RETA D KENEA

Think twice before talking ones

14/12/2023

"DUUDHAALEE JIREENYAA
Principles of Life (የህይወት መርሆች)
1. Of Fudhachuu (simachuu)!
⁃ Self Acceptance
ራስን መቀበል
2. Kaayyoo jireenyaaf jiraachuu!
⁃ Living for life purpose
ለህይወት አላማ መኖር
3. Dorgommii irraa fagaachuu,
⁃ Avoiding competition
ከዉድድር መራቅ
4. Yaada qajeelaa (Gaarii) yaaduu,
⁃ Positive Thinking
ቀና ማሰብ
5. Barachuuf fedhii qabaachuu
⁃ Being willing to learn
ለመማር ፍቃደኛ መሆን
6. Ogummaadhaan deddeebi'uu
⁃ Walking with wisdom
በጥበብ መመላለስ
7. Gamna(qaxalee) Ta'uu
⁃ Being Intelligent
ብል መሆን
8. Salphaatti mufachuu dhiisuu
⁃ Taking no offence easily
በቀላሉ አለመቀየም
9. Jireenya ofii galateeffachuun gaggeessuu
⁃ Leading a life with gratitude
የምስጋና ህይወት መኖር
10. Waan gaariidhaaf(Fooyya'aadhaaf) deemuu
⁃ Going for the best
ምርጡን መፈለግ
11. Yeroo hubachuu
⁃ Understand the timing
ግዜውን ማወቅ
12. Waan jijjiiruu hin dandeenye fudhachuu
⁃ Accept what you can't change
መለወጥ የማይችሉትን መቀበል
13. Waraana kee filadhu
⁃ Chose your Wars
የሚዋጉትን ጦርነት መምረጥ
14. Hundaaf dhiifama gochuu fi haaloo bahuu irraa fagaachuu!
⁃ Forgiving all and avoiding vengeance
ሁሉን ይቅር ማለትና በቀልን መተው
15. Gidiraa keessatti cimanii dhaabbachuu
⁃ Preserve in suffering
በመከራ ዉስጥ መፅናት
16. Gammachuu fi boqonnaa qulqulluu qabaachuu
⁃ Pure joy and rest
ንፁህ ደስታና እረፍት
17. Bareedina keessaaf iddoo guddaa kennuu
⁃ Value inner beauty
ለዉስጥ ዉበት ዋጋ መስጠት
18. Gad ofqabuu fi nama tuffachuu dhiisuu
⁃ Being humble and not despising others
ትሁት መሆንና ሌሎችን አለመናቅ
19. Jireenya keessatti naamusa qabaachuu
⁃ Being disciplined in life
በስነ ስርአት መኖር
20. Kennuu fi fudhachuu baruu
⁃ Giving and receiving
መስጠትና መቀበል
21. Onnee kee hordofi.
⁃ Follow your heart (Instinct)
ልብን መከተል
22. Kabajni kan maluuf kabaja kennuu
⁃ Give due honor
ክብር ለሚገባው ክብር መስጠት
23. Cimanii kadhachuu
⁃ Pray seriously
ተግቶ መፀለይ
24. Seenaa hojjechuuu, yaadannoo(ashaaraa) kaa'anii darbuu
⁃ Make history, leave legacy"

Waan dubbistaniif galatoomaa.🙏

🙌Anatu Ana✍️✍️

07/11/2023

Yaa Waaq
Dhugaa
Nuuf
Taasisikaa

29/10/2023

Special Burger🍔 of Am*hara😂

Photos from RETA D KENEA's post 09/09/2023

𝗗𝗮𝗺𝗯𝗶-𝗗𝗼𝗼𝗹𝗹𝗼𝗼:- Dhiigni ilmaan Oromoo akka lolaa yaa'u,lubbuun dhala Oromoo akka malee ba'u,guyyaa tokko gatii baasisa.

