Dr. Faayoo

Waa hunda dura, Fayyaaf dursa kenni!

20/05/2024

Infeekshiinii ujummoo fincaanii
*****************************************
Infeekshiinii ujummoo fincaanii jechuun yeroo ujummoon fincaanii yuureetraa( ujummoo fincaan alattii baastu) qabee hanga kaleetti jiran hangi tokko ykn hundi isaaniitu hubamaniidha. Yeroo baayyee garuu afuuffee fincaanii fi yuureetraadha kan hubamu. Dhibee kanaaf irra guddaa kan saaxilamu dubartoota.
Mallattoolee
------
》 Amma amma fincaanuu fedhuu
》 Fincaan nama mudduu
》 Yeroo fincaanan fincaan nama gubuu
》 Fincaan duumeessa fakkaatu fincaanuu
》 Fincaan diimaachuu ykn kookaa koollaa fakkaachuu
》 Cinaachi nama dhukkubuu ykn garaan gamni gadii nama dhukkubuu
》 Dhangala'aan qaama saalaa irraa
yaa'uu
》 Gubaa qaamaa ykn leeydaa
》 Fincaan foolii qabaachuu fi kkf
Hub: Namni dhibee kana qabu mallattoolee asiin olitti caqasne kana hunda isii agarsiisu dhabuu danda'a.
Ka'umsi isaa maali?
----
• Nama baayyee wajjin walqunnamtii saalaa godhuu ykn nama haarawa wajjin walqunnamtii saalaa godhuu
• Ujummoon fincaanii rakkina qabaachuu
• Ujummoon fincaanii cufamuu. Fkn cirracha kaleetin
• Dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu xiqqaachuu . Fkn dhibee sukkaraatiin , HIV , qoricha akka corticosteroids fudhachuudhan
• Yeroo baayye irra daddeebiin kaatitara fayyadamuu
Miidhaa hordofee dhufu( Xaxaa)
-----
1. Irra daddeebiin dhibee kanaan hubamuu. Baati 6 keessatti yeroo 2 ol dhibee kanaan hubamuu ykn waggatti si'a 4 ol dhibee kanaan hubamuu
2. Kaleerra miidhaan yeroo dheeraa kan laaftutti wal'aanamuu hin dandeenye gahuu.
3. Carraan dubartiin ulfaa daa'ima bakka hin gahin dahuu
4. Ujummoon fincaanii dhiphachuu
Akkamitti ofirraa ittifna?
****
✍ Walqunnamtii saalaa gaa'ila duraa irraa fagaachuu
✍ Bishaan baayyee dhuguu
✍yeroo fincaanne fi sagaraa bane booda fuulduraa gara duubaatti haquu. Kuniis akka baakteeriyaan munnee gara ujummoo fincaanii hin seenne godha. Malli kun caalatti kan fayyadu dubartootafi

10/02/2024

ERGA Wara Haadha manaa Qabuf.Wara dhiiraatif..
~~~~~~
Abbootin manaa haadha manaa keessaniif yeroo ulfaa maal gochuu qabdu?
●●●●●●●●●●●●
■1.Yeroo ulfaa akkasumas da'umsaa booda yeroo muraasaaf amalli haadha manaa keessanii sababa jijjiirama hormoonii irraan kan ka'e jijjiiramuu waan danda'uuf danda'aa ykn obsaa ta'uu qabdu.

■2.Haati manaa keessan hordooffi yeroo ulfaa fi kan da'umsa booda akka fudhattu jajjabeessuuf akkasumas yoo isinii mijata tahe waliin deemuun ni jajjabeeffama.

■3..Jaalala haadha manaa keessaniif qabdan walitti fufinsaan ibsuufii qabdu

■4.Yeroo ulfaa gara jalqabaa fedhiin saal-qunnamtii ni hir'ata ji'a 4 booda nii dabala. Kanaaf fedhii lamaan isaanii irratti hundaa'ee yoo raawwattan rakkoo waan hin qabneef wal hubachuu qabu.

■5.Wayita ciniinsuu fi da'umsaa ishee waliin turee jajjabessuu irraanfachuu hin qabu.
Kana malees dabalataan erga deessee booda fedhiin isheen walquunnamtii saalaaf qabdu waan hir'atuuf hanga isheef mijatuutti obsuufii qaba, jaalala isaas hir'isuu hin qabu..

Fayyaa hin dhabina
~~~~~~~~~~~~~
Mee Jijjiraa biroo yoo irrati argiitaan commanty goochun itti dabbalaa..
❤Dr. Faayoo

10/02/2024

Dubartoota haalli isaanii yeroo hunda rakkisaadha. Yaada isaanii sagal jijjiiraa oolan
1. Gaafa umrii 18 gahan , dhiira baayyee bareedaa tahe barbaadu
2. Gaafa umrii 25 gahan, dhiira bilchaataa barbaadu
3. Gaafa 30 gahan, dhiira milkaawaa barbaadan
4. Hoggaa 40 gahan ,dhiira milkaa'ina keessa hedduu kabajamaa fi beekamaa tahe hawwu
5. Gaafa 50 gahan, dhiira amanamaa barbaadu.
6. Gaafa 60 gahan, dhiira isaan gargaaru barbaadu

