Mana Murtii Aanaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii

Haqaan, Haqaaf, Haqa hojjenna!

10/09/2024

Baga Bara Haaraa 2017tiin ittiin nu gahe !!
********
Manni Murtii A/Kutaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii hawaasa kutaa magaalaa keenyaa fi ummata biyya kanaa hundaan baga bara haaraa 2017 nagaan geessan jechaa barri haarofti kan nagaa, gammachuu fi kan milkaa'inaa akka isiniif ta'uu hawwa!

★★★ Haqaan Haqaaf Hojjenna

Photos from Mana Murtii Aanaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii's post 03/09/2024

Deeggarsa Meeshalee Barnootaa!
****
Guyyaa har'aa Manni Murtii A/Kutaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii barattoota deeggarsi isaan barbaachisuuf meeshalee barnootaa gumaacheefii jira. Manni murtii keenya Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa haqa qabeessa kennuun cinaatti hawaasa kutaa magaalichaatiif kenna tajaajila lammummaa garagaraa kennuuf hirmaannaa taasisaa jira. Kanumaan guyyaa har'aa kanas barattoota maatiin isaanii harka qal'eeyyii ta'an karaa waajjira dubartootaa fi daa'immanii kutaa magaalichaatiin adda bahaniif dabtaraa fi qalama barnootaaf oolu bakka pirezdaantiin mana murtichaa kabajamoo ob Jiidhoo Bacharee fi waajjira dubartootarraa immoo kabajamoo ad Tsiggee Nagaash argamanitti deeggarsicha taasiseera!

☆☆☆ Haqaan haqaaf hojjenna!

Photos from Mana Murtii Aanaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii's post 22/08/2024

Abbootii Seeraa Mana Murtii keenyaa!
Yaa'ii Manneen Murtii Magaalaa Shaggar 2ffaa irratti!

Photos from Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa-Supreme Court of Oromia's post 05/08/2024
Photos from Mana Murtii Aanaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii's post 28/07/2024

Sagantaa Cufiinsa Mana Murtii
****
Guyyaa har'aa sagantaan cufiinsa mana murtii keenya gaggeeffameera. Sagantichi bakka hojjettoonni mana murtii keenyaa fi qaamoleen mootummaa biroo argamanitti gaggeeffame.
Akkuma aadaa Oromootti sagantichi eebba manguddootiin (hojjettootuma keenya keessaa) kan saaqame yoo ta'u; ergaan baga geessanii fi baga nagaan dhuftanii karaa pirezdaantii mana murtii keenyaa ob Jiidhoo Bachareetiin darbeera. Akkasumas hojiin bara kanaa bifa gabaabaa ta'een gabaasni kan dhiyaate yoo ta'u hirmaattotarraas yaadni ka'ee bal'inaan irratti marii'atameera. Keessummoonni waajjiraalee gara garaarraa argamanis manni murtii kutaa magaalaa keenyaa tajaajila qulqulluu fi si'ataa kennuudhaan jiraattootarraa amantaa horachaa kan jiru ta'uu fi manni murtichaa galateeffamaa kan jiru ta'uu saganticharratti ibsaniiru.
Xumurarrattis pirezdaantiin mana murtii keenyaa yaada kennaniin bara kana kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa qulqulluu, si'ataa, dhaqqamaa fi haqa qabeessa taasisuuf akkasumas kenna tajaajila ammayyaa TQO'n deeggarame ariifachiisuuf hojiin bal'aan gama hundaan hojjetamaa turuu fi kanaanis bu'aaleen fi jijjiiramni dinqisiisaan akka argame ibsaniiru. Kanaafis hawaasa mana hojichaa milkaa'ina kanaaf gumaachan hunduma isaanii galateeffachuudhaan kallattii hojii gannaa bara kanaa kennuudhaan sagantichi goolabameera.

