Abaadir Abdii

Abaadir Abdii

You may also like

Amnaa 2
Amnaa 2

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Abaadir Abdii, Blogger, Harer.

Photos from Abaadir Abdii's post 27/08/2023

Laaftumatti as hin geenye daka gaara baaneti

Photos from Shimelis Abdisa's post 27/08/2023
04/08/2023
04/08/2023

4 kiiloo galuun akkuma foon kiiloo 4 bitanii
galuu yoom salphaa tahe?

03/08/2023

Fedhiin finxaaleyyootaa sirna qeenxee uummata Itoophiyaa irratti fe'uu ta'us akka boquu ol hin qabannetti burkutaa'eera!
= = =
Fedhiifi dheebuun finxaaleessitootaa uummattoota Itoophiyaa irratti sirna qeenxee fe’uu ta’uus, deebi’ee ol jechuu akka hin dandeenyetti burkutaa’eera. Biyyi keenya Itoophiyaan seenaa waggoottan dheeraa qabaattus sirni isheen gameggeessaa turte sirna qeenxee, afaan tokko aadaa tokko, amantaa tokkoof qofa beekkamtii kennuun sabaafi sablammoonni biroo akka lammii lammaffaatti keessatti ilaalamaa tureera.

Sirnoonni kunneen afaan, aadaafi duudhaan sabaafi sablammootaa akka liqimfamuufi gara afaanifi aadaa tokkootti akka dhufan taasisuu qofa osoo hin taanee dirqamaan akka fudhatan taasifamaa tureera. Sirnaoota mirga uumamaa dhala namaa ifaan hacuucaa turan kana uummanni Itoophiyaa baroota dheeraaf irratti qabsaa’aa tureen sirnichi lamuu deebi'ee boquu isaa akka ol hin qabannetti awwaalamuu danda'eera.

Qabsoo Sabaafi sablammootaan taasifameen sirni Federaalizimii hojiirra akka oolu taasifamuun sabaafi sablammoonni obbulummaafi walqixxummaan akka jiraatan taasifamaa jira. Kun ammoo sabaafi sablammoonni hundinuu afaan, amantaafi duudhaa qaban heeyyama qaama kamuu osoo hin gaafatiin ifatti akka dubbataniifi gaggeessan taasiseera.

Bu’uurri qabsoo sabaafi sablammoonni wareegama qaalii itti kanfalanis walqixxummaan akka mirkanaa’u waan ta’eef sabaafi sablammoonni hundinuu waardiyaa sirnichaa ta’anii jiru.

Itoophiyaa keessatti sirni dulloomaan kun qabsoo uummataatiin deebi’ee ol jechuu akka hin dandeenyetti burkutaa’uus finxaaleessitoonni sirna afaanifi eenyummaa tokko leellisu deebisuuf dhagaan isaan hin fonqolchine hin jiru. Finxaalessitoonni bakka qalbiin cabanitti miillaan okkolaa jiru kun sabaafi sablammootaa irratti sirna sab-tokkee Afaan tokko, Amantaa tokkoofi Alaabaa tokkoo irratti fe’uuf abjootaa jiru.

Qaamoonni hawwii hin malle milkeessuuf dhama’aa jiran kun imala ijaarsa Itoophiyaa haaraan Falaasama Ida’amuun eegalame sirna federaalizi

Photos from Abaadir Abdii's post 02/08/2023

Misoomni Agarsiisa Kudraalee Gara Garaa Manduubee Mooraa Waajjira Qonnaa Aanichaa Keessatti Hojjatamaa Ture Guyyaa Arraa Iddoo Hoggansi Olaanoon Aanichaa Argamanitti Dubartootaaf Raabsame.



God/Har/Bahaa Aanaa Gursumitti Waajjirri Qonnaa Aanichaa Misooma Manduubee Kudraalee Gara Garaa Mooraa Waajjirichaa Keessatti Hojjachaa Ture Guyyaa Arraa Iddoo I/A Bulchaa Obbo Ahmad Sh/Mahammad fi I/G Siyaasa Paartii Badhaadhinaa Aanichaa Obbo Mahammad Abdurahmaan Akkasumaas I/A Waajjira Qonnaa Obbo Diinoo Abdii Argamanitti Dubartoota Waajjiraalee Gara Garaa Keessatti Mindaa Xiqqaan Qaccaramanii Hojjachaa Jiran 80f Sagantaa Gabaabaa Qopheessuudhaan Raabsaniifii Jiru.

