ABO G - OLF United

ABO G - OLF United

The United Oromo Liberation Front is a political org established in 1973 by Oromo nationalist. The UOLF is a register opposition party in Ethiopia.

The fundamental objectives is to struggle, defend & protect the rights of Oromo nation to self-rule.

07/12/2022

HAALA YEROO IRRATTI IBSA ABO-G IRRAA KENNAME

Gara jabeenyaa fi gocha bineensummaa saba keenyarratti taasifamaa jiru Oromoon Gamtaan Qolachuu Qaba!

Akkuma argaa jirru dabni siyaasaa Impaayera Itoophiyaatti kaleessa jaarraa tokko dura eegale Oromoota Harkaafi Harma Mure, Isa kaan jiraa awwaalee isa hafe gadadoodhaan faale , daba seenaa fi siyaasaan siyaasa shiraan dabaale, addunyaan gaaga’ama ilmaan saba oromoo wallaale, har’as kunoo Oromoo Aduu Saafaan Morma Muree uleetti suuqee gocha bineensummaa fi farra namooma abbootiin isaanii ittiin beekaman ifatti mul’isee jira. hammeenya akkasii jaarraa 21ffaa keessatti dhagahuun balaala yoo tahe malee hin garre.Humni uftuultota kun har'as kan kaleessa dachee Oromiyaa fi nama maqaa isaa saamaafi maqaa jijjiiraa ture hanqatee har'as handhuura Oromiyaatii qabee hanga daangaatti kiyya jechuun impaayera abjuu kaleessaa sana ijaaruuf harka dooluu mirmirsa jira. Iddoo har’a geenya kanaaf immoo sababni guddaan Waldhagahuu Dhabuu Hooggansa Siyaasaa Oromoo fi gocha Diiggaa Humni Biyya Bulchaa Jiru Harka Lafa Jalaan jaarmiyaalee siyaasaa oromoo irratti hojjataa har’a gahe tahuun walhin gaafachiisu.
Adeemsi Siyaasa Oromoo keessatti nu qofatu filannoodha jedhu har’aan tana saba keenya aarsaa hin malle kafalchiisuu bira darbee dugaaggaa sanyiitiif affeeree jira. Sabni ijaarsa hin qabne, yeroo kamuu akkuma agarru boo’ichaaf qophaawa. Bira darbees ni tuffatama, hiree argameenis ni rukutama. Jijjiiramni dhiiga ilmaan oromoo kumaatama itti jigee fi lubbuu isaanii kitilaan itti kafalle immoo har’aan tana akeekaa fi kaayyoo isaa irraa maqee dantaa dhuunfaa murna ari’uun butame. Kunis saba guddaa tuffachiisee dirreetti bineensa nyaachise. Maarree Rakkina ulfaataa kanaafi borus as deemaa jiruu irraa Oromoo Baraaruuf;-
1.Humnoonni Siyaasaa fi Qabsaahonni sabaa biyya keessaa fi Alaa qabsoo Oromoof kaleessarraa aarsaa kafalaa har’a gahan garaa gartee siyaasaa duubbatti dhiisuun saba keenya baraaruu irratti Waloon haa xiyyeeffannu dhaamsa keenya dabarsina.
2. Gochi bineensummaa ammaan tana uummata keenya karaa Dhiha Oromiyaatiin uummta keenya Wallaggaa muudate kallattii biraan hin dhufu kan jedhu wabiin tokkolleen waan hin jirreefi sabni keenya quba walqabaachaa fi waliif dirmannaaf of qopheessuu qaba.

3.Mootummaan Naannoo Oromiyaa gochaa Albadheessummaa humni Hidhate Naannoo Amaaraa irraa ka’ee hawaasa keenya Qe'ee isaa irratti gara jabummaan gochaa duguuggaa sanyyii raawwateefi hatattamaan tarkaanfii fudhatee wajjiin uummata keenyaaf ibsa akka kennu gaafanna.
4. Barattoota Oromoo harka qullaa saba isaaniif sagalee tahuuf hiriira bahaa jiran akkuma bara wayyaanee doorsiisuu fi hidhuun battalatti akka nurraa dhaabbatu gadi qabnee dhaamna.
5. Uummanni keenya daangaalee kamirrattuu argamtan qaamaa qalbiin of eeguu fi wal eeguun akka tarkaanfattan gadi jabbeessinee dhaammanna. Kana malees mootummaan hawaasa keenya daangaa naannoleen wal daangessan irra jiraniif humna nageenya kabachiisu akka ramaduufi uummatni keenya immoo hidhannoo isaanii akka jabeeffatan dhaamsa dabarsina.