Photos from Mana Murtii Aanaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii's post 18/06/2024

Muuxannoo wal jijjiirraa!
***
(Guyyaa 11-10-2016- Laga Xaafoo Laga Daadhii, Shaggar)
***
Guyyaa har'aa hawaasa Mana Murtii Aanaa Barrak irraa dhufan waliin sagantaa muuxannoo wal jijjiiruu raawwatameera. Jilli pirezdaantii Mana Murtii Aanaa Barrak kabajamoo ob Gadaa Ayyalaatiin durfamu guyyaa har'aa Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti argamuudhaan hojiilee gaggaarii Mana Murtii keenya keessatti hojjetamaa jiran daawwataniiru. Hojiin Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa teeknoolojiidhaan deeggaruun kennamaa jiru daran jajjabeessaa ta'uu hirmaattoonni jila kanaa yaada kennaniiru. Hirmaattonni Manneen Murtii keenya lamaaniyyuu yaada wal jijjiiraa kan turan yoo ta'u, nutis akka Mana Murtii keenyatti muuxannoo gaggaarii isaan bira jiru kan hirmaattotarraa ka'e qooddanneerra. Dhumarrattis keessummoota keenya akkuma kabajaan simanne imala gaarii hawwineefii kabajaan gaggeessineerra.

16/06/2024

HORDOFTOONNI AMANTAA ISLAAMAA HUNDI BAGA AYYAANA IID AL ADAHAA 1445 ffaa NAGAADHAAN GEESSAN!
Eid Mubarek!

04/05/2024

Hordoftoonni amantaa Kiristaanaa marti baga ayyaana yaadannoo Du'aa Ka'uu Gooftaa Yesuus Kiristoosin isin gahe!
Manni murtii A/Ku/Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiis ayyaanichi kan nagaa, kan jaalalaa fi kan gammachuu isiniif haa ta'u jechaa ayyaana gaarii isiniif hawwa!

Photos from Mana Murtii Aanaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii's post 24/04/2024

. Guyyaa 15-08-2016

****
Guyyaa kaleessaa (jechuunis gaafa 15-08-2016) qaamolee hirtaa Mana murtiif ragaa garagaraa kennanii fi kenniinsa tajaajila Abbaa Seerummaa Mana murtichaan kennamu keessatti shoora qaban waliin mariin taasifameera.
Kanumaan kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa qulqulluu, si'ataa fi dhaqqabamaa, bu'a qabeessa fi haqa qabeesaa ta'e abbaa dhimaatiif kennuuf ragaa Manni Murtii akka dhiyaatuuf ajaju haala qulqullina qabuun (ragaa dhugaa ta'e) yeroo gabaabaa keessatti fi haala iftoomina qabuun dhiyaachuu akka qabu; fi qulqullina, si'oomina, fi haqa qabeessummaa KTAS kan duraa caalaa fooyyessuu bifa dandeessisurratti bal'inaan marii'atameera.
HAQAAN HAQAAF HOJJENNA!

09/04/2024

Manni murtii aanaa kutaa magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii hordoftoota amantii Islaamaa hundi baga ayyaana IId-Alfaxiir waggaa 1445ffaan tiin isin gahe jechaa, ayyaani kun kan milkii, kan nagaa fi kan gammachuu akka isiniif ta'u hawwiina!

Photos from Mana Murtii Aanaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii's post 23/03/2024

Guyyaa 14-07-2026
Hojii Manneen Murtii Aadaa Jajjabeessuu!
***
Waldhabdee hawaasa keenya gidduutti uumamu karaa nagaa ta'een furuu keessatti shoorri manneen murtii aadaa taphachaa jiran daran ol'aanaadha.
Akka kutaa magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti manneen murtii aadaa sadarkaa jalqabaa aanaalee sadanittuu; akkasumas manni murtii aadaa oldabarfataa tokko immoo sadarkaa kutaa magaalaatti hundaa'ee hojii qabatamaa fi jajjabeessaa ta'e hojjechuurratti argamu.
Guyyaa har'aa mana murtii aadaa sadarkaa jalqabaa aanaa Laga Daadhii Daallee keessatti sochii hojii mana murtii aadaa ilaalameera. Sochiin hojii jiru daran jajjabeessaa ta'uun hubatameera. Gaaddisa mana murtichaa mijataa taasisuun wal qabatee hojiin hojjetame boonsaa ta'uufii iddoon aaraa galfii abbaa dhimmaas kan mijate ta'uun hubatameera. Saganticharrattis barreessaa mana murtii aadichaa jaarsolee mana murtichaa fi hawaasa aanichaatiin wal barsiisuu, iddoo aara galfii abbootii dhimmaa mijate daawwachuu fi jaarsolee manneen murtii aadichaaf sirna galateeffannaa fi beekkamtii kennuu taasidmfameera. Qaamolee milkaa'ina hojii manneen murtiitiif gumaacha taasisaa turaniifis beekkamtiin kennameefii jira.
Iddoo hojii mijata taasifamuun walqabatee jaarsoliin mana murtichaa kan gammadan ta'uu fi kaka'uumsa isaan keessatti kan uumame ta'uu ibsaniiru
•••® Gama biraatiin mana murtii aadaa sadarkaa isaa eeggate ijaarsi jalqabuuf haaldureen hundi xumuramee kan jiru ta'unis ibsameera
"Aadaa fi ilmoon abbaa mararti!"