23/06/2023

⛳⛳⛳⛳ Warabeysi nama nyaachu itti fuufe jira⛳⛳⛳⛳



God/Har/Bahaa Aanaa Gursum Araddoota Keessatti halkan eda Miidhaa Salphaa Geesseeti Jirta

Haaluma Kanaan gaafa guyyaa Waxabajjii 16 halkan keessaa naannawa sa'aa sagalitti Araddaa goro sayyo keessatti mora nama dhuunfaa seenuun hori nyachuuf deemutti gise irraa deebisan Aadde Asha jibril miila keysa ciniinun miidha salpha irraa geyseti jira

Adde Asha jibril buufata fayyaa Awbarree keysatti tajaajilama jirani Kanaafuu hawaasni aanichaa naannawa keenyaa hundi balaan waraabeessaa ammaas itti fuufe kan jiru waan taheef ofeeggannoo cimaa tahe akka gootan ergaa isiniif dabarsina.

Photos from Abaadir Abdii's post 21/06/2023

💢 𝘏𝘢𝘳𝘢𝘳𝘨𝘦𝘦 𝘉𝘢𝘩𝘢𝘢
💢 𝘈𝘢𝘯𝘢𝘢 𝘎𝘶𝘳𝘴𝘶𝘮

👉𝑲𝒐𝒓𝒆𝒆𝒘𝒘𝒂𝒏 𝑫𝒉𝒂𝒂𝒃𝒃𝒊𝒊 𝑴𝑴 𝑨𝒂𝒏𝒊𝒄𝒉𝒂𝒂 𝑯𝒐𝒋𝒊𝒊 𝑯𝒐𝒓𝒅𝒐𝒇𝒇𝒊𝒊 𝒇𝒊 𝑻𝒐'𝒂𝒏𝒏𝒐𝒐 𝑫𝒊𝒓𝒓𝒆𝒆 𝑲𝒖𝒓𝒎𝒂𝒂𝒏𝒂 4 𝒇𝒇𝒂𝒂 𝒈𝒂𝒈𝒈𝒆𝒆𝒔𝒔𝒖𝒖𝒇 𝑶𝒓𝒆𝒏𝒕𝒆𝒆𝒔𝒉𝒊𝒏𝒊𝒊𝒏 𝒃𝒐𝒃𝒃𝒂𝒂 𝒌𝒆𝒏𝒏𝒂𝒎𝒆𝒆𝒕𝒊 𝒋𝒊𝒓𝒂.
👉𝑾𝒂𝒙𝒂𝒃𝒂𝒋𝒊𝒊 13/2015
𝑮𝒐/𝑯𝒂/𝑩𝒂𝒉𝒂𝒂 𝑨𝒂𝒏𝒂𝒂 𝑮𝒖𝒓𝒔𝒖𝒎𝒊𝒕𝒕𝒊 𝑯𝒂𝒂𝒍𝒖𝒎𝒂 𝒌𝒂𝒏𝒂𝒂𝒏 Adeemsaa fi kallattii to’annoo fi Hordoffiin 𝗋𝖺𝖺𝗐𝗐𝗂𝗂𝗇 𝗁𝗈𝗃𝗂𝗂 #𝗄𝗎𝗋𝗆𝖺𝖺𝗇𝖺 #4𝖿𝖿𝖺𝖺 𝗄𝖺𝗇 dirree ittiin gaggeeyfamu irratti, Orenteeshin𝗇𝗂 𝗀𝖺𝖻𝖺𝖺𝖻𝖺𝖺𝗇 #𝖪𝖺𝖻𝖺𝗃𝖺𝗆𝗈𝗈 𝐀𝐟-𝐘𝐚𝐚'𝐢𝐢𝐧 𝐀𝐚𝐧𝐢𝐜𝐡𝐚𝐚 𝐎𝐛𝐛𝐨 #𝐇𝐚𝐬𝐬𝐚𝐧 #𝐀𝐛𝐝𝐮𝐫𝐚𝐡𝐦𝐚𝐚𝐧𝐢𝐢𝐧 𝗀𝗎𝗒𝗒𝖺𝖺 𝖺𝗋𝗋𝖺𝖺 𝗄𝗈𝗋𝖾𝖾 𝖽𝗁𝖺𝖺𝖻𝖻𝗂𝗂𝗍𝗂𝗂𝖿 𝗄𝖾𝗇𝗇𝖺𝗆𝖾𝖾 𝗃𝗂𝗋𝖺.

