FACT

FACT- is a local non profit organisation.

It aimed at three major issues; Conducting research, Creating awareness on Fugug socio-economic problems and Presenting the outcomes of the studies to the society and all concerned bodies.

Sifin Leeylii Deemaa - Nuriyaa Yusuuf | Orkeestiraa Poliisii Harar Wajjiin 1970 Keeysa @Ragaa MEDIA 25/04/2024

Sifin Leeylii Deemaa - Nuriyaa Yusuuf | Orkeestiraa Poliisii Harar Wajjiin 1970 Keeysa @Ragaa MEDIA Sin Jaaladhaa, Sin barbaadaaSifiin Leeylii deemaa..Yaannii kee ibiddaa, leeylii nama waadaaHalkan gad hin ciisuu, sumaan taa'ee yaadaaNuriyaa Yusuuf walliftu...

01/01/2024

“Power without wisdom is dangerous, and what our age needs is wisdom even more than knowledge. Given wisdom, the power conferred by science can give a new degree of well-being to all mankind; without wisdom, it can bring only destruction.“
— Bertrand Russell, Nature and Origin of Scientific Method, BBC broadcast transcript (May 27 1948)

Photos from FACT's post 01/11/2023

Yunivarsitiin Haramaayaa ( Haramaya University) Rakkoo Gama Barnootaan jiru furuuf hojjachaa jiraachuu ibsan.

20/2016 Magaalaa Maayaa Kutaa Magaalaa Haramaayaa tti Yunivarsitiin Haramaayaa Rakkoo Teeysoo Barattootaa Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Haramaayaa furuuf Teeysoowwan 200 Qr kuma 600 olitti shallagamu Deeggarsa taasiseera.

Yunivesitichi yeroo gara garaatti Rakkoo Hawaasa naannichaa furuuf Deeggarsa Gara Garaa taasisuun Fakkeenyummaa Guddaa horachaa kan jiru yoo tahu guyyaa arraas Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuuf Rakkoo Teessoo Barattoota Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Haramaayaa Mudate furuuf Teessoowwan 200 Qr kuma 600 olitti tilmaamamu Bakka Itti Gaafatamaan Ijaarsa waajjira paartii Badhaadhina Magaalaa Maayaa Obbo fi Daayireektarri Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Haramaayaa Obbo argamanitti Qeebalchiiseera.

Deeggarsicha kan qeebalchiisan Managing Directory Inistiitiyuutii Teeknooloojii Yunivarsitii Haramaayaa Injiner Hamzaa Ahmadnuur fi Ogeessa Tajaajila Hawaasaa Naannoo Obbo Nuuraddiin Shiis yoo tahu Yunivarsitiin Haramaayaa Rakkoo Hawaasaa Naannoo Furuu fi Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuuf Yeroo Kamiyyuu Caalaa Cimee Hojjechaa jiraachuu fi gara fuulduraas Deeggarsa gara garaa taasisuuf qophaahummaa kan qabu tahuu ibsaniiru.

Itti Gaafatamaan Ijaarsa Waajjira paartii Badhaadhina Magaalaa Maayaa Obbo Mul'ataa Bushraa Yunivarsitiin Haramaayaa Yeroo Gara Garaatti Rakkoo Hawaasa Naannichaa furuuf Deeggarsi taasisaa turee fi taasisaa jiru Yunivarsitichi kan ummataa tahuu qabatamaan Mirkaneessaa jira jedhan.

Kanaaf Guyyaa Arraas Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuu fi Kufaatii(Caphinsa) Sirna Barnootaa keenya Mudate Suphuuf Barattoonni Dhiphina Maletti haala mijjataa fi tohannaa fi hordoffiif mijjatu keessatti akka baratan taasisuuf Rakkoo hanqina teessoo Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Haramaayaa Mudateef Deeggarsa nuuf taasisaniif Yunivarsitiin keenya Yunivarsitiin Haramaayaa Galata Guddaa Qabuu Maqaa Kiyyaa fi Bulchinsa Magaalaa Maayaatin Baay'ee Galatoomfachuun barbaada jechuun Galatoomfataniiru.