Dhiirti garuu haalli isaanii salphaadha. Haalli ykn wanti fedhe jijjiiramuus ejjannoo isaanii hin jijjiirsiftu.
1. Gaafa umrii 18 gahan , dubartii baayyee miidhagduu taate barbaadu
2. Gaafa umrii 25 gahan,dubartii baayyee miidhagduu taate barbaadu
3. Gaafa 30 gahan, dubartii baayyee miidhagduu taate barbaadu
4. Hoggaa 40 gahan, dubartii baayyee miidhagduu taate barbaadu
5. Gaafa 50 gahan, dubartii baayyee miidhagduu taate barbaadu
6. Gaafa 60 gahan, dubartii baayyee miidhagduu taate barbaadu
Kan si ajaa'ibu gaafa umrii 70 ykn 80 gahanii sossohuu dadhabanillee dubartuma bareedduu barbaadan

Kanarratti yaadni keeysan maali?

🙏DDr. Faayoo

25/01/2024

Baay'inni sanyii dhiiraa(seelii ispeermii) dhiirri tokko si'a takkaatti dhangalaasu miliyoona 39-928dha.
🍌🍌🍌💄👃🔥🍌🍉🌽💗🛃

wantoota dhala dhabuu dhiirotaa fidan keessaa tokko hir'achuu seelii ispeermiidha. Kanaaf seelii ispeermii miliyoona 39 gadi ykn miililiitira tokko keessa seeliin ispeermii miliyoona 15 gadi yoo tahe hir'ateera jenna.

Wantoota guyyaa guyyaan raawwannu kan Hir'achuu seelii ispeermii fidan maalfaadha?
-Ulfaatina qaamaa garmalee
-Sochi qaamaa gochuu dhiisuu
-Uffata jalaa/paantii baay'ee nu qabu yeroo hedduu uffachuu
-Alkoolii baay'inaan dhuguu
-Tamboo aarsuu
-Yeroo dheeraaf taa'aa turuu
-Dha’icha naannoo cidhaaniifaadha
Fayyaa hin dhabinaa
👇
Dr. FaayooDr. Faayoo

22/01/2024

FAAYIDAA WALQUNNAMTII SAA*LAA
☆•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••☆
Wal quunnamtiin saa*laa gammachuu miira keenyaa qofaaf osoo hin taane fayyummaa qaama keenyatiifis murteessadha. Mukaa'uu irraa jalqabee hanga kaanseriif saaxilamuu hir'isuu danda'a. Jaalalleewwan lama warra wal quunnamtii saal*aa hin raawwanne caala warra raawwatan gidduu hariiroo cimaatu jira. Kabajaa fi jaalalli isaan walii qaban kan addaati. Qaamni keenya dhukkuba ofirraa akka ittisuu fi hirriba bareedaa akka rafnu nu taasisa.......

Dr. Faayoo

08/01/2024

FANXOO《SYPHILIS 》
------------------------------------------------------------------
Fanxoon dhukkuba walqunnamtii saalaatiin daddarbuu fi baakteeriiyaa "Tirooppooniimaa paalidam" jedhamuun kan namatti dhufuudha.
Dhukkubni kun madaa Dhukkubbii hin qabne tan qaama saalaa , munnee, ykn afaan irratti baatuun nama eegala. madaa sanaa waliin waltuttuqnaan dhukkubichi haaluma salphaa ta'een daddabruu danda'a.
Dabalataan mallattoolee akka
• Dhukkubbii mataa
• Madaa qoonqoo(laagaa)
• Iita mudaamuddii
• Dadhabsiisuu
• Leeydaa ykn hoo'a qaama
• Huqqisuu
• Rifeensi namarraa harca'uu fi kkf agarsiisuu danda'a

* Mallattooleen asiin olitti dubbanne kun odoo qoricha tokkolleen fudhanne ofumaan baduu ni danda'a. Asirratti dhukkubsataan dhibicharraa fayyee jedhee of gowwomsuu danda'a. Garuu dhukkubichi of dhoksee isa isa keessatti wal horaa jira jachuudha
Kana booda dhukkubni kun nama keessa callisee ykn riphisee taa'uudhaan odoo mallattoo tokkollee hin agarsiifne waggaa 10 fi sanaa oliif taa'uu danda'a. Erga nama keessa callisee taa'ee namatti ka'ee booda miidhaa hamaa kan akka miidhaa onnee , sammuu fi qaamoolee biraa namarraan gahuu danda'a!
Yoo yaala argate fayyuu ni danda'a?
-----
Eeyyee!!:Qoricha sirrii fi yeroo jalqaba dhibichi nama qabe ilaalamanii qoricha isaa fudhachuudhaan fayyisuun ni danda'ama!
MIIDHAA FANXOO HORDOFEE DHUFU
-----
* Haadharra garaa ilmoo darbuu
Kun akka daa'imni garaa haadhaa keessa jiru qaama hir'uu ta'ee dhalatu ykn xaaxa heddu qabaatee akka dhalatu godha
* Carraa dhibee HIV tiin qabamuu olkaasa
✍Walumaa galatti namni mallattoolee asiin olitti qabdan odoo isinitti hin barfanne mana yaalaa deemaa wal'aanama.