Photos from Abaadir Abdii's post 21/06/2023

👉Aaga Dhagayaa..‼

Ilmi abbaa Gadaa, Abbaan Seeraa Idil Addunyaa Solomon Areda Waktolla Dhaabbata mootummoota gamtoomanii fuulduratti dhiyaatee waadaa seenee jira.

20/06/2023
20/06/2023

Xaa’oo kuntaalli miiliyoona 6 ol naannolee biyyattii adda addaatti raabsamaa jira- Ministeera Qonnaa

OBN Waxabajjii 13,2015- Ministirri Deetaan Ministeera Qonnaa Dr Soofiyaa Kaasaa akka jedhanitti, xaa’oon Buufata Djibuutii irraa geejjibame kuntaalli miiliyoona 6.77 naannolee biyyattii adda addaatti raabsamaa jira.

Xaa’oo bitee kan dhiyeessu mootummaa qofa ta’uu Dr. Soofiyaan eeruun, Qonnaan bultoonni xaa’oo daldaltoota seeraan alaa irraa akka hin bitannes hubachiisan.

Kana malees xaa’oo gahaan bitame gara biyyaatti galfamaa waan jiruuf hanqinni dhiyeessii akka hin jirre Dr Soofiyaan himaniiru. TOI

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa odeeffannoo wayitaawaa argachuu yoo feetan:
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa?sub_confirmation=1
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Tiwiiterii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish
Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.

Photos from Abaadir Abdii's post 20/06/2023

💥ℍ𝕒𝕣𝕒𝕣𝕘𝕖𝕖 𝔹𝕒𝕙𝕒𝕒
💥𝔸𝕒𝕟𝕒𝕒 𝔾𝕦𝕣𝕤𝕦𝕞

🌼Gamaaggamni Raawwii Hojii Paartii fi Mootummaa Caasaa Araddoota Aanichaa Waliin Sadarkaa Zooni Zoonitti Gaggeeffameera.



🌼God/Har/Bahaa Aanaa Gursumitti Gamaaggamni Raawwii Hojii Paartii fi Mootummaa Caasaa Araddoota Aanichaa Waliin Sadarkaa Zooni Zoonitti Gaggeeffameera.

Photos from Abaadir Abdii's post 20/06/2023

💥 𝗛𝗮𝗿𝗮𝗿𝗴𝗲𝗲 𝗕𝗮𝗵𝗮𝗮
💥 𝗔𝗮𝗻𝗮𝗮 𝗚𝘂𝗿𝘀𝘂𝗺
👉 ℤ𝕠𝕠𝕟𝕚𝕚 𝕃𝕒𝕒𝕗𝕥𝕠𝕠 𝕗𝕚 𝕆𝕟𝕒𝕒𝕪𝕒𝕒
13/2015
Gamaggamni hojii paartii fi mootummaa sadarkaa Aanaa Gursum⏯️ 𝐙𝐨𝐨𝐧𝐢𝐢 𝐋𝐚𝐚𝐟𝐭𝐨𝐨 𝐟𝐢 𝐎𝐧𝐚𝐲𝐚𝐚 tti bakka itti aanaan Bulchaa fi . Zoonii laaftoo fi onayaa obbo Shekaa jiranitti bifa bilchina qabuun eegalameeti jira.

Photos from Abiy Ahmed Ali's post 20/06/2023
20/06/2023

💢Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa waggaa 25ffaa balalii gara eegale kabaje



🗯️ Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa waggaa 25ffaa balalii gara eegale kabaje.

🗯️Yeroo ammaa daandiin qilleensichaa sadarkaa idil addunyaatti beekkamtii argachaa fi guddina argisiisaa kan dhufe yoo ta’u, sadarkaa ardii Daandii Qilleensaa guddicha ta’uun kan beekamuudha.

🗯️Daandiin Qilleensichaas, , Garbaa Atilaantikiin qaxxaamuruun Waashingitan DC waliin walquunnamsiisuuf balalii kan eegale bara Farnjootaa Waxabajjii 1998 akka ta’e, ragaan Daandii Qileensaa argame ni mul’isa.

Photos from Abaadir Abdii's post 22/05/2023

"Itoophiyaa jijjiiruuf hojiirratti haa jabaannu; haa uumnuu, qormaata darbuuf furmaata irratti haa xiyyeeffannu!"