Daayireektarri Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Haramaayaa Obbo Abdii Muussee Yunivarsitiin Haramaayaa Rakkina Numudateef gaafii gaafannee hatattamaan nuuf deebisuun Rakkoo Mana Barnootaa keenya Furuu isaatiif Galata Guddaa qabuu Baay'ee Galatoomaa jechuun Galatoomfataniiru.

Kominikeeshinii Magaalaa Maayaa

23/10/2023
01/08/2023

FACT ORGANIZATION:👇

Ogeeyyii Seeraa leenjiif ji'a kudhan Oromia Justice Sector Professionals Training and Legal Research Institute waliin turre.

Lakkooysaan nama 29-30 ni taana. Torbaanitti wal geenyee waliin mariyanna. Yaada wal dabarfanna. Yaada kennamuu fi mormii dhiheeyfamuus ni galmeeyfanna. Maqaa fi eenyummaa keenyaas ibsineeti yaadaa fi yaadama walii wal garsiifanna. Hordoffii ni jabeeyfanna. Galmeen wal iyyaafanna.✍

Ummanni keenya maaliif nu barsiifate? Ummanni keenya maal rakkate? Maaltu isaan hanqate? Akki jiruu fi akki isaan keeysa jiran akka moo akkaa miti? Rakkooleen jiran maal faadha? Oomishaa fi Daldala Jimaa irratti maaltu hojjatamuu qaba? Maaltu cimuu qaba? Maaltu sirreeyfamuu qaba? Carraaleen jiran hoo? Yaadni furmaataa maal faadha?🤔

Ummata keenyaaf maaltu mala fi kkf kakaafnee dubbachuun gaafilee waliif dhiheeysinee deebisaa gamtaan qaacceysinee gulaallee angoolallee waliin morminee, waliin falminee, wal deeggarree, sababaan wal hubachiifnee, ejjanno wal fakkaataa fi gargaraa qabannee rakkoon ummata keenyaa guddoon 'hubannoo dhabuu' tahuu fi furmanni jalqabaa 'hubannoo uumuu(Awareness Creation)' tahuu waliif akeeknee, waliin tarkaanfachuu irratti ammoo ejjannoo tokko qabannee 'dhaabbata dhaabu qabnaa' irratti waliif galle.👨‍💻

Leenjii eega xumurree eeybifamnee hojiif Aanaalee adda addaatti ramadamnaan yaadaan osoo waliin jirruu qaamaan addaan galle.😤

Suuraa fi suur-sagalee waraabuun ragaa jabeeyfanna. Ragaalee san keeysaa takka tana. Suuraan tun waggaan 4 geeyseeti jirti. Bakki itti kaafamte Magaalaa Adaamaati. Yaadannoon saahibban qaqqaalii hedduuti. Wanti gaafas eegalle karuma jirti. Hin dhaabbattu. Ittuma fufti. Galma gahuuf jirti. In Sha Allah.🙏

Saahibban qaqqaalii fi jajjaboo waliin turre kan ammallee waliin jirru hundi keeysanuu bakka jirtanitti nagayaa fi fayyaan gammachuun naaf jiraadhaa. Hedduun isin jaaladha. 🥰

Gaafa guyyaan gahe wal afeerreeti wal agarra. Hangasuu qilleensumarraan wajjiin turra.🤝

Adem Dhalate Adooleysa 11,2023. Finfinnee

08/11/2022

Inna Lillahi wa inna ilayhi raji'un. May Allah have mercy on my Adeero (Uncle) Ali Birra. He was an Oromo legend and world renowned singer and songwriter who spoke up for Oromo people and helped pioneer an entire movement and generation of artists that would come after him. My father and Ali Birra were very close friends and I have so many fond memories of him as a child making us laugh and spending time with me and my siblings, so much so that I didn't even realize how massive of an artist he was until I was much older as to me he was just Adeero. We would often talk about deen and people would be surprised to know how well versed he was in the recitation of the Qur'an. He also wrote a very beautiful nasheed for my wife and I to commemorate our wedding and I will truly miss him and cherish all the great times I was able to experience with him. May Allah forgive him for his sins and elevate his status to the highest levels of Jannah Al-Firdous!