Bilisuummaan Saba Keenyaaf!
Adda Bilisummaa Oromoo - Gamtoome
Muddee 7, 2022, Finfinnee Oromiyaa

31/07/2022

Xiinxalaa fi Gamaaggamaa Hojimaatawwan Darbani Irratti Taasifame Irratti Hundaa’uun
Ibsa Addaa ABO-G Irraa Kenname

Akkuma beekamu Addi Bilisummaa Oromoo Gamtoome akka gaafa gufuu fi gaaga’amni siyaasaa isa golgaa seera boordii filannoo biyyattii jalatti isa muudateen eegalee jaarmiyichi tooftaa fi tarsimoo gaaga’ama siyaasaa kana keessaa ittiin ba’uuf isa dandeessiisu wixinuuf, humnii fi hooggansi ol’aanaan abdii kutannoo malee fala waaraa fiduuf tattaaffii cimaa gochaa jiraachuun isaa ni beekama. Yeroo turtii kanattis xiinxila siyaasaa gadifagoo fi gamaaggama cimaa taasiseen maddi rakkoo fi sababni gurguddaan kufaatii jaarmayichaa adda baafaman haala armaan gadiitti adda baasuun kallattii itti aanuuf akeekuun barbaachisaadha tahee argamee jira. Gamaaggama kanaanis rakkoolee jajjaboon turtii waggoota afranii haala armaan gadiitiin adda baafamaniiru. Kunis

1. ABO-G Gaafa gara biyyatti galuu akka jaarmiyaatti mootummaa waliin osoo walee galtee walii hin mallatteessinii fi walii galtee irra osoo hin gahin biyyatti deebi’uun rakkoo cimaa kan uume tahuu
2. Hooggansi ol’anaan jaarmiyaa biyya alaatii dhufan osoo jaarmiya hiddaan gadi hin dhaabin deebi’anii biyya alaatti deebi’uu
3. Caasaan jaarmiyaa qunnamtii gidduu mootummaa fi jaarmiyaatti akka hojjatuuf ramadame jaarmiya dhiisee mootummaatti galuu
4. Miseensas tahee hooggansi hedduun jaarmiyaa akeekaa fi kaayyoo waloo kaleessaa qabaatee aarsaa kafalaa ture dhiisuun dantaa dhuunfaa jala yaa’uu
5. ABO-G baroota darban akkaataa wareegama uummatni oromoo itti kafalee har’a gahe mararfannaan fudhachuun jijjiirama waggoota afran darban qeerroo fi qarreen oromoo hayyoota isaanii waliin qindoominaan fidan deeggaruun suuraa jaarmiyaa hirkatummaa mootummaa jalatti kan kuffise tahuu

