Oromo community, DC
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromo community, DC, Community Service, 6212 3rd Street NW, Washington D.C., DC.
ABO-WBO yakka ukkaamsa lammiilee maallaaqaa fi bu’aa siyaasaa argachuuf raawwatamu cimsee kan balaaleffatu ta’uu ibse.
Hammam mootummaa dabalatee qaamoleen tokko tokko yakka nama ukkaamsuu tibbana barattoota 100 ol irratti raawwatameen WBO himataa jiraatanis, WBOn qaama uummatasaa bilisoomsuuf ba’e malee, qaama uummata ukkaamsu miti jedhan Gorsaan Ajajaa Olaanaa ABO-WBO Obbo Jireenyaa Guddataa.
Obbo Jireenyaan turtii OMN waliin godhaniin, qaamolee WBO fakkaatanii bobbaafaman dabalatee, caasaan mootummaa Koree Nageenyaa hanga Milishaa gandaatti jiru WBO ittiin yakkuuf jecha gochoota garaagaraa raawwataa oolu, hoji-dhabdoonni wal ijaaranii uummata irratti yakka raawwatanis jiru jedhan.
Furmaanni rakkoo kanaa shiraan wal yakkaa ooluu osoo hin taane, gaaffii siyaasaa deebisuun wal waraansa dheeratetti xumura gochuu akka ta’es akeekan.
Gaaffiif deebiin Gorsaa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO Obbo Jireenyaa Guddataa waliin goone guutuunsaa sa’aa muraasa booda dhiyaata.
Manni Amantaa Ortoodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Epis Qophoosota sagal kan ummanni hin barbaanne naannoo Oromiyaa fi sabaaf sablamootaaf muuduun fudhatama kan hin qabne ta’u hordoftonni amantichaa ibsan.
Adooleessa 16 bara 2023 guyya ha’aa manni kiristaana Ortoodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa muudama phaaphaasota 26 kan sinoodoosii haaraa Oromiyaaf, sabaa fi sablammootaa kuffisuun phaaphaasota 9 qofa muuduu beeksiftee jirti.
Amajjii bara 2023 keessa abboonni amantaa sadi jechuun Abuuna Saawiros, Abuuna Ewustaatiwoos fi Abuuna Zeenaa Maarqoos waliin ta’uun gaafii afaan ofiitiin kadhannaa taasisuu fi nama ofiitiin amantii barsiifamuu hordoftoonni amanticha gaafataa turan deebisuuf phaaphaasota 26 muuduun gara kutaa lallaba biyya ramadamanitti akka bobba'an taasisan.
Phaaphaasonni muudaman gara kutaa biyya lallaba isaanii bobbaafamuun hordoftoota amantichaa dabalatee ummata Oromootiin simannaan bal’aan taasifameefi jira.
Haa ta’u malee Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa dhimma kana mormuun muudamni kun fudhamata akka hin qabne ibsaa turte.
Paatriyaarkiin Ortoodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuuna Maatiyaas phaaphaasota muudaman mirkaneessuu diduun mormiin mana amantichaa keessatti dhalate yeroo dheeraaf deemaa ture.
Manni amanticha gadda labsuun mirga afaan ofiitiin kadhannaa taasisuu mormuun uffanni gurraachi akka uffatamuuf waamicha taasifte turte.
Muddamni mana amantichaa bira darbuun sadarkaa biyyatti erga hammaate booda hundeessitoonni sinoodoosii haaraa fi Manni Kiristaanaa Ortoodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa walii galuun, gaafii hordoftoota amantichaa Oromiyaa fi ummatoota kibbaa kan deebi’u ta’u irratti walii galan.
Haa ta’u malee gaafiin ummanni gaafataa ture deebii dhabuun Adooleessa 5 bara 2023 Sinoodoosiin Ortoodoksii Itoophiyaa Ephos Qophoosota 9 qofa filachuu beeksise.
Muudamni kun ammoo faallaa fedhii hordoftoota amantichaa naannoo Oromiyaa fi sabaaf sablammoota biyyatti ta’u kan ibsan hordoftooni amanticha, mirga nama ofiitiin fi afaan ofiitiin tajaajilamuu dhoowwamaa jirra jedhan.
Phaaphaasota kanaan dura sinoodoosiin Oromiyaa fi sabaaf sablammootaa muudan 26 keessa sadi qofti muudama kana keessatti akka hammataman ibsamee jira.
Adooleessa 16 bara 2023 guyyaa har’aa bakka Paatriyaarikiin Ortoodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuuna Maatiyaas argamanitti Ephis Qophoosonni saglan filataman muudamani jiru.
Muudamni kun ammoo hordoftoota amantaa naannoo Oromiyaa fi kibbaa dabalatee abbootii amantichaatiin fudhatama dhabee jira.
Muudama Ephis Qophoosotaa kana ilaalchisuun barsiisaa Hayla Mikaa’el Taaddasaa barruu gabaabaa fuula barruu (Facebook) isaanii irratti barreessanin; “wanti guddaan ummata harka jira, qe’ee ofitti kan murteessu abbaa qe’eeti” jedhan.