Photos from FACT's post 07/11/2022

IBSA GADDAA:

INNAA LILLAAHI WA INNAA ILEEHI RAAJI'UUN:🥲

Du'aan gama fuula Rabbii deemuu Qabsaawaa fi Hangafa Artistootaa, Hayyuu Gameeysa Doktora Kabajaa Artist Ali Birraatiin gadda guddaatu nutti dhagahame. Lapheetu nu caphe. Ijaa fi qalbiitu nu boohe. Garaatu nu roorahe.

Artist Ali Birraan nama qabsoo saba isaa ogummaa isaatiin gama Siyaasaa, Diinagdee fi Hawaasummaatiin finiinsaa ture nama hangafaatii fi Qabsoon Diinagdee bu'uura qabsoo siyaasaa akka taate nama gochaan agarsiisaa ture, hayyuu roga hundaati.

Kana hunda caalchifatee umriin isaa waggaa 50 eega guutee booda hojii tola ooltummaatiif if qabee nama hojjachaa ture. Hojii tola ooltummaa kanaan mana barumsaatii fi gargaarsa barattoota harka qalleeyyiif godhuuf dhaabbata Birra Children's Education Fund ja'amu hundeeysuun dalagaati ture. Hojii isaa tana Rabbiin irraa haa qeebalu.

Hayyuun kun yeroo dheeraaf dhukkubsachaa eega tureen booda guyyaa khaleeysaa Sadaasa 6,2022 gama fuula Rabbii deemeeti jira. Hayyuun kun nu biraa deemuus hojii fi dhaamsi isaa kan inni baroota jahaatamaa oliif dabarfachaa ture nu biraa hin deemu.

Hojiin tola ooltummaa kan inni jalqabe sun akka galma gahuuf gumaacha nurraa eeggamu godhuuf waada keenya haarayoomsuun kan hojjannu taha.

Hayyuu, Qabsaawaa fi Hangafa Artistootaa Ali Birraaf Rabbiin haa araaramu, Raahmata haa godhuuf, qubsuma isaa jannatul Firdoowsi haa taasisu jechaa, Alii, firaa fi ummata keenya hundaaf obsaa fi jajjabina hawwina.

Hayyuu keenyaaf Rabbiin Raahmata haa godhu. Ummata keenya hundaaf obsaa fi jajjabina haa kennu.🤲

FACT Sadaasa 7,2022. Finfinnee

07/10/2022

DHALOOTA SAMMUUN BARUMSAAN QARAMTEETU BIRKII BARNOOTAA HOGGANUU QABDI

Hegeree biyya takkaatiif humna namaa baratee barumsa barate saniin jijjiirama amalaa fideetu murteeysaadha. Dhaloota barumsaan qarameetu biyya jijjiiruu dandaya. Dhaloonni barumsaan osoo hin qaramin barumsa keeysa dabre akka magaaza ilkee hin qabneeti. Biyyatti ba'aa tahuun alatti biyyaaf bu'aa tahuu hin dandayu. Kanaaf dhaloota sammuun isaanii barumsaan qaramtee qaroomeetu barkii barnootaa jalaa hanga gubbaatti hogganuu qaba ejjannoo jettu qabaanne. Tun ejjennoo teenya qofa osoo dhugaa qabatamaa addunyaan ittiin milkooyte tahuun wal nama hin gaafachiisu.

Gaafa namni baratee jijjiirama amalaa hin fidin halangaa barnootaa dhunfate biyti dhaloota baratee jijjiirama amalaa fiduu hin dandeenye oomishti. Dhaloonni barumsa keeysa dabruu malee barumsi isaan keeysa hin dabrin jijjiirama amalaa fiduu gonkumaa hin dandayu. Namni waanuma beekuu fii irratti leenji'e san hojjataa mii ree. Gaafas dhaloonni oomishamu dhaloota qubee osoo hin dhaloota gubee kan biyya gubuu fii belbelchuutu oomishama. Dhaloota akkasii oomishatte taanaan hegeree biyyaa balleeysite jechuudha.

Rakkoo biyya mudattee jirtu sirreeysuuf rakkoo biraa uumuun dirqamaa miti. Yoo rakkoo furuuf rakkoo uumuun dirqama tahe ati qaama rakkoo oomishu malee qaama furmaataa tahuu hin dandeeysu. Qaamni furmaataa dursee rakkoo jiru qorata. Eegasii mala rakkoo san itti furanii fii akka hin uumamne ittiin ittisaniis lafa kaayyatta jechuudha. Raftee kaatee yaaduma siif dhufe hunda osoo hin madaalle gadi baatee hojiirra oolchita taanaan ati qaama hojii osoo hin taane qaama rakkooti.