6. Ta’e jedhamee Iccitiin dhaabbataa karaa miseensotaa fi hooggansaa jaarmiyiachaa qabachuu dadhabuun faca’uun kufaatiif karaa saaqee jira.
7. Miseensonni keessaa fi alaas dirqama dhaabaa laatamee fi bahachuu dadhabuu
8. Jaarmiyichi galii dhaabbata qabaachuu dhabuu fi madda galii dhaabbiidhaan uummachuu dadhabuu
9. Akeekni Jaarmiyaan keenya ABO deebisnaa ijaarra jedhee qabatee ka’e jaarmiya falmii hamaaf kan saaxilee tahuu fi maqaa isaa of dandahe qabaatee socho’uu dhabuun gaaddidduu ABO jalatti unkutaa fi maxxantummaa maqaatiin saaxilamuu
10. Korri sabaa soodaree shira kallattii hin eegamneeni qaamota garaa garaa irraa jaarmiya muudateen hundeeffama ABO-G karaa hin eegamneen burjiaajiif kan saaxilee tahuu.
11. Dhiibbaa siyaasaa keessaa fi alaatiin dhaabbanni daadarkaa’uu
12. Kaayyoo fi maqaan dhaabbatichaa maqaa jaarmiyaa biroon walfakkaachuu , fottoqiinsaa fi Facaatiin maqaa Adda Bilisummaa Oromoo keessaaf alaan heddumaachuun akeeka kaleessa jaarmiyaan kaleessa qabateen walittii bu’iinsa cimaa uumee jira.
13. Tokkummaa mooraa qabsoo oromoo barbaaduu fi nagaha labsuun jaarmiyichaa namoota hedduu biratti hubannaa dogongoraa akka waan jaarmayichi mootummaatti galeetti fakkeessee jira.
14. Miseensa jajjabeessuufi jecha jaarmiyaan qabeenya isaa iddoolee garaa garaatti facaasee turellee bu’aa barbaadamu fiduu dadhabuu fi dhaabbaticha harka qullaa kan hambisee tahuu. Kunis gaaga’ama cimaa jaarmiyichaarraan gaheera.
15. Miseensonni dhaabatichaa hedduun akeekaa fi kaayyoo kaleessa walitti dhufaniif caalaa dantaa dhuunfaatiif bitamuun jaarmiyaa ofii gatanii baduu fi paartii mootummaatti galuu.
16. Hoogganoonni muuxannoo qabsoo yeroo dheeraaf qabaataa turan halaalaa qabsuufi qabsoo waloo tiif cichanii biyyatti deebi’anii qabsaa’uu dadhabuun adeemsa qabsoo jaarmiyaachaaf gufuu hamaa tahe.
17. Xumurarratti, Tarkaanfiin siyaasaa, seera boordii filannoo dahoo godhachuun jaarmiyacharratti fudhatame gabaa sayaasa keessa jaarmiyaan akka bahuuf sababa hangafaa tahee jira.

Kanarraa ka’uun jaarmiyaan keenya akeekaa fi kaayyoo kaleessa manaa baheef galmaan ga’uuf tarsimoo,tooftaa, siyaasa tarsimoowaa fi Hooggansa akeeka kana milkeessu as baasuun bifa haaraan siyaasa biyyaa fi sabaa rakkoo hammaataa seene kanaaf furmaata fiduuf akkasumas qooda gama keenyaa bahachuuf sochii cimaan taasifamaa tureera ,taasisaas jira. waan kana taheef, miseensi, deeggartoonni, mararfattoonnii fi qabsaahoonni sabaa kaleessaa fi har’aa, akkasumas Uummanni Oromoo Bal’aan, hayyoonni keenya kaayyoo kanatti amantan hundi galma barbaadame gahuuf waliin haa dhaabbannuu yaamicha obbolummaa fi sabummaa isiniif goona.

Waajjira Hayyu Duree , ABO-G
Adoolessa 31,2022
Finfinnee
Oromiyaa

31/03/2022

Ibsa Gaddaa !
Addi Bilisummaa Oromoo Gamtoome halkan edaa tasa dhukkubsatanii boqachuu Gameessa Qabsoo Oromoo Jaal Galaasaa Dilbootti gaddi guddaan onnee nama cabsu kan nutti dhagahame tahuu ibsina. Qabsaawaan, gameessii fi hundeessitoota labata calqaba Qabsoo Oromoo akka jaarmiyaatti gadi dhaaban keessaa tokko kan tahe Jaal Galaasaa Dilboo du’aan of biraa dhabuu keenyaan gaddi ibsuun nama rakkisu kan nutti dhagahame tahuu irra deebinee ibsina.
Jaal Galaasaan Gameessa,Gootaa fi Buleessa Qabsoo Oromoo waggoottan Afurtamman darban saba isaaf jecha baddaa fi gammoojjiiwwan oromiyaa bahaa fi dhihaa, akkasumas biyya keessaa hanga biyya ormaatti jaallan isaa waliin xomboora qabsoo diddaa gabrummaa qabsiisuun jireenya dhuunfaa isaaf osoo bakka hin laatin aarsaa irraa maayii nama kafalaa tureedha. Qabsoo gaggeessaa ture keessattis Adda Bilisummaa Oromoo bu’uurarraa kaasee hanga har’aatti sadarkaa miseensummaa irraa hanga hoogganaa ol’aanaa (hayyu duree jaarmiyaa ABO duraanii)tahuun qabsoo sabaa nama hoogganee wareegama saba isaaf kafaleedha.
Jaal Galaasaan Dilboo ilaa har’an tanaatti dadhabe ykn hifadhe osoo hin jenne dantaa saba isaa kabachiisuuf gaaddisa qabsoo saba isaa keessaa osoo hin dhabamne nama tattaaffii cimaa godhaa jiruufi miseensa paarlaamaa biyyaa tahuun nama sabaa fi biyya isaa tajaajiluuf wareegama isarraa eegamu kafalaa jiruudha.
Duuti kan hin oolamne gameessa kana nu biraa fudhachuu isaatiin saba oromoo hundaaf akkasumas firaafi aantee isaaf rabbiin obsa akka kennu kadhachaa, jaala keenya nu biraa boqateef biyyoon itti haa salphatu jenna.
Bitootessa 31,2022
Adda Bilisummaa Oromoo Gamtoome
Finfinnee,Oromiyaa

