Arefat Abdisha

Arefat Abdisha

Obsa qabaadhu. Wanti hundi jalqaba irratti ni ulfaata.🥰😍🥰😍🤩💖

29/09/2023

Naa dhaqqabsiisaa ❗

Osoonni siif boohuu
Imimmaan lolaasee
Quufuma akkamiitu
Irraa adda si baasee?

Mee of madaalimee
Balleessaa kee kana
Karaa cubbuu demnaan
Durri kee dukkana!

Jaalala onneerraa
Isa nagaa dhoowwu
Karaa wallaalchisee
Kophaa taa'ee oo'u
Siif qabaam galoonkee
Maaltaate naanaatii
Maaluma siin jedhuu
Namumaa amma ati?

Yoo waaqa sodaatte
Isa uumaa keetii
Dhiifama gaafadhu
Deebi'i galootti.

24/09/2023

💚💚💚💚💚💚💚💚Today Best Photos🎁
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️ ❤️❤️
❤💚❤❤💚❤💚❤💚❤
🕌🕌🕋🕋🕌🕌🕋🕋🕌










Actres # jamilanagudu with and also known as in movie📽📺👈

15/09/2023

HARMEE... HARMEE
*******************
Siif himuu dhugaa kee
Takka takkaan katabee
Atuu anumaaf jecha
Lafeen kee si cabee

Garaachi garaa kee
Yaaddodhan madaa'ee
Dafqii dhiigaan makaa
Qaamarraan si yaa'ee

Har'a na nyaachiftee
Isa boruuf yaaddaa
Lagaaf Tabba ceetee
Nyaata koo barbaaddaa

Utuu dhiigni kan kee
Lafa yaa'u jigee
Lafee qaamaa keetii
Ba'aan addaan diigee

Harmi kee silga na obaasee
Naaf gumaachee dhiiga kee
Kan koo gammachiisuuf jecha
Gaddaan guutte miira kee

Ayyoo too yaa Tiruutoo
Maal siin haa jedhu laata
Dugdi kee hin boqannee
Barumaan ba'aa baata

Nuuf dheeressi rabbii
Umrii haadha teenyaa
Tan waan hundaa caaltu
Haati ofii Qabeenyaa
Sher godhii kan harmee
Kee jalatuu Arefat Abdisha

13/09/2023

SEENAA GARAA NAMA NYAATU

Biyya tokko keessa jaarsa umriin isaa waggaa 75 tokkotu ture guyyaa tokko dhukkubsatee gara mana yaalaa deeme sa'aatii24 erga oksijinii fudhatee booda manni yaalaa doolaara 500 isa gaafatan jaarsi kun garmalee gaddee boo'e ogeessi yaalaa waan kaffalu waan dhabe waan isatti fakkaateef maaliif boossa? Waan kaffalttu hin qabduu? Jedhee isa gaafate innis deebisee lakki yoo barbaadde caallaa siif kaffaluu nan dandaa ana garuu kan na boochise waggaa 75 guutuu qilleensa tola itti fayyadamaa turetuu sa'aatii 24 keessatti doolaara 500 na gaafachuu keeti osoo waaqayyo qilleensa ani sombakootti fudhadhu hundumaaf na kaffalchiisa ta'ee waggaa 75 guutuu maalan kaffala ture jedhe .

Mee waaqayyo isa tola si jiiraachisuun atis galatoomi 🙏🙏🙏🙏🙏 waqayyoo jedhii

08/09/2023

QALBEEFFADHU!
••••••••••π••••••••••
-Gorsa namaa hin tuffatin iddoo itti si
gargaaru qaba.
-Hiyyeessa hin tuffatin bor isatu nama ta'a.
-Lolaaf hin ariifatin miidhamuu dandeessa.
-Nama hamaa kee odeessu hin jibbin bor
isumatu gaarummaa kee haasa'aa.
-Kan koo qoftii haa caalu hin jedhin
dhaggeeffataa dhabdaa.
-Seenaa hin dagatin dhaloota dhufuuf
dabarsitaa.
-Beeka jettee hin taa'iin waan ati hin beekne
baay'eetu jira.
-Balleessuuf hin fiigin kan si balleessutti
baata.
-Biyya keetti namatti hin booniin biyya
ormaa deemuu dandeessa
-Mattaa'a hin nyaatiin imimmaan
hiyyeessaa si balleessaa.
-Abdii hin kutatiin bor siif darbaa.
-Jal'aa namatti hin yaadiin jal'aa taatee
haftaa.
-Hojii hin tuffattiin hiyyoomtee haftaa.
-Qabeenyaan hin booniin bor ni dhumtii.
-Wanta haaraa ilaaluuf hin kaatin waan
haaraa uumuuf kaadhu.
-Namni ati jaallattu yoo dugda sitti gate
ariifattee hamaa isaa hin haasa'iin walitti
yoo deebitan gaabbitaa.
-Waan si jalaa calliseef na jibbe hin jedhiin
tarii haalli inni keessa jiru gaarii miti.isheenis akkasuma!

