North Carolina Oromo Evangelical Lutheran Church

ALL AFAAN OROMO SPEAKERS LIVING AROUND NORTH CAROLINA JOIN US EVERY SUNDAY AT 1PM TO WORSHIP THE LORD WITH OUR OWN LANGUAGE.

06/28/2024
06/28/2024

“Warri Waaqayyoon abdiidhaan eeggatan garuu humni isaanii in haareffama; akka joobiraas baalleedhaan ol in ka'u; in fiigu, garuu hin dadhaban, in adeemu, garuu hin mudhukan.”
Isaayaas 40:31

Photos from North Carolina Oromo Evangelical Lutheran Church's post 12/18/2023

"obboloonni walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha" Far 133:1. Yeroo eebbaa Gooftaan nuuf kenneetti guddaa eebbifamneera. Ulfina isaa Gooftaan haa fudhatu.

06/22/2023

"Whoever has ears, let them hear." Matthew 11:15. All are invited. Join us with your friends and family on this big event. The Kingdom of God is Coming!

05/28/2023

Jaalalli Kristoos yeroo hundumaa ti.

Photos from North Carolina Oromo Evangelical Lutheran Church's post 05/22/2023

Oolmaa guyyaa har"aa

04/30/2023

"2 Yaa obboloota ko! Qoramsa garaa garaatiin ilaalamuun yommuu isinitti dhufu, gammachuu guutuutti fudhadhaa*! 3 Amantiin keessan qoramee ilaalamuun isaa obsaan danda'uu akka fidu in beektu*. 4 Isin warra fiixaan ba'an, warra mudaa, hir'inas hin qabne akka taataniif, obsaan danda'uun kun hojii isaa fiixaan haa baasu*!" - Yaaqoob 1:2-3

04/30/2023

" Sababii Waaqayyo, jaalala isaa isa karaa hafuura qulqulluu nuuf kenname, garaa keenya keessatti dhangalaaseef, abdiin immoo nu hin yeellaasisu*." - Rom 5:5

04/23/2023

"Guyyaa guyyaatti yaada tokkoon mana qulqullummaatti deddeebi'anii, manuma mana isaaniittis buddeena cabsatanii, gammachuudhaan, garaa qulqulluudhaanis nyaata isaanii waliin ga'anii in nyaatu turan." - Hoe 2:46

03/19/2023

"Kennaan gaariin hundinuu, kennaan guutuun hundinuus abbaa ifaa biraa ol waaqa gubaadhaa in dhufa; abbaa ifaa bira gegeddaramuun, yookiis gaaddisi gara galuun iyyuu hin jiru*. " - Yaaqob 1:17

03/12/2023

"28 Phexros kana irratti, “Kunoo, nuyi hundumaa dhiifnee si duukaa buuneerra” jedheen. 29 Yesus immoo deebisee, “Dhuguman isinitti hima, eenyu illee mana yookiis obboloota yookiis obboleettota yookiis haadha, yookiis abbaa yookiis ijoollee yookiis araddaa anaa fi wangeelaaf jedhee kan dhiise, 30 bara jireenya isaatti ari'atamuudhaan yoo ta'e iyyuu manneen, obboloota, obboleettota, haadhota, ijoollota, araddaas dachaa dhibba in argata, bara dhufuttis jireenya bara baraatti in gala." - Mar 10: 28-30

03/12/2023

Kids program - March 12, 2023

02/12/2023

"17 Kana irratti Yesus deebisee, “Yaa Simoon ilma Yoonaa, ati kan ayyaanomtee dha! Kana abbaa koo isa waaqa irra jirutu sitti mul'ise malee, yaadni nama foonii sitti hin mul'ifne*. 18 Anis sittan hima, akkuma Phexros jechuun dhagaa jechuu ta'e, ati dhagaa dha; anis dhagaa hin sochoone kana irratti waldaa koo nan ijaara, gooftummaan du'aas matumaa waldicha irratti humna hin godhatu hin mo'us*. 19 Banaa mootummaa waaqaa siifan kenna; waanumti ati lafa irratti hiite, waaqa irratti hidhamaa in ta'a; waanumti ati lafa irratti hiikte immoo waaqa irrattis hiikamaa in ta'a” jedhe*. 20 Yommusumas Masiihicha ta'uu isaa nama tokkotti iyyuu akka isaan hin himneef, bartoota isaa cimsee abboome*." - Mat 16: 18-20
---
Gurraandhala 12, 2013