24/03/2022

Boqatuu Goota fi Hayyuu Oromoo H/Hasaan Gammada Ilaalchisee Gadda Ibsachuu:-
—————————————————————-

“Goota fi Hayyuun ganamumaa dhalaata” jedha Oromoon.

Gootiin fi Hayyuu saba Oromoo keessa tarree durrati kan lakkawamaan fi Aliima amanta Islaama kan ta’aan H/Hasaan Gammada gaafa guyyaa Bitootessa 22, bara 2022 boqataan jiru.

H/Hasaan abbaa isaan Obb. Gammada Ukuluu fi hadha isaan Adde. Daamuu Diimaa irraa bara 1880ni keessa, G/A/Lixaa, Aanaa Shallaa, ganda Sanbate-Shallaati dhalataan. H/Hasaan Gammada umrii 130 olii akka jirataan matiin isanitiif ummani isaan beekaan ni dubbatu.

Akka seenaan isaan himmuti H/Hasaan Gammada umrii isaan Ijjoollumma irraa kassaan ammanta Islaama baratu, barsiisu fi Tawiihidiin akka babbadhatu gochuun gahe gudda taphataan akka turaan, ammaniti Islaama fi erga ammanticha akkaan babadhiisaan hayyooni ammanti Islaama fi hawaasiin baldhaan ni dubbatu.

Gamma qabsoo sabatiiniis goota fi hayyuu qodda leencaa taphataan turraan. H/Hasaan sirnoota gabbiroomfata Impaayera Itoopiyaatiin harka 5 olii kan hidhamaan fi loola gara gara loolaan loolchiisa turaan jiru.
H/Hasaan Gammada hanga guyya xumura lubuun jiraan ummani Oromoo akka tokkumaan wal-dhagetiin qabsoo isa tasiisuu, yeroo kammu haala fi iddoo kammi keessati dinnoota isatiif akka gadi hin jeene fi abba biyyuma ofii gamtaan akka tikkifatu irraa deddebi’aan dubbata turaan.
Gootiin kun Magaalaa Shashamaneeti kan boqataan yoo ta’uu, achuma Shashamaneeti ummani kumatamaan lakkawamu akkasumaas hayyoota fi Ulama’oota heddu bahuun geeggessa godhaniif jiru.
Kanumaan wal-qabsiise, ABO G - OLF United goota saba H/Hasaan Gammadatiif arrarama kadhata, matii fi ummata Oromoo isaan qabsa’a turaniif immoo obsaa fi jajjabiina hawwa.

Rabbii Ruuhii Isanitiif ha arraramuu!