Fayyaa hin dhabinaa
Dr. Faayoo

28/12/2023

Kintaarot /buroo. Kintaarot wantoonni namatti fidan-qamadii nyaachuu heddummeeysuu, boqqoolloo nyaatuu heddummeeysuu, foon horii nyaachuu heddummeeysuu, yeroo oowwaa sagaraa bahanii dhiqachuu dhiisuu,
osoo sagaraan sin qabin ittanuu,quufan jaartitti ida'amuu, goggogina garaa .kintaarot yeroo ammaa tana hawaasa keenya hedduu rakkisuun dhukkuba beekkamaadha.akkasumas dhukkuba hawaasni dawaa dhukkuba kanaa qabatamatti dhabuudhan rakkachaa jiruudha

Maali furmaanni isaa kan jedhu irratti waa xiqqo irraa dubbachuu barbaadeti.

_______Dhukkubni kun-
Dhukkuba Bara kana Baayyinaan Baballataa jiru keessaa isa tokko Nyaata Akka Foon Diimaa yokan Foon Dheedhii Nyaachuu fi Nyaata Osoo Sirriitti hin bilchaatin nyaatamu Kan Akka Faxiiraa nyaachuun Kiintaarotii Nama Qabsiisaa

1_ Damma Fala'aana Sadi'ii fi Zayitii Zayituunaa Fala'aana Sadi Walitti makame Ganama garaa duwwaatti nyaatama yeroo Qoricha kana fayyadamte Hanga Sa'aatii Tokko Guututti Nyaata Hin nyaatin Qorichi kun Warra Kaanirra cimaadha itti fayyadamii

2_ Dinnacha Zayitii Zayituunaa Wajjin Qoppeessi Nyaadhu Akkasumas Dinnicha Tumamee Zayitii Zayituunaa Wajjin walitti makame Bakka Kiintaarotiin Ba'ee jirutti dibamaa Kunis Dhukkubbii Kiintaarotii Daqiiqaa Muraasa Gidduutti Sirraa Dhaabaa Qoratamaadha
3_ shunkurtii Zayitii Zayituunaa Wajjin sirriitti Walitti makame. Bakka Kiintaarotiin Ba'ee jirutti dibamaa Baakteeriyaa Akka madaan Kiintaarotii hin fayyine ggorsaGodhu Hunda ni Dhabamsiisaa Kiintaarotii Dhiiga Qabutti Hin Dibamu Kan Dhiiga hin Qabneef Dawaadha.akkasumas hargiisa birciqoo takka cunfitee ykn hurraa isaa damma birciqoo takkaan walitti laaqun itti dibuun. garattis nyaatudha.Sanaamakii hurreeysun dammatti makanii ganamaa fi galgala nyaachunis hedduu dawaadha.

Dr. Faayoo

21/12/2023

Walqunnamtii saalaa osoo hin raawwatin yoo turan cidhaan nama ni dhukkubaa? Miidhaa hoo qaba??

Cidhaan yeroo yeroodhaan ispermii baay'ee oomishti. Ispermiin kunis yeroo dhiirri tokko dhangalaasu ujummoo cidhaan keessa geejjibamee dhangala'aa "Semen" jedhamu waliin erga walitti makamee booda gara alaatti dhangala'a. Haa ta'u malee, gaafa dhiirri tokko dhangalaasuu baate caccabeeti gara qaamaatti xuuxxama. Xuuxxamuun kunis miidhaa inni nama irraan gahu hin jiru. Kanaaf, dhangala'ee dhiisee miidhaan inni nama irraan geessisu hin jiru. Darbee darbee garuu, dhiirri walqunnamtii saalaa walitti fufiinsan raawwachaa tureefi amma yeroof dhiise tokko qaamni isaa ka'ee ka'ee (dhaabbatee) yoo rakkiseefi yeroo san dhangalaasuu yoo baate keessoo cidhaan isaa keessatti dhiibbaan dhiigaa uumudhaan (Epididymal hypertension) dhukkubbiin gaafii irratti ka'e namatti dhagahamuu danda'a. Inni kunis yeroo baay'ee "blue balls" jedhama. Kunis, dhukkubbii kanaan ala miidhaa hamaan inni geessisu hin jiraatu. Daqiiqaa muraasa booda ofiin nama irraa bada waan ta'eef dirqama walqunnamtii saalaa nama hin barbaachisu.

Rakkoon kun dafee akka nama dhiisuuf maloota armaan gadii fayyadamuun nama gargaara.
*Sochii qaamaa gochuu
*Xiyyeeffannoo waa'ee walqunnamtii saalaa irraa kaasuu
*Wantoota ulfaataa ta'an olkaasuu (Weight)
*Shaaworii bishaan qorraadhaan dhiqachuu
*Laxxi jedhanii dugdaan ciisuu fi kkf
Galatoomaa!!!
©️ Dr. Faayoo