Barsiisaa Haylamikaa’el Taaddasaa itti fufuun “Phaaphaasiin sabni hin beekne fudhatama hin qabu, kanaaf hunduu qe’ee isaatti abbaa haa ta’u, abbaan qe’ee isaa yoo kabachiise wanti ummanni hin feene iddoo Xaqlaay Beetakinatitti hafuu danda’a” jechuun mormii muudama kana irratti qaban ibsan.
Hordoftoonni amantichaa naannoo Oromiyaa phaaphaasota sinodoosiin haaraan muudeen ala phaaphaasii bira simachuuf qophii miti jedhan.
Mirgi afaan isaaniitiin tajaajilamuu kabajamuu qabuu fi dhimma muudama Ephis Qophoosotaa kana irratti Abuuna Saawiroos dabalatee abboota amantaa irraa ibsa bal’aa eegaa akka jiran amantoonni ibsani jiru.
Zabiba fast money transfer
A book written by Immigrant about life experiences. It is all about life in America. It is about what immigrants go through.
Obboleettin teesssan Amaanen Betera kitaaba waa’e baqqattumma fi jiruu biyya America katabee isiniin gahuuf dhufaa jiraa na dhabbadha! Isiniinis Wolbaraa koottaa narraa hin hafinaa!
Guyyaan July 21,2023
Sa’aan 7:00pm EST
Bakki Oromo Community Organization
6212 3rd st NW
Washington DC, 20011.
❤️GORSAA FII JECHOOTA GAGGAARII❤️
***************************************
1. ↪️Bishaan guute fi nama quufe dhaabbadhuu
dabarsi.
2. Walitti dhufeenya nama waliin qabdu irra caalatti
cimsuudhaaf cimaa, jabaataa fi namaan walii galaa
ta'i.
3. Beekaa kan si jechisiisu dubbisuu osoo hin taane
Kan dubbifte yaadachuu keeti.
4. Yeroo hundaa ofirratti amanamummaa guddaa
qabaadhu.
5. Dubartii dubartiin malee rasaasan hin ajjeesin.
6. kan koo qofa fudhu (dhagayi) kiyyatu sirriidha
doofaa siin jedhu hubachiisii biraa fagaadhu malee
waliin hin mormin.
7. Seenaa kaleessa raawwatteef dogongora Kan
deebisu xiiqii sammuu keetiiti.
8. Namni hundi qabaachuu kan barbaachisu maqaa
gaaridha.
9. Beelarra kajeellaatu nama miidha!
10. Hiriyyummaan burqaa bishaanii maddi isaa hin
beekkamneedha.
11. Hiriyaan yeroo rakkoo fi dararaa humna.
12. Hiriyaan dhugaa yeroo dukkanaa ifaadha.
13. Hiriyaan dhugaa madda gammachuuti.
14. Hiriyaaf kan dhukkubsatuu fi ofirra nama hiriyaaf
yaadu ta'i.
15. Hiriyaan dhugaa daawwitii dha. Rakkoo kee kan
qooddatu waan ta'eefillaaltu.hin fagaatin.
16. Jecha caalatti kan dubbatu gocha.
17. Nama jalaa dheessun salphaadha, sammuu ofii
jalaa miliquun garuu ulfaatadha.
18. Maalummaa ofii cimsanii beekun gaarummaa
loogii hin qabnedha.
19. Namni obsa qabu ganama cirracha nyaatee
galgala aannan dhuga.
20. Galma gahumsi fedhii keetii kan madaalamuun
milkaa'ina keetin Kenneen biroo jiraachuu yoo
danda'anidha.
21. Oonnee tee qulqulluu godhi! maalif jennaan
fooddaa ala ittiin illaaltu.↩️
Click here to claim your Sponsored Listing.
Videos (show all)
Category
Contact the organization
Telephone
Website
Address
6212 3rd Street NW
Washington D.C., DC
20011
Washington D.C., 20009
www.mentorcapitalnet.org : Supporting Sustainable Enterprises
119 Division Avenue NE
Washington D.C., 20019
Follow us on twitter @ http://twitter.com/dc_sigmas Follow us on instagram @ http://instagram.com/dcs
P. O. Box 922
Washington D.C., 20044
Making DC schools better and brighter through volunteer projects. Follow us on Twitter (@HandsonDC)
1201 F Street NW, Suite 200
Washington D.C., 20004
NCOSE exists because people should be free to live and love without sexual abuse and exploitation.
1920 G Street NW
Washington D.C., 20006
We are a united church; UCC and UMC, English and German language. We welcome all to join in the affir
Washington D.C.
To assist women in my community through the labor of love by making hygiene care packages and donating clothing. Being a service to women housed in shelters, returning citizens, vi...
Washington D.C.
”Our Community is Our Strength”, is a unified philosophy we’re demonstrating as a united front.
Washington D.C.
Cure the Streets DC | Violence Interruption Program in Ward 5/6 Sursum Corda/Ivy City & Ward 8 Wingate/Oak Park, Historic Anacostia #curethestreetsdc
Metro Washington DC MD, VA
Washington D.C.
QSV Ghana partners to SN, focuses on the well being of women and communities in rural Ghana, West Afr