IUOtiif,
Bitootessa 24, 2022
ABO-Gamtoome
Finfinnee

https://youtu.be/-O0oiWAuisc

12/02/2022

Eejjannoo ABO-Gamtoome Marii Biyyolleessa Ilaalxhisee

Ejjaannoo ABO Gamtoomee Marii Biyyolleessa Ilaalchisee:-

Rakkoon Empaayera Itoopiyaa hirmaannaa qaama hundaatiin malee feedhii mootummaa aangoo irra jiruu qofaan kan hiikkamuu miti. Empaayerri Itoopiyaa humnaan ijaaramee haga ammaa humnan eeggamaa jiraa. Biyyoonni Empaayera turaan hedduun isaanii yoo diiggaman, gaariin isaanii ammo fedhii ummatoota isaanitiin yeroo dheeraa keessatti gara biyya ummatootaatii/Republic/ jijjiramaani jiruu. Worrii Empaayera itoopiyaa bulchaa jirra jedhan dhugaa kana hubataanii gara rakkoo empaayericha haqaan furmataa isaa barbaduttii deemuu qaban. Sobaa fi fakkeessaan yeroo bitaatuun tooftaa yeroon irra darbee waan ta’eef marii haqaa fi dhugaa irratti hundaaye geggeessuun barbaachisaadh. Marii Byyoolleessaa irratti qaamni dhimmii isaa laaluu hundii akka hirmaatuu godhuun fedha qaama tokkoo osoo hintaannee fedha fi dirqama qaama hundaatti.
Kanaaf, qaamni marii biyoolleessaa geeggeessu kuni qaama bilsaa kan loogii tokkoon alaa ta’ee ta’uu qabaa. Koomishiinin marii biyyoolleessaa geggeessu qaama mootummaa irrraa kan ijaaramee/ijaaramuu/ ta’uu hinqabuu.
Kanaaf-
1. Komshiiniin Marii Biyyoolessa geggeesuu qaama mootummaa fi morkattootaan alaa ta’ee kan dandeetii, beekoomsa fi amanammummaan isaanii qaama hundaan fudhatama argaatu ta’uu qaba;
2. Marii Biyyoolessaa qaamni geeggeessu sabaa fi sab- lammii biyya sani hundaa irraa akka heddumina lakkoofsaa isaanittiin bakka bu’uu qaba;
3. Koomishiniin marii biyyooleesaa geggeessuu yoo warri mootummaa qooda kan irraa qabaatuu ta’ee, qaamolee mootummaan mormaan irraallee itti eda’amuu qaba;
4. Mariin Biyyoolleessaa jalqabuun dura namoolleen sababa siyaasaatiin hidhamaan hundii haal-duree tokkee malee gadii dhiifamuun akka marii Biyyoolleessaa irratti hirmaataan ta’uu qaba;
5. Rakkoo biyyaatti qabatee jiruuf furmaata dhugaa itti keennuuf qaamooleen yeroo amma karaa adda addaatiin mootummaan lolaa jiraan hundii akka marii biyyoolleessa irratti hirmaataan ta’uu qaba;
6. Wolumaa galatii Marii Biyyoolleeessa bu’aa qabeessa geeggeessaan biyyatti rakkoo bara hedduu keessaa baasuuf qaamni dhimmii biyya sanii nu ilaalaa jedhaan hundii akka irratti hirmaataan haallii mijjahuu qabaa jenna.
7. Haallaan asi olitti tarreefamaan kunniin yoo guutamaan ABO Gamtoomee Marii Biyyoolleessa keessatti hirmaatee furmaata biyyattii saniif akkasuma sabaa fi sab- lammii biyya sana keessaa jiraaniif ni ta’aa jennuu gumaachuuf qophii akka taane asumaan ibsuu barbadaa.
Injifaannoo Ummataa Oromootiif!!
ABO Gamtoomee
Gurraandhala - 2022