20/12/2023

Yeroo wal qunnamtii saalaa qaamni saalaa dhiiraa kan dubartii keessatti hafee keessaa ba'uu dide kan jedhu dhageessanii beektuu?
Kun gama Fayyaan "P***s Captivus" kan jedhamu yoo ta'u darbee darbee akka tasaa namoota tokko tokkorratti nii muldhata. Taateen akkasii Jalqaba karaa Fayyaan report kan tahe bara 1979 dha. P***s Captivus kan dhufu sababa maashaawwan naannoo qaama saalaa dubartoota garmalee kottoonfachuu irraan kan ka'e kan dhufudha. Akkuma beekamu yeroo wal qunnamtii saalaa hiddoonni qaama dhiiraa irratti argaman dhiigaan waan guutamanif qaamni saalaa dhiiraa baayyee guddata. Yeroo wal qunnamtii saalaa maashaawwan qaama saalaa dubartoota nii kottoonfata. Maashaan kun garmalee hedduminaan yoo kottoonfatu qaamni saalaa dubartootaa baayyee dhiphachuun qaamni saalaa dhiiraa akka keessaa hin baane godha. Taateen kunis Amma fedhiin dubartootaa sun irraa dhaabbatee maashaan sun kottoonfachuu dhiisutti ykn hanga qaamni saalaa dhiiraa ka'ee ture ciisutti turuu danda'a

Dr. Faayoo

17/12/2023

Yeroo walqunnamtii saa-laa dubartii miira ishee eeganii fedhii baasuuf tarkaanfiiwwan fudhatamuu qaban ni jiru. Wantoota kana jiruu walqunnamtii saa-laa keessan keessatti gaafa seensiftan dubartii keessan daqiiqa muraasa keessatti daftanii fedhii baasuf isin gargaara.

Walqunnamtii saa-laatiin ala wantoota ishee gammachiisan raawwachuu. Qaama saa-laa qofa itti seensisanii gammachiisuun ala haasawaa fedhii dabalan itti hasaasuu fi qaamota miira itti kakaasan tuttuquun akka gammaddu godhuudha.
godhaa
Dr. Faayoo

14/12/2023

BISHAAN utuu qaamni keenya akka dheebote nutti hin himiin dursinee dhuguu qabna. sababnisaas:
*************************
1. Goguu mar’umaanii (constipation) ittisuu keessatti gahee qaba.
2. Dhukkuba kalee kan kidney stone jedhamu kan waanti akka cirrachaa kalee keessatti walitti kuufamuun hedduu nama dhukkubsitu dandeettii akka hin uumamneef gargaaruu qaba. Kana malees kaleen hojii xuraawaa qaama baasuu akka sirriitti hojjatu taasisa.
3. Hojii keenya guyyaa guyyaa keessumattuu warren hojii humnaa hojjatan hojii isaanii irratti akka hin dadhabne gargaara
4. Mataa dhukkubbii ykn mataa bowwuu dandeettii nurraa ittisuu qaba.
5. Dandeettii waa yaadachuu fi yaaduu irratti sammuun keenya
bishaan sirriitti argachuun baayyee barbaachisaadha.
6. Ulfaatina qaamaa humnaa ol ta’e hir’isuu irratti ni gargaara..
7. Namoota alkoolii dhuganiif miira nama jibbisiisu kan erga alkoolii
dhuganii booda namatti dhufu (hangover) ni ittisa.
Fayyaan faaya
©️ Dr. Faayoo

14/12/2023

Fedhii wal-qunnamtii saalaa dhiiraa maaltu hir'isa?

1.Dhiphina /stress
2.Sochii qaamaa gochuu dhiisuu ykn sochii qaamaa garmalee humnaa oli gochuu
3.Ulfaatina qaamaa garmalee
4.hirriba dhabuu
5.Ofitti amanamummaa dhabuu
6.Alkoolii baay’inaan dhuguu
7.Dhibee akka sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa
8.Qorichoota tokko tokko kanneen dhiibbaa dhiigaaf kennaman fi mukuu namaaf kennaman (side effect)
9.Hir'achuu hormoonii testestiroonii fa'a kaasuun ni danda'ama!

01/12/2023

Meeshaa ulfa ta'uu ittiin beekan/pregnancy detection kit
********************************************
Meeshaan kun fincaan ykn dhiiga ilaaluunhormoonii " human chorionic gonadotrophin ( HCG) " ja'amu jiraachuu fi jiraachuu dhaba adda baasa. Yoo hormooniin kan jiraatu ta'e ulfa ta'uu agarsiisa jechaadha. Hormooniin HCG jedhamu kun walqunnamtiin saalaa gaggeeffamee erga fartilaayizeeshiiniin uumamee booda guyyaa 6ffaarratti mul'achuu eegala

Meeshaan kun osoo dubartiin takka ulfaa ta'uu isiituu ofirratti hin beekin ulfa ta'uu isii mirkaneessuuf fayyaddi. Kanaaf dubartiin takka ulfa ta'uu isii beekuuf laguu itti dhufuu fi itti dhufuu dhaba eeguun isii hin barbaachisu
Fayyaa hin dhabinaa!!
Dr. Faayoo

26/11/2023

DHAQNA QABAA IJOOLLEE DHIIRAA
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
● Maatii hedduun ilmi isaanii akka dhaqna qabatuuf umurii gaarii taʼe ni gaafatu. Umuriin dhaqna qabaaf filatamaa ta'e mucaan dhalatee guyyaa 8ffaa irraa kaasee hanga dhuma ji'a sadaffaattidha.