Gatii Impaayerri Itiyoophiyaa ofirraa baaftee hin fixne ishee baasisa. Kanammoo yakkamtoonni mirga ajjeechaa ofiif laatanii,yakka ajjeechaa gara jibana raawwatan seenaadhaan,hamilee fi seeraan guyyaan gaafataman fagoo miti.

Sabni Israa'el,jaarraa hedduuf duguugamaa ba'aanis,ajjeestoota isaanii warra Naazii tokko lamaan boolla isaan dhokatan seenanii,Addunyaa gola hundaa gurra qabanii baasuun,gumaa isaanii hanga yoonaatti kaffalchiisaa jiru.

Kan Oromoos kanuma, Yakka akka dhaabaattis ta'e,akka nama dhunfaatti tiksitoonni Impaayera Itiyoophiyaa raawwatan,guyyaan kaffalan fagoo miti.

Dhiigni ilmaan Oromoo, gatii isaan kaffalanii hin fixne,gatii dhiigaa fi lubbuu irraa qabna.shallagaan ni deebisu,herregaan irraa fuuna. Dhaloonni isaanis ta'u,gabatee gantummaa irratti galma'anii jiraatu. Deggertooti fi imbaabsitoonni isaanis,fuula seenaa irratti galmee gurraachaan barreeffamanii jiraatu. Addunyaa seeraa keessatti,yakkamaaf kan imbaabsu qofaa miti,yakka argee kan callisees gaafatamaa ta'a.kana beekuu fi wal barsiisuun dirqama.
Gumaan Ijoollee keenyaa,Walabummaa Oromiyaa qofaan hin raawwatu.yakkamtoota dhaddacha seeraatti dhaabuu, boolla isaan suuqamanitti gadi fageessanii awwaaluu fi seenaa yakka isaanii galmee bara baraatti halluu diimaan sararanii barreessuun golobama.

Mootummaa fi Mootiin bara baraan angoorra jiraate hin jiru.seenaan yakkamtootaa bara baraan galmaa'ee taa'e garuu jira.

09/09/2023

hin jiru
Firri Dubartii caalus hin jiru!
---------------------------------------------------------------------------
inni gar-malee ishee amanu, imaanaa fi Haadha Manaa isaa kan turte, Adde Gannatawarqi Ashanaa, akka isheen isa ajjeeftuuf Baandotaa fi Turjumaanotaan sossobamuu eegalte. Innis Niitiin isaa waan isa gantu itti hin fakkaanne!

"Eenyu inni?" naan jettuu laata?
Gooticha Qeellam Wallagaa kan Baandota Xaaliyaanii ajjeesee lafa gabaatti fannisuudhaan, "Anatu isa ajjeese waan ta'eef nama biraa hin gaafatinaa!" jedhee barreessee kan mukatti maxxansu, !

Namichi Wadaajoo jedhamu kan Oliqaa irraa jibba dhuunfaa qabu tokko, Xaaliyaanotaan waliif galee Oliiqaa akka ajjeesuuf waadaa isaaniif seene ture.

Haadha Manaa Oliiqaatti michee, uffata babbareedaa, bituufiidhaan, qarshiis harkatti kenneefii, akka isheen Oliiqaa hordoftee qoricha obaaftuuf summii daakee isheetti kenne.

Haaluma kanaan osoo jiranii gaaf tokko Oliiqaan Bosonaa dhufee, mana isaa adeemee Niitii isaa dubbise. Dubartiin imaana isaa turte sun, qoricha summii isheetti kenname sana fuutee, dhugaatii inni jaalatu waliin Oliiqaan akka dhuguuf kenniteef.

Oliiqaan erga summicha dhugee booda qaamni isaa dadhabaa adeeme. Guyyaa yeroon inni waa nyaatu geenyaan, ammas lammaffaa nyaata summii qabu dabalteefii kenniteef. Oliiqaan yeroo lammaffaa summii sana nyaatetti qaamni isaa caalatti dadhabaa adeeme.