02/09/2023

Toti Abdi 🥰

01/09/2023

💛💛💛💛💛💛💛💛💛💛
"Hundarran galateeffadha"
-----------------------------------------
Karaan ati anaaf deemtu
Micireef qoraattiin guute
Ba'aan ati anaaf baattu
Harkeef dugda si guute
Nan beeka hin wallaalu
Daartee daara na baafte
Nan beeka hin wallaalu
Beeloftee beela na baafte
Dheebottees dheebuu na baafte
Nan beeka hin wallaalu
Kuftee lafaa na kaafte
Nan beeka hin wallaalu
Anaaf jettee bifakee buufte
Naaf jiraadhu kumaa kitila
Waaqatti aanseen si jajadha
Bara quufii naaf jiraadhu
Onnee koorraan si jaaladha
Isaa asitti galatoomi harme
Itti aanseen siin galateeffadha
Waaqa! Isa si naaf ana siif kenne
Hundumarran galateeffadha...

30/08/2023

Namichaa fi simbirroo
Namichatu simbira bareedduu tokko harkaan qabee ajjeesuuf osoo jedhuu, du`uu isheetiin dura ergaa xumuraa akka dabarfattuuf kadhatte. Ergaa sadiin siif dabarsa bara jireenya kee hundaatti isaan si fayyadu jetteen.
1ffaa, “Waan si harka jiru hin gadhiisin”; 2ffaa, “Waan darbetti hin gaabbin” jetteetu sadaffaa utuu hin dubbatin callistee turte.
Namichis maaloo ergaa kee isa sadaffaas natti himikaa jedheen. Ergaan koo inni 3ffaan waan bay`ee ulfaataa fi jireenya kee keessatti baay`ee si barbaachisudha. Isa kanan sitti himu garuu yoo gad na lakkifte qofaadha jetteen. Namichis gad ishee lakkise. Isheenis barristee erga mukarra qubattee booddee ergaa koo isa 3ffaa sitti himuu kootiin dura jalqaba irratti maalin siin jedhee jetteen.
Innis, “Waan si harka jiru hin gadhiisin” naan jette jedheen. “Waan ajajamte rawwatteeree?” jetteen. “Lakki” jedheen. Osoo kana hojii irra oolchite ta`ee garaa koo keessa warqeetu jira ture, gadi na lakkisuu keetiin qabeenya si qofa osoo hin taane ijoollee kee illee jiraachisuu danda`u dhabde jetteen.
“Ergaan inni 2ffaan maal jedha ture?”jetteen. Innis, “Waan darbetti hin gaabbin” kan jedhudha jedheen. Isheenis deebistee, "Ergaan 3ffaanis isuma 2ffaa kanadha. Isuma irra deebi`ii raawwadhu" jetteen jedhama.
Ajaja 1ffaa fi 2ffaa osoo hojiitti hin hiikin ammas ajaja 3ffaa dhaga`uuf kalafata. Osoo ajajuma 1ffaa sana hubatee raawwate ta`ee isaaf wayya ture; ajaja hundumaa dhaga`ee tokkoyyuu osoo hin raawwatin hafuu isaarra.

