dijitaalessuu barsiisotaaf irra deebiin kennameera.Leenjii kanaan hayyoonni koolleejjichaa iddoo tokkotti akka hojjataniif haalli kan mijate yoo ta'u,dhimmi Afaanicha dijitaalessuuf hojjatamu gara manneen barnootaa koolleejjicha jala jiraniitti akka gad bu'uuf karoorri qophaa'ee namni ramadamee hojjatamaa jira.

Hojiin Afaan Oromoo dijitaalessuuf Afan Africa AssociationAfan Africa Association - 3A3A Biiroo Barnootaa Oromiyaa waliin ta'uun hojjachaa jiru jabaatee itti fuufeera!

Photos from Kallacha Oromiyaa's post 29/12/2023

-Afan Africa Association - 3AA Kallacha Oromiyaaa

Photos from Afan Africa Association - 3A's post 29/12/2023

Kolleejjii Barnoota Barsiisotaa Asallaatti Leenjiin Afaan Oromoo dijitaalessuu Kenname.

KBB Asallaa guyyaa kaleessaa hayyoota koolleejjichaatiif leenjii Afaan Oromoo dijitaalessuu kenneera.

Photos from Afan Africa Association - 3A's post 29/12/2023

Kolleejjii Barnoota Barsiisotaa Naqamteetti Leenjiin Afaan Oromoo Dijitaalessuu Marsaa 2ffaa kenname.

Imala Afaan Oromoof qabiyyee Google irratti dabaluuf karaa GOOGLE CROWDSOURCE jalqabame milkeessuuf hayyoonni Oromoo KBB Oromiyaa hunda keessatti hojii keessa seenuun ni yaadatama. Haaluma kanaan KBB Naqamteetti kanaan dura leenjiin hubannoo uumuu hayyoota kolleejjichaaf kennamee hojii keessa galamee tureera. Guyyaa kaleessaas marsaa 2ffaaf Sosochii caalmaan itti fufuu irratti leenjiin kennameera. Itti aanaan Diinii akkaadaamii Obbo Alamaayyoo Qannoo Leenjicha irratti hubannoo barbaachisaa ta'e kennanii hojichi qaama hojii tajaajila hawaasaa (Community Service) ta'uu eeranii hayyoonni keenya hunduu xiiqeffatanii qulqullinaan hojii kana hojjechaa guddina afaan keenyaaf ga'ee keenya akka ba'annu dhaamaniiru.

Barsiisonni kanaan dura karaa 3A fi BBO leenjii fudhatanis waan ofii hubatan barsiisotaaf qoodaniiru. Barsiisonni kolleejjichaas akka kaasanitti wanti nuti Oromoof hojjennu baay'een jiraachuu baatus afaan keenya ammayyeessuu fi tarree afaanota biyyoota guddatanii hiriirsisuuf waadaa dhuunfaa keenyaa seenneerra jedhaniiru. Haaluma kanaan barsiisonni baay'een haala qulqullina qabuun yeroo boqonnaa qabanitti fayyadamanii hojjecha akka jiranii fi gara fuulduraatti caalsisanii jabaatanii akka hojjetan waadaa seenaniiru.





#

Want your organization to be the top-listed Non Profit Organization in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Videos (show all)

Imala Afaan Oromoo dijitaalessuuf deemamaa jiru irratti marii 3A fi BBO torbaan darbe Magaalaa Adaamaatti taasisan irrat...

Telephone

Address

N/S/Lafto
Addis Ababa
Other Charity Organizations in Addis Ababa (show all)
imagine1day imagine1day
2Q3W+XV2 Imagine1day, Gabon Street
Addis Ababa, 1000

Educating people to transform themselves, their communities, and the world.

ናድቢስ ትዉልድ ናድቢስ ትዉልድ
Adiss Abeba
Addis Ababa

Organization for Welfare & Development in Action - OWDA Organization for Welfare & Development in Action - OWDA
Meskel Square , Lion Building , 9th Floor
Addis Ababa, 1502A.A

OWDA is a charity organization that Promotes conditions of sustainable human development through implementing programs on basic service delivery, economic opportunities, livelihood...

Women and Children Empowerment Organization-WCEO Women and Children Empowerment Organization-WCEO
Addis Ababa. Ethiopia
Addis Ababa

WCEO is Charity Society Organization (CSOs) founded to engage in empowering the community particularly women and children through designing different interventions that create econ...

Jaldu Page Jaldu Page
Addis Ababa, ###X

This page is where Jaldu Woreda people will share their ideas, views and discuss on what ever agendas raised

Relief Organization for South Sudan Addis Ababa, Ethiopia Relief Organization for South Sudan Addis Ababa, Ethiopia
Addis Ababa

To coordinate humanitarian assistance to save lives, restore dignity through psycho-socio rehabilita

waldah qurana waldah qurana
Addis Ababa, 1000

الجمعية الخيرية لخدمة القرآن في إثيوبيا �

ኑስራ የበጎ አድራጎት ድርጅት/ Nusra Charitable organization ኑስራ የበጎ አድራጎት ድርጅት/ Nusra Charitable organization
Mesalemia
Addis Ababa

በበጎነት ማህበረሰቡን እናብቃ!!

Spiritan Community Outreach Ethiopia - SCORE Spiritan Community Outreach Ethiopia - SCORE
SCORE A. A Office
Addis Ababa

We are part of 3000 Spiritans working in over 57 countries. We have been Serving in Ethiopia since 1972. We minister in areas for which the Church has difficulty in finding workers...

Abdellah Ibnu Umi Mekhtum-አብደላህ ኢብኑ ኡሚ መኽቱም Abdellah Ibnu Umi Mekhtum-አብደላህ ኢብኑ ኡሚ መኽቱም
Around 6kilo
Addis Ababa

Abdellah Ibnu Umi Mektum Qur’an Association is a certified religious non-governmental organization