Dubartiin kun inni dafee du'uu dinnaan, itti dabaltee yeroo sadaffaa Dhugaatii Maastikaa jedhamu kan Oliiqaan dhuguu jaalatutti, summicha itti naqxee akka inni dhuguuf kenniteef.

Kana booda Oliiqaan mana turuu jibbee osuma dhukkubsatuu ofuma jabeessee manaa ba'ee adeeme. Karaa irratti dhukkubni itti haammachaa dhufe!

Namoonni isa duukaa turanis waan godhan wallaalan. Guyyaa guutuu dhukkubsataa oolee, galgalas dhukkubsachaa bulee, halkan sa'aatii 9:00 irratti bakka Oddoo Butaa jedhamutti du'e.

Namichi tooftaan nyaataa fi summii dhiyeessuudhaan, Niitii Oliiqaa wajjin waliigalee ture Wadaajoo kan jedhamu sun, gaafa Oliiqaan du'uu isaa hubatu, qawwee reeffa Oliqaatti dhukaasee funyaan isaa madeessuudhaan, "Oliiqaa anatu ajjeese" jedhee muudamuuf jecha Xaaliyaanotatti gabaase.

Gaafa du'a Oliiqaa dhaga'u ummanni naannawa sanaa ba'ee hiyyee boo'e. Hoggantoonni koloneeffataas Dambii Dolloorraa yeroo dhufan "Oliiqaa miti kan du'e nama kan biraa ta'a" jedhanii shakkanii turan.

Sababiin shakkii isaaniis, Oliiqaa qabachuu fi ajjeesuuf yeroo dheeraaf yaalii godhaniin waan hin milkoofneefidha.

Kana booda muudamaan Xaaliyaanii kan Gavarnoo Dhaayee jedhamu reeffa Oliiqaa yommuu argu "Ajjeesuu balleessitan, nama akkasii hin ajjeesan, muudanii hoogganaa waraanaa godhatu" jechuun Wadaajootti dheekkame.

Erga reeffasaa gara magaalaa Dambi Dolloo geessanii booda, Haadha warraa Oliiqaa waamanii isa ta'uufi dhiisuusaa adda akka baaftu gaafatan. Isheenis mallattoo duraan miila isaarra ture ilaaltee isa ta'uu mirkaneessiteef.

Sana booda Xaaliyaanonni reeffa isaa suura kaasanii, karaa laga Borxaa buusanii naannawaa dur Biheeraawwii Xoor jedhamutti awwaalan. Suurri reeffa Oliqaa kan armaan gadii kun kan Xaaliyaanonni yericha isa kaasanidha.

Wadaajoon inni summii qopheessee Dubartii sanatti kennee nyaachisee, "Oliiqaa anatu ajjeese" jedhe sun, Jimmaa geeffamee otuu achi jiruu, guyyaa tokko mana daadhii taa'ee utuu dhaadatuu, Durbiin Oliiqaa achumatti ajjeese.

Erga Oliiqaan du'ee weeddiftoonni akkana jedhanii isa faarsaa turan:
"Facaasaa heexoo dhuguun
Oddoo Butaarra buluun
Michuu dubartii buluun
Xixxiixaa Dingil Bookaa
Oliiqaa galaafatee
Qawween Oliiqaa ajjeesee
Maqaansaa Wacafoodha
Baga kaartaa hin nyaatini
Namni Oliiqaa ajjeese
Maqaansaa Wadaajoodha
Baga taa'ee hin nyaatini" jedhanii Uummanni Qeellam Wallaggaa Oliqaa Dingiliif geerraran!

Dubartiiin Oliqaa Dingil galaafatte tun, sana dura Oliiqaan yeroo lubbuun jiru ishee shakkee halkan ajjeesuudhaaf dhaqe. Yeroo inni dhaqu isheen abidda irra teessee akkas jettee sirbiti:

"Oliiqaa yaa abbaa jigsaa
Ati duute moo jirtaa?
Utuu ati jiraattee
Hantuunni maa warraaqxee?
Yaa abbaa coomaafi booka kootii
Amaaseniin maal na gooti?" jettee osoo isheen isaaf sirbituu dhokatee dhaggeeffate!