Sababiin isaas:
■ Umurii kanatti daa'imman dhukkubbii xiqqaatu itti dhaga'ama.

■ Yeroo dhaqna qabaa sochii xiqqaa waan taasisaniif hin rakkisan.

■ Gara fuul-duraatti waa'ee dhaqna qabamuu isaanii kana (kan opereshinichaa) yaadannoo hin qabaatan.

■ Dhaqna qabaa ga'eessotaa wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu, dhaqna qabaan daa'immanii tooftaalee salphaa ta'aniin Kan hojjatamu yommuu ta'u fayyuufis yeroo gabaabaa itti fudhata.

■ Dhiironni ijoollummaatti dhaqna qabaman yeroo baay’ee iddoon madaa yeroon booda sirriitti fayyaa waan deemuuf godaannisni uumamu fooyya'aadha (sirriitti hin mul'atu).

■ Malli Amartii/qubeelaadhaan dhaqna qabuu akka gaariitti kan hojjetu daa'imni umuriin isaa ji'a afurii gadii yeroo dhaqna qabamudha.

■ Umriin kun haadha mucaa kunuunsituufis ta'ee daa’imaaf baay’ee mijataadha. .........................
Galatoomaa 🙏
DDr. Faayoo

11/11/2023

Sodaa akkamiin of irraa dhabamsiifna.
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
1. Waa'ee yaaddoo(rakkina)keetii dubbadhu. Hiriyaa jaallattu mariisisi.
2. Bashannanuu shaakali. Karaa sammuu kee dhiphina sana keessaa baaftu fayyadami.
3. Qilleensa dheeraa baafadhu. Boqonnaa yeroo gabaabduu fi hafuura dheeraa (jalaa kaasanii hamma oliitti) baafachuun dhiphina kee irraa si boqochiisa.
4. Sirriitti nyaadhu.
Guyyaa kee ciree gaarii nyaachuun eegali. Biqiltoota fayyadamuun aarii qabbaneessa.
5. Garee gargaarsaa barbaadi.
Muuxannoo namoota kaanii irraa barumsa baay'ee argatta. Isaanis rakkina kee si hubatu.
6. To'annoo yaadaa.
Yeroo yaadonni si yaaddessan gara gola sammuu kee dhufan "Waawuu" jedhii waan biraa yaaduu ykn dalaguu eegali.
Fknf, kitaaba qulqulluu, xiinsammuu, onnachiisaa, asoosama garaagaraa dubbisi. Yaaddoo kee achi keessa dhokfatta.
7. Sammuu kee hojiidhaan akka qabamu godhi. Hojii malee taa'uun yaaddoo namatti hammeessa.
8. Malaan miira busheessuu.
Adeemsi kun tooftaa bashannanaa barachuun isa Burqaa yaaddoo adda baasuu fi to'achuuf nama gargaaru of keessatti qabata. Adeemsi isaas saffisaadha. Carraan milkaa'uu isaas olaanaadha. Haa ta'u malee hirmaanna hayyoota xiinsammuu barbaada.
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Sodaa ofirraa ittisaa, sammuu keessan bilisoomsaa.
Fayyaan Faaya,
Fayyaa hin dhabinaa.
Dr. Faayoo ykn
https://www.facebook.com/Dr.faayoo

11/11/2023

GANAMA GANAMA QAAMNI SAALA MAALIF KA'AA
✍️Nocturnal pe**le tumescence jechuun yeroo hirribaa ykn yeroo hirribaa ka'u qaama saalaa dhiiraa ofumaan ka'uudha. akkasumas hirribaan walqabatee qaama saalaa ka’uu, ulfina ganama ykn muka ganama jedhamuun beekama.
Dr. Faayoo

09/11/2023
09/11/2023

FAAYDAA CUNFAA LOOMII
1. Vaayitamin C'n waan badhaadheef, dandeettii dhukkubaa ofirraa ittisuu qaama keenyaa nii dabala.
2. Utaalloo nurraa dhoorkuuf, akkasumas akka qorichaatti ni gargaara.
3. Dhibeewwan baakteeriyaa garaa garaan dhufan, akka farra baakteeriyaatti Nurraa ittisa.
4. Bishaan hoo'aa waliin ganama ganama dhuguun ulfaatina qaama hir'isuuf nu gargaara.
5. Yoo bishaan hoo'aa waliin dhugame, boorcii hir'isuu keessatti qooda guddaa taphata.
6. Sirna bullaa'insa nyaataafii gubiinsa soorataa keessatti faayidaa olaanaa qaba.
7. Dhibeewwan gogaa kanneen akka bugurii, cittoo fi goggoguu gogaa Nurraa ittisa.
8. Nyaanni nyaannu dafee akka daakamuuf nu gargaara.
9. Tiruu keenya qulqulleessuun wantoota qaama keenya miidhan akka isaan qaama keenya keessaa bahan godha.
10. Dhukkuboota akka biroonkaayitii fi toonsilii Nurraa ittisa.
11. Cuunfaa loomii bishaan hoo'aa waliin dhuguun, dhukkubbii buusaa lafee fi foon keenyaa Nurraa ittisa.
12. akka dhiiguu girgiddaa ilkaaniif dhukkubbii ilkaanii Nurraa dhowwa.
13. Gogiinsa garaa Nurraa ittisa."
14. Kolositrooli hir'isuuf
15. Dhiibba Dhiigatiif
16. Dhiigaa qulqullessuf
17. Wantoota qaama hin barbachisne nurra qulqullessuf