08/02/2022

Ejjaannoo ABO Gamtoomee Marii Biyyolleessa Ilaalchisee:-

Rakkoon Empaayera Itoopiyaa hirmaannaa qaama hundaatiin malee feedhii mootummaa aangoo irra jiruu qofaan kan hiikkamuu miti. Empaayerri Itoopiyaa humnaan ijaaramee haga ammaa humnan eeggamaa jiraa. Biyyoonni Empaayera turaan hedduun isaanii yoo diiggaman, gaariin isaanii ammo fedhii ummatoota isaanitiin yeroo dheeraa keessatti gara biyya ummatootaatii/Republic/ jijjiramaani jiruu. Worrii Empaayera itoopiyaa bulchaa jirra jedhan dhugaa kana hubataanii gara rakkoo empaayericha haqaan furmataa isaa barbaduttii deemuu qaban. Sobaa fi fakkeessaan yeroo bitaatuun tooftaa yeroon irra darbee waan ta’eef marii haqaa fi dhugaa irratti hundaaye geggeessuun barbaachisaadh. Marii Byyoolleessaa irratti qaamni dhimmii isaa laaluu hundii akka hirmaatuu godhuun fedha qaama tokkoo osoo hintaannee fedha fi dirqama qaama hundaatti.
Kanaaf, qaamni marii biyoolleessaa geeggeessu kuni qaama bilsaa kan loogii tokkoon alaa ta’ee ta’uu qabaa. Koomishiinin marii biyyoolleessaa geggeessu qaama mootummaa irrraa kan ijaaramee/ijaaramuu/ ta’uu hinqabuu.
Kanaaf-
1. Komshiiniin Marii Biyyoolessa geggeesuu qaama mootummaa fi morkattootaan alaa ta’ee kan dandeetii, beekoomsa fi amanammummaan isaanii qaama hundaan fudhatama argaatu ta’uu qaba;
2. Marii Biyyoolessaa qaamni geeggeessu sabaa fi sab- lammii biyya sani hundaa irraa akka heddumina lakkoofsaa isaanittiin bakka bu’uu qaba;
3. Koomishiniin marii biyyooleesaa geggeessuu yoo warri mootummaa qooda kan irraa qabaatuu ta’ee, qaamolee mootummaan mormaan irraallee itti eda’amuu qaba;
4. Mariin Biyyoolleessaa jalqabuun dura namoolleen sababa siyaasaatiin hidhamaan hundii haal-duree tokkee malee gadii dhiifamuun akka marii Biyyoolleessaa irratti hirmaataan ta’uu qaba;
5. Rakkoo biyyaatti qabatee jiruuf furmaata dhugaa itti keennuuf qaamooleen yeroo amma karaa adda addaatiin mootummaan lolaa jiraan hundii akka marii biyyoolleessa irratti hirmaataan ta’uu qaba;
6. Wolumaa galatii Marii Biyyoolleeessa bu’aa qabeessa geeggeessaan biyyatti rakkoo bara hedduu keessaa baasuuf qaamni dhimmii biyya sanii nu ilaalaa jedhaan hundii akka irratti hirmaataan haallii mijjahuu qabaa jenna.
7. Haallaan asi olitti tarreefamaan kunniin yoo guutamaan ABO Gamtoomee Marii Biyyoolleessa keessatti hirmaatee furmaata biyyattii saniif akkasuma sabaa fi sab- lammii biyya sana keessaa jiraaniif ni ta’aa jennuu gumaachuuf qophii akka taane asumaan ibsuu barbadaa.
Injifaannoo Ummataa Oromootiif!!
ABO Gamtoomee
Gurraandhala - 2022

Timeline photos 17/01/2022

Dr. Martin Luther King, Jr. was right: We must fight for justice and equality everywhere—and for everyone.

Today, let's honor his legacy and take a stand for justice and equality—in health care, for girls and women, and in every realm of life.

