Ambo Town Communication Office

Ambo Town Communication Office

Mootummaa fi uummata wal quunnamsiisuu fi yaa'isni odeeffannoo qulqulluu ta'e akka jiraatu gochuu.

Photos from Ambo Town Communication Office's post 23/06/2024

Kitaabni "Jireenya Gaabbii Hin Qabne" jedhu Barreessaa Galaanaa Fiixumaan barreeffame eebbifame.
[[Waaxabajjii 16/2016]]
Magaalaa Ambootti, Darg/Barreessaa Galaanaa Fiixumaa guyyaa har'a Kitaaba "Jireenya Gaabbii hin qabne"jedhu bakka Pireesedaantii Kolleejjii King-Dam Passion Dr.Zakkariyaas Addunyaa argamanitti eebbifameera.

Dargaggoo Galaanaa Fiixumaa dhamaatii hedduun yeroo amma Kitaaboota Sadii "Kennaa Waaqayyoo fi Filannoo Namaa",Asoosa "Enyuutu dhufee sitti hime" kanaan dura hawaasa isaa biraan gahee akka jiru dubbateera.Guyyaa har'aa Kitaaba "Jireenya Gaabbii Hin Qabne" eebbisise fulduraatti kitaabolee biroo barreessee gulaalchisee akka jiru ibseera.

"Jireenyi Gaabbii Hin Qabne"ergaa guddaa dhalootaaf kan gumaachudha.Dargaggoonni jireenya boruusaanitti akka hin gaabbineetti har'aarra eegalanii jireenya qajeelaa fi daandii sirriin yeroo isaanitti fayyadamanii ofirratti akka hojjatan gorsa kilaabichi jedha dargaggoo Galaanaa Fiixumaa.
Dabalatanis dargaggoonni Abdii boruu haala kam keessatti osoo abdiin kutiin yeroo isaanitti fayyadamuun of jijjiruu qabuu dhaameera.

Dr Zakkariyaas Addunyaa Pireesedaantii Kolleejjii King-Dam Passion saganticha irratti argamanii jajjabeessaniiru.Barreessaan dandhabbii guddaa keessa darbee Kitaaba hawaasaaf dhiheessa dhaloonni harkaa fudhee dubbisee seenaaf kaa'uu qaba jedhan.
Addunyaan akkuma teekinooloojiidhaan fayyadamtee dhalootarratti waan hedduu fiddu dhaloonnis waan isaa fayyadu nyaata sammuu isaa filatee nyaachuu qaba kanaaf kitaabni nyaata sammuu madaalawaadha jedhaniiru.
Bara qaroominni waan hunda nama dagachiisaa jiruutti dhaloonni jireenya Gaabbii Hin qabneef dhalootaaf waa gumaachuu akkasii jajjabeeffamuu qaba jajjabeessinaan deemsa guddaa deemuu akka danda'u agarsiiftuu qaba jabaadhu jechuun dhaamaniiru.

08/05/2024

Badhaadhinni jecha gochaan dhugoomsa!

Oromia Communication Bureau
Oromia Prosperity Party / OPP /

07/05/2024

Dacheen Oromiyaa Waktilee hunda misooma mirgisa!
Oromia Communication Bureau
Oromia Prosperity Party / OPP /

07/05/2024

Biqiltuuwwan har’a dhaabnu gaaddisa egereeti

Photos from Ambo Town Communication Office's post 07/05/2024

Kallaattii Karoora Bara 2017 irratti hubannoon Ogeessoota karooraaf kenname.
[[ ,Ebla 29/2016]]
Bulchiinsa Magaalaa Ambootti: Waajirri Komishinii Karooraa fi Waajirri Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Amboo waliin ta'uun kallaattii karoora Bara 2017 irratti hubannoon ogeessoota karooraa seektaroolee Magaalaa Ambootiif kennaniiru.

Haala karoorri bara 2017 irratti xiyyeeffachuu qabu toora xiyyeeffannoo guddaa godhachuun imala Badhaadhinaa giddu galeeffannee karoora gurguddoo imala Badhaadhina fi karoora KIT walitti firoomsuuf waltajjii qophaa'edha jedhan.

Mootoon Mootummaa Naannoo Oromiyaa "Oromiyaa ni ijarra Itoophiyaa ni Utubna Gaanfaa Afrikaa ni tasgabeessina" Kuniis sabboonummaa dinagdeetin yoo deeggarreedha kan jedhan Obbo Badhaasaa Firrisaa Itti Gaafatamaa Waajira Komishinii Karoora Bulchiinsa Magaalaa Ambooti

Dabalatanis akkamitti karoorsina raawwii keenyaaf maadaalaa deemna jedhuuf, baay'ina qulqullina ariitii fi kalaqaan dabaallee cimina fi hanqina karoora seektara keessatti hordofaa humna qabnu adda baasuun itti deemuun dhimma murteessaa ta'uu dhaamaniiru.

Obbo Asheetuu Abarraa Itti Aanaan Waajira Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Amboo akka jedhanitti yaada wal jijjiruu irra ka'ee, hojii fuula duraatti wal deeggaruuf nu gargaara jedhan.

Karoora keenya fuula duraa yeroon karoorsuu fi raawwii hojii bara 2016 haftellee yeroo itti wal deeggarree xumurruufi.Kanaafuu karoorris ta'ee raaawwiin keenya kilaasteraan kan itti deemnu ta'uus hubachiisaniiru.

07/05/2024

Biqiltuuwwan har’a dhaabnu gaaddisa egereeti!