.Abiy Ahmed Ali

Photos from Abaadir Abdii's post 18/05/2023

🔴Harargee Bahaa
🔴Aanaa Gursum

🧿Yaa'iin Gaaddisa Gumaata Buusaa Gonofaa Oromiyaa Damee Aanaa Gursum Waggaa 1ffaan Aanichatti Gaggeeffamee Jira.



🧿God/Har/Bahaa Aanaa Gursumitti Yaa'iin Waggaa 1ffaa Gaaddisa Gumaata Buusaa Gonofaa Oromiyaa Damee Aanichaa Abboottii Gadaa,Haadhoolii SIinqee, Abboottii Amantaa, B/B Dargaggoota,Hoggansa Aanichaa fi Araddootaa Argamanitti Gaggeeffamameera.

🧿Yaa'icha irrattti Bulchaa Aanichaa Obbo ,I/G Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Aanichaa Obbo Akkasumaas I/G Waajjira KMD Godina Harargee Bahaa Obbo Walduraa duubaan haasaa baniinsaa taasisaniin yaa'icha kana yeroo gaggeessinu aadaa fi duudhaa ummanni keenya ganamaan qabutti deebi'uu keenya giddugala godhachaa rakkoowwan uumamaa fi namtolchee ummata keenya mudatan irraa dandamachiisuuf kan labsame buusaa gonofaa cimsuudhaan eeggattummaa biyyoota alaa jalaa of baraarree jiraachuu qabna jedhaniiru.

🧿Yaa'icha irrattis Gabaasni Raawwii Hojii Waggaa Buusaa Gonofaa Aanichaa I/G Waajjira Buusaa Gonofaa Damee Aanichaa Obbo dhiyaachuudhaan hirmaattoonni irratti mari'chuun xummura irrattis hirmaattoota yaa'ii buusaa gonofaa sadarkaa Godinaatti hirmaatu filachuun sagalee guutuun mirkaneessaniiru.

Photos from Abaadir Abdii's post 18/05/2023

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr Abiyyi Ahimad, Pirezidaantii itti aantuu Kolombiyaa waliin mari’atan.

OBN Caamsaa 10,2015- Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Ittaantuu Kolombiyaa Firaansiyaa Maarkuwez waliin mari’atan.

Hariiroo biyyoota keenyaa cimsuufi dhimmoota addaa addaarratti carraa jiru babal’isuun tumsa waloon irratti hojjenna jedhan, Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ergaa karaa toora miidiyaa hawaasaasaanii dabarsaniin.

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa yoo argachuu feetan:
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Tiwiitarii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa

Photos from Abaadir Abdii's post 17/05/2023

Aanaa Gursumitti Gamaaggamni Raawwii hojii Mana Marii Nageenyaa kurmaana geggeeffame.



God/Har/Bahaa Aanaa Gursumitti Gamaaggamni Raawwii hojii Mana marii Nageenyaa kurmaana 3ffaa geggeeffame.

Gamaaggamicha irratti Bulchaa Bulchiinsa Aanichaa fi Walitti qabaan Mana marii Nageenyaa Obbo Bakrii Abdullahii ibsa kennaniin Hojiin Misoomaa, Nageenyaa fi Dimokraasii walitti hidhata guddaa fi waltubbiin jijjiirama guddina dinagdeef murtessaa tahuu eeranii hojii hundaa qindessuun nageenya hawaasa keenyaa mirkanessaa hojii misoomaa keenya halkanii guyyaa finiinsuu akka qaban dhaamaniiru.

I/G waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Aanichaa Obbo Abdii Mummad Xinxaala haala waliigalaa Araddoota Aanicha dhiheessuun Araddonni keenya hojiilee idilee qindessuun misooma hunda galessa galmessuu akka qaban ibsaniiru.

I/G waajjira Nageenyaa Obbo Abdallaa Hassan itti dabaluun ibsa kennaniin Nageenyi bu,ura hojii misooma hundaa tahuu hubannee xiyyeeffannaa olaanaa kennuun hojii hundaa qindoominaan hojjachuu akka qaban ibsaniiru.

Gamaaggamicha irrattis Geggeessitoota Aanichaa Hoggansa Bu,uraa fi Adda duroonni kan hirmaatan yoo tahu gabaasni Araddootaa dhihaatee gabaasicha irrattis yaadaa fi gaafii dhihaataniif deebiin kan kenname yoo tahu mayyirrattis Bulchaa Bulchiinsa Aanichaa Obbo Bakrii Abdullahii kallattii fuula duraa kaa,uun xumurame.