Unkurri barnootaa hadarraaquun ammoo biyya hadarraaqeysiti. Booddi isii boodatti hafummaa, doofummaa fii kufaatiif nama saaxila. Kanaaf hegeree biyyaa fii sabaa milkeeysuuf dhaloota qaroo baratee, dammaqee fii bilchaate kan hegereef yaaddoo osoo hin taane abdii tahuu dandahu oomishuu qabna.

"Academic failure contributes to poverty and poor health and undermines workforce productivity in ways that harm the entire society." - Author: Anthony Biglan

“Live as if you were to die tomorrow. Learn as if you were to live forever.” ― Mahatma Ghandi

“Education is the passport to the future, for tomorrow belongs to those who prepare for it today.” – Malcolm X

“Education is the most powerful weapon which you can use to change the world.” ~NELSON MANDELA

Barento Mohammed
FUGUG, Oromiyaa
Onkololeeysa 7, 2022

Photos from FACT's post 17/09/2022

Dhaabbanni Tola Oolaa Babile International Humanitarian Association-NGO (BIHA) jedhamu Waajjia dhimma hojjataa fi hawaasummaa Aanaa fi Bulchiinsa Magaalaa Baabbilee waliin ta'uun barattoota maatii harka qalleeyyii fi qaama miidhamtoota 360 tahan meeshaalee barnootaa Deeggaran.

Godina Harargee Bahaa Bulchinsa Magaalaa Baabbileetti barattoota maatii harka qalleeyyii fi qaama miidhamtootaa 360 ta'an meeshaalee Barnootaa dabtaraa fi qalama qarshii kuma 72 olitti shallamu deeggarsaan kenne.

Deeggarsichi dhaabbata tola oolaa " Babile International Humanitarian Association-NGO " kan dhalattoota Baabbilee biyya keessaafi alaa jiraataniin maallaqa walitti qabame irraa kan taasifamedha.

Qiindeessaan dhaabbatichaa Sheek Yuusuf Mahammad, dhalatoonni Baabbilee biyya keessaafi biyyoota alaa keessa jiraataniin barattoonni maatiin harka qalleeyyii fi qaama miidhamtoota kamiyyuu osoo nuti jirruu sababa hanqina meeshaalee barnootaatiif barnootarraa hafuu hin qabu jechuun barattoota 360 dabtara qarshii kuma 66 fi 600 fi qalama qarshii kuma 5 fi 400 Waliigala qarshii kuma 72 bitee kennuu himan.

Nama barateetu biyya guddisa,dhaloota barsiisuun dirqama hunda keenyaati .Daa'imman barnoota isaanii akka addaan hin kunnee fi yaaddoo meeshalee barnootaa dhabuun xiinsammuun maatii fi barattootaa akka hin miidhame deeggarsa meeshaalee barnootaa taasisuu kan ibsan Miseensota dhaabbatichaati.

Itti Gaafatamtuun waajjira dhimma hojjataa fi hawaasummaa fi Bakka buutuun Buusaa Gonofaa Bulchiinsa Magaalaa baabbilee Aadde Maftuhaa Siraaj sagantaa kanarratti argamuun qaamoolee deeggarsa taasisan galateeffachuun Yeroo hoongeen biyya miidhe kanatti sababa rakkina meeshaalee barnootaan daa'imni tokkolleen barnoota isaa akka addaan hin kunne barattoota 360 dabtaraa fi qalama qarshii kuma 72 bitee kennuu himuun waajjirri keenyaas dhaabbiilee mootummaa fi miti mootummaa waliin qindaa'uun yeroo kamiyyuu caalaa kan hojjatan ta'uu dubbatan

Dhalatoonni Baabbilee yeroo hoongeen biyyattiin miidhamaa jirtu kanatti, osoo nuti jirruu lammiin keenya rakkachuu hin qabu jechuun deeggarsa taasisuun hoongee bara kana biyyattii mudateen waan nyaatanii bulaniif osoo rakkachaa jiranii deeggarsi kun isaaniif taasifamutti hedduu gammaduu kan dubbatan namoota deeggarsi taasifameefi.