Sana booda Oliiqaan sababa isheen kophaa teessee isa faarsaa jirtuuf jecha, kan dura ishee ajjeesuuf ka'e gaabbee dhiisee, ishee waliin bulee barii bosonatti deebi'e.

Niitiidhuma sanatu jala-deebi'ee, namticha Turjumaana warra Xaaliyaanii Wadaajoo jedhamu sana irraa uffataa fi maallaqa argannaan, qoricha summii yeroo tokko nyaataa waliin kenniteefii, yeroo lama immoo dhugaatii waliin isa obaaftee Oliiqaa Dingil galaafatte!

Seenaa Gootota harka Dubartootaatiin dhumanii kanneen biroo fi Oliiqaa Dingil Qeellam keessa bakka addaa garaa kanneen akka Muggii, Guttiin, Qilxu Kaaraa, Walal, Cabal, Doggee fi laga Boorxaa keessatti maal akka inni hojjechaa ture, fuulduratti maxxansa biraatiin walitti himna!

Firri Dubartii caalus hin jiru!
Diinni Dubartii caalus hin jiru❗️

Oromoo hedduun Ka

07/09/2023

har’a Qammee 02, 2015 gaafanne namoonni hedduun deebisaniiru.

Namootni gaaffii kana yeroo fi seera dorgomichaa eeguun deebii sirrii kennan 20 badhaasa addaa ayyaanaa bara haaraa injifataniiru.

Eenyu Badhaasa argate? Liinkii Telegraamii armaan gadii irraa argattu. 👇👇👇

https://t.me/OromiabankOfficial

ዛሬ ጷጉሜ 02, 2015 ዓ. ም ለጠየቅነዉ #ጥያቄ በርካታ መላሾች ትክክለኛዉን መልስ መልሰዋል፡፡

20 ሰዎች ጥያቄዉን በትክክል እና የውድድሩን ህጎች በመጠበቅ ስለመለሱ የአዲስ አመት ልዩ ተሸላሚ ሆነዋል፡፡

አሸናፊዎች እነማን ናቸዉ? ከቴሌግራም ገፃችን ይመልከቱ፡፡ 👇

https://t.me/OromiabankOfficial

03/09/2023

, !

#ይገምቱ፤ #ይሸለሙ!

Taphni Piriimer Liigii Ingilizii torbee 4ffaan Arseenal fi Maanchisteer Yuunaayitiid gidduutti har’a galgaala sa’aatii 12:30’tti gaggeefama.

Bu’aa Tapha kanaa namoota tilmaamanii deebii sirrii argataniif Baankiin Oromiyaa Badhaasa qopheessera. Irratti Hirmaadhaa!

Seera Dorgomiichaa: 👇
1. Tilmaama sirrii sanduuqa yaadaa (comment section) jalatti barreessuu. Yaada barreesitan ‘’Edit’’ gochuun badhaasa kana hin argamsiisu.
2. Maxxansa kana qooduun (Share) gochuu.

Carraa Gaarii!

የ4ኛዉ ሳምንት የኢንግሊዝ ፕሪሚየርሊግ ተጠባቂዉ ጨዋታ በአርሴናል እና በማንችስተር ዩናይትድ መካከል ዛሬ ምሽት 12 ፡30 ላይ ይካሄዳል፡፡

የዚህን ጨዋታ ዉጤት በትክክል ለገመቱ ተከታዮቻችን የኦሮሚያ ባንክ ሽልማት አዘጋጅቷል፡፡ ይሳተፉበት!

የዉድድሩ ህጎች፣

1. መልሱን በሀሳብ መስጫ ሳጥን (Comment Section) ዉስጥ ይፃፉ:: የፃፉትን ውጤት ኤዲት ማድረግ ለሽልማቱ ብቁ አያደርጉም ፡፡

2. ይህንን መልዕክት ያጋሩ፡፡

መልካም ዕድል!