28/08/2023

Dubartiin waan #4 siif taati, garuu bakka nama 13 siif buuti!
1. Dubartiin Haadha
2. Dubartiin Obboleettiidha
3. Dubartiin haadha manaati
4. Dubartiin ilmoo keeti.
Tokkittiin ishee garuu bakka nama 13 siif buuti.
1. Yeroo si gorsitu abbaa fakkaatti
2. Yeroo siif boochu haadha fakkaatti
3. Yeroo siif rifattu obboleettii fakkaatti
4. Yeroo siif tumsitu obboleessa fakkaatti
5. Yeroo mana bareechitu ifaa manaa fakkaatti.
6. Yeroo mana keessa dhaabattu utubaa manaa fakkaatti
7. Yeroo alaa dubbattu ollaa fakkaatti
8. Yeroo siif ergamtu ilmoo kee fakkaatti
9. Yeroo si Bashannansiiftu hiriyaa kee fakkaatti
10. Yeroo si qaqqabattu Doktora fakkaatti
11. Yeroo si waliin raftu haadha manaa kee fakkaatti
12. Yeroo Ilmaan siif deessu gosa siif taati
13. Yeroo ija keessa si ilaaltu daawwitii siif taati.
🥰🥰🥰

27/08/2023

SEENAA GARAA NAMA NYAATU!

Jaalalleewwan lama kan baay'ee wal jaallatantu wal arguuf kaaffee tokkotti wal beellaman.Wal arganiis erga xiqqoo taphatanii booda, jaalalleen ishee kun isheedhaaf kennaa haguugamaa tokko kenneefi. Isheenis kennaa sana bantee yeroo ilaaltu 'Ashaangulliitiidha'.Fuulli ishee jijjiiramee baay'ee aartees ashaangulliiticha darbattee gatte. Innis xiqqoo aaruun,suuta jedhee maaliif darbattee gatte jedhee ishee gaafate.isheenis aarii finiinsaa,ani daa'imadha na seetemoo jettee isatti dheekkamte.isa loltee itti waccite.

Yeroo kana gurbaan kun aaruudhaan ashaangulliitii isheen darbattee gatte sana lafaa kaasuun fuuldura ishee kaa'ee dhiisee deeme.Haala nama gaddisiisuun deemee xiqqoo utuu hin fagaatin battala inni daandii qaxxaamuruuf jedhutti balaa konkolaataan lubbuun isaa dabarte. Yeroo awwaalcha isaas intalittiin ashaangulliitii sana qabattee boossi turte.Utuma boossuus hiriyaa ishee sababa ashaangulliitii sanaaf dhabuu ishee yeroo yaadattu ashaangulliiticha walitti qabdee yeroo cafallaqxu ashaangulliitittiin sagalee 'will you marry me?' (natti heerumtaa) jedhu dhageessiste. Intalittiin yeroo sana of to'achuu dadhabdee lafa dhooftee
gangalachuun bo'aa ashaangulliiticha gaafa darbattu ammas,qubeelaa lamaafi barreefamni xiqqoon tokko keessaa bu'e.Barreefamichis akkas kan jedhu ture."Jireenyi waan harkakee keessa jirudha.erga si harkaa fudhatamee deebitee hawwuun dura, yoom illee taanaan waan of harkaa qabdu jaalladhu" jedha ture.waan hundaafuu ariifatuun gaarii miti!