02/12/2023

"13 Yesus gara naanna'aa mandara Qiisaariyaa Filiphos yommuu dhaqe, “Namoonni ilma namaatiin eenyu jedhu?” jedhee bartoota isaa gaafate. 14 Isaan yommus deebisanii, “Kaan ‘Inni Yohannis cuuphaa dha’ jedhu, kaan ‘Inni Eliyaas’, kaanis ‘Inni Ermiyaas yookiis raajota keessaa tokko’ jedhu” jedhan*. 15 Yesus immoo, “Isinoo, eenyu anaan jettu?” jedhee isaan gaafate. 16 Simoon Phexros deebisee, “Ati Masiihicha, ilma Waaqayyoo jiraataa ti” jedhe*." - Mat 16:13-16
---
Gurraandhala 12, 2023

01/22/2023

Luq 23:39-43 Amajjii 22, 2023,

39 Warra hamaa godhanii achitti fannifaman lamaan keessaa inni tokko, “Ati Kristos isa abdachiifame miti moo? Egaa'oo of oolchi, nuunis oolchi!” jedhee isa arrabse. 40 Inni kaan garuu isa ifatee, “Namana, akkuma isaa firdiidhaan dhiphachaa utuu jirtuu Waaqayyoon illee hin sodaattu moo? 41 Nuyi qajeeltootti nutti faradamee hojii keenya nyaanne; inni kun garuu homaa hin yakkine!” jedheen. 42 Yesusiin immoo, “Yaa Yesus, mootummaa keetiin yommuu dhuftu na yaadadhu!” jedhe*. 43 Yesus immoo, “Dhuguman sitti hima, har'a anaa wajjin jannata keessatti in argamta” jedheen*.

01/22/2023

Daani'eel 1:9 Amajjii 22, 2023
Waaqayyo immoo Daani'el faara tolaadhaa fi gara-laafina angaficha irraa akka argatu godhe*.

01/22/2023

Mat 4:24 - Amajjii 22, 2023
--
Oduun isaas Sooriyaa hundumaatti dhaga'ame; yommus namoonni dhukkubsatoota isaanii, warra dhukkuba garaa garaatiin, waraansaanis dhiphatan, warra hafuurri hamaan itti gale, dhukkuba nama kuffisu kan qaban, dhagni isaanii gar tokko kan du'es hundumaa gara isaatti fidan; innis isaan in fayyise*.

01/22/2023

Isa 9: 1-4, Amajjii 22, 2023
----
1 Warri dhiphina keessa turan si'achi dukkana keessa hin jiraatan; inni bara durii biyya Zaabiloonii fi biyya Niftaalem gad deebise, bara dhufutti immoo biyya Yordaanos gamaa fi Galiilaa isa kan saba warra kaaniif ulfina in kenna.
2 Sabni dukkana keessa jiraatu
ifa guddaa isaa in arga,
warra gaadidduu du'aa jala jiraataniifis
ifni in ba'a*;
3 ati saba baay'iftee
gammachuu isaaniis guddifteetta,
isaan akka nama midhaan makaruutti,
si duratti in gammadu;
akka warra boojuu hirmatuuttis
sagalee gammachuu in dhageessisu.
4 Bara warra Miidiyaanitti akkuma goote,
ammas waanjoo ulfaataa dhaa fi loloosoo isaa
gatiittii isaanii irraa in caccabsita,
ulee warra isaan cunqursaniis in hurreessita*;

01/08/2023

Lallaba: Amajjii 8, 2023

Yoh 14: 15-21
15 Yesus itti fufee, “Isin yoo na jaallattan abboommota koo in eegdu*. 16 Ani abbaa nan kadhadha, inni bara baraan isin bira haa jiraatuuf, kan biraa kan isiniif dubbatu, isiniif in kenna*. 17 Inni isiniif dubbatu kun, hafuura dhugaa ti; biyyi lafaa waan isa hin argineef isa hin beekneefis, isa fudhachuu hin danda'u. Isin garuu, inni isinii wajjin waan turuuf, isin keessas waan jiraatuuf isa beekuuf jirtu*. 18 Ani kophaatti isin hin dhiisu, gara keessan nan dhufa*. 19 Yeroo gabaabduu booddee biyyi lafaa deebi'ee ana hin argu, isin garuu ani waanan jiraadhuuf, isinis immoo jiraachuuf waan jirtaniif na argitu*. 20 Gaafas ani abbaa koo keessa, isin immoo ana keessa, anis isin keessa akkan jiru beekuuf jirtu*. 21 Namni abboommii koo qabu, inni isa raawwatus, isa, kan na jaallatu; nama na jaallatu immoo abbaan koo isa jaallachuuf jira, anis isa nan jaalladha, ofii koos isatti mul'isuufan jira” jedhe*.