16/01/2022

Ibsa Ijjannoo Haala Yeroo Irratti
Adda Bilisummaa Oromoo Gamtoome Irraa Kenname

Addi Bilisummaa Oromoo Gamtoome adeemsa sochii qabsoo oromoo fi biyyattii, goolama siyaasaa biyya keenya muudachaa turee fi kallattiiwwan furmaata rakkoolee muudachaa har’a geennee ilaalchisuun furmaata waaraa jedhee kan itti amane irra deddeebiin ibsa garaa garaa baasuun kallattiiwwan isaa akeekaa tureera.
Hamma danda’amaa taheen Taatota Siyaasaa fi Qooda Fudhattoota Siyaasa Oromoo fi biyya tanaa hundaa waliin furmaata waaraa barbaaduuf yeroo garaa garaattii tattaaffii irraa maayiis godhaa har’a geenne. Haa tahu malee, akka barbaadametti furmaatni yaadame sababoota walxaxaa hedduuf galma hin geenne.
Tattaaffiin fala waaraa rakkoo qabsoo fi siyaasa oromoo akkasumas biyyattii barbaachaaf har’as abdii kutannee malee har’as akkuma kaleessaa itti kan jirru yoo tahu qabxiiwwan armaan gadii kun yaadaa fi ilaalcha addi bilisummaa oromoo gamtoome qabatee socho’aa jiruu fi hubatamuu qabu , akkasumas waloon itti deemamuu qabuudha jennee amanna
1. Rakkoo Hoongee Godinoota Gammoojjiiwwan Oromiyaa Baalee Bahaa, Booranaa Fi Aanota godinoota Gujii fi Harargee fi kkf wajjiin walqabatee yeroo ammaa Beela Loonii fi Namaa Hamaaf naannoo keenya saaxilaa jiruuf xiyyeeffannoon addaa kennameefi waloon uummata bira dhaabbachuun dirqama hundaa tahee hubatamuu qaba. Keessattuu Mootummaan Naannoo oromiyaa fi Federaalaa rakkoo uumame dursa kennuun hojjachuu akka qabu jabeessinee dhaamna. Godinaaleen oromiyaa gammoojjii kun gaarreenii fi hurufni isaa hundi bishaan lafaa jalaatiin kan badhaadhan waan taheefi mootummaan pirojeektiiwwan Eela Bishaanii Saffisaan qotuun uummata dandamachiisuu irratti dirqama isaa akka bahatuu fi Uummanni keenya akkuma baratame arjummaa fi waliif nahiinsa kaleessa qabu caala yeroon waliif dhaabbannu amma waan taheef waliif birmannaa keenya cimsinee deeggarsa gochaa jirru akka itti fufnu cimsinee dhaammanna.
2. Tarkaanfiin mootummaan hidhamtoota siyaasaa himata isaanii addaan kutuun mana hidhaatii gadi lakkisuu fudhate tarkaanfii sirrii fi jajjabeeffamuu qabuudha. Ammas hidhamtoota siyaasaa kanneen mana hidhaatti hafan hundumaa gadi lakkisuun gara bal’inaan marii biyyaalessa hunda hammaateef karra saaquun aantummaa uummataa garsiisuu akka qaban dhaamna. Asumaan qabsaahotaa fi hidhamtoota siyaasa oromoo mana hidhaa irraa bahanii fi uummata oromoo bal’aan baga gammanne jechuu feena.
3. Marii Araara Biyyaalessaa karoorfame saffisaan qooda fudhattoota hunda hammaate eegaluun dhiibbaa keessaa fi alaa nageenya biyyattii irratti aggaammate afaan cufuun guddina biyyaattiif kallattii gara fuulduraaf waloon tattaaffachuufi yeroo murteessaa irra waan jirruu fi qaamni hunduu qalbii qulqulluun of qopheessuun gumaacha lammummaa akka bahu waamicha keenya dhiheessina.
4. Rakkoon Oromoo Fi Oromiyaa furmaata duraa kan argatu yoo Oromoon walii galeedha. Rakkoon Oromoos Oromootaan furmaata argachuu qaba jennee amanna. Kunis qooda fudhattoota Siyaasaa Oromoo hundi ilaafi ilaameedhaan Ardaa Marii tokkorratti akka sirnaa fi aadaa keenyaatti yoo mari’anneedha taha amantaa jedhu qabna. Kanaafi rakkoo siyaasa itoophiyaaf furmaanni walii galtee Oromoo tahuu hubachuun qaalawa jidduu oromootaa jiru cufuun Marii Biyyaalessaaf of qopheessuun fardiidha jenna.
5. Jaarmiyaaleen Siyaasaa Oromoo akkuma kanaan dura jechaa turre siyaasaa anaan malee jedhu keessaa baanee miira obbolaa fi rakkoo sabaa giddu galeessa godhateen mataa walitti qabachuun tokkummaa uummatni keenya waggoota hedduuf dheebochaa turan argamsiisuuf akka carraaqnu irraa deebiin waamicha dhiheessina .
6. Biyya kanaaf Dibbeen /leedoon waraana dhahamu kamuu kisaaraa malee bu’aa kan hin qabne tahuu qaamni kamuu irra baratee jira jennee amanna. Qaama karaa waraanaan aangootti gahuuf dhidhiitatu kamuu ni balaaleffanna. Karaa nagayaa fi dirree diimokraasii Bal’isuun Baallii Wal Harkaa fuudhuu qofatti daangeffamuun fardiidha kan jedhutti amanna. Kanaaf Nageenya, Guddinaa fi Misooma, Jaala, Garaagarummaa jiru irratti wal kabajuun sona lammiileen biyyaattii ittiin qajeelfaman tahee gara fuulduraa akka tarkaanfannuuf waamicha keenya kan kabajaa dhiheessina .