25/08/2023

YAA WAA SADI KANAA! Maddi 🌹🌹👌👌
----------------------------------
1.waa sadii ifa waa sadii immoo dukkana
-Guyyaan ifa halkaan dukkana
-Barumsi ifa wallalli dukkana
Bilisumman ifa gabrummaan dukkana
2 waa sadii qabaadhu
-Amantummaa
-Dhugaa
-Ququllumaa
3 Addunyaan waa sadii qabdii
-Dhalachuu
-Barachuu
-Du’uu
4 waa sadii dabaladhu
-Beekumsa
-Eebba manguddoo
-Jaalala
5 Jaarsummaan waa sadii
-Obsuu
-Gorsuu
-Dhoksuudha
6 Dubbii nama sadii waa sadiin fixan
-Dubbii hayyuu ykn beekaa ibsuudhaan fixan
-Dubbii gowwaa dhoksuudhaan fixan
-Dubbii lugnaa ykn dabooroo sodaachisuudhan fixan
7 Yaa lubbuu waa sadiif ta’ii
-Dandeenyaan biyyaaf ta’i
-Dadhabnaan sabaaf ykn lammiif ta’i
-Dadhabnaan ofiif ta’i ta’uu baannaan badi
8 Ilmi waa sadii dha
-Kan ofiif jiraatu
-Kan biyyaaf jiraatu
-Kan biyyaan jiraatudha haa ta’uutii ilmi kan biyyaaf jiraatutu caala\filatama
9 Gurri bakka sadii qawwa
– Gurra gurratii qawwa kan waa tokkollee hin qalbeeffanne kan waan itti himaan hin dhageenye
– Gurra gurratii qawwa kan dantaa ofii qofaa dhaggeeffatu waan garaa isaa qofa kan caqasu
– Gurra qalbiitti qawwa kan qalbeeffatu kan hundaa caqasee kan gaarii ta’e fudhatu kan gaarii hin ta’e immoo gatu jeechuudha
10 Waa sadii hin dagatiin
– Kaayyoo kee
– Afaan kee
– Aadaa kee
11 Waa sadii jaaladhu
– Ebba
– Jaalala
– Gootummaa
12 Waa sadii kabaji
– Amantii kee
– Manguddoo
– Beellama
13/ Waa sadi cimsi
– Hiriyummaa
– Jaalala
– Waadaa seente
14/ Waa sadii hawwuun gaariidha
-Fayyaa
– Gammachuu
– Hiriyaa gaarii
15/ Oromoon waa sadii balaaleffata
– Namaa dhugaa dabsuu
– Ilmaa abbaa arrabsuu
– Afaan biyyaa nagaati waraana labsu
16/ Dubartiin waa sadii namaaf taati
– Namaa deessi Haadha namaaf taati
– Namaa wajjin dhalatti Obboleetti namaaf taati
– Namaatti heerumti haadha warraa ykn niitii namaaf taati
17/ Waa sadi nama xiqqeessa
– Sobuu
– Hatuu
– Machaa’uu
18/ Waa sadii itti fayyadamii
– Qarshii
– Yeroo
– Beekumsa. 🥰😍💫

18/08/2023

♨️✨❤💛❤✨♨️

18/08/2023

My favorite photo💥🤝

16/08/2023

Duniya Ahmed 🥰💛

14/08/2023

🥰🥰

12/08/2023

🥰💛

10/08/2023

🥰😍

Photos from Arefat Abdisha's post 10/08/2023

💚💛💙

09/08/2023

🧡💛

09/08/2023

Seenaa Jaalalaa imimmaan ijarra haqachaa irraa barattan.
😢😢😢😢😢😢💔
Dargaggoota lamatu guyyaatii gara guyyaatti yerootii gara yerootti bilbilaan turtii isaanii walii gabaasaa jaalala waliif qaban waliif ibsu turan, Guyyaa tokkoof walitti gaddina, wal dhabnaa mitiitii biyya lafaa irratti dogoggorri uumamee jirayyuu yaadanii hin beekan. Gaaf tokko jaalallee isheetiif miiseejjii erginaan utuu hin deebisiniif ture. Ammas irra deddeebiidhaan miisejjiifi bilbilaan yaaltus homaa argachuu hin dandeenye. Guyyaan sun utuu wal hin dubbisin waan darbeef rakkoo maaliitu uumame jettee baayyee yaadda'aa bulte. Alkan lammataas ammam akka isa jaallattu yaaduutti irriba lagatte.

Guyyaa sadaffaatti bilbilli ishee bilbilamnaan fiigichaan gaafa achi geessu bilbila jaalallee isheetii Kaaste.

🧍Isa : Hello

🧍🏼‍♀️Ishee Sagaleekee dhaga'uukootti baayyeen gammade, Maal taatee badde?

🧍Isa: Dhiifama nan ... nan ko'oommadhee!

🧍🏼‍♀️Ishee: Deebii dhabdee callisuu filatte.

🧍Isa: kana booda wajjin itti fufuu akka hin dandeenyeefi jireenya dhuunfaashee itti fufuu akka dandeessu itti hime

🧍🏼‍♀️Ishee: imimmaan lakkuu buusaa abdiinshee tokkichi isa akka tureefi akka itti dukkanaa'e himte.

🧍Isa : utuu oomaa hin deebisiniif xonnoo tureetu nagaan turi jedhee bilbila cufe.

🧍🏼‍♀️Ishee : bilbila deebistee yaalte, kaasuu dide, ergaa barreeffamaa keesseef deebisuu dide.