01/08/2023

Lallaba: Amajjii 8, 2023

Isa 59: 20-21
20 “Inni furu, gara Xiyoon,
sanyii Yaaqoob keessaa
gara warra irra-daddarbaa isaaniittii deebi'anii
in dhufa” jedhe;
Waaqayyo kana dubbateera*.
21 Waaqayyo, “Ani isiniif kakadheera; hafuurri koo isin irra in boqota; dubbiin koo inni ani afaan keessan keessa isiniif kaa'e, afaan keessan keessaa, afaan ijoollee keessanii keessaa, afaan ijoollee ijoollee keessanii keessaas hamma bara baraatti hin dhabamu” jedha.

01/08/2023

Lallaba: Amajjii 8, 2023

Isa 60:1-3
1 Ifni kee dhufeera,
ulfinni Waaqayyoos siif ba'eera,
kanaafis ka'ii ibsi!
2 Kunoo, dukkanni lafatti in uffisa,
dukkanni limixiinis
saba lafa irraa in dhoksa;
siif garuu ifni Waaqayyoo in ba'a,
ulfinni isaas si irratti in argama*.
3 Sabni lafa irraa gara ifa kee,
mootonnis gara biiftuu
isa siif ba'uu in dhufu*.

North Carolina Oromo Evangelical Lutheran Church ALL AFAAN OROMO SPEAKERS LIVING AROUND NORTH CAROLINA JOIN US EVERY SUNDAY AT 1PM TO WORSHIP THE LOR

01/08/2023

Sagantaa Waaqeffannaa Sanbata Guddaa, Amajjii 8, 2023
"Yesus cuuphamee bishaanicha keessaa akkuma ba'een, kunoo, bantiiwwan waaqaa hundinuu [isaaf] banaman; achumaanis hafuurri Waaqayyoo akka gugeetti gad dhufee isa irra bu'uu isaa in arge." - Mat 3:16

Want your place of worship to be the top-listed Place Of Worship in Cary?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Videos (show all)

Jaalalli Kristoos yeroo hundumaa ti.
Kids program - March 12, 2023 #SundayService
Kids program #SundayService Dec 18, 2022
Kids program, Dec 11, 2022 #SundayService #ncoelc Eebbifamaa.
Kids program, Dec 11, 2022 #SundayService #ncoelc Eebbifamaa.

Website

Address


100 W Lochmere Drive
Cary, NC
27511

Opening Hours

1pm - 3pm
Other Religious Organizations in Cary (show all)
Kirk of Kildaire Presbyterian Kirk of Kildaire Presbyterian
200 High Meadow Drive
Cary, 27511

The Kirk of Kildaire is a welcoming congregation in Cary, NC. We have a heart for all God’s childr

True Test Ministries, Inc. True Test Ministries, Inc.
PO Box 2078
Cary, 27512

1 John 4:1

Wisdom International Wisdom International
2703 Jones Franklin Riaf
Cary, 27518

Providing digital and print resources designed to make disciples of the nations.

Greenwood Forest Baptist Church Greenwood Forest Baptist Church
110 SE Maynard Road
Cary, 27511

Come and find your place in our inclusive community of faith! (GFBC is unequivocally LGBTQ inclusive)

Kirk of Kildaire Youth Kirk of Kildaire Youth
200 High Meadow Drive
Cary, 27511

6th-12th grade youth enjoy Sunday night activites and summer programs that include service, fellow

St. Michael’s, African Ancestry Ministry and Evangelization Network,  AAMEN St. Michael’s, African Ancestry Ministry and Evangelization Network, AAMEN
804 High House Road
Cary, 27513

St. Michael African Ancestry Ministry and Evangelization Network (SM-AAMEN) mission is to promote th

Retén lo que tienes para que nadie tome tu Corona Retén lo que tienes para que nadie tome tu Corona
Cary, 27511

Esta pagina fue creada con un solo objetivo el cual es llevar el Evangelio de Salvación a toda la humanidad, donde estaremos transmitiendo predicaciones en vivo , enseñanzas y pode...

Revitalize NC Revitalize NC
Cary, 27511

Revitalize NC partners with NC Baptist churches in their pursuit to make disciples who make disciples by aiding in prayer, coaching, consulting and resourcing.

Deep Impact Deep Impact
205 Convention Drive
Cary, 27511

Gospel-centered, missions-focused, life-impacting camps for students.

White oak baptist church White oak baptist church
Cary, 27511

love my church!

Normal Faith Normal Faith
Cary

Encouraging Christians to celebrate a normal life of faith.

Higher Glory in Jesus Higher Glory in Jesus
Cary

This page is all about worship, teaching, prayers, prophecies, deliverance, declarations, partnershi