Duudhaa keenya ganamaa aadaa waldeeggaruu ture amma bifa ammayyaan labsiin hojirra oolaa jiru tajaajila lammmummaatiin deeggarsi taasifamaa jiru kan jajjabeeffamuudhaas ja'amee jira.

~Baabbile International Humanitarian Association

FACT Fuulbana 17,2022. Finfinnee

30/08/2022

'Hojii tola ooltummaa irraa kanin buufadhe waraqaalee ragaa 92 qofa dha'
************
Leeyikun waggoota 17 hojii tola ooltummaa hojjete keessatti bu’aan inni argate waraqaalee ragaa bakka adda addaatii argate 92 qofa akka ta’e hima.

“Hojii kana kanin hojjedhu gammachuu waan naaf kennuufi. Tola ooltummaan kennaa kiyya. Ammoo waan hawaasa kiyya gargaaru baayyeen hojjedhe. Kuni nagammachiisa. Karaa qarqaarsaa garuu wanni ani argadhe waraqaa ragaa callaa. Amma 92 gaheera. Ammoo waraqaa duwwaan maal godha” jechuun gaafata.

Hojii tola ooltumma kana yeroo hojjetu eebbi argatu waan hunda caalaatti akka isa gammaachiisus hima.

“Akka ani yaadutti eebbi namaa anaaf NGO nama qarqaartu caalti. Wanni nagargaare eebba hawaasa kiyyaati” jedha.

👉🏾👉🏾:https://bbc.in/3PWneUB
Suuraan: LEEYIKUN ADAM

BBC NEWS AFAAN OROMOO

FACT

Photos from FACT's post 27/08/2022

Dhimma JIMAA irratti gabaasa Addis Standard Afaan Oromoo hojjate FEF-Forum gubbaa dubbisaa.
👇
https://oromoo.addisstandard.com/oduu-tooftaadhaan-daldala-jimaa-keessaa-dhiibamaa-jirra-daldaltootaqonnaan-bultoota-jimaa-harargee/

https://t.me/fugugeconomicforum

Photos from Adem Dhalate's post 21/08/2022
20/08/2022

JIMAAN KEENYA JIRUU FII JIREENYA KEENYA:👇

Ummanni keenya durii hanga arraa faayidaa oomishni isaanii kanneen akka qaban dhandhamanii hin beekan. Wanti isaan dhandhamanii beekan; laffaatii, illaa, dadhabbii fii daadarkaa oomishuun qabdu qofa.

Warri faayidaa mi'eeyfate bira kuteeti, ummata oomishu kanaahuu nyaachuuf tattaaffii godhutti jira. Ummanni keenya bu'aa oomisha isaa arkee, jireenya isaatiin foyyeeyfachuuf qaba.

isaa kana isa dhunfachiisuuf; isaaf dubbachuu, isaaf falmuu, isaaf qabsaa'uu, Faayidaa irraa arkamu isumaafuu hubannoo uumuu, Mirga isaa akka falmatu kakaasuu, saamtotaa fi hattoota ummata saamuu baran saaxiluun dirqama dhaloota ammaa kana.✍

Dhaloonni kun Abbootii teenya tan osoo ifiif hin baratin, nu barsiifteef isaanii deebisuu yoo dadhabne, dhaloota hegeree hin qabne, dhaloota oota. 🤦‍♂️

Ummanni keenya Oomisha isaarraa fayyadamaa akka tahuuf hundi keenya dhimma keenyaa, Dhimma JIRUU FII JIREENYA keenyaa godhannee haa sossoonu.✌

JIMAAN keenya, Madda galii qofa osoo hin taane, JIRUU FII JIREENYA keenya.💪

FEF-Forum Hagayya 20,2022. Finfinnee

18/08/2022
Analysis: Safaricom makes assurance in wake of protest from Oromo activists, bloggers over alleged employment discrimination - Addis Standard 17/08/2022

Analysis: Safaricom makes assurance in wake of protest from Oromo activists, bloggers over alleged employment discrimination - Addis Standard Gammadaa Olaanaa, second from left, is a social media influencer and one of the campaigners who met with Safaricom officials today. Picture: Gammadaa Olaanaa page By Addis Standard Staff Addis Abeba: Oromo online activists on Facebook and Twitter are protesting against alleged employment di...