Booda keessa barreeffama barreessitee kutaa ciisischaashee keessa keessee deemte.

Bilbilli gurbaa kutaa ciisichaa keessaatii inuma iyya oomaa namni kaasu hin turre. Walitti fufiinsaan sa'a dheeraadhaaf irra deddeebiidhaan waamu nuffeetu bilbila haaraa tokko gaafa kaasee awwaatu haadha isheedha.

🙍🏻‍♀️Haadha: mucaankoo si bira akka dhufaa jirtu barreeffama kutaa ciisichaashee keessa keessen arge, utuu si bira hin ga'in balaan konkolaataa akka ishee mudatee hospitaala seente sitti himuufan siif bilbile

🧍Isa: kallattiimaan bakka jedhametti argamee siree isheen irra ciisaa jirtu irratti kufee carraa tokkittii naaf kennii kottu jireenyatti deebi'i gaafa inni jedhu.

Sagalee jaalalleesheetii dhageessee humna walitti corattee ciniinnattee ija ishee saaqqattee "MAALIF AKKAS GOOTE?" jette.

Isa: ani dhukkuba onneetiin qabamee akkan jiruufi turtii guyyoota muraasaa qofa akkan qabu ogessi fayyaa natti himamnaan guyyaan itti du'u of irratti eegaa waanan jiruuf siinis baayyee waanan jaalladhuuf gaa'elakee jeequurra jedheeniim bareedduukoo.

🧍🏼‍♀️Ishee: hafuura dhumaa baafattee obbaafatte.

🧍Isa : du'uushee gaafa baru dhukkubni onneesaa itti ka'ee siree isheen irratti duute irratti innis du'e...

Ilaa obbolootni jaalala keessa jirtanis ta'e warri bultii hundeeffattaniif dhaamsa tokkon qaba, yaada wal dhokfachuun, iccitii isin walitti hin himne jiraachuun, waliif yaaduu utuu hin taane wal miidhuudha wal jibbuudha. Yoon itti hime na dhiisa ykn na dhiisti jettanii yaada wal dhoksuun haala isin hin eegneen wal dhabuu ykn wal dhabamsiisuu fiduu mala waan ta'eef addunyaa jaalalaa keessatti qabxiiwwan kana yaadadhaa!
1. Obsaan wal dhaggeeffachuu
2. Iftoominaan miira walii ibsachuufi wal hubachuu
3. Waliif dhiisuufi waliin furmaata barbaaduun wal mararfachuu.
4. Yaadni ati isa ykn ishee dhoksitee biyya lafaarraatii barakee goolabdu akka hin jirre beekiitii yeroo gaarii wayii qopheessiitii bakka tasgaba'aatti waanta eenyuuttiiyyuu hin haasfne jaalalleekee haasofsiisi mariisisi!

Jaalalli :

'AADHA




Wal haa mararruu jechuun jaalladhe!
via Elias
Yoo sinitti tole 'share' godha!

06/08/2023

🔥🔥💋🔥🔥

05/08/2023

Jajjabeessituu jiruu
Hirkoo gaafa hundaa
Fakkaattiin kee hin jiruu
Galanni kee guddaa

Himamee hin dhumuu
Osoon siif tarreessee
Qalama ol kaasee
Osoon siif barreessee

Oolmaa keettu cimaa
Hunda waa'ee kee himaa

Duuba kootiin dhabamtu
Foon koottu sirraa citee
Jaalala ati naaf qabdu
Sirrittan beeka fixee!

Rakkina koo hunda
Ati naaf dandeessee
Si qabaafan jiraa
Naaf jiraadhu deessee

Si keessattan of ilaalaa
Madaa koos situ yaalaa
Hunda dandeessuu koo
Gita hin qabdu

05/08/2023

Dhugaa dubbatte wantti ati dhabdu yoo

Jiraate hiriyoota sobaan siin marsani

(Jiraatan qofa)
Ilma namaatiif jatte ilma nama hin miidhin

Lachuu ilmaanuma namaati!!!!!!!!
"Yeroo hunda haqina nama qofa laalu oso hin taane
Hanqina keetis laali"