Injifannoon Uummata Oromoof !

Amajjii 16/1/2022
Addaa Bilisummaa Oromoo Gamtoomee
Finfinnee,Oromiyaa

Want your organization to be the top-listed Government Service in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Videos (show all)

OBS-HD ABO Gamtoome,Abbaa Nagaa Jaarraa haala yeroo siyaasa Oromoo irratti maal jedhan?
Marii hoogganootni ABO OMN woliin godhan irraa kan fudhatame
Jilli ABO kan Jaal Abbaa Biyyaa Roobaa fi Dr.Nuroo Daddafoo of keessa qabu bobbaaf gara Arsii Lixaa jiru. Marii oowwaa m...
Gaafii fi deebii hayyu duree Abbaa Nagaa Jaarraa waliin taasifne: ********************************************JARMAAYA A...
Wallee moo’innaa keenyuma, woli irratti abdadhaa; jiraadha lalisaa, adawiin haa dhumtu jedhu kan kora sabaa 4ffaa irratt...
Ibsa ABO Tokkoomeefi ABO Qaama Ce'umsaa walitti ida'amuu isaaniirratti hundaa'uun kennan. (Eebla 16 2019)
Miseensota WBO Ajajoota fi Qondaalota ABOT yeroo stadium Madda Walaabuu Baalee Roobaa keessatti ummata duratti Muldhatan...
Waamicha Waraana Bilisummaa Oromoo duriif ABOT Zoonii Kibbaa Bahaa Oromiyaa Magaalaa Guddoo Godina Baalee Roobee keessat...
ABO-T Ibsa Miidiyaaf Kennamee: Muddee 9/2011
Marii
Simannaa Adda Bilisummaa OromooAdaamattiKana fakkaata ture, Haasawa Jaal Amiin Junditti dhihaadhaa!
ABO

Address

Addis Ababa
Addis Ababa
Other Political Organizations in Addis Ababa (show all)
African Union African Union
Addis Abeba
Addis Ababa, 1111

A UNITED & STRONG AFRICA

Qabsoo Bilisummaa Qabsoo Bilisummaa
Finfinne
Addis Ababa, 2560

Injifannoon Kan Abbaa dhugaati

GMN Grand Media Network GMN Grand Media Network
Addis Ababa

Manegment

Bole Wereda 1 Prosperity Party ብልጽግና Bole Wereda 1 Prosperity Party ብልጽግና
Bole Michael
Addis Ababa, G.P.O

ይህ በቦሌ ክ/ከተማ ስር በሚገኘው በወረዳ 1 ብልጽግና ፓርቲ የ?

Anwar Tuti Anwar Tuti
Somaliya
Addis Ababa, HADLIYAAAA

Addis Ketema Woreda 6 Prosperity Party-ብልፅግና Addis Ketema Woreda 6 Prosperity Party-ብልፅግና
Addis Ketema
Addis Ababa

ለሁሉም ዜጋ ብልፅግናን ለማረጋጋጥ እንሰራለን

Free state movement for Addis ababa Free state movement for Addis ababa
Addis Ababa

Political

Imala Haqaa Imala Haqaa
Addis Ababa

Kaayyoon Kenya haqaa dhokate basne baketi mulisudhaa kanafu nu hordofun haqaa cina dhabachun eru nun

Paartii Badhaadhinaa Kutaa Magaalaa Araadaa Paartii Badhaadhinaa Kutaa Magaalaa Araadaa
Belay Zeleke Street, Pissa Road
Addis Ababa, 251,56

providing facts of prosperity party

Abdallaa  Zeenu Abafogi .Follow Abdallaa Zeenu Abafogi .Follow
Jiimmaa
Addis Ababa