17/08/2022

Safaricom Ethiopia met with representatives of a recent social media campaign, yesterday, and listened closely to their concerns. We assured them that we are building a company that represents all of Ethiopia without any biases or prejudice and are available for discussions anytime.

We are committed to serving all of Ethiopia in a way that respects all languages and cultures, as part of our vision of transforming lives for a digital future.

14/08/2022

Days are counting down for submission of abstracts. Watch it out!!!

12/08/2022

"ODEEFFANNOO KANA WOLIIF DABARSAA👁

Ogeeyyota woldhaansa ijaa biyya Ameerikaa irraa dhufaniin Hagayya 09 -19 yaala Moora Ijaa (Cataract) opireeshiiniin saaquu/woldhaanuu Bilisaan (KAFFALTII MALEE) waan godhamuuf Hospitaala Woliigalaa Nageellee Arsiitti dursitanii dhaquun ykn firaaf maatii keessan rakkoo kanaan argaan ijaa isaanii hirdhaateef jaame tajaajila kana akka argatan godhaa.

Tola-oltummaa yaala bilisaa kana ummata keenyaaf qopheessuu isaaniitiifis Hospitaalli Woliigalaafi Kolleejji Meedikaalaa Nageellee Arsii galata guddaa qabu.

Teessoon Hospitaalicha: Godina Arsii Lixaa, Magaala Nagellee Arsiiti. Shashamanne irraa km 25 qofa.

Odeeffannoo dabalataatiif lakk. bilbibila kanaan bilbiluun gaafachuu dandeessu: 0461162828"

Dr. Nuredin Luke irraa

FACT Hagayya 12,2022. Finfinnee

11/08/2022

Biyya namni heeruma ykn fuudha dide itti adabamu beektuu? 🤔
************
Aadaa baramaa keessatti namni tokko gaa'ila gochuuf dhiibbaan hawaasaa fi aadaa jiraatulleen irra caalaan fedhii irratti kan hundaa'eedha.

Haata'u malee oduun tibbana gara Chaad kanaa dhagahame ammoo waan hin baramneedha.

Chaad manadara Mangaalmee keessatti namni gaaffii heerumaa ykn fuudhaa dhiyaatefii yoo hin barbaadu jedhe aad-maleedha. Jarri lamaanuu ni adabamu.

Mandarri kun kaaba baha Chaaditti kan argamtu yoo ta'u, addabbiin maalaqaa irratti dabarfama.

Warri gurbaa jaarsa warra intalaatti yoo ergatanii, warri intalaa lakki intala keenya hin kenninu yoo jedhan ykn intalli heerumaaf fedha yoo dhabde adabbiitu ishee eeggata.

Gurbaanis akkasuma intala warra abbaa ebeluu hin fuudhu jedhee kan dide yoo ta'e adabbiitu isa eeggata.

Maddi BBC News Afaan Oromoo ti.

FACT

Want your organization to be the top-listed Non Profit Organization in Harar?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Website

Address


Afraffaa
Harar
Other Nonprofit Organizations in Harar (show all)
HARAR PEACE HARAR PEACE
Harar, 08

Harar the living Museum 💝 City of Peace 🕊️ City of love ❤ City of tolerance 🤝

ወሬግ አዜባች ሙጋድ Wareg Youth Association ወሬግ አዜባች ሙጋድ Wareg Youth Association
Jegol
Harar

wareg youth association is a legal entity organized and operated for collective , public or social b

Hundannee Hundannee
Harar
Harar

This page is for sharing our information, developments and experiences as well as teaching our comm

United East Of Africa United East Of Africa
Shewaber
Harar

Welcome to United East Of Africa Aim - End Absolute poverty . United East Of Africa (UEOA) made up of 7 Eastern Africa Countries ( Ethiopia: Sudan:South Sudan:Ertria:Djibuti:S...

Harar Lutheran Child Development Project Harar Lutheran Child Development Project
Harar

“እነሆ፥ ልጆች የእግዚአብሔር ስጦታ ናቸው፥ የሆድም ፍሬ የእርሱ ዋጋ ነው።” መዝ 127፥3

BADE HARAR BADE HARAR
Harar