08/11/2023

Warra gaa'ela qabdaniif.....
***********************
Walqunnaamtiin saalaa waantoota gaa'ela keessatti ijoo ta'an keessaa isa tokko. Faayidaan fayyaa walqunnaamtii saalaa irraa argamuhoo maal fa'i?
***********************
1. Dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaama keenyaa hedduu cimsa.
2. Dandeettii fincaan qabaachuu afuuffee fincaanii dubartootaa ni dabala.
3. Dhiibbaa dhiigaa qaama gadi buusuuf gargaara.
4. Sochii qaamaa waan ta'eef fayidaalee sochiin qaamaa agamsiisu nuuf kenna.
5. Carraa dhukkuba onnee tasaa gadi buusa.
6. Dhukkuubbii qaamaa (pain) kamiyyuu kan qabnu yoo ta'e akka nutti hin dhaga'amne taasisa.
7. Dhiirotaaf ammoo carraa kaanserii xannacha prosteetii dhiiraa hir'isa.
8. Hirriba qulqullina qabu akka rafnu taasisa.
9. Dhiphina sammuu (stress) nurraa ittisa.
***********************
Fayyaan Faaya Faayoo

07/11/2023

Mala ittisa da'umsaa 'Diippoo Pirooveeraa'
*******************
● Depo proveran kanneen hormonaali qusannoo maatiif kennaman keessaa isa tokko ta'ee marfeedhaan kan ji'a sadii sadiin kennamuudha.
● Gosni qusannoo maatii kun shamarran gariin irratti amala marsaa laguu jeequu ykn hambisuu, mataa dhukkubbii, finnisa qaama ykn fularratti baasuu, furdisuu, wayita ilmoo godhachuuf qusannoo maatii kana addaan kutan osoo hin ulfaa'iin tursiisuuf kkf fiduu danda'a.
*******************
● Wayita daa'ima godhachuuf addaan kutan shamarran gariin hanga ji'a ja'aatti ulfaa'uu ni danda'u. Shamarran hammi kaan immoo erga addaan kutanii hanga waggaa lamaatti ulfaa'u.
● Yeroof haa tursiisu malee gosni qusannoo maatii kun dhibee dhala dhabdummaa yeeroo dheeraa waliin waan wal hin qabanneef dhiphachuun hin barbaachisu.
● Garuu erga addaan kutani kaasee hanga waggaa lamaatti ulfaa'uudhaa yoo baatan ogeessa fayyaa marisisuun gaariidha.
Galatoomaa!
*******************
Dr. FaayooDr. Faayoo

07/11/2023

FAAYIDAA WALQUNNAMTII SAA*LAA
☆•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••☆
Wal quunnamtiin saa*laa gammachuu miira keenyaa qofaaf osoo hin taane fayyummaa qaama keenyatiifis murteessadha. Mukaa'uu irraa jalqabee hanga kaanseriif saaxilamuu hir'isuu danda'a. Jaalalleewwan lama warra wal quunnamtii saal*aa hin raawwanne caala warra raawwatan gidduu hariiroo cimaatu jira. Kabajaa fi jaalalli isaan walii qaban kan addaati. Qaamni keenya dhukkuba ofirraa akka ittisuu fi hirriba bareedaa akka rafnu nu taasisa.......

Dr. FaayooDr. Faayoo

07/11/2023

Walqunnamtiin saal*aa yoo baay'ate nama ni huuqqisaa ykn ni dadhabsiisaa? (S£xual overexertion🙄🤔)
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
Gaaffii kana karaa inbox waanin gaafatatameef deebisuuf dirqame. Dhimma kanaan walqabsiisee yaada saayinsawaa ta'ee fi beekuu qabdu jedhee yaade akka itti aanutti qindeesseera.

Walqunnamtiin saal*aa ibsituu miiraa fi walitti siqiinsa qaama dhiiraa fi dhalaati. Hariiroo jaalalaa keessatti saal-qunnamtiin gaafa dhalaa fi dhiirri walitti dhiyaatan waan godhamu keessaa isa tokko ta'us, osoo saal-qunnamtii hin hojjatinis hammannaa fi wal dhungachuu ykn wal kakaasuunis qaama walitti dhiyeenyaa(physical intimacy)ti.

Walqunnamtiin saa*laa gochaa fedhii fi hawwiidhaan raawwatamuudha. Hawwii fi fedhiin saal-qunnamtii ammoo yeroo keessi namaa fayyaa fi humna(energy) ykn kaka'uumsa qabu walumaa galatti miirri gaarin yeroo nutti dhaga'amu jiraachuu danda'a.............

Dr. FaayooDr. Faayoo

07/11/2023

GOSOOTA MATAA DHUKKUBBII
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Mataa dhukkubbiin rakkoo namoota hedduu mudatu, mudatee fi mudachaa jiru yommuu ta'u, hawwaasni keenya hedduun dhibee kanaan yeroo baay'ee ni rakkaata. Haa ta'u malee dhukkubbiin Gosoota hedduu kan qabu yoo ta'u, kanneen armaan gadii kun sadan (3) warreen hawaasa baay'inaan hubanii fi hawaasni keenya adda baasee beekuu qabudha.........