01/09/2023

Caalaan kan inni jalqaba hooteela Qananiisaatti walitti bu'enis ilma oromooti malee faannoo miti,
Hiriyoota waliin hoteelicha deemaniidha!
yeroo Caalaan gurbaa sana rukutee lafatti kuffisee shugguxii itti baafate matatti qabe mucaan caalaan rukute sun iyyee caalaa nan ajjeessini jedhee Caalaa kadhatu argee gidduu seenee akka Caalaan nama hin rukutneef caalaa qabee dhorkaa ture Yeroo kana Ture Kan Andualem caalaa Yeroo qabu kan caalaan andualem rukute. Andualem amma hospitaala jiraatus itti fooyya’ee jira;
Nagaa Qaba Dubbifnee jirra.

Akka waan caalaaf Andualem dubartii iratti wal dhabanii kan dubbatamaa jirus soba,
Andualem fuudhee jira. intalli haadha manaa isaati!

Andualem fi Caalaan waliis hin lolle ,lolaas hin qabn
Ta’us garuu amalli caalaa yeroo dhuge rakkisaadha!
Arifannaax isaa ammoo sababa isa jaalannuuf dhoksuu miti. jala muranii itti himuun barbaachisaadha! sirriti namuu beeka,
Tasgabaamuu qaba!

Caalaa kana dura namoota hedduun reebameera kan jedhes ofumaaf itti dhukkasaa ture,
Konkolaataan inni har’a suuraa maxxanses kan kana duraati malee kan har’aa miti!

Bakka isaan hin fakkaanetti argamanii dhimma machii ofiisaanii kan sabaa fakkeessuun maaf barbaachise? Safuudha.

Wal jaallannus dhugaa walitti himuun dirqama!
Gootummaa yoo ta’e ammoo mana caffaratti utuun taane dirree lollatti!!
Namoota nagayaa
Qawween doorsisuun goota naman jechisiisu …

Caalaa amala isaa itti himuun barbaachisaadha!
Inni haadha manaa fi ilmaan qaba bakka nama guddaatti argamuu qaba nama jedhuun maaf dhabe?!

Kana achi ammoo ofii Halkan dhadhaabatanii,
Faannoo akkas na godhe jechuun saba kana xiqqeessuudha!

Hacee waan akkasiin yeroo maqaan ka’u hin garre hin dhageenyes…

Andualem ammoo baga rabbi oolche!
Fayyi jennaan🙏

Artistoonni keenya;
Bakka isan fakkaatu qofatti argamaa👌
Isin jaallanna!)

Via kabbee

01/09/2023

.

Caalaa Bultumee aggaamiin ajjeechaa irratti raawwatamuu himate.

Abbaan Sagalee kiiloolee artist Caalaa Bultumee kan maqaa masoo Qeerransoo jedhamuun beekamu halkan edaa ''Yaaliin Acheecha magaalaa Finfinnee naannoo Hoteela Qananisaatti'' irratti taasifamuu karaa toora FB isaan himateera.
Qeerransoon yaaliin ajjeechaa kun garee ''faannoo'' jedhamuun irratti raawwatamuu himate.
yaaliin kun lubbuu isaa dabarsuuf kan kaayyefate ta'uu kan hime Artist Caalaa Bultumee hanga mana jireenya isaatti duukaa bu'anii reebaa akka turan himate.
Gareen Faannoo jedhamu Mootummaa federaalaa humnaan aangoo irraa buusuuf yaalii irra kan jiru yoo ta'u Heera mootummaa Itooophiyaa diiguufis dhamaatii irra jira.
Yaalii ajjeechaa halkan kaleessaa isa irratti taasifame jalaa miliquu kan himate artist Caalaa Bultumee Qeerransoon Miidhaan qaamaa isaa irratti dhaqqabuu baatulle konkolaataa isaa irratti miidhaan dhaqqbuu himateera.

