Hamdii waarihoo

Hamdii waarihoo
Photos from Ethiopian Consulate in Beirut, Lebanon የኢትዮጵያ ቆንስላ ጄ/ጽ/ቤት ቤይሩት-ሊባኖስ's post 01/10/2023
Photos from FDRE Defense Force - የኢፌዴሪ መከላከያ ሠራዊት's post 30/09/2023
30/09/2023
30/09/2023
30/09/2023

Galii Dabaluu: Haala Dandeettii Maddisiisuufi Sassaabuu!

Cehumsa dinagdee Oromiyaa qabame dhugoomsuuf galii dinagdeen keenya maddisiisu dabaluufi dandeettii sassaabbii galii guddisuun dhimma ijoodha. Cehumsi dinagdee madda faayinaansii itti fufiinsaan dabaluufi amansisaa ta’e barbaada. Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo keenyaas milkaa’ina isaaf, seektaroota walhumneessuu danda’an qindeessee, tokkoon tokkooniif tarkaanfilee haaraa bocuun hojjechaa jira.

Hojiilee galii dinagdeen keenya maddisiisu dabaluutiin raawwataman keessaa oomishaalee alergii baay’inaa, ariitiifi qulqullinaan oomishuu, oomishaalee alaa galan bakka buusuu, maatii qaama karoora badhaadhinaa taasisuufi Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa irra deebiin gurmeessuun imala bu’aa qabeessummaa qabsiisuu kaasuu dandeenya.

Gama dandeettii sassaabbii galii guddisuutiin ammoo hojiileen akka bulchiinsa gibiraafi taaksii ammayyeessuu, haqa-qabeessummaa mirkaneessuufi dhaqabamaa taasisuu raawwatamaniiru. Bu’aa isaatinis kenniinsa tajaajilaa si'ataa, qulqulluufi haqa-qabeessa mirkaneessuu irratti fooyya’iinsi mul’dhateera. Yeroo ammaa teeknoolojii “SIGTAS” fayyadamuudhaan gibira kaffaltoota sadarkaa “C” tuttuqaa namaa tokko malee murteessuun danda’ameera. Dabalataaniis, guutummaa Oromiyaatti, “telebir” fayyadamuudhaan gibiraafi taaksii sassaabuun danda’ameera. Gama biraatiin tarkaanfiileen labsii Torbee Galii, moggaasa Ambaasaaddaroota galiifi gibiraa, kenniinsa beekamtii kaffaltoota gibiraa adda duree, akkasumas tarkaanfii olaantummaa seera taaksiifi gibiraa kabachiisuu fudhatamanii jiru.

Bu’uuruma kanaan, galii dinagdeen keenya maddisiisu dabaluu, dandeettii sassaabbii galii guddisuu akkasumas aadaa kaffaltii gibiraafi taaksii hawaasa naannichaa fooyyessuun danda’ameera. Qabatamaan haa ilaallu. Bara baajata 2010, galii Idilee, Mana Qopheessaafi Keessaa irraa bir. bil. 16.2 kan sassaabne yoo ta’u, bara 2014, gara bir. bil. 54.6'tti ol guddisneera. Bara 2015 ammoo, galii Idilee, Mana Qopheessaafi Keessaa irraa karooraa ol, bir. bil. 83 (walduraa duuban bir. bil. 61.5, 8.06, 6.78) sassaabneerra. Waggoota afran kanatti, galiin naannoo keenyaa waggaa waggaadhaan giddu-galeessan %33.83 guddachaa ture jechuudha.

Tarkaanfiilee gama lamaaninuu fudhatamaniin, bu’aa jajjabeessaan argamaa dhufeera. Dandeettiin piroojektoota gurguddoo cehumsa dinagdee naannichaa sochoosan faayinaansii gochuu keenyas dabalaa jira. Haata’uutii, dilbii galii naannoon keenya maddisiisuu danda’uun walbira qabnee yoo ilaalle jijjiiramniifi bu’aan hanga ammaa argame baay’ee xiqqaadha. Gama biraatiin, fedhii faayinaansii piroojektoonni/bu'uraaleen misoomaa cehumsa dinagdee naannichaa akka sochoosaan qabamaniifi raawwatamaa jiran barbaadaniin waliin walbira qabnee yoo ilaallu ammas gadi bu’aadha.