Dr. Faayoo

07/11/2023

Yeroo walqunnamtii saal*aa dubartiin maalif iyyiti?

1. Gammachuu: Yeroo walqunnamtii saa*laa raawwatamutti gammachuu olaanaa keessa dubartoonni gaafa seenan osoo hin beeknes ta'uu danda'a sagalee ni baafatu (aaduu).

2. Dhiirri yoo laafe: Qunnamtii gubbaatti dhiirri kan laafu yoo taa'e dubartoonni tokko tokko isa jajjabeessuf ni aadu.Yeroo dubartiin iyyitu dhiiratti olaantummaan waan dhaga'amuuf ariitii isaa ni dabala.........

👇👇👇👇👇??👇👇👇

Faayoo

06/11/2023

FOOLII AFAANII BADAA (Maaltu fidaa? Furmaannihoo?)

************
KA'UMSA:
1. GOGUU AFAANII: Hancufni afaan keenya keessatti oomishamu afaan foolii gaarii akka qabatuuf gahee guddaa taphata. Kanas kan godhu asidii baakteriyootaan uumamu callabbeesuufi seelota du’an afaan keessaa dhiqee baasuudhaan. Afaan kan goguu danda’u sababa adda addaa kanneen akka side effect qorichoota dhukkuba biraaf fudhatamanii ( antihistamines, diuretics and others), yeroo dheeraaf funyaaniin dhiisanii afaaniin harganuu, dhuukkuba xannacha hancufaa fi kan biraa ta’uu danda’a.

2. QULQULLINA AFAAN KEENYAA: guyyaa guyyaatti qulqullina afaan keenyaa eeggachuu yoo baanne nyaatni afaan keenya keessatti hafu ilkaan gidduu fi harraba irratti yeroo muraasaa booda baakteeriyaa horuudhaan foolii afaanii badaa kenna.

3. DHUKKUBOOTA IRGA ILKAANII fi OORII ILKAANII: Keemikaalota baakteriyaa irraa gadi dhiifamaniin yoo ilkaaniif irgi ilkaanii miidhamanidha. Keemikaalotni baakteriyoota kana irraa gadi lakkifaman ilkaaniifi foon ilkaanii irratti bolla uumuun yoo yaalamuu baatan ittuma fufanii kan miidhaa geessisanii fi qulqulleessuu qofaan kan hin dhaabbannedha.

4. NYAATA/SOORATA: sooratni tokko tokko erga nyaannee booda yeroo muraasaaf foolii afaanii balleessuu danda'u (fakkenyaaf: qullubbii adii)

5. DHUKKUBOOTA QAAMA KEESSAA: kanneen akka, infekshinii qaama hargansuu ( pneumonia, bronchitis), infekshinii saaynasii (sinusitis), toonsilii (tonsillitis), fi kkf.

6. TAMBOO: tamboo xuuxuu (smoking to***co)

7. QORICHOOTA: Qorichootni dhukkuba biraaf fudhataman tokko tokko foolii afaanii balleessuu danda'u.
********************

FURMAATA:
Inni jalqabaa ilkaan keenya akkamitti akka qulqulleeffachuu qabnu beekuudha.
1. Guyyaa guyyaatti yoo xiqqaate altakkaa ilkaan keenya samunaa ilkaaniitiin qulqulleeffachuu qabna. Ganama ganama osoo hin taane galgala galagala osoo qulqulleeffannee gaariidha nyaatni guyyaa nyaatame halkan akka keessa hin bulle jechuudha.

2. Yeroo qulqulleeffannu brush nuti yeroo bay’ee itti fayyadamnu ilkaan irra keessa qulqulleessa malee ilkaan gidduu waan hin seenneef, fo’aa ykn kirrii qal’oo harka keenya lamaaniin gamaaf gamana ishii qabannee ilkaan gidduudhaa nyaata ittiin baasuu qabna.

3. Harraba keenya irraas qulqulleeffachuu dagachuu hin qabnu.

4. Brush ittiin ilkaan qulqulleeffannu yoo xiqqaate ji’a lama keessatti altakkaa jijjiiruu qabna.

5. Afaan keenya akka hin gogne mastiikaa (gum) kan sukkaara of keessaa hin qabne alanfataa deemuu.

6. Yoo side effect ( miidhaa cinaa) qorichoota dhukkuba biraaf kennamaniitu fide ta’e osoo deemnee ogeessa fayyaa jalqaba qoricha sana nuuf ajaje hin haasofsiin qoricha addaan kutuun gonkuma sirrii miti.

7. Yoo kana hundumaa irraan ta’uu dide ammoo mana yaalaa deemnee laalamuun gaariidha.
*******************

Fayyaan Faaya
Dr. Faayoo

06/11/2023

DUBARTOOTAAF
Walqunnaamtii Saalaatti Gammaduu Dadhabuu Dubartootaa (jechuun warra gaa'ela qabaniif)

Dubartiin tokko rakkoo armaan olii kana qabdi jechuudhaaf:
Walqunnaamtii saalaa abbaa manaa ishee waliin raawwattutti gammachuu kan hin qabnee fi fedhii saala abbaa manaa ishee guutuuf qofa kan raawwattu yoo ta'edha.