04/05/2024

"Kabajamtoota Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa hundi baga Ayyaana Tsooma hiikaa bara 2016 nagaan geessan" Ob. Fitsuum Abbabaa IG Paartii Badhaadhina Magaalaa Amboo

Ayyaanni Tsooma hiikaa (Faasikaan) hordoftoota Amantaa Kiristaanaa biratti ayyaanna guyyaa dukkanni darbee ifti abdiin dhala namaa caalmaan itti ibsamedha. Guyyichi guyyaa du'arraa fayyinaa, jibbarra araara, dukkanarraa ifa barabaraa itti argameedha. Kanaaf ayyaanicha aarsaan itti kaffalamee dhiifamni itti taasifame yaadachuuf ayyaana kabajamu ta'uunsaa ammoo ayyaanoota biroorra adda isa taasisa.

Kanarraa nutis barnoota fudhachuun uummatni biyya keenyaa seenaa badaa darbe dhiifamaan boqonnaasaa cufnee, jiruu keenya har'aa fi egeree jaalalaa fi tokkumman jiraachuun ilaalcha badarratti qabsaa'uun biyya cimtuu ijaaruun misoomaa fi nageenya eegalame itti fufsiisuu qabna.

Ayyaanichi kan nagaa, badhaadhinaa, gammachuu, jaalalaafi tokkummaa isiniif haa ta'u jechaa, hawaasni keenya yommuu ayyaana kana kabajnu akkuma barame karaa sona amantichaafi safuu hawaasa keenyaa eegeen tokkummaa, jaalala, nageenya keenya eeggataafi waldeeggaruu akka ta'uu qabu dhaamsa koon dabarsa.

Irra deebi'uun ayyaanichi ayyaana nagaa, kan badhaadhinaa, gammachuu, jaalalaafi kan tokkummaa akka ta'uu hawwii gaariin qabu isiniif ibsuun barbaada.

Ayyaana gaarii!

Fitsuum Abbabaa
Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Amboo

04/05/2024

"Qalamuu Hoolaa Araaratiin duuni murta'ee hafe ifni jireenya ilma namaaf bahe" Acaaluu Gammachuu
kantibaa magaalaa Amboo

Hordoftoota amantaa kiristaanaa biyya keessaa fi biyya alaa jirtan hundi baga guyyaa du'aa ka'uu Gooftaa Yesuus Kirstoos kan bara 2016n ittiin isin gahe ittiin nu gahe jechuun barbaada.

Ayyaannii Faasikaa yeroo rakkoon ciniinsuu guutame, dukkanni fi duuni ilmaan namarraa ture itti darbee kan ibsuudha. Jijjiramni guddaan biyya lafaa kanarratti kan dhufe aarsaa tahuu hoolaa araaraa Yesuus kirstoosin.

Kanaaf ayyaanni faasigaa ayyaana dhiifamaa, araaraa fi jaalalan masakame tahuu agarsiisa.

Ayyaana kana gaafa kabajnu duudhaa, fi sona ayyaanichaa hordofnee inni qabu isa hin qabneef waan qaburraa qooduun kennuu, fi girgidda jibbaa diiguun karra jalalaa waliif saaquudhaan waliin haa kabajnu.

Dhummarrattis, baga ayyaana faasigaa geessan jechaa Nageenya naannoo keessanii eeguun akkasumaas yeroo ayyaana kana kabajjan qulqullina magaalaa keessanii mirkaneessuuf balfawwan adda adda bakkeewwan hin barbaachifnetti gatuurraa akka of qusattan dhaamsa koo dabrsuun barbaada.

Ayyaana Gaarii!

Acaaluu Gammachuu
Kantibaa magaalaa Amboo

Photos from Ambo Town Communication Office's post 02/05/2024

Ijaarsa Pirojeektii Seensaa fi Ba’iinsa Magaalaa Amboo

Bulchiinsa magaalaa Ambootti ijaarsi pirojektii seensaa fi ba’iinsa magaalichaa dhaabbata OCCn(Oromia Construction Corporation) ijaarsisuuf eegalame ture yeroo ammaa ijaarsi isaa sadarkaa lafa keessaa bahuu irra dhaqabuu hojii gaggeessan pirojektichaa Ing. Mootummaan ibsaniru. Pirojektichiis bara baajataa kana keessa akka xumuramuuf hojjetamaa jira jedhaniru.

Bulchiinsi magaalichaas pirojektichi yeroo qabame keessatti akka xumuramuuf hordoffii taasisaa jiraachuu beeksiseera

Want your organization to be the top-listed Government Service in Ambo?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Videos (show all)

Website

Address

Ambo
Other Government Organizations in Ambo (show all)
Mana Murtii Aanaa Amboo:- Ambo Woreda Court Mana Murtii Aanaa Amboo:- Ambo Woreda Court
West Showa
Ambo, AMBO

Haqaaf Haqaan Haa Hojanu!

Waajjira Bulchinsa Godina shawaa Lixaa-West shoa zone administration office Waajjira Bulchinsa Godina shawaa Lixaa-West shoa zone administration office
Oromia Region
Ambo, TRUTH

Abbaan murtii Uummata! �Nagaan Uummata hundaaf �

Barsiisaan Abbaa Ogeessa Hundaati Barsiisaan Abbaa Ogeessa Hundaati
Ambo

Barsiisaan Ifa Addunyaati

Ambo university Ambo university
Ambo

Ambo university have three new branch campus! For ex .awaro campus (science & technology university