Inumaayyuu ammo, cehumsa dinagdee keenya daran cimsuuf bara 2016 “Karoora Xiiqii” qabachuun keenya hin dagatamu. Haluma kanaan galii bara darbe sassaabne (bir. bil. 83) irratti bir. bil. 61 dabaluun, galii bir. bil. 144 sassaabuuf koroorsinee hojiitti galleerra. Kana keessaa, bir. bil. 103 galii idilee, bir. bil. 29.13 galii Mana Qopheessaafi bir. bil. 10.9 galii kessaa irra kan sassaabamu ta’a. Kanaafuu, tarsiimoo sassaabbii galii adda ta’e baasuun dirqama ta’uu hubatee, kutannoodhaan akka socha’u hooggansa sadarkaan jiruuf dhaamaa, caasaan galii karooraa ol sassaabe kan irra hin fudhatamneefi akkaataa seera faayinaansitiin achumatti kan itti fayyadamu ta’uu hubachiisuun barbaada!

Photos from Oromia Prosperity Party / OPP /'s post 30/09/2023
20/09/2023

Bara Barnootaa 2016'f Milkaa'aa Taasisuuf Qophiin Gahaan Taasifameera
--------------
Naannoo Oromiyaatti barnoota bara 2016f qophiin gahaa taasifamuu Biiroon Barnoota Oromiyaa ibseera. Biiriichi boqonnaa qophii keessatti caasaalee hanga gandaatti jiraniin karoora waloo qopheessuun hojiitti galameera. Adeemsa baruuf barsiisuu bara 2016 milkeessuun karoora qabame dhugoomsuufis hojiiwwan hedduu hojjetameera.

Boqonnaa qophii keessatti manneen jireenyaa barsiisotaa 4,000 ijaaruun barsiisonni fageenyarraa deddeebi’an dhiyeenyarratti argamuun barattoota isaaniif barnoota kennuu akka danda’an karoorfamee hanga torban kanatti manneen jireenyaa barsiistootaa 4,353 kan ijaarame ta’uu sadarkaa Itti Aanaa Hoogganaatti Gorsaan Biirichaa Obbo Efreem Tasammaa ibsa addatti BKO'f kennaniin ibsaniiru.

Manneen barnootaa barnoota sadarkaa tokkoffaan duraa (BSTD) 11,000 ijaaramanii adeemsa baruufi barsiisuu kan jalqaban ta’uu ibsuun marsaa lammaffaatiin Ganna kana manneen barnootaa barnoota sadarkaa tokkoffaan duraa(BSTD) 4,574 ijaaruuf karoorfame keessaa hanga torban kanatti manneen barnootaa 3,420 kan ijaaraman ta’uus himaniiru.

Ganna kana BSTDf barsiisota 9,000 leenjii yeroo gabaabaa kennuuf karoorfamee hanga ammaatti barsiisonni kuma 6 ol leenjii kan fudhataniifi 3,000 ammoo dhiyootti leenjisuun manneen barnootaa BSTD keessatti kan ramadaman ta’uu Obbo Efreem eeraniiru. Kunis, akka waliigalaatti barsiisota BSTD 23,000 turan gara 32,000tti kan ol guddisu ta’uus yaadachiisaniiru. Sirna barnootaa haaraa hojiirra oolu irrattis leenjiin leenjistootaa kennameera.

Kana malees, manneen barnootaa hundi mana kitaabaa akka qabaataniifi hanqina kitaabaa furuuf boqonnaa qophii keessatti qindoominaan hojjetameera. Dabalataanis sadarkaa manneen barnootaa 3,410 fooyyeessuuf karoorfamee manneen barnootaa 3,977 fooyyessuun danda’ameera. Walumaagalatti, adeemsa baruuf barsiisuu bara 2016 milkeessuuf qophiin gahaa taasifamuu Obbo Efreem dubbataniiru.

Naannoo Oromiyaatti bara kana akka waliigalaatti manneen Barnootaa BSTD dabalatee manneen barnootaa kuma 27 ol keessatti barattoonni miliyoona 11.4 galmeessuun barsiisuuf karoorfameera. Hanga Fulbaana 7/2016tti barattoonni miiliyoona 10.4 kan galmaa’aniifi sababa garaa garaatiin osoo hin galmaa’iin kan hafan ammoo hanga Fulbaana 16/2016tti galmaa’uu akka danda’an himaniiru. Godinaalee Horsiisee Bulaatti adeemsi baruuf barsiisuu Fulbaana 7/2016 kan eegale yoo ta’u iddoowwan birootti waliigala Fulbaana 14/2016 kan eegalu ta’uu Obbo Efreem kaasaniiru. Barattoonni sababa garaa garaatiin hanga ammaatti osoo hin galmaa’iin hafaniis hanga Fulbaana 16tti akka galmaa’an dhaamaniiru.

Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
YouTube: https://www.youtube.com/results?search_query=Oromia+Communication+Bureau
TikTok: tiktok.com/
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
kallachaOromia: https://m.facebook.com

15/09/2023

"Utuma Moortuun moortuu hortuun horti. Barri 2015 bara qormaanni itti heddummate tahus, qindoomina humna walootiin injifannoon baricha goolabneerra,
Namni xiinxalee haala egeree hubate, abdiisaa fuulduraaf xiiqeffatee hojjeta. Aggaammiin uummata keenya irratti aggaamame danuu tahus ogummaan injifateera. Boris qormaanni jiraachuu mala. Qormaanni sun garuu injifannoo caalmaaf kan ummata keenya qopheessudha malee kan boodatti deebisu miti. Injifannoowwan olaanoo galmaa'an jabeessaa injifannoo caalmaa galmeessuuf ummata keenya waliin cimnee hojjenna"
PMNO Obbo Shimallis Abdiisaa

Photos from Oromia Communication Bureau's post 15/09/2023
Photos from Ministry of Health,Ethiopia's post 15/09/2023
Photos from Hamdii waarihoo's post 04/08/2022

Oduu Muudamaa _ Obbo Badrii Abdallaa Kantiibaa Magaalaa Mino Tahuun Muudame. Bara Hojii Gaarii. Badriin Nama Jabaadha Gahumsaa fi Kutannoo Cimaan Amaanaa Ummataa Paartii Itti Kenname Halkanii fi Guyyaa Boqonnaan Malee Nama Hojjatuudha. Jabaa ofii Abbaatu Jabeeffata Hawaasnii Magaalaa Mino Hundii Cinaa Dhaabbachuun Tumsa Gochuu Qabdan.
Baga Ittiin si Gahee congratulations 🎊 👏 congratulations 👏 🎊 💐 🥳 💖 😘 👏hujiin abbaa barbaaddi Nama hawaasaa wajji akkati hojjechaa hojjachiisuudha

01/06/2022

Hujii Tola Ooltummaa ummata zoonii minoo
Haroo ija annaa ja,amuun tan beekkamtu
Yaroo bishaan cabsuuf ka,anitti
Bifa kanaan irraa cabsuu rratti hirmaatan

Photos from Badhaadhina Harargee Lixaa's post 31/05/2022
Photos from Abiy Ahmed Ali's post 15/05/2022
Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Harar?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Videos (show all)

Namni Tan ofii beeku beekaa guddaadhaa

Category

Address


Harar
HARARGEEN
Other Bloggers in Harar (show all)
Galma Badhaadhinaa Magaalaa Asaboot Galma Badhaadhinaa Magaalaa Asaboot
1987
Harar

Tokkummaan Humna

Muhammad Abdulwahab Muhammad Abdulwahab
Gurawa
Harar

ni dandaa'ama

Asus Jo Asus Jo
Harar

tomorrow is new day

Keeol Abubeker Keeol Abubeker
Harar

Proactive

Ahmed Yusuf exmail.com Ahmed Yusuf exmail.com
HARAR
Harar

dhuga filaadhu

Harar News Press Harar News Press
Harar

Odeeffannoo weeytaawaa ummata keenya biraan ga'uu

Afendi Adem Afendi Adem
Harar

�Waan Hunda Dubachu Dura Hubadhuu Dubadhuu�

Tijaan Yusuf Abdullaahi Tijaan Yusuf Abdullaahi
Harar, EASTHHARARGHE

𝔻𝔻ℕ 𝔻𝔻ℕ
Small Mountain
Harar

https://www.youtube.com/@DDN579

Bahar abdosh Bahar abdosh
Hakim Wereda
Harar

ዚመድዳበል ታሕሲብኩትቤ መጥጢናነብቤ፣መትሒሳሰብቤ ባድዚናውዋ ኡመትዚኛው መኔራሌ ቁጭነትቤ ነድለግ!!!

Abbaa malaa Abbaa malaa
Harar, 253455

Obbolummaa!!

ሬድ ፍቅር ሬድ ፍቅር
Redu Love
Harar, REDU

Redu love ሩድ ፍቅር رضوان حبيب