Akka Caalaan ibsetti baruma kana qofa keessa yaaliin ajjeechaa yeroo 15 isa irratti yaalameera.

Madda: Toora facebook Caalaa Bultumee

28/08/2023

Umrii nuuf dheeradhu❤️

sirrii ta’e Galatoomaa!
Obboo Baqqalaa Garbaa hooggansa Kongiraansii Federaalawaa Oromoo ta'uun dhimma Oromoo irratti qabsaa'aa turaniiru. Qabsaa'uu qofa osoo hin taane, dhimma Oromoofi Oromummaa irratti aarsaa gurguddaa kaffalaaniiru. Galatatu malaaf. Akka gabaasni ibsutti qabsoon karaa nagaa biyyattii keessatti jijjiirama fiduu waan hin dandeenyeef jireenya kooluu galtummaatiin Ameerikaa jiraachuu akka filatantu ibsame.

Qabsoo hanga yoonaatti hooggansa ta'uun dhimma ummata Oromoo irratti aarsaa qabsoon gaafatu kaffaluun qabsaa'aa turtaniif galatoomaa!

Photos from Beautiful DembiDollo Families's post 28/08/2023

AMAZING NEWS

22/08/2023

Keenya Oluma!

Dirribee Waltajjii jedhamti; Lixa Shaggar, Ona Dandii [Gincii], Ganda Jawwee Buritti dhalattee guddatte. Asuma jechuun, Gincitti barattee, osuma barattuu, fiigicha shaakaltee ga’umsa ishee milkaa’inatti jijjiirte.

Kunoo Kilaba Laga Xaafoo, Itiyoophiyaa bakka buutee, 2ffaa ba'uun biyya keenyaaf meedaliyaa birrii argamsiifte.

Mucayyoo Keenya, Baga Milkoofte!!

Baga milkoofte| | congratulations everyone!❣️

22/08/2023
Want your business to be the top-listed Media Company in Dembi Dolo?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Videos (show all)

Category

Telephone

Address


Kellem
Dembi Dolo
Other Digital creator in Dembi Dolo (show all)
Edosa Kebede Edosa Kebede
Nekemte Welega Oromia
Dembi Dolo, AUTOMOTIVE

Of eeggannaa cimsuun ofiifi maatii keessan baraaraa.

Afizo Temam Afizo Temam
New York
Dembi Dolo, JIMMAA

Nafi Æ Eshetu Nafi Æ Eshetu
Bale
Dembi Dolo, 0000

💕💕💕💕💕💚💚💚💕💕💕💕 �⃤𝑌𝑜𝑢 𝑑𝑜 𝑛𝑜𝑡 𝘩𝑎𝑣𝑒 𝑡𝑜 𝑠𝑡𝑎𝑦, 𝑏𝑢𝑡 � ⚫⚫⚫⚪⚪⚪⚪🔴🔴🔴🔴

Ayana Ayana
Ayu
Dembi Dolo

Ermias Tolosa Ermias Tolosa
Page
Dembi Dolo

BIBLE

DAMBI DOLLO University Cisco Academy DAMBI DOLLO University Cisco Academy
Magariituu Oromiyaa
Dembi Dolo, 260

ICT for all

Roobeeraa pictures Roobeeraa pictures
From Dembi Dolo Teachers Training College 1km
Dembi Dolo

Suuraalee Oromoof Oromiyaa Kan babbareedoo Keessatti Argattu.

Geda Desisa Geda Desisa
Dembi Dolo

https://vm.tiktok.com/ZMMY1qtmy This is the official Facebook page of Geda Desisa This is the official Facebook profile of Gadaa Dassiisaa ♥️♥️♥️♥️💚💚💚💚♥️♥️♥️♥️ Oromummaan bar m...

Jaal Daraaraa Wbo Jaal Daraaraa Wbo
Gimbii
Dembi Dolo