Rakkoowwan kana kan fidan keessaa muraasni:
1. Rakkoo xiin-sammuu (psychiatric or psycosocial) dubartiin sun qabdu kan akka raakkoo muuddama (stress) humnaa'olii yeroo hedduu itti mullatu, ofitti amanamummaa dhabuu fi kkf kan yaala addaa barbaadu.

2. Rakkoo waliin haasaa ykn walii galtee dhabuu abbaa manaa fi haadha manaa waliinii (Heeruma fedhii malee, fi kkf)
3. Dhiibbaa ykn rakkoo walqunnaamtii saalaan walqabatee yeroo ijoollummaa irratti raawwatame, kan akka dirqisiisanii gudeeduu fi kkf.

4. Dhukkuboota adda addaa kan waan kana fiduu danda'an qabaachuu fakkeenyaaf dhukkuba sukkaaraa....

5. Yaalii garagaraa kan baqaqsanii yaaluu kan dhukkuba biraaf godhame kan akka gadameessa muranii baasuu (hysterectomy).

6. Kan rakkoo biraa tokko hin qabne garuu rakkoo walqunnaamtii saalaatti gammaduu dadhabuu qofa qaban.

FURMAATA
Rakkoon kun qorannoon biyya USA keessatti hojjetame tokko akka jedhutti dubartoota 21% kan hubu yoo ta'u rakkoo salphaa osoo hin taane kan yaala barbaadudha. Kanneen armaa gadii akka furmaataatti kan taa'anidha.

1. Waldhabiinsa, miidhama duraanii, muddama jireenyaa fi kkf namootni waan kana furuudhaaf leenji'an (psychotherapist) waan jiraniif deemanii yaala ga'aa argachuu.

2. Mana yaalaa deemanii dhukkuboota rakkoo kana fidan irraa yaalamuu.

3. Yeroo walqunnaamtii saalaa raawwatan guutummaa guutuutti yaada ofii walqunnaamtii saalaa irra gochuu fi sosochii garaa garaa gochuu.

4. Kana hundaan illee yoo furmaanni jiraachuu baate qorichoota anti depressant jedhaman ogeessa fayyaa sammuu (Psychiatrist) irraa ajajchiifachuun illee ni dandaa'ama.

Dr. FaayooDr. Faayoo
Ykn
https://www.facebook.com/Dr.faayoo
Follow godhaa galatoomaa!

06/11/2023

Dhiirotaaf… 3C’s
======================================
Rakkoo dafanii dhangalaasuu yeroo saal-qunnamtii hedduminaan rakkoo fayyaa qaamaa waliin Kan wal-qabate osoo hin-taane rakkoo xiinsammuuti
Kana hambisuuf tooftaawwan xiinsammuu kana sadan fayyadami.
The three mental C's:-
1. Of -tasgabbeessi(calmness) . Baay'ee hin dhiphatin. Kana dura si mudateera yoo tahe isa Yeroo darbee yaaddee sammuukee hin dhiphisin.

2. Ofitti amanamummaa qabaadhu(Confidence).
Ani hin danda'u, na sodaachisa hin jedhin. Ofitti amanamummaa guutuu qabaadhuu godhi

3.miirakee to'adhu(control)
Garmalee miira keessa hin galin. Miirakee amma dandeessu to'adhu, yoo dandeesse Yeroo wal qunnamtii saalaa gootu yaadakee waan-biraarra godhi.

Fayyaa hin dhabinaa!

Want your business to be the top-listed Health & Beauty Business in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address

Finfinne
Addis Ababa
Other Medical & Health in Addis Ababa (show all)
Janmeda Health Center Janmeda Health Center
Addis Ababa

Janmeda primary Health Care Unit

DXN_addis Amanuel DXN_addis Amanuel
Addis Ababa

Holistic Medicine and Supplementary Products Selling Platform.....All Herbal&Organic Products

DR Mitiku Medium Clinic DR Mitiku Medium Clinic
Amfo Square
Addis Ababa

our patients are our family

South Sudanese future pharmacists South Sudanese future pharmacists
Addis
Addis Ababa, 2023

Our major aim is to brightening the future of upcoming generations.

Tesfa  home care nursing Tesfa home care nursing
Bole
Addis Ababa, 1000

Our company provides ultimately medical care with mobility and with senior nursing abilities from minor to severe cases with a reasonable price.

Shalom Medical Consultancy Shalom Medical Consultancy
Swazeeland Street
Addis Ababa, 1271

This page is created to promote helath realted issues and provide medical consultation for pateints

Ethiopian anesthetists voice Ethiopian anesthetists voice
Addis Ababa

Here we are for better Health care

Health info and vaccancy news Health info and vaccancy news
Addis Ababa
Addis Ababa, 0000

HIVN media adresses health related news, vacancies and health educational topics

Xarunta dhireedka Yemen Xarunta dhireedka Yemen
بولي ميكائيل . فندق ومسجد جعفر
Addis Ababa

Ethio medical Ethio medical
Bole
Addis Ababa, 1056

Duko medicine Duko medicine
Addis Abeba
Addis Ababa