Photos from Mana Murtii Aanaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii's post 18/03/2024

***Beeksisa bu'aa qormaataa***
(Barreessitoota Manneen Murtii Aadaa)

Photos from Mana Murtii Aanaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii's post 05/03/2024

Guyyaa 26-06-2016
Manni murtii aanaa kutaa magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii bu'uura beeksisa dorgommii kanaan dura baasee tureen barreessitoota manneen murtii Aadaa kutaa magaalichaatti argamaniif dorgomuuf galmaa'anii calallii darbaniif qormaata barreeffamaa kenneera.
Dorgomtoota hundaaff carraa gaarii jechaa bu'aa qormaatichaa (qabxii keessan) yeroo gabaabaa keessatti kan isin beeksifnu ta'a!

Photos from Mana Murtii Aanaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii's post 26/02/2024

WAAMICHA QORMAATA BARREEFFAMAA

26/01/2024

DORGOMAA!

06/01/2024

HORDOFTOONNI AMANTAA KIRISTAANAA MARTI BAGA AYYAANA YAADANNOO DHALOOTA GOOFTAA IYYASUUS KIRISTOOSIN ISIN GAHE!
Ayyaanichi kan nagaa fi gammachuu isiniif haa ta'u!

Photos from Mana Murtii Aanaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii's post 05/01/2024

Muddee 26-04-2016
Duub-deebii koree mil'uu dirree MMO magaalaa Shaggariin nuuf kennamerratti marii'atameera.
Koreen MMO Magaalaa Shaggar mil'uu dirree (daawwannaa hojii) tibbana (gaafa 23-04-2016) taasiseen haala raawwii hojii mana murtii keenyaa bifa waliigalaatiin gad fageenyaan sakatta'eera. Koreen kun xumurarratti ciminootaa fi hanqinoota jiran bifa iftoomina qabuun duub-deebii nuuf kennee jira. Akka mana murtii keenyattis duub-deebii nuuf kennamerratti hawaasni mana murtichaa hundi bal'inaan akka irratti marii'atu erga taasifameen booda ciminoota jiran caalatti itti fufsiisuf, hanqinoota/harcaatiiwwan adda bahanirratti immoo ciminaan hojjennee tajaajila si'ataa, dhaqqabamaa, qulqulluu fi bu'a qabeessa kennuudhaan ummanni keenya tajaajila manni murtichaa kennutti akka quufuf miira tajaajiltummaa guutuudhaan hojjechuuf waliigalameera.
**Haqaan haqaaf hojjenna

27/12/2023

Oolmaa dhadhachaa!
===================
Himatamaan balbala mana cabsuun yaalii hannaa raawwate hidhaa Cimaa waggaa 3'n adabameera.
============================
Himatamaan kun gaafa 21/02/2016 guyyaa keessaa tilmaamaan sa'a 8:00 yommuu ta'u Kutaa Magaala Laga Xaafoo Laga Daadhii Aanaa Dambal Xaafoo iddoo addaa Giroosarii Gadaa jedhamutti warri mana akka hin jirre erga qulqulleeffatee booda meeshaa balbala ittiin cabsu sibila qabatee furtuu balbala miidhamtuu dhuunfaa "X" jedhamtu cabsuun qabeenya tilmaamni isaa qarshii 49,000 baasu hatee fudhachuuf osoo yaaluu tumsa hawaasa fi qaamolee nageenyaan harkaa fi harkatti qabameera.
Gareen qorannoo poolisii fi Abbaa Alangaas kutaa magaalichaas galmee qorannoo ragaa namaa fi sanadaan qulqulleessanii xumuruun Abbaan Alangaa himannaa seera yakkaa bara 1996 bahe kwt.27(1) fi 669(3)(b) jalatti himannaa irratti hundeessuun manni murtii Aanaa Kutaa Magaala Laga Xaafoo Laga Daadhiis bitaa fi mirga erga falmiisisaa turee booda keewwatuma himannaan ittiin dhiyaate jalatti balleessadha jechuun adabbii hidhaa cimaa waggaa 3'n adabeera.
"Yakka raawwatanii seera jalaa miliquun hin danda'amu"
WAAKMLXLD