Photos from Abaadir Abdii's post 17/05/2023

💢𝐇𝐚𝐫𝐚𝐫𝐠𝐞𝐞 𝐁𝐚𝐡𝐚𝐚
💢𝐀𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐆𝐮𝐫𝐬𝐮𝐦

🧿Koreen Piroojaktii I/A Bulchaan Durfamtu Ijaarsa Piroojaktii Keellaa Fayyaa Dhaloota 2ffaa Dabballee fi Bishaan Dhugaatii Araddaa Odaa Saantallaa Daawwate.



🧿God/Har/Bahaa Aanaa Gursumitti Koree Piroojaktii I/A Bulchaa Aanichaa Obbo fi I/G Waajjira Maallaqaa Aanichaa Obbo Durfamu Ijaarsa Piroojaktii Keellaa Fayyaa Dhaloota 2ffaa Dabballee Baajata Mootummaa Aanichaa Qarshii Miiliyoona 2.8oliin Hojjatamaa Jiruu fi Sarara Bishaan Dhugaatii Araddaa Odaa Saantallaa (Ekispansion) Fageenya KM 1.2 tahu Qarshii Kuma 682 oliin Diriirfamaa Jiru Daawwate.

🧿Hojiin Ijaarsa Keellaa Fayyaa kunis IMX Bahar, Hamdii fi Hiriyyoota isaan hojjatamaa kan jiru yemmuu tahu korichiis piroojakticha daawwachuun hanqinaa fi cimina jiru erga adda baasee booda hojiin hafan yeroo gabaabaa keessatti hojjatamee xummuramuun tajaajilaaf banaa akka tahu kallattii kaa'aniiru.

Photos from Abaadir Abdii's post 18/04/2023

💥God/Har/Bahaa Aanaa Gursum Magaalaa Funyaan Biraatti Dargaggoota Waldaan Gurmaa'aniin Hojii Kan Jalqabe Kilinikni Giddu Galeessa Yaalaa Qundhudhoo Ogeessoota Fayyaa Ciccimoo Tahaniin Hojii Raajii Galmeessuun Tajaajila Bilisaa Guyyoota Lamaaf Kennuu Jalqabeera.

💥Haaluma kanaan hawaasa aanichaa hundaaf guyyoota lamaaf Ji'a Ramdaanaa Kabajamaa kana sababeeffachuun



💥bilisaan tajaajila guutuu labrootarii fi wallaanuu maashinoota ammayyaawaa tahaniin ummataf kennuun raajii galmeesseera. Koottaa fayyummaa guutuu qaama keessanii mirkaneeffachuuf harka ijoollee teeysaniin ilaalamaa of baraa jechuudhanis dhaamsa isiniif dabarsaniiru.

💥Tajaajilli bilisaa hawaasaaf guyyaa arraa kennamaa jiruus Bulchaa Bulchiinsa Aanichaa Obbo Bakrii Abdullaahin daawwatamuun jajjabeessaniiru.

💥Dargaggoonni quuqamaa fi aantummaa akkanaa qabaachuun hawaasa osoo hin baratin isin barsiise tajaajiluuf qophaa'ummaa akkanaa qabaachuu keessaniif hedduu galatoomaa maqaa koo fi hawaasa aanichaan galatoomaa jechuun Obbo Bakriin galatoomfataniiru.

💥Hawaasa Osoo Hin Baratin Nu Barsiise Tajaajaluuf Halkanii fi Guyyaa Qophoofneera.

.

31/03/2023

Baga kenya taate dhuga rabbi bara bulchinsa keetin dura namni oromo tahe hunduu oromoon akkamitti akka laalama ture namuu ni beeku haa tahu garuu ati kabaja nutti horteeti mata ol nu qabachiifte akkasuma oromoo jechuun mal akka tahe addunyattuu agarsiiste alaga maqa kenya balleysa ture ati jaalalatti geeddarte jibba dhabamsiifte jaalalan mohuu nu barsiifte ani wa'ee kee kitaaban yoo taate male tola oromiyatti olte heme fixuu hin danda'uu saniifuu ati

!
= = = = = = = = = = = =
Obsaaf garraamummaa keef paasterii siin jedhanii si xiqqeessuuf yaalaniiru, gara jabeessa duguuggaa sanyii geggeessu jedhaniis si waamaniiru. Ati garuu gaarummaa yaadduuf tokkummaa fi obbolummaa saboota biyya kanaa jabeessuu hojiin ati waggoottan shanan darban kanatti hojjatte nu boonseera.