Fixadhe ✌💯💫

Photos from Arefat Abdisha's post 03/08/2023

i dont react but trust me
i notice everything. 🤍

01/08/2023

Mee Du’aa’iin Siif Godhaa Harka Kee Ol Qabii Aamiin ja'ii
☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆
Bismillaahi Asslaatu Wassalaamu Alaa Rasuulillaahi Sallallaahu Aleeyhi Wasallam

Rabbiin Guddaan Balbala Sharrii Hunda Isinirraa Haa Cufu
Balbala Kheeyrii Hunda isii Rabbi isiniif Haa Banu
kheeyrii Addunyaa fii Aakhiraa walitti Isiniif Haa qabu
Waan Isin Jalaa fagaatte Hunda Isiniif Haa dhiheeysu
Waan isinitti jabaatte hunda isiniif haa laaffisu
Waan Isin jalaa badde Hunda Rabbi Isiniif Haa Mullisuu

Hamtuu Teessan Hunda toltutti Isiniif Haa jijjiiru
Waan dhooysitanii balleessitan Rabbi Isiniif haa araaramu
Eeybii Teessan hunda rabbi Isin haa sattaru
Yaadaa fii Muraada Keessan Hunda rabbi isiniif haa guutu
Addunyatti Jiruu Gaarii Aakhiratti Jannataan Isin Haa Badhaasu

Kan hin fuudhin rabbi jaartii gaarii Haa kennuuf
Tan Hin Heerumin Rabbiin jaarsa gaarii Isiif haa kennu
Warra ilmoo dhabe ilmaaniin isaan Haa Gammachiisu
Warra dhale ilmaan isaanii rabbi Haa Qaceelchuuf
Haadhaaf abbaa Keenya rabbi Umrii isaan Haa Dheereessu
Warra du’e hunda rabbi Rahmata haa godhuuf
Jannata isaatiin Rabbi isaan Haa gammachiisu

Rabbi waan Isa kadhanne Hunda Nuuf Haa qeebalu
Tan Nuti irrisne Rabbi itti nuuf haa guutu

Bihaqqi Subahaana Rabbika, Rabbil Izzati Ammaa Yasifuun, Wasalaamun Alal Mursaliin, Wal Hamdulillaahi Rabbil Aalamiin.

Du’aa’ii tana eega Aamiin Jettan booda share godh !!

31/07/2023

🥰🥰🥰

26/07/2023

😉😀
AYPhotograpyy

22/07/2023

Galgala arraa, Sa'aa ⏱️ ammaa tanatti hulaa Rizqii hulaa milkii, hulaa gammachuu, hulaa Raahaa, walumaa galatti hulaa kheeyrii tan zalaalamitti Isinirraa hin cufamne Rabbi isiniif haa banu!
Aamiin jachuu hin dagatinaa. Baarakallaahu fiikum!

Marru Abde Aruu Obsa Abdisha 🥰

22/07/2023

Namni tokko yeroo sitti Maramu waan si jaalatu sitti fakkaachuu danda'aa🫠
Garuu diinni kee yeroo si miidhuu barbaadu sitti maramaa Dhaamsa!!*

19/07/2023

WAA AFUR RABBIIN SIIF HAA KENNU !!!
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

1: iimaana Guutuu
2: Rabbi Sodaatuu
3: Qananiin Jiraatuu
4: Umrii Dheeratuu

• Waa Afur Rabbi Siif Haa laaffisuu

1: Kheeyrii Hojjachuu
2: Haraam Eeggachuu
3: Ibaadaa Hojjachuu
4: Diliirraa Toowbachuu

• Nama Waa Afur Qabu Rabbi Si Haa Godhu

1: Jaalala Namaa
2: Khabajaa Namaa
3: Quuqama Sabaa
4: Farra Kijibaa

• Waa Afur Rabbi Si Haa Badhaasu

1: Aalima Saahibuu
2: Haadhaa fii Abbaa Khabajuu
3: Kheeyritti Nama Ajajuu
4: Hamtuurraa Nama Dhoorkuu

• Wantoota Afuran Kana Rabbiin Siif Haa Kennu

1: Balloo Isii Booda Rakkoon Hin Jirre
2: Gammachuu Isii Booda Gaddi Hin Jirre
3: Arkata Isa Booda Dhabni Hin Jirre
4: Jaalala Isa Booda Jibbaan Hin Jirre