Photos from Mana Murtii Aanaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii's post 23/12/2023

Leenjii hubannoo cimsuu
*******
Muddee 13, 2016
Hojjettoota Mana Murtii Aanaa Ku/ Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitiif guyyaa har'aa leenjiin mata duree lamarratti kennameefii jira. Mata duree 1ffaa Dagaagina Naamusaa Hojjettoota Mana Murtii jedhurratti karaa bakka bu'aa ONI mana murtichaa kab Abbaa seeraa ob Fiqaaduu Alamaayyoo tiin; 2ffaa mata duree Qajeelfama Sirnaa fi Naamusa Hojii Dhaddachaa jedhurratti Abbaa seeraa mana murtichaa kab ob Itichaa Geetachootiin karaa hawwataa ta'een kennamee jira. leenjicharraa hubannoo gahaa kan argatan ta'uu fi kenna tajaajila abbaa seerummaa si'eessuu, dhaqqabamaa taasisuu, fi tajaajila qulqulluu kennuun hawaasa garaa gahuuf kaka'uumsa ol'aanaadhaan kan hojjetan ta'uu hirmaattonni leenjichaa ibsaniiru. Hojjettoonni haaraa dhiyeenya mana murtiitti dabalamanis leenjichi daran hubannoo isaanii kan gabbise ta'uu ibsanii humna keenya osoo hin qusatin ciminaan hojjennaa jedhaniiru.
Xumurarrattis pirezdaantiin mana murtichaa ob Jiidhoo Bacharee yaadaa fi kallattii hojii kennaniin hojiin KTAS naamusa ol'aanaa hawaasa mana murtichaatiin utubamuu akka qabu, qajeelfamni sirna dhaddachaa karaa guutuu ta'een sirnaan hojiirra ooluu akka qabu, keessummeessi keenya si'ataa fi ammayyaa'aa TQO'n deeggarame ta'uu akka qabuu fi ummanni mana murtiirraa amantaa guutuu akka horatuuf of kenninee hojjechuu qabna jedhaniiru. Miira tajaajiltummaa gonfachuudhaan naamusa ogummaa hojichi barbaadu qabaannee mana murtii mul'ataa fi ergama akka waliigalaatti qabame milkeessuuf ciminaan hojjetu taasisuu qabna jechuudhaan ibsaniiru
Haqaan haqaaf hojjenna!!

Photos from Mana Murtii Aanaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii's post 19/12/2023

Oolmaa dhaddachaa!
============================
Himatamtuun daa'ima waggaa 10 nan barsiisa jettee maatii biraa fuute qaama ishee ibiddaan gubde hidha salphaa waggaa 1 fi ji'a 4'n adabamte jirti!
===============================
Himatamtuun kun qaama namaa biroo irratti miidhaa cimaa qaqqabsiisuuf yaaddee guyyaa fi sa'aa hin beekkamne ji'a sadaasaa bara 2016 keessa Kutaa Magaala Laga Xaafoo Laga Daadhii Aanaa Laga Daadhii Daallee iddoo addaa naannoo Masgiida jedhamutti miidhamtuu dhuunfaa daa'ima obboleessa abbaa mana ishee kan taate umriin ishee waggaa 10'n nan barsiisa jettee maatii biraa fuute sababa qarshii na jalaa hatte jedhuun waraqaa pilastikaa(peestalii)ibidda keessa kaa'uun harka daa'ima kanaa lamaan buusaa karaa duubaa fi adda ishee gara mirgaa guubuun akka madaa'u taasisuun ,ija ishee mirgaa immoo uleedhaan rukuttee madeessuun ,rifeensa mataa ishee gara mirgaa fi bitaa naannoo gurra ishee harka isheen harkisuun irraa buqqisuun akkasumaas harka ishee naannoo ceequu fi dugda ishee garaa bitaa irra ilkaan isheen ciniinuun madeessuun miidhaa qaama irraan qaqqabsiftee jirti.
Gareen qorannoo poolisii fi Abbaa Alangaa eeruun qaqqabees qorannoo eegaluun gocha yakkaa kana ragaa namaa fi barreeffamaan qulqulleessanii xumuruun Abbaa Alangaa seera yakkaa bara 1996 bahe kwt.555(c) jalatti yakka miidhaa qaama cimaan himannaa irratti hundeessuun manni murtiis erga falmiisisaa turee booda miidhaan qaqqabe fayyuu isaa ragaan Mana yaalaa waan agarsiisuuf jechuun akkaata Sdfy kwt.113(2)'tiin keewwata himannaan ittiin dhiyaate gara miidha qaamaa salphaa kwt.556(2)(c) jijjiiruun achi jalatti balleessadha jechuun dhaddacha gaafa 5/04/2016 ooleen himatamtuu kana hidha salphaa waggaa 1 fi ji'a 4 adabeera!
"Miidhaan daa'immaan irra gahu yaa dhaabbatu!
"Yakka raawwatanii seera jalaa miliquun hin danda'amu"
WAAKMLXLD