Gadi jettee wanjoo garbummaa saboota biyya kanaa irraa cabsuun obbolummaa dhugaa fi wal qixxumma sirrii lafa qabsiifteetta! Si waliin ta'uu keenyatti miira sabboonummaa dhugaatu nutti dhaga'ama! Biiftuun bilisummaa karaakeetiin biyya kanaaf baate deebitee hin dhaamtu!

Tokkummaan gara badhaadhinaa!

Photos from Abaadir Abdii's post 07/02/2023

.

Go/Ha/Bahaa Aanaa Gursum Zoonii Funyaan Hubatti Taphni Michooma wal morkii Kilaboota kubbaa miilaa Araddootaa giddutti
geggeeffamaa jiru Akkuma itti fuufetti jira

Bu,uruma kanaan Guyyaa har'aa kana garee kubbaa miilaa magaalaa
fi giddutti gaggeeffamee tureen gareen kubbaa miilaa magala Awbaree 4 fi 1 takkani gooro sayyo injifataniruu
4 1
Ispoortiin Jaalala.
Ispoortiin fayyaadha.
Ispoortiin Nageeya.

06/02/2023

"Warri ol'aantummaa bare Walqixxummaa akka gabrummatti fudhatu"

Sooreessa .
Rabbi jannataan haa qananiisu!

Photos from Abaadir Abdii's post 05/02/2023

Faawundeeshinii Sheek Adam Tuulaaf uummanni Musliimaa hundi gahee isaa bahuu qaba jedhan -Hajii Muftii Ibraahiim Tufaa

Piraayim Miidiyaa (Finfinnee)_Haji Muftiin kana kan jedhan yaadannoo Faawundeeshinii Sheek Adam Tuulaaf sagantaa sassaabbii galii Magaalaa Hararitti taasiifame irratti.

Sagantaa galii sassabii har'a Isteediyoomii Imaamuu Amaditti taasiifamee jira.

Pireezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa waliigalaa Itiyoophiyaa Hajii Muftii Ibraahim Tufaa Faawundeeshiniin kun yaadannoo abbaa diinaa keenya Sheek Adam Tuulaa yoo ta'u bu'uura beekumsa isaan kaa'anii darban karaa ammayyaan babalisuuf ta'uu hubatanii gahee keessan bahuu qabdu jedhan.

Kaayyoo kanas ta'ee waan yaadne hunda galmaan gahuuf hundi keenya waardiyyaa nageenyaa ta'uu qabna jachuunis dhaaman.

Namoota sababa waraanaan buqqa'anis qe'eetti deebisuun nurraa eegama jedhan.

Pireezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii gama isaaniin Magaalaan Harar Magaalaa jaalalaa fi waldanda'uu ta'uu ibsanii Faawundeeshinii kana galmaan gahuuf Mootummaan Naannoo Hararii deeggarsa barbaachisaa ni taasisa jedhaniiru.

Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dhawaas Faawundeeshinii kana deeggaruuf qophii ta'uu kantiibaan Kadiir Jawaar ibsaniiru.

Galii karaa Faawundeeshinii kanaan argamun Yuunivarsiitii barnoota Islaamaa fi afaanotaa garagaraa barsiisuu ijaaruu dabalatee ,hojiiwwan tola ooltummaa hedduu kan hojjatamu ta'u ibsameera.

Natsaanet Jamaal

29/01/2023

👉Gocha Finxaaleyyii.
Nama Cimaa gahumsa qaba jedhamee yaaddamu keessaa Taakkalaa Uumaa Angafa.Uummanni keenya hedduun inni Biyya biroo deemuu isaarrayyuu Hoggansaan gara Oromiyaa dhufa jedhamee tilmaamamaa ture.Haata'umalee gidduu kana gara Ameerikaa deemuun isaa ni yaadatama.Achittis bakka buutotni finxaaleyyii Amaaraa Takkee salphisuuf gochi godhan soshaal midiyaarra oofamaa jira.
Ta'uus saroonni leencatti ni dutti malee itti hin siqxu.Taakkee irrattis kanuma argine.Sitti hin dhagahamiin ati yoomuu goota jennaan.Kun jibba jarri Oromoorraa qabdu agarsiisa.
Olmaa gaarii

Photos from Abaadir Abdii's post 28/01/2023

Shaakalli Qindaa'aa loltummaa har'a Awaash Aarbaatti ilaalle Itiyoophiyaan humna waraana hambisu ijaaruu mul'isa jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Photos from Abaadir Abdii's post 28/01/2023

Amajjii 20/5/2015
Tapha kubbaa miilaa Awubaaree fi magaalaa funyaan hujubaa jidduutti gaggeeffamaa turee magaalaa funyaan hujubaa 3 - 0 Awubarree golabamee jirraa
Jabaadhaa ful durratti deema sadarkaa Aanaati of qopheessuu qabdan.