• Du’a Afur Rabbi Sirraa Haa Qabuu

1: Haraam Irratti Du’uu
2: Dargaggummaan Du’uu
3: Dingattati Du’uu
4: Konkolaataan Du’uu

• Yaa Rabbii Keenya waan Si kadhanne Hunda Nurraa Qeebali 🤲🏽🤲🏽Aruu queen queenn 📷 AYPhotograpyy

13/07/2023

💎Smile & Say Alhamdulillah, ❤
Your Life Is Better Than Millions.❤

❣Silence And Smile Are Two Powerful Tools,
😁Smile Is The Way To Solve Many Problems And
😑 Silence Is The Way To Avoid Problems 🙏

🌷 🌷👑 AlhamdulillaAruu queen AruObsa Gel
Obsa Gell AYPhotograpyy 📷

29/06/2023

One love One Piece Obsa Gell

22/06/2023

Mee Namni Ija Teetiin bobbaatee galtu
Rabbiif galata galchi godhii
Kan Ammas Halkaniif Guyyaa Adda beeytu

✍️Alhamdu lillaah
✍️Alhamdu lillaah
Galanni Nurraa hin dhumu Ni'imaan
Isaa hedduudha

Marru Show Abde show Jafe Tube

Photos from Arefat Abdisha's post 22/06/2023

Qur'anni furtuu addunyaa lamaaniti
Hordoftoota Hunda keenna Rabbi haafizal Qur'an nu godhee addunyaaf Aakirattis nuhaa badhaasu‼

Marru Abde Jafe Obsa Gel

20/06/2023

MAALIIF DU'U?
Hospitaala tokkotti dhukkubsattoonni siree tokkorratti dhukkubsatanii ciisan guyyaa jimaataa yeroo hunda du'u turan. Namni dhukkubsatee siree sanarra ciise hundi ni du'a ture. Taateen kun hooggantoota hospitaalichaa, ogeesota fayyaa, hojjattota, hawaasa naannichaatti yaaddoo cimaa uumuu eegale. Akkuma barame dhukkubsataan tokko siricharra ciisee wal'aansa fudhachaa ture, inni waa'ee siree kanaa, waa'ee namoonni bakka kanarra ciisan du'uu waan beeku hin qabu. Guyyaan jimaata ammas ga'ee sa'aatii lakkaa'achaa jira. Ofii namni maalif du'u? Du'a sana duuba namatu jiraa? Rabbii? Moo seexana? Gaaffii nama hundaati. Sa'aatiin ga'aa jira.Duuti dhufaa jira, du'a siree filatu. Ogeesonni, namoonni naannoo sanatti dhiyaatanii waan dhufu eegaa jiru. Gariin isaanii macaafa qulqulluu qomatti qabatanii, kaansaanii Du'aa'ii godhaa waan ta'amu ilaalaa jiru. Akkuma sa'aatiin sagal ta'een qulqulleesituun haaraan meeshaa ittiin kuticha qulqulleesitu qabattee oofaa dhufte. Daftee qulqulleesitee gara hojiishee idileetti deebi'uuf jarjarti. Akkuma ol seenteen gara siree sodaachistuu sanaa deemte. Namoonni fooddaarra dhaabbatanii waan dhufu ilaalaa jiru. Akkuma siricha bira geesseen sookkeettii ibsaa maashinii hargansuu sana irraa buqqistee kan meeshaa qulqullinnaashee itti kaa'attee hojishee itti fufte. Dhukkubsataan gargaarsa maashinii malee harganuu hin dandeenye suni hafuuraa cite. Harganuu dadhabe. Isaa du'uuf jedhu ogeesonni fayyaa haalicha ilaalaa turan fiiganii maashinicha bakkatti deebisan. Edaa dhukkubsattoota siree sana irra jiran ajjeesaa kan turte qulqulleesituu kanaadha. Ajjeesuf jettee miti, wallaalummaa irraa kan ka'eedha. "Maalif du'an? " gaaffii jettuif deebiin argame. Waaqa miti, seexanas miti. Nama ture. Nama wallaalaa, akka ajjeesaa jiru kan hin beekne. Qulqulleesituu kutichaa. Wallaalan nama ajjeesa! Kan akka wallaalummaa dhala namaa ajjeese hin jiru. Namni gatii namaa hin beeknetu nama ajjeesa!