Photos from Mana Murtii Aanaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii's post 07/11/2023

Waliif qoodaa!

Photos from Mana Murtii Aanaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii's post 03/11/2023

Oolmaa dhaddachaa!
============================
Himatamtoonni N-5 waliin ta'uun yakka hanna cimaa fi yakka dhoksaa raawwataan adabbii hidhaa cimaa waggaa 4 fi ji'a 5 hanga adabbii hidhaa salphaa ji'a 4 adabamaniiru.
============================
Himatamtoonni kun badhaadhina isaaniif hin malle argachuuf yaadanii gaafa 05/02/2016 galgala keessaa tilmaamaan sa'a 1:00 yommuu ta'u Bulchiinsa Magaala Shaggariitti Kutaa Magaala Laga Xaafoo Laga Daadhii Aanaa Dambaal Xaafoo bakka addaa miishinii Tele Tower jedhamee beekkamutti himatamtoonni 2ffaa fi 3ffaan hojjattoota manaa ta'uun mana miidhamaa dhuunfaa kanatti qacaramanii osoo hojjachaa jiranuu himatamaa 1ffaa waliin ta'uun qabeenya miidhamaa kan ta'an saawwaan Aannanii 2(lama)1ffaa bifti ishee Diimtuu Burree tilmaamaan qarshii 200,070 baastuu fi 2ffaa sa'a Gurraatti Burree qarshii 200,030 baastuu waliigala horii qarshii 400,100 baasaan fudhatanii konkolaataa Pickup fe'anii Kutaa magaala Mana Abbichuu Aanaa Tufaa Munaa iddoo Addaa Caangee jedhamutti geessanii himatamtoota 5ffaa fi 5ffaatti qarshii 100,000 gurguratanii erga miliqanii booda hordoffii taasifameen Magaala Bishooftuutti gaafa 12/02/2016 to'atamaniiru. Gareen eeruun kun bira gahees galmee qorannoo ragaa namaa fi barreeffamaan qulqulleessanii xumuramuun Abbaan Alangaas himata 1ffaa himatamtoota 1ffaa-3ffaa jiran seera yakkaa bara 1996 bahe kwt.32(1)(a) fi 669(3)(b) jalatti yakka hanna cimaan himannaa 2ffaa himatamtoota 4ffaa fi 5ffaa seera yakkaa kwt.32(1)(a) fi 682(1) jalatti yakka dhoksaan himannaa irratti hundeessuun manni murtiis erga falmisiisaa turee booda keewwata ittiin himataman jalatti balleessadha jechuun dhaddacha gaafa 21/02/2016 ooleen himatamtoota 1ffaa-2ffaa adabbii hidhaa cimaa waggaa 4 fi ji'a 5,himatamaa 3ffaa adabbii hidhaa cimaa waggaa 4 fi himatamtoota 4ffaa fi 5ffaa hidhaa salphaa ji'a 4 akka adabamaan murteessera.
"Yakka raawwatanii seera jalaa miliquun hin danda'amu
Via MHAA Ku Mag LXLD

23/10/2023

Beeksisa

Photos from Mana Murtii Aanaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii's post 20/10/2023