26/01/2023

Finxaalessuummaa inaaffaa, sodaa fi jibbiinsa irraa madde

Photos from Abaadir Abdii's post 25/01/2023

Gamaaggama Raawwii Hojii Kominikeeshinii Kurmaana 2ffaa



Waajjirri Kominkeeshinii Godina Harargee Bahaa caasaa isaa sadarkaa Aanaalee fi Magaalota wajjiin raawwii hojii kurmaana 2ffaa bara 2015 magaalaa Hararitti qorachaa jira.
Hojiilee hojjatamaa turan keessatti hanqinoota mul'atan adda baasuun ciminoota jiran itti fufsiisudhaan fayyadamummaa ummataa sadarkaa hundatti mirkaneessudhaaf kallattiin hojii kurmaana itti aanuu hoggansa waajjirichaatin ni kaa'ama.

10/09/2022

⭐Erga Bagaa Geessanii I/G Waajjira Bul/fi Nageenya Aanaa Gursum Obbo irra dabre.

⭐I/G Waajjira Bul/fi Nageenya Aanaa Gursum Obbo 𝐀𝐛𝐝𝐢𝐢 𝐀𝐛𝐫𝐚𝐚𝐡𝐢𝐦 Bara Haaraa 2015 sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniin Ummattoonni biyya keenyaa hundi Ganna bacaqii baatanii Booqaa Birraa fi bara haaraa 2015 baga nagaan geessan jedhaniiru.

⭐Biyyi keenya bara darbe kana keessatti Qormaatawwan hedduu keessaa fi alaan ishee quunnamaa turan hunda obsaa fi xiiqiin dandamattee gara injiifannootti jijjiiruun gara bara 2015tti nagaan yeroo ceetu gammachuun keenya dachaadha jedhan.

⭐Humni tokkummaa obbolummaa fi daaandii Ida'amuutti hin amanne kiyyoo qopheessee aggaammii diigumsaa biyyaa fi sirna irratti taasisuuf yaalus hooggansa jijjiiramaa fi Tokkummaa Lammiilee isheetiin kaayyoon isaanii fashalaa'aa kan dhufeedha.

⭐Nagaa fi tasgabbii biyyaa dhabamsiisuun jireenyi uummata keenyaa akka jeeqamuuf Gochaa fi akeekni shororkeessitootaa fi finxaaleyyiin raawwatamaa ture ulfaataa ta'us qindoomina Hooggansa siyaasaa, Qaamolee Nageenyaa fi uummata bal'aan gochi isaanii saaxilamuun injiifatamuu dandahaniiru jedhan.

⭐Har'as humni olaantummaa bare TPLF Lammiilee biyyattii cunqursuun saamichaa fi hanna garaa garaa geggeessaa turee qabsoon aangoo irraa erga geggeeffamee Waamicha nagaa fi araaraa Mootummaan taasise cinatti dhiisuun barruu nagaaf diriire waaraanuu eegale yeroo xumuraatiif Uummanni biyya keenyaa kaayyoo fi karoora murna kanaa hubachuun Mootummaa Jijjiiramaa cina hiriiruun Gootota Raayyaa Ittisa biyyaa humna, maallaqaa fi qabeenya keenyaan cina dhaabbachuun Umurii jireenya shororkeessitootaa akka gabaabsaniif tumsuu qabna jedhan.

⭐Uummanni keenya Ayyaana bara haaraa kanaa wayita kabajjan Qormaatawwanii fi Rakkoowwan gama Siyaasaa, Dinagdee, hawaaasummaa fi dippilomaasiin bara 2014 keessa nu mudatan yaadachuun bara 2015 kana keessatti Injiifannoo dachaa kallattii maraan galmeessuuf tokkummaa yaadaa fi gochaan wal cina dhaabbachu qabna

Photos from Abaadir Abdii's post 10/09/2022

Shimallis Abdiisaa waa'ee Perezidaantii Naannoo Oromiyaa
jalqabaa akkas jedha.
Hasan Alii: Konkolaataa ittin deemu hin qabu.Teessoo irra
ta'uu hin qabu.Biiroo hin qabu.bajata hin qabu.woraana
ijraame hin qabu.haala raakkisaa sana keessatti,diina dura dhaabbate Oromiyaa ijaaree deeme.har'a garuu oromiyaan bajata biliyoona 158'n socho'aa jirti.