Kitaaba Eebbisaa Baay'isaa irraa fudhatame! Marru Jafe Abde showAbde show

Photos from Arefat Abdisha's post 17/06/2023

Umrii tee guutu balaa konkolaata Rabbiin si hin mudin obbalessa kiyya obbaleeti tiyya😭
Jettu malee bira hin darbin🙏 Obsa Gel

17/06/2023

Daqiiqaa 2'f dubbisi!

Abbaa manaa fi haadha manaa baay'ee wal jaallatantu ture. Jalalaanis ta'e waliif amanamuummaan isaaniis guddaa kan nama hawwatu ture. Guyyaa tokko galgala Seexanni jaalala isaaniitti hinaafu gidduu isaanii galuun jaalala isaani akka hin turre godhee walitti isaan naqe ('wal lolchiise' jechuu kooti). Abbaa manaa "siinan jedhaam obboleetti, kana booda ija kee arguu hin barbaadu. kanaaf Meeshaa/qodaa/ manaa kan sitti tole sassaabbadhuuti mana koo gadi dhiisii deemi" jedhe. Haadha manaa "akkamitti obboleetti anaan jettaa? haadha manummaan koo hafee?" Jettee hedduu gadditee. Baay'ee boosses. Ta'us halkan sana abbaan manaa gara gola isaatti darbee rafe. Isheen garuu dhiphachaa turte. Abbaan manaa yeroo rafu nama of hin beekne ture.
Ganama yeroo hirriba isaa irraa dammaqu mana warra ishee keessatti of bare. "eda kanan rafe mana kootti ture. Maaltu as na fidee?" jechuun ishee gaafate. Isheenis "galgala yeroo wal lolle 'Meeshaa/qodaa/ manaa kan sitti tole sassaabbadhuuti mana koo gadi dhiisii deemi' jettee turte. Kanaaf anis waan anatti toluu fi waantin jaalladhu si ture. kanaafan yeroo ati raftu si baadheen si fidadhe." jette.
Abbaan manaas dinqisiifannaa fi gammachuu guddaa dhaan isheetti maramee dhungatee. Akkasis jedhe "dhiifama anaaf godhi dogoggoreen ture. baga kan kiyya taate jedhee adda isheerra dhungate." Horaa bulaa.

Obsa Abdisha🍎 Follow taasisaa!
Yoo isinitti tole ammoo, hiriyoota keessaniif sher taasisaa

Photos from Arefat Abdisha's post 16/06/2023

"Namoonni baay'een addunyaa kana jijjiiruuf ni yaadu. Garuu namni of jijjiiruuf yaadu hin jiru"

_____________
Aruu Abde Jafe Marru Obsa Abiy Habibii

15/06/2023

"Ulamaan Dhaaltuu Anbiyaati,jedhan Rasuulli rabbii Saw!

Muftii Biyyaa Bukhaarii Zamanaa jechuun kan Moggaafame,Shekha kenya hangafa Ulamaa'ii Hundaa Shekh Ahmad Watar, Umrii Isaanii keesa Barakhaa Nuuf haa,khaahu!Namni jaallattu,qofti Duaa'ii Godhiif!🤲‼

MMarru Show AAbde show JJafe TubeOObsa Gel

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Harer?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address


8442+5RM Gelmeshira Condominium, Gelmeshra
Harer
1578
Other Bloggers in Harer (show all)
Bilisummaa Olaanaa Tarreessa Bilisummaa Olaanaa Tarreessa
Harer

We need freedom

Waajjira Bulchinsa Aanaa Qumbii Waajjira Bulchinsa Aanaa Qumbii
Oromia, Itoophiyaa
Harer, 04

Bu'urri Jireenyaa Nageenyaa Fi Jaalala! Hojjannee Of Jijjiiruu Fi Ummata Jijjiiruuf Kutannoon Hojjanna!

Fugug talent Fugug talent
Harer, 1234

Fugug talent

Jechoota Hayyoota Jechoota Hayyoota
Harer

jechoota kaka'umsa

Waaqoo Bareentoo Waaqoo Bareentoo
Eto, Oromia
Harer, 1221

oromiyaa ni ijaarra

Mesfintour Mesfintour
Harer, 33

Image of Ethiopia