Wal harkaa fuudhinsa karooraa
****
Guyyaa 09-02-2016
Mana murtii aanaa kutaa magaalaa LXL Daadhiitti karoora bara 2016 irratti hojjettoota waliin mariin taasifameera. Karoora dhiyaaterratti bal'inaan kan marii'atame yoo ta'u adeemsaaleen [gareeleen] hundi karoora garee isaanii qopheeffachuudhaan hoggansa manichaa waliin wal harkaa fuudhinsi taasifameera.
Qulqullinni tajaajila abbaa seerummaa, tajaajila TQO'n deeggarame kennuu [E-filing, Video conference, maashina sagalee waraabuun oolmaa dhaddachaa waraabuu, fi kkf'niin] dabaalameen kenna tajaajila dhaqqabamaa fi si'ataa taasisuun, mana murtii aadaa cimsuun, bilisummaa fi itti gaafatamummaan bifa wal simuun hojjechuudhaan hawaasa garaa gahuuf kutannoo fi xiyyeeffannoo ol'aanaadhaan hojjetamuu akka qabus irratti waliigalameera.

19/10/2023

Dorgomtootaaf carraa gaarii!

Photos from Mana Murtii Aanaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii's post 07/10/2023

Baga Ayaana saba guddaa fi saba kabajamaa ummata Oromoo kan ta'e Ayyaana Irreechaa Bara 2016 tiin nagaadhaan nu gahe.
Ayyaanichi Ayyaana nagaa fi jaalalaa, kan tokkummaan uummata keenyaa dagaagee itti muul'atu nuuf haa ta'u

Photos from Mana Murtii Aanaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii's post 26/09/2023

Sochii Hojii Manneen Murtii Aadaa
***
Kutaa magaala Laga Xaafoo Laga Daadhiitti mariin sochii hojii manneen murtii aadaa ilaalchisee taasifameera. Hordoffiin sochii hojii mana murtii aadaas gaggeeffameera. Haaluma kanaan gaafa guyyaa 14-01-2016 jaarsolee manneen murtii aadaa aanaa Laga Daadhii Daallee waliin haala waliigala hojii mana murtii aadaa aanichaa ilaalchisuun mana murtii keenyatti marii kan taasifame yoo ta'u, gaafa 15-01-2016 immoo mana murtii aadaa aanaa Eekkaa Sadeeniitti argamuudhaan jaarsolee mana murtii aadaa aanichaa fi abbootii dhimmaa isaanii waliin marii bal'aan taasifameera.
Sochiin hojii jirus jajabeesaa ta'uu fi haqa ummata keenya karaa dhaqqabamaa, qulqulluu fi si'ataa ta'een mirkaneessu kan dandeessisu ta'uun hubatameera. Mana murtii idilee irraallee dhimmoota baay'ee xiqqeessaa kan jiru ta'uun mil'uu taasifamerraa taajjabuun danda'ameera.

11/09/2023

Baga Bacaqii gannaa baatanii booqaa birraa nagaan geessan!
***
Barri haaraan kun kan nagaa, kan jaalalaa, kan milkaa'inaa fi bara hojjennee hawaasa keenya itti garaa geenyu nuuf haa ta'u!

Photos from Mana Murtii Aanaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii's post 08/09/2023

Guyyaa 02-13-2015
♡♡♥︎♡♡
Manni murtii aanaa kutaa magaalaa LXLD hojjettoota sababa hojiitiin gara mana murtii biraa deeman kabajaan gaggeessuudhaan; kan haaraa gara mana murtii keenyaa dhufan immoo haala gaariidhaan simateera.
****
Saganticharratti raawwii hojii bara bajataa 2015 sirnaan gamaggamuudhaan galtee karoora bara itti aanuu irrattis bal'inaan marii'atameera. Hawaasni mana murtichaas miira tajaajiltummaa ol'aanaa gonfachuudhaan hojii itti aanuuf onnee guutuudhaan hojiitti kan seenan ta'uus ibsaniiru
****
Hojjettoota keenya jijjiirraadhaan mana murtii biraa deemtan tajaajila haqaa kennaa turtaniif guddisnee isin galateeffanna. Bakka deemtanittis milkaa'aa HAQAAF cichaa!. Warri haaraa dhuftan akkuma beekamu hojiin abbaa seerummaa guutummaatti of kennanii hojjechuu waan barbaaduuf miira tajaajiltummaa ol'aanaadhaan hojii jalqabdan akka itti fuftan jechuun dhaamna.

Want your organization to be the top-listed Government Service in Lege T'afo?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address


Lege T'afo
Other Lege T'afo government services (show all)
Laga gabaa Laga gabaa
Finfine
Lege T'afo, INSHAALLAH

Injifanoon teenyuma