Photos from Abaadir Abdii's post 17/08/2022

🎆 Rawwii Hojii Waliigalaa Bara 2014 fi Kallattii Karoora 2015 Akkasumas Oranteeshinni Raabsa Qoricha Hoqxoo Kennamaa jiru akkuma itti fuufetti jira

🗒️ Hagayya 11/2014
🎆 Mariin Guyyaa lammaffaa akkuma itti fuufetti jira

Go/Ha/Bahaa Aanaa Gursumitti Adeemsa Rawwii hojii Bara Dabree fi kallattii Karoora 2015 Akkasumaas Oranteeshinni Raabsa Qoricha Hoqxoo Ogeyyii fayyaa fi Exteeshinoota fayyaaf kennamaa jira.

I/G waajjira Egumsa Fayyaa Aanichaa Obbo Haasawa Baniinsaa taasisaniin Bara dabre Ciminni mullate akkuma jirutti tahee hanqinoota rawwii hojii kessatti nu mudatan irraa barannee Bara haarawa Senne kana hanqina tokkoo ala rawwii hojii olaanaa fakkenyummaa godina keenyaa kan mullisu argamsiisuu Akka qabanii fi Hojii ijoo kennaa tajaajilaa kan tahe Raabsa qoricha Hoqxoo irratti hubannoon ogeeyyin qaban akkuma jirutti tahee hubannoo dabalataa kennamaa jiru sirritti hordofuun jijjirama mullata qabu galmessuu akka qaban Obbo Abdiin dhaamaniiru.

mariin geggeffamaa jirus akkuma itti fuufetti jira

Photos from Abaadir Abdii's post 15/08/2022

🌼Harargee bahaa
🌼Aanaa Gursum

📌Hagayya,9/2014.
🔕Rayyaan buufata Fayyaa Fu/hujuba tola oltummaan hojii eebbifamadha jecha jiruu

💥Qorannaa hojii tajaajila lammummaa rayyaa buufata F/hujubaa fi dargaggootaa araddaa goro sayyo

♨️Godina harargee bahaa aanaa gursum rayyaa buufata Fayyaa Fu/hujubaati fi hojjattoota ekisteshini keella fayyaa goro sayyo, akkasumas dargaggootaa aradda goro sayo waliin ta'uun tajaajila lammummaa kanneen Akkaa
1, Moora keella Fayyaa qulquleysuu
2,Man-duubbee kudura fi kudura qopheysuu
3,Boolla biqiltu qopheysu
4,Miidhagina keella fayyaatif qalama bitani keella Haaromsa olani
Itti dabaluunis hogganaan buufata fayyaa fu /hujuba Obbo Abdii yuusufe tola oltummaan kan hunda keenyaati waan ta'eef xiqqaa fi guddaa oso hin janne akka walbira dhaabbanuun ergaa dabarsu barbaada

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Harer?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address

Harer
Other Bloggers in Harer (show all)
Bilisummaa Olaanaa Tarreessa Bilisummaa Olaanaa Tarreessa
Harer

We need freedom

Waajjira Bulchinsa Aanaa Qumbii Waajjira Bulchinsa Aanaa Qumbii
Oromia, Itoophiyaa
Harer, 04

Bu'urri Jireenyaa Nageenyaa Fi Jaalala! Hojjannee Of Jijjiiruu Fi Ummata Jijjiiruuf Kutannoon Hojjanna!

Fugug talent Fugug talent
Harer, 1234

Fugug talent

Arefat Abdisha Arefat Abdisha
8442+5RM Gelmeshira Condominium, Gelmeshra
Harer, 1578

Obsa qabaadhu. Wanti hundi jalqaba irratti ni ulfaata.🥰😍🥰😍🤩💖

Jechoota Hayyoota Jechoota Hayyoota
Harer

jechoota kaka'umsa

Waaqoo Bareentoo Waaqoo Bareentoo
Eto, Oromia
Harer, 1221

oromiyaa ni ijaarra

Mesfintour Mesfintour
Harer, 